Tokkummaa Show

Tokkummaa  Show Personal bloggers

Ergaa Waamichaa kana Waliif Qoodaaโœ๏ธ๐Ÿ‘‡Waamicha Waldaa Misooma Oromiyaa irraa Barattoota bara 2015 qormaata naannoo kutaa ...
28/08/2023

Ergaa Waamichaa kana Waliif Qoodaaโœ๏ธ๐Ÿ‘‡

Waamicha Waldaa Misooma Oromiyaa irraa Barattoota bara 2015 qormaata naannoo kutaa 8 ffaa qoramtanii darbuun ulaagaa guutan hundaaf Taasifame .

Barattoota bara 2015 qormaata naannoo kutaa 8ffaa qoramtanii mana barnootaa bultii addaa galuuf qophiirra jirtan hundi keessan baga gammaddan!!

Waldaan Misooma Oromiyaa /WMO/ bara 2006 A.L.I irraa eegalee mana barnootaa bultii addaa banuudhaan barattoota ciccimoo dorgomsiisee simatee barnoota qulqullina qabu kennuudhaan yeroo ammaa kana barattoota sadarkaa biyyaattifi addunyaatti dorgomaa ta'an oomishaa jira.

Dabalataaniis, barattoota kutaa 12ffaa baroota adda addaa xummuran dhaabbilee ol'aanaa ykn yunivarsitoota biyyoota alaafi keessaa adda addaatti barsiisaa jira.
Muxxannoon mana barnootaas naannoolee adda addaatti akka babal'atu ta'ee jira.

Kanaafuu, bara 2016 kanattis barattoota ciccimoo filatee qormaata seensaa mana barnootaa bultii addaa qopheessee kanneen qabxii olaanaa galmeessan simatee barsiisuuf haal duree hundi xumuramee jira.

kanaafuu, barattootni qabxii giddu galeessaa /Average point/ kutaa 8ffaa bara 2015 dhiiraaf 83%fi ol dubaraaf immoo 80% fi ol galmeessitan waajjira barnootaa aanaa keessan jirutti ragaa barbaachisu hunda dhiyeeffachuun guyyaa 23-27/12/2015tti qofa akka galmooftan isin beeksifna jechuun Waamichi Barattoota Keenyaaf Taasifameera .

Tokkummaan Misoomaaf!!

Taatee Balaa    dhaqabe!! Ebla /23/2015 Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Bulchinsa Magaalaa Minootti guyyaa har'a Roob...
01/05/2023

Taatee Balaa dhaqabe!!
Ebla /23/2015
Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Bulchinsa Magaalaa Minootti guyyaa har'a Roobaa Sa'aa 7:30 irratti Roobeen Balaa Mana Jireenyaa tokko irra gahee Miidhaan Qaamaa fiLubbuu dhaqabeera.
kana gabaasee komunikeeshini Aanichati.

01/05/2023

Guyyaa idaa somana bara 2015/1444

01/05/2023

Oduu Hancabbii

08/10/2022
Barattoonni Qormata fudhaachuuf Gara Unversity adda addaa Imalaa jiran. Gartokkoon Hormaata Gama kaaniin Qormaata, Lachu...
08/10/2022

Barattoonni Qormata fudhaachuuf Gara Unversity adda addaa Imalaa jiran.
Gartokkoon Hormaata Gama kaaniin Qormaata, Lachuutu Qabsoodhaa Hafuu qabani jedhan .Hojiin Hojii dha.irra isin haa Aansuu isiniin jenna.

kabajamtoota  keenya mee arra waa'ee madda dacha'oo fi za'aa isin biraan gahuufin toorarratti argama obsaan akka dubbift...
04/10/2022

kabajamtoota keenya mee arra waa'ee madda dacha'oo fi za'aa isin biraan gahuufin toorarratti argama obsaan akka dubbiftan kabajaan isin gaafadha.madda dacha'oo:-dacha'oon kan argamtu g/lixaa aanaa xuulloo araddaa burqaa jaalala keessatti magalaa burqa irraa10km gara kibba bahatti argamti,iddoon kun bishaan uumamaan nama hawwatu ta'ee namoonni naannoo san jiraatan iddoo bashannana uumamatti itti fayyadamu ,bishaan kun daran akka nama hawwatu kan taasisu gaarreen gama gamanaan itti marsaaniif haalli teessuma lafa ishee hedduu nama hawwata kootaa nailaalaa namaan jedha,akka waan afaaniin dubbatu.iddoo kana gaarreen jiraan qofa osoo hin ta'in shimbirooleen adda addaa kan achiti argamtuu fi qurxumii bishaan sana keessatti argamu heddu gurguddaa fi soorrataf karaa irraa kootta nasooradha jette nawaamti ,garuu hawaasni naannoo kana qonnaan bulaa waan ta'aniif namni kiyyeesse gabaaf dhiheessu hin jiru.iddoon kun godina harargee bahaa aanaa malkaa bal'oo arrada kufakas jedhamtuun dangeffamti .Dangessu qofa osoo hin ta'in waliin itti bashannanaa jiru.

Madda Za'aa:-maddi kunis madda dacha'oo birratti argama .madda kana maqaa isaa kana maaliirra moggafamee jedheen manguddoo biyyaa gaafadhe ,isaaniis dur maddi kun yeroo yerooti waan adda addaa maddaa ture ,kunis yeroo tokko aanaan madda,yeroo tokko,dhiiga,fi waantoota adda addaa maddaa ture ,kanaaf za'aa jedhaniin naan jedhe .yeroo ammaantanaa kana haalli itti fayyadama hawaasaa maal fakkata jedheen gaafadhe,isaaniis ,bishaan kun heddu qulqulluu fi yeroo dhugan umamaan mi'awaadha kanaaf namni bishaan kana dhuguu bare bishaan biro hin dhugu ,bishaan kana dhugaatif jirattota aanaa saditu itti fayyadama isaanis aanaa Dadar,Malkaa balloo fi Xuullootu itti fayyadama.naan jedhan ,anis akkami bishaan qulqulluu akkana kana abbootin qabeenyaa hayilaandiif irratti dhaabuuf hin yaallee jedheen gaafadhe isaaanis bara 2004 faranjooni dhufaani laalani deemani eegumatti jirraa naan jedhan .kabajamtoota keenya qabeenya uumama qabnu kana abbotin qabeenya keenya kootta misooma ummata keenyas misoomsaan dhaamsaa keenya.
Horaa bulaa

Biiroon Barnootaa Oromiyaa galmeen Barattootaa Fulbaana 8, 2015 Kan Xumuramu Taโ€™uu Beeksiise.=======================Galm...
15/09/2022

Biiroon Barnootaa Oromiyaa galmeen Barattootaa Fulbaana 8, 2015 Kan Xumuramu Taโ€™uu Beeksiise.
=======================
Galmeen Barattootaa Fulbaana 08/2015 kan xumuramu taโ€™uu fi Barumsi immoo Fulbaana 09/2015 kan eegalu taโ€™uu yaadachiiseera.

Barattootni Daa'imman Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaan Duraa(BSTD) baratan dabalatee kanneen hanga ammaatti hin galmaa'in guyyoota hafan keessatti akka galmaaโ€™an dhaameera.

Maatii fi hawaasni barnootaa daa'imman umriin isaani barnootaaf gaโ€™e hundi akka galmaaโ€™aan qoodan isaanii akka baโ€™an waamicha dhiyeesseera.

15/09/2022

Yooyaa Akkam Jirtan Fayyaadhaa.

Birraan Barihee
Kan dubraa fi dardaraa
Barana Hundinuu funee
Alaa gallaa isinitti gabaa

HAASAWA MANGUDDOO IRRAA  Jaarsa  hayyuu tokko wajjii  osoon hasawuutiin ilma kiyya Ilmii namaa kun sadarkaa sadii qabaa ...
22/07/2022

HAASAWA MANGUDDOO IRRAA

Jaarsa hayyuu tokko wajjii osoon hasawuutiin ilma kiyya Ilmii namaa kun sadarkaa sadii qabaa beektahii naan jedhe hin beeku jedheetiiniin,
aniis gurra itti achi qabee dhaggeeffadhe.

1, fedhiskaa jechuun kan humaa keessaa hin jirree kan kabala tokkoon iyyuu naan jedhe.

2,Gadhiiskaa jechuun nama ana malee namni hin jiru ,waa hundahuu anatuu beeka jedhuudha.

3,Qolofkaa jechuun nama garaa arrii,nama bilchaatee kallatti hundaan waa hubatee beekuu naan jedhe.

Itti dabaleeti jaarsii isin ijoolleen amma kan biyya alaa malee aadaa teessanu hin beektanii mee baruuf tattaafadhaa, eessaa akka jirtan of ilaalaa naan jedhe aniis ergaan dhaggeeffadhee xumuree boodaan hedduu galatoomii jedheenii biraa deeme isiniin gahuufiin dirqamee, isinitti gabaa.

Oromiyaa keessatti odaalee Gurguddoo Gosaa:Odaa Hullee..jimmaaOdaa Nabee- Tuulama.Odaa Bisiil- Macca.Odaa Roobaa- Arsii/...
16/07/2022

Oromiyaa keessatti odaalee Gurguddoo Gosaa:

Odaa Hullee..jimmaa
Odaa Nabee- Tuulama.
Odaa Bisiil- Macca.
Odaa Roobaa- Arsii/Baalee
Odaa Girjaa- Gujii yoo tahan, lafa Odaan hin jirreetti Gumii jedhama.Fakkeenyaaf Gumii Gaayoo,Gumii Mi'ee Bokkoo.

Gadaan maqaa miseensa Odaa malee,Alangaa shan, Barcuma shan,Waraana shan,Miseensa Gadaa Shan waan qabuuf, seerri tumamu kamiyyuu maqaafi beekamtii shananiin kan deeggaramu tahu ittiin ibsa.

Odaalee Gurguuddoo fi bakka teessumma oromoo.

Odaa Nabee- Bulchiinsa Magaalaa Dukam
Odaa Roobaa- Godina Baalee. Haranna bulluq
Odaa Bisiil- Godina Shawaa Lixaa.
Odaa Bultum- Godina Harargee Lixaa.
Odaa Bulluq -Horro guduruu wallaggaa.
Odaa Garaadoo- Oromoo Walloo.
Gumii Gaayoo- Godina Booranaa.
Gumii Mi'ee bookoo Gujii

Yayyaba oromoo beektuu..
* Tuulamaa fi Macca
*Sikkoo fi Mandoo
*Rayyaa fi Azaboo
*Kontomaa fi Daarimuu.
*Sabboo fi Goona
* Murawwaa, Qalloo fi Hunbannaa fi k.k.f
Kunneen yayyabaa ilmaan oromoo jedhama. Kan kana caalaa beekuu nuuf dabalaa.

Address

Hirna
0927891669

Telephone

+251927891669

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tokkummaa Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share