Izuu Jm fkr

Izuu Jm fkr Yaa
jiruu
bāra
kanaa🤫

18/11/2022

Yeroo jaalalaa♥♥♥♥

Congratulations!!
31/08/2022

Congratulations!!

22/01/2021



Diyaamendii yoon dhabes
sa gatiinsaa cimaa
Onneerraan si jaalladha
Jilbeenfadheen sitti hima!
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
Murteessaan warqee mitiinm
Warqee isa gatii jabaa
Jaalalli dhugaa taanan
Abaaboon hiika qaba!
💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚
Utuun onnee siif laadhee
Sagal kufee sif cabuu
Garaan kee amma kana
Natti jabaachuu hin qabu!!
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
Kennaa waaqaatii malee
Jaalalli hin qabu cubbuu
Onneerraan si jaalladhaa
Tole naaf jedhi lubbu!
💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚

❤💚❤

👉PAGE ICHI𝙼𝙰 #𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰 𝙶𝙾𝙳𝙷𝙰𝙰.

👉𝙰𝙵𝙰𝙰𝙽 𝙺𝙴𝙴𝙴𝙽𝚈𝙰 𝚆𝙰𝙻𝙸𝙸𝙽 𝙷𝙰𝙰 𝙶𝚄𝙳𝙳𝙸𝙵𝙽𝚄𝚄❗

♥♥♥♥♥♥♥♥♥➡Amartii onnee koo tumsituu jaalala garaan obsa dhabe imimmaan calala onneen koo madaa'ee taa'een imimmaan cobs...
14/12/2020

♥♥♥♥♥♥♥♥♥
➡Amartii onnee koo tumsituu jaalala garaan obsa dhabe imimmaan calala onneen koo madaa'ee taa'een imimmaan cobsaa dawaan isaa maali yoon maal godhen obsa
♥♥♥♥♥♥♥♥♥
↪Damma yoo nyaatan gagaa gurguratuu gaafa wal yaadan fayyaa dhukkubsatu
♥♥♥♥♥♥♥♥♥
↪Qorichi jaalalaa eessattu nargamuu qulfiin onnee kooti simaleen banamuu
♥♥♥♥♥♥♥♥
↪Addunyaa kanarraa kanan si jaalladhu bakka hunddatti kanan si abdadhu akka daawwitiitti kanan silaalladhu tokkittii ko eessa si kaawwadhu
♥♥♥♥♥♥♥♥
↪Kalaqa sammuu ko yaada gayya guyyaa filadheen Siif ergaa jechoota ammayyaa
♥♥♥♥♥♥♥♥
↪Tiruun foon miti dhiigatu ititee kee jaalala mitii onnee koo ciccite....
➡ Page koo
↪like. share godhaa↩

06/12/2020

Asoosama Gabaabaa
Koondhiise....
Kutaa 1ffaa
Darajjeetiin.Asoosama gabaabaa kirkira jaalalaatti aansee "koondhiise" eegaleera. Dadhabinaaf hir'ina jiran akkuma duraa akka natti himtan hin shakku..

Bakkeef keessi namaa dugdaaf garaadha. Nama uffatee adeemuuf maraataa gidduu garaagarummaan jiru uffata qofaadha. Isa maraataa jedhamutu isa nagaa caala fayyaalessa. Sababan qabakaa. Latiin yeroo hedduu balbala ani hojii hojjedhu fuuldura dallaa gamoo tokko jala taa'a. Nama hin arrabsu, nama hin tuqu. Uffata ciccitaafi kophee fuulduraan ciccitte gos lamee uffatee yemmuu namni bira darbuuf jedhu" qomo nyaata xiqqoo naa kenni" jedha. Yemmuu nama taatee namummaa keessaa of baaftu tokko... Ofii nama taatee "nama moo?" Jettee quba itti qabdee taajjabdu, fiixee yaadaatu si hankaaka. Nama gaariis hamaas dalagu keessa jirta. Ati hunda keessaa isa tokko. Ykn gammadaa, ykn miidhamaa, tariimmoo miidhaa, akkasumallee hamaa, gaariis ta'uu malta. Waan lama ta'uu garuu hin dandeessu. Kana oromootu lafa kaa'e. "Miila lama qabaataniif muka lama hin yaaban" jedhee. Waanta tokko dhiistee tokko filachuun jaalala kee qofaa osoo hin taane dirqama keeti.

Yeroo hunda nama kana waanan arguuf garaa na nyaate. Itti siqee haasofsiisuuf haga dandeettiikoo gargaaaruufan murteesse. An akka shamarran biroo maraatuu baqadhee hin beeku. Latiinis nama akkasii hin turre. Guyyaa tokko nyaata biteefiin cinaasaa taa'e. Sagaleen isaa nama marara. Akka hayyuutti odeessa. Yeroo hunda laaqanaaf yemmuun ba'u osoo daabboo tokko hin bitin hin darbu. Haasaan isaa waan natti miyaa'uuf seenaasaa yoo beekeef akka nattimun gaafadhe. Daabboosaa feestaalaan maree suuqqatee hirkate.. Ijakoo keessa ilaalaa "jetteeree" jedhee ijasaa osoo hin libsin galaana yaadaatti liximsoo seene. Gurrikoo isa dhaggeeffachuuf ol ka'anii dhaabbatani. Innis fuula dura ilaalaa osoo ija hin libsatin natti himuu eegale....."Nu lamaan fiixeen gaarummaaf fiixeen jallinaa, gammachuuf gaddi jireenya keenyatti wal fureera. Muka hoomii bonaaf ganna hedduu dabarseen addaa addummaa hin qabnu. Nan yaadadha ijoollee taanee mana keenya gajjallaa bishaan burqituu qilxuu jala yaatutu jirti. Bishaan dhugan achiis ni waraabama. Achi cinaa taa'uun lubbuukoof tasgabbiif boqonnaa naa kenna ture.

Harmeenkoo hedduu na jaallatti, caba hedduu natti cabde. Abbaankoo garuu dhimmakooyyuu hin qabu. Yemmuun siin jedhu garuu na jibbas siin jechuukoo miti. Harmeekoof akkookootu na guddise siin jechuufi. Bakki bishaan an yeroo hunda taa'u sun "laga hoomii" jedhamti. Abbaan Haannaa abbaa amantii waan ta'eef ijoollee isaa hunda maqaa kitaaba amantiitiin moggaasa. Haannaan ishee tokko. "beektaa barsiistu, miira kichuu "jaalala" jechuu hin dandeenye, kan keessakee deddeebi'u marartee addaa. Fedha foonkee osoo hin ta'in kan onneenkee qofti taphatu, tapha keessakeef gammachuu kennee si qofa gammachiisu" miira sanan yaadadha laga hoomii sana cinaa yemmuun taa'u. Waan hundaafuu waanan hin feene keessa na seensiste nyaata naa fiddeef waaqni siif ha laatu" naan jedhe. Yeroon waan dhiyeef bor akka itti naa fufu amansiiseen biraa qajeele....itti fufa

➡Hin Dagatin↩          ♥♥♥↪Jaalala keessa koo yoomu hin Dagatin yaadatti naa qabadhuu▶Ba'aan jaalala koos sitti hin ulfa...
02/12/2020

➡Hin Dagatin↩
♥♥♥
↪Jaalala keessa koo yoomu hin Dagatin yaadatti naa qabadhuu
▶Ba'aan jaalala koos sitti hin ulfaatin obsiiti naaf baadhu
▶Jaalalan Siif qabu Akka hin daganne keessa onnee keetti siidasaa dhaabbadhu
↪Yoomiyyuu yoo ta'e Ati keessa kiyya jirta Ani sin dagadhu yeroo hundumaa kanin siin bohaaru
↪Keessa Onnee kooti bakka dhokataadhaa kanin si kaawwadhu
↪Fagoodha hiddi Keenya qilleensa nun raasu
▶Guyyaa rabbii malee namni addaan nun baasu
↪page kana
↪like
↪share godhi
➡♥♥♥♥↙

25/05/2020
14/12/2019

➡️Yaa simbirroo nana
ishee gubbaa samii
➡️Harmee argiteettaa
haallishee akkamii?
➡️Me itti naaf himi
dhaamsa koo adaraa
➡️Gufuu moo laaqiitu
harmee turse karaa?
➡️"Eessayyuu hin deemne
hidhaa san hiikkadhee
➡️Bakkuma na keessen
jira jilbiinfadhee
➡️Hidhaa hamtuun kuni
utuu nan meelessin
➡️Si eeggachaan jira
turtee nan beelessin
➡️Hidhaa keessa taa'ee
hin danda'u beela
➡️Akkanaan yon ture
suma jalaan eela
➡️Waaqayyoo gaditti
kan koo situ beeka
➡️Dafii na qaqqabi
gaaddidduu keen eega
➡️Qabbaneessituu ko
harka keen araade
➡️Dafii kottu malee
haadha ko sin yaade"
➡️Jedhiitii hasaasii
itti naaf dubbadhu
➡️Achumaan addashee
irra naaf dhungadhu!

21/11/2019

Aannan bishaan itti makame!
Namicha tokkotu saawwan hedduu waan elmatuuf guyyaatti Aannan litira dhibba gurgurata.
yoo karaarraa nama qabe hin danda'anii guyyaa tokko ganamaan ka'ee "osoon aannan kanatti bishaan makee gurguree ni beekuu laata?" jedhee Aannan litira Sagaltamatti
bishaan litira kudhan makee gabaaf dhiheessinaan osoo hin beekin irraa bitan.
gaafa lammaffaa Aannan litira torbaatamatti bishaan litira soddoma geessee osoo hin beekin ammas irraa bitan.
osuma jedhuu dhawaata Aannan litira Soddomatti bishaan litira torbaatama makee gessinaanis hinuma irraa bitan.

hummm!! maali gabaa raatun akkan hin jenne Aaannan waanin jaaladhuuf Finfinneetti maal akka na obaasan waanan hin beeknef of arrabsuu ta'a natti haa hafu!

Namichi kuni guyyaa tokko saawwan isaa akkuma bobbaafatetti bokkaa cimaa roobee galaanni saawwan hunda jalaa nyaate.

manatti ol deebi'ee "uuuuuu" jedhe. ollaan birmate "maaloo yaa waaq maalan si balleesse?" jedhee hirqee boohe.

namichi ollaa isaa tokko "yaa namana hin boohin waaqas hin komatin" jedheen.

namoonni hundi ni rifatan. namichis aaree "akkamitti saawwan koo qabeenya koo guutuu dhabee hin boohin waaqas hin komatin naan jetta" jedhee itti iyye.

“jalqabaa eegalee ani dahoo taa'en si ilaalaa ture. garuu ana qofan se'ee waaqnis si ilaalaa ture. Saawwan kee bishaan ati Aannan isaanitti makaa turte sanatu walitti ida'amee galaana ta'ee isaan fudhate" jedheen.

Waan facaaste haammatta.
Gaayyoo facaastee Xaafii hin eegin.

Aannan isa dhugaa dhugaa.
dhugaa dubbadhaa.
dhugaa hin dhabinaa!!

https://youtu.be/LM53SonsAVo

14/11/2019

Ethiopian Prime Minister Abiy Ahmed faces harsh words from Egypt and protests in Oromia.

Address

Jimmaa�
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Izuu Jm fkr posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share