zedzedzenaab

zedzedzenaab video

18/04/2024

Kkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkk

18/03/2024
Yes or no
04/03/2024

Yes or no

Gaafa dur mucaa waan xiqqaa fi guddaa irraa aaru/ dallanuutu ture. Waan xiqqaa fi guddaaniis isuma aarsa.Guyyaa tokko ab...
01/11/2023

Gaafa dur mucaa waan xiqqaa fi guddaa irraa aaru/ dallanuutu ture. Waan xiqqaa fi guddaaniis isuma aarsa.

Guyyaa tokko abbaan isaa boorsaa mismaaraan guuttame kenneefiiti," Hoggaa aarte hunda mismaara tokko baasii gidaararratti dhawi!" jechuun itti himee biraa deeme.

Mucaaniis akkuma itti himame sunitti hoggaa aare mismaara tokko baasee gidaara irratti dhawuu jalqabe. Guyyaa duraa mismaara firii 60 gidaararratti roobse. Guyyaa itti aanu mismaara 45......

Hanguma dallanee gara gidaaraa deemuun mismaara gidaararra guute arguun isaa akka if booda deebi'ee if laaluuf carraa uume. Hanguma gara gidaaraa daddeebi'uun sheenawuu jalqabe. Gidaararratti guyyuu mismaara dhawuun dadhabsiisaa tahuus hubate.

Tura keeysa guyyaatti hoggu hedduu gara gidaaraa deemee mismaara itti dhawaa ooluurra miira isaa too'achuu fii if tasgabeessuun bu'aa akka isaaf qabu bare. Halli kun Dadhabbii irraa akka haara galfatu isa godhuun alattiis miira isaa akka too'atee aaruu xiqqeessu isa godhe.

Eega yeroo dheeraa booda gaaf tokko osoo guyyaa guutuu hin aarin dabarse. Abbaan ilma kanaa hoggaa kana arge ilma isaa kanaaf hojii biraa kenne. "Guyyaa guutuu osoo hin dallanne yoo oolte madooshaa kana fudhadhuu mismaara gidaararratti dhooyte sun keessaa tokko buqqaasi!" jedhee ajaje. Yeroo dheertuu booda mismaaroota gidaara gubbaatti dhawe sun tokko tokkoon buqqaasee fixe. Abbaan ilma isaa kana harka qabeeti gara gidaara mismaarri irraa buqqa'e sun geessee, "Ilma koo! Gidaara kana gubbaa mee maaltu sitti mullata?" jedhe. Ilminiis ,"Uraalee baay'eetu natti mullata" jechuun deebise.

Abbaan haasawa itti fufe." Ilma koo! Uraaleen dilli ati agartu kun godaannisa ati hoggaa aarte namarratti hambiftu. Ati dhiifama nama gaafattuus godaanniisni sun hin badu. Isaanirratti hafa" jedhee ilma isaa gorse.

Barreeysaan Dr Ija Banaa

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when zedzedzenaab posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share