03/09/2023
Departmentii akkamiin filannu?
Adeemsa barnootaa keessatti yeroo barattootaaf rakkisaa ta'an keessaa tokko, departmantii nuuf mijatu fi dandeettii keenyaan walgitu filachuudha. Waa'ee kanaa irratti Namoonni nuti mariisifnu irra caalaan isaaniimmo odeeffannoo gahaa hintaane fi deebii qabatamummaa hinqabne kan nuuf kennan tahuunsaa rakkoo sana hammeessa. Barreeffa kanaa gaditti dhihaatuun odeeffannoo waa'ee departmantii hundaayyu haala armaan gadiitiin qoqqoodee isiniif dhiheessuuf nan yaala
1, description: (Ibsa gabaabaa waa’ee dipartmanticha)
2, difficulty: (departmenticha filachuurratti fi eega filannee barumsa eegallee ulfaatina jiru).
3, salary and job: mindaa fi carraa hojii
4, yaada dhuunfaa waa’ee departmenticha
A, Medicine
1, description: Mediciniin damee barnootaa kutaalee hunda irraa baay’ee jaallatamaa fi sadarkaa olaanaa qabu yoo ta’u, abjuu ijoollummaa barattoota baay’eeti. Kabajni maqaa doktoraaf kennamuu fi gammachuun nama dhukkubsate fayyisuun ykn yaaluun argamu barattonni hedduun departmenticha akka filatan sababa guddaa kan tahanidha.
2, difficulty : waa'ee ulfaatinaa hin gaafatinaa!
- medicinii seenuuf dorgommiin guddaan waan jiruuf entrance result, GPA fi coc exam irratti akka gaariitti hojjechuun barbaachisaadha. Filannoo kan guuttanu dhuma seemisteera tokkoffattidha. Carraa filatamuu keessanii kan murteessuu
ENTRANCE EXAM (%35) .
GPA (%35) .
QORMAATA COC (3O%) .
Yuunivarsiitii tokko tokko keessatti dubartootaa fi barattoota naannoo boodatti hafoo(sjmale, Affaar...) irraa dhufaniif %5 Affirmative Action (jajjabeessuuf jecha tola kan itti dabalamuuf) waan jiruuf kana ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha.
Yuunivarsiitiiwwan damee kanaan barnoota gaarii kennuudhaan beekaman
1, Yuunivarsiitii Addis Ababa
2, Yuunivarsiitii Jimmaa
3, Yuunivarsiitii Gonder
4, Yuunivarsiitii Hawaasaa
5, Yuunivarsiitii Haramayaatti
6, Yuunivarsiitii Arbaminc
7, Yuunivarsiitii Debre Berhaan
8, Yuunivarsiitii Wellegaa.
Barattootni dhugumaan medicinii barachuu barbaadaniif, garuu ani dorgomuu hin dandahu ykn qabxii guddaa hin qabu jettanii yaaddan, university 1-5 armaan olitti caqafaman filachuu dhiisuun carraa departmenticha argachuu keessanii ni dabala.
- Mediciniin waggaa (6-7)f kan kennamu tahuunsaammoo rakkoo biraati. Mee yaadi hiriyyoonni kee hundi eebbifamanii, hojii argatanii, fuudhanii waa meeqatti galanii, ati ammallee hinuma achii baratta. Gara biraan ammoo kitaabni ati dubbiftu hangas hin jedhamu yeruma hunda dubbisuudha. Waa biraa bukke nan hojnedha ykn biratti barnoota biraa baradha jechuun baayyee ulfaata.
3,job and salary
- Haalli gama hojiitiin jiru waan ati keessa baatee fi nan argadha jettee yaadaa baateen wal simachuu baatuus hojiin dhaba jedhanii yaaduun garuu waan hinfakkannedha. Akka istaatiksii amma jiruun Itoophiyaatti namoota 10000 keessaa doktorri 1 qofa waan ta'eef gara fuulduraattis fedhiin qacarrii doctara ni dabala malee hin hir'atu. Garuu doctaroonni haaraan reef eebbifamanii bahan jalqabarratti naannoo baadiyyaa bu'uuraaleen misoomaa hin jirretti deemanii akka tajaajilan carraan ramadamuu isaanii guddaadha.
-Haalli mindaa doktora haaraa eebbifame muuxannoo hojii hin qabneef Birrii 9000 irraa kaasee hanga doktora muuxannoo hojii waggoota dheeraa qabuu fi tajaajila dabalataa kennu Birrii 20000tti garaagarummaa qaba. Dhugaadha, mindaan mootummaan isaaniif kaffalu kun hojii isaan hojjetaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu baayyee xiqqaadha (yeroo ammaa mootummaaf oliyyannoo isaanii dhiheessuurratti argamu). Wanti dagatamuu hin qabne tokko garuu doktorri tokko hojii isaa keessatti muuxannoo gahaa yeroo kuufate ykn
kaappitaala muraasa ka'umsa issaf tahu yoo argate of danda’ee hojjechuudhaan ykn hakiimota biroo waliin gurmaa'uum galii guddaa argachuu danda’a.