#Dhala_namaaf_miidhaan_hinmalle
#Namoota_jaal’annuuf_jecha_ofhaa’eegnu
#COVID19ETHIOPIA #ETHIOPIA
Marii Addaa Raadi'oo Waazeemaa Sagantaa Afaan Oromoo
Marii Addaa Miseensa Gumii Sabaa ABO, Jaal Oromsiis Elemoo waliin goone.
Harka fuune akkam jirtu dhaggeeffattoota keenya. Qophii Marii Addaa keenya kanaan, sochii qabsoo ABO gochaa jiru irratti, miseensa gumii sabaa addichaa Jaal Oromsis Elemoo waliin haasofneerra. Marii keenya kanaan, ABO filannoo dhufu keechatti hirmaataa? Miseensonniifi deggertoonni ABO sababa qaama 'seeraa ala' hidhatee socho'u waliin hariiroo qabaniin hidhamu jedhama, kun ammam dhugaadha? ABO dhaabbilee siyaasaa saba Oromoo bakka bu'uuf dorgoman biroo waliin hariiroo akkamii qaba?, gara gaaddisa tokkoottu dhufuuf deemtuufi gaaffilee kkf dhiheessinee gadifageenyaafi bal'inaan nuuf ibsaniiru. Haga xumuraatti dhaggeeffadhaa.
Raadi'oo Waazeemaa, Qophii Sagantaa Tibbanaa, Episode 96
Harka fuune akkam jirtu hordoftoota keenya. Kun qophii sagantaa tibbanaati. Dhimmoota har'a ilaallu keessaa:
Rakkoo nageenya sudaaniifi yaalii araaraa MM Abiy Ahmed,
Kallattii siyaasa ODPfi dhaabbilee Oromoo bakka bu'anii,
Sabboonummaa fi ilaalcha sirna federaalizimii MM Abiy, haga xumuraatti dhaggeeffadhaa.