Madda Walabu Media

Madda Walabu Media Madda walabu media

09/08/2023

Qamar yusuf osfana irratti.

Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa  Finfinneetti  eegalchiifamuufi. _Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ...
20/05/2023

Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneetti eegalchiifamuufi.
_
Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa iddoo Hooggantoonni Naannoo Oromiyaafi Federaalaa , Abbootii Gadaa , Abbootii Amantaa akkasumas Hadhooliin Siinqee argamanitti har'a Finfinneetti eegalichiifamuufi.Ijaarsi masaraa kanaas waggaa 2tti akka xumuramu eerameera.Ijaarsisaas marsaa 2 akka qabu himameera.

Masaricha ijaaruuf walii galtee kan mallatteesse dhaabbanni ijaarsaa Korporeeshinii Ijaarsaa Injinariingii siviilii Chaayinaa "CCECC" (China Civil Engineering Construction Corporation) yeroo qabame keessatti xumuruuf xiyyeeffannaa addaan akka hojjetu beeksiseera. Masaraan kunis handhuura Finfinneetti Lafa heektaara 6 ol irratti ijaarama.

Madda Walabu Media

20/05/2023

. š—”š—®š—»š—®š—® š—Ŗš—®š—¹š—®š—®š—Æš˜‚š˜‚ š—Ÿš—¶š˜…š—®š—®
=============================== šŸ‘‰š— š˜‚š˜‚š—±š—®š—ŗš—® š—›š—®š—®š—暝—®š—®

1, Ob. Habtaamuu Birhaanuu ~ I/G Waajjira Bulchiinsaa

2, Ob. Umar Miree ~ I/ A Waajjira Bulchiinsaa

3, Ob. Sulxaan Umar ~ I/G Afa Yaa'ii

4, Ob. Abdulnaasir Aadam ~ I/G Waajjira Galii

5, Ob. Abdulmannaan Abduljaliil ~ I/G Waajjira Maallaqaa

6, Ob. Huseen Aadam ~ I/A Afa- Yaa'ii

7,Ob. Muktaar Abdurrahiim ~ I/G Waajjira Qonnaa

8, Dr. Siraaj Muhaammad ~ I/A Qonnaa

9, Ob. Hasan Idiris Gadaa ~ I/A Qonnaa

10, Ob. Kamaal Abdoo ~ I/G Waajjira Misooma Jallisii fi H/Bulaa

11, Inj.Tamaam Kadiir Turaa ~ I/G Waajjira Daandii fi Loojistikii

12, Ob. Caaccuu Sallii ~ I/G Waajjira Misooma Albuudaa

13, Ob. Abdulqaadir Abdurahmaan ~ I/G Waajjira Buusaa Gonofaa

14, Ob. Muhaammad Kadiir Jiloo ~ I/G WHG

15, Ad. Muniiraa Ibraahim ~ I/A WHG

16, Ob. Xayyib Kadiir Jiloo ~ I/G Waajjira Lafaa

17, Ob. Girmaa Baanataa ~ I/A Waajjira Barnootaa

18, Ob. Kulula Shanaa ~ I/G Waajjira CHUO

19, Ob. Xaahaa Huseen Waaqoo ~ I/G Waajjira Daldalaa

20, Ob. Gazzaalii Haji Ismaa'il ~ I/G Waajjira Geejjibaa

21, Ob. Garramuu Birhaanuu ~ I/G Dargaggoof Ispoortii

22, Ob. Jamaal Huseen Waaqoo ~ I/G Aadaaf Turizimii

23, Ob. Abdulhakiim Muhaammad Bakarii ~ I/G Waajjira Investimentii

24, Ob. Xayyib Hasan Tokkoo ~ I/G Galmeessa Ragaalee Siivilii

25, Dargag. Xaahir Umar Duubee ~ I/G Waaj.Hawaasummaa

26, Ad. Badhaatuu Dasii ~ I/G/tuu Waj.DhDD

27, Sh/Muhaammad Abdulahad Waaqoo ~ I/G PSMQN

28, Ob. Ramadaan Kadiir Muusaa ~ I/G Waaj.Fayyaa

29, Ob. Ahmad Yaasin ~ I/A Waaj.Fayyaa

30, Ob. Abdurashiid Muhaammad ~ I/G Eegumsa Naannoo

31, Ob. Amiin Aliyyii Huseen~ I/G Waajjira Dh/Ko/Mootummaa

32, Ob. Abdulnaasir Edeen ~ I/A Waajjira Nageenyaa

33, Ob. Darajjee Magarsaa ~ I/G Paabliksitii

34, Ob. Haashim Hasan ~ I/G Hayyootaa

35, Ob. Abdulnaasir Xaahaa ~ I/G Liigii Dargaggoo

36, Dubree Kubraa Muhaammad Abdoo ~ I/G Liigii Dubartootaa

37, Ob. Xaahir Huseen Haajii ~ I/G KIN

38, Ob. Ahmad Abdulkariim ~ I/G Waldaalee Hawaasaa

39, Ob. Muzayyen Huseen ~ Hogganaa Mana Qopheessaa Magaalaa Oborsoo

40, Ob. Seeyfuu Aadam Haajii~ I/G Manaajimantii Lafa Magaalaa Oborsoo

Bara Hojii Gaarii Isiniif Hawwina.

Innalillah wainna ilehe raajiā€™uun
20/05/2023

Innalillah wainna ilehe raajiā€™uun

Naannoo Amaaraatti finxaaleyyii heera Mootummaa diiguun aangoo humnaan to'achuuf carraaqanirratti tarkaanfiin fudhatamaa...
30/04/2023

Naannoo Amaaraatti finxaaleyyii heera Mootummaa diiguun aangoo humnaan to'achuuf carraaqanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jira'. Qindoomina humna waloo tasgabbii fi Nageenyaa

MWM Ebla 20,2015- Naannoo Amaaraatti Finxaaleyyii heera Mootummaa diiguun aangoo humnaan to'achuuf carraaqanirratti tarkaanfiin dhumaa fudhatamaa jiraachuu qindoominni humna waloo tasgabbii fi Nageenya biyyaalessaa beeksise.

Humnichi ibsa Miidiyaaf ergeen Akka beeksisetti Uummata Amaaraaf qabsoofna jechuun biyya keessaafi alaa qindaa'uun garee gurmeessuun qaxaleewwan ilmaan Uummataa irra deebiin nyaataa jiru.

Gareen Finxaaleyyii kun kaleessa ilma sabaa kan ta'e Obbo Girmaa Yeshiixilaa galaafachuun hojiisaanii badaa mirkaneessaniiru.

Gareen kun hojii badaa akkanaa raawwachuun Uummanni Amaaraa nagaafi misooma akka hin arganneefi jireenya tasgabbaa'e akka hin jiraanneef akkasumas murteewwan Mootummaan darban hojiirra akka hin oolleef gufuu ta'aa turuu humnichi ibseera.

Jarsummaa iddoo garaa garaatti raawwataa ture cinatti dhiisuun waan nagaa filatan fakkaachuun gurmaa'uun gocha seeraan alaasaanii raawwachuu itti fufaniiru.

Sirna Mootummaa Naannoo Amaaraa diiguunis Aangoo humnaan fudhachuuf dhama'aa turuunis ibsameera.

Gareen kun Naannicharras darbuu sadarkaa biyyaattis Mootummaa humnaan buusuuf yaaliin inni hin taasifne akka hin jirre qindoominni humna waloo fi nageenyaa fi tasgabbii kun ibsuun, daandii badiisaanii kanarraa akka deebi'aniif carraa irra deddeebiin kennamaafii ture cinatti dhiisuun gocha badiisaanii itti fufaniiru jedha ibsichi.

Miseensonni garee kanaa hedduun gocha seeraan Alaa kanarratti hirmaatanis to'atamuun dhimmisaanii seeraan ilaalamaa jiraachuunis eerameera.

Mootummaan nageenya Uummataa mirkaneessuuf dirqamasaa bahachuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu waan eegaleef, Uummannis qaamolee nageenyaa federaalaafi naannoof eeruu fi odeeffannoo kennuun tumsuu akka qabu humni waloo kun waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni rogeeyyii Miidiyaa gochaa saalfachiisaa humnoota finxaaleyyii dhoksuun karaa miidiyaa hawaasaan oduu qabatamaa hin taane tamsaasan irraa akka of eegu akka qabu yaadachiisuun, fuuladurattis tarkaanfii fudhatamaa jiru Uummataaf kan beeksisan taā€™uu Qindoominni humna waloo tasgabbii fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiseera.

15/04/2023
Magaalaa Adamaa
11/04/2023

Magaalaa Adamaa

Jeneraal Waaqoo Guutuu (A.L.A 1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga ummata Oromooti....
04/04/2023

Jeneraal Waaqoo Guutuu (A.L.A 1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga ummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse.

Ijoollummaa Isaa
Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hassan irraa bara 1924, Godina Baalee aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal kan h**e yoo taā€™au , kanniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa (2015 tti) dubartoota kudha-ja'a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee soddomii-afur qaba.

Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee manaa osoo hin bayin, osoo abbaansaa hin beekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hin taā€™iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan.

Qabsoo Jalqabuusaa
Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo taā€™anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana ā€œEessatti baddee, Waaqoo!!!ā€œ jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii ā€Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidiā€ jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin ā€œmaali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabeeā€œ jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan.

Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo taā€™an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daaā€™imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu kaā€™aaā€ jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani.

ā€œGabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,ā€ jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii gabroomfattootaatiin ba'an Gannaalleen gama ceeā€™anii, Walaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taaā€™oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddeetiin walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi'i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan. Haala kanaan diinaan lolaā€™aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo argachuu jalqaban.

Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee sochoā€™e. ā€œUmmata keenyaan wal taā€™aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!ā€ jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobbaā€™uun, bakka buā€™oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garriā€™ii fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebiā€™ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka jedhamutti ummata walgaā€™e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamuā€™uun yaada isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee, Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutuā€™uu addatti waamee ā€Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu ga'aa hinqabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka taā€™e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif godhaa, asuma quphadhuu taaā€™ii, taaā€™ii yeroo itti eggadhuuā€ jedheen.

Waaqoo Guutuu, mootummaasn Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuunkee dhugadha, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma ooā€™aa keessaa ba'e, amma diina maangudoo, dubartii fi daaā€™imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa ā€˜Guddoodha hindandeessanā€ jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni,ā€ Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrummaā€™aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaaā€ jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada isaa kana xiinxaluun hubatee ā€œWanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga qacalee reef baā€™aa jiru, nibeektuu, wanti guddoon isin gargaarru jiraachuu dhabaatus, waan humna keennaa isinii goona, mee hangasiif gama Bulahawootti ol-deebiā€™aatii na eegaa." jedhee gara koloneel Umar deebise.

Guyyaa gabaabaa keessatti koloneel Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo fi Kadiiriin Moqadishootti hambise. Isaan ammoo, afaan Sumaalee faaratti beeekuu dhabuu irraa kan kaā€™e, hafuu isaanii kanatti, ā€œMaaliā€™iif nu hambisan?ā€ jetdhanii yaaddayan. Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jeneraal Daawud guyyaa lammataa Helekoopterii ofiitin Waaqoo fi Kadiiriin gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jeneraal Daawud hooganoota gosoota waraanaa hunda waliin jiran walitti qabee, Jeneraal Waaqoon hooganaa isaanii godhee muude. Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi'i kenneefii ā€œyoo isin silaafuu waraana Amaaraa hindandeettanii, mallayyoo poolisaa ykn hiituma mudhiā€™iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi bifaa fi baayā€™inni qawweā€™eellee kanaa ol akka taā€™u waadaa siif gala,ā€ jetdhee gaggeessa. Amma Waaqo nama sadi'ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi'iin feā€™atanii galuuf gaala barbaadachutti jiran, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef. Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taaā€™anii mariā€™atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. ā€œHIZBIIā€ ofiin jedhan. Namuu gama biyya isaatti socho'e, waraanni Waaqoollee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.

Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa k**a qawwee isaa baafate, ā€œdhoombirā€œ ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa jiā€™a Caamsaa irratti waraana Amaara kan isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja'a taā€™u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saaā€™aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni afurtamii sadi'i yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta'ummoo madaa'e. Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mulā€™dhatee, deeraa fi ijoolleen daawā€™atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin kudha sadi'i boojiā€™an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman.

Falmiin bifa kanaan jalqabee balā€™dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif bulchaā€™aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee dhibba sadii'ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis ā€œWaaqoon fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran fixuuā€ jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan kaā€™e "anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii.ā€ jedhe Onkololeessa 1970 motummaatti harka kennatan. Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii mooticha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa taā€™uun itti walii galamee, "ammaa booda biyya waliin bulchina" jedhan. Aangaā€™oo fi bulchaalee mirkaneessanii fii Jeneraal Waaqollee biyyatti deebiā€™an. Haga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobbaā€™e Magaalaa Bidiree keessaa ba'uun isaaniitti mak**an. 1976-1983, itti-gaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa taā€™uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa taā€™uun, itti aanummaā€™aan gaggeessaā€™aa turan.

Akeekni Jeneraal Waaqoo bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaaā€™u tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuun Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) bara 1989 hundeessun dura buā€™ummaan hooganaa turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,ā€rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuuā€ jechuudhaan Mootummaa Ceā€™umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebiā€™an. Bara 2000 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taaā€™ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo gidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii turan. Dhaamsa ummataa dura taaā€™ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas ā€œYaa ummata keenya gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har'a ammoo beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanqanne. Har'a tokko taā€™aa jirra, dhaabbilee Oromoo ja'an walii galtee uumaa jirra, Ummatni keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraaā€”mee gaara dorrobe nu hingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii odoo eeganii lilmoo dhale, gaara dorrobee lilmmoo dhale nuhingotdhinaa,ā€ jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.

Injifannoo Waraanaa
Loltoonni Waaqoo Guutuu lenjii fi meeshaa ga'aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalqaban. Injifannoo guddaa argatan keessaa tokko Waraana Malkaa Annaatti bara 1963 godhame. Waraana kanarratti, helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hintaanen rukutanii kuffisan. Kanaafis barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee "Towra/Sowra Dhombiir" jedhamuun beekk**a. Waraana Dhombiir kan Malkaa Annaatti godhamerratti finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji'an, kunis meeshaa ittiin diina ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee, haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani.

Address

Adama

Telephone

+251973225981

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madda Walabu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share