Oromo Insider

Oromo Insider All Oromoo Peoples Page

14/11/2021
15/07/2021

Poolisii Humna addaa Oromiyaa sammuu adoochanii ergan malee utuu jarri barattoota Oromoo naannoo isaanii deeman ajjeestuu, Utuu diinummaa Oromummaaf qaban adabaabayiitti ba'aanii Uummata Oromoo arrabsanii Poolisiin Oromiyaa tokko Amaaraaf dhaqee du'a jechuun nama dhiba.
Poolisii Oromiyaa utuu dhuguma Oromoof dhaabbate ta'e maaliif diina Uummata Oromoof dhaqee du'a?
Moo Poolisiin humna addaa Oromiyaa jedhee of yaamu kun Oromoo miti?
Poolisiin humna addaa Oromiyaa ilmaan nafxanyaaf dhaqeen du'a jedhee Oromiyaa gadi dhiisee ba'e kun siluma diina Uummata Oromooti.
Oromiyaa keessa socho'uun isaaniif ni mala jedhees hin amanu.
Uummanni Oromoos akka isaan warra Uummata keenya xureessuu kanaaf (Ilmaan Nafxanyootaa) Poolisiin humna addaa Oromiyaa akka du'uu ni eeyyama jedhees hin yaadu.
Maaliif Gaarummaa Goototni Oromoo utuu jiruu ilmaan nafxanyaa gootota keenya ajjeesaa, dararaa akka turteef itti jirtu osoo beeknu Uummanni Oromoo Poolisoota kana callisee akka ilaalu naaf hin galu. Sodaamoo kun abshaaluummaadha laata?
Uummanni Oromoo deebii qabaachuu mala.
Poolisiin Oromiyaa dhaqee jaraaf jedhee du'uu akka kiyyaatti gammachuu daangaa hin qabne naaf keenna. Diinniikoo isa Uummatakoo Bilisummaa dhorkate malee Uummata isa Bilisummaa isaaf falmate miti.

15/07/2021

Uummanni Oromoos ta’e WBOn carraa amma argate kana yoo itti fayyadamuu dadhabe, Deebi'ee argachuu kan danda'u Qabsoo jabaa fi dheeraa walitti fufiinsaan yoo godhe qofa.
❤💚❤ WBOkoo ❤💚❤ suma abdiin sabaa jabaadhu suma faana jirraa.

"Oromummaan haa badu, Itiyoophiyuummaan haa dursitu" warra jedhe Oromoof Oromummaa balleessuuf nutti dhaadate bira dhaab...
15/07/2021

"Oromummaan haa badu, Itiyoophiyuummaan haa dursitu" warra jedhe Oromoof Oromummaa balleessuuf nutti dhaadate bira dhaabbachuun saba biraa Uummata keenya xiqqaatuus hama Ummata keenya hin dubbanne irratti duuluun Uummata Oromoo irratti duuluu jechuudha.

Address

Bole
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Insider posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromo Insider:

Share