Fayyaa Keessan

Fayyaa Keessan GOD IS GOOD! It will come be best

ለማንኛውም አይነት ፕሮግራሞች      and other photo , video related services are included !     የሰርግ ፎቶው  በመስክ(Outdoor)  እና በስቱድዮ(St...
27/05/2024

ለማንኛውም አይነት ፕሮግራሞች




and other photo , video related services are included !



የሰርግ ፎቶው በመስክ(Outdoor) እና በስቱድዮ(Studios) በጥራት እንሰራለን እናም ደግሞ የሠርግ ቪዲዮ በተመጣጣኝ ዋጋ እንሰራለን ።



#አድራሻ በታርጫ ከተማ ህብረት ባንክ ህንፃ 1ፎቅ ላይ

ለተጨማሪ መረጃ ስልክ
+251916442282/+251941111134
Like,share,follow our Pages!!

23/05/2024
   Bucha  Pictures@
12/05/2024



Bucha Pictures
@

Amuummiin Maali?Akkamitti uumama?Fayyaa waliin qabata maalii qaba?💀Amuummiin gocha rifuu-liphii/reflex tahee, si'aa'ina ...
09/09/2022

Amuummiin Maali?
Akkamitti uumama?
Fayyaa waliin qabata maalii qaba?
💀Amuummiin gocha rifuu-liphii/reflex tahee, si'aa'ina sammuudabaluuf kan tahu dha. Kunis kan tahu yeroo sammuun haalota armaan gadii keessaa 1 fi isaa oliin dhiibbaa keessa jiru dha:
💀beela, araada, dadhabbii, yaaddoo,
🙄irriba dhabuu, nuffuu, mukaawuu,...
😭Dhibeewwan onner, sammuu...kkf
Kunis sammuu haalota armaan irraa walaba gochuun gara si'aa'ina deebisuuf oola. Gabaabumatti qulqulleessituu ykn 'cleaner app' sammuu ti.
******************
Amuummiin akkamiin uumama?
Haalota armaan olii fi kanneen biroollee kan sammuun akka si'aayina hin qabaanne waantotni godhan gaafa uumaman kutaan sammuu 'Hypothalamus' jedhamu afaan akka hanga dhumaatti banamuu fi iji akka junuunfatu gochuun sombi qilleensi guddisee akka fudhatu godha. Qilleensi gale kunis yeroo sekondii 5-10 gidfuutti suuta jedhee yaa'aa, afaanni cufama, iji banama.
Kunis 'ina sammuu hir'isuuf tola. Namnis, bineensis ni amuummata!
*************************
😍Amuummiin fayyummaadhaa?
Eeyyee! Garuu irra deddeebbiin yoo muldhate dhibeewwan onnee fi ssmmuu agarsiisuu dandaha.
Fayaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta

Dhuufuun maali?Dhibee dha moo fayyummaa dha?Deebii:Dhuufuun qilleensa karaa garaagaraatiin mar'immaan keessatti kuufamee...
07/09/2022

Dhuufuun maali?
Dhibee dha moo fayyummaa dha?
Deebii:
Dhuufuun qilleensa karaa garaagaraatiin mar'immaan keessatti kuufamee karaa bobbaa bahu jechuu dha.

💀Akkamitti uumama?
1. Bullaa'uu nyaataa waliin wal qabatee qilleensigubataan gaafa uumamu dha.
Kunis mar'immaanii gaafa nyaata diigan kan uumamu dha.
Kunis Co2, miteenii, Haydroojinii, Haydroojin salfaayid fi Amooniyaa faa dha.
%99 qillernsa kanas foolii hin qaban. %1 garuu foolii hamaa qabu. Isaanis Haydroojin Salfaayid fi Amooniyaa faa dha.
Sababni isaas salfarii fi Yuuriyaa ajaawan of keessaa qabu.
2. Qilleensa alarraa liqimsinu dha.
Kunis Naayitroojinii fi Oksiijinii of keessaa qaba. Kanneen kunis foolii hin qabani.

🙄Dhuufuun maaliif ?
Haydroojin Salfaayid fi Amooniyaa of keessaa waan qabaniifi dha..
Sababni isaas salfarii fi Yuuriyaa ajaawummaa of keessaa qabu.

😁Nyaata akkamiitu dhuufuu ?
Nyaatotni salfarii ykn pirootinii heddu of keessaa qaban akka dhuufuun ajaawu godhu.
Fknf: Foon, hanqaaquu, baaqelaa, atarii, ...
Nyatotni dheedhii, daakuu fi callaas dhuufuu ni ajeessu.
Fkn: boqqolloo, akaayii, bassoo...

💀Dhuufuu akkamiitu namatti baay'isa?
Nyaatni daakuu, calla fi dheedhii akkasumas dhugaatiin qillernsa of keessaa qaban akka lallaafaa(cocacola...), soofii, maaltaa....

😘Dhuufuun Dhibee dhaa?
Lakki! Fayyummas dha.

Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta.

Dhibeen 'maraatummaa' ni fayyamaa?Deebii:Maraatummaan gosa hedduun jiraatanis kan heddu beekamu 'Iskiizofireeniyaa' kan ...
06/09/2022

Dhibeen 'maraatummaa' ni fayyamaa?
Deebii:
Maraatummaan gosa hedduun jiraatanis kan heddu beekamu 'Iskiizofireeniyaa' kan jedhamu dha. Kunis sababoota garagaraa qabaatus mallattooleen guguddaa inni aabu lama:
1. Waan nama biraatti hin mul'anne arguu, dhagagahuu ykn fuunfachuu(hallucinations).
2. Yaada qabatamaa hin taane ykn soba ykn dogoggora tahe qabaachuun sodaachuu ykn yaadda'uu(delusions ).
Falli isaa maali?
1. Sabani isaa yoo beekame isa yaaluu
Fkn: jaalala ddigame, qabeenya dhabame...kkf
2. Sababni beekames dhiises qorichootni liqimsaman fi waraanaman jiru.
Sadarkaan isaa salphaa taanaan fi namni liqimsuu dandeenyaan kan liqimsaman ni filatamu.
Fknf:fluxetine, CPZ, amitriptline......kan biroo ogeessa qofaan keennamu.
2. Marfee:
Fkn: ji'atti al tokko qofa kan waraanamu, kan jedhamu qoricha filatamaa dha.
Yeroo duraaf qofa humnaan qabanii waraanuu dha, booda ofiin waraannachuu dandahu. Itiyoophiyaa keessas ni argama.
Dabalataaf:0912946561
Fayyaan Qabeenya!

Hooqqisa yeroo geejjibaa/"Motion sicknessAkkamiin to'anna?Deebii: Hooqqisni yeroo deemsaa ijoollee waggaa 2'a olii irraa...
03/09/2022

Hooqqisa yeroo geejjibaa/"Motion sickness
Akkamiin to'anna?
Deebii: Hooqqisni yeroo deemsaa ijoollee waggaa 2'a olii irraa kaasee kan mul'atu tahee, sababni isaa immoo ergaawwan ija fi gurra irraa gara sammuu deeman gaafa wal makanii fi sammuun deebii dogoggoraan wiirtuu hooqqisaa gaafa ajaju dha.
Kunis konkolaataa, baabura, xayyaara ykn doonii dhaan gaafa deemnu tahuu dandaha.
Akkamiiti ittisna?
1. gaafa karaa deemnu -salphaa akka daabboo, ruuzii, paastaa fi kuduraa fi muduraa faa.
-duwwaa deemuu dhiisuu(ni hammeessa).
2. Gaafa karaarra jirru wantoota akka moobaayilaa, 'computer' fi #'screen' qabu kamuu ilaalaa turuu dhiisuu.
3. Gara bakkee ilaaluurra -cufatanii hirkachuu.
4. mijataa gara fuulduraa qabachuu.
5. Gaafa qilleensi garaa keessatti kuufamuun dhagahamu bifa ykn baasuu.
6.Waa'ee dhibee karaa ykn nama dhukkubaa jiruu tokko ykn dhiisuu.
7. Waantota fooolii gaarii qaban akka loomii, burtukaana kkf harkatti qabachuu fi yoo kun dhibe fuynaan (fooliin hamaa ni hammeessa!)
8. kanaaf hedduu fayyadan armaan gadii sochii dura daqiiqaa 30'a hanga sa'atii 1 dursanii liqimsuu:
a. Dimenhydrinate
b. Diphenhydramine
c. Plasil
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta.

Utaalloon maaliif qoricha hin qabu?Deebiin isaa kunoo:Utaalloon(common cold) vaayirasoota gosa 100 ol tahaniin dhufa. Is...
01/09/2022

Utaalloon maaliif qoricha hin qabu?

Deebiin isaa kunoo:
Utaalloon(common cold) vaayirasoota gosa 100 ol tahaniin dhufa. Isaan keessaa gosa 'flu' jedhamu qofatu talaallii qaba.
kanneen hafan yeroo yerootti waan of jijjiiraniif hanga ammaatti qoricha ammayyaa arguufiin hin dandahamne.
Kanaafuu utaalloon qoricha ammayyaa irra maloota aadaa fi waantota mana keessaan yaalama.
Kanneenis:
1. Qullubbii fi jinjibila gargaaramuu_sababnisaas jarreen kun farra vaarirasummaa waan qabaniifidha.
2. waan ho'aa fayyadamuu_kunis furriin funyaanii fi qoonqoo keessatti kuufame akka ciccitee bahuufi. Kunis cuqqaalamuu sagalee fi funyaanii hambisa.
3. Bishaan ykn dhangala'aa fakkaatan baay'isanii fudhachuu_ kunis kuufamni furrii daandii qillernsaa cufee jiru bifa furrii fi tufaatiitiin akka bahu godha.
4. Qorichootni akka 'Amoxacillin, azithromycin fi wantootni akka loratidine, xylomethazoline fi paracetamol' jedhaman akka barbaachisummaa isaaniitti ogeessaan ajajamanii infekshinii baakteeriyaa faana jiraachuu dandahuu fi alarjii jala jiraachuu dandahu fi mataa bowwuu, qaama caccabsuu fi qaama gubaaf kennamuu dandahu.
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta

Faayidaalee Raafuu maraaHealth benefits of cabbages1. Raafuun maraa vaayitaaminoota K  hedduu of keessaa waan qabuuf ija...
31/08/2022

Faayidaalee Raafuu maraa
Health benefits of cabbages
1. Raafuun maraa vaayitaaminoota K hedduu of keessaa waan qabuuf ijaarsa lafee fi adeemsa kantaruu dhiigaa keessatti gahee guddaa qaba. Kanaafuu lafeen keenya akka jabaatuu fi yeroo waa nama dhiigsu dhiigni dafee akka qooru godha.
2. Vaayitaamin C'n immoo dandeettii dhibee ittisuu qaamaa ijaaruuf fi ijaarsa tishuuwwan qaama keenyaaf gargaara.
Keessattuu dhubeewwan akka fi ittisuun beekama.
3 . Ulfaatina qaamaa hir'isuuf ni fayyada. Kunis coomni fi zayitni ujummoo qaama keenyaa keessatti akka hin kuufamne gochuudhaani.
4. Mineraalota akka siyaandiinsi fi sinigiriinsi jedhaman kan dhibeewwan akka kaansarii fi kanneen biroo ittisanis of keessaa qaba.
Hubachiisa:
Faayidaan isaa akka jirutti tahee miidhaawwanis ni qaba.
Fknf,
Namootni dhibee kantaruu dhiigaa akka 'DVT' fi Onnee gosa kantaruu dhiigaan dhufu qaban fi 'Stroke' qaban soorachuu hin qaban. Sabanisaas waan haala isaanii hammeessuufi.
Namootni Quufa mormaa/Goiter qabanis yoo raafuu maraa soorachuu dhiisan gorfama. Kunis sababa inni dandeettii ayodinii fayyadamuu xannacha Taayirooyidii gadi buusuun akka hir'ina aayoodinii irraa kan kahe akka inni bokoku godha.
Odeeffannoo Dabalataaf:0904326339
Fayyaan Qabeenya! Dr Frayad Gudeta Abdisa.

29/08/2022
28/08/2022

Ani Dr Firaayaad Guddataa odeeffannoo fayyaa bilisaan akkan isiniif dhiheessuuf chanelii kana like fi share godhaa! Fayyaan QabeenyaDr Firaayaad Guddataa

Ciniinnaan Bookee isin rakkiseeraa?ofirraa ittisuu hoo ni feetuu?Falli isaa 'confo anti mosquito bite' jedhama. 'Confo'n...
27/08/2022

Ciniinnaan Bookee isin rakkiseeraa?ofirraa ittisuu hoo ni feetuu?
Falli isaa 'confo anti mosquito bite' jedhama.
'Confo'n maalidha?
Baala uumamaarraa teknoojiin kan qophaawe tahee, foolii bookeen hin jaalanne kan garuu urgaawu qaba.
Akkamitti fayyadamna?
Qaama keenya Bakka bookeef saaxilamuu malu xiqqoo dibanna. Keessaayuu yeroo hirribaa. Hirribaa nagaa raftu.
Akkamitti arganna?
Gatii Qarshii dhibba hin guutneen biyya keessatti faarmaasii hedduurratti ni argama. 'Confo farra bookee' jedhaa bitadhaa!
Dabalataaf 0904326339
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta

Bookeen maaliif nu hidditi?Akkamittimmoo ittisuun dandahama?A. Sababni bookeen nu hiddituuf:-Dhiiga keenya keessaa soora...
26/08/2022

Bookeen maaliif nu hidditi?
Akkamittimmoo ittisuun dandahama?
A. Sababni bookeen nu hiddituuf:
-Dhiiga keenya keessaa soorata, addattuu pirootinii waan barbaadaniif.
B. Wantootni carraa bookeen hiddamuu keenyaa dabalan:
-naannoo jiidhaa jiraachuu
-uffata gurraacha godhachuu
-gartuu dhiigaa 'O' qabaachuu
-afuura jabaan argananii rafuu
-uffata malee rafuu
-foolii dafqaa fi xurii qaamaa
-ibsaa dhaamsanii rafuu
-foddaa ykn mana banaa rafuu fi kkf
C. Akkamitti ittisna?
-sababoota armaan olii ittisuu
-tururaa chaarjii (electric net) ilbiisotaa gargaaramuu
-dibata farra bookee dibachuu, fkn: Confo
-

04/08/2022

Vien Viewer 😉

14/07/2022

Technology in medicine😱😱😱

Join our Telegram channel
Link in the comments

14/07/2022

😅😅😅

 'maGuutummaa guutuutti tahuu baatus, bu'uurri  egeree nama kamiiyyuu kuufama haalota garagaraa yeroo daa'imummaa irraa ...
26/04/2022

'ma
Guutummaa guutuutti tahuu baatus, bu'uurri egeree nama kamiiyyuu kuufama haalota garagaraa yeroo daa'imummaa irraa kaasee hanga dargaggummaatti jiru dha. Inni sana boodaa yaadannoo, gaabbii ykn milkaa'ina sadarkaa gara garaa taha.
Kanaaf guddisa ijoollee irratti bifa ammayyaawwaan xiyyooffannoo kennuun bu'uura isaanii tolchuun waan aadeffamuu qabu dha jenna!
Fayyaan qabeenya!
Fayyaa Keessan!
Dr Frayad Gudeta, MD

01/03/2022

Did you know?

  hairHarriin ykn addaachuun rifeensaa fala qabaa?Deebii:Kun gosa isaa irratti hundaawa!Gosoota harrii keessaa inni dura...
17/02/2022

hair
Harriin ykn addaachuun rifeensaa fala qabaa?
Deebii:Kun gosa isaa irratti hundaawa!
Gosoota harrii keessaa inni duraa, Harrii yeroo malee dhufu dha. Kunis ijoollummaa dhaa kaasee hanga umrii 20'oota ykn 30'oota keessaatti kan muldhatudha. Innis sababoota hedduun dhufuu dandaha. Fkf:
Maatii irraa
Dibata hin malle irraa
Sijaaraa xuuxuu irraa
Yaaddoo hamaa irraa
Hir'ina mineraalaa irraa
Infekshinii gogaa irraa.....
Gosti kun yoi sababni kanneen yaalaman hedduun isaanii fayyuu ni dandahu.
Gosti biraa kan dulluma waliin wal qabatudha. Gosti kun gosa duraa irraa kan adda tahu yaaliidhaan fayyaa dadhabuu isaa ti. Falli jirus, qalamoota rifeensa gurraachessan gargaaramuu qofa dha.
Gosti rifeensa adii fayyisuuf nama rakkisuu kan maatii irraa ijoollummaatti eegaluu fi kan fuula irratti bahu dha. Kanneen kun gurraachessu yeroo yeroon dibachuu qofa!
Kanneen duraa f garuu cuunfanii itti dibachuu fi sababoota jiranitti furmaata kennuun ni fooyyahu!
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad G

16/02/2022

Ani Dr Firaayaad Guddataa odeeffannoo fayyaa bilisaan akkan isiniif dhiheessuuf chanelii kana like fi share godhaa! Fayyaan QabeenyaDr Firaayaad Guddataa

 Foon, keessattuu diimina heddumminaan nyaachuun akka nama dulloomsu beektuu ?Qorannaan yeroo garaa garaatti hojjetame a...
10/02/2022


Foon, keessattuu diimina heddumminaan nyaachuun akka nama dulloomsu beektuu ?
Qorannaan yeroo garaa garaatti hojjetame akka muldhisutti, foon diiminni yeroo heddu(fkf, guyya guyyaatti) yoo nyaatame gogaan namaa yeroo malee ariifatee akka dulloomu taassisa. Kunis, qabiyyee 'mineraala foosfeet of keessaa heddumminaan waan qabuufidha. Foosfeetiin gogaa namaa irratti amala goggoguu fi shuntuuruu uumuun gogaan akka lallaafina fi cululuqina isaa dhabu godha.
Kanaaf, namootni foon diimini yeroo heddu soorachuu irraa of qusatan , yoo dandahan immoo dhiisan gorsa qorannoon kun.
Foonni kana malees, dhibeewwan ujummoo dhiigaa waliin wal qabatanii fi kanneen biroof illee kahumsa dha.
Dabalaaf, Fayyaa Keessan on YouTube
Dr Frayad G
Fayyaan Qabeenya!

 Faayidaa moo miidhaa isaatu caala?Viyaagraan qorichoota qaamni hormaataa dhiiraa akka kahuuf kahees turuuf godhan keess...
09/02/2022


Faayidaa moo miidhaa isaatu caala?
Viyaagraan qorichoota qaamni hormaataa dhiiraa akka kahuuf kahees turuuf godhan keessaa isa tokko dha.
Qorichi kun akka seeraatti ajaja ogeessaan ala hin kennamu. Kunis namootni ajajaan ala yoo fudhatan miidhaan fayyaa biroon qaqqaban waan jiraniifi.
Fknf, namootni dhibee onnee qaban, qoricha dhibee onneef oolu tokok tokko fudhatan(fkn:nitroglycerin ) fi namootni dhiibbaa fhiigaa olkahaa qaban , akkasumas dhibee kaansarii dhiigaa qaban kahuu qaama dhiiraa dafee hin ciisne(Priapism),
fidan qaban yoo qoricha kana fudhatan miidhaa salphaa irraa hanga lubbuu dhabuutti hubamuu dandahu.
Kanaafuu faayidaa fi miidhaan isaa haala nama fudhatuu irratti hundaawa.
Kanaan ala yaadotni ama taha ykn isa malee dida jedhan dogongora tahuu qorannoon garaa garaa ni muldhisu.
Yoo tahes kan xiinsammuu(psycological dependency )malee kan qaamaa(physical dependence )hin qabu.
Dabalataaf on You tube.
Dr Frayad Gudeta
Fayyaan qabernya!

  Dubarttiin tokko Daa'ima godhachuu waggaa meeqatti dhaabdi?Dubarri tokko giddu galeessaan hanqaaquu dhala tahuu dandah...
08/02/2022


Dubarttiin tokko Daa'ima godhachuu waggaa meeqatti dhaabdi?
Dubarri tokko giddu galeessaan hanqaaquu dhala tahuu dandahu hanga 500 gahu yeroo giddugaleessaan waggaa 12 hanga 52 jidduutti oomishti.
Yeroon hanqaaquun heddumminaan itti oomishamu waggota kurnan gara dhumaatii hanga digdamoota gara dhumaatti. Waggaa 30 irraa kaasee gadi bu'aa deemuun waggaa 35 irraa hanga 45tti baay'ee xiqqaata. Waggoota 45-52 carraan ulfaahuu xiqqoo tahus zeeroo tahuu dhiisuu mala. Waggaa 52 booda garuu marsaan ji'aas ni bada, hanqaaquunis hin oomishamu.
Hanqaaquun mala ammayyaan dubartii biraa keessaa fuudhamee yoo gadameessa keessatti akka guddatu taassifame, carraan dhala sirrii godhachuu i jira.
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta!

 Dhiirri tokko dhalfa ykn ispermii oomishuu umrii kamitti dhaaba?Deebii:Hanga gaafa du'uutti ni oomisha!Dhiirri waggaa 1...
07/02/2022


Dhiirri tokko dhalfa ykn ispermii oomishuu umrii kamitti dhaaba?
Deebii:Hanga gaafa du'uutti ni oomisha!
Dhiirri waggaa 10_12 irraa kaasee sanyii dhiiraa oomishuu eegala. Waggoota 30-35'ii gidduutti baay'ee oomishamuun, waggoota 40 booda hir'achuu jalqaba. Kunis oomisha miliyoona hedduu guyyaa guyyaatti oomishamaa ture irraa gara dhibboota kuma dhibbootaatti gadi bu'a.
Innis dandeettii dorgommii ispermoota sanaa gadi buusuun akka fedhanitti fi yeroo fedhanitti dhala argachuu dadhabuu hordifsiisuu dandaha.
Garuu, hangi isaa fi milkaa'inni isaa wal haa caalu malee oomishni isaa hanga namni sun duhutti hin dhaabbatu.
Oxeeffannoo dabalataaf,
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta

 Qoricha wal-quunnamtii saalaa booda sa'atii '72' keessatti ulfa ittisuuf fudhatamu  walitti fufiinsaan fudhachuun miidh...
05/02/2022


Qoricha wal-quunnamtii saalaa booda sa'atii '72' keessatti ulfa ittisuuf fudhatamu walitti fufiinsaan fudhachuun miidhaa maalii qaba?
Dhuguma dhibee dhala dhabuu fidaa?
Deebii:
Poostipiilii walitti fufiinsaan(Marsaa tokko keessatti yeroo hedduullee yoo tahe) fudhachuun miidhaan isaa inni duraa marsaa ji'aa jeequu dha. Akkasumas milkaa'inni dhala ittisuu isaas gadi bu'aa dha. Akkas jechuun utuma fudhatani dubartootni carraan ulfaa'uu isaanii ni jira.
Kanaafuu yaadni ' walitti fufiinsaan fudhachuun dhala nama dhabsiisa' jedhu jechuu dha.
Sababni inni akka karoora maatii dhaabbataatti itti hin kennamnes sababa inni milkaa'ina guutuu hin taane qabuufidha. Dubartootni hanga 5% hahan utuma poostipiil fudhatanii ulfaahu.
Dabalataaf
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta

 Marfee ulfa ittisuuf fayyadu(fkn:Depoprovera) dubartiin ulfi tokko yoo fudhatte rakkoo maal qaba?Deebii:Rakkoo homaatuu...
01/02/2022


Marfee ulfa ittisuuf fayyadu(fkn:Depoprovera) dubartiin ulfi tokko yoo fudhatte rakkoo maal qaba?
Deebii:Rakkoo homaatuu hin qabu!
Haa tahu garuu akka qorannoon muraasni agarsiisanitti, daa'imni dhalatu ulfaatina qaamaa xiqqaa(Low birth weight)qabaachuu mala jedha.
Kanaan ala dogongoraan dubartiin tokko utuu ulfa tahuu ishee hin barin yoo marfee ulfa ittisu fudhatte rakkoon jabaan kana jedhamu akka hin jirre beekuun murteessaa dha!
Dabalaaf:Fayyaa_Keessan on You Tube.
Fayyaan Qabeenya!
Dr Frayad Gudeta.

31/01/2022

Address

Addis Ababa

Telephone

+251911010706

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaa Keessan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fayyaa Keessan:

Videos

Share



You may also like