Hayat Love

Hayat Love Page kana like fi follow gochuun warri maatii keenya taatan hunduu galatoomaa!! Ulfaadhaa.
(1)

Mirgi keenya haa nuuf eegamuu gaafa jennu, namni biroo mirga hin qabu jechuu miti fknf baankiin maqaa sabaatiin moggaafa...
10/12/2023

Mirgi keenya haa nuuf eegamuu gaafa jennu, namni biroo mirga hin qabu jechuu miti fknf baankiin maqaa sabaatiin moggaafame kana qofaa miti Oromia bank, Sidama Banknis jira jechumaafi. Nagaan Bulaa!!

Itoohiyaatti Bizinasiin sirnaan to’atamee, Tuttuqaa maalammaltummaa irraa haga tokko bilisa ta’ee, gibira irraa eeggamu ...
10/12/2023

Itoohiyaatti Bizinasiin sirnaan to’atamee, Tuttuqaa maalammaltummaa irraa haga tokko bilisa ta’ee, gibira irraa eeggamu sirnaan kanfalee Bu’aa guddaa buufatu Dhaabbilee Fayinaansiiti. Baankota, Inshuraansii fi Maayikiroo Fayinansii adda addaa.
Erga dhaabbileen Fayinansii Dhunfaa, To’annoo Bankii Biyyolessaa jalatti akka Daldalatan kufaatii Dargii booda Heera FDRE tiin heyyamamee as Baankota Dhuunfaa Biliyenaan Bu’aa buufatan akka irraa jalqabee kan Miliyoona Dhibbaa’s Buusan Digdamaa olitu Itoophiyaa keessa socho’aa jira.
Seenaa Bankootaa keessatti Baankii Kassare Yeroo jalqabaaf dhagahaa jirra.
Bara 2015 keessa Baankiin Mootummaa tokko, Kan “Business and Construction Bank” jedhamu, Sababa Wayyaaneen Technically liqaawwaan industirii gara qabeenya Laamsha’ee (Non Performing Assets) kuffisteef, Bankichi kasaaraa Dandamachuuf gara Bankii Daldala Itoophiyaa Akka Baqu (Marge) taasifame.
Sanaan ala Bankiin hin kassare. Hin kassarus.
Baankiin Amaaraa kassare wanti jedhamu namaaf hin liqimfamu jechuudha. Birrii Miliyoona 406 ta’u kassaruu miti Birrii kana caalu Bankii Buusedha jedhamee amanamuutu salphata. Kappitala Ka’umsaa qabatee ka’ee fi Karaawwan investimentiidhaaf Mijeeffamaniif (Access to investment) irra dhaabbannee yoo ilaallu, Baankota akka Gadaa faa caala carraa babal’aa argateera.
Gabaabumatti Birriin Diinagdee Hunkuruu fi Interpirenaroota jeequmsaaf rabsamu tokko asii maddaa akka ture agarsiisa. Kappitala Ka’umsaa Birrii Biliyeena 5 ta’u Baankiin Yeroo gabaabaatti maddisiisuu (Mobilise tolchuu) danda’e kun fi Bankiin jedhamu tokko, Kazenaa Faannoo akka ta’e beekamuu qaba.

Dr Nafyad Getu Verification sana hoo eecha godhe FBn isaa kunoo akkuma kootii homaa hin qabuu!!!
23/10/2023

Dr Nafyad Getu Verification sana hoo eecha godhe FBn isaa kunoo akkuma kootii homaa hin qabuu!!!

19/10/2023

Jarana Namni Hashiishayyuu nagadee ilmaan ittiin guddifataa jira😊
Erga teeysanii qamaatanii quuftaniin booda Jimaan haraama jettanii Ummata hin jeeqinaa!
Namni keenya waajiba rabbiin itti ajajeyyuu osoo hin dalagini sunnaaf jarjara.

Black vs Green Legacy.🌴
16/10/2023

Black vs Green Legacy.🌴

13/10/2023
Nuti joolleen   yoo barnoonni nu dides Jimaa khataaraa 1 dhaabbannu numa jiraanna.
12/10/2023

Nuti joolleen yoo barnoonni nu dides Jimaa khataaraa 1 dhaabbannu numa jiraanna.

Irreecha bara dhufuu (2024) sitti heerumuufin yaada qaba!! 4 hin dabarsin malee rakkoon hin jirtu.
12/10/2023

Irreecha bara dhufuu (2024) sitti heerumuufin yaada qaba!! 4 hin dabarsin malee rakkoon hin jirtu.

10/10/2023

Dhaloota ticktockn kuffisee fixe,
Birhaanuu Naggaa maqaa ofitti fuudhe

10/10/2023

Dhaloonni ammaa,
comment fi dhalaa dubbisuu malee,
kitaaba
dubbisuu eega dhiise
bubbule!😁😏

09/10/2023

Anoo irreecha dhaqeen bakka mareeehoo ja'an San, labbeeyka laa shariika laka labbeeyka je'e wahi shirkiidha ifii.

09/10/2023

Biraanuu Naggaa nu didus,
Biraanuu Juulaa nun didu.

27/09/2023

Haati Rakkoo Deesse, Amma iyyuu ulfa. Jabaadhaa.

  keessatti alaaban lumuxxiin jaarraa dheeraadhaaf akka waan amantaan adda hin baanetti dirqama fakkaachun ittiin kabaja...
27/09/2023

keessatti alaaban lumuxxiin jaarraa dheeraadhaaf akka waan amantaan adda hin baanetti dirqama fakkaachun ittiin kabajamaa ture barana guutumaan guututti kabaja ayyaana masqalaa irraa qulqullaa'un gareen osoo ijji imimmaan dhangalaastuu ayyaanni nagaan xumurameera.

Seenaa haarawatuu dalagame. Injifannoo guddaadha. Kantiibaa magaalaa Finfinnee adde Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤአዳነች አቤቤ fi Mayor Office of Addis Ababa galata guddaa qabdu.

Warri ayyaanicha milkeessitan galata guddaa qabdu.

Waa'ee intala     waan gabaabduu-------------------------Mahaadar intala Obbo  . Obbo Fiqaaduun immoo obboleessa  . Namn...
27/09/2023

Waa'ee intala waan gabaabduu
-------------------------
Mahaadar intala Obbo . Obbo Fiqaaduun immoo obboleessa . Namni Addis Standard beeku Tsdaale Lammaa hin wallaalu.

Kanaafuu, Mahidar adaadaa Tsadaale Lammaa Gammachuuti. Tsadaale Lammaa gaazexeessituu qaalii Arsii Boqojjiin biqilchiteedha.

Abbaan Mahidar, Obbo Fiqaaduu Lammaa Gammachuu Boqojjiitti daldalaa beekkamaadha. Mana nyaaataa " " jedhamu qabu. Mana kuusaa uffataas qabu. Innis "Yeroon" jedhama.

Gabaabumatti, Mahaadar intala Arsii Oromtittiidha. Kan Oromoo miti jedhamee itti duulamu holola kijibaati.

24/09/2023

Borcii nama tokko tokkoo gaafa ilaaltu dhugumayyuu 'Hod kehager yisefal' si jechisiisa 🤭

13/08/2023

⊙ AMALA NAMOOTA DULLOOMANII

1.Gaazeexaa yeroon irra darbe dubbisu.
2.Gaafa mana uffataa deeman bitan huccuu hundi akka jirbiirraa hojjetame gaafatu, asiif achi gaggalagalchanii ilaalu. yeroo kophee bitanis akka biyya keessatti oomishamee fi gogaa qulqulluu ta'uusaa gaafatu. Qeensaan ilaalu.
Yeroo meeshaa bitanis kirikkirii baay'isu gatii baay'ee gadi buusanii bitu.
Jaarsi kirikkirii malee girrigirrii hin feetu jechuun kanuma.

3.Kaalsii dheeraa jilba gahu godhatu. /sabbata mormaa hamma gahu godhatu.
4.Nama bilbila yeroo dheeraa haasahuu fi social media fayyadamu akka nama safuu hin eegneetti farraju.
5.Uffatta hedduu wal irratti uffatu. Shamizii fi jacket uffatan hamma Asmaraatti cufatu.
6.Yeroo baay'ee ijoollee bara kanaa ni balaaleffatu.
7.Lootorii bituu baay'ee jaallatu .
8.Taaksii keessatti deebii qarshii tokko hin caalleef gargaaraa taaksii/Raddaatii waliin wallolu.
9.Tv utuu ilaalanii gaafa oduun sa'aa lamaa geessu, dafanii harka galfatu.
Nama fiilmii ilaale akka cubbamaati fudhate.

10.Gorsaa fi komii baay'isu.
11.Osoo dhukkubsatanii jiranii amma nagaa kooti yoon qoricha ' ' argadhemmoo kana caalaa natti wayya jedhu.
12. yeroo waan ta'erratti wal falmitu "ani hangafa keeti. na dhagahi, isa kan kootu sirrii dha!" ejjennoo jedhu qabu.
13.Umurii isaanii itti dabalanii himatu. fakkeenyaaf yoo umuriin isaanii inni sirriin 60 ta'e isaan immoo "umuriin koo amma 65 caaleera!" siin jedhu.
"Bara Xaaliyaaniin biyya seente ani daa'ima Waggaa sagaliiti" jedhu. "mucaan koo inni dhumaa bara Abiyootiin fanadda'e dhalate kanaafan maqaasaa Abiyot jedhe" jedhu.
Maqaan moggaafamu hunduu haala qabatamaa yericha ture waliin wal qabsiisanii moggaasu.

14.Yeroo hundaa ganama ganama areeda isaanii haadu. areeduma kan jedhame ofirratti arguu hin jaallatani.Gaafa nama areeda guddifate argan maal atoo ni dulloomte jedhu.

15.Haasaa isaanii keessatti "dur bara keenyaa... Dur bara dargaggummaa keenyaa... Dur... Dur..." Jedhanii isa ammaan wal qabsiisanii haasa'uu jaallatu.
16.Giiphii (kiisii) shamizii isaanii keessaatti waraqaa yaadannoo gabaabduu fi qalama baatu.
Lakkofsa bilbila namootaa mobile caalaa yaadannoo isaanii irratti galmeessuu filatu.
17.Gaafa ergaa nama ergatan irra deddeebi'anii namatti himu. Akkasumas akeekkachiisa baay'isu.

18.Haasaa yoo jalqaban dafanii hin xumuran.
19.Mana keessa gaafa taa'an sochii mana keessatti ta'u mara xiyyeeffannoon hordofu.
20.Waa'ee fira isaanii isa fagoo dubbachuu baay'isu. "Abaluu abaluu eessa jira/ti?" Jedhanii iyyaafachuu jaallatu.
21.Nagahee(isa ibsaa,bilbila,bishaaniis akkasuma gibira kaffalan),sanada tokko tokko fi himata kanaan dura ittiin mana murtii nama dhaabani yeroo hunda akka jiruuf hin jirre adda baasuuf baasanii sakatta'u.
22.Sooftii caalaa maarrabii fayyadamu.
23.Nama maastikaa nyaatu fi durba kophee dheeraa/Hiilii godhattu ni jibbu.
24.Qarshii giphii/kiisii karaa keessaa keewwatu.
Maallaqa qaban baankii dhiisanii Boraatii jala dhoksatu kanas guyyuma guyyaan nama dhokatanii lakkaa'aa oolu.
Hubachiisa: Qabxiiwwan kanaa olitti tarreeffaman qeequu, faallaa deemuu kan barbaadu amala namoota dulloomaniiti
Lubbuu nana ati garuu Jaarsaa malee dulloomaa hin ta'iin...!

Galatoomaa,horaa bulaa Deebanaa.!

14/05/2023

ጀዋር ቢገለኝ ራሱ ለኔ አስቦ ነው ብዬ ነው ማምነው😏

10/04/2023

Hiraabni daandirraa fi Lulluuqqanni daandirraa akka nuuf eegalamu feena🙏

10/04/2023

Dubartii bareedduu takka duuba dhiira mataa moluu ykn kan garaa borciitu jira🙉😊

Qabsoonis copy paste ta'ekaa waaqa koo😀😀
09/04/2023

Qabsoonis copy paste ta'ekaa waaqa koo😀😀

25/03/2023

Jecha ''Garee kubbaa miilaa Itiyoophiyaa'' jedhu yeroo dhageessan maaltu sammutti isin dhufa yaa jamaa!!!!

Jaarsa koo isaa shoorbaa distumaan ol fuudhee dhuge akka inni itti jigu ofirraa kuffiseen anis nagaan rafa kaaLove you A...
24/03/2023

Jaarsa koo isaa shoorbaa distumaan ol fuudhee dhuge akka inni itti jigu

ofirraa kuffiseen anis nagaan rafa kaa
Love you Abbaa Manaa💋💋

22/03/2023

Hiriyaan Gaariin Tulluu Ta'ee si muldhisa, Hiriyaan gadheen gufuu ta'e si kuffisa. 😊

The Strong And Heroic Girl Fantu Damisse.
16/03/2023

The Strong And Heroic Girl Fantu Damisse.

11/03/2023

Gaafa Harargich1 jimaa caalaa daabboo barbaade mallattoo qiyamaati waan qabdu nyaadhu!!!

Dhangala'aa qaama saalaa dubartii********Dhangala'aan qaama saalaa xaliilaa akka bishaanii fi xannachoota qaama saalaa f...
10/03/2023

Dhangala'aa qaama saalaa dubartii
********
Dhangala'aan qaama saalaa xaliilaa akka bishaanii fi xannachoota qaama saalaa fi ulaa gadaameessaa keessa jiruun burquun qaama saalaa qulqulleessuu fi dhukkuba nurraa ittisuuf gargaara!
Yeroo baayyee dhangala'aan kun fayyaqabeessa ( normal) ta'ullee yeroo garii fkn yeroo marsaa laguu, harma hoosisan fi kkf hammi isaa ,foolii fi halluun isaa jijjiiramuu mala!

Maaltu dhangala'aan kun akka jijjiiramu godha!
1. Wanta akka saamuunaan qaama saalaa keessa dhiquu
2. Kiniina Mala ittisa ulfaa
2. Baakteeriyaa ykn fangasii
3. Dhibee sukkaraa

Dhangala'aa sirrii (abnormal) hin taanee yoom jenna?
----
Yoo halluun, fooliin , fi hammi isaa kan duraanitirraa jijjiramee kan hooqsisu, miirri gubuu kan nutti dhagahamu ta'e mallattoo dhukkubaa ykn infeekshiinii tahuu danda'a!

Maal godhuu qabna?
✍ Qaama saalaa saamunaa foolii urgaawaa qabuun dhiquu dhabuu fi wantoota urgooftuu qaama saalaatti biifuu dhabuu
✍ paantii baayyee nama qabdu uffachuu dhiisuu
✍ yeroo sagaraa baane ykn qaama dhiqanne booda fuuldura gara duubaatti haquu . Kuniis akka Infeekshiiniin qaama saalaa hin seenne godha

Fayyaa hin dhabinaa!!

Where is the contribution of Ethio Telcom and Commercial Bank of Ethiopia for the drought in Oromia particularly in Bora...
09/03/2023

Where is the contribution of Ethio Telcom and Commercial Bank of Ethiopia for the drought in Oromia particularly in Borana?
Why you late?

09/03/2023

Allaattiin Gara Boru Balaliitu Fuula Deebitee Bulti.


Atis waan boruu karoorfadhuu Buli.

Mangistiin keenya kach jedheera kunoo.
09/03/2023

Mangistiin keenya kach jedheera kunoo.

Abba Zena Marqoos. Hayyuu, murataa, jabaa nama Waaqaati. Jabinaa fi haqummaa isaa waan itti beektuuf qeesotni Amaaraa is...
08/03/2023

Abba Zena Marqoos. Hayyuu, murataa, jabaa nama Waaqaati. Jabinaa fi haqummaa isaa waan itti beektuuf qeesotni Amaaraa isa sodaatu. Ni jibbu. Abba Zena Maarqos waliin abadan hin araaramnu jetti. Jibba Abba Zena Marqoos qofaa miti. Abboota keenya adda qoqqooddee rukutuu feeti. Deeggartootaa fi hordoftoota isaaniin adda kuttee rukutuu feeti. Kana abbootni keenya sirritti waan hubataniif baay’ee cinqamuun hin feesisu. Quba qabaachuun garuu fardii dha.

Adda hin baanu!
Kaayyoon keenya tokko!
Nutis tokko!

Kanuma jechaa jiru abbootni keenya. Abboota keenya jajjabeessuun dirqama!

07/03/2023

Dr. Hangaasaa fi Taayyeenis nagaan nuu deebi'aniiru.

Amma laaqana koo nyaadheen Bishaan Gold irratti dhugee bashannanaa jira. Isinis Bishaan keessan bitadhaa dhugaa!
06/03/2023

Amma laaqana koo nyaadheen Bishaan Gold irratti dhugee bashannanaa jira. Isinis Bishaan keessan bitadhaa dhugaa!

Rabbiin gaafa si boochisuu fedhe deeggaraa Maanchee si godha!!
05/03/2023

Rabbiin gaafa si boochisuu fedhe deeggaraa Maanchee si godha!!

Soddaa fi Hudduun Tirfiidha Eega goote fu baga itti cabsite!
03/03/2023

Soddaa fi Hudduun Tirfiidha Eega goote fu baga itti cabsite!

11/11/2021

Which African country comes to your mind when you hear the word "Pan-Africanism"

03/11/2021

- AFRICA'S 🌍 LARGEST HYDROELECTRIC DAMS :

1. GERD, Ethiopia 🇪🇹
2. Aswan High Dam, Egypt 🇪🇬
3. Julius Nyerere Hydropower Dam 🇹🇿
4. Cahora Bassa Dam, Mozambique 🇲🇿
5. Gibe III Dam, Ethiopia 🇪🇹
6. Inga Dam, DR Congo 🇨🇩
7. Merowe Dam, Sudan 🇸🇩
8. Akosombo Dam, Ghana 🇬🇭
9. Kainji Dam, Nigeria 🇳🇬
10. Tekeze Dam, Ethiopia 🇪🇹

This is profound....Connecting to ancestors through meditation at Cape Coast Castle in Ghana 🇬🇭, the very place where th...
03/11/2021

This is profound....Connecting to ancestors through meditation at Cape Coast Castle in Ghana 🇬🇭, the very place where thousands of our ancestors were bundled and shipped out as slaves.

🌍

Address

Hirna

Telephone

+251991310261

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hayat Love posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share