Jechoota Gaggaarii

Jechoota Gaggaarii Odeeffannoo Idil Addunyaa Hordofaa. Follow Gochuun Maatii Ta'aa.

06/09/2024

Oromia 24 News: Ethiopia & Egypt global firepower.

Islaamummaa fi Biraziil..!!Dhiheenya kana quuqama namoomaa isheetiin duguuggaa sanyii weerartonni Israa'iil Falasxiinota...
16/03/2024

Islaamummaa fi Biraziil..!!

Dhiheenya kana quuqama namoomaa isheetiin duguuggaa sanyii weerartonni Israa'iil Falasxiinota irratti geggeessaa jiran mormuun michoota Falasxiin faana hiriira ishee kan tolfatte Biraziil ibsa kenniteen Israa'iil waliin atakaaroo keessa galuun ishee ni yaadatama! Biraaziil..

Biyya Laatiin Ameerikaa kana maaliin beektu? Argansuu Addunyaa jedhamuun kan beekamu Bosona Amazon moo guddina isaatiin dorgomaa kan hin qabne laga Amazon? Guddina isaatiin gita kan hin qabne Awwaalcha Iyyasuusiin moo dhandhamaa isaatiin adda kan ta'e Buna isheetiin? Mootii kubbaa miilaa Peelee n moo Urjiilee kubbaa miilaa isheetiin? Dhugumatti Biraazil waan mara kanaan haalaan beekamti.

Har'a garuu qabxiilee caqasne kanaan osoo hin taane hariiroo isheen Islaamummaa faana qabdu kaasnee waliin ilaalla! Gara biyya soorettii Laatiin Ameerikaa kanaa yaadaan imalla! Qe'ee ummata mimmiidhagoo, dachii magariisaa fi waan maraan badhaatuu.

Biraaziil akkuma biyyoota ollaa ishee biyya kolonii jalatti bulaa turte dha! Biyya guddittii kana bara dheeraaf koloneeffattee kan bulchaa turte biyya xiqqittii Poorchugaali dha. Xiqqittiin Poorchugaal biyya guddittii Biraaziil n bara dheeraaf koloneeffattee eenyummaa ishee irratti feetee deemte.

Poorchugaal biyya kana fakkii isheetiin boccee jirti yoo jenne afuufuu (saaksii) hin ta'u! Aadaa ishee itti feetee Afaan ishee dhaalchiftee Amantaa isheetiin isaan cuuphxee lammiilee ishee hedduu isaan keessa tamsaastee deebite! Kanaaf ummanni Biraaziil akkuma Poorchugaalotaa Afaan Poorchugaal kan dubbatan yoo ta'u Amantaa Kaatolikii fudhachuun Iyyasuusiin waaqessaa jiru.

Ummanni Biraaziil dhibbeentaan 64% sanyii Awurooppanotaa Adii yoo ta'an dhibbeentaa 31% ammoo sanyii gurraachota Afriikaa qabu.

Islaamummaan Biraaziil 's qacceen isaa gurraachota Afriikaa irraa madda! Bara sana yeroo Poorchugaal fi Ispeen Addunyaa bitaa turan Gurraachota Afriikaa garbummaan akka malee daldalaa turan. Daldala Garbaan kaabaa fi kibba Ameerikaa 'tti garboota miiliyoona 40 gurguraman keessaa garboonni miiliyoona 3tti tilmaamaman kan isaan geeffaman gara Biraaziil ture! Garboota Afriikaa Miiliyoona 3 Biraazil geeffaman keessa Muslimoonni heddumminaan waan turaniif Islaamummaa isaanii qabatanii Biraaziil qubatan.

Muslimoonni Afriikaa kunneen yeroo Biraaziil dhaqqaban Amantaa isaanii geggeeffachuun waan salphaa hin turre! Mootoliin garboota isaanii kana Islaamummaa akka isaan hin geggeeffanne dhorkan, Garuu waan nama ajaa'ibu garboonni kunniin hawaasa kam caalaatti kan baratanii fi dubbisuu fi barreessuu haalaan kan danda'an turan! Mootoliin garboota kanaa illee haga isaanii Literate hin turre!! Kanaaf dhorki Mootolii kanaa garboota kana akka isaan Islaamummaa isaanii hin geggeeffanne isaan daangessuu hin dandeenye, Garboonni kunneen iccitiin wal quunnamanii wal arguun Amantaa isaanii Islaamummaa wal barsiisaa baroota dhibbaaf tursiisuu danda'anii jiru.

Islaamummaan Biraaziil yeroo seeneffamuu wanti caqafamu kan biraa akkuma Arjeentiinaa baqattoota Muslimoota Ispeeni dha! Muslimoonni Ispeen roorroo dheessannii biyyi isaan itti hin baqatiin hin jiru!! Isaan keessaa Biraaziil 's gama isheetiin qubsuma isaanii taatee jirti! Amantaa isaanii Islaamummaa qabatanii biyya Bosonaan haguugamte kana keessa turuuf garba Atilaantikaa qaxxaamuranii kan du'a irraa hafan Biraaziil tti dhangala'aa turan.

Islaamummaa Biraaziil faana kan maqaan isaanii tuqamu kan biroo ammoo baqattoota Liibaanos, Falasxiin fi Sooriyaa dha! Yeroo ammaa kana Muslimoota Biraaziil keessaa dhibbeentaan 80% Adii yoo ta'an dhibbeentaan 10% ammoo gurraachota Afriikaa dha. Lakkoofsi gurraachota Muslimaa kan gadi bu'eef sirni garbummaa erga xumuramee booda hedduun isaanii gara biyya isaanii Afriikaa waan deebi'aniifi dha.

Lakkoofsi Muslimoota Biraaziil akka walii-galaatti gadaanaa dha! Odeessaaleen ba'an akka agarsiisanitti baayyinni isaanii gara 200,000 dha kan jedhu yoo ta'u garuu Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Biraaziil baayyinni Muslimootaa 800,000 haga Miiliyoona 1.5 'tti kan lakkaa'amu ta'uu isaa ifoomsee jira.

Islaamni Biraaziil keessatti Amantaa sadarkaa ol'aanaan guddachaa jiru yoo ta'u kunis ammoo lakkoofsi Lammiilee Biraaziil Islaamummaa fudhachaa jiranii haalaan dabalaa dhufuu isaatiini dha! Waggaatti Biraaziilonni kumaatamaan lakkaa'aman gara Islaamummaa 'tti dhufaa jiru!! Wanti addaa ammoo lakkoofsa isaaniin alatti Muslimoonni Biraaziil Amantaa isaanii Islaamummaa irratti jajjaboo kan ta'anii fi waa'ee Islaamummaa isaanii irratti hubannoo gahaa kan qabani dha.

Biraaziil biyya bilisummaa Amantaa haalaan kabajju yoo taatu Muslimoonni biyyattiis akkuma Amantoota biroo mirgaa fi bilisummaa wal qixaa qabu! Akka fedhanitti Masjiidotaa fi manneen barnoota Islaamaa ijaarrachuuf mirga guutuu qabaachuu isaaniitiin yeroo ammaa kana Biraaziil keessa Masjiidonni 150 ol ijaaramanii tajaajilaa kenna jiru.

Mootummoonni Biraaziil bilisummaa Amantaa kabajuu keessatti fakkeenya guddaa kan ta'ani dha! Waggaa 2 dura fiilmii jibbiinsa Islaamaa calaqqisiisu dalagamee kan ture yoo ta'u fiilmichi toora YouTube irratti gadi-lakkifamuun isaa Muslimoota hedduu dallansiisee ture!! Taatee kana kan balaaleffate Manni Murtii Biraaziil dhaabbata YouTube irratti himata banuun guyyoota 10 keessatti fiilmichi akka haqamu taasisuun isaa oolmaa seena-qabeessa Biraaziil qofti Muslimoota biraa qabdu dha!! Kana biyyoonni Muslimaa gochuuf illee hin dandeenye.

Laatinoonni warra cunqursaa fi garbummaa hadheeffatanii balaaleffatani dha, firri isaanii haqa (Adlii) dha! Pirezidaantiin Biraaziil duraanii Dulma Ruwesef yaa'ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti biyyoota dhihaa "Jibbitoota Islaamaa" jechuun isaan kan balaaleffate dha. Pirezidaantiin Biraaziil kan yeroo ammaa Lula Dasilva ammoo dhiheenya kana yaa'ii Gamtaa Afriikaa 37ffaa irraa qooda fudhachuuf Finfinnee yeroo dhufetti lolli Waraanaa Gazzaa irratti geggeeffamaa jiru duguuggaa sanyii (Genocide) jechuun Israa'iil balaaleffachuun michummaa addaa Falasxiinota faana tolfachuun isaa kan yaadatamuu dha.

Gabaasa kana qindeessuuf Wikipedia dabalatee qo'annoo Harvard University, Huriyet daily news fi kanneen biroo akka wabiitti fayyadameera.

Jechoota Gaggaarii.
Telegram: https://t.me/JechotaGaggaarii
Raayyaa Abbaamacca

"Carraa dorgommii kuma 10n na tare dorgommii kuma 5n injifadhee akkan bakka buusu nan abdadha..!!" jabduu Intala Oromoo ...
20/08/2023

"Carraa dorgommii kuma 10n na tare dorgommii kuma 5n injifadhee akkan bakka buusu nan abdadha..!!" jabduu Intala Oromoo Sifan Hassan

Carraa gaarii siif hawwina, Injifadhuu habashoota kufaatii keef gammade qaanessi..!

18/08/2023

"Urjii ergama Amantaa Islaamaa isa sirrii mul'isuuf tattaafatu..!" Jechuun isa ibsu Yahuudonni yeroo maqaa isaa caqasan, Namni kun yeroo hedduu irra deddeebi'iin dubbii isaan ittiin beekaman "Yeroo mara obboleewwan koo Yahuudota cinaa dhaabbachuun koo gadhummaa miti..!" Kan jedhuun yoo ta'u ejjannoo isaanii kanas mamii tokko malee ifatti ibsatu.

Hidhaa Haayyota Islaamaa Mootoliin Arabaa bal'inaan geggeessaa jiran duuba harki nama kanaa ni jira jechuun kan dubbatamu yoo ta'u, Maqaan isaa yeroo caqafamus Sheekonni hedduu "Muslima ta'uu isaa ni shakkina..!!" jedhu, Kuun ammoo "Jal'ina ifa galaa keessa jira Rabbi isa haa qajeelchu!" jechuun Du'aa'ii isaaf godhanii waa'ee isaa goolabu.

Kiristaanonni, Yahuudonnii fi Muslimoonni Amantaan isaan hordofan tokko dha! Kan isaan hordofan Ibraahim waan ta'eef maddi isaanii tokko ilaalcha jedhu adda-durummaan kan tarkaanfachiisu fi kan hoogganu Namni kun Tokkummaa Amantaa dhaadannoo jedhuun Mana Amantaa "Amantoota Ibraahim" jedhu biyya Dubai 'tti ijaarsisuun eebbisiisee bane..! Bataskaana Amantoota Ortodooksii keessa buluun bilbila Mana Amantichaa rukutee Amantoota gara kadhataatti Nama waame dha!! Kanaaf waa'een isaa Sheekota hedduutti bitaa gale.

Akka lakkoofsa Hijraa 'tti bara 1385 keessa biyya Sawud Arabiyaa 'tti kan dhalatan yoo ta'u Maqaan isaanii Sheek Muhammad Bin Abdulkariim Iisaa jedhama, Biyya Sawud Arabiyaa 'tti Ministeera Haqaa ta'uun hojjechaa kan turan Sheek Muhammad sadarkaa Ministeeraa 'tti gorsaa Mootii ta'uun tajaajilanii jiru.

Akka lakkoofsa Faranjootaatti Bara 2016 irraa kaasuun ammoo bakka Dr Abdallah Bin Abdul-Muhsin At-Turkii buufamanii Barreessaa Ol'aanaa Raabixaa Liigii Muslimoota Idil-addunyaa ta'uun muudaman.

Sheek Muhammad Bin Abdulkariim "Ilaalcha jibbiinsa Yahuudaa balleessuuf kan dhaabbate Sheeka Ajaa'ibaa" jechuun Miidiyaaleen Israa'el yeroo tokko Nama kana jajanii faarsaa turan, Kun kan ta'e ammoo Af-gaaffii Dhaabbata TV Al-Arabia waliin July 18/2020 taasisan irratti dubbii isaan dubbatan hordofee ture.

Sheek Muhammad Bin Abdulkariim akkas jedhan "Akkuma Amantaalee biroo faana nagaan jiraannu Yahuudota waliinis nagaan haa jiraannu! Isaan (Yahuudota) jibbuun wacuu malee ammas Amantaa keenya arrabsiisuu malee bu'aa nuti buufanne tokkollee hin jiru..!" jechuun foddaa TVn ifatti dubbatan, Kana hordofuun ture Miidiyaaleen Israa'el nama kana ijoo dubbii godhachuun faarsuu kan jalqabde.

Hariiroo Yahuudotaa fi Muslimootaa jabeessuuf mariin akka geggeeffamu waamicha Sheekni kun taasiseen kan gammadan Miidiyaaleen Israa'el "Islaamummaa ilaalcha finxaalessummaa irraa dhiquuf kan akeeke sagalee duree..!!" jechuun wal-harkaa fuudhanii leellisan, Faarsuu bira kutuun Mootummaan Israa'el qabatamaan bakka Jiilli Ameerikaa argamanitti 'Waraqaa Galataa' kabajaan badhaasanii jiru.

Sirna Yaadannoo dhumaatii Yahuudotaa 75ffaa kan bara 2020 irraa qooda fudhachuuf Jiila isaanii faana Sheekni kun tasa bakka qophii kanaatti Imaama ta'anii yeroo mul'atan Israa'iloonni gammachuun isaanii adda ture! Suuraalee mimmiidhagoo qophii kana irratti Sheek Muhammad Bin Abdulkariim kaafaman jecha "Suuraa jechi kumni ibsuu hin dandeenye" jedhu irratti katabuun Yahuudonni Miidiyaalee hawaasummaa kana irra facaasan ijoo dubbii ture.

Barreessitoonni Yahuudotaa Suuraalee kanneen fayyadamuun barruu kukkuulanii maxxansuu itti fufan, Isaan keessaa "Barreessaan Ol'aanaa Raabixaa Liigii Muslimoota Idil-addunyaa Sheek Muhammad Bin Abdulkariim Jiila isaanii faana duguuggaa sanyii hortee keenya irratti raawwatame yaadachuun kadhannaa godhan! Mooraa kana keessatti obboleewwan keenya Yahuudonni Miiliyoona 1 ol ta'an ajjeefamuun isaanii kan yaadatamu dha..!!" jechuun kataban.

Kuun ammoo "Islaamummaa dhugaa jechuun kana dha! Dureen Amantii Sawud Arabiyaa Sheek Muhammad Bin Abdulkariim Jiila isaanii waliin mooraa Yahuudonni itti dhuman dhufuun kadhannaa taasisanii jiru, Viidiyoo kana daawwadhaa irraa baradhaa, Obbolummaan Amantaalee gidduu jiru gaarummaa maraaf ka'umsa dha..!!" jechuun taatee kana dinqisiifachuun wal harkaa fuudhanii hafarsan.

Yahuudonni sadarkaa kanaan Nama kana faarsuun ajab nama jechisiisa, Xumura irrattis Sheekni kun Sheek Muhammad Bin Abdulkariim tibba kana daawwannaa hojii gara biyya kanaa dhufanii turan, Aanga'oota mootummaa dabalatee simannaan ho'aa taasifameefi ture.

Gamoo guddicha Awwaliyaa handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee 'tti ijaarsisuuf dhagaa bu'uuraa kaa'un isaanii kan yaadatamu dha.

Dubbistanii yoo xumurtan Share godhaa waliif qoodaa, Maxxansi Fuula Facebook keenyaa akka namatti hin mul'anne adabamee jira.

Jechoota Gaggaarii

"Harmeen koo hundaa ol nama Diinii ishee sirriitti jaallattu kan qixa sirriin Islaamummaa 'tti bultu dha.!" Sadio Mané "...
12/08/2023

"Harmeen koo hundaa ol nama Diinii ishee sirriitti jaallattu kan qixa sirriin Islaamummaa 'tti bultu dha.!" Sadio Mané

"Carraa jijjiirraa gara Kilabii Sawud Arabiyaa kana akkuman argadheen maatii kootti hime, Isaaniis biyya Muslimaa Sawud Arabiyaa ta'uu isaatti haalaan gammadan!! Keessattuu harmeen koo carraa jijjiirraa kanatti akkan fayyadamuu qabu jabeessitee na gorsite." Jedhe Saadiyoo Maanee gaarummaa haadha isaa yeroo dubbatu.

Maashaa Allah!
Jechoota Gaggaarii

Haga fedhe jabaa taatus, haga fedhe guddattus gargaarsa Harmee kee jalaa ba'uu hin dandeessu.Waan ittiin si gargaartu yo...
12/08/2023

Haga fedhe jabaa taatus, haga fedhe guddattus gargaarsa Harmee kee jalaa ba'uu hin dandeessu.

Waan ittiin si gargaartu yoo dhabde Du'aa'ii isheetiin siif dirmatti.

Yaa Rabbi umurii Harmee keenyaa nuuf dheeressi.
Jechoota Gaggaarii

12/08/2023

"Of fooyyessuuf 'yeroon booda' wanti jedhamu hinjiru. Umuriin fooyya'uuf murtaa'aa ta'es hinjiru. Haga onneen kee dhahachaa jirtutti ammallee carraa qabda"!🧡

24/07/2023
Salaata Iida Al-Faxirii guyaa har'aa Paakistaan Masjiida Badshahi.Maashaa Allah!
22/04/2023

Salaata Iida Al-Faxirii guyaa har'aa Paakistaan Masjiida Badshahi.

Maashaa Allah!

Iid Mubaarak!Eid Mubarak.     عيد مبارك!كل عام وأنتم بخير.
22/04/2023

Iid Mubaarak!
Eid Mubarak.
عيد مبارك!
كل عام وأنتم بخير.


Walloo Kamisee..!!Ilmaan Muslimaa sirna Salaata Iid Al-Faxirii guyyaa har'aa Walloo Magaalaa Kamisee irratti gaaffii gaa...
21/04/2023

Walloo Kamisee..!!

Ilmaan Muslimaa sirna Salaata Iid Al-Faxirii guyyaa har'aa Walloo Magaalaa Kamisee irratti gaaffii gaafatanii jiru, Sheeka isaanii, Abbaa isaanii badii tokko malee jalaa hidhamanii jiran akka hiikamaniif haala suuraa irratti mullatu kanaan gaafatanii jiru.

Manguddoo Abbaa biyyaa Sheek Abdullaxiif shiraan hidhanii yeroo dheeraaf gidirsaa jiru Sheeka Walloo Abbaa Amantaa Abbaa nagaa kana hiikuun dirqama dha!

Sheeka keenya, Abbaa keenya hiikaa!

Filisxeen Masjiida Al-Aqsaa..!!Muslimoonni Filisxeen guyyaa har'aa kumaatamaan hiriiranii sirna Salaata Iid Al-Faxirii h...
21/04/2023

Filisxeen Masjiida Al-Aqsaa..!!

Muslimoonni Filisxeen guyyaa har'aa kumaatamaan hiriiranii sirna Salaata Iid Al-Faxirii haala kanaan geggeessanii jiru.

Maashaa Allah!

Walloo Kamisee..!!Muslimoonni Walloo Magaalaa Kamisee kumaatamaan hiriiranii sirna Salaata Iid Al-Faxirii guyyaa har'aa ...
21/04/2023

Walloo Kamisee..!!

Muslimoonni Walloo Magaalaa Kamisee kumaatamaan hiriiranii sirna Salaata Iid Al-Faxirii guyyaa har'aa haala kanaan geggeessanii jiru.

Maashaa Allah!

Biyyoonni Islaamaa hedduun Ayyaana Iid Al-Faxirii bara kanaa guyyaa borii kabaju..!!Biyyoonni Islaamaa baayyina Muslimoo...
21/04/2023

Biyyoonni Islaamaa hedduun Ayyaana Iid Al-Faxirii bara kanaa guyyaa borii kabaju..!!

Biyyoonni Islaamaa baayyina Muslimootaan sadarkaa duraa irratti eeraman kanneen baha giddu-galeessaa keessa jiraatan hedduun isaanii Ayyaana Iid Al-Faxirii guyyaa borii akka kabajan ibsanii jiru, Isaan biraa Addeessi waan hin mul'anneef Baatiin Raamadaana bara kanaa 30 guutuu isaatiin guyyaa Borii Ayyaana Iid Al-Faxirii ni kabaju, Biyyoonni kunneen Indooneziyaa, Paakistaan, Iraaqi, Iraan, Hindii, Omani fi Maaleziyaa Dabalatee biyyoonni gariin har'a Soomaa jiru, Kanaaf Iida isaanii guyyaa borii jechuun Sanbata xiqqaa ni kabaju.

Sababni kun ta'eef Addeessi biyya isaanii keessatti mul'achuu waan dhabeef ta'uu kan beeksisan yoo ta'u biyya Sawud Arabiyaa dabalatee Turkii fi biyyoonni hedduu Ayyaana Iid Al-Faxirii guyyaa har'aa haala adda ta'een kabajanii jiru.

Irra deebinee Baga Geessan, Warra Baranaa kan bara hegeree.

Fuula kana Like Share gochuun Qoodaa, Follow tolchuun maatii ta'aa.

21/04/2023

Toora kanaan na hordofuu dandeessu Follow Share tolchaa Haga ugguurri dhumutti.

11/03/2023

Ustaaz Raayyaa ilma Sabaa, Jaalalli Sabaaf qaban yeroo ballinaa osoo hin taane gaafa rakkinaa mul'ata, baga kan Oromoo taatan, Isiniif waahillan keessan Rabbi isin irraa haa jaallatu.

Galatoomaa!

Badhaasa Ustaaza kabajamaa keenyaaf malu warri badhaastan GalatoomaQilleensi Nasrii Bubbise Page badhaasa milkii siif ha...
27/02/2023

Badhaasa Ustaaza kabajamaa keenyaaf malu warri badhaastan Galatooma

Qilleensi Nasrii Bubbise Page badhaasa milkii siif haa ta'u.

20/01/2023

Sirna Salaata Jumu'aa..!!

Muslimoonni Filisxeen guyyaa har'aa danoomaan Masjiida kabajamaa Al-Aqsaa 'tti sirna Salaata Jumu'aa geggeessanii jiru, Akka Gabaasa Miidiyaalee Filisxeen 'tti sirna Salaata Jumu'aa guyyaa har'aa irratti Muslimoonni Filisxeen baayyinni isaanii kuma 75 ol ta'u argamuun Masjiida kabajamaa kana faayanii jiru.

Maashaa Allah!

17/01/2023

Sheek Abdullaxiif yaala hatattamaa barbaadu..!!

Mana sirreessaa Kamisee keessatti kan argaman beekaan Amantaa fi Jaarsi biyyaa Sheek Abdullaxiif haalaan dhukkubsatanii of wallaalanii ciisanii jiru, Yaala ariifachiisa barbaadu! Garuu manni Sirreessaa kun akka isaan yaalamaniif eeyyamuu hin dandeenye.

Sheekonni Kiiloo 4 quba qabdan Sheeka jabaa kanaaf Yaalli fayyaa akka taasifamu eeyyamaafi adaraa.

14/01/2023

Turkiin akka Baha Giddu-galeessaa 'tti Humna Waraanaa isheetiin 1ffaa ta'uun ol'aantummaa naannawaa sana irratti qabdu mirkaneessitee jirti..!!

Dhaabbanni humna Waraanaa biyyoota Addunyaa irratti qorannoo geggeessu Global Fire Power odeessa dhiheenya kana baaseen akka beeksisetti Turkiin akka Baha Giddu-galeessaa 'tti biyyoota humna Waraanaa isaaniitiin jajjaboo ta'an Iraan, Misir fi Israa'el 'n caaluun ol'aantummaa humna Waraanaa naannawaa Baha Giddu-galeessaa dhuunfachuu himee jira.

Turkiin bara darbe akka Baha Giddu-galeessaa 'tti Humna Waraanaa isheetiin sadarkaa 3ffaa irra kan turte yoo ta'u bara kana jijjiirama humna Waraanaa ishee irratti galmeessiteen sadarkaa lama fooyyessuun humna Waraanaa isheetiin Baha Giddu-galeessaa irratti mootii ta'uu dandeessee jirti.

Biyyi cunqursaa hamaa Filisxeenota irratti geggeessitu Israa'el humna Waraanaa isheetiin akka Baha Giddu-galeessaa 'tti Iraanitti aanuun sadarkaa 4ffaa irra kan teesse yoo ta'u, Sawud Arabiyaa 'n ammoo Aljeeriyaa dursuun sadarkaa 5ffaa qabachuu dandeessee jirti

Akka qorannoo dhaabbata Global Fire Power 'tti humna Waraanaa isaaniitiin biyyoonni Baha Giddu-galeessaa sadarkaa 10 haga 1 qabatanii jiran haala armaan gadii kanaan tarreeffamanii jiru.

10 Qatar
9 Sooriyaa
8 UAE
7 Iraaq
6 Aljeeriyaa
5 Sawud Arabiyaa
4 Israa'el
3 Iraan
2 Misir
1 Turkii, Ta'uun sadarkaa 1 haga 10 qabatanii kan jiran yoo ta'u biyyi Liibaanos akka Baha Giddu-galeessaa 'tti Humna Waraanaa isheetiin dadhabduu jedhamuun sadarkaa xumuraa qabattee jirti.

Biyyi Turkii saffisa ol'aanaa teekinoolojii Waraanaa isheetiin galmeessiteen Baha Giddu-galeessaa irratti mataa taatee kan jirtu yoo ta'u keessattuu Jeettii Waraanaa Nam-maleessa (Drone) isheetiin biyyoota jajjaboo akka Ameerikaa fa'a waliin tarree tokko irra hiriiruu dandeessee jirti.

Turkiin bara kanas humna Waraanaa ishee daran humneessuu fi ammayyeessuuf baajata Doolaara Biiliyoona 60 ramaddee kan jirtu yoo ta'u Guyyoota muraasa duras Pirezidaantiin Erdogan Uummata Turkiif misiraachoo guddaa qabatanii dhufaa akka jiran dubbachuun isaanii ni yaadatama.


13/01/2023

Turkii Magaalaa Irizirum 'tti Haafizoonni Qur'aana guutuu qomatti qabatan 1001 guyyaa har'aa eebbifamanii jiru, Sirni eebba isaanii haala adda ta'een geggeeffamee jira.

Maashaa Allah!
Maddi: Hamza Tekin.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jechoota Gaggaarii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share