Kadir Aba Imam

Kadir Aba Imam Bilisummaan ummata keenyaaf Badhaadhinni Biyya keenyaaf!!!

ፀሓይ ወደ ሀገሯ በጠ/ሚ ዶ/ር አቢይ አሕመድ ተመልሳለች።እንኳን ደስ አላችሁ፣ ደስ አለን‼️Xiyyaarri Yeroo jalqabaaf Ethiopiatti Ethiopianota fi Ogeesa G...
30/01/2024

ፀሓይ ወደ ሀገሯ በጠ/ሚ ዶ/ር አቢይ አሕመድ ተመልሳለች።
እንኳን ደስ አላችሁ፣ ደስ አለን‼️Xiyyaarri Yeroo jalqabaaf Ethiopiatti Ethiopianota fi Ogeesa Germanin hojjetamte Biyya Xaaliyan irraa Hoggansa Goota fi dhugaatti Jaalala biyya isaaf of kennee hojjetun MM Dr Abiyyin gara biyya keenyaatti deebifamuun dhagahame baga gammaddan!!!
Duruu hoggansa akkanaa dhabnee hiyyoomne,Amma moo Hoggansa argannetti fayyadamnee biyya keenyaa jijjiruu dadhabnee diinotan burjaaja'aa jirra,kanaaf hundi keenya adaraa Of haa barruu!!! Tokkumman Ergama inni nutti kenne haa raawwannu!!!!!

28/01/2024
Aanaan Nadhii Gibee Gootota hedduu qaba,kanneen keessa Gootota Spoortii Isaan tokko!!!  Hadhaa injifannoo argameen heddu...
25/01/2024

Aanaan Nadhii Gibee Gootota hedduu qaba,kanneen keessa Gootota Spoortii Isaan tokko!!!
Hadhaa injifannoo argameen hedduu itti gammannee jirra,Ummanni keenyas baga gammaddan!!! Hojii hundaan Injifannoo gurguddaa galmeessun dhaloota Injifataa uumuu qabna,kanaaf dirree hundarratti cimnee hojjechuu qabna!!!!
!!!

01/01/2024

ፈጣሪ ይመስገን እንጂ ሌላ ምን ሊባል ይችላል!
Uumaaf galanni haa ta'u malee kanbiraa maaltu jedhamuu danda'a!

01/01/2024

Bara 2024 G.C
Baga Gammaddan!
*BRICS+
*Balbala Galaana!

01/01/2024
Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti Daawwannaa hojiiwwan misoomaa fi Inisheetivii gara gara bara kana karoorfamani fi sa...
31/12/2023

Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti Daawwannaa hojiiwwan misoomaa fi Inisheetivii gara gara bara kana karoorfamani fi sadarkaa raawwii isaa koree Supparviizyinii Oromiyaa irraa dhufaniin gaggeffamee jira.Dawwannaa kanaan ciminni fi hanqootni mul'atan adda bahuun kallattiin fuulduraa kaa'ameera.

11/12/2023
Abbichuu Abbaa Malaa Homtuu hin baatu Si jalaa!!!  Nageenya Si waliin jirra !!!!
11/12/2023

Abbichuu Abbaa Malaa Homtuu hin baatu Si jalaa!!!
Nageenya Si waliin jirra !!!!

Like South Africa&Australia,Ethiopia Will Come to the Best Country of Turism potential !!!
13/09/2023

Like South Africa&Australia,Ethiopia Will Come to the Best Country of Turism potential !!!

Nadhii Gibee Daawwadhaa?
10/09/2023

Nadhii Gibee Daawwadhaa?

  Kanarraa haa barannu !!!!Namni kun Qaama miidhamaadha( Gurris hin dhagahu,Afaanis Sirritti hin dubbatu). Garuu lammii ...
08/09/2023

Kanarraa haa barannu !!!!
Namni kun Qaama miidhamaadha( Gurris hin dhagahu,Afaanis Sirritti hin dubbatu). Garuu lammii isaatiif dhiiga kennaa jira. Ilaalchi dhala namaatiif yaaduu isa keessatti dagaage nama fayyaa guutuu qabu keessatti maaliif hir'uu ta'a laata? Irraa barachuu qabna.
Jaalala dhala namaaf qabu kana rabbi umurii isaa nuuf haa dheeressu!!!!

04/09/2023
31/08/2023

Dookumantarii aadaa, duudhaa fi jiruuf jireenya akkasumas hawaasummaa warra Gibee gamaa kan gamanaas garsiisu, gafa ayyaana bara Haaraa dhiyaata

19/08/2023

Karoorri Xiiqii Keenya Akkamiin Milkaa’a?
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, karoora mootummaa bara 2016 “Karoora Xiiqii” jedhee, moggaasuun isaa ni beekama. Hooggansa sadarkaan jiru waliinis akkaataa karoorrri qabame itti milkaa’uu danda’u irratti boqonnaa qophii keessa irratti waliigalamee hojiin erga eegalamee ji’a tokko gaheera. Bara hojii jalqabneefi yeroo ji’a tokko itti fayyadamne kana keessatti waan waliin karoorfanne tokko tokkon yaadachuufi, maal akka jalqabne, maal akka hin jalqabne ofii of gamaaggamuufi maal irra akka jirru of madaaluun waan nurraa eeggamuudha.

Karoorri bara 2016, karoora xiiqiiti kan jenneef, karooricha irratti hubannoo wal fakkaataa, kaka’umsiifi kutannoon raawwiif qabnu xiiqiirra kan madde ta’uu waan amanneefi xiiqiin hojjetamuu waan qabuufi. Bara kana akka mootummaatti koroorrifi hojiin jalqabne hanga sadarkaa gandaafi magaalaattii, gama hundaan nama dhuunfaarra ka’uu akka qabu kan irratti waliigalleedha. Walumaa gala dhimmoonni xiyyeeffannoo ijoo bara 2016 isaan armaan gadiiti:

1. Raawwataa Gahumsa Qabu Ta’uu/Qopheessuu
Karoorri kamuu raaawwataa akka barbaadu ni beekama; karoorri xiiqii ammo raawwataa qofa osoo hin taane, raawwataa gahuumsa, kutannoofi dandeetti raawwachuu olaanaa qabu barbaada. Bara kana hojii hojjennu mara, baay’ina, qulqullinaafi saffisaan raawwanna yeroo jennu, aadaa hojii, raawwataafi amala raawwataa baratameen akka hin taane hooggansi marti hubachuu qaba; Dhimmi akka kanaa raawwataa amala baratame keessaa bahee, kalaqaafi ariitii goonfate qofti raawwachuu danda’u akka ta’e hubannee, bakka jirrutti karoora qabanneef raawwataa gahuumsa qabu ta’uu ykn qopheessuu, akkasumas ofiif fakkeenya ta’uun raawwachuun dirqama.

2. Galii Sassaabuuf Xiyyeeffannaan Hojjechuu;
Mootuummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan muraasa darban keessa galii naannichaa dabaluuf Tarkaanfiilee Haaraa (New Initiatives) gara garaa bocuun hojjechaa tureera. Keessumaa hojiilee Inisheetivii Torbee Galii labsuu, Ambaasaaddaroota galiifi gibiraa moggaasuu, kaffaltoota gibiraa adda dureef beekamtii kennuufi jajjabeessuu irratti hojjeteen aadaa gibiraafi taaksii kaffaluu hawaasa naannichaa daran akka fooyya’u taasisuurra darbee galiin naannoo keenyaa saffisa raajii ta’een akka dabalu dandeessisseera. Bara 2016 ammoo, mootummaan sassaabbii galiitiif karoora addaa qabatee socho’aa jiraachuu beekamee, hooggansi sadarkaan jiru raawwii isaatiif xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuu akka qabu hubachiisuun barbaada. Karooraa xiiqii bara kanaa keessatti, galiin ajandaa gudaa hooggansa hundaa ta’uu qaba, Asirratti waan tokko yaadachiisuun barbaada. Caasaan galii karoora isaatii ol ta’e sassaabe, galiin dabalataa sassaabe irraa hin fudhatamu. Caasaan akkanaa sirna galii dabalataa diriirsuudhaan, misooma aanaafi magaalaa isaatiif akkasumas karoora gara garaatiif akka itti fayyadamu mootummaan ni jajjabeessa.

3. Inisheetivootaaf Xiyyeeffannaa Kennuun Raawwachuu
Mootummaan keenya badhaadhina hunda galeessa hawwamu mirkaneessuun kan danda’amu aadaa hojiifi akkaataa raawwii hojii kanaan dura ture keessaa bahuun tarkaanfii haaraan yoo fudhatame qofa akka ta’e ni hubata. Haaluma kanaan Tarkaanfiilee haaraa adda addaa bocuudhaan hojiitti galchee bu’aa jajjabeessaan argameera. Bara kanas, Inisheetivoota kanaan dura hojiirra oolaniin cinaatti inisheetivoota dabalataa bocuun hojiirra oolchaa jira.

Ganna kana yoo fudhanne, gama barnootaatiin ijaarsa manneen Barnootaa Bu’ura Boruu cimsuu, manneen jireenya barsiisoota ijaaruu, daree dabalataa ijaaruu, haaromsuu, manneeen kitaabaa waliin gahuufi kitaaboota guutuu akkasumas manneen barnoota mijaawoofi hawwatoo taasisuun karoora addaatiin hojjetamuu qabu.

Gama fayyaatiinis, hojiilee gurguddoon bara kana xiyyeeffannoo addatiin hojjetamuu qaban ni jiru. Kanneen keessaa hojii misooma tajaajila fayyyaa, sirna nyaata hawaasa keenyaa fooyyessuu, keessumaa sirna nyaata daa’immaniifi haawwan ulfaa irratti jijjirama qabatamaa fiduun dirqama hooggansummaa haaraa ta’uun beekamee, karoora addaatiin socho’uun barbaachisaadha. Dabalataanis, Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa irratti hojilee jalqabaman cimsanii itti fufuun dirqama bahachuu qabnuudha. Qonna magaalaafi sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jabeessuunis barbaachisaadha. Walumaa gala, karoora xiiqii bara kanaa milkeessuu keessatti kalaqaan hojiilee wal utuban beekanii raawwachuun murteessaadha.

4. Carraa Hojii Uumuufi Qusannaa Jabeessuu
Hooggansi jijjiiramaa keenya, halkan tokkotti jijiiramni hunda galeessi akka hin dhufneefi wal harkaa fuudhinsa qaamoolee garagaraatiin dhawaata kan milka’uu ta’uu hubatus, gama hundaan karoora hiixataa karoorsuu, humna walootti fayyadamuu akkasumas kalaqaafi ariitiin raawwachuun, yeroo gabaabaa keessatti milkaa'ina akka goonfachiisu hubatee socho'aa jira. Bara kanas, hooggansi sadarkaan jiru, humna waloo, kalaqaafi ariitii giddugaleeffatee, karoora hiixataa akka baafatu kallattiin kaa’amee hojiitti galamuun yaadatamuu qaba. Keessumaa, carraa hojii bal’aafi itti fufiinsa qabu uumuudhaaf hooggansa amaloota Intarpiriyuunarii goonfate horachuun murteessaa waan ta’eef, Intarpiriiyuunarshiippii irratti hojii guddaa hojjechaa jirra. Hooggansa sadarkaa hundaa biratti hubannoo wal fakkaataan akka uumamu, leenjiin amaloota Intarpiriyuunarshiippii irratti, keessumaa kalaqaafi ariitii ilaallatu kennameera. Gara fuulduraattis, kalaqniifi kaka’uumsi dhimma barnootafi leenjiidhaan dagaaguu waan ta’eef cimsinee itti fufna.

Hawaasa aadaa qusannaa cimaa ta’ee qabaachuun akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti dinagdee cimaa ijaaruuf dhimma murteessaadha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hawaasni keenya hawaasa waan omisheerra hedduu sooratee xiqqaa qusatu osoo hin taane hawaasa xiqqaa sooratee hedduu qusachuun egeree isaa bareechu ta’ee arguu barbaada. Kanaafuu, hooggansi sadarkaan jiru, dhimma kanarratti leenjii kennuurraa jalqabee, tokkoon tokkon hawaasni inni gaggeessu maal hojjetee akka jiraatu? kan hojjetu irra hagam akka argatuufi kan argatu irraa hagam akka qusatu waliin karoorsuun badhaadhina akka mirkaneessu ergamni itti kennamuu beekee haa socho’u. Mootummaan gama isaatiin, dhaabbilee faayinaansii hawaasa keenyaaf dhaqqabamoo, haala mijawaa qaban jajjabeessuufi babal’isuudhaan tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’a.

5. Sirna Bulchiinsaafi Tajaajila Cimaa Diriirsuufi Al-seerummaa To’achuu
Sirna bulchiinsaafi tajaajilaa cimaa diriirsuun mallattoo mootummaa cimaafi sirna jabaati. Sababoonni gurgoddoon hir’achuu ykn babal’achuu al-seerummaafi rakkoo bulchiinsaa gaarii duuba jiran sirna tajaajilaafi hordoffii akkasumas to’annoodha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, fayyadamuummaa hawaasa keenya mirkaneessuufis ta’ee, karoora xiiqii bara kana qabame milkeessuuf sirna bulchiinsaafi tajaajilaa cimaa ta’ee ijaaruufi al-seerummaa hirdhisuuf inisheetivoota gara garaa bocee hojiitti hiikaa jira. Keessumaa, sirna Diijitaalaa guutummaan hojiirra oolchuun rakkoo hedduu furuu cinaatti, hojii keenya baay’ina, ariitiifi qulqullina barbaadameen hojjechuu keessatti qooda guddaa waan qabuuf, karoora bara kanaa keessatti hojiin diijitaalayizeeshiinii xiyyeeffannoo addaa argatee raawwatamuu akka qabu yaadachuun barbaachisaadha. Hojiin diijitaalayiizeeshiinii faayidaa hunda galeessa ta’e waan qabuuf karoora gama hawaasummaa, galmeessa siivilii, bulchiinsa lafaa, keessumattuu hojii kaadastara lafaa keenya saffisiisuuf hedduu nu gargaara.

Al-seerummaa to’achuufi dhabamsiisuu yoo hin dandandeenye, hojiilee karoorfaman galmaan gahuun rakkisaadha. Karoora xiiqii akka bara kanaa ammo, daldala seeraan alaa, galii dhoksuufi daddabarsa koontiroobaandii irratti araarama malee hojjechuu, dirqama hooggansa hundaa taasisa.

Xummura irratti, hoggansi jijjiiramaa keenya yeroo mara barachuu, leenji’uufi yaaluutti kan amanuu waan ta’eef inisheetivoota gurguddoo sadarkaa naannootti qabatee hojjechaa jiru cinaatti, carraafi dilbii naannawa isaa jiru adda baasee beekufi karoorsuun, hojii isaa kalaqaafi ariitiidhaan masakee karoora xiiqii ji’a dura boqonnaa qophii keessa irratti walii galle xiiqiifi kaka’uumsa olaanaadhaan raawwatee akka milkeessu amantaa guutuu kanan qabu ta’uu isiniif ibsuun barbaada!

Akeekkachiisa Qeerroo Oromoo Irraa Kenname Lola naannoo Amaaraa keessatti geggeeffamaa jiruun wal qabatee namoonni itti ...
08/08/2023

Akeekkachiisa Qeerroo Oromoo Irraa Kenname

Lola naannoo Amaaraa keessatti geggeeffamaa jiruun wal qabatee namoonni itti gaafatamummaa hin qabne tokko tokko, keessattuu miidiyaaleen hawaasaan uummata Oromoo irratti duula jibbaa gaggeessaa jiru. Keessattuu, isaan keessaa gariin isaanii naannoo Oromiyaa keessa taa'anii gocha salphina kana raawwachaa akka jiran namuu waan argaa jirudha.

Kanaaf Qeerroon ammaan booda gocha akkanaaf akka obsa hin qabne akeekkachiisa!
Haaluma kanaan:

1. Dhalataan Amaaraa naannoo keenya keessa jiraatu kamuu mirga nama kamiyyuu hanga hin tuqnetti karaa nagaa jiraachuuf mirga guutuu qaba. Garuu naannoo keenya irra taa'ee shororkeessaa waliin hidhata godhatee uummata keenya irratti duuluun gatii guddaa akka isa kaffalchiisu beekuu qaba.

Uffata ibsu uffachuun, shororkeessaaf deeggarsa loojistikii gochuun, Oromiyaa keessa taa'anii miidiyaa hawaasaa irratti duula jibbiinsaa hojjechuun gonkumaa dhorkaadha! Namoota kanaan yakkamanii argaman irratti tarkaanfiin gama qeerroon fudhatamu guddaadha.

2. Garee kanaaf deeggarsa walitti qabuu fi haguuggii taasisuuf dhaabbilee amantaa dahoo godhachuun hojiileen tokko tokko hojjetamaa akka jiran odeeffannoon nu qaqqabeera. kanaaf manneen amantaa dahoo godhachuun ummata Oromoo dhabamsiisuuf yaalii gochuun aarsaa hin malle akka nama kaffalchiisu qeerroon ni akeekkachiisa.

irratti qeerroon Oromiyaa kan yaadachiisu, Nuti uummanni Oromoo nama kamiyyuu waliin jiraachuuf kan kaleessaarra hardha qophiidha. Uummanni oromoo jibbinsa saba biraa hin qabu. Garuu jibbinsaafi maqa balleessii daangaa darbe yeroo irratti geggeessan callisee kan hin ilaalle ta'uu yaadachiisa. Biyya tokkittii waliin qabnu, kan abboonni keenya dhiigaa fi lafee itti cabsanii nutti dabarsan ''itoophiyaa'' qaama diiguuf dhufu cal jennee hin ilaallu jechuun qeerroon oromiyaa ergaa kana dabarseera.

Nuti Qeerroon Oromiyaa nageenya waaraa biyya keenyaaf hawwina!
waliif godhaa🙏

07/08/2023

FAAYDA TALBAA FAYYAA KEENYAAF
1.Dhukkubota onnee gara garaa ittisuuf
✍Omega-3 fatty acid fi amino acid ' talbaan of keessaa qabu fayyummaa hiddoota dhiigaa eeguu fi dhahanna onnee sirreessuun dhibeewwaan onnee nurraa ittisa.
✍Hamma kolistiroolii/cholesterol/ dhiiga keessatti argamu too'aachuun xuraawwaan/plaque/ hidda dhiigaa keessatti akka hin uummamne dhoorka. Haala kanaan dhibee onneef sababa kan ta'u 'Atherosclerosis' nurraa ittisa.
✍ Namoota rakkoo dhahannaa onnee/arrythemia/ qabaniif heddu gargaara.
2.Kaansarii ittisuuf
✍Qorannoo biyya kaanaadaatti godhame' Omega-3 fatty acid fi antioxidents' talbaan qabu kaansariwwaan harmaa, pirosteetii fi mari'imaanii fa'a akka nurraa ittisa mirkaneessa.
✍ Namootni kaansariidhaan qabaman qoricha kennamu cinaatti talbaa nyaata isaanii keessatti yoo dabalan uumriidha turu akka danda'anis himama.
3.Dhukkuba sukkaaraa ittisuu fi too'achuuf
✍Akka bu'aan qorannootti talbaa hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too'achuun warra dhukkuba sukkaraa qaban ni gargaara.
4). Dubartii dhala dhaabde
✍Dubartii uumamumaan umrii naannoo 49 ti yoo laguun irra dhaabate jijjirama hoormonii dhufuun mallattoo irratti mulla'atan jiru fkn of-ifachuu, miiraa boo'icha, ho'insa qaamaa/dafqa hamaa,rifeensi haphachuu/bubbuqa'uu fi gogaan qoqoncooruu fi kkf. Kanaaf dubartii dawuumsa dhabde talbaa yoo sooratte rakkoo akkasii irraa qolata.
5.Fayyummaa gogaa fi rifeensaaf
✍talbaan fayyummaa gogaa fi rifeensaaf kan ta'an albuudoota fi viitaminoota barbaachisaa of keessa qaba.
✍shifiniina gogaa irratti ba'anii fi hooqsiisaa nurra ittisa.
6.Fayyumaa Garaachaa fi mari'imaaniif
✍talbaan garaa fi mari'imaan waan qulqulleesuuf saamuunaa mari'imaanii jechuun ni danda'ama.
7. Dhiphina sammuu ittisuuf/fooyyesuuf
✍Dhiphina sammuu rakko 'chemical imbalance' n kan dhufan ittisuu fi fooyyee argachuuf talbaa nyaata keessatti dabaluun gaarii akka ta'e qorannoon biyya Jaapaniti godhame ni mulli'isa.

✍Faayidaawwan talbaa kun erga baramee as bara 2010 A.L.A biyya USA fi kaanaadaatti qofa oomisha nyaataf oolan 300 ol keessatti talbaa dabaluun gabaaf dhiyeessuu eegalani.
👍 Talbaa dheedhii yoo nyaatame osoo faayida irra hin oolle boolii waliin bahuu danda'a kanaaf daakuu yk zayitaa isaati fayyadamuun gaariidha.
👉Talbaan bu'awwaan soorataa fayyaa keenyaaf gaarii kan ta'an hedduun kan badhaadheedha; isaan keessaa muraasni: omega-3 fatty acid,protein,fiber,vitamin B1,B6; selenium,copper,potassium,magnesium,manganese ,phosphorous..
👉 Daakuu talbaa falla'ana shoorbaa tokko irraa 'Omega-3 fatty acid' giraama 1.8 arganna.
🙏ERGAA KIYYA: Yeroo ammaa kana namni talbaa baay'ee hin fayyadamu. Kanaaf namoonni mana nyaataa fi mana cuunfaa qabdan haala itti talbaa nyaata cinaati, nyaata keessatti fi cuunfaawwaan kessatti dabaluun ummataaf itti dhiyeessitan irrati osoo yaadanii. Akkas gochuun ofiifis ummatafis fayyidaa argamsiisa.

Address

Jimma

Telephone

+251931017367

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kadir Aba Imam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kadir Aba Imam:

Videos

Share