20/07/2022
Aartii Oromoo:
'Artistoota keenya hangafaa keessaan Abuubakar Muusaa agarra'-Mohammad Ahmad
Artistoota gameeyyii aartii Oromoof ka'umsa ta'an kanneen Baha Oromiyaatti biqilan keessaa Abuubakar Muusaa Wadaay tokko.
Baha Oromiyaa Harargee Ona Oborraa, Araddaa Dadar Ganda Leelee Gabaa jedhamutti kan dhalate Abuubakar, umurii gabaabduu addunyaarra ture keessatti artistoota Oromoo hedduuf bu'uura kaa'ee darbeera jedhu namoonni isa beekan.
Raadiyoo Harar sagantaa Afaan Oromoo keessa waliin hojjetaa akka turanii fi mana Abuubakar Muusaatti akka guddatan kan himan Obbo Mohammad Ahmad/Mohammad Qophee, Abuubakar bu'uura aartii Oromooti jechuun ibsan.
Abuubakar akkuma of bareen guddina aadaa, seenaa, afaan fi aartii keessatti hirmaachuu eegale, hawwisoo Afran Qalloo bu'eerssee erga sadarkaa jabaarraan ga'ee mootummaan irratti cufe.
Booda gara Raadiyoo Harar seenuun hojii hawaasi akkaan jaal'atu hojjetaa osoo jiruu mootummaa dargiin ajjeefame.
Seenaa Abuubakar Muusaa dhalootarraa hanga gaafa lubbuun darbuutti waan jiru irratti Obbo Mohammad Ahmad waliin turtii taasifneerra.
Jiruu ijoollummaa Abuubakar Muusaa...
Obbo Mohammad Ahmad/Qophee Abuubakar Muusaa ijoollummaarraa qabee akka isaan guddise himan, gara ogummaa aartiitti kan isaan fides isa ta'uu ragaa ba'an.
Raadiyoo Harar akka seenanii fi dandeettii ogummaa gaazexeessummaa akka gabbifataniif akka isaan gargaares himan.
Bakki dhaloota Abuubakar Baha Oromiyaa Konyaa Oborraa, Ona Dadar baadiyyaa Leelee Gabaa jedhamtutti Abbaasaa Obbo Muusaa Wadaay fi haadha isaa Aadde Faaxumaa Haji Alii irraa bara 1942tti dhalate.
Bara 1959 umriinsaa waggaa 17 wayita ga'u magaalaa Dirree Dhawaatti galee barnootasaas achitti itti fufe kan jedhan Obbo Mohammad, Dirree Dhawaatti galuunsaa akka carraa guddaa baneef himan.
''Ijoollummaarraa Dirree Dhawaatti waan barateef, kun afaan adda addaa akka baruuf carraa baneef. Afaan Orommoo irratti dabalataan Afaan Somaalee, Afaan Hararii, Afaan Arabaa, Afaan Amaaraa…afaanota naannawa sanatti dubbataman hunduma beeka,'' jedhan.
Dandeettii Afaanii qabu kanatti fayyadamuun hojii aartii Oromoo guddisuutti ciche kan jedhan Obbo Mohammad, ''Barruu biyyoota Arabaa baayyee dubbisa, barruun al-Haram Kaayirootti barreeffamu guyyuu karaa Jibuutii dhufaaf,'' jechuun akkaataa inni ijoollummaasaarraa eegalee dandeettiisaa guddifachaa ture ibsu.
''Kitaabileen afaan Arabaan barreeffaman hedduun isa bira ciisu. Kitaabilee komedii/qoosaa fi diraamaa, kan saayinsii fi hog-barruu mara harkaa qaba.''
Yeroosaa baay'inaan hojii isaa fi kitaabota dubbisuurratti dabarsa kan jedhan Obbo Mohammad, akkasuma maatii isaafis yeroo qabaaf, ni kabajaan jedhan.
''Haadha manaa lama fuudhee ijoollees godhateera, anis akkuma ijoolleesaattin manasaa ture. Yeroo hunda dandeettiisa fooyyessuuf nama tattaafatuudha, yeroo boqonnaasaattimmoo akkaan nama bohaarsa.''
Obbo Mohammad akka jedhanitti Abuubakar Muusaa umriisaa wagga 33tti addunyaa kanarraa du'aan boqote.
''Umuriisaa gabaabduu kana keessatti hojii dila kana kan dalage osoo jiraatee silaa waan raajii akka hojjetu tilmaamuun nama hin dhibu,'' jechuun gumaachasaa leellisan.
Abuubakar Muusaa Wadaay akka abbaatti isaan guddisuu kan himan Obbo Mohammad, ''Dandeettiin walaloo fi taphoota garaagaraa irratti qabu erga hubatee booda ofitti na qabee na barsiise,'' jedhu.
Manasaatti na galchee na barsiisee na guddisee hojiitti na galche, kanaaf abbaa kiyya.
Yeroon isaan walargu jaarmiyaan isaan hundeessan Afran Qalloon akka diigamee jiruu fi, Abuubakar Raadiyoo Harar sagantaa Afaan Oromootti gaazexeessaa ta'ee hojjetaa waan tureef achi keessa waliin hojjechaa turre jedhan.
Baandii Urjii Bakkalchaa-Afran Qalloo fi Abuubakar Muusaa
Abuubakar Muusaa bara1959 Dirree Dhawaa seenee, bara 1962 ALii Shabboo, Usmaa'il Muummad fi gameeyyii aartii Oromoo kaan waliin ta'uun Hawwisoo Urjii Bakkalchaa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hundeessan.
Abuubakar Baandii Urjii Bakkalchaa hundeessuuf yaada burqisiisuudhaan nama hangafa jedhan Obbo Mohammad.
''Yaada burqisiisuun waahillan isaa yeroo sana turan irraa yaadota garaagaraa erga fudhatee booda waliin ta'uun waa'ee aadaa fi afaan Oromootti lubbuu horuu irratti qabsoo eegalan. Qabsoo aartiidhaan gaggeeffamturratti nama hangafaati.''
Baandii hundeessuu qofa osoo hin taane walaloo artistootaaf qopheessuudhaan, waltajjii beeksisuudhaan, baandichas hoogganuudhaan hojjechaa ture jedhu Obbo Mohammad.
Abuubakar Muusaa nama dandeettii addaa qabuu fi hamma baratee ol nama beekuu fi hojjetuudha jedhan Obbo Mohammad.
''Uumamaanama dandeettii addaa qabuudha, barumsa isaa yoo ilaalte nama kutaa saddeet qofa barateedha. Garuu hojiinsaa kan barateen oli.
Afaan Arabaa sirnaan waan beekuuf aartii fi barreeffamoota Afaan Arabaa sirriitti hordofee kan keenyas akkas akka guddatu hawwa, hawwuu qofa osoo hin taane ni hojjetas,'' jedhan.
''Sammuunsaa baayyee qara, barreeffamoota, qoosaawwan, fiilmii fi walleewwan biyyoota alaa akkaan hordofa.''
Abuubakar Muusaa nama sabasaa akkaan jaallatu, sabasaa waliin jiraate, nama yeroo sanatti qubee Afaan Oromoo barsiisuuf tattaafataa tureedha.
''Wayita Raadiyoo Hararitti qacaramuuf jedhu namoonni inni waliin dorgome kanneen digirii qabaniidha, namoota jajjaboo akka Abdii Mohammad Qophee fa'i. Garuu Abuubakar tokkoffaa ta'ee hangafi aartii, gameessi Oromoo Abdiin ammoo lammaffaa ba'e,'' dandeettisaa ibsan.
Namni kun nama dandeettii qabu kan walaloo, muuziqaa, diraamaa, taphoota gaggabaaboo ammayyaa Oromoo yeroo jalqabaaf bu'uuressedha.
Nama taphataa dubbiinsaa yoggayyuu namatti mi'aawudha.
Sheekkoowwan fi taphoota gaggabaaboo Afaan Oromoon mi'eessee nama dhaamsa dabarsu ture jedhan Obbo Mohammad Qophee.
Taphoota inni waltajjiirratti dhiyeessuun ittiin beekamu keessaa tokko ''Caalaa caammaa, mucaan cimaan utuu hin mucucaanne cehee, cuncula coree miiccee cuunfee micciiree coqorsa caffee caamaa afu dhufee, isin cufti callisaa caqasaa,'' kan jedhudha.
Walleewwan walaloo isaan qindaa'an caalaa dubbiin inni waltajjiirratti taasisu baayyee jaal'atama ture.
Cufamuu Baandii Afran Qalloo fi imala gara Raadiyoo Harar
Baandiin Abuubakara Muusaa jalqabarraa ka'ee hundeessee, guddisee akka jaal'atamu godhe kun aanga'oota Itoophiyaa bara sanaan hin jaal'atamne, inumaa yakka ta'e jedhu Obbo Mohammad.
''Baandiin kunis erga guddatee hundee jabeeffatee booda akka cufamu taasifame. Booda hidhamuutu dhufe, kaan hidhaa dheessuuf biyyaa ba'an. Hojii dhabuunis mudate, qormaata guddaatu mudate. Namni hunduu adda adda bittinnaa'e, innis rakkoo kana dheessee gara miidiyaatti seene.''
Abuubakar Muusaa Adoolessa 23, bara 1973 Raadiyoo Harar seene.
Gara Raadiyoo Harar erga deemees hojiisaa ittuma fufe kan Obbo Mohammad, ''Raadiyoon kun hawaasa biratti baay'ee akka jaal'atamu namoota godhan keessaa inni hangafa,'' jedhan.
Qophii torbanii kan ''Takka waliin haa kofallu'' jedhu jalatti sheekkoo, hibboo, mammaaksaa fi kaan miidhessee dhiyeessuun onnee dhaggeeffattootaa fudhate.
''Sagaleesaa kiilolee sanaan diraamaan inni qopheessu fi akkaataa inni itti sagantaawwan qindeessu hawaasi gara raadiyoo keenyaa akka deebi'u affeere,'' jedhan.
Raadiyoon sababasaa jaal'atame kun kanuma mootummaati, mootummaan garuu kanuma biraa itti hin gammadu jedhu.
''Sagantaa inni hojjetu uummata akka muuziqaatti waraabbatee dhaggeeffata, yeroo sagantaa nuti galgala hojjenne waraabanii ganama nu dhageessisanfaa hedduudha.''
Aadaa, aartii fi afaan Oromoo akka cimuuf nama jiruusaa guutuu hojjeteedha kan jedhan Obbo Mohammad qabiyyeewwan walaloowwan isaa ulaagaa aartiin madaala guddaa kan kaasaniidha.
''Yeroo sanatti walaloowwan inni barreessaa ture ciigoo hedduu kan of keessaa qabu waan turaniif yeroo fi haala adda addaa keessatti hiika mataasaanii qabu. Haala Kanaan uummanni mirgasaaf akka falmatu akka qabsaa'uu onnachiisaa ture. Raadiyoo irratti qabiyyeewwanuma akkasii dabarsaa ture.''
Abuubakar Muusaa bara mootummaa Hayilasillaasees baayyee dararamaa ture, mootummaan dargii ammoo hojiidhuma inni guddina aadaa, afaan fi aartii Oromoo keessatti hojjetuuf dallanee lubbuusaa galaafate jedhan Obbo Mohammad.
Akkamiin, eessatti, yoom ajjeefame?
Abuubakar Muusaa bara 1977 sagantaa Raadiyoo Afaan Oromoo wayita xumuree ba'u hidhattoota Dargiin ajjeefame.
''Raadiyoon Harar sagantaan Afaan Oromoo sa'atii tokkorratti xumurama, Adoolessa 12, Abuubakar sagantaa xumuree wayita istuudiyoodhaa ba'u rasaasaan rukutanii ajjeesan,'' jedhan Obbo Mohammad.
''Ajjeechaa isaa dura guutummaa magaalattii keessaa ibsaa balleessanii turan, erga inni ajjeefamees reenfi isaa akka hin kaafamne godhan. Reenfa isaa halkan sana dukkanaan bineensi harkifatee nyaate.''
Namni Oromoof jireenyasaa kennee hojjechaa ture haala Kanaan galaafatame kan jedhan Obbo Mohammad ''Hojii isaa fi waan inni nuuf bu'uuresse wayita ilaallu garuu inni hin dune jechuu dandeenya,'' jedhan.
''Artistoota Gameeyyii keessan isa agarra''
Hojiin isaa barabaraan kan isa yaadachiisaniidha kan jedhan Obbo Mohammad ''Weellistoota keenya gameeyyii keessatti Abuubakar agarra,'' jedhan.
Osoo Abuubakar yeroo sana jiraachuu baatee waleewwan babbareedoon hanga har'aa jaal'ataman hin jiran.
An akka dhuunfaa kiyyaatti osoo Abuubakar hin jiraanne ta'ee waanan har'a hojjedhu hojjechuu hin danda'u jedheen amana jedhan.
''Weellistoonni gameeyyiin akka Alii Birraa fi Alii Shabboo bu'aa Abuubakar Muusaati. Hojii babbareedduu kenneefii kan hojjechiisee har'aan ga'e isa, isaan keessatti isa agarra,'' jedhu Obbo Mohaammad Qophee.
Abuubakar nama fakkeenya irraa fudhatee hojjete hin qabu.
Urjii Bakkalchaa dura baandiin Oromoo hin turre. Kalaqa mataasaatiin baandii ammayyaa Oromoof hundeesse.
Aartii ammayyaa'aa biyyoota alaa kanneen akka Sudaan, Araboota, faranjoota irraa qo'achuun keenyas kanaa gadi ta'uu hin qabu jedhee yaada kana maddisiise.
Baandiin Urjii Bakkalchaa inni hundeesses battaluma tokkotti akkaan guddatee, baandiiwwan biyya kana keessa turan hunda caalaa fudhatama argate.
Biyya kana keessatti baandiin/orkestiraan kan mootummaas ta'e kan dhuunfaa kan Afran Qalloo saba hedduu biratti jaal'atamu hin argine jechuun hojii Abuubakar dinqisiifatu Obbo Mohammad.
Weellistoota akka Oromiyaatti qofa osoo hin taane akka guutuu biyyaatti walleensaanii jaal'ataman akka Alii Birraafaa horate, hojii baandichaa hunda duuba Abuubakar Muusaatu jira jedhan.
Maddi: BBC News Afaan Oromoo
Pioneer Media