Yoseph Bedada Dida

Yoseph Bedada Dida Smile when it hurts more 🤣

22/04/2024

Thanks for being a top engager and making it on to my weekly engagement list! Barii Ifaa Boruu, Jitu Sebi, Firafis Haile, Debela Bedada, Tesemma Edao

22/04/2024
Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Xiiqiin hojjannee galma yaanne geenya!~~~~~~~~Daandiin keenya ida'amuu galmi keenya badhaad...
21/04/2024

Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa
Xiiqiin hojjannee galma yaanne geenya!
~~~~~~~~
Daandiin keenya ida'amuu galmi keenya badhaadhina hunda-galeessa! Daandiin galma keenya kanaan nu ga'u immoo xiiqiifi kutannoo olaanaan halkaniifi guyyaa waan gaggaarii maqaa biyya keenyaa jijjiiruufi dhaloota egereef abdii ta'uu danda'u hojjachuudha. Inisheetivii mootummaan naannoo Oromiyaa baase milkeessuuf karoora xiiqiin hogganamaa tooftaa ariitiin, baay'inaafi qulqullinaan hojjachuun galma badhaadhina hunda-galeessa godhannee galma kana milkeessaa jirra.

Yaadama hin danda'amu jedhu guutumaa guutuutti jijjiruun yaadama "ni danda'ama" jedhuun hojiin misoomaa qamadii boonnee rakkoo hawaas-diinagdee furuun fayyadamummaa hawaasaa bal'aa mirkaneessuu danda'an kanaan dura ganna roobaan gaggeeffamaa turan bona jallisiin hojjachuun bu'aa qabatamaa ta'e arguun danda'amee jira.

Kun jalqabbii gaariidha cimee itti fufa!

Kan barana immoo adduma! Manchester United tapha xumuraa FA Cup darbuu isaa jibee otuu hin taane miidiyaa biyya keessatt...
21/04/2024

Kan barana immoo adduma! Manchester United tapha xumuraa FA Cup darbuu isaa jibee otuu hin taane miidiyaa biyya keessatti angafa ta'e tokkoo irraa waan hin eegamnedha! Taphichi eegalee reefu daqiiqa 52'rra jira FBC Afaan Oromoo kan isaanii immoo raajjiidha moo maal jechuu dandeenya?

21/04/2024
20/04/2024

Nageenni Badhaadha!

Oromiyaan qabeenya umamaafi namtolchee hunda keenya gahuun kan badhaadhe. Laftiifi qilleensi keenya hawwataafi mijataadha; Waa lama qofa barbaada: walhubannoofi yaada galteewwan qabnu madaqsee qabeenya (wealth) umu maddisiisuufi hojiitti hiikuu.

Qabeenya kennaa Uumaa qabeenya dabalataa umuuf nugargaaru keessaa inni guddaan dargaggeessa keenya. Gaachana birmadummaa biyyaa guyyaa aggaammiin biyyarratti taasifamu dursa hiriiru, gaafa guulaas nagaafi misooma ummataaf humnasaa hinqusanneefi hin dhiboofnedha. Dargaggoonni annisaa murteessaa duudhaa gootummaa dhalootaa dhaalanii gootummaa biyyaalessummaa misoomaafi birmadummaa biyyaatiin dabaaluuf imaanaa fudhataniidha.

Sonni guddummaafi seenaan birmadummaa dargaggoonni kaleessarraa dhaalan akka biyya ijaaru, dabaafi aadaan siyaasaa badaafi boodatti hafaan kaleessarraa as dhufe ammoo hirmaannaa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa dargaggootaarratti ashaaraa hi’intaa kahaniiru. Kuufamni daba ilaalcha aadaa siyaasaa badaafi boodatti hafaa kuufamee har’a gahe saaxilamummaa dargaggoota har’aatiif gumaacheera. Rakkoon nageenyaa naannoo keenya keessatti umame kun gama tokkoon bu’aa dhiibbaa aadaa siyaasaa badaafi boodatti hafaa tahuun kan haalamu miti.

Har’a boqonnaa kuufama dhibee siyaasaa kaleessaarraa as dhufeen qoramnee baranne kanatti, ofis, walis gaafannee, mari’annee, qalbeeffannee gaaffiin deebisuu qabnu tokko nudura jira. Innis, “maraammartoo aadaa siyaasaa badaafi boodatti hafaa kana keessaa bahuuf yeroo dabalataa nu barbaachisaa?” kan jedhudha. Maraammartoo gaabbii seenaa, gaaga’ama har’aafi ba’aa egeree malee sona kamiyyuu hin idaane cabsuuf yeroo dabalataa nutti fudhachuu hinqabu.

Akkuma beekamu, Mootummaan jijjiiramaa keenya aadaa siyaasaa badaa lafa qabatee ture kana buqqisuun sirna siyaasaa ammayya’aafi naga-qabeessaan bakka buusuuf of-eeggannoofi obsa ol’aanaadhaan hojjachaa tureera; hojjechaa jiras; aarsaa guddaas itti kaffalaa jira. Qaamolee hidhatanii waraana, jeequmsa, baqattummaa, saamichaafi mancaatii qabeenyaa, akkasumas ajjeechaa lammiilee keessatti osoo hinhafin qooda qabaniif waamicha nagaa walirraa hincinne taasisaa tureera; taasisaas jira. Gama kanaan dargaggoonni yeroo adda addaatti waamicha nagaa mootummaa fudhachuun galan lakkoofsaan baay’eedha.

Akkuma yaadatamu, kanaan dura shira qaamolee alaafi keessaa nageenyiifi tasgabbiin ummata keenyaa isaan yaaddessuun xaxamaa turerraa kan ka’e, fudhatamni waamicha naagaas ta’e, nageenyaafi tasgabbii naannoo keenyaa mirkaneessuun yeroo dheeraa akka fudhatu taasiseera.

Haatahu malee, yeroo ammaa kana hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman waamicha nagaa mootummaa fudhachuun galaa jiraachuun isaanii, shira diinota keenyaatti dammaqaa dhufuu dargaggoota keenyaa kan agarsiisudha.

Mootummaanis akka duudhaa keenyaatti dhiifamaafi gammachuu guddaan isaan simachaa jira. Warri hafanis, shirri diinota keenyaa kan itti fufu ta’uu hubatanii, waamicha nagaa kana fudhatanii, wareegama hinmalle kaffaluu jalaa akka of baasaniif waamicha irra deebii dhiyeessuun fedha.
Garaagarummaan siyaasaa kaleessas tureera; har’as nijira; borus nijiraata. Garuu, boqonnaa qabsoo garaagarummaan siyaasaa akka afaan qawweetiin furamuutti itti yaadamu cufuun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba. Wal-waraanuu, wal-gufachiisuufi wal-dadhabsiisuun diinota keenya onnachiisa malee ummata keenya maalumaanuu hinhumneessu. Boqonnaan garaagarummaa ilaalcha siyaasaa sibiilaan furuuf jecha dhaloota egeree sabichaa ta’e qisaasuun dhaabbachuu qaba. Maatiif gaaddidduu walii ta’uufi mararfannaa walii qabaachuutu aadaadha.

Mootummaan komii, gaaffileefi dhimma jiruufi jireenya hidhattoota hiriira shiraa diiguun karaa nagaa galaa jiranii irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Sagantaalee garaagaraa jiruufi jireenya isaanii deebisanii akka gadi dhaabbatan qofa osoo hintaane, qaama misoomaa taasisuun, tarkaanfii ummanni, naannoofi biyyi keenya gara fuulduraatti taasisaa jiran keessatti shoora murteessaa akka qabaatan isaan dandeessisan qopheessuun hojiirra oolchuu eegalameera.

Dhumarratti, milkaa’ina hanga ammaatti argameef, tumsi qaamolee hawaasaa garaagaraa hedduu murteessaa ta’uu yaadachiisaa, carraaqqii taasistaniifi taasisaa jirtaniif kabaja olaanaan qabu ibsuun barbaada. Gara fuula duraattis, hirmaannaafi deeggarsi keessan akka nurraa adda hinbaane imaanaa sinitti kennuun barbaada. Akkasumas, hidhattoota garaagarummaa jiru sibiilaan furuuf ifaajaniif, karri mootummaa marii nagaatiif banaa ta'uu irra deebiin mirkaneessaa, gadi teenyee mari’achuun imala dargaggeeyyiifi ummata keenya gara nagaa, tokkummaafi badhaadhinaatti akka taasisnu imaanaa jechuun barbaada.
Mariin Deebana!
Nageenyi Badhaadha!

✍️ "Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!" Albert Einstein Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa otuu deemu...
20/04/2024

✍️ "Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!" Albert Einstein

Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa otuu deemuu gurbaan duuriyyeen (kashalabbeen) tokko duuba isaan dhufee dhiite. Albert Inistaayin ofuma irra mil'atee ilaalee dhiisee deemsa isaa itti fufe. Ammas xinnoo turee gurbaan duubuma deeme dhiite, yeroo lammaffaaf. Albert Inistaayin ammas ilaaletuma deemsa isaa itti fufe. Gurbaan duubuma deemee yeroo 3ffaaf yoo dhiitu, namoonni naannoo sana jiran arganii Albertin akkana jedhaniin "Abboo ati gurbaa si dhiitu seeraan hin himattu? Yookiin immoo of irraa hin rukuttuu?" jedhanii gaafatan.

Albert maal jedhe beektaa?
"Ofirraa dhorkuuf ani yeroo hin qabu; seeratti himachuuf manni murtii harree itti himatan hin jiru, namni nama hin dhiitu harreedha kan nama dhiitu" jedheetuma deemsa isaa itti fufe!

Namni kaayyoo qabu waan karaa irratti isa qunnamu hundumaaf deebii kennaa hin deemu. Namoota ilaalcha harrummaa fi ilaalcha "Negative" siif qaban irraa fagaadhu! Kaayyoo galma gahuuf baate hamma geessutti duuba kee hin ilaalin!

✍️ Erga koo guyyaa har'aa....
1️⃣ Lafa yaadde gahuuf manaa baatee yeroo qormaanni si mudatu, qormaata sanaaf deebii laachaa ooltaa? Lakki dhiistee darbuu qabda.
2️⃣ Bakka kaayyoo kee gahuuf rakkinni akka jiru bartee, tuffattee bira darbitee deemuu qabda.
3️⃣ Waan hundumaaf deebii laachaa hin ooliin, kan si hinfayyadnedha baay'een. Yeroo kees hin gubiin.
4️⃣ Kaayyoo keefi karoora kee milkeessuuf waca namootaa hindhaga'iin! Darbii deemi. Gaafa ati Milkoofte kan si hordofan hedduudha.

Biyyaa nagaa oolaa!
Guyyaa gaarii qabadhaa!

19/04/2024

Daandiin cufneefi gabaan nuti laaganne hin jiru, hin jiratus! Guutuu Oromiyaa keessatti sochiin dhaabbatees hin jiru. Kanuma! 💪

19/04/2024

Ani nama kabajni maluuf miti ofiin jettee, akkamitti jireenya Kabaja qabummoo ofirraa eegda? Jireenyi barcuma ati ofiif keesse irra si teechisa, teessoo siif malu ammoo jireenya utuu hin taane situ ofiif murteessa!

Nama yeroo hundaa waliin baate galtu, nama yeroo hundaa ittiin of jijjiruuf jettee dafqsiiftu, nama mul'atakoo isa guddaa galmaan naaf ga'a jettee amante itti laatte, ofiikee mufachiiste, Eenyu waliin karaa fagoo deemuufi?

Jireenya keessatti uumaa waliin hanga dhumatti kan si waliin gammachuuf gaddaa mara hirmaatu, suma mataa keeti! Gaafa gammadduus gaddituus ati Suma!

Of waliin akka gaariitti jiraachuu caala ogummaa bareedaan hin jiru. Namni of kabajee, gaarii ofiif yaadee, yaaddoof dhiphuu jalaa of dhoksee tasgabba'ee of waliin jiraachuu danda'u, inni ogeessa fagoodha! Of kabajuun, ogummaa guddaadha! Sababni isaa namni of kabaju Xiqqoo ofiif hin yaadu! Namoonni fiixee milkaa'ina irra qubataan, namoota kabaja guddaa fi gatii olaanaa ofii isaaniif qoodaniidha! Ani nama kabajni maluuf miti ofiin jettee, akkamitti jireenya Kabaja qabummoo ofirraa eegda?

Jireenyi barcuma ati ofiif keesse irra si teechisa, teessoo siif malu ammoo jireenya utuu hin taane situ ofiif murteessa! Obboloota kee waliin nagaan jiraadhu! Namoota kabaja siif maluu siif kennuu hin dandeenye waliin miiltoo hin ta'iin!

Namoota siin kabajne irraa of fageessuun of kabajuu Kee mul'isa! Haalli gaafa siif wal qixxachuu didu, of ciccirtee of hin dallansiisiin! Tasgabbaa'i sammuu keen fidi fala jedhiin! Nama tokko arrabsaa, Kabaja dhowwattaa, maallaqa naaf kenni otuu jetteenii tole jedhee siif kennaa? Hin kennu sababni isaa kabaja isaaf malu otuu hin ibsiniif, waan ofii kee barbaaddu dursisifte waan ta'eef!

Dursa iddoo siif malu irra of kaa'i, dursa ofiif qabdu jijjiri, isaan booda waan barbaadde of gaafadhu! Kanniisa of gootee of uumnaan, dammi kee ta'uuf ni dirqama! Kanaaf dursi wanta argachuu barbaaddu sun eenyummaa siif kennuu danda'u of keessatti uumi!

Nagaa qabadhaa!

18/04/2024

Barsiisa tokkootu otuu leenjii kennaa jiruu Birrii Abbaa 100 kiisii isaa keessaa fuudhee, "Namni tola fudhatu jiraa?" jedhee gaafate. Kan leenjifamaa jiran hundinuu fudhachuuf harka isaanii ol kaasan. Ammas birricha sukkuumee, caccabsee, "Namni tola fudhatu jiraa?" jedhee gaafate. Ammas hundumtuu fudhachuuf harka isaanii olkaasan. Ammas si'a 3ffaaf birricha awwaara keessatti dhidhiitee awwaara qofa godhee, "namni tola fudhatu jiraa?" jedheen. Ammallee hundumtuu fudhachuuf harka isaanii ol kaasan. Maaliif beektaa? birrichi yeroo haaraas, yeroo sukkuumamee caccabes, awwaaraan yeroo makames, Birrii Abbaa dhibbaa ta'uu isaa gadi hindhiisne.✌️ Sukkuumanis, awwaara duwwaa godhanis, humna isaa irraa mulquu hin dandeenye.

Akkasuma yeroo tokko tokko namoonni baay'een akka waan arrabni isaanii eenyummaakee jijjiiruutti, akka waan oduun isaanii gatii si dhabsiisuu danda'uutti, akka waan abdii si kutachiisuu danda'aaniitti, waan meeqa sirratti dubbatu, sirratti raawwatus. Ati garuu oduufi dhiibbaan isaanii akka waan tokko si hin goone yoo beekte, akkuma birrii sanaati. Eenyummaakee sirraa mulquu hin danda'aan. Gatii qabda!🙏 Dhiibbaa alaan sirratti godhamuuf otuu hintaanee, keessa keeti cimii dhaabadhu. Gaafas ciminnikee dhiibbaa naannookeeti sirratti godhamuun sirraa hinmulqamu!

Galgala gaarii qabadhaa!

Humna Yaadaa!~~~~~~~~~Bu'aalee teknooloojii addunyaa har'aa hedduu isaanii tasgabbii fi xiyyeeffannaan yoo hubatte, jaar...
17/04/2024

Humna Yaadaa!
~~~~~~~~~
Bu'aalee teknooloojii addunyaa har'aa hedduu isaanii tasgabbii fi xiyyeeffannaan yoo hubatte, jaarraan kun hangaam waan ajaa'ibaa hedduu akka kalaqaa jiru hubatta. Kana qaamaanis, miidiyaa hawaasaa, toora interneetii hedduu irraa yoo ilaaltu ragaa guutuu argatta. Yaada jireenyaa ulfaataa salphisuu danda'an burqisiisanii waan raajii hojjatu.

Namni yaaduuf, haala mijaataa, xiyyeeffannaa, qophii fi fedhii guddaa qabaachuu qaba. Yeroo baay'ee wantoota nu jeeqan irraa ofi fageessuun yeroo yaadaa argaachuu qabna. Akkasitti wantoota dinqisiisaa hedduu fi yaadota rakkinootaaf furmaata ta'an maddisiisuu dandeenya.

Waaqayyo sammuu nuuf kennee, sammuu keenyaan waan gaarii akka yaadnu yaadas nu keessatti uumeera.
Yaadaaf kabaja haa qabaannu!

Mul'ata (vision)✍️ Nama ta'uu barbaaddu fi bakka ga'uu barbaaddu sammuu kee keessatti mul'ata uumi!
16/04/2024

Mul'ata (vision)
✍️ Nama ta'uu barbaaddu fi bakka ga'uu barbaaddu sammuu kee keessatti mul'ata uumi!

የዘመኔ ጀግና - የኢትዮጵያ ሰራዊት! የጥገኛ ተለላኪ የባዕዳን ቅጥረኛ ውዷን ኢትዮጵያን እንዳያፈርሳት በደሙ፣ በላቡና በአጥንቱ ዘብ የሚቆምላት የመጨረሻ እስትንፋሱን ስትወጣ ሰንደቋ በክብርና...
15/04/2024

የዘመኔ ጀግና - የኢትዮጵያ ሰራዊት!
የጥገኛ ተለላኪ የባዕዳን ቅጥረኛ ውዷን ኢትዮጵያን እንዳያፈርሳት በደሙ፣ በላቡና በአጥንቱ ዘብ የሚቆምላት የመጨረሻ እስትንፋሱን ስትወጣ ሰንደቋ በክብርና በነጻነት ለሚውለበለብላት ሃገሩ በታማኝነት ዘብ የቆመ ነው - የኢትዮጵያ ሰራዊት።

ክብር ይገባቸዋል! 🙏🙏🙏

Baga guyyaa gootaa geessan! Gootota misoomaafi nageenyaa jaarraa kanaa! ❤️🙏
15/04/2024

Baga guyyaa gootaa geessan!
Gootota misoomaafi nageenyaa jaarraa kanaa! ❤️🙏

14/04/2024

Nagaa Nagaa ammaas karaa Nagaa!
Peace has no alternatives! 🕊🙏

13/04/2024

Daandiin nuti cufnuufi gabaan nuti laagannu hiyyummaa qofa!
Liqimsi! 🕊🙏

13/04/2024

Jireenya siif malu jiraachuuf
tarkaanfiin jalqabaa gatiikee isa
sirrii beekuudha!

Eenyutu Finfinnee jeeqa Gaachana sirnaa Shaggaritu marsee eega! ሸገርን የሚጠብቅ፣ ለፊንፊኔ ሰላም ዘብ የሚቆም ጋቻና ስርና! ❤️🕊
13/04/2024

Eenyutu Finfinnee jeeqa Gaachana sirnaa Shaggaritu marsee eega!
ሸገርን የሚጠብቅ፣ ለፊንፊኔ ሰላም ዘብ የሚቆም ጋቻና ስርና! ❤️🕊

12/04/2024

F**ndoon Finfinnee miilaan seenuu hawwanii hawwiin isaaniis akkuma hawwanitti ta'eefi!
Dubbii 4 kiiloo itti deebina! 🤣

11/04/2024

Balballi nagaaf baname hin cufamne, harki nageenyaaf diriires hin dachaane!
Nageenyi isiniif haa ta'u!

በሳይንስ ሙዚየም እየታየ ያለው የ "ስታርት አፕ" ኢትዮጵያ አውደርዕይ በዘርፉ ያሉ ተሳታፊዎችን ተምኔት ፣ የፈጠራ ምናብ ስፋት ብሎም ችሎታ ማሳያዎች ቀርበውበታል። ሁላችሁም አውደ ርዕዩን በ...
11/04/2024

በሳይንስ ሙዚየም እየታየ ያለው የ "ስታርት አፕ" ኢትዮጵያ አውደርዕይ በዘርፉ ያሉ ተሳታፊዎችን ተምኔት ፣ የፈጠራ ምናብ ስፋት ብሎም ችሎታ ማሳያዎች ቀርበውበታል። ሁላችሁም አውደ ርዕዩን በመመልከት ከተሳታፊዎቹ ጋር እንድትወያዩ እጋብዛለሁ።

ጠ/ሚ ዶ/ር Abiy Ahmed Ali

ኢትዮጵያዊው ተስፋችን!~~~~~~~~~ሀገራችን በደማቀ እውነታዎች ውስጥ የምትገኝ ናት! የደመቀ ታሪክ የደመቁ ፀጋዎች በጥቂቱ የሚነገሩ ናቸው ! አሁን ደግሞ በታታሪ መሪዋ እየተመራች የብልፅግ...
11/04/2024

ኢትዮጵያዊው ተስፋችን!
~~~~~~~~~
ሀገራችን በደማቀ እውነታዎች ውስጥ የምትገኝ ናት! የደመቀ ታሪክ የደመቁ ፀጋዎች በጥቂቱ የሚነገሩ ናቸው ! አሁን ደግሞ በታታሪ መሪዋ እየተመራች የብልፅግናውን ማማ ለመውጣት በጥቂት ነው የቀራት! ድህነት ታሪክ አድርጋ ጠባቂነትን ከታሪክ ምእራፍ ላይ ሽራ ለሁሉ የተመቸች ሀገር ለመሆን በዐቢቹ የአመራር ጥበብ ከፍ ማለት ከጀመረች በጣት የሚቆጠሩ አመታትን አሳልፋለች!መሪው በተስፋ የደመቀ እውነት ይዞ ያሻገረው ከፈተናው በላይ ገዝፎ የታየ የሀገርን ደማቅ ታሪክ በደመቀ ማንነቱ አሻራን ያሳረፈ ከትላንት በላይ ዛሬን ያነገሰ ፍቅር ሰላም መደመር መሰረቱ ሆኑለት ትላንትን በፈገግታው አልፎ ዛሬንም በዚሁ ባማረው ፈገግታ ኢትዮጵያን ለማቅናት የሚሰራ ትጉህ ነው! ከትላንት በላይ ዛሬም የደመቀ ተስፋችን ነው!

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Kenname!~~~~~~~~ Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’...
10/04/2024

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Kenname!
~~~~~~~~
Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’e, ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hin qabu.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaa qaama hin beekamneen miseensa ABO Obbo Battee urgeessaa irratti raawwate ni balaalleefata; kun Kanaan osoo jiruu miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwatetti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa.

Miseensi ABO Obbo Battee Urgeessaa qaama hanga ammaatti adda hin baaneen magaalaa Maqiitti lubbuun isaanii darbee argamuun ni beekama.
Gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabneedha.
Kun Kanaan osoo jiruu, Obbo Battee Urgeessaa garaagarummaa ejjennoo fi kaayyoo siyaasaa mootummaa waliin waan qabuuf qofa, ajjeechaan kun akka waan qaama mootummaatiin raawwatee ololli bitaa mirgaa faca’aa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne akka ta’e mootummaan cimsee beeksisa.

Aadaa siyaasaa biyya kanaa jijjiiruuf qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen bu’aan adeemsa jijjiiraa waggoottan jahan darban keessatti argame keessaa tokko dirree siyaasaa bal’isuu akka ta’e ni beekama.
Obbo Battee ta’ees jaarmiyaaleen siyaasaa qabsoo karaa nagaa filatan hundi carraa kanatti fayyadamuun ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan tarkaanfachiisaa jiru.
Mootummaan bal’ina dirree demokraasiif aarsaa kaffalaa as gahe sababa garaagarummaa siyaasaatiin qaama qabsoo karaa nagaa gaggeessuu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhata jedhanii yaaduunis ta’ee, carraa kanaan qaawa siyaasaa guuttachuuf yaaluun gonkuma fudhatama hin qabu. Qaamoleen siyaasaa kasaaraan siyaasaa isaan qaqqabe carraa kanatti fayyadamuuf tattaaffi humnaa olii taasisaa akka jiran mootummaan taajjabbii qaba.

Dhumarrattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa yakka ajjechaa Obbo Battee Urgeessaarratti raawwate adeemsa qorannoo seeraa hordofee ummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksisaa, hanga qaamni nageenyaa gorannoodhaan adda baasee ummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa gochaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee, qaamni kamiyyuu olola qabatamaa hin taane tamsaasurraa akka of qusatu cimsee beeksisa.

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Ebla 2016
Finfinnee

Jaal Battee Urgeessaa baay'ee nama gaddisiisa waaqayyoo lubbuu kee jannata haa oolchu! Nagaan Boqadhu gootakoo 😭
10/04/2024

Jaal Battee Urgeessaa baay'ee nama gaddisiisa waaqayyoo lubbuu kee jannata haa oolchu!
Nagaan Boqadhu gootakoo 😭

Qophii Caayaa hordofaan ture...!~~~~~~~~~Hojimaata walxaxxaa Godinaalee, Magaalootafi Aanaalee naannoo keenya keessatti ...
09/04/2024

Qophii Caayaa hordofaan ture...!
~~~~~~~~~
Hojimaata walxaxxaa Godinaalee, Magaalootafi Aanaalee naannoo keenya keessatti rakkoo bulchiinsa gaarii ta'uun fayyadamummaa uummataa miidhaa turan deebisuuf qophiin "Caayaa" haala qabatamaa jiru ragaa waliin qindeessee dhiyeessuun qaamoleen hawaasaa baadiyaafi magaalaa jiraatan qophicha torbe torbedhaan hawwiidhaan akka eeganiif ka'umsa akka ta'e hunda keenya jala kan dhokate miti!

Gaaaffiiwwan ragaa waliin qiinda'anii qophii kana irratti gaafataman hoggaansi keenya Godina, Magaalaafi Aanaa gaggeessaa jiru keessatti haala qabatamaa naannoo sanaa beekee fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf quuqama, ilaalchafi qophaa'ummaa hammam akka qabu ifatti kan nuti argisise jedheen amana!

OBN Afaan Oromoo sagalee uummataa qophii Caayaas rakkoo walxaxxaa uummata keenya sadarkaa Naannoo, Godinaa, Magaaloota fi Aanaaleetti qunnama jiru sirreessuuf rakkoo nageenyaaf otuu hin jilbifatin karaa gaazexessaa tiin dhiyaachaa ture rakkoo bulchiiinsa gaarii hawaasa keenyaa hiikuuf hojimaata iftoomina, haqa-qabeessafi itti gaafatamummaa qabu diriirsisuuf qajeeltoo ifa ta'e hordofuu akka qabnu nuti mulisedha cimee itti fufuu qaba!

Qajeelfama Lafa Mana Jireenya Barsiisotaa!~~~~~~~~~Qajeelfamni kenniinsa lafa mana jireenya Barsiisotaa haaraan kun Godi...
08/04/2024

Qajeelfama Lafa Mana Jireenya Barsiisotaa!
~~~~~~~~~
Qajeelfamni kenniinsa lafa mana jireenya Barsiisotaa haaraan kun Godinaalee fi Aanaalee hunda keessatti bifa walfakkaata ta'ee fi yeroo gabaabaa keessatti hojiirra kan ooluu otuu ta'ee baay'ee gaariidha. Kanaan alatti immoo akkuma qajeelfamoota kanaan dura miidiyaa qofa irratti kan hafuu yoo ta'ee homaa gatii hin qabu, inumaa osoo ba'uu baatee irraa gaarii ta'a.

Qajeelfamoonni kanaan wal-fakkaatan baay'een isaanii ba’anii hojiirra otuu hin oolin hafanii waan jiraniif qajeelfamni kunis bahun isaa abdii kan namatti horu ta'uulee, waan gammachiisee nu utaalchisu miti. Hundaafuu, qaamni qajeelfama kana baase raawwii qajeelfamichaa sadarkaa Aanaaleetti akka hordofan ni dhaamna.

02/04/2024

Hiriira Deeggarsaa Bitootessaa 24 Magaalaa Hoolataa

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yoseph Bedada Dida posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Yoseph Bedada Dida:

Videos

Share



You may also like