04/08/2022
DHAMDHAMA- CIICOO-4-(Dhugaawwan Ardiilee Addunyaa)
Afrikaan Afardii balāinaan addunyaarratti Eeshiyaatti aanuun sadarkaa lammaffaarratti argamtuudha.
Gammoojji Addunyaarratti keessatti hunda caalaa balāoo, Sahaaraan, kan argamtu Afrikaa keessatti.
Diyaamandiiwwan addunyaa dhibbeentaan sagaltamii shan (95%) fi warqiin dhibbeentaan shantamni (50%) kan argamu Afrikaa keessaayi.
Chokoleetiin dhibbeentaan jahaatamii jaha (66%) addunyaaf kan raabsamu Afrikaarraayi.
Ardiin Antaarkitikaa cabbii addunyaa dhibbeentaa torbaatamii shan (75%) qabattee argamti. Cabbiin Antaarkitikaa hanga kiiloomeetira afurii (km 4) akka yabbattu tilmaamama. Antaarkitikaan, kana malees, bishaan qulqulluu (fresh water) addunyaa kanaa keessaa dhibbeentaa torbaatamii shan (75%) qabatteerti.
Eeshiyaan ardii hunda caalaa balāoo yemmuu taatu balāina lafa gogaa addunyaa keessaa tokko-sadaffaa isiituu qabate.
Eeshiyaan ardii hunda caalaa balāoo qofaa miti, ardii hunda caalaa baayāina lakkoofsa ummataa qabduudha. Biyyoonni addunyaarratti baayāina lakkoofsa ummataa guddaa qabaachuun sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa jiran, Chaaynaafi Hindi, ardii kana keessatti argaman. Walakkaan baayāina lakkoofsa ummata addunyaa kan jiraatan ardii Eeshiyaa keessa.
Awustiraaliyaan addunyaarratti ardii hunda caalaa xiqqoo tan iskuweer maaylii miliyoona sadii balāattuudha. Yeroo Eeshiyaa tan iskuweer maaylii miliyoona kudha torba tuqaa lama taateen walbira qabamtu, haalaan xiqqoodha.
Awrooppaan ardii gammoojjii hin qabne taāuun isii adda ardiiwwan biroorraa adda isii taasisa.
Waraanni addunyaa lamaanuu kan gaggeeffamte guutumattuu ardii Awrooppaa Keessatti.
Awroppaa keessatti biyyi hunda caalaa baayāina lakkoofsa ummataa qabdu Jarmaniidha; Landaniifi Paaris immoo magaaloota Awrooppaa hunda caalaa baayāina lakkoofsa ummataa qabaniidha.
Ameerikaan Kaabaa ardii haala qilleensaa baramaa gosa hundaājechuuniis Tirooppikaalii, Gogaa, Kontinantaal, Giddugaleessaafi Poolaarii qabdu tan addaati.
Haroon Suppiiriyarii (Lake Superior) Haroowwan Gorguddoo keessaa takka tan taate, addunyaarratti haroo bishaan qulqulluu (fresh water) tan hunda caalaa balāattuudha. Haroon tun Ameerikaa Kaabaa, daangaa biyyoota USA fi Kaanaadaa irratti argamti.
Ameerikaan Kaabaa balāina dachii kan iskuweer maaylii miliyoona sagal tuqaa shan-afur taāeen, Eeshiyaafi Afrikaatti aantee sadarkaa sadaffaarratti argamti. Baayāina lakkoofsa ummataatiin immoo ardiiwwan Eeshiyaa, Afrikaafi Awrooppaatti aanuudhaan sadarkaa afraffaarratti argamti.
Fincaaāaan bishaanii inni addunyaarratti hunda caalaa dheeraa yookaa olkaāaa, Fincaāaan Anjel Ameerikaa kibbaa keessatti argama.
Ameerikaan Kibbaa mana, laga qabiyyee bishaaniitiin addunyaarratti tokkoffaa, Laga Amaazooni. Maqaan Amaazoon jedhu kan dhufe jecha Afaan Ameerikaanoota Ganamaa (Native Americans) isa āAmazunuā jedhurraayi. Hiikni isaas, āDanbalii Guddaaā jechuudha.
HORA BULAA, DEEBANAA!!!!!
An Shamshaddiin Ahmad/Bulchaa Boruu/ Abbaa Simboo/ti.