Visit Hararge

Visit Hararge Photographer
Editor
Director

DambidoollooLixa Biiftuu
21/02/2024

Dambidoolloo
Lixa Biiftuu

Siyaasaa fi Hammeenya IsaaNamni Suuraa Armaan Gadii irratti Argitan kun Koloneel Ibiraahim Shemseddiin Jedhama. Bara 199...
17/02/2024

Siyaasaa fi Hammeenya Isaa

Namni Suuraa Armaan Gadii irratti Argitan kun Koloneel Ibiraahim Shemseddiin Jedhama.

Bara 1995 preezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al-Bashir Shira Xaxuudhaan Himatamee Mana Hidhaatti Darbatame. Pireezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al-Bashir, "Koloonel Ibiraahim Eessa Dhaqe ?" Gaafin Jedhu Ummata irraa Isaan Cinquu Jalqabe. Gaafin kun kan Isaan Cinqe Pireezdaantii Umar Deebii Akkas jedhu Deebisan!

"Bara 2008tti koloneel Ibraahim Shamsedin Sababa Balaa Xiyyaaraatiin Du'uu Isaa Ummataaf Beeksisan"

Garuu Dhugaan Jiru Waan Biraa Ture Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Ibraahim Shemseddiin hin Duune !!!

Umar Hasan al-Bashir Mana Hidhaa Dhoksaa Lafa Jalaa, Addunyaa irraa Adda Baafame Lafa Jalatti isa Hidhe, koloneelli kun Mana Hidhaa Lafa Jalaa Jiraachuu itti Fufe. Gidiraa fi Rakkina Hedduu Dandamatee Dhumarratti Yeroo Umar al-Bashir Teessoo irraa Gadhiisu Koloneel Ibraahim Lubbuun akka Jiru Addunyaan Beekte.

Namoonni Siyaasaa akka Malee Gara Jabeeyyiidha.Umar Hasan al-Bashir kana Godhe.Innis Dabaree Isaatin Shira Bara Sirna Isaatin Hojjateen Mana Hidhaa Galeera.

"Qodaa Itti Safarteen Siif Safarama" kan Jedhameefis Kanaafi.

Maddi: Sudan News

Gujii
16/02/2024

Gujii

Gujii
16/02/2024

Gujii

Of Eeggannoo jireenya keenya keessatti gochuu qabnu!- Namoota si tuffatan waliin gonkumaa hin socho'in! - Namoota namumm...
14/02/2024

Of Eeggannoo jireenya keenya keessatti gochuu qabnu!

- Namoota si tuffatan waliin gonkumaa hin socho'in!
- Namoota namummaa keetiif gatii hin kennine waliin gonkumaa hin socho'in.
- Namoota hojii kee keessatti gonkumaa cimina ke hin argine waliin gonkumaa hin socho'in.
- Namoota galmi isaanii kaayyoo isaanii/ Maallaqa qofa ta'e waliin gonkumaa hin socho'in!
- Namoota yeroo hunda dogoggora kee irra deddeebiin akka hojjettu si eegan waliin gonkumaa hin socho'in!
- Hammam carraaqqii gootus, namoota waa'ee kee waan gaarii hin argine waliin gonkumaa hin socho'in! -Namoota guddina xiqqoo kee gonkumaa kabajuu hin barbaanne waliin gonkumaa hin socho'in!
- Namoota gatii akka keetii qaban waliin socho'i!
- Namoota kennaa Waaqayyoo jireenya kee irratti siif kennetti amanan waliin socho'i!
- Namoota waan gaarii si keessa jiru baasan waliin socho'i!
- Namoota dhukkubbiin itti dhaga'amu waliin socho'i!
- Namoota waan hojjettu caalaa akka hojjettuuf si jajjabeessan waliin socho'i!
- Namoota dhugaadhaan si jaallatan waliin socho'i!
- Namoota keessi isaanii siif amanamoo ta'an waliin socho'i!
- Namoota dogoggora kee arganii, dhugaadhaan si gargaaruu barbaadan waliin socho'i!
Namoota yeroo kuftullee dhugaadhaan si gargaaran waliin socho'i!
- Namoota sirrii taʼan waliin taʼuun jireenya keessatti hammam akka fagaattee deemtuuf ibsituu taʼuu dandaʼa.

Itti yaadi!
Kun Oolmaa keenya guyyaa guyyaa keessatti kan argaa oolludha.

Taphataan garee Nigeria Wiliyaam Troost-Ekong biyya Netherland magaalaa Harlem jedhamu keessatti haadha isaa lammii Neth...
14/02/2024

Taphataan garee Nigeria Wiliyaam Troost-Ekong biyya Netherland magaalaa Harlem jedhamu keessatti haadha isaa lammii Netherland fi abbaa isaa lammii Nigeria irraa dhalate. Ekong, barnoota isaa itti fufuu dhiisee kubbaa miilaa taphachuuf murteessuu isaatiin haatii fi abbaan isaa addaan ba'an.

Harmeen isaa mul'ata isaa kana deeggartee sanada isaa mallatteessitee Akkaadaamii Kubbaa Miilaa Tottenham biyya England galmaa'ee akka taphatu goote. Booda abbaan isaa jabina mucaa isaa ilaalee Ekong waliin bara 2018 keessa walitti araaramani. Har'a immoo biyya isaaf Waancaaf taphata.

Yeroo mul'ata keenyaaf jiraachuu eegallu, nama mul'ata keetti gufuu ta'an hedduutu si mudata. Akka galma yaadde hin geenyeef qorumsa hammana hin jedhamnetu sirra gaha. Namoota mul'atakee deeggaran waliin hidhatakee jabeessii warreen si morman ofirraa reject godhi. Taphataan kun otuu mul'ata isaaf hin jiraanne ta'e silaa anis waa'ee isaa isiniif hin barreessu, Addunyaan kunis isa hin beektu, hojii isaattis fiixaan ba'insa dhabuu mala.

Waan namni siin jedhu dhiisii waan mul'anni kee siin jedhu dhagahi. Booda jabina kee arganii ofii isaaniiyyuu mul'ata kee deeggaruu danda'u. "Jabaa giddii jaallatu!" Gaafa jabaattu giddiima jaallatamta.
©Facebook

🥰🥰
13/02/2024

🥰🥰

Finfinnee!
07/02/2024

Finfinnee!

Gujii Oromiyaa
31/12/2023

Gujii Oromiyaa

Wancii📷 Visit Oromiaa
30/12/2023

Wancii
📷 Visit Oromiaa

Finfinnee!
20/12/2023

Finfinnee!

Borana National Park!Paarkii Biyyaalessaa Booranaa!
19/12/2023

Borana National Park!
Paarkii Biyyaalessaa Booranaa!

Aadaa bareeda qabnaaHin jiruu kan keenya gituu...
29/11/2023

Aadaa bareeda qabnaa
Hin jiruu kan keenya gituu...

21/11/2023

Adaamaa
Camera: Falmataa Phaawuloos
Editor: Obsumaan Andargeee

Birraa wal agarraa vs Baala gizee
21/11/2023

Birraa wal agarraa vs Baala gizee

Adaamaa!📷 VVisit Oromia
15/11/2023

Adaamaa!
📷 VVisit Oromia

Ilu Ababor’s Sor Waterfall, located in the heart of a green forest, is a natural wonder that won the Visit Oromia Touris...
12/11/2023

Ilu Ababor’s Sor Waterfall, located in the heart of a green forest, is a natural wonder that won the Visit Oromia Tourism Award of 2023 in the Best Eco Tourism category. The waterfall's cascading water creates a symphony of soothing sounds, and the misty spray that fills the air adds a touch of magic to the surroundings. It's a mesmerizing sight that's sure to leave you spellbound!
Visit Oromia

Good Night!
21/09/2023

Good Night!

Baga gammaddan baga gammadne!Paarkii Biyyaalessaa Gaarren Baalee 'UNESCO' Irratti galmaa'eera.Bale Mountains National Pa...
18/09/2023

Baga gammaddan baga gammadne!
Paarkii Biyyaalessaa Gaarren Baalee 'UNESCO' Irratti galmaa'eera.
Bale Mountains National Park registered as UNESCO's world heritage!

Irreechaa is loading.....
14/09/2023

Irreechaa is loading.....

Irecha is loading ......
11/09/2023

Irecha is loading ......

Warra Baalee
10/09/2023

Warra Baalee

10/09/2023
Etika Teferi Anaa dhufu!OROMUMMAA
08/09/2023

Etika Teferi Anaa dhufu!
OROMUMMAA

Oromia Art Institute
28/08/2023

Oromia Art Institute

Finfinnee
15/08/2023

Finfinnee

QALAMAA FI HAQXUUQalama/pencil/: Dhiifama.Haqxuu/eraser/: Maaliif?Qalama/pencil/: Dhiifama, sababa kootiin miidhamta. Ye...
06/08/2023

QALAMAA FI HAQXUU
Qalama/pencil/: Dhiifama.
Haqxuu/eraser/: Maaliif?

Qalama/pencil/: Dhiifama, sababa kootiin miidhamta. Yeroon dogoggora hojjedhu hunda ati yeroo hunda haquuf achi jirta. Garuu akkuma dogoggorri koo akka badu gootu kutaa qaama keetii dhabdee, qaramtee yeroo hunda xiqqaachaa deemta.

Haqxuu/eraser/: Dhugaadha, garuu baay'ee na hin dhibu. Argitee, akkan kana godhu utuu naafis godhamee, Dhugumatti hojii kootti gammadeera. "Kanaaf maaloo, yaadda'uu dhiisi, yeroo ati gadditu yoo si argu hin gammaduu. Nan gaddaa jetteen."

Egaa, "Maatiin keenya akkuma haqxuuti, nuti immoo akka qalamaati. Isaan yeroo hunda ijoollee isaaniif ni argamu,ni dhiphatu, dogoggora isaanii qulqulleessu dulloomaniis dhumarratti ni darbu.
Warra keessan kunuunsaa, gaarummaadhaan ilaalaa hunda caalaa jaalladhaa.

Dibaba Family
06/08/2023

Dibaba Family

02/08/2023

DARGAGGOOTAAF
Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay'ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu'anii ba'uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkaa kana!

Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta'e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti. Dargaggoonni kaan har'a keessa taa'anii borii isaanii ibsatu, warreen biroon immoo borii isaanii har'a keessatti dukkaneessaa jiraatu. "Youth is the best time to be rich, and best time to be poor" jedhu warri adii!

Bakka ati yeroo dulluma kee teessu gocha bara dargaggummaa keetu murteessa.
Dadhabbii kee har'aattu walitti idaa'amee bor siif kennama. Kanaaf hojiitu dhibe, qarshiin dhabe, fira na gargaaru hinqabu...waan hinqabne yaaduu dhiisii, waan qabdu yaadadhu. Marattee taa'uu dhiisii ka'ii socho'i!

Dargaggeessi kaayyoo jiraatuuf qabu haala rakkisaa keessa dhabatee galma guddinaa arga. Filannoo argatteef qofa hinfilatu. Maalitti akka goruufi maalirraa akka goru haalaan beeka. Waan isa barbaachisu osoo hintaane, waan caalaatti isa barbaachisu irratti xiyyeeffata. Ba'aa matii ta'ee jiraata osoo hintaane maatii irraa ba'aa hir'isa. Maatii isaatu yaadda'a osoo hintaane, maatii isaaf yaada!

Addunyaa kanarraa baay'inaan toora duraa irra kan jiru dargaggeessa. Biyya kana keessaas dhibbantaa 77 dargaggoota akka ta'an qorannooleen addeesu. Kana jechuun eenyu caalaa iyyuu jijjiiramatti dhiyoo kan jiran dargaggoota. Kan nama gaddisisu garuu carraa nuti qabnu kun akka albuuda Afirikaati. Itti hinfayyadamnu!

Jireenyi utuu waan darbu hinfakkaatin darba. Humni har'a qabdu bor ni dhiba. Umuriin namaa dungoodha. Irraa gadi hir'achaa deema. Kana beekanii yeroo hojjechuu qabanitti hojjechuun, yeroo boqonnaan barbaachisutti akka hinjoorre nama oolcha!
Hawwii Genenee

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Visit Hararge posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share