Nuredin Abdenur

Nuredin Abdenur Jechoota Gaggaarii

25/11/2023
"من خاف أدلج ومن أدلج بلغ المنزل" صلوا على الرسول صلى الله عليه وسلم.Nagayaa fi rahmata   rahmataa irratti buusaa!!?.
24/11/2023

"من خاف أدلج ومن أدلج بلغ المنزل"
صلوا على الرسول صلى الله عليه وسلم.
Nagayaa fi rahmata
rahmataa irratti buusaa!!?.

☞. Waa Lama ilma Namaa Keessatti Hin Sabatan 1. Dardarummaa fi2. Jebeenya, Humna isaa☞. Waa 2 Nama hunda ni fayyada1. Ha...
21/11/2023

☞. Waa Lama ilma Namaa Keessatti Hin Sabatan

1. Dardarummaa fi
2. Jebeenya, Humna isaa

☞. Waa 2 Nama hunda ni fayyada

1. Haala Gaarii fi
2. Leenjisa Lubbuu

☞. Waa 2 Haala Namaarraa Nama Ol Fuudhan

1. Of gad-qabuu fi
2. Haajaa Obboleeysaa gaggeeysuu

☞. Waa 2 Balaa Namarraa deebisan

1. Sadaqaa fi
2. Rahima Maxxanfachuu

Yaa Rabbi nu bareechi nuu miidhagsi cufa waan nu faayyadaatiin.

Nama dubbisuun dura of dubbisuutu dursa.
21/11/2023

Nama dubbisuun dura of dubbisuutu dursa.

18/11/2023

Kan ilkaan isaa adii
Arraabni guraacha.
Kan fuulli isaa ifaa
Yaadni isaa dullaacha.
Rabbii si irraa qabe
Olmaa kee bareecha.

  Ajaa'ibaa!Maqaan isaa Ismaa'iil Hassan (Esam Habasha) ja'ama. Akatara Filmii beekkamaa Yoo tahu, dhalootaan kamiseedha...
17/11/2023

Ajaa'ibaa!

Maqaan isaa Ismaa'iil Hassan (Esam Habasha) ja'ama. Akatara Filmii beekkamaa Yoo tahu, dhalootaan kamiseedha. Filmii inni mataa isaatiif hojjatee mitii, kan inni akka taatootti hojjate daawwattoota hedduu booji'a ture. Baay'ee nama hawwata ture. Kanaaf namoota hedduun jaallatama.
Waggaatti, Birrii Itiyoophiyaa qarshii miiliyoona 20-30 argata ture. Garuu boodarra "Hojiin filmii amantii kiyyaan gargar nafageeysitee jirti, hin barbaadu" jechuun Addunyaa filmii tti nagaa dhaammatee keessaa gale. Eega guutumatti Rabbiif jacha hojii tanarraa qulqullaawee waggaa 5 gaheera. Zamana kana keessa qabeenya guddaa kana hin barbaadu, amantii kiyyaatu naaf caala ja'anii dhiisuun hedduu jabaata. Nama kutannoo akkasii qabu arguun nama raaja. Rabbi kutannoo akka isaa nuuf haa kennu.!
Duraa Miiliyaanotaan jaallatama ture. ammallee, dabalee uumaa fi uumannis isa jaallachaa jira.

Follow https://www.facebook.com/profile.php?id=100076700110608

"Guyyaa arraa kana SALAWAATA  'Nabi Muhammad ' irratti buusuu heddommessi!✍️S.A.W💚💚💚💚💚💚💚💚Today Best Photos🎁❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤...
16/11/2023

"Guyyaa arraa kana SALAWAATA 'Nabi Muhammad ' irratti buusuu heddommessi!✍️
S.A.W
💚💚💚💚💚💚💚💚Today Best Photos🎁
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ ❤️❤️
❤💚❤❤💚❤💚❤💚❤
🕌🕌🕋🕋🕌🕌🕋🕋🕌










Actres # jamilanagudu with and also known as in movie📽📺👈

Duaaii Bareedduu Tana Share gootu malee bira hin kutin... Harka Kee Ol Qabii Takka Aamiin Na Jalaa Ja’i•••••••••••••••••...
11/11/2023

Duaaii Bareedduu Tana Share gootu malee bira hin kutin...
Harka Kee Ol Qabii Takka Aamiin Na Jalaa Ja’i
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rabbiin keyrii ati hojjatte cufa sirraa haa qeebalu, Badii ati hojjatte cufa rahmata isaatiin irra siif haa dabru, Hujii gaarii hojjachuu siif haa laaffisu.

Jireenya kee kan addunyaa keessa jiraattu kanas jireenya gaarii siif haa godhu, yeroo addunyaarraa galuuf kaate booddee tee siif haa bareechu,
(Laa Ilaaha llaallaan siif haa goolabuu)
Qabrii tee siif haa ibsu, Galmee hujii keetii mirgaan siif haa kennu, Gaafii tokkoon malee Jannata si
haa galchu, Jannata keessattis ollaa jaalallee keetii
(Nabi Muhammad S.A.W) si haa qubsiisu !!!!!!!!!

Nama Amiiiiiiiin je'e cufa Rabbiin haa qeebaluuf!!!!
Nama godhe ammoo Rabbi niyyaa isaa cufa haa guutuuf.

Ibidda Jahannam Irraa Xiqqo  Wal Haa Yaadachifnuu !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Ergamaan Ra...
09/11/2023

Ibidda Jahannam Irraa Xiqqo Wal Haa Yaadachifnuu !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Ergamaan Rabbii ﷺ waa’ee ibidda jahannam akkana jechuun dubbataniiru. “Rabbiin ibidda jahannam tana waggaa kuma sadi akka bobaateetiin belbeltu taasise.

Waggaa kuma takka hanga isheen belbeltee dhiiga fakkaattuti akkaa bobaatu taasise.

Ammas waggaa kuma tokko isa biroo hanga barbadaa adii fakkaattutti belbeltee akka bobaatu taasise.

Waggaa kuma tokko biroo hanga bifti ishee
gurraachatutti irra deebi’amte bobaate”

Ibiddi Jahannam fagoo dhaa yommuu ilaallamu laga gurraacha walnyaataatiin walirra yaa’u fakkaata.
(walbi’isal mihaad) “Namootni Jahannamii ibidda jahannam keessatti yommuu darbaman iyyanii-
iyyanii akka yeroo harreen halaakee- halaakeetiin xumura irratti siqqeeffatutti warri ibidda jahannam
keessatti darbamanis iyyanii-iyyanii ni siqqeeffatan.

Warrootni jahannam kan cinqaan ibidda jahannam isaan iyyisiisu maleeykaa Jahannamiin eegu Maalikitti iyyanii gara Rabbitti ergatu. Taatee kana Rabbiin Qur’aana isaa kabajamaa keessatti akkana jechuun Ibsa. {Yaa Maalik! Gooftaan kee nurratti (murtii du’aa) haa murteessuu (Fuultakkaa duunee
cinqaa tanarraa bilisa haa taanuu) jedhaa yaammatan. (Maalikis) Isin adabbii tana keessatti abadan jiraatoo dha.isaaniin jedha.} (Suurat Al-zukhruf 77)

Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan. Maalik ergaa
warren jahannam kana Rabbiin bira geessee deebi’eetiin hanga isaaniif deebii kennutti yeroo waggaa kuma tokko tura jedhan.

Subhaanallah

wagga kuma booda deebi’eetiin deebiin isaaniif kennu “Innakum maakisuun, achuma keessa jiraatoo dha” abdii hin qabdan isaaniin jedha.

Yaa Obboleeyyan koo! Har’uma kheeyrii haa carraaqqannuu!

Yaa Rabbi Yaa Allah! Adabbii jabduu ibidda jahannam irraa atummaan rahmata keetiin nu tiksi!

Follow
https://www.facebook.com/profile.php?id=100076700110608

AMALOOTA HIRIYAA SOBAA 10!           ➊. Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasa'u, gaafa ati barbaaddu hin argaman g...
06/11/2023

AMALOOTA HIRIYAA SOBAA 10!

➊. Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasa'u, gaafa ati barbaaddu hin argaman gaafa ofiif si barbaadan malee!

➋. Gaarummaa kee akka gowwummaatti ilaalanii sitti fayyadamuu barbaadu, gaafa waan barbaadan sirraa dhaban, siin oodu, si cufu, amala sitti jijjiiratu!

➌. Milkaa'ina keetitti hin gammadan, akka ati isaan dursitee milkooftu hin fedhan, yookiin milkaa'ina isaanii sitti odeessanii akka sitti dhaga'amu godhu barbaadu!

➍. Yeroo hunda gadi si qabu, bifa keetiin, amala kee qeequ, filannoo kee akka jibbitu si godhu, walumaa galatti akka gadi aantummaan sitti dhaga'amu si gochuu barbaadu! Isaan malee ati akka faayidaa hin qabne godhani si duuba waa'e kee namoota birootiif odeessu !!

➎. Yeroo siif hin kennan, si hin dhaggeeffatan, rakkoo isaanii akka dhageeffattu barbaadu, yeroo hunda negative dha! Of jaalatu, amala isaanii hin beektu, ni jijjiiramu, yeroo hunda sababa baay'isu, gaafa ati barbaaddu amala akkasii agarsiisu! Iccitii kee si irraa baasuu barbaadu, garuu kan isaanii immoo siif himuu hin fedhan!

➏. Si to'achuu barbaadu, waan uffachuu qabdu, nyaachuu qabdu, eenyu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu, yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama sana akka jibbitu barbaadan!

➐. Akka ofiif fedhanitti si jijjiiruu barbaadu, fedhinnaa kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jaalatan sana waliin jaalattu si gochuu barbaadu! Karaa gaarii fi wanta si fayyadu akka hordoftu hin fedhan, karaa isaan jaalatan qofa akka ati hordoftu si gochuu barbaadu!

➑. Jibbaa fi oduu sobaa facaasu waa'ee nama biraa..
Kana jechuun si irrattis akkasuma duuba kee deemanii waa'ee kan kee xureessanii haasa'uu barbaadu jechuudha! Waan ati iccitiidhaan itti himte, si duuba deebi'anii nama biroof odeessu! Dafanii sitti mufatu, dafanii ammaas deebi'anii sitti araaramu!

➒. Yeroo hunda siin dorgomu, yoo ati wanta haaraa tokko goote isaaniis ni godhu, yoo siin dorgomuu hin dandeenye wanta sana akka jibbitu si godhu!

➓. Siif waan baay'ee akka ta'an, tola oolan sitti himu yookiin si duuba odeessu! akka ati isaan malee nama biraa hiriyaa godhachuu hin dandeenye godhaniiti yaadu!

𝐈𝐭’𝐬 𝐅𝐫𝐢𝐝𝐚𝐲! _______🖤𝐌𝐚𝐲 𝐀𝐥𝐥𝐚𝐡 𝐒𝐡𝐨𝐰𝐞𝐫 𝐇𝐢𝐬 𝐂𝐨𝐮𝐧𝐭𝐥𝐞𝐬𝐬 𝐁𝐥𝐞𝐬𝐬𝐢𝐧 𝐀𝐬 𝐎𝐧 𝐘𝐨𝐮 𝐀𝐧𝐝 𝐘𝐨𝐮𝐫 𝐅𝐚𝐦𝐢𝐥𝐲 𝐎𝐧 𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐇𝐨𝐥𝐲 𝐃𝐚𝐲.𝐉𝐮𝐦𝐦a Day._______...
02/11/2023

𝐈𝐭’𝐬 𝐅𝐫𝐢𝐝𝐚𝐲! _______🖤

𝐌𝐚𝐲 𝐀𝐥𝐥𝐚𝐡 𝐒𝐡𝐨𝐰𝐞𝐫 𝐇𝐢𝐬 𝐂𝐨𝐮𝐧𝐭𝐥𝐞𝐬𝐬 𝐁𝐥𝐞𝐬𝐬𝐢𝐧 𝐀𝐬 𝐎𝐧 𝐘𝐨𝐮 𝐀𝐧𝐝 𝐘𝐨𝐮𝐫 𝐅𝐚𝐦𝐢𝐥𝐲 𝐎𝐧 𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐇𝐨𝐥𝐲 𝐃𝐚𝐲.

𝐉𝐮𝐦𝐦a Day._______🖤

Duniyaa ••••••••Abdullaahi bin Mas'uud akki je'u: "Ilmi namaa hundi ganama keeysummaatu adunyaaf hirribaa lafaa ka'a, qa...
02/11/2023

Duniyaa
••••••••

Abdullaahi bin Mas'uud akki je'u:
"Ilmi namaa hundi ganama keeysummaatu adunyaaf hirribaa lafaa ka'a, qabeenyi isa bira jirus amaanaadha. Kheeysummaan gala qabdi, amaanan abbaatti deebiti." Galti keeysummaa du'aan gama aakhiraa hoggaa tahu, amaanaan abbaatti deebitus qabeenya ati walitti qabdu warra Rabbiin qoodeefiitu nyaataa isaaniitu itti hafa.

kanaaf Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam. "Ilmi namaa qabeenya kiyya qabeenya kiyya jedha. Qabeenyi kee waan nyaattee dhume malee, waan uffattee daare malee, waan sadaqattee ol kaayatte malee ni hafee!" ja'an. Qabeenya kee kan hafu Rabbiitu beekha nama nyaatu.

Abdullaahi bin Abbaas akki je'u: "Rabbiin duniyaa tana bakka sadiitti adda qoode. Qooda takka warra amaneef, qooda takka munaafiqaaf, qooda takka kaafiraaf addaan hire. Warri amane qoodaa isaaniitiin galata aakhiraa bitatan, munaafiqoonni qooda isaaniitiin duniyuma dabaluuf rakkatan, Kaafiroonni qooda isaaniitiin qananii duniyaa qofa itti bitatan."

Rabbiin ol tahe akki je'e:

"Duniyaan heddumeeyfachuun isin shaakalee jira. Hanga duutanii qabrii seentan." Duniyaan shaakala guddaadha qabdi. Fatanaa guddoodha. Dalagatnii kheeyrii duniyaa fii aakhiraa itti bitachuun ammoo furmaata isiiti. Isiif jecha obboleeysi obboleeysa jibbuu, haadhaa fii abbaa muruu, jaarsaa fii jaartiin addaan yaa'anii ilmaan hadiyyoomsuun hin malle. Wannumaan duniyaa barbaadaniifuu ilmaan, haadhaa fii abbaa, firaa fii aanaa, miskinaa fii dhabaa ittin gargaaruuf tahuu qaba.

30/10/2023

Hojiilee Jaalala Rabbii guddaa namaaf argamsiisan kudhan
*****
Sababoonni jaalala Rabbii gabrichaaf argamsiisaniifi kanneen akka gabrichi Rabbii isaa jaallatu godhan kudhan (10) Ibn Alqayyim dubbate:

1. Qur'aana qara'uu baay'isuu, hiika isaa xiinxaluufi ergaa isaa hubachuuf yaaluu wajjin.
2. Hojiilee sunnaa baay'ee hojjachuun gama Rabbiitti dhihaachuu; innis kan ta'u booda waajibaatiiyyi.
3. Yeroo hunda zikrii Rabbii baay'isuu: arrabaan, qalbiifi hojiidhaan zakkaruu. Sadarkaan jaalala keetii hanguma yaadannoo isaa baay'iftuuni.
4. Yeroo fedhiin keetiifi wanti Rabbiin jaallatu wal faallesse jaalala Rabbii filachuu.
5. Qalbiidhaan maqootii Rabbiifi Sifaata isaa qorachuu, isaan hubatanii Rabbiin wal baruu.
6. Tolaafi qananii Rabbiin nutti oole kanneen mul'atoofi dhokataa xiinxaluu,
7. Fuuldura Rabbiitti of xinneessuufi of gadi qabuu, Inni kun hundarra caala.
8. Yeroo Rabbiin guddaan gara Samii addunyaatti akka isaaf maluun bu'u gara Isaatti deebi'uu, Kitaaba Isaa qara'uufi istighfaaraan xumuruu,
9. Warra dhugaan rabbiin jaalatanii wajjin taa'uu, haasawa isaanii babbareedaa dubbisuu.
10. Sababa jidduu keetiifi jidduu Rabbii gaarradu hundarraa fagaachuudha.

Ibn Alqayyin akki jedhe· "sababootii kurnan kanaan jaalalloon Rabbii gara sadarkaa jaalalaatti dhaqqaban."

Ministirri Muummee Israa'el garee Hezbollaah akeekkachiisanBenjaamin Netaaniyaahu yoo Hezboollaah waraana eegale 'dogogg...
23/10/2023

Ministirri Muummee Israa'el garee Hezbollaah akeekkachiisan

Benjaamin Netaaniyaahu yoo Hezboollaah waraana eegale 'dogoggora seenaa keessa dalagee hinbeekne dalaguuf deema' jedhan Kaaba Israa'el loltoota daawwachuu bakka dhaqanitti.

Hezbollaan Hamaas bira goree Israa'el waraana. Daangaa Libaanos Hezbollaah maandheffatetti muddamni jira. Israa'el lammiilee ishee achiitii bakka biraatti geessaa jirti.

Hanga If Biraa Dhabduu Maalummaa Isii Sirritti Hin Hubattu•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Gat...
23/10/2023

Hanga If Biraa Dhabduu Maalummaa Isii Sirritti Hin Hubattu
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Gatii Nama si jaalatuu gaafuma of biraa dhabde agarta, Nama si jaalatu Qofaa miti, qananii Rabbiin kee siif kennees gaafuma of biraa dhabde qofa maalummaa isii agarta.

• Maalummaa fayyaa namuma fayyaa dhabeetu beeka
Maalummaa nagayaa namuma Nagaya dhabeetu beeka
Maalummaa ijaa namuma Ija hin qabneetu beeka
Maalummaa harkaa namuma Harka dhabeetu beeka

• Wanti hundi Yeroo of harkaa qaban maalummaan isii sirritti namatti hin mullattu, garuu Gaafa of biraa dhabde maalummaa isii sirritti hubatta.

• Obboleessa kiyya atiis obboleeytii tiyya, Qananii Rabbiin keenya nuuf kenne hunda osoo Nu biraa hin deemne, osoo of biraa hin dhabne sirritti itti haa fayyadamnuu. Eega yeroon dabarte boohuun humaa takka faaydaa Nuuf hin Qabu.

Rabbiin Warra qananii isaa osoo harkaa Qabuu itti fayyadame irraa Nu Haa Taasisu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa

Follow Nuredin Abdenur

SIIF HIMUU DHUGAA KEE?Siif himuu dhugaa keeTakka takkaan katabeeAtuu anumaaf jechaLafeen kee si cabee.Garaachi garaa kee...
22/10/2023

SIIF HIMUU DHUGAA KEE?

Siif himuu dhugaa kee

Takka takkaan katabee

Atuu anumaaf jecha

Lafeen kee si cabee.

Garaachi garaa kee

Yaaddodhan madaa'ee

Dafqii dhiigaan makaa

Qaamarraan si yaa'ee.

Har'a na nyaachiftee

Isa boruuf yaaddaa

Lagaaf tabba ceetee

Nyaata koo barbaaddaa.

Utuu dhiigni kan kee

Lafa yaa'u jigee

Lafee qaamaa keetii

Ba'aan addaan diigee.

Harmi kee silga na obaasee

Naaf gumaachee dhiiga kee

Kan koo gammachiisuuf jecha

Gaddaan guutte miira kee.

Aayyoo too yaa tiruu too

Maal siin haa jedhu laata

Dugdi kee hin boqannee

Barumaan ba'aa baata.

Nuuf dheeressi yaa Rabbi

Umrii haadha teenyaa

Tan waan hundaa caaltu

Haati ofii Qabeenyaa.

BAGA BARA HAARAA2🌻16 NAGAAN GEESSAN!!BARRI HAARAAN KUN:- 👉Kan Gammachuu!👉Kan Milkaa'inaa!👉Kan Badhaadhinaa!👉Kan Jaalalaa...
12/09/2023

BAGA BARA HAARAA
2🌻16 NAGAAN GEESSAN!!

BARRI HAARAAN KUN:-
👉Kan Gammachuu!
👉Kan Milkaa'inaa!
👉Kan Badhaadhinaa!
👉Kan Jaalalaa!
👉Kan Tokkummaa!
👉Kan Guddinaa!
👉Kan Haaromsaa!!
✔ Isiniif!
✔ Maatii keessaniif!
✔ Ollaa keessaniif!
✔ Hiriyyoota Keessaniif!
✔ Biyya KEENYAAF!

🎄Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu!

🎄Bara itti bakka yaaddan geessan.

🎄Bara itti hojjettanii milkooftan!

🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻
Yoo jennu hawwii guddaa dhaan!

🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌻 Happy New Year!!!!🌻
🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

17/04/2023

Utuu gaarii hawwituu
Galma hanqattee yoo cabde
Jiraachuurraa molqamtee
Eenyummaakee yoo dhabde

Rakkoon sitti wal furee
Yoo guyyaan si doorsise
Ammeenya jiruu seentee
Yoo dhaanee si boossise

Agamsaan ollaa Adaamii
Yoo qoraattii yaafate
Birmadummaan jireenyaa
Yoo akaakuu gaafate

Wanti hundi bitaaf mirgaa
Yoo si godhates garba
Akkuma dhufaatiisaatti
Uurseema sirraa darba

Guyyaa tokko injifattee
Gammachuun of wallaalta
Jerjertee deemsa hin laafin
Bara eegdee irra aantaa!

09/02/2023

Wantoota 3 too'adhu.

1, Arraba kee jibbaa baay'isuuf,
2, Dallansuun kee daangaa darbuu irraa,
3, Fedhiin kee daandaa ala ta'uu irraa,

Wantoota 3 irraa fagaadhu
1, Nama tuffachuu irraa
2, Nama irraa dharaan fayyadamu irraa
3, liqii irraa

Waan sadi (3) qaama dhukkubsachiifti
1, haasawa baayyee
2, hirriiba baayyee
3, Nyaata baayyee

Waan sadi (3) hin irraanfatin
1, Eenyumma kee hin irraanfatin
2, Kaayyoo fi galma kee hin irraanfatin
3, wanti hin dabarree akka hin jirre hin irraanfatin

10/01/2023

Maa fagaatte kuulleekoo???

Onneen na dhahata
Milli koos na fiigaa
Iji kiyyas na jooree
Keessi kootis dhiigaa

Koola baasi jedhee
Iyyee too na dararaa
Yaadni kee olfuudhee
Samirra nan bararaa

Nan rafa yoon jedhe
Nan hin rafu garaanii
Deeme qaaman dhufuuf
Fagoodha hoo karaanii

Maal taatee maalidha??
Maa fagatte kuulleekoo??
Biq jedhii ol naaf bahii
Dhaabadhu me fuulleekoo

Sagalee kee kiilolee
Gurra koo na obaasii
Yaaddoofi gadda koo
Dhukee irra kaasii

Harka kee natti marii
Xuuxi googsi maddikoo
Hin fagaatiniiti koottu
Boontuu yaa Ardiikoo(2)

26/12/2022

wol qabnuu
Akkamin mufannaa
kolfine taphannee
woliin bashannanna

rakkoon yo jiratees
maryidhan hikkana

hinaffan hindhibuu
jalalaa kessatii
Ormaa dhagessisnu
wol gorfanna nutii

wol in mufachisnu
jenneto kakannee

mufin yo argamee
jarrii yo dhagahee
nuf akka gammanne

lomii nan fesisuu
burtukana male
gamachu nargadhu
jalako simale

Aras Eerra debiin
wonni an dubbadhu
jalalaashef male

komef bakka ladhu
hinaftuf deddemtun
ofumaa gubadhu

15/02/2022

FAAYIDALEE BUNA DHUGUU KEESSAA MURAASA:
1. Akka waa dalagnuuf nu si'eessa. Dhugnee sa'aa tokkoon booda 11-12% si'aa'ina waa hojjaachuu namaaf ni dabala.
2. Waa akka xiinxalluu fi hubannuuf nu gargaara.
3. Elemantoota mg fi k ofii keessaa qaba ,kunis insuulini qaamaa gulukoosii akka fayyadamuuf ni gargaara . Kunis ulfaatina hir'isuu fi carraa dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa ni hir'isa jedha qorannoon .
4. Antioxidanta waan qabuuf qaamaa keenyaarraa dhukkuboota garagara ittisuuf gaariidha
5. Kaaffeeniin buna keessatti argamuu sammuu keenya keessatti nuurootraansmiitarii dhaamsa ittisu adeenoosinii yoo ittisu kanneen biroo akka seerootoniin , nooraadernaaliin fi dopaamini akka maddan waan dabaluuf si'aa'ina sammuu dabaluun alatti dhukkuboota akka parkison ,alzheimer fi dementia ni hir'isa.
7. Fayyummaa tiruu keenyaaf ni gargaara . Sooraanni keessayyuu faattii akka bulaa'uuf ni gargaara .
8. Guyyatti sinii bunaa 2-4 yoo baayyatee 6. Dubartoonni ulfaa akka dhugan hin gorfamuu yoo xiqqeessanii sinii takka guyyatti dhugan malee .
- namoonni hir'ina dhiigaa qaban kiniina fudhataa jiran buna dhuguu hin qaban dalagaan kiniina dhiiga sana waan gad buusuuf .
By Dr Mohammed Ibrahim health tip
Fayyaan lubbuu teenyaaf
Share godha
Galatoomaa
Link kana tuquun family taha.
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim

12/02/2022

Update 2022
Bilbila Jaalallee Keessanii Xalafuuf ‼️
Akeekkachiisa 🛑 Appii Kana Waan Gaariidhaaf Qofa itti Fayyadamaa.

Apilikeeshinii kana Fayyadamuudhaan Guutumaan Guutuutti Nama Too'achuuf Barbbaaddan Too'achuu ni Dandssu.
Appiin kun bakka isin hin jirretti Waan Namni isin Too'achuu Barbaaddan Hojjachaa jiru
👉Videodhaan isinitti Agarsiisa.
👉 Audio/ Sagaleedhaan waan Naannawa bilbila sanaatitti dhagahamaa jiru isin Dhageessisa.
👉Bakka namni isin Xalaftan/ Basaasaa jirtan itti Argamu Kallattiidhaan isinitti agarsiisa.
Namni isin Too'attan kun isinirraa haga Fedhe Yoo Fagaates Too'achuu ni dandeessu.
Hubadhaa.... Yeroo isin Kana Hunda raawwattan Namni sun wanti inni beeku tokkollee hin jiru.
Appii kana Gonkumaa Bilbila Keessan iraa Dhabuu Hin Qabdan, Sababni isaa bilbilli keessan Yoo isin Jalaa Bade/ Hatame Bilbila keessan nama Hate/ harkaa qabu Eenyu akka ta'e fii bakka inni jiru Guutumaan guututtu Waan isinitti agarsiisuuf Appii Muressaadha.
Appii Kana Download Godhachuuf Liinkii armaan Gadii Cuqaasaa👇👇👇👇👇
https://kanapress.com/trackview/
https://kanapress.com/trackview/

Dhugaan jiru kanuma
13/01/2022

Dhugaan jiru kanuma

Address

Jimma
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nuredin Abdenur posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like