TV MO'AA

TV MO'AA TV.MO’AA JIREENYA MO’IICHAAF
(39)

"Addunyaa hundumaa akka mana koottin ilaala"-Dr. Gammachiis Dastaa Seenaa Addunyaa , Seenaa Afriikaa, Seenaa Itiyoophiya...
22/04/2024

"Addunyaa hundumaa akka mana koottin ilaala"-Dr. Gammachiis Dastaa

Seenaa Addunyaa , Seenaa Afriikaa, Seenaa Itiyoophiyaa, Seenaa Oromoo durii hanga ammaa irratti Tv Mo'aa irratti yaada ballaa kaasanii jiru.

Kana malees waa’ee Diinagdee biyya keenyaa fi addunyaa, waa'ee Nageenyaa, waa'ee Siyaasaa fi kanneen kana fakkaatan hunduma irratti, bakka tokkotti yaadota hedduu isaan qoodan Yeroo dhiyootti Tv Mo'aa irratti eegaa.

Yeroo Dhiyootti TV MO'AA irratti!

Dr. Gemechis Buba

22/04/2024

Leenjiin ga'umsaa Ganna dhufu hoggansa barnootaa fi barsiisotaaf ni kennama- Oduu Wiixata Galgalaa

22/04/2024

Oomishaafi Tajaajila keessan beeksifadhaa.
Lakk. Bil 09 51242424

22/04/2024

kanneen bira dhaabachuu feetan;Lakk. Herrega
Baankii Daldala Itiyoophiyaa
1000274166014 Yaadesaa Tasammaa (Abbaa Warraa)
1036400163567 Yaadesaa Tasammaa (Abbaa Warraa)

Mo'aa: (April 22. 2024) FinfinneeBiraazilitti maqaa nama du’eetiin liqii argachuuf jecha reeffa  nama du’e wiilcharii ir...
22/04/2024

Mo'aa: (April 22. 2024) Finfinnee

Biraazilitti maqaa nama du’eetiin liqii argachuuf jecha reeffa nama du’e wiilcharii irra kaa’uudhaan dubartiin gara baankii deemte to’annoo jala oolfamte

Dubartiin lammii biraazil kan umuriin ishee ganna 42 taate nama lubbuun darbee jiru gara Baankii geessuudhaan maqaasaatiin liqa argachuuf osoo yaalaa jirtuu dhiheenya kana to’annoo jala ooluunshee dhagahamee jira.

Nama lubbuun darbe reeffa akka waan lubbuun jiruutti wiilcherii irra kaa’uun namni isheen ittiin liqeeffachuuf turte kun maqaan isaa Paawuloo Roobartoo Biraagaa jedhamuu fi Umuriin isaa ammoo ganna 68 yoo ta’u, dubartiin kun maqaa nama du’e kanaatiin Doolaara 3200 liqeeffachuuf yaalii taasiste.

Dubartiin kun "maanguddoon Paawuloo Roobartoo Biraagaan jedhamu kun Eessuma kooti kan isa kunuunsu ana" jechuun hojjettoota baankii kanaaf liqii barbaadaa akka dhufan himteetti.

Garuu jaarsi liqiin doolaara kuma 3 fi 200 isaan barbaachisa jedhamanii gara baankii geeffaman kun gara baankii sana gahanii wilcharii irra taa’uu malee homaa tokko hin dubbatan turan.

Dubartiin kun mataa maanguddoo kanaa deeggaruun haasaa taasistus namni kun reeffa ta’uurraa kan ka’e homaa deebiin bira hin jiru ture.

“Eessumakoo na dhageessaa, mallatteessuu qabda yoo mallatteessuu baatte liqicha fudhachuu hin dandeessu, mallatteessi nan rakkisinii "jechuun jaarsa waliin akka waan dubbattuu fakkeessitus jaarsi garuu homaa tokkollee deebii hin kennan turan.

Miidiyaaleen Biraazil akka gabaasanitti hojjettoonni baankii haala kanaan burjaaja'anii waa'ee fayyaa maanguddoo kanaa wayita gaafatan, isheen garuu "nagaadha" jettee deebisteef.

Haalli nageenya maanguddoo kana kan shakkisiise hojjettoonni Baankichaa poolisiitti bilbiluu isaanii hordofee gochi gaddisiisaan dubartiin umurii ganna 42 taate kun raawwatte saaxilamuu danda’ee jira.

Maanguddoon dubartiin kun wiilcharii irra keessee oofaa gara baankii deemte kunis reeffa ta’uu fi akka lubbuun hin jirre bira gahamuu danda’amee jira.

Poolisiin Dubartiin kun liqii ittiin argachuuf jecha gochi kun raawwatamuu haa ibsu malee, Abukaatoon dubartii kanaammoo maanguddoon hanga mana baankii gahanitti lubbuun hin darbine jedhee jira.

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

22/04/2024

Aartii Mo'aa: Lakkuuwwan waliin turtii taasisne

Mo'aa: (April 22. 2024) FinfinneeIbiddi paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti mudate osoo hinbabal’atiin ittisuun a...
22/04/2024

Mo'aa: (April 22. 2024) Finfinnee

Ibiddi paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti mudate osoo hinbabal’atiin ittisuun akka danda’ame ibsame

Ibidda paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti qabate to’achuuf tumsa taasifameen ibiddichi osoo hinbabal’atiin ittisuun akka danda’ame waajjirri paarkichaa beeksise.

Amma ammaatti Bineensota bosonaa paarkichaarraa miidhaan akka hingeenye kan eerame yoo ta'u, sababni ibiddi kun itti qabate amma ammaatti akka hinbeekamnetu himame.

Paarkichi kiiloomeetir Iskuweerii 412 kan qabu yoo ta’u, Waaliya, jeedaali diimtuu fi jaldeessi Cilaadaa dabalatee bineensonni bosonaa fi simbirroowwan akka keessatti argaman nibeekama.

Maddi:- ENA
Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Mo'aa: (April 22. 2024) FinfinneeBaatiiwwan salgan darban Balaa Tiraafikaa Naannoo Oromiyaatti mudatan keessaa % 78 saba...
22/04/2024

Mo'aa: (April 22. 2024) Finfinnee

Baatiiwwan salgan darban Balaa Tiraafikaa Naannoo Oromiyaatti mudatan keessaa % 78 sababa ariitii seeraan alaati jedhame

Naannoo Oromiyaatti ji'oota sagal darbanitti balaa Tiraafikaa mudatan keessaa dhibbentaa 78 kan ta'u sababa Ariitii seeraan alaatiin ta'uu Ejansiin Geejjibaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Naannoo Oromiyaatti baatiwwan salgan darban qofa balaan tiraafikaa lubbuu namoota 800 ol galaafachuun ibsameera.

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

22/04/2024

Pro-kid Tec Computer Technology

Mo'aa: (April 22. 2024) FinfinneeLeenjiin ga'umsaa Ganna dhufu hoggansa barnootaa fi barsiisotaaf kan kennamu ta'uun ibs...
22/04/2024

Mo'aa: (April 22. 2024) Finfinnee

Leenjiin ga'umsaa Ganna dhufu hoggansa barnootaa fi barsiisotaaf kan kennamu ta'uun ibsame

Barsiisotaa fi hoggansa barnootaaf leenjiin ga’umsaa ganna dhufu kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksisee jira.

Leenjichi qulqullina barnootaa dabaluuf ga’umsa barsiisotaa cimsuuf kan kaayyeeffate yoo ta’u, yuunivarsiitiiwwanii fi koolleejjota filamanitti kan kennamu ta’uu fi Leenjitoonni kunneen wayita leenji'anii xumuran qormaata madaallii kan qoraman ta'uutu ibsame.

Maddi:- FBC

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

22/04/2024

Kilinika Addaa Ilkaanii Kennaa

-Ilkaan cabe ykn nyaatame guutuu( Tooth Filling )
-Ilkaan dhukkubsate yaaluun Fayyisuu (Root canal treatment)
- Ilkaan Uumamaan jajallate sirreessuu(Orthodontic treatment)
-Ilkaan nam tolchee dhaabuu (Prosthodontics appliance)
-Ilkaan Addeessuu (Tooth whitening )
- Tajjajila x-ray kennuu fi tajaajiloota gara garaa isiniif kenna.

Odeeffannoo Dabalataaf : 09 11- 89- 20-11
09 30-20-21-24 Quunnamuu Dandeessu.

Kilinika Addaa Ilkaanii Kennaa

Mo'aa: (April 20. 2024) FinfinneeEritraan biyyoota addunyaa balfa pilaastikii seeraan hin dhabamsiifne keessaa 1ffaa taa...
20/04/2024

Mo'aa: (April 20. 2024) Finfinnee

Eritraan biyyoota addunyaa balfa pilaastikii seeraan hin dhabamsiifne keessaa 1ffaa taate

Eritiraan addunyaa keessaa biyyoota balfa pilaastikii seeraan hin dhabamsiifne keessaa keessaa tokkoffaa ta’uu gabaasni Guyyaa Pilaastikii too'achuu agarsiise.

Dhaabbatichi gabaasa tibbana baaseen, biyyoonni 44 Afrikaa fi Hindii dabalatee biyyoonni 81 sababa hojimaata bulchiinsa balfaa gadhee ta’een faalama pilaastikiitiif gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibse.

Balfi pilaastikii akka addunyaatti maddu akka dabalu kan tilmaamame yoo ta’u, bara 2024tti gara toonii miiliyoona 69.5tti kan dhiyaatu haala gaarii ta'een kan hin dhabamsiifamne ta’uu raagameera.

Biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii marii Waliigaltee Pilaastikaa yeroo gaggeeffamutti seera idiladdunyaa raggaasisuu fi ciminaan hojiirra oolchuuf dursa akka kennan gaafatamee jira jechuun kan gabaase Barruu 'Addis Standard'dha.

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Mo'aa: (April 20. 2024) FinfinneeFiigichi kiiloo meetira kudhanii Itoophiyaan haa oomishtuu yeroo 2ffaaf guyyaa boruu Fi...
20/04/2024

Mo'aa: (April 20. 2024) Finfinnee

Fiigichi kiiloo meetira kudhanii Itoophiyaan haa oomishtuu yeroo 2ffaaf guyyaa boruu Finfinneetti adeemsifama.

Ministir De’eetaan Ministeera Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa ibsa waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, dorgommiin atileetiksii kiiloomeetira 10 kun ka’umsiifi deebiinsaa Adababa’ii Masqalaati.

Ministir de’eetichi akka dubbatanitti, misoomni Ispoortii hawaasa tokko keessatti jaalalaafi walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu, aadaan walkabajuu akka cimuufi dagaaguu, akkasumas misoomaafi guddina saffisaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti industiriin ga’ee olaanaa taphata.

Sosochiin, “Itoophiyaan haa omishtuu” bara 2014 Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabame. Fiigichi Itoophiyaan haa omishtuu kiiloo meetira shaniin bara 2015 Inxooxxootti jalqabame kun barana gara kiiloo meetira 10tti guddachuudhaan akka adeemsifamus eeraniiru.

Fiigicha kanarratti atileetonni tokkoffaadhaa hanga shanaffaa ba’an qarshii kuma 250 hanga qarshii kuma 25tti kan badhaafaman ta’uus Obbo Taarraqanyi ibsaniiru.

Maddi:- EPA
Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Tv’n Mo’aa erga hundeefame waggaa torba guuteera.Marsaa 2ffaan kun erga qilleensa irratti deebi’eemmoo waggaa lama (2)gu...
20/04/2024

Tv’n Mo’aa erga hundeefame waggaa torba guuteera.

Marsaa 2ffaan kun erga qilleensa irratti deebi’eemmoo waggaa lama (2)guuteera.

Hojiin miidiyaan kun hanga ammaatti hojjatee fi hojjechaa jiru akkasuma haalanni keessa darbee hojjechaa jiru bifa ‘Documentary’n qophaa’ee dhihaachuuf hojjetamaa jira.

Yeroo ammaa kana miidiyaan kun of danda’ee akka guddatu hojiilee gurguddaatu hojjetamaa jira.waan hojjetamaa jirummoo tooraan kan isin beeksisnu ta’a.

Tv mo’aa Jireenya mo’ichaaf

19/04/2024

Yeroo Weedduu Faar.Burtukaan Shawulee Waliin

Mo'aa: (April 19. 2024) FinfinneeAjajaan walii galaa Waraana Keeniyaafi miseensonni biraa sagal balaa hilikoptaraan du'a...
19/04/2024

Mo'aa: (April 19. 2024) Finfinnee

Ajajaan walii galaa Waraana Keeniyaafi miseensonni biraa sagal balaa hilikoptaraan du'an

Ajajaan walii galaa Waraanaa Keeniyaa Janaraal Firaansiis Omodii Ogolaa, erga helikoptarri isaaN baattee turte lixa biyyattii keessatti kuftee cacabdeen booda balaa qaqabeen du'usaanii pirezidantiin biyyattii beeksiisan.

Ogolaan gulantaa waraanaa Keeniyaa keessatti qondaala waraanaa sadarkaa isa dhumaarratti argaman yoo ta'u, miseensoota waraanaa gara bira 11 waliin hilikoptaricha keessa turan. Isaan keessaayis nama lama qofaatu lubbuun hafe.

Maddi:-BBC

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

19/04/2024

Umurii koo 81'n ammas tajaajilaan jiraa/Luba Gaddafaa Urgaa'aa - Galteeffannaa fi Dhiifama

18/04/2024

Luba Balaay Mokonniin "maallaqa biyya alaa seeraan ala daddabarsuun" shakkamanii mana murtii dhiyaatan. Oduu Kamisa Galgalaa

Mo'aa: (April 18. 2024) FinfinneeEegdonni qarqara galaanaa Somaalilaand godaantota Itoophiyaa 170 to'annoo jala oolchanE...
18/04/2024

Mo'aa: (April 18. 2024) Finfinnee

Eegdonni qarqara galaanaa Somaalilaand godaantota Itoophiyaa 170 to'annoo jala oolchan

Eegdonni qarqara galaanaa Somaalilaand lammiilee Itoophiyaa 170 kanneen daddabarsa seeraan aalaatif saaxilaman to'annoo jala oolchuu beeksise.

Humnoonni tikaa naannoo Sanaag iddoo Waqadariyaa jedhamu kan qarqara naannoo Sanaagitti argamutti godaantonni kunneen yeroo dooniidhaan geejjibaa jiranitti too’annoo jala oolchuutu gabaafame.

Godaantonni kunneen doonii guddaadhaan gara Yamanii osoo imalaa jiranii qarqara daangaa Sannaagitti kan isaan to'ataman.

Maddi: Addis Standard

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Mo'aa: (April 18. 2024) FinfinneeItiyoophiyaa fi Noorweey hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsanii akka ittifufan i...
18/04/2024

Mo'aa: (April 18. 2024) Finfinnee

Itiyoophiyaa fi Noorweey hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsanii akka ittifufan ibsan

De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Noorweey Steen Kriistensen waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Hojiilee tumsa misoomaa, ijaarsa nageenya waaraa, hojiilee jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi damdamachuu hojjetamanirratti, bulchiinsa qabeenya bishaanii fi ittifayyadama qabeenyota daangaa cehanii ilaalchisuun tumsa biyyoota lamaanii cimsuuf mariin taasifameera.

De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Noorweey bara dheeraaf Itiyoophiyaa deeggaraa akka turte ibsanii, hariiroo kana sadarkaa caalutti ceesisuuf hojjechuu barbaachisa jedhan.

Noorweey tumsa misoomaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimee akka ittifufus kaasaniiru.
Itti fayyadama qabeenya bishaanii fi jijjiirama haala qilleensaa qolachuurratti hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun ittifufsiisuuf kutannoo Itiyoophiyaan qabdu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru.

Ambaasaaddar Steen Kiriistensen gamasaaniin biyyisaanii keessumaa Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf yaalii taasiftu gama deeggarsa misooma bosonaatiin cimsitee ittifufti jedhaniiru.

Ambaasaaddar Steen Kiriistensen hariiroo biyyisaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu gama hundaanuu cimsitee ittifufti jedhan.

Maddi:- ENA

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

17/04/2024

Manni Maree Ministirootaa walga’ii gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse- Oduu Kamisa Galgalaa

Mo'aa: Seenaa Atileetii jabduu Itoophiyaa Maaree Dibaaba - Tursituu
16/04/2024

Mo'aa: Seenaa Atileetii jabduu Itoophiyaa Maaree Dibaaba - Tursituu

SAGANTAA KEENYA YEROO HUNDA ARGACHUUF FUULAA FACEBOOK KEYNAA LAYIIK GODHAA. 👇👇👇https://www.facebook.com/MOAATVCHA...

16/04/2024

Godaantonni 3,000 ol Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebifaman.- Oduu Kibxata Galgalaa

Mo'aa: (April 16. 2024) FinfinneeOromiyaatti barsiisonni 5,000 ol mana jireenyaa argachuu himameNaannoo Oromiyaatti bara...
16/04/2024

Mo'aa: (April 16. 2024) Finfinnee

Oromiyaatti barsiisonni 5,000 ol mana jireenyaa argachuu himame

Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2016’tti barsiisota baadiyaalee garaagaraa keessatti argaman 500o oliif manni jireenyaa kennamuu biiroo barnoota Oromiyaa beeksise.

Manni jireenyaa kunis kan kenname Barsiisotaaf haala mijataa uumuun adeemsa baruufi barsiisuu foyyeessuu yaadamee ta’uu gorsaan itti aanaa itti gaafatamaa biirichaa Obbo Efreem Tasammaa himaniiru.

Oduu fi Odeeffannoo Waqtaawoo Kanbiroo argachuuf:- Telegram- https://t.me/+G8L9bEQV3Us5Njdk Youtube; https://youtube.com/ Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251951242424

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when TV MO'AA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

MO’AA TV JIREENYA MO’ICHAAF!

SAGANTAA KEENYA ARGACHUUF #SHARE#LIKE#GOCHUU HIN DAGATINAA!

Nearby media companies