Dimtsi Weyane Afaan Oromoo

Dimtsi Weyane Afaan Oromoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dimtsi Weyane Afaan Oromoo, Media/News Company, Hawelti, Mekelle.

17/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 09/08/2016 E.c \watch Live Streaming

15/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 07/08/2016 E.c \watch Live Streaming

Uummanni Tigraay Godina Kibba Tigraay Aanaa Ooflaa,Aanaa Zaattaa fi Magaalaa Koreem irraa humnoota diinaan qe'eefi qabee...
14/04/2024

Uummanni Tigraay Godina Kibba Tigraay Aanaa Ooflaa,Aanaa Zaattaa fi Magaalaa Koreem irraa humnoota diinaan qe'eefi qabeenya isaarraa buqqa'uun buufata buqqaatotaa magaalaa Maayiceewuutti dahatee jiru gara lafasaatti deebi'uuf hiriiraan gaafate.
Maqalee,DW International Afaan Oromoo,Eebla 6,2016

Uummanni Tigraay godina Kibba Tigraay Aanaa Ooflaa,Aanaa Zaattaa fi magaalaa Koreem irraa humnoota naannoo Amaaraan qe'ee ofiirraa buqqaafamuun bakkoota tursiisaa magaalaa Maayiceewuutti dahatee beelaafi dhukkubootaan dararamaa jiru gara qabiyyeesaatti hattamaan deebi'uu akka qabu hiriira bahuun gaafate.
Mootummaan federaalaa waliigaltee nagaa Piriitooriyaa guutuun raawwachuu akka qabu fi buqqaaita ariitiin gara bakkasaaniitti deebi'uu akka qaban hiriiricharratti ibsameera.
Lafti Tigraay bu'uura heera biyyattiin gara mootummaa Tigraayiitti deebi'uun birmadummaan lafa Tigraay kabajamuu akka qabu buqqaatonni gaafataniiru.
Humnoonni finxaaleyyii Amaaraa godinicha waggaa sadiif dhunfatanii jiran bakkicha keessa bahuu akka qabaniis gaafatameera

Uummanni Godina Kibba Tigraay sababa waraanaa fi humnoota weerartuun qe'eerraa buqqaafame qe'eetti deebi'uus hiriira bah...
14/04/2024

Uummanni Godina Kibba Tigraay sababa waraanaa fi humnoota weerartuun qe'eerraa buqqaafame qe'eetti deebi'uus hiriira bahuun sagaleesaa dhageessise.

Maqalee,DW International Afaan Oromoo,Eebla 6/8/2016

Uummanni Godina Kibba Tigraay Aanaa Raayyaa Allamaxaa fi Magaalaa Allamaaxaa sababa waraanaa fi humnoota weerartuun qe'eesaarraa humnaan buqqaafamee buufata buqqaatotaa keessatti waggaa sadii oliif gidirfamaa humnoonni weerartuu qe'eesaarraa bahuun gara lafasaatti deebi'uuf daandiitti bahuun sagaleesaa dhageessiseera.
Godinni Kibba Tigraay humnoota weerartuu finxaaleyyii Amaaraan to'atamuu hordofee Uummatichi gidiraa hamaa keessummeessaa jira.

Lafti Tigraay bu'uura waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan gara bulchiinsa mootummaa yeroo Tigraayiitti deebi'uun,humnoonni finxaaleyyii Amaaraa fi waraanni Eertiraa qabiyyee Tigraay keessa buqqa'anii bahuu akka qaban buqqaatonni cimsanii gaafataniiru.

11/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 03/08/2016 E.c \watch Live Streaming

10/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 02/08/2016 E.c \watch Live Streaming

09/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 01/08/2016 E.c \watch Live Streaming

05/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 27/07/2016 E.c \watch Live Streaming

04/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 26/07/2016 E.c \watch Live Streaming

Buunnoo Beddelleetti Muuziin Omishamuun gabaaf dhiyaachaa akka jiru ibsameMaqalee,DW International Afaan Oromoo,Bitootee...
03/04/2024

Buunnoo Beddelleetti Muuziin Omishamuun gabaaf dhiyaachaa akka jiru ibsame

Maqalee,DW International Afaan Oromoo,Bitooteessa 25/2016
Naannoo Oromiyaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Boorrachaatti muuziin omishamuun gabaaf dhiyaachaa akka jiru himame.
Qonnaan bultoonni Aanaa Boorrachaa mala saayinsii fi teknoloojiitti fayyadamuun muuzii omishuun gabaaf dhiyeessuun ittifayyadamummaasaanii mirkaneessaa jiraachuu beekame.
Aanaan Boorrachaa omisha muuziif mijataa ta'uun wal qabatee qonnaan bultoonni Aanichaa muuzii omishuun gabaaf dhiyeessuun dinagdeesaanii cimsaa akka jiran himameera.
Bu'uura Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa tarsiimoo inisheetivii muuzii bocuun gara godinaalee fi aanaaleetti gadii diriirsaniin,qonnaan bultoonni Aanaa Boorrachaa inisheetivii muuzii lafa qabsiisuun fayyadamummaasaanii dhugoomsaa akka jiran beekameera.

03/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 25/07/2016 E.c \watch Live Streaming

02/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 24/07/2016 E.c \watch Live Streaming

“Guyyoota kurnan dhufanitti roobni Arfaasaa kutaawwan biyyattii  rooba Arfaasaa argatanitti cimaa deemuu danda’a” – Inst...
01/04/2024

“Guyyoota kurnan dhufanitti roobni Arfaasaa kutaawwan biyyattii rooba Arfaasaa argatanitti cimaa deemuu danda’a” – Instiitiyuutii Meetrooloojii Itiyoophiyaa

DW International Afaan Oromoo, Bitootessa 23/2016-
Guyyoota kurnan dhufanitti roobni Arfaasaa kutaawwan biyyattii rooba Arfaasaa argatanitti cimaa deemuu akka danda’u, Instiitiyuutiin Meetrooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Naannoleen rooba Arfaasaan omishan rooba salphaa hanga giddu galeessaa akka argatantu himame. Raagni haala qilleensaa akka ibsutti kutaawwan biyyattii Shawaa Baha, Finfinnee, Baha Amaaraa, Harar, Dirree Dhawaafi Ayishaatti lolaa tasaa hordofsiisuu kan danda’u rooba cimaa akka argatan Instiitiyutichi eereera.

Walumaa galatti guyyoota kurnan dhufanitti Naannoo Oromiyaa keessaa Qellem Wallagaa, Wallagga Lixaa, Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaafi Godinaaleen Shawaa hundi, Arsiifi Arsii Lixaa, Baaleefi Baalee Bahaa, Gujiifi Gujii Lixaa, Boorana, Harargee Bahaafi Lixaa akkasumas Naannoo Hararii, Bulchiinsa magaalota Dirree Dhawaafi Finfinnee akkasumas Naannoo Amaaraa keessaa godinaaleen Kaabaafi Kibba Walloo, Kaabni Sahawaafi kutaawwan magaalaa Shaggar kan qaqqabu rooba babal’atu yoo qabaatan iddoowwan tokko tokkotti rooba cimaa argatu jedhameera.

Godinaaleen Naannnoo Affaar, Godinaaleen Kibbaa, Baha, Giddu galeessaafi Baha Tigraayi, Godinaaleen naannoo Kibba Itiyoophiyaa, Godinaaleen naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Godinaaleen naannoo Giddu galeessa Itiyoophiyaa, Godinaaleen Naannoo Sidaamaa, Godinaaleen Naannoo Somaalee rooba walfakkaatu argatu jedhameera.

Dabalataanis Naannoo Amaarraa irraa Gojjam Bahaafi Lixaa, Godinaaleen Kibba, giddu galeessaafi Kaaba Gondor, naannoon Baahir Daar, Godinaaleen Waag himraa, naannoo Gaambeellaatti Godinaaleen Anyawaakiifi Majaangi, Naannoo Beenshaangul Gumuzii Asoosaan, Aanaan Addaa Maa’ookomoofi giddu galeessi Tigraayi rooba salphaa hanga giddu galeessaa akka argatan Instiitiyuutii Meetrooloojii Itiyoophiyaarraa raagera.

Muummeen Aartiifi Fookiloorii   Yuunivarsiitii   Godambaa Wallaggaatti Daawwannaa taasiseDW International Afaan Oromoo,B...
01/04/2024

Muummeen Aartiifi Fookiloorii Yuunivarsiitii Godambaa Wallaggaatti Daawwannaa taasise

DW International Afaan Oromoo,Bitooteessa 23/2016

Dawwannaa Kanaanis Barattoonni Sagantaa Barnootaa Fookiloorii Oromoo fi Ogbarruu Waggaa 3ffaa akkasumas Barattoota Mana Barumsaa Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 4ffaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Muummee Aartii fi Fookiloorii Oromoo Irratti Qoda olaanaa Bahachaa akka jiraniifi barnoota qabatamaa fi gochaan deggerame galtee hojii aartiif isaanii ta'u argachuuf dabalataanis, aartii seenaafi aadaa uummaticha giddu-galeessa godhate hojjechuuf waan isaan gargaaru akka argatan himaniiru.

Akka odeeffannoon Yuunivarsiitii Wallaggaa irraa argame agarsiisutti godambaa Wallaggaa seenaa, meeshaalee aadaa garaagaraa, seenaa Moototaa hedduu of keessaatti kan hammatedha. Qorannoo kan barbaadan dhimmoota hedduu of keessaa qaba.

Barnoota gochaan qabatamaa ta’an kennuun Eebbifamtoonni Ogummaa fi ilaalcha isaan barbaachisu gonfachisuun gara Addunyaa Hojiitti akka ba’aniif yuunivarsiitii keenya kallattii xiyyeeffannoo isaatiin cimsee kan itti fufu ta’a jedhe.

Biiroon Barnoota Oromiyaa teknooloojii adeemsa baruufi barsiisuu fooyyessuu dandeessisu hojiirra oolchuuf Itiyoo Telekoo...
01/04/2024

Biiroon Barnoota Oromiyaa teknooloojii adeemsa baruufi barsiisuu fooyyessuu dandeessisu hojiirra oolchuuf Itiyoo Telekoom waliin waliigaltee mallatteesse.

DW International Afaan Oromoo, Bitootessa 23,2016
Biiroon Barnoota Oromiyaa adeemsa baruufi barsiisuu ammayyeessuufi fooyyessuu kan isa dandeessisu tekinooloojii ammayyaa hojiirra oolchuuf Itiyoo Telekoom waliin waliigaltee mallatteesseera.

Tekinooloojii Ismaartii barnootaa (smart education) kanatti gargaaramuun rakkoolee hanqina qulqullinaafi waliin gahiinsa barnootaa naannoo Oromiyaa fooyyessuuf kan gargaaru ta'uu, Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo himaniiru.

Barnoota ammayyaa (smart education) kanas dursa manneen barnootaa bultii addaa 82 keessatti barattoota kuma 3 kan gargaaru hojiirra oolchuun gara kaanitti kan babal'ifamu ta'uus himan.

Hojii raawwachiiftuun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiruu gama isaaniin jabana ammaa keessatti tekinooloojiin smartii cehumsa guddina waliigalaa biyyaa keessatti qooda guddaa qaba jedhan.

Biiroon Barnootaa Oromiyaas kanatti gargaaramuuf murteessuun isaa faayidaa hedduu isa gonfachiisaa jedhan.

Oromiyaa keessatti barattoonni miiliyoona 11.5 ta'an manneen barnootaa kuma 32 keessatti barachaa akka jiran ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

01/04/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 23/07/2016 E.c \watch Live Streaming

29/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 20/07/2016 E.c \watch Live Streaming

28/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 19/07/2016 E.c \watch Live Streaming

27/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 18/07/2016 E.c \watch Live Streaming

Uffannaa Aadaa Uummata Oromoo Aanaa Dodolaa Suuraan
26/03/2024

Uffannaa Aadaa Uummata Oromoo Aanaa Dodolaa Suuraan

26/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 17/07/2016 E.c \watch Live Streaming

Kitaabni matadureensaa "Maa'itebna" jedhu injinaar Agi'aazii Yohaannisiin barreffame eebbifameDW International Afaan Oro...
24/03/2024

Kitaabni matadureensaa "Maa'itebna" jedhu injinaar Agi'aazii Yohaannisiin barreffame eebbifame

DW International Afaan Oromoo,Bitooteessa 15/2016

Kitaabni guyyaa har'a eebbifame fuula 318 kan qabu yoo ta'u,qabiyyeensaa seenaa wareegamtoota qulqulluu/namoota nagaarratti kan xiyyeeffate akka ta'e ibsaneera.

Sirna eebba kitaabichaarratti argamuun haasawaa kan taasisan,barsiisaa Muluwaarqi Kidaaneemaariyaam kennaa guddaan Ummataaf kennamu kitaaba akka ta'e ibsaniiru.

Afaan keenya madda maalummaa fi eenyummaa keenyaa waan ta'eef,eenyummaa keenya jabaan kun immoo barreeffamee dhaloota eegereef darbuu qabaa dhaaman.

Finfinnee — Arda Jilaa Ganamaatti Madaqaa Jirra! jechuun Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shim...
23/03/2024

Finfinnee — Arda Jilaa Ganamaatti Madaqaa Jirra! jechuun Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti maxxansaniiru

Adeemsa seenaa dabaa magaalummaa biyya kanaa irraa kan ka’e, ummanni Oromoo magaalaa irraa dhiibamaa/baqachaa tureera. Dhibban gara lagannaatti cehe kun, dhawaata keessa olaantummaan caaseffama siyaas-dinagdee, hawaasummaafi agarsiiftuwwan eenyummaa (symbolic represention) magaalota qe’ee isaallee guutummaatti ummata biraatiif kan kenne ture. Keessattuu magaalaan Finfinnee, han’dhuura lafaafi arda jila isaarratti argamtus, ummata Oromoo akka sabaatti alagoomsaa turteerti. Kanarraa kan ka’e, magaalattii keessatti, agarsiiftuun ijaarsaas ta'ee kiliyaa eenyummaa ummatichaa arguun baramaa hinturre.

Mootummaan keenya, ammaan booda, seenaa kufaatii, miidhamaafi buqqa’iinsaa akka kanaa kurkursuun mataa isaatiin bu’aa qabeessa jedhee hinfudhatu. Kanaaf, hiree argameen hojiilee adeemsa kaleessafi dhiibbaa konkolaatee asgahe dhaabsisan raawwachuun, fuula seenaa haaraa banuu filatee hojiitti galeera.

Bu’uuruma kanaan, yaadama haaraa magaalummaa beeksisuun ummaticha magaalaatti madaqsuu, akkasumas carraa jiru hundarraa fayyadamaa taasisuuf xiyyeeffannaa olaanadhaan hojjechuu irratti argama.

Finfinnee qofa yoo ilaallu, sochiilee bal’dhaa shoora hawaasni keenya magaalicha keessatti gama hundaan qabu daran dabaluu danda’an taasifamaa jiru. Keessattuu, warraaqsi gama aadaafi duudhaa, siyaas-dinagdeefi hawaasummaatin taasifamaa jiru lafa qabsiisuuf, piroojektoonni gurguddaa hedduun hojjetamaa jiru jechuun pirezidaanti Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.

Mootummaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay Boji'amtoota 100 Dhiifaman Gadii LakkiseDW International Afaan Oromoo,Bitooteessa 14...
23/03/2024

Mootummaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay Boji'amtoota 100 Dhiifaman Gadii Lakkise

DW International Afaan Oromoo,Bitooteessa 14/2016

Mootummaan bulchiinsa yeroo Tigraay boji'amtoota loltota raayyaa ittisaa biyyaa rippaabiliika federaalawaa Itoophiyaa 100 guyyaa har'a Bitooteessa 14/2016 dhiifaman gadhiseera.

Guyyaa kaleessaas boji'amtoota 112 dhiifamaan gadii kan lakkise yoo ta'u,walumaagalatti guyyaa keessatti boji'amtoota 212 dhiifaman gadhiseera.

Boji'amtoonni muraasni hafanis yeroo gabaabaa keessatti akka dhiifaman akka gadhiifaman ibsameera.
Gabaasni kan Biiroo Kominikeeshinii Tigraayiti.

Mootummaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay Boji'amtoota Dhiifaman Gadii LakkiseDW International Afaan Oromoo,Bitootessa 13,2026...
22/03/2024

Mootummaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay Boji'amtoota Dhiifaman Gadii Lakkise

DW International Afaan Oromoo,Bitootessa 13,2026

Raawwii waliigaltee nageenyaa hooggantummaa gamtaa Afrikaan magaalaa Finfinneetti gamaggamamerratti wal-hubannaarraa gahamuu hordofee,humna waraana Tigraayiin kan boji'aman loltonni raayyaa ittisaa biyyaa rippabiliika Itoophiyaa 112 guyyaa har'a Bitootessa 13,2016 dhiifaman gadii lakkifamaniiru.

Loltota raayyaa ittisaa biyyaa Itoophiyaa 16,000 waliigaltee nageenya Piriitooriyaan dura gadii lakkifaman keessaa,kanneen yakkan shakkaman akka turan taasifamaniiru.shakkamtoonni muraasni hafan immoo yeroo gabaabaa keessatti akka gadi lakkifaman beekameera.

Mootummaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay kana kan murteesse mootummaa federaalaa waliin Finfinneetti wal-hubannaarraa gahuun,gocha gaarummaa ta'uusaatiin yoo ta'u,mootummaa federaalaas dhalattoota Tigraay miseensota raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa duraanii turan sababa waraana Tigraayiin hidhaman kan irratti murtaa'e fi kan irratti hin murtoofne dhiifaman gadhiisuu jalqabe cimsee itti fufuun hundi isaanii akka gadii lakkisiisu eegna.

Biiroo Kominikeeshinii Tigraayitu Gabaase.

22/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 13/07/2016 E.c \watch Live Streaming

21/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 12/07/2016 E.c \watch Live Streaming

20/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 11/07/2016 E.c \watch Live Streaming

19/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 10/07/2016 E.c \watch Live Streaming

18/03/2024

DW International Oduu Afaan Oromoo 12:00 ፤ 09/07/2016 E.c \watch Live Streaming

Address

Hawelti
Mekelle

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dimtsi Weyane Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dimtsi Weyane Afaan Oromoo:

Videos

Share