Dr. Lammaa Magarsaa

Dr. Lammaa Magarsaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Lammaa Magarsaa, Digital creator, Addis Ababa.
(1)

  dhaabbachuu qaba!Sirna dhabdummaan namummaa namarraa mulqa! Namni yoo namummaa dhabemmoo bi°neensa bosonnaa irra ha°ma...
31/01/2025

dhaabbachuu qaba!
Sirna dhabdummaan namummaa namarraa mulqa! Namni yoo namummaa dhabemmoo bi°neensa bosonnaa irra ha°maadha! Namni nama ta'uun isaa kan beekkamu yoo naamusa namummaa qabate. Saniin achi bi°neensa bosonaa irraa homaanuu adda hinbahu.

Yakki suu°kanneessaan daa'immaan/ol adeemtoota irratti raawwatamu kun daangaa darbeera. Ta’iin akkanaa kun har’a qofa Osoo hin tane kan waggootaaf ta’aa dhufeedha. Ya°kki daa’imaa ol adeemtuu tana irratti raawwatame kun rifaasisaaf cigaasisaadha.

Ya°kkoonni akkanaa kun ya°kka qor qalbii haawasa keenyaa mii°dhuuf itti yaadamee raawwatamu! Kanaaf seerri yoo Jiraate qaama ya°kka kana raawwate seeraaf dhiyeessee adabbi isa madaalu irratti fudhachuun qaba!
Viidiyoo asii gadiin ilaalaa
👇👇
https://youtu.be/3oZsei_uCY0?si=B8j4P5cxmtIFrtGI

Dhaggeffadhaa😥
06/01/2025

Dhaggeffadhaa😥

30/11/2024

Wanta kana irrattis Urgeessaa Tuujjoo faa deeggaruun dirqama🙄
Viidi'oo UUrgeessaa Tuujjoofaa gadi yaasaa jiran kana qofaa ilaalanii Darasoota maayyamii kanneen fuuldura dhaabachuun akka sirrii ta'e hubachuun ni danda'ama, Darasoonni Barnootaafi Saayinsii faranjii balfitu Viidi'oo akkaataa itti faranjiin wal sa*ltu agarsiisu ilaaltee apply gochaa jirti, aadaafi duudhaa uummata keenyaatti bishaan naqaa jirti, yeroo of dhaaddu ammoo ilma namaa osoo hin taane waaqaan wal of fakkeessitee of himti.
Qoshaashonni muxxee suuftu kuni akkamitti nu faana Oromummaa himatti, qaarominaa biraa jibbaa waan akkanaa qaroomina seetim🙄
Asiin dawwadhaa
👇👇
https://t.me/viidiyoomilkeeBahe
https://t.me/viidiyoomilkeeBahe

Ijoollee Oromoo warra Waraana biyya kanaa keessa jirtan Warra quuqqama saba keessani qabdanWarra shiftaa daangaa darbee ...
28/11/2024

Ijoollee Oromoo
warra Waraana biyya kanaa keessa jirtan
Warra quuqqama saba keessani qabdan
Warra shiftaa daangaa darbee saba keessan fixuu barbaadu wajjin wal’aansoo irra jirtan,Osoo Saba keessan eegdan warri kuftan,warri madooftan
Warra akka keenya karaa social media qofaan guyyaa muraasa gadda ibsachuu qofa hin taane

Warra garee isaan faarsuu fi hojii isaani himuuf hin qabne. Warra iddoo camera hin jirre.
Warra mindaan keessan gatii Wiiskii takkaallee hin taane.lubbuu keessan immoo sabaaf kennitani,Saba keessan irraa roorroo qolachaa ooltan.
Daangaa Oromiyaa fi Oromiyaan ala kan jirtan hunduu,
Gatii baasaa jirtanif Galatoomaa!
Wabiin Ummata keenya ,daangaa irra jiruu isinidha!
Ijoollee Oromoo nuuf jiraadhaa!

Join godhaa
👇👇
https://bit.ly/3Z5wnRv
https://bit.ly/3Z5wnRv

Balballi wal mormii qabu banaa bula!!"Titiisni madaa keessa nama nyaatti" akka jedhamu, qaawwaa nuti ofitti uumnee fi ha...
26/11/2024

Balballi wal mormii qabu banaa bula!!
"Titiisni madaa keessa nama nyaatti" akka jedhamu, qaawwaa nuti ofitti uumnee fi hamma keenya waan nu arganiif morma keenya nu muran!
*************************************

Ani ilma namaati.
Nama irraan dhaladhe. Namatu na guddise. Maatii safuu fi safeeffannaa beeku, kan waaqaaf lafa sodaatu keessatti waanin dhaladheef ani osoon beeku namatti hin darbu. Nama kamuu nama waan ta’e qofaaf nan kabaja.

Rabbis waan hundumaa caala nama akka fakkaattii isaatti kan uumeef namaaf iddoo olaanaa waan kenneefi dha. Namni uumama kamirraayyuu adda dha.

Wanti biyya kana keessatti argaa jirru garuu kanarraa waan faallaa ta’eedha. Gatiin ilma namaa bara amma gatii Hoolaa fi Re’ee hanqate keessa jirra.

Gara jabummaa daangaa darbe kan gurraan dhagahuu fi ijatti hin tolle bara keenya keessummeessaa jirra. Haala amma jirruun itti fufnaan dhaloota abaaramaa bara isaa keessatti seenaan fokkisaan galmaahe jedhamuuf jirra.

Waan argaa jirru kana dhala namaa mitii Bineensa lagaallee irratti ni raawwata jedhanii amanuun nama rakkisa.

Osoo homaa hin dhabiin dachee bal’oorratti wal dadhabne. Sababii malee wa dhabneetu gatii guddaa baasaa jirra. Waaqni nu bulchuu, laftis nu baachuu hin dadhabne.

Nuti garuu tola waaqaa fi lafa akka waan gatii hin qabneetti ilaallee dhiiga walii dhangalaasuu filanne.

Tokko ajjeeseeti sobaan booha, tokko immoo du’eeti Awwaala dhaba. Bara reenfa awwaalachuu dadhabne keessa jirra. Obbolaan lamaan sababii malee faayidaaf jecha wal ajjeesuun maatii isaanii boochisaa oolu. Ajjeesaniitu Situ balleesse ani harki koo Qulqulluudha jedhanii quba walitti qabu.
Dhugaa waaqnii fi lafti beeku haalanii ummata nagaa barbaadutti qoosu.

Kana gidduutti Ummanni nagaan bahee galaa ture sa’a Abidda dhale ta’e. Dhiisuuf ilma isaatiin ajjeeffamaa jira. Yoo dubbate immoo jiruu fi qaama isaatu abiddaan gubata.
Guyyaa 36 qofatu hafee asiin jalqabaa galmaa'aa
👇👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=939219716

 'ee!Waggoota dura yeroo ati Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa turte...yeroo ani immoo barataa Yuunivarsiitii ture...uumman...
21/11/2024

'ee!
Waggoota dura yeroo ati Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa turte...yeroo ani immoo barataa Yuunivarsiitii ture...uummanni ani keessatti dhaladhee guddadhe kan daangaa B/Gumuz jiru dararaa hamaa keessa ture. "Maal moo maal dhageenya?" jennee hirriba dhabaa turre. Akka ammaa kana miidiyaan hawaasaa bal'inaan waan hin jirreef, akka salphaatti odeeffannoo hin argannu. Yaaddoo fi dhiphina yeroo sana keessa turre ibsuun ni ulfaata.
Sanaan otuu jirruu oduu gaarii tokko dhageenye. Ilmi gaafa xiiqii, Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, seenaa hojjetee gumaa baaseera jedhan. Tarkaanfii boonsaa yeroo sana fudhatteef gatii hadhaawaa ati baaste karaa keessaa dhaga'us, uummata kee warra Lixa Biiftuu biraa oolmaa hin irraanfatamne qabda. Yoo namni dagate seenaan akka ajaa'ibaatti yaadata!
Har'a yeroo kara deemtuun akka hoolaatti ciibsitee uummata q@ltu, "Otoo situ nuuf jira ta'ee!" jedheen boo'e. Guyyaan xiiqii ilma xiiqii na yaadachiisnaan, seenaan ati bara sana hojjette sun sammuu koo keessaa na dhikkifate. Otoo si ta'ee gadheen nutti hin taphattu, qe'ee keenyatti nu hin salphistu, seenaa harma muraa fi harka muraa sadarkaa tokko ol butanii morma muraa nutti hin fidan, dachee keenya qulqulluu dhiigaan hin booreessan, daa'imman warra malee hin hambisan!
Otuu si ta'ee...silaa akka amma taane kana hin taanu, imimmaan xoofoo keessaa dhugnu nuuf hin ta'u, maanguddoonnu dhiiga hin boo'an, haadholiin ciniinsuu hin da'amne hin ciniinsifatan.
Otuu si ta'ee akka amma taane kana hin taanu!
Haadhoo gaafa xiiqii, ilma sabaa, quuqamaa namaa...kaleessaa fi har'a akka maleen si yaade!
!

👇👇

https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=939219716

Naaf Hubadhaa!☆☆☆☆Anii fi Gareen Koo (Team Lemma) Kan Qabsaa'aa Turreef Dr Abiy Ahmed Ali Mootomsinee Kaan Akka Cabsuuf ...
21/11/2024

Naaf Hubadhaa!
☆☆☆☆
Anii fi Gareen Koo (Team Lemma) Kan Qabsaa'aa Turreef Dr Abiy Ahmed Ali Mootomsinee Kaan Akka Cabsuuf Miti.
ABO Shanee Wayyaaneen Gammoojjii Eeritriyaatti Galchitees Ilaalcha Siyaasaa Dulloomaa ishee Qabattee Bosona lixxee Hawaasa Darartee Akka Saamtuu fi Ajjeeftuuf miti.

Kan Anii Jaallan koo Qabsaa'aa turree Wayyaanee Mo'annee Tigraayitti Galchineef Hawaasni Garbummaa Nuffe Akka Biyya isaa irratti Bilisummaan jiraatuuf jennee Aarsaa Kumaatama Kaffallee Diina lafa Ormaa Injifanne.

Haa Ta’uu Malee Injifannoo fi Bilisummaan nuti tilmaamne Humna Abaarsaa Shanee (WBO) Ofiin jedhu Ergamaa Diinaan irra baay’een abdii nagaa biyya keenyaa Fashaala'e.

Diigumsaa fi Diinummaan WBO,n Jalqabame Humnota Mootummaa keessa Taa'anii Sabboonummaa Qeenxee leellisaniin Dabaalamee Har'a Oromoo fuula Alagaa duratti Salphisaa jira...

Sababa Wal Waraansa Oromiyaa Keessatti Waggoota jahan Darban Taasifneen Bu'aan Nuti Buufanne Fakkeenyi Quubsaan Kana.

Ilmaan Ishee Jalaa Fixanii, Qabeenyaa fi Mana Haadha Oromoo Barbadeessanii....Oromiyaa Qe'ee Boo'ichaa Taasisuun Ala Gama Lamaanuu Bu'aan isaan Buufatan hin jiru.

 !Hunduu yemmuu   jedhee boo’u nan arga.   biyya dhiiraati. Kennaa keenya guddaa kan ta’e, Jen. Taaddee Birruu Salaaleet...
21/11/2024

!

Hunduu yemmuu jedhee boo’u nan arga. biyya dhiiraati. Kennaa keenya guddaa kan ta’e, Jen. Taaddee Birruu Salaaleetu Oromoof gumaache. Akkuma Jen. Taaddeen, “Oromoon barachuu qaba!” jedhee aarsaa baase, kunoo baay’een keenya har’a lafeesaa irra-dhaabbannee ija qubee lakkoofnee addnuyaa golee garaa garaa keessaa gargaarsa Waaqayyoon namoota dhimma baasan taanee Afaan Oromoo dubbachaa fi Oromoo taanee hojjennee jiraachaa jirra!

Qe’ee keessaa dhalate garuu duguugamaa jira!

Kanaaf, dhimma dhiiga keenya Oromoo Salaalee callifnee ilaaluu hin dandeenyu! Qaamota mootummaa fi qaamota dhimmi kun ilaallatu hundumaaf rakkoo saba keenyaa kanaaf furmaata waaraa fi atattamaa akka kennan waamichakoo kabajaa dhiyeessaa, dhaabbileen Amantaa hundinuus saba keenya kana kadhata keessan guyyuu keessatti akka yaadattanin galfata isinitti kennachuu fedha.

Kara keenyas yoo ta’e, akka dhuunfaa dhuunfaa keenyaatti, boo’uu fi suuraa gaddisiisaa saba keenyaa kana maxxansuun qofti jireenya saba keenya kanaa jijjiiruu waan hin dandeenyeef, namni hunduu qixa isaaf danda’ameen akka akka ogummaa fi humna isaatiitti uummata keenyaaf dirqama battala birmachuu qaba jedheen cimsee amana!

Kanaaf, ani akka nama fagoo jiraatu tokkootti gorsa waan godhamuu qabuu gadi-fageenyaan kennuun natti ulfaachuu mala. Garuu qaamni nu qajeelchu argamnaan, karaa humnikoo fi dandeettiinkoo heeyyamu maraan sabakoof atattamaan birmachuuf qophii ta’uukoon ibsachuu barbaada.

Guutuu isaa asiin seenuun Wal haa jajjabeessinu
👇👇
https://t1.kbibleverse.com/how-to-trade-forex/

Uumanni keenyaa guyyaarraa bakka hedduutti gaga’ama lubbuu, qisaasama dinagdee,mirga qe’ee isaa irra jiraachuu sababa na...
21/11/2024

Uumanni keenyaa guyyaarraa bakka hedduutti gaga’ama lubbuu, qisaasama dinagdee,mirga qe’ee isaa irra jiraachuu sababa nageenyaatiin erga dhabee oolee buleera.Sabni kun ilmoon inni dhales,ormi itti gales nagaasaa booreessuun irraa dhaabachuu qaba.!.Beekkadhaa, ni tura malee dhiigniif imimmaan uummata galaana ta’ee nama nyaata.!
Nagaa… Nagaa…Nagaan furmaata.!

Guutuu isaa asiin seenuun Wal haa jajjabeessinu
👇👇👇
https://t1.kbibleverse.com/how-to-trade-forex/

Rakkoo fi gadadoo saba keenya irraa kaasuu hin dandeenyeTasuma ammoo   jedhanii nama Q*luu eegalame yoo Waaqayyo furmaat...
21/11/2024

Rakkoo fi gadadoo saba keenya irraa kaasuu hin dandeenye
Tasuma ammoo jedhanii nama Q*luu eegalame yoo Waaqayyo furmaata fide malee kana maaluma jennaree🥲🥲🥲
Anaan lammiikoo Waaqayyo isin bira haa dhaabbattu
Guutuu isaa asiin seenuun Wal haa jajjabeessinu
👇👇
https://t1.kbibleverse.com/how-to-trade-forex/

🤭Namichi kun maqaan isaa Balthazar Ebang Ebango jedhama. Biyya Equatorial Guinea jiraata. Nama sadarkaa biyyaatti aangoo...
09/11/2024

🤭Namichi kun maqaan isaa Balthazar Ebang Ebango jedhama. Biyya Equatorial Guinea jiraata. Nama sadarkaa biyyaatti aangoo guddaa qabuufi Economist dha. Gidduu kana miidiyaan hawaasaa addunyaa guutuun waa’ee isaatiin haguugameera. Keessattuu X(twitter) Waan gaarii godhee utuu hin taane namittiin baayyee balaageedha.😂
Jalqaba irratti himannaa malaammaltummaatiin to'annoo jala oole, garuu qorannoon waraabbiiwwan kana meeshaalee dhuunfaa isaa irratti akka tasaa taasifameen Viidiyoo po*******hy (###) garaagaraa 400 ta’u hojjetee jirutuu argame. Kan isin dhibu viidiyoo hanga kanaa gochuu isaa miti, namoonni(dubartoonni) wajjiin godhe hundi isaanii haadha manaa namoota biyyatti keessattii aangoo gurguddaa qabaaniiti. Akkuma asii gaditti argaa jirtan suuraan xiyya itti ta’ee jiru dubartoota inni waliin godhe 6tu jiru. Namittiinis as keessa duuban dhaabbachaa jirti😂
Dubartoota inni waliin godhe keessaa muraasa:-

Haadha warraa Daarektarri Nageenya Pirezidaantii biyyattii,
Obboleettii pirezidaantii biyya,
Intala daayreektarri olaanaa poolisii biyya

Haadha warraa Abbaa Alangaa Waliigalaa biyya sanaafi haadha warraa obboleessa isaa, Akkuma kanaas viidiyoo tokko irrattimmoo dubartii ulfaa wajjiinis kanin godhee mullateera. Dubartiittin kan wasila(abeeraa) isaati🥹
X(twitter) akka facebook viidiyoo akkasii hin dhorku waan ta’eef altakkaatti achirraa guute.

Kan baayyee nama gaddisiisu garuu namichi fuudhee abbaa ijoollee 6 ti. Erga waanti kun tamsaa’ee “Ana miti CIA tu na fakkeessee bocee gadhiise” jedhee waakkate. Dubartoonni yeroo godhan Sababa fedha isaaniitiin waraabaniif hanga ammaa himata viidiyoo akkasii na waliin goote jedhee kan himate hin jirtu.😅

Ani kan na dhibe namittiin biyya sana keessatti gandummaa balleessuuf kana gootee jedheen yaade. Namittiin qorichaan adoochiiti laata?

Guutuu viidiyoo isaa asiin argattu
👇👇
https://winner.kbibleverse.com/how-to-store-cryptocurrency/

Ani Ummata Oromoo Hin Ganu, Ammaas hin Ganne, Fuulduraas hin Ganu.Namoonni Baay'een Karaa Keessaa fi Alaan Gaafilee Baay...
07/11/2024

Ani Ummata Oromoo Hin Ganu, Ammaas hin Ganne, Fuulduraas hin Ganu.
Namoonni Baay'een Karaa Keessaa fi Alaan Gaafilee Baay'ee Kanaan Wal Qabatu Yoo Kaasan nan Dhaga'a.

Garuu kuni Olola Sobaa irraa kan hafe Goonkumaa Eenyummaa Koo isa Har'aas ta'ee isa Kaleessaas Ibsuu hin Danda'u.

Dhugaa Dubbachuuf taanaan Lammaan Kanuma Kaleessaati.
Maaloo Maqa-Balleessii fi Wal Abaaruu Kana Keessaa Baanee Cinaa Keenya Haa Mil'annuu.
Adeemsi Amma Itti Adeemaa jirru Kun Fagoo nu hin Deemsisu Waan Ta'eef Eenyummaa keenya isa Uumaan Ganama nu Badhaasetti Haa Deebinuu.

Mee Of Haa Gaafannuu Biyyi Kun Maal Anaaf Godhee Dura Ani Biyya kanaaf Maaliin Godhe Jennee Of Haa Gamaagamnuu.

Gamaaf Gamana Ceenee Atakaaroo Walirratti Uumuu fi Miidiyaa Gubbaa teenyee Alagaa wajjiin Wal xiqqeessaa Ooluu dhiifnee Dubbii jiru Elaa fi Elaameen Dubbannee Mari'achuun Araaramnee Wal dhageenyee Wal faana Haa Tokkoomnuun jedha.

Oromoo Ifa Kurraazii xiqqaa Argatetti Fayyadamee Maashoo Qabsiifachuu yoo hin Dandeenye Dukkana keessaa ba'uun Baay'ee Ulfaatu lixuuf jira.

Gaarii Ormaa irra hamaa Ofiitu Caala.
Waan Ofii hanga harkaa Qaban hin beekan jedha Oromoon.

Ofiif jennee Haa Araaramnuu
Araaramnee Haa Tokkoomnuu
Tokkoomnee Haa Injifannuu
Injifannoo Argannees Sirnaan Haa Bulchinuun jedha.
Galatoomaa.

Tronkeeper- TRX 5 irraa kaaftanii baafachuun ni dandeessu. USDT yoo tahe garuu guyyoota 54 booda yeroo Wallet connect tahu baafachuu dandeessu.

Kunoo walaffeeraa, carraa keessan yaalaa👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=939219716

Ani Ummata Oromoo Hin Ganu, Ammaas hin Ganne, Fuulduraas hin Ganu.Namoonni Baay'een Karaa Keessaa fi Alaan Gaafilee Baay...
26/10/2024

Ani Ummata Oromoo Hin Ganu, Ammaas hin Ganne, Fuulduraas hin Ganu.
Namoonni Baay'een Karaa Keessaa fi Alaan Gaafilee Baay'ee Kanaan Wal Qabatu Yoo Kaasan nan Dhaga'a.

Garuu kuni Olola Sobaa irraa kan hafe Goonkumaa Eenyummaa Koo isa Har'aas ta'ee isa Kaleessaas Ibsuu hin Danda'u.

Dhugaa Dubbachuuf taanaan Lammaan Kanuma Kaleessaati.
Maaloo Maqa-Balleessii fi Wal Abaaruu Kana Keessaa Baanee Cinaa Keenya Haa Mil'annuu.
Adeemsi Amma Itti Adeemaa jirru Kun Fagoo nu hin Deemsisu Waan Ta'eef Eenyummaa keenya isa Uumaan Ganama nu Badhaasetti Haa Deebinuu.

Mee Of Haa Gaafannuu Biyyi Kun Maal Anaaf Godhee Dura Ani Biyya kanaaf Maaliin Godhe Jennee Of Haa Gamaagamnuu.

Gamaaf Gamana Ceenee Atakaaroo Walirratti Uumuu fi Miidiyaa Gubbaa teenyee Alagaa wajjiin Wal xiqqeessaa Ooluu dhiifnee Dubbii jiru Elaa fi Elaameen Dubbannee Mari'achuun Araaramnee Wal dhageenyee Wal faana Haa Tokkoomnuun jedha.

Oromoo Ifa Kurraazii xiqqaa Argatetti Fayyadamee Maashoo Qabsiifachuu yoo hin Dandeenye Dukkana keessaa ba'uun Baay'ee Ulfaatu lixuuf jira.

Gaarii Ormaa irra hamaa Ofiitu Caala.
Waan Ofii hanga harkaa Qaban hin beekan jedha Oromoon.

Ofiif jennee Haa Araaramnuu
Araaramnee Haa Tokkoomnuu
Tokkoomnee Haa Injifannuu
Injifannoo Argannees Sirnaan Haa Bulchinuun jedha.
Galatoomaa.

Namoonni Pickbirr Fi Forex trading online hojjachaa hin jirre asiin eegalaa
👇👇👇
https://bit.ly/3NnnIUZ
https://bit.ly/3NnnIUZ

Haadha warraa Mangistuu H/Maariyaam, Wubanchii Bishawu.  Haati warraa Mangee akkuma hawwota Itoophiyaa kamittuu idirrii ...
23/10/2024

Haadha warraa Mangistuu H/Maariyaam, Wubanchii Bishawu.

Haati warraa Mangee akkuma hawwota Itoophiyaa kamittuu idirrii hirmaatu. Uqquubii qabu. Booya gahanii awwaalchisu. Cidha dhaqanii hirmaatu. Hiriiranii maaybaasii irraa sukkaaraa fi zayitii hawwoota faana fudhatu. Gaara Inxooxxoo deemanii bataskaana Maaramii Inxooxxoo tasaallamu. Kushiinaa seenanii nyaata hojjatu. Haati warraa Mangee haadha ijoollee 3 yoo ta'an maqaa n ijoollee isaanii Timirt, Tigist fi Andinnat jedhamu. Sadanuu dubara yoo ta'an sadanuu medicine qo'atan. Sadanuu yeroo ammaa london kan jiraatan yoo ta'u haadhaa fi abbaan isaanii immo Zimbaabuwee Hararee jiraatu.

Guutuu isaa asiin dubbisaa
👇👇
https://bit.ly/3NnnIUZ
https://bit.ly/3NnnIUZ

Kaleessa koo nan jaaladha!Tabbin itti dafqa koo xuruurfadhe, imalli faana koo luqqiste, deegni qaama koo huuqqiste, iddo...
23/10/2024

Kaleessa koo nan jaaladha!

Tabbin itti dafqa koo xuruurfadhe, imalli faana koo luqqiste, deegni qaama koo huuqqiste, iddoon itti gugguufee kufe se’e, laftin itti kufee cabe se’e hundi edaa mana barumsaa koo turan.
Daandii dhugaa irra imaluun, dhugaaf aarsaa hunda haga wareegamaatti kanfaluuf eeyyamamaa ta’uun bareeduma egeree keef, seenaa keef akkasumas boqonnaa sammuu keeti.

Kaleessa koo jaaladhus har’a hin jiraadhu.
Kaleessi koo ana har’aaf bu’uura.
har’i koo xumura koo miti bu’uura boruuti.
Caalatti immoo uummata koo cimina koo dinqisiifatee bakkan laafetti na jabeessaa waanan tolchuutti balleesse na qajeelchu qabaachuun na boonsa!🙏🏼

Pickbirr Namoonni hojjachuu barbaaddan asiin eegalaa
👇👇
https://dm1.kbibleverse.com/pickbirr-make-money-for-business/

Ittiqaa Tafarii bareesse

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Lammaa Magarsaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share