26/03/2023
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen giddutti deemaa jiru waraana biyyoota lama giddutti gaggeeeffamurra tareera.
Raashiyaa fi biyyoonni miseensota NATO waraana Yukreeniin kanarrratti humna waraanaa qaban dirree itti agarsiisaan ta'eera.
Raashiyaan misaayila haayiparsoonik saffisaa fi ammayyaa'aa jedhame yeroo weerara Yukireen keessatti eegalte itti gargaaramte.
Dhiyeenya baatii Bitootessa keessas misaayila haalaan saffisaa ta'e kana haleellaaf itti gargaaramte jirti.
Haleellaa sanaan lubbuu namoota sagaliitu darbe, bu’uuraalee misoomaa Yukireen miite.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin durumaan misaayila saffisaafi iddoo itti akeekameerra hin gorre Raashiyaan akka qabaattuuf hojjadha jedhanii himanii turan.
Misaayila saffisaa kana biyyoonni akka Ameerikaa, Iraan fi Chaayinaa fa’aa hidhachuuf yaalaa turan.
Misaayilli haayiparsoonik Raashiyaa kan akkamiiti?
Raashiyaan misaayilii saffisaa kanaan Kinizaal (Kinzhal) jetti, hiikni isaa afaan Ispaanishiin cuubee jechuudha.
Mootummaan Raashiyaa akka jedhutti, misaayilii kun sa’aatiitti kiloomeetira 6,000 furguggifama.
Misaayilli kuni wanta kiloomeetira 2,000 irratti irratti qiyyaafatame mancaasuu danda’a.
Raashiyaan hidhannoo waraana Niikuleera meeqa qabdi?
2 Bitooteessa 2022
Raashiyaan yeroo jalqabaatiif misaa'eelii hayiparsoonikii fayyadamuu himte
20 Bitooteessa 2022
US meeshaaleen waraanaa akkamii Yukireeniif kenniti, jijjiirama akkamiimmoo fida?
19 Bitooteessa 2022
Misaayilii kun kallattii itti furguggifamu jijjirrachuu kan danda’u yoo ta’u, otoo balali’aa jiruu kallattiisaa sirreeessuun ni danda’ama.
Misaayila kana wanti ijoon adda taasisu saffisa isaati.
Akka Raashiyaan jettutti, misaayilli kun sekondii tokkotti 1.6 km furgugaachuu danda’a.
Misaayiliin kun boombiiwwan niwukilaraa ittiin furguggisuuf oolu danda’a.
Misaa'ila kana xiyyaaraan, lafarraa, galaana keessallee dhukaasutu danda’ama jedha.
Gabaasaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar akkas jedha:’’misaayilli haayippersoonik gosa lama yoo ta’
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen giddutti deemaa jiru waraana biyyoota lama giddutti gaggeeeffamurra tareera.Raashiyaa fi biyyoonni miseensota NATO waraana Yukreeniin kanarrratti humna waraanaa qaban…