Moyi Ibsa

Moyi Ibsa Manifest your best self through your actions.

22/07/2024
01/03/2024

“Injifannoon Adwaa Mallattoo Tokkummaa fi Heddumminaati” Fiqaaduu Tasammaa

Mallattoo tokkummaa fi heddumminaa, calaqqee gootummaaf milkaahinaa kan ta’e guyyaa injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa dhaan nagaan ittiin isin gahe, ittiin nu gahe jechuun fedha.

Adwaan injifannoo lammiilleen Itoophiyaa hundi garaagarummaa tokko male bahaa hanga lixaatti, kaabaa hanga kibbaatti amantaa, aadaa, afaan fi eenyummaadhaan osoo wal hin qoodin waloodhaan dhaabbatanii diina koloniif aggaammate itti qaanessan, mallattoo gootummaa fi heddummina keenyaati.

Wareegama Itoophiyaanota hundaatiin kan argame injifannoon Adwaa tokkummaan iccitii milkaahinaa akka ta’e kan dhugoomse, waloominni daandii mo’attootaa ta’uu kan agarsiise, Itoophiyaanota irra darbee injifannoo gurraacha addunyaa hunda mataa ol qabachiise guyyaa addaati.

Sabootni, sablammootni fi uummattootni aarsaa kaffalanii kan nu goonfachiisan injifannoon Adwaa seenaa keenya kaleessaa gootummaa addaatiin kan barreesse, har’a tokkummaa fi obbolummaadhaan akka waliin imalluuf daandii kan nuu qajeelchee fi boruu keenya milkaahinaan kan dabaaledha.

Goototni kaleessaa tokkummaaf obbolummaa dhugaatiin waloon dhaabbatanii, Itoophiyaan biyya fedhii diinota isheetiin galma yaadde hanqattu akka hin taane fi qormaata ishee muudatu kamiifuu hin jilbeeffatin hirmaannaaf tumsa ilmaan isheetiin eegamtee fuula duratti imaltu akka taates agarsiisaniiru.

Injifannoon dirree Adwaa irratti goonfanne diinota keenya qaanessee kabaja biyyaa mirkaneessuudhaan gamatti heddumminni madda garaa garummaa osoo hin ta’in bu’uura tokkummaa, injifannoof milkaahinaa akka ta’e barnoota kan dabarse, Itoophiyaanotni eenyummaa isaanii kabachiisanii har'aan akka gahan kan sandeessisedha.

Dhalootni har’aatis gootummaa abboota isaa dhaaluudhaan amaanaa of harkaa qabuu tiksuu fi kunuunsuun seenessa dogoggoraa sirreessee, miira obbolummaa dhugaatiin ijaarsa biyya waloo dhugoomsuuf gahee adda durummaa bahachuu qaba.

Biyya abbootiin keenya kabajaan nu harkaan gahan kabaja ishee mirkaneessuu, seenaa hiyyummaa kaleessaatis badhaadhinaan dabaaluuf dhimmoota garaa garummaa keenya bal’isan maqsuudhaan daandii tokkummaa sab daneessummaatiin guddinaa fi badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsuuf haa tumsinu jechaa, irra deebi’uudhaan baga guyyaa injifannoo Adwaa wagga 128ffaan nagana ittiin nu gahe jedhuun fedha.

Ayyaana Gaarii

Fiqaaduu Tasammaa
Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

01/03/2024

DUBBII HAYYOOTAA

▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ “Yeroon kee daangeeffamee jira; kanaafuu jireenya namni biraa jiraatuun yeroo kee hin
qisaasessin! (Your time is limited, so don’t waste it living someone else’s life)”
─ Steve Jobs

❏ “Ani hiyyeessa qarshii argadhuunis kitaaba bitadha; kan irraa hafeen uffataa fi nyaataan bitadha.” ─ Erasmaas

❏ “Ati ifa qofa ibsi; dukkanni yeroo isaatti ni bada.”
─ Erasmaas

❏ ️“Namni dogoggora hin uumne, waan haaraa uumuu hin danda’u.” ─ Albert Aayinistaayin

❏ “Injifannoon guddaan jireenya keessatti gonkumaa kufuu osoo hin taane yeroo kufan
hunda bakka kufanii ka’uu dha.” ─ Nelson Mandela

❏ ️“Yoo wanta ati qabdu ilaalta ta’e yeroo hunda isa caalaa qabaatta; garuu yoo wanta ati
hin qabne ilaalta ta’e isaa gadi qabaatta.” ─ Ooppraah Wiinfreey

20/02/2024

Yaadadhu | Dubbiilee Hayyootaa

➊. Abrahaam Liinken
— Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
— Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
— Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
— Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

➋. Beenjaamiin Firaankiliin
— Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
— Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
— Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
— Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
— Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
— Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
— Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
— Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
— Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
— Okkoteen copha cophaan guutti!
— Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
— Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
— Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
— Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
— Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
— Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
— Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
— Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
— Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
— Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
— Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
— Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
— Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
— Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
— Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
— Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti.

20/02/2024

IMALA KEE DURSII KANA HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ 'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuuf hojjedhu! Hamma geessus hin ibsin; hammi geessu suniyyuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi!

» Imala milkii!
❍ Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaan immoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuu fi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.
❍ Kan akka hin taaneen si hordofu hin hordofin! "Jaldeessa faana dha'uun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo keetii hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabii riqicha ce'umsaa fi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota si hin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafnee fi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi!
⩩ Akkasuma, kan si faarsu faana of hin faarsin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduu fi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi! Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki! Badhaasni fi jajjabeessi siif hin malle itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'aa irra si qajeelcha. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi! Hubataa ta'i!
⩩ Kan siif jibbu jaalattee, kan si jibbu hin jibbin! Kan siif reebu ol kaastee, kan si reebu reebuuf yeroo fi anniisaa kee hin gubin! Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu!

28/01/2024

✔ Keemistiriin orgaanikii qu'annoo kompaawundoota kaarboonii ofkeessaa
qabaniiti.
✔ Keemistirin inorgaanik qu'annoo
kaarbooni of keessaa hin gabneeti.
✔ Haayidiro okaarboononni kompaawundoota haayidiroojiinii fi kaarboonii
qofa of keesaa qabani.
elementootaa i kompaawundoota
Alkeenonni, alkiinonni fi alkaayinoonni haayidirookaarboonota.
✔ Foormuulaan gooroo alkeenotaa C,Han2 dha.
✔ Foormuulaan gooroo alkiinotaa C,H, dha.
✔ Foormuulaan gooroo alkaayinootaa C,Han- dha.
Kompaawundoonni orgaanikii jireenya keenya guyyuu keessatti faayidaa
hedduu qabu.
✔ Oksaayidoonni kompaawundoota atoom-gos-lamee oksijini fi elementi
birooti.
V Oksaayidii asiidawOon bishaan wajiin yommuu walnyaate, bulbula
asiidawaa uuma.
✔ Oksaayidii beezawoon bishaan wajin yommuu walnyaate bulbula
beezawaa uuma.
✔ Asiidonni kompaawundoota bishaan keessatti yommuu bulbulaman,
ayoonii haayidiroojiini gadi lakkisani dha.

✔ Iskeeliin pH sadarkaa asiidummaa yookin beezummaa bulbula ibsuf
fayyada.
• Bulbulli gatii pH 7 gadi qabu asiidii dha.
• Bulbulli gati pH 7 qabu hinbaabsawaadha.
•Bulbulli gatii pH7 ol gabU alkaalidha.
✔ Beezonni bishaan keessatti bulbulaman alkaalota jedhamu.
✔ Alkaalonni wantoota yommuu bishaan keessatti bulbulaman ayoonii
haaydirooksaaydii gadi lakkisani.
✔ Amalootni asiidotaa fi beezotaa bulbula keessa jiraachuu H or OH iratti
hundaa'a
✔Agarsiistonni wantoota asiidoota fi beezota keessatti halluu adda addaa
agarsisanii fi wanti tokko asiidii yookiin beezii ta'uu isaa addaan baasUun
beekuuf gargaaraniidha.
✔ Asiidonni yommuu beezota walin walnyaatan wal hinbaabseessuun
ashaboo fi bishaan uumu.
✔ Asiidonni cimoon bishaan keessatti guutumaa guututti yookin sadarkaa
olaanaan ayoona'u.
✔ Asiidonni dadhaboon bishaan keessati, molakiyuulota isaani keessaa
baay'ee muraasa gofatu ayoona'a.
✔ Asiidonni cunqoon bulbula isaanii keessaa asidii baay'ee qabu.
✔ Asiidonni callabbaa'oon bulbula isaanii keessaa asiidi xinnoo qabu.

28/01/2024

Makaan yemmuu wantootni akaakuu lamaa yookiin lamaa ol ta’an adeemsa fiiziikaalaatiin walitti dabalaman uumamu dha.
Makootni makaa gos-tokkee fi gos-addeetti qoodamu.
Ruqooleen makoota walnyaatiinsa keemikaalaatiin waan wal hin fudhanneef maloota fiiziikaalaatiin gargar bahuu ni danda’u.
Qilleensi qulqulluun akaakuu makaa gos- tokkeeti
Sababootni gurguddoon faalama qilleensaa gochawwan namootaa fi maddoota uumamaati.
Suudootni jajjaboon faaltoota qilleensaa ta’an kanneen akka dhukkee cilee fi biyyee, fi poolanii biqiltootaa fa’adha.
Wantootni akka kaarboonmonooksaayidii, kaarboondaayooksaayidii, salfardaayooksaayidii, oksaayidoota naayitiroojiinii gaasota qilleensa faalanii dha.
Qilleensi faalame onnee, sirna hargansuu fi sammuu irratti miidhaa geessisuu ni danda’a.
Akkuma itti fayyadamiinsi teeknooloojii dabalaa deemuun, fedhiin anniisaas dabalaa waan deemuuf, hammi faaltoota qilleensaatti makaman dabalaa deema.
Hamma faaltoota qilleensa naannoo fi qilleensa mana keessatti dabalamuu danda’an, maloota yookiin karaalee faalama qilleensaa ittiin hir’isanitti gargaaramuun ittisuun ni danda’ama.
Dhibeen sombaa fi infuleenzaan dhukkuboota qilleensaan daddarbaniidha.

28/01/2024

Molakiyuulota – jechuun adeemsa suudoowwan dhangala’oo tamsa’anii
hurka uumaniidha.
- suudoowwan xixiqqoon kompaawundootaa yookiin
elementoota kanneen akka amala elementichaa
(kompaawundichaa) qabanii fi kan of danda’anii kophaa
isaanii jiraachuu danda’aniidha.
 Molakiyuulonni atoomota irraa ijaaramu.
 Molakiyuulota akaakuu lamatu jiru. Isaanis:-
1. Molakiyuulota Elementii.
2. Molakiyuulota Kompaawundiiti.

𝗕𝗶𝘆𝘆𝗶 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮𝗳 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲 𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂𝘂𝗳𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝘁𝘂!ለሁሉም ያለሆነች ሀገር ለማንም አትሆንም!*******Biyyi hundaaf hin taane eenyuufuu ta'uu hin...
27/11/2023

𝗕𝗶𝘆𝘆𝗶 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮𝗳 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲 𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂𝘂𝗳𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝘁𝘂!
ለሁሉም ያለሆነች ሀገር ለማንም አትሆንም!
*******
Biyyi hundaaf hin taane eenyuufuu ta'uu hin dandeessu. Biyya hundaaf mijattuu taate fi heddummina lammiilee isheetiin miidhagina goonfattee badhaadhinatti ceete horachuudhaaf ammoo dhugaa waloo mirkaneessuun murteessaadha.

Waloodhaan male, gamaa fi gamana dhaabbachuudhaan akkasumas dhugaa waloo moggaatti dhiifnee dhugaa gar-tokkee qofa tarkaanfachiisuun imala badhaadhinaa itti fufsiisuu hin dandeenyu. Jireenyi fi eenyummaan keenya akka cancalaa kan walitti hidhateedha. Kanaafuu galma gahiinsi imala keenyaa kan dhugoomu dhugaawwan akka walootti waliin qabnu jabeessinee itti fufsiisuu yoo dandeenye qofaadha.

Dhugaa waloo mirkaneessuu fi waloodhaan dhaabbachuu hanga hin dandeenyetti guddina barbaadamuu fiduu fi ariitii yeroon gaafatuun imaluun rakkisaadha. Kana dhugoomsuudhaaf ammo walii galtee waloo uumuun barbaachisaadha.

Imalli dhugaa gar tokkee qofa qabachuun taasifamu walitti bu’iinsaa fi kufaatii male milkiitti nama hin qajeelchu. Kanaafuu misoomaa fi guddina amansiisaa ta’e mirkaneessuudhaan biyya badhaadhinni hunda galeessi itti mirkanaahee fi hunda keenyaaf taatu horachuudhaaf waloodhaan haa dhaabbannu.


#ብልፅግና

15/11/2023
15/11/2023
15/11/2023
Istirookii (Stroke)*******************AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNAA?1. Dhiibbaa dhiigaa ofii ilaalchisuu fi yoo olka'aa ta'e...
15/11/2023

Istirookii (Stroke)
*******************
AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNAA?
1. Dhiibbaa dhiigaa ofii ilaalchisuu fi yoo olka'aa ta'e yaalamuu. Isa kana irratti namoonni baayyeen mana yaala deemanii dhiibbaa dhiiga isaanii hin ilalamne waan ofirratti hin beekneef dhiibbaan olka'ee yeroo dheeraaf turee erga sammuu keessatti dhiiganii booda akka dhiigni isaanii olka'e baru.

2. Ulfaatina hir'isuu fi sochii qaamaa yeroo yerootti gochuu. Nyaata dhiibbaa dhiigaaf dhukkuba kanaaf nu saaxilan keessumaa ashaboo fi coomaa irraa of qusannee bakka isaanii fuduraaf kuduraa baay'isuudha, Akkasas tamboo xuuxuu irraa of qusachuu.

3. Dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuu, yoo kan dhugnu ta'e hamma isaa baay'isuu hin qabnu.

4. Dhibee onnee yoo qabaanne yaalamuu, (keessumaa ammoo onneen keenya yoo dha'atu yoo sirrii ta'uu baatee).

*******************
MALLATTOO ISAA
-Akka taasaatti (sudden) qaamni gama tokkoon yokaan gam lamaan socho'uu dadhabuu.
-Akka tasaa iji arguu dhabuu.
-Mataa dhukkubbii baay'ee hamaa ta'e akka tasaa namatti dhufuu.
-Of wallaalanii kufuu, balaqqamuu.
-Afaan dubbachuu dadhabuu.
-Fuulli gamtokkotti (gara bitaa yokaan mirgaatti jal'achuu) fa'i.

*******************
Fayyaan Faaya
©️ Dr. Gurmeessaa (Ispeeshalistii dhibee keessoo)

((Qissa aja'ibaa !!))Zamana Nabi Suleeymaan A.S Keeysa Gurbaan Tokko Intala Takka Fuudhe. Gurbaan Kun Halkan Aruusa Isaa...
05/11/2023

((Qissa aja'ibaa !!))

Zamana Nabi Suleeymaan A.S Keeysa Gurbaan Tokko Intala Takka Fuudhe. Gurbaan Kun Halkan Aruusa Isaa Nabi Suleeymaan Afeere.
Nabi Suleymaanii Afeerraa Tana Dhaquuf Qophaahu tti Jiru Malakul-moowtiin Nabi Suleeymaani tti Dhufee Eeysa Deemuuf Deemta ? Ja'ee Gaafate. Nabi Suleeymaaniis Akka Aruusa Dhaquuf Deemu Itti Hime. Malaa'ikichiniis Gurbaa kana Ruuhii Isaatiin Fuudhuuf Deemaa Ati Hin Dhaqin Nabi Suleeymaaniin Ja'e. Nabi Suleymaan Rifatee ti Osoo Aruusa Hin Dhaqin Hafe. Garuu Gurbaan Osoo Hin Du'in Guyyaa Itti Aanu Nabi Suleeymaan Eda Maaliif Hafta ? Ja'ee Gaafate. Nabi Suleeymaaniis Ajaja Rabbii tiin Akka Hafe Itti Hime.

Malakul-moowtiin Guyyaa Lammadaa Nabi Suleeymaan Bira Dhufee Waan Ruuhii Gurbaa kanaa Hin Fuudhiniif Akkana Jachuun Itti Hime........ Hulaa Gurbaa Aruustichaa kana Dura Intala Dullattii Takkaatu ture. Gurbaan kuniis Maal Haajamte ? Ja'ee Dullattii Tana Gaafate. Isiiniis Niin Beelawe Isaan Jatte. Aruustichi kuniis Nyaata Isiniif (nabi suleymaaniif) Qophaawee Isiif Khanne. Isiiniis Nyaata Mootoonni Nyaatu Isii nyaachisuuf Hedduu Gammaddee "Yaa Rabbi Umrii Isaa Dheereeysi" Jattee Gurbaa kanaaf Du'aa'ii Gootee Saniifiin Ruuhii Isaa Fuudhuu Dhabe Ja'ee Nabi Suleeymaaniif Hime.

SUBHAANALLAH.......
Sheekni Tokkoos Akkana Ja'e...
" Yoo Shimbirroo Takka Tan Dheebottu Agarte Bishaan Obaasi, Sababa Ati Isiif Rahmata Gooteef Jacha Rabbiin Siif Rahmata...

""Nyaata Hanbaa (bocola) Yaroo Gad Neeyxu Sawaaba tti Niyyadhuu Facaasi, Wanti Afaan Hin Beeyne Nyaachuu tu Malaa sababaa kanaaf Ajrii Arkatta...

"" Yaroo Risaalaa Takka Share Gootu cufa Sawaaba tti Niyyadhu Ajrii Rabbi biraa Ni arkattaa !..

Akkasuma Seenaa Tanallee Sawaaba tti Niyyadhuu Share Godhi sawaaba Rabbi Biraa Niqabdaa...

16/10/2023
Gartuu dhiigaa fi amala namaa!***************************Qorannoon baayyee cimaa fi gad-dagoo tahe jiraachuu baatus gart...
16/10/2023

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!
***************************
Qorannoon baayyee cimaa fi gad-dagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama!
************************
1.Gartuu dhiiga A
********************
Namoonni kun cimoo , hojjii kan jaallatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojjii tartiiban hojjachuu , qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu
Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.
Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu!

2. Gartuu dhiiga B
***************************
Namoonni kun hojjii kalaqaan beekamu , waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan.Akkasumas yeroo tokkotyi waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu!
Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu!
Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu , jijjiiramuu , maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!

Gartuu dhiigaa AB
************************
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha!
Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu.
Nagaa buusuu , namaan walii galu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.

4. Gartuu dhiiga O
****************
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqqoon warra hin qabamneedha!
Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaallatu!
Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman , amanamoodha fi wanta haaraatti dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu!
Jarri kun hinaaffaa , of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isinhoo kam keessa jirtu????
*************************
Galatoomaa!!!
Dr Oliyad
Follow godhani

Waan Dhageenyetti Haa Daleeynu•••••••••••••••••••••••••••••••••••Wayta hadiisa takka dhageenyu, ykn ammoo barumsa diinii...
15/10/2023

Waan Dhageenyetti Haa Daleeynu
•••••••••••••••••••••••••••••••••••

Wayta hadiisa takka dhageenyu, ykn ammoo barumsa diinii tokko akkuma barannee irraa baaneen, iimaanni keenya haalaan dabala. Sodaan nuti Rabbiif qabnus, akkasuma ni dabala. Garuu guyyaa muraasa, ykn torbaanii fi ji’a booda iimaanni sun gad bu’aa deema. Yeroo heddu mudannoon kun waannuti waan dhageenye dalagaarra oolchuurraa of qusannuuf mudata.

Waan dhageenye tokko dalagaarra oolchuun faaydaa guddaa nuuf qaba. Ammoo waan dalagnu san guyya guyyaan itti dabalaa deemuunis barbaachisaadha. Waan dhageenye tokkotti dalaguurraa boodatti harkifanna taanaan, sheeyxaanni nu jidduu seenee nu waswaasuu jalqaba. Kana booda waan dhageenye san akka iraanfannuu fi irraa fagaannu nu taasisa. Waan dhageenye san battaluma dhageenyetti yoo dalagaarra oolchine, ammoo dalagaan birootis nuuf laafa. Iimaanni keenyas haalaan jabaataa deema.

Rabbi qur’aanaa akkana nuun jedha:

Warra Karaa keenya keessatti qabsaa’an, karaa keenya isaan qajeelchina. (Al Ankabuut 29:69)

Kanaafuu karama Rabbii keessatti qajeellee argamuudhaaf waan dhageenyetti dalaguuf yoo tattaaffanne, qarqaarsa Rabbii ni arganna. Kanaanis milkii dhuma hin qabne argachuu dandeenya.

Rabbi warra toltuu dhagahetti saffisaan dalagu nu haa taasisa.

MALA ITTISA  DA'UMSAA KAN UUMAMAA:****Warreen mala of qusannootiin guyyoota akkamitti yoo of qusanne da'umsa ittisuu dan...
15/10/2023

MALA ITTISA DA'UMSAA KAN UUMAMAA:
****
Warreen mala of qusannootiin guyyoota akkamitti yoo of qusanne da'umsa ittisuu dandeenyaa? Jettanii na gaafattaniif. Guyyaa marsaan laguu itti dhufe ( GUYYAA ISA JALQABAA IRRAA KAASNEE ) guyyoota 14 lakkoofna, guyyaan kun guyyaa itti marsaa itti aanuuf hanqaaquun gadi dhiifamudha.

● Guyyaa kana fuuldura guyyaa sadiif, guyyaa kana booda guyyaa lamaaf walumaa galatti guyyaa shaniif ( 11-16 ) yeroo itti carraan ulfaa'uu olka'aa ta'e dha.

● Guyyaa kana fuuldura guyyaa shan sana boodas guyyaa shan walqunnaamtii saalaa irraa of qusachuun carraa ulfaa gadi huusuu mala jechuudha.

Fakkeenya 1. Marsaan laguu gaafa Fulbaana 1 yoo dhufe, hanqaaquun kan gadi lakkifamu gaafa Fulbaana 14 ti jechuudha. Kanaaf fuulbaana 14 dura guyyaa shan, fulbaana 14 booda guyyaa shan (Fulbaana 9 haga 19) walqunnaamtii saalaa irraa of qusachuudha.

Fakkeenya 2. marsaan laguu gaafa Caamsaa 22 yoo dhufe, hanqaaquun kan gadi lakkifamu gaafa waxabajji 6 yoo ta'u, guyyaa kana dura guyyaa shan (waxabajji 1 haga waxabajji 11), guyyaa kana booda guyyaa shan walqunnaamtii saalaa taasisuu dhiisuudha.

Malli ittisa dahumsaa kun walumaa galatti dandeettiin ittisuu isaa haga warra kanneenii ( qorichoota) hin gahu.

TRUE LOVE CANT MEET ALL YOUR NEEDSYour partner can’t meet all your needs to be seen and heard. Sounds sad, doesn’t it?I ...
15/10/2023

TRUE LOVE CANT MEET ALL YOUR NEEDS

Your partner can’t meet all your needs to be seen and heard.
Sounds sad, doesn’t it?

I am talking specifically about being interested in your hobbies and or constant emotional looping.

It is ironic, because I say my best advice is to look for a partner that can be consistently attuned, responsive, engaged, sensitive, fair, safe and reliable. I stand behind that 100%. You just have to understand what primary needs are vs. secondary needs. Not all your needs are primary needs, even if they feel like it.

A healthy partner will NOT want to give you their undivided attention to listen daily about your hobbies and every day issues outside of the relationship. They won’t want to hear your favorite podcast or attend your favorite conference. That doesn’t mean that they are not attuned, responsive or engaged with you. It means that these are secondary needs.

You know who that is for? Extended friends and community. When you take responsibility for not expecting your lover to be your entire inner circle, the relationship thrives. You leave the small circle of two and become enriched with other people, ideas and experience and come back full to your partner. This is the way to thrive together vs. burn each other out.

You can not make your lover into your surrogate best friend that is constantly embroiled into listening to your interests, hobbies, emotional world, your sadness, depression, angst and personal thoughts daily.

They will get burned out.

The more severe trauma we carry in our system the more we fight to be heard and seen by our partner. But that hurts our relationship. We become like a child constantly tugging at mom’s skirt for her to: Watch this mommy, watch this!

When we don’t receive enough attention in childhood, we think we can make our partner our best friend and our relationship suffers. At worst we learn to fake being in distress to get more attention and our partner burns out.

The partner is there to create emotional safety for you around your primary needs, but they are not there to become all the friends and community that you should be creating around you to listen to your deepest interests, hobbies and emotional looping. If you don’t have friends and community, take responsibility for that and make a change.

For example, my husband will always be there to hear my heart if I am hurting about something in the relationship. He won’t rest until we are well and connected to each other. He is 100% responsive to my primary needs. He supports my hobbies and encourages me to seek them out. But he will not be here to listen to my synopsis around every new book, podcast or experience I have had around my interests. He can listen a bit to my heart if I feel hurt over a friend, but he can’t be there to process it with me all the time like a therapist or community member.

My ex boyfriend on the other hand would try to make me feel bad about hobbies he didn’t agree with, like me going to a spiritual talk. He would use sarcasm as a way to make me feel inferior for having spiritual interests. This is a partner that is not sensitive or supportive. I am so glad I am not in that relationship anymore. Emotional abuse is very subtle.

Even though my husband and I are both spiritual we have different practices, listen to different teachers and have different interests around it. But we respect each others direction even if we might not understand it. That is the difference between my ex and my husband. I am allowed to be my own person with my husband, but he has his boundaries around his time and what he chooses to listen to or not.

Secure attachment is NOT meeting ALL of the NEEDS of your partner. There are secondary needs we need to share with a friends, community, a therapist or coach and being more comfortable in our own aloneness. Secure attachment IS holding your partner’s secondary emotions and interests with care and respect, but not necessarily needing to be enmeshed in them.

This is hard stuff. And the trauma to feel heard and seen is deep and extremely painful. This is where we learn to reparent ourselves.

Gigi Azmy

Oromoon har'as walliiftuufi qabsooftuu dhaloota qartee dhabe. Halloo Daawwee wallistoota dhaloota lammaffaa (second gene...
15/10/2023

Oromoon har'as walliiftuufi qabsooftuu dhaloota qartee dhabe. Halloo Daawwee wallistoota dhaloota lammaffaa (second generation) muuziqaa Oromoo kan ammayyaa keessaa tan hangafaa turte. Dhaloonni jalqabaa ( pioneers) kanneen akka Wasanuu Didoo, Ali Birraa, Shantam Shubbisaa fa'adha. Dhalloonni lammataa kan bara 1980moota keessa sirboota isaanii kaassetaan maxxansanii bahaniidha. Halloo Daawweetiin hangafee kannaane akka Ilfinash Qannoo, Adam Haarun,Zarihun Wadaajoo, Almaaz Tafarraa, Kadiir Sa'id, Abdullaahi Jirmaa, Abbitoo Kabbadaa, Solomoon Dannaqaafi kanneen dhaloota lammaffaa kana keessatti argamu.

Dhaloonni jalqabaa qaanqee qabsoo bilisummaa Oromoo yoo qabsiisu, dhaloonni lammataa, Halloon faa keessa turan, haala akkaan hamaa ture keessatti, qaanqeen hangafoonni isaanii qabsiiseen sun akka hin dhaamneef jala afuufaa turan. Baroonni 1980moota yeroo cunqursaan Darguu bifa saansuriitin ( censorship) wallee Oromoo ukkaamsuuf hedduu itti carraaqu ture. Haala san keessatti Halloon faan soogoofi soorgoodhaan saansurii jala miliqaa dhaamsa qabsoo dabarsaa turan.

Wallistoonni dhaloota lammaffaa kun muuziqaan Oromoo haala qabatamaa jireenya ammayyaawaa deemaa jiruun akka wal simatuuf hojii guddaa dalagan. Dhaloonni baroota san keessa magaalawaafi barnoota ammayyaatiif saaxilamaa dhufe sun, jaalala, gadda, gammachuufi hawwii isaa sirboota afaan ifiitiin akka ibsatu dandeessisuun hirkatummaa afaan alagaa irraa bilisa baasan. Hojii kana keessatti Halloon, hayyummaa Abdi Qopheetiin deeggaramaa, waahillan ishii kanneen akka Adam Haarunfi Kadiir Sa’idiin waliin qindoomuun muuziqaa Oromoo ammayyeessuu keessatti shoora madaalli hin qabne taphatte.

Yeroo jalaqaatiif Halloo kanin ijaan arge gaafa bara 1992 yeroo Hawwisoo Caffee Gadaa waliin naannawa ani itti dhaladhe Laga Darbaatti Waraana Bilisummaa Oromootiif agarsiisa gochuuf dhufte ture. Hidhannoo guutuu waliin naannoo ( shurrubaa) ishii fashii fash gochaa

Ka’ee lafaa hidhadhee qawwee tiyyaa
Diinakoo cabsuudha niyyaa tiyyaa
Kanaafuu ammaas deemuu kiyyaa
Nagayaan jiraadhaa yaa obboleeyyan tiyyaa

Jettee yeroo jalqabdu qonnaan bultoota miiraan maraatanii dhungachuuf waltajjitti fiiganiin sagalee-guddistuun si’a meeqa lafa dhahee sagantaan kukkutamaa ture.

Yeroo dhumaaf Halloo kanin arge mana hidhaa Qaallitti dhuftee yeroo nu gaafattetti. Yeroon san yeroo gameeyyiin qabsoo gariin gara miidiyaa mootummaatiin faallaa kaayyoo kaleessaa qabsaa’aafi turanii dubbatan waan tureef “Yaa Jawaar kiyya hiyyoomtu daaraa nyaadhu malee , daartu qullaa deemi malee, xabshooytu kadhadhu malee hancufa kaleessa tufte deebitee hin liqimsin. Rabbiin dura si tolchee booddee sin fokkisin. Tanumaan sitti dhaamuu dhufe” jettee gurratti na haasaatee deemte. Halloon akkuma dhaamsa ishii gaafa tokkos xurree qabsoo joollummaan qabattee irraa osoo hin gorin gara fuula rabbi deemte. Halloo haadha teenya galanni ishiin saba kanarraa qabdu lakkaayamee hin dhumu. Rabbi raahmta haa godhuuf. Maatii ishiitiif jajjabina haa kennu.

14/10/2023
07/10/2023
𝐈𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐨𝐨𝐦𝐚, 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐢𝐱𝐱𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐨𝐛𝐛𝐨𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚!**** Irreechi sirnaafi seera, safuufi safeeffannaa qaba. ...
06/10/2023

𝐈𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐨𝐨𝐦𝐚, 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐢𝐱𝐱𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐨𝐛𝐛𝐨𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚!
****
Irreechi sirnaafi seera, safuufi safeeffannaa qaba. Sirni irreeffannaa kun, malkaawwan ulfootti raawwatama. Oromoon faaya aadaa, uffannaafi marga jiidhaa harkatti qabachuun wayita gara malkaa deemu, faaruufi sirboota aadaa qalbii namaa hawwataniin imala isaa faayee, uumaa waggaan maree isa dhaqqabsiiseen ‘mareehoo’ jechaa malkaa bu’a.

Abbaan Malkaas, Abbootii Gadaafi Haadhoolii Siinqee waliin ta’uun, sirna irreeffannaaf, jila Irreechaa hawaasa bal’aa umuriifi amantaan osoo hin qoodiin waloomaan gara malkaatti imaluun irreeffatu.

Irreechi jaalala, obbolummaafi nagaa waan ta’eef, qajeeltoofi duudhaalee sirnichaa qixaan fayyadamuun qabeenya hambaa addunyaa akka ta’uuf hojiin maqaa gaarii roga gaariin beeksisuufi hubachiisuu, dhaloonni egeree sirna duudhaa ganamaa abbootiin keenya tursiisanii har’aan gahan kana kunuunsuufi tikfachuun tumsa barbaachisu gochuun murteessaadha.

Ayyaanni Irreechaa qabeenya guddaa Oromoo Baha Afriikaa irra jiraatanii ta’aa dhufee jira. Irreechi, Oromoota biyya keessaafi ala jiraataniin, akkasumas, ummattoota obbolaa waliin kan kabajamudha. Irreechi tokkummaa Oromoo cimsuun alattis hariiroo obbolummaa, waliin jireenya ummattoota biyyittii walitti fiduu keessatti shoorri qabu guddaadha. Lammiilee biyya alaa birattis hubatamaa dhufuun yeroo dhiyoo asitti ayyaanicharratti hirmaataa jiru. Irreechi bara kanaas Fulbaana 26 Hora Finfinnee, Fulbaana 27 bara 2016 ammoo Hora Harsadee Bishooftuutti wal duraa duubaan kabajama.

Ummanni keenya aadaa boonsaa qabnuun, saboota, sablammootaafi ummattoota biyyaafi lammiilee biyyoota biroo irraa Irreecha bara kanaa Oromoo waliin kabajuuf dhufan simachuun waliin kabajuun guddummaa keenya addunyaaf mirkaneessuu qabna. Irreechi qabeenya waloo biyyaati. Irreecha mallattoo walqixxummaa, jaalalaa, nagaa, araaraafi tokkummaati. Milkaa’ina Irreecha bara kanaaf tumsa nurraa eegamu taasisuu qabna.

Address

Aretenga
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moyi Ibsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Nearby media companies