31/03/2023
๐ซ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ซ๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐ถ๐
๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐
๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐
๐ Zakir Abdul Karim Naik bara 1965 dhalate
Hundeeyssaa
๐บPeace TV
๐บPeace TV Bangla
๐บPeace TV Urdu fi
๐บPeace TV Chinese yoo ta'u
ilmaan Fariq Naik,Zikra Naik fi Rushdaa Naik ja'aman qaba.
โช๏ธโช๏ธ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
โช๏ธโช๏ธ
Peace TV'n biyya India,Bangladesh,kanadaa Sri Lankaafi United Kingdom keeysatti dhoorkamaadha.
Daa'ii Islaamaa Idil Addunyaa hayyuu fi beekaa amantaa fi saayiinsii yeroo tahu namoota Jaarraa 21ffaa keessatti namoota dhiibbaa guddaa amantaa Islaamaa keessatti uumaa jiran keessaa adda dureedha.
Dr.Zakir daa'awaa inni godhu qofarratti namootni 500,000 ol gahu gara amantaa Islaamummaatti deebi'anii.
Dr.Zakir Naik dhiibbaan gara garaa irratti godhamudhaan daa'awwaa akka hin goone dhorkamanii turan haa ta'uu malee
Dhihoo tana daa'awwaa biyya oomanitti godheen namoota 32 gara islaamummaa deebisee jira.
โช๏ธโช๏ธ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
โช๏ธโช๏ธ
Namoota kanneen keeyssaa hordooftootni amantaa hinduu keessa jiraachuun dubbii uume.
Kana hordofuun mootummaan hindii achuma oomaanitti dr zakir to'annaa jala oolchuuf akka tahe miidiyaaleen gabaasaati turan.
Abukaatoon Zakir Naik Omaan keessatti hidhamuu akka jiru gabaasa dhiyaate ni haale.
Abukaatoon Dr Zakir Naik, Akberdin Abdul Kader, oduun dhiheenya kana dr zakir Omaan keessatti qabame hindiif dabarfamee kennamuufi ja'u kan sobaa akkasuma oduu mootummaan hindii dhaadheesitoota midiyaa isaatiin hafarsaa ture tahuu himan.
Akberdin akka jedhanitti, mootummaan oman dr zakiriif simannaa hoo'aa magaalaa guddoo Omaan Mascat keessatti godheefi eegumsa cimaan akka tursiise himan.
Dr Zakir oman keeysatti hidhame jachuun oduu sobaan mumichi ministeera biyya hindii Naareendiraa Moodiin qindeefameeni jachuun abukkaattoon dr zaakir Akberdin dubbatan.
โช๏ธโช๏ธ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
โช๏ธโช๏ธ
chaanaaliin Hindii News18 maddoota basaasaa Hindii wabeeffachuun
โช๏ธ Zaakir yeroo da'awwaa isaa kennuuf ooman gahu aangawoonni Omaan akka toโatan taasifame
โช๏ธImbaasiin Hindii Omaan jiru aanga'oota naannoo waliin ta'uun Zaakir ukkaamsee gara Hindiitti ari'uuf hojjechaa akka jiru gabaasaati ture.
Mootummaan hindii Dr zaaKir yakkoota gara garaa sobaan yindeeysudhaan dr zakir naik seeraf dhiheeysuuf barbaada ja'ama.
Kun hundi sobaa garuu dr zaakir osuma omaan daa'waa irra jiruutuu olola kana dhagaa'ee waltajjii irraa mootummaa hindiitiif deebii kannee jira.
๐๐๐๐๐๐
''An nareendraa moodiin akka karaa sirrii irratti deebi'uun rabbii kadhadhaaf''
''Ummanni hindii baay'een na jaalatu''
''Galanni nareendraa moodiif haa ga'u hindiirraa gara maaleeyshiyaa hijiraa godheen jira''
Haasawa Dr zaakir naayik waltajjii daaw'aa ooman irratti taasise keeyssaa kan fudhatameedha.