Gooba news network

Gooba news network Gooba ummata oromoo ossoo beekkuti PPn WBO wajjiin lola barbaada

Mormiin oromiyaa keessatti bifa kanaan dho'ee jira
06/12/2022

Mormiin oromiyaa keessatti bifa kanaan dho'ee jira

14/11/2022
12/11/2022

Dhimma anaaf Obbo Lammii Taayyee ilaalchisee waan na mudate sababnin haga har’aa calliseef,

1ffaa akka Ilma Oromoo tokkootti aadaa qabna akka aadaa keenyaatti waan maanguddummaa bira darbitu hin seene.

2ffaa Waa’ee Konkolataa dhabuu koo osoo hin taane waa’ee warra miila dhabaa jiruu, waa’ee Uummata lubbuu dhabaa jiruu fi kan maatii dhabaa jiru jalaa ajandaa fudhadhee sagalee xiqqoo isaan qaban tana jalaa hin hatu jedheeni.
Namoonni dhimma koof akka malee aartanii miira keessan ibsachaa turtanis jaalalaaf kabaja Oromummaa fi nageenya koof waan dhimmamtaniif hedduun isin kabaja ulfaadhaa!

Ani Jabana Roorroo irraa haga saaqi saanqaatti Konkolaataa mitii kophee gaarii osoo hin qabaatin, akka bineensaa adamsamaa, lubbuu koo irratti murteessee hiriyoota koo jajjaboo hedduu faana baqachuurra du’a filadheen waan keessa koof keessa uummataa jiru baasee dubbachaa ture. Kophee malees waggoota baay’ee deemeera waan ta’eef tarii yoon qananii wallaale malee rakkninaan waliif haaraa miti.

Hawwii Bilisummaa malee Aartii Oromoo keessa akka artistii keenya abaluun jireenya gaarii jiraadha wanti jedhamu hin jiru. Dhugaa sabaaf jiraattee isumaaf aarsaa taata. Anis tasa karaarraa itti goree osoo hin taane beekeen itti seene. Waa’ee koo akka haasa’amu hawwee hin beeku. Jaalattoota koon faarfamuu illee akka fannoottin ilaala.

Jaalattoota koo “ishoo” naaf jedhuu fi diina “qabi afaan kee hiree Eebbisaatu si eeggata” jedhee natti dhaadatu irraa kan hafe, Abalu naaf faarsi ykn abalu naaf arrabsi jedhamees ajajni qaama kamuu irraa natti kennamee sirbee hin beeku.

Erga dubbiin Konkolataa koo shira ta’uu baree Ji’a jaha guutuu namoota dhimma kana karaa adda addaa dhagahanii maxxansuuf na gaafatan dhorkaa kan maxxansan kadhadheen haqsiisaa ture. Maaf nu dhorka jettanii Kan anaaf jecha anatti mufattan baay’ee turtan.
Obbo lammiin biyya keessatti namootan ani kabjuuf jaaladhu hedduu jaarsummaaf yoo gaafatan na harkatti tuffatee daangaa irraan biyyaa bahe.
Erga Keeniyaa galeeyis namoota inni Boordii FIB Keeniyaa jedhee maxxanseen gaafachiisee deebii laachuu hin barbaanne.

Ammas hinuman dhokfadhe. Haadha fi abbaa koon illee soba konkolaataan koo garage jira jechaaniin ture.

Isin dhorkaa kanan tures isaaf haguuguuf ykn ofii balleessaa ta’ee osoo hin taane dhimma dhuunfaa koo tuffadheen waaqaa fi yeroof dhiise. Ani waaqaaf dhiisee deebi’ee harka hamaatti akkan hin kufne waanan beekufi.

Har’a karaan ani hin eegnen shirri wal fakkaatu namoota biraa irratti raawwatame isa saaxile. Dhibeen miidiyaa FIB keessa ture ifa bahuu keessa shira narratti hojjetame ani dhoksadhee ture faana bulgaafate.

Waa hundi yeroo isaa eeggatee ta’a.
Abbaa dhugaa yerootu ifa baasa, kan daba hojjetes yerootu saaxila!

Waan qabaachuu qabnus boru walumaan qabaanna.

Akka Oromoon nu jaalatuuf Pilaanii dhaba biyyaa malee pileeniiyyuu hin dhabnu!
Kan dhugaa dhabe maraaf waaqni haa birmatu.

Erga jalqabamee jedheen kaase malee dhimma kana irratti kana booda homaa hin dubbadhu waan ta’eef gara dhimma Oromoof haa deebinu.

Abbaan Boruu waaqa ta’uu beekna!

Na oofkalchaa!

11/11/2022

Dura taaa'aa itti aanaan KFO obboo Baqqalaa Garbaa haleellaan tibbana Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti raawwatamaa jiru qaamuma karoora Oromiyaa cabsuun Ummaticha gabroomsuuti jedhan.

Aggaammiin kun Wallaggarraa haa eegalu malee Oromoo mara qaqqabuuf kan danda’udha, waloon dura dhaabbachuutu barbaachisa jedhu.

Qaamni qabsoo hidhannootti jiru gaaffii fi kaayyoo siyaasaa mataasaa kan qabudha kan jedhan Obbo Baqqalaan, Ummata nagaa jimlaan duguuguun gaaffii kana dhaamsuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/18237/

10/11/2022

* Magaalaa Mandiitti haleellaa Diroonii kaleessa raawwateen yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa digdamaa olii battala darbe.

10/11/2022

Kasaaraafi Salphina Sabaa !!

10/11/2022

#ኦሮሚያ በኦሮሚያ ክልል ውስጥ በመንግስት እና በታጣቂዎች መሀል ውጊያ እየተካሄደባቸው ባሉ አካባቢዎች ንፁሀን ዜጎች ለሞት፣ መቁሰል፣ መፈናቀል እና መራብ እየተዳረጉ ነው።

በተለይ ከባለፈው ሳምንት ጀምሮ በተደረጉ ውጊያዎች እና የአየር ጥቃቶች በርካቶች ህይወታቸውን እንዳጡ እና እንደቆሰሉ የደረሱኝ መረጃዎች ይጠቁማሉ።

የ11ኛ ክፍል ተማሪ ልጃቸውን ያጡ አባት እንዲሁም በአየር ጥቃት ከ15 በላይ ሰለባ የሆኑ ሰዎችን የቀበሩ አንድ የሀይማኖት አባት (ሁለቱም ከ ቢላ ከተማ) ይህን በስልክ አረጋግጠውልኛል።

ጉዳዩን የአለም አቀፍ ሚድያ ችላ ብሎታል፣ የሀገር ውስጥ ሚድያው ረስቶታል፣ መንግስትም መረጃ እየሰጠበት አይደለም። ታጥቆ የሚዋጋው በፍላጎቱ ሊሆን ይችላል... በንፁሀን ዜጎች ላይ እየደረሰ ያለው ጉዳት ግን ሁላችንንም ሊያሳስብ ይገባል።

በሰሜኑ የሀገራችን ክፍል ተከስቶ ለነበረው ጦርነት የተገኘው መፍትሄ ወደ ኦሮሚያ ክልልም እንዲዘልቅ ጥረት ማድረግ ይገባል፣ ህዝብ እያለቀ ነው።

08/11/2022

Reenfi Alii Birraa erga irratti salaatamee booda gara Dirree Dhawaatti gaggeeffame

================

Artist Alii Birraa amantiisaatiin Muslima waan tureef salaatul janaazaan irratti salaatameera.

Salaata kana kan gaggeessan Pireezidantii Gumii Dhimmoota Islaamummaaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaadha.

Salaati reenfa Aliirratti kan taasifame Paarkii Michummaatti yoo ta'u, namoonni sirna gaggeessaarratti argaman haga salaanni xumuramutti eeguun sirni gaggeessaa gara magaalaa dhalootasaa taasifameera.

Alii Birraa maatii Muslimaa keessa kan dhalate yoo ta'u, fedhii fi dandeettii muuziqaa ijoollummaarraa qaburraa gara muuziqaatti seene.

Abbaansaa Obbo Mohaamed Muusaa Aliin barnoota Quraanaa (amantii Islaamaa) akka baratee daandii kanarra jiraatu fedhu turan.

Kanarraa ka'uunis mana barumsaa Quraa'aanaatti galchan.

Boodarra mana barumsaa mootummaatti wayita galchanis ilmisaa Aliin akka hojii makaanikii hojjetee of jiraachisu fedhaa ture.

Aliin daandii muuziqaa akka qabatu guddoo fedhuu baatus, garuu fedhii fi dandeettiisaa daangessuus hin fedhu ture.

Alii Birraa dhiheenya kana hojii muuziqaarratti xiyyeeffataa hin turre, hojii tola ooltummaa fi karaa amantii Islaamaa irra bu'ee akka ture miidiyaa biyya keesaa tokkorratti dubbateera.

Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa salaata erga gaggeessanii booda yeroo dhumaaf Alii Birraa waliin yaadannoo qaban akkasiin ibsan.

''Hospitaalatti gaafachuuf wayitan dhaqu guddoo dhibamee ture.

Bakka ciisuu ka'uu hin danda'u. Garuu osoo namni dhorkuu sireerraa ka'ee suuraa nu waliin ka'e. Waaqa biratti bakka isin dhaabatan isin waliin dhaabbachuu barbaada jedhee garaa nu rooraase.''

https://bbc.in/3Td9syE

Suuraa- OBN

08/11/2022

OMN is an independent and nonpartisan news enterprise whose mission is to produce original and citizen-driven reporting on Oromia.

08/11/2022

Du’aan Boqachuu Kabajamoo Aartistii Dr. Alii Birraa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo
******
Paartiin Koongirasii Federaalawaa Oromoo du’aan boqachuu hangafa aartii Oromoo kan ta’e Dr. Alii Muhammad Muussaa (Alii Birraa) tiin gadda cimaa itti dhagahame ibsaa, maatii hiriyoota akkasumas ummata Oromoo fi Itoopiyaa hundaaf jajjabina hawwa. Guyyaa har’aa Oromoo fi biyyi teenya Odaa aartii isaa guddaa fi mul’ataa ta’etu jalaa jige, kanaaf miira gaddaatiin haguuggamee jira.

Guyyaa jiguu Odaa aartii guddicha kanaa irratti gadda qofa otuu hin ta’in jiruu mikii walakkaa jaarraa bira darbee fii gumaacha inni biyyaafi ummata isaatiif godhe yaadachuu qabna. Alii Birraa urjii aartii Oromoo Baha Oromiyaa irraa argame; hundeessitoota baandii Afran Qalloo keessa tokko yoo ta’u ibsama hafuura hawwii saba keenyaa bilisummaa, walqixxummaa, haqaafii tokkumaaf qabuuti. Aliin calaqqisa daangaa ol aanaa jaalalaa, namoomaa fi Oromummaati. Muuziqaan isaa bu’uura dhaha sirba aadaa Oromoo otuu gadi hin lakkisin ammayyooma goonfachiisee aartii Oromoo sadarkaa hedduu kan olkaaseedha.

Aliin sirboota labata tarkaanfatan saniin xiinsammuu tokkummaa Oromoo kan ijaare yoo ta’u; adaa, afaan, seenaa, sirna, sona, qabeenya fi miidhagina uumamaa Oromiyaa aduynaaf beeksisee jira. Aliin sirboota isaatiin cunqurfamtoota mirgaaf akka falmatan kan kakaasu, eenyummaa isanitiin akka boonan kan jajjabeesu ture. Aliin ergaa jaalalaa, qabsoo fi namoomaa isaa afaan torbaan kan weellise, dhaloota dammaqsee fi aartiistoota Oromoo fi Itoophiyaatiif fakkeenya guddaa, galaa si’aayinaa fi jaboomaa ta’ee jiraate,ni jiraatas. Kana males, sirboonni Alii, haada jabaa ummata Oromoo biyyoota ambaa jiraatu biyya dhaloota isaa fi maatii isaa waliin miiraan walitti hidhanii dha.

Aliin gola onnee saba Oromoo hundaa kessaa bakka guddaa qaba. Dhiibbaan faana isaa yaadannoo gadi fagoo dhaloota ammaa fi dhaloota dhufu keessatti bocamee hafa; bara baraanis ni yaadatama. Hanga sabni Oromoo jirutti, sooddun yaadannoo Alii ni jiraata; sagaleen kiilooleen isaa sunis gurra aduynaatti dhangala’uu itti fufa.

Sagalee warra sagalee hin qabne ta'uudhaan walakkaa jaarraa oliif qilleensa addunyaa ittiin guutuu keetif; qusannaa tokko malee ofkennitee bilisummaa, walqixxummaa fi tokkummaaf aartii fayyadamuun falmachuu keetiif; guddina afaan, eenyummaa fi aartii Oromootiif gumaacha ol’aanoo gooteef sabni kee si kabaja, si galateeffata; goota keenyaas jedhee si faarfata.

Rabbi lubbuu kee jaannataan haa qananiisu. Maatii, sabaa fi jaallattoota kee hundaa Rabbiin haa jajjabeessu. Kan itti obsinu bakka bu’aa keetis nuuf haa kennu jenna.

Kongirasii Federaalawa Oromoo
Onkoloolessa 28, 2015 ALI
Finfinnee , Oromiyaa

08/11/2022
29/10/2022
29/10/2022

በትግራይ ክልል የሰብዓዊ እርዳታ እንዲገባ ሊፈቀድ እንደሚገባ የአለም የጤና ድርጅት ሃላፊዎች ተናገሩ።

በክልሉ ሚሊያኖች ስቃይ ውስጥ ይገኛሉ ብሏል ድርጅቱ።

የኢትዮጵያ መንግስት በበኩሉ የአለም ጤና ድርጅት ሊቀመንበር ዶክተር ቴዎድሮስ አድሀኖም ስልጣናቸውን አላግባብ በመጠቀም አባል ለነበሩበት ህወሃት እና ለትግራይ በመወገን የኢትዮጵያ መንግስት ላይ ጫና ለማድረግ እየሰሩ ናቸው በማለት ይከሳል።

ዝርዝሩን ለማግኘት : https://omnglobal.com/am/17484/

29/10/2022

Weerarri dhibee Busaa Oromiyaa keessatti mul'achaa jiru yaaddoo guddaa ta'ee jira jedhame.

Bookeen Busaa Keemikaala farra Bookee Busaa kana dura ture damdamachuu dandeessu Oromiyaa keessatti mul'achuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Amajjii 2022 irraa eegalee godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti weerarri dhibee busaa baballachuun lakkoofsi namoota dhukkuba busaan qabamanii akkaan dabalaa jiraachuu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bootoree himaniiru.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/17491/

23/10/2022

👉Suuraa keessan irraati Alaabaa Gochuu Dandeeysan. Photo kee miidhagsuuf gargaara.
👉Appii Kanaan salaphati asiin hin genye. 👉apii kana arkachuuf liink Kanaratii xuquun buufadha , laaluu dandeysa.
👇👇👇
https://sodare.kanapress.com/uffata-bituun-hafte/

🖤❤️🤍
Today's Best Photo🌿🥰

💙❤💙❤💙❤💙❤💙❤








23/10/2022

Warri Keenya Maasaa ofii keessa waan kana dhaabu. Ija namaa irra dabarsuuf. Keessa seentee suura ka'uu miti, ijaan qajeelchitee ilaaluun safuudha. Kan bara kanaa warra safuu hin beekne.

23/10/2022

Fayyaa adeeroo alii birraatiif du'aayiin teeysan murteeysituudhaa kanaaf Rabbi kadhaaf.
Bi'iznillaah ni fayya.

06/10/2022

welcome to My channel I'm Moha Oromo from ethiopia if you subscribe Moha Oromo you get more benefits. News blogging information vine....all entertainment...

06/10/2022

በኢትዮጵያ "አዲሱ የትምህርት ፍኖተ ካርታ" ፖሊቲካዊ ፍላጎት ያለው መሆኑ ተገለፀ።

ከፍተኛ የስነ ትምህርት ተመራማሪ የሆኑት ፕሮፌሰር ሁሴን ከዲር በፍኖተ ካርታው የተደረገው ለውጥ መሰረታዊ ለውጥ መሆኑን ተናግረዋል።

ተመራማሪው ከኦ ኤም ኤን ጋር በነበራቸው ቆይታ ፍኖተ ካርታው የኢትዮጵያን የትምህርት ችግር ያወሳስበዋል እንጂ አያሻሽለውም ብለዋል።

ዝርዝሩን ለማግኘት : https://omnglobal.com/am/16618/

06/10/2022

Waraanni waliinii ija addunyaa jalaa dhokate waggoota 4f Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiraachuu barruun maarsariitii Curate Oromia jedhamu ibse.

Waraana waliinii Oromiyaa keessatti dhiiga lammiilee nagayaa dhangalaasaa jiru kana biyyoonnii fi dhaabbileen biyyoota lixaa xiyyeefannoo kennuufii dhabuun gaaga'ama namoomaa naannicha keessatti hordofsiisuu barruun eeree jira.

Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbii argamsiisuun yoo barbaadame jalqaba Oromoo waltajjii marii irratti affeeruun akka barbaachisu xiinxala kana keessatti eeramee jira.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/16635/

06/10/2022

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeelitti qabata sakattaa WBOtiin ajjeechaa, hidhaa fi goolinsi hawaasa nagayaarratti raawatamaa jiru hammaataa dhufuu jiraattonni himan.

Bajatni 2015 ramadamu imala Biltsiginnaa milkeessuu qaba sababa jedhuun duulli haaraan bulchiinsa aanaatin nurratti labsamaa jiras jedhaniiru.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/16641/

03/10/2022

Artist Galaana Gaaromsaa fi Ilma Isaa G3

Today's best Photo Picture 🤍🤍🤍🤍🤍🤍❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️🤍🤍🤍🤍🤍









28/09/2022

Torbee Irreechaa ilaalchisuun qophiileen kabaja Ayyaana Irreechaa irratti fuulleffatan garaagaraan raawwatamaa jiru.

Qaama qophii Torbee Irreechaa kan tahe, dorgommiin miidhaginaa Miss Tourism Oromia inni 2ffaan har’a galgala Finfinneetti kan geggeeffamu tahuun beekameera.

Dorgommiin miidhaginaa Miss Tourism Oromia marsaa 2ffaan har’a Finfinnee Hoteela Skylight-tti kan geggeeffamu tahuu kan ibse Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa, agarsiisni Torbee Irreechaa qophiilee garaagaraa of keessatti hammate Hoteela Skylight-tti geggeeffamaa jiraachuus ibseera.

Dorgommiin Miidhaginaa Miss Tourism Oromia inni 2ffaan har’a geggeeffamu kunis qaamuma qophii kanaa ta’uu ibsuun, Agarsiisi Faashinii Irreechaa, Badhaasni Tuurizimii Lammaffaaniifi Sirna dhandhama Bunaa qaamuma qophii torbee Irreechaa kanaa tahuun geggeeffamaa jiraachuu ibseera.

Gama biroon Irreecha baranaa haala ho’aa fi miidhagaan kabajuuf qophiin gama hawaasaatiinis taasifamu cimee kan itti fufe wayita ta’u, Qeerroo fi Qarreen akkasumas dhalattoonni Godinaalee Oromiyaa garaagaraa Irreecha baranaa irratti bal’inaan hirmaachuuf qophiitti jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/16207/

27/09/2022

OMN - Gabaasa Addaa JAARDAGAA ( FULB 26, 2022)

Address

Karamile
Hirna
1234

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gooba news network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gooba news network:

Share