01/09/2022
Amala Ergamaa RABBII ﷺ 'aa!! by Misbaay Sheikh Husseen
○Ergamaan RABBII ﷺ ilma Namaa Dachee Tanarra Ejjate Keessaa irra Bareedaa Amalaati!
Namni Isaanirra Sammuun Guutuu Hin jiru, Kan Isaanirra Bareedu Hin Jiru,kan lsaanirra Urgaahu Hin Jiru, Kan Isaanirra Garaa Laafu Hin jiru, Kan Isaanirra Gootaa Hin Jiru, Kan Isaanirra Arjaa Hin Jiru kan isaanirraa RABBIIN sodaatu hin jiru,kan isaanirra obsa qabu hin jiru,kan isaanirra qaanfii qabu hin jiru....!
صلوات ربي وسلامه عليه
Takkaa lubbuu ofiitiif haloo/gadoo hin baane,takka ofiif dallanee fuula hin guurre,takkaa dhimma ofiitiif rakkatee hin cinqamne...!
صلوات ربي وسلامه عليه
Jabaa tahu laafaan,qabaataa tahu dhabaan,bareedaa tahu fokkotaan,beekaa tahu wallaalaan isaan biratti wal qixa!
صلوات ربي وسلامه عليه
Takkaa nyaata tokko hin tuffanne,takkaaa kennaa namaa namatti hin deebifne,takkaa yaamicha affeerraa namaa hin hafne,takkaa kadhatanii '' Lakki,hin qabu" hin jenne,qabaatan ni kennan,yoo dhaban ni cal'isu!
صلوات ربي وسلامه عليه
Kophee ofiif suuphatu,uffata ofiif hodhatu,re'ee ofii elmatu,qamashaa/qoshaa ofiif qamashu,foon maatii isaaniitii ofiif ciru!
صلوات ربي وسلامه عليه
Kan dhukkubsate ni gaafatu,kan du'e gaggeessanii awwaalu,hiyyeessa hiyyummaa isaatiif hin tuffatan,mootii angoo isaatiif hin sodaatan!
صلوات ربي وسلامه عليه
Yoo garii gaala yaabbatu,yoo garii farda gulufsiisu,yoo garii gangee Saggaarsisu,yoo garii harree yaabbatu,nama of duubaan yaabbisuu hin qaanfatu,nama tokko isaan duubaan deemuu itti hin dhiisan,bitaa ykn mirga isaanii yoo taate malee....!!
صلوات ربي وسلامه عليه
Afaan isaanii zikrii hin dhiisu,sammuun isaanii tafakkura/xiinxala baay'ata,yoo dubbatan hin iyyan,yoo haasayan hin jarjaran,yoo deemaan ni ariifatu,yoo kolfan ni seeqatu,yoo gammada fuulatu ifa,yoo aaran fuulatu gurraacha'a,salaata ni dheeressu,dubbii/Khuxbaa ni gabaabsu,foolii urgaa'u jaalatu,waan ajaa'u ni jibbu,yeroo garii ni taphatu,garuu dhugaa malee dhara hin dubbatan,nama tokko hamileee hin cab