Murtii A

Murtii A fuulbarruu kheeysan filadhaa

Taphni cimaa halkan kana Jiddaan Istaadiyeemi King Abudullah'tti taphatamu hiriyoota durii fi taphattootta ciccimaa lama...
26/12/2023

Taphni cimaa halkan kana Jiddaan Istaadiyeemi King Abudullah'tti taphatamu hiriyoota durii fi taphattootta ciccimaa lamaan wolitti kan fidu ta'a!

Taphichi galgala kana sa'aatii biyya keenyaatti sa'aatii 3 tti ni taphatama!

Al Ithad Vs Al Nassr

Tilmaama mee ...✍️

Follow
24/12/2023

Follow

TikTok

24/12/2023

TikTok

Liverpool vs Arsenal
22/12/2023

Liverpool vs Arsenal

25/11/2023

Khalaqa

25/07/2023

FAAYIDAA HARGIISA
1). Amaloota isaa keessaa seelii gogaa jiidhina, oksijiinii fi cimsuun barbaachisaa dha.

2). Elastiiksii gogaa fooyyessuu fi akka hin mul'anne gogaa ittisuu danda'a.

3). Dhukkuboota sirna ittisa qaamaa ni cimsa, ni ittisa.

4). Fayyaaf amaloota antioxidant fi antibacterial humna guddaa qaban of keessaa qaba.

5). Dhiibbaa dhiigaa to’achuu fi tiraayigiliisaayidii tasgabbeessuufis ni gargaara.

6). Hamma sukkaara dhiigaa hir'isa.

7). Rakkoolee bullaa’insa nyaataa hedduu kanneen akka Gogiinsa gaara, Mar'imaani, gubaa garaachaa...

8). Dhukkuboota gogaa, kan akka gubaa, madaa fi madaa’aniif akka wal’aansa bal’inaan fayyadamuun addunyaa guutuutti beekama.

9). Marsaa dhiigaa ni fooyyessa

10). Dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaa ittisuuf gargaara.

11). Infeekshinii keessaa fi alaa hir’isuu ykn guutummaatti dhabamsiisuu danda’a.

12). Fayyuu madaan ni saffisiisa. ...

13). Ilkaan irratti citaa ni hir'isa. ...

14).Madaa kaansarii yaaluuf gargaara. ...

15). Hamma sukkaara dhiigaa gadi buusa.

16). Cirraacha kalee ni ittisa

17). Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa

ITTI FAYYADAMAA

Fayyadama qaama keessaaf: Amaloota isaa argachuuf karaan hundarra gaariin baala haaraa fayyadamuudha.

Budaa aloe vera, tonics ykn juices baala isaa keessaa itti naquu danda'a.

Fayyadama qaama alaaf: Fayyadama alaa ajaa’ibaa qaba; yeroo baayyee kiriimii fi jeelota dhangala'aa isaa irraa hojjetaman keessatti gogaa gubaa, madaa, ciccituu irraa boqochiisuu fi eeguuf...

OF EEGGANNOO

· Fayyadamni aloe vera gogaa gosa tokko tokko irratti aarii, gubaa ykn ququnca’uu danda’a.

· Madaa gadi fagoo ykn gubaa cimaa irratti gorsa fayyaa duraan hin kennine irratti hin dibatinaa.

· Yeroo ulfaa ykn harma hoosisuu keessatti fayyadamni

· Namni dhukkuba sukkaaraa qabu tokko yeroo afaaniin fudhatamu of eeggannoo gochuu qaba.
https://t.me/+iDbLOtlkHiEwZTRk

25/07/2023

Kuni shuumoo osoo hin taane, Cirracha Kaleeti!!! Irra jireessa, Bishaan gahaa ta'e dhuguu dhabuu irraa namatti dhufa!!! Akkuma qorichi gaafa nuuf ajajame seera eegnee dirqamnee fudhannu, bishaanis faayidaa heddu arganna waan ta'eef guyyaatti burcuqqoo 6-8ti dirqamaan dhuguu yaa amaleeffannu!!!
Galatoomaa!!!!

25/07/2023

Waantoota dinqisiisoo qaama keenya armaan gadii quba qabduu laata?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1. Ujjummoon dhiigaa keenya utuu walitti hidhamee Addunyaa kanatti si'a afur naanna'uu danda'a.

2. Onneen keenya guyyaatti si'a 100,000 ol rukuta.

3. Kaleen keenya dhiiga liitira 180 guyyaatti calaluu/qulqulleessuu danda'a.

4. Onneen namaa guyyaatti dhiiga liitira 6000 - 7500 raabsuu danda'a.

5. (Memory capacity) yookaan dandeettiin kuusuu adeeffannoo sammuu nama tokkoo
2.5 petabytes = 2,560 terabytes = 2,621,440 GB ta'a.

6. Gurri keenya umurii keenya guutuu guddina hin dhaabu.

7. Guyyaatti si'a 28,000 ol ija keenya libsanna.

8. Bara jireenya keenyatti hancufa liitira 40,000 maddisuu dandeenya.

9. Ganama ganama hojjaan keenya seentimeetira 1 dabala.

10. Namni oggaa dhalatu lafee 300 yoo qabaatu oggaa nama ga'eessa ta'uu 206 qofa qabaata.

11. Sammuun keenya parsantii lama(2%) qaama keenyaa yeroo ta'uu parsantii 20 (20%) oxygen qaama keenya fayyadama.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
©️ Dr. Mohammed

25/07/2023
25/07/2023

FAYYUMMAA SAMMUU KEENYAAF
************************************
Adaduma umriin namaa dabalaa deemuun jijjiiramni sammuufi qaama namaa irratti ni muldhata. Haa ta'u malee dandeettii waa yaadachuu fi irraanfachuu dhabuu keenna, akkasumaas fayyummaa Sammuu keennaa gabbisuuf wontoota armaan gadiitti eeraman gochuun bu'a qabeessa:
---
1. Sochii Qaamaa Dhaabbiidhaan/Itti Fuufiinsaan Hojjachuu

Sochiin Qaamaa (Ispoortiin) faayidaalee hedduu qaama keenyaaf qaba. Sochiin qaamaa haala dhaabbannaa/itti fuufiinsa qabuun hojjatamu fayyummaa sammuu keenyaaf, umrii wojji sammuun keenya hojii ishii haala gariin eegdee itti haa fuuftuuf nu gargaara. Kanaaf torbaanitti yoo xiqqaate guyyaa shaniif, guyyatti ammoo daqiiqaa 30-60tiif sochii qaamaa/ispoortii (fiigicha, daakkaa, deemsa ariifannaa, daansii, kubba miilaa fi kkf) dalaguun fayyaa qaamaafi sammuutiif bu'aa gaarii qaba.
---
---
2. Hirriba Gahaa Argachuu

Hirribni fayyummaa sammuu keenya irraatti gahee guddaa taphata. Hirriba gahaa ta'e rafuun wontoota sammuu keenyaaf hin barbaachifne qulqulleessuun, dandeetti waa qayyabachuu, yaadachuufi madaaluu keenya ni fooyyeessa. Kanaaf guyyatti wolitti aansuun sa'aa torbaa hanga saddeetii rafuun fayyummaa sammuu keenyaatiif barbaachisaadha.
---
---
3. Nyaata Keenna Sirreessuu

Nyaanni nuti nyaannu fayyummaa sammuufi qaama keenyaaf shoora taphatu qaba. Nyaata keenya keessatti fuduraaf kuduraa baay'isuun, midhaan, yoo argame qurxummii fayyadamuun fayyaa sammuutiif dansaadha. Akkasumas nyaata keenya keessaa fooniif sooqida daran hirdhisanii fayyadamuun fayyummaa Sammuutiif gaariidha.
---
---
4. Sammuu Keenya Shaakalsiisuu/Si'eessuu

Sammuu keenyaaf shaakalliin barbaachisaadha. Hojiilee sammuu si'eessan garagaraa hojjachuun (fkn kitaaba dubbisuu, taphoota (game) yaada sammuu barbaadan taphachuun, dhimmota yaadaaf dandeetti waa yaadachu gabbisaniin sammuu keenya si'eessuun, waa haaraa barachuuf xaaruun) fayyummaa sammuutiif barbaachisaadha.
---
---
5. Hawaasummaa Irratti Hirmaachuu/Qabaachuu.

Hariiroo hawaasummaa garii ta'e qabaachuun Muukuu (Depression) fi Stress (Cinqaa) nama irraa hirdhisa. Nama jaalatan, hiriyyaafi kan wolitti dhihaatan kan biro wojji dabarsuun fayyumma sammuu gabbisuuf dansaadha.
---
---
6. Dhiibbaa Dhiigaafii Sukkaara Qaamaa To'achuu

Dhiibbaa Dhiigaa ol'aanaa ykn Dhukkuba Sukkaaraa yoo qabaanne of eeggannoo isaaniif barbaachisu hunda gochuun hamma dhiibbaa dhiigaa fi/ykn sukkaara qaama keenyaa to'achuu. Dhiibbaan Dhiigaa Olka'aa ta'eefi hammi sukkaara qaamaa hin to'atamne miidhaalee garagaraa sammuu irratti fida.
---
---
7. Kunuunsa Ofiif Godhamu

Tamboo/Sigaaraa aarsuu dhabu ykn dhaabuu. Hamma Alkoolii fayyadaman daran xiqqeessuu ykn dhaabuu. Araada garagaraa irraa fagaachuu. Bashannanuu. Of dhiphisuu dhabuu. Qulqullinna qaamaa eeguu. Gaarii uffachuu. Gaarii dubbachuu.
---
---
Ulfaadhaa, horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
©Dr. Nuredin Luke

Dr Gado

25/07/2023

Hir’inni dhiigaa hanqina aayiraaniitiin dhufu

Hanqinni aayiraanii hanqina soorataa daa’imman irratti mul’atu keessaa isa tokko.
🔸 Hanqinni aayiraanii kun yeroo baay’ee daa’imman umuriin isaanii waggaa tokkoo gadi ta’e, kanneen hanqina nyaataatiin miidhaman, kanneen raammoo mar’immaanii gosa adda addaa qaban kanneen hin yaalamne, akkasumas kanneen rakkoo dhiiguu yeroo dheeraa qaban irratti mul’ata.

🟠 Wantoota hanqina aayiraaniif akka saaxilaman godhan (Risk Factors)

🔺 Yeroo malee dhalachuu
🔺 Haati yeroo ulfaa hanqina aayiraanii yoo qabaatte
🔺 nyaata aayiraanii gahaa qabu sirnaan soorachuu dhabuu
🔺nyaata qabiyyee aayiraanii gahaa hin qabne akka sooratan gochuu fi foormulaa aayiraanii gahaa hin qabne fayyadamuu fa’a.

Mallattoowwan hanqina aayiraanii maalii?

Daa’imman hanqina aayiraanii qaban yeroo baay’ee mallattoo osoo hin agarsiisiin turuun yeroo baay’ee qorannoo dhiigaatiin fi rakkoo fayyaa biroo yeroo godhatanitti adda baafamu.
🔺 Hanqinni aayiraanii cimaa yoo ta'e yeroo baay'eeni jeeqamu; dammaqiinsaa fi miira dadhabbii; fedhii nyaataa dhabuu fi gogaan isaanii addaachuu (pale) (yeroo baay’ee fuulaa fi barruu harkaa irratti mul’ata).

Qorannoon akka agarsiisutti daa'imman yeroo dheeraaf hir'ina aayiraanii qaban guddinaa fi bilchina sammuu isaanii gara fuula duraa irratti dhiibbaa hamaa qabaata.

🟠Daa'imman irratti hanqina aayiraanii mallattoo hin mul’isne qaban akkamitti adda baasuu danda’amaa?

🔺Keessattuu daa'imman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta'eef ogeeyyiin fayyaa daa'immanii rakkoolee walqabatan armaan olitti ibsaman fi haala soorataa akka gaariitti qoratu.
🔺 Rakkoon hanqina aairaaniin walqabatu yoo jiraate qorannoon dhiigaa ni taasifama
🔺 Daa'imman umuriin isaanii ji'a 9 hanga waggaa 1 gidduu jiran hundi qorannoo dhiigaa akka godhan ni gorfama

Hanqina aayiraanii akkamitti ittisuu dandeenyaa?

🩸 Ji'oota jahan jalqabaa harma hoosisuu
🩸 Daa'imman yeroo malee dhalataniif aayiraanii dabalataa kennuu (copha aayiraanii ykn shirooppii) .
🩸 Yoo danda'ame waggaa tokko jalqabaaf aannan sa’aa jalqabuu dhiisuu
🩸 Daa'imman ji'a jahaaf nyaata yeroo jalqabnu, nyaata vitaamin C fi foon ciccitaa qabu jalqabuun barbaachisaadha
🩸 Kana malees, nyaata aayiraaniin badhaadhe, kan akka foon diimaa, Kalee, Tiruu, midhaan dheedhii akks baaqelaa, ataraa, fi kuduraalee magariisaa akka sooratan gochuu.
🩸 Dhibee hir'ina dhiigaa sababii hir'ina aayiraaniitiin dhufu erga wal'aansa eegalanii booda yeroo dheeraaf jechuunis ji'a 2-3 akka fudhatan qabna.

Fayyaan Daa'immaniif!
Dr. Sabona Lemessa
Jimmaa, Oromiyaa!

25/07/2023

Barattoota kutaa 12ffaa barattaniif qormaata gaarii

Ashaaraa Magariisa dhaloota dhufuuf haa dhaabnuu
17/07/2023

Ashaaraa Magariisa dhaloota dhufuuf haa dhaabnuu

Tapha Waancaa FA har'a galgala kilaboota Masaanuu magaalaa Maanchistar kan Maanchistar  (Man Yuunaayitidii) fi Mansuur J...
03/06/2023

Tapha Waancaa FA har'a galgala kilaboota Masaanuu magaalaa Maanchistar kan Maanchistar (Man Yuunaayitidii) fi Mansuur Jamaal(Man Siitii) jidduutti galgala kana adeemsifamu hawwii guddaan eegamaa jira. Maanchistar Yuunaayitidis Waancaadha waan ta'eef mudhii hidhatee taphata, Man siitiin illee Waancaa Dabalataa fi maqaa barbaada waan ta'eef tapha cimaadha jedheen yaada!
Jarreen lachuu ija diinummaatiin kan ilaalan dhukaastonni Faandishaa(Eeleen Sibiilaa) Maan Yuunaayitid deeggaruuf seenaa yaadatu; Mansuur Jamaal deeggaruufis Waancaa waggaa guutuu Waardiyyaa ta'aa bahan afaanii fudhate waan ta'eef gara itti goran wallaalu jedheen yaada😂💉.
Waan hundaafuu Maanchistar Yuunaayitid(7Up) 2: 1 Maanchistar Siitii(Mansuur Jamaal)Jedheen tilmaame🙏
Maancheef carraa gaarii, Deeggartoonni Eelee Sibiilaa immoo ''Yaa Aabboo iddoo 2tti na baqaqsi'' jedhaa kadhaa😂🙏

28/05/2023

Harargee Language
Jechoota harargee keeysatti qofa dubbatamu

Qaxaph= Yaadachuu

Kataf = Tasa Walitti Dhufuu

Taraf = Hatattamaan Lafaa Ka'uu

Baxalaq = Kufanii Lafa Gahuu

Cabalaq = Guutuu (Gutamee Argamu)

Shalaph = Laaffisanii Hidhuu

Bukh = Aara (Dhukkee)

Jambar = Dabooluu

Qarraf = Hooquu

Cillim = Dukkanaa'uu

Baccaq = Laaqqachuu

Laqac (Conqol) = Dabuu/Gadi jedhu

Shifshif = Tittiifuu

Lakham = Deemsa Boonaa

Ququm ykn qururum = Qorsoo Nyaachu

Wir = Naannessuu ykn naannahuu

Gardam = Jirtuu Nyaachuu

Khalaw = Gaggabuu

Bushuq = Booyuu

Shaf = Muruu

Kishif (Shikif) = Boqachuu,

Xuph = Guutuu

Batt = Dhahaa Xiqqoo

Wax = Dhahaa Halangee (washee

Funnuq = Loluu (Finciluu)

Fash = Facaasuu

Haf= harkaa butuu

Nyam= guututti fixuu(nyaata)

Dib= lafa dhahuu

Kudhuph= irraan utaaluu

Fatalaq= banuu

Dhuffuq= waraanuu ( diruu

IID MUBAARAK Warra Baranaa Kan Bara Hegeree !! ኢድ ሙባረክ!
20/04/2023

IID MUBAARAK
Warra Baranaa Kan Bara Hegeree !!

ኢድ ሙባረክ!

14/04/2023

Ramadaanii Gaachana ibiddaati jedhan Nabii Mohammed(s.a.w)!

07/02/2023

uffadheen
dubbadha

Happy new year 2023
31/12/2022

Happy new year 2023

21/12/2022

Only family could be your worst critics and your strongest supporters

Congratulations Argentina 🇦🇷 🇦🇷 🇦🇷 🇦🇷 L A Messi
18/12/2022

Congratulations
Argentina 🇦🇷 🇦🇷 🇦🇷 🇦🇷
L A Messi

17/12/2022

Morocco 🇲🇦 🇲🇦 🇲🇦 🇲🇦 n
3ffaan ni xumurti
@ FIFA World Cup

Ur predictions
14/12/2022

Ur predictions

11/12/2022

Add godhaafii

04/12/2022

Nagayaan bulaa seenegaaloonni

Address

Harar

Telephone

+251936770854

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Murtii A posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share