Sololo Times

Sololo Times We Report Truth

01/01/2025

👌✌️

30/12/2024

Dubbii Keenyarratti, OPDO/bilxiginnaan yeroo ajandaa Jawar irratti ofxamaddee jirtutti, WBOn duula gaggeessaa jiruun gara qawwee 1000 diina tumee walitti qabaa jira.

Ammas irra deebi'a, ganama tokko hiriba keerraa yoo kaatu, Kufaatii OPDO/bilxiginnaa isa dhumaa arguu akka dandeessu hin irraanfatiin! Ana siin jedhe amani!

30/12/2024

PDF Sana dubbisa yoo jedhu Baacaan sammuu kooti dhufuun na rakkisaa jirti. Dhiiseen Kitaabichuma bittachaa jira😊

Jawwuun erga erguun ishee hin oollee, baga Amarinyaa isaa ergiteefi. Baacaan garuu Afaan Oromoo illee dubbisuu hin danda'u laata? BTW, Baacaan booji'amtoota Shabiyaafi Wayyaanee keechaa nama Araadaa dha.

Waa'ee Baacaa yeroo yaadadhu gabaasa Ethio Forum ኢትዮ ፎረም waggaa dura " Baacaan nama Shaabiyaan Gammoojjii Saaheliifi Magaalaa Nairobiitti cafarsiiste dha" isa jedhuufi Azaab Masfiin dur gaafa ishee dabbarru, Baacaa naa yaamaa naaf haa cafaru" jechuun ajaja kennitu sana dha.

Daankirenyaawu Baacaa jedha ture Getaaachoo Raddaa dur! Baacaan Operation waraanaa Daangaa Keeniiyaatti gaggeessuuf jenna jedhe sana akkam godhe garuu?

Baacaan umurii isaa waggaa 84 sanatti fayyadamuun, Jawwuudhaan akka Hoolaati hooqisuun PDF Kitaabichaa harka galfatee, Chuuchaadhaan Shalamame! Baacaan GOOTA keenya jechaa jirti OPDOn.

Dubbii Keenya irratti, KItabichi alatti bahuun, Dispooraan Oromoo ala jiru kun hedduun Xiiqiidhaan akka galaanaa irra galagaluun Kitaabicha akka bitu ni godha. Jawaar Aroophaa qofa irra qarshii EThiopia million 100 ol ni agarta!

Sana ta'u kana, Jawwuun Kitaaba PDF isaa Baacaatti erguun isaa amma illee amalli Jabbummaa darbee darbee axaqa'aa ture sun akka isa hin gadhiisinne agarsiisa. Jawaar yoo xiqqaate Marroo irraa waa barachuu qaba ture. Marroon waan akkanaa rabbi osoo isa gaafatee iyyuu ee hin jedhu. Fakeenyaaf yeroo tokko Chuuchaan diploomatii warra Lixaa tokkootiin " Marroo waliin nuti tokkuma, silxaanaaf jedheetu nalolaa jira malee,wal nuqunamsiisi" jechuun gaafate. Faranjii sunis gammadee, Prime MInister kana kan naa jedhe, Ajajaan waraana Fincilaa kan ta'e Marroon gammachuun fudhata jedhee sammuu isaa keessatti badhaasa Nobel Prize yaadaa, Abiyyi akka isa dubbisuu barbaadu gaafa itti himu, Marroon " Lakki dhimma dhuunfaa waliin haasofinnu hin qabnu, yoo barbaade karaa qaama 3ffaa, haala uummati Oromoofi haawaasi idiladdunyaa ifatti beekeen haadhufu" jedhe. Chuuchaan yeroo tokkos Kol. Gammachuu Ayyaanaa ofitti yaamuun " Marroodhaan na qunamsiisi" akka jedhe kolonichumti midiyaarratti ibsa gochuu ni yaadatama.

Jawaar Marroon isa mataa isaa karaa nama biraa yoo ta'e malee akka isa hin dubbisne nan amana. Yeroo dhimma kana kaasu, Marroon nama Militaryfi intelligence, Jawaar immoo nama Siyaasaa garraamiifi diplomaasii ta'uu irranfadhee osoo hin taane, Jawaar yoo xiqqaate Kitaaba isaa Bilxiginnaan bifa maxxansa kitaabaafi PDF'n dadabsitee akka gadi lakkisuuf kanfaltii Shillingii Keeniyaa Miliyoona 2'n (2.2M ETB) nama arguufi akka barbaada jirtu, itti himame sanarratti nama Intelligence ta'uu qaba ture jedhee waanan amanuufi. OPDOn Finfinnee hanga Nayiroobii PDF kitaabichaa qarshii miyooona meeqaan kan barbaadde dhabde Atinkuu/ Baacaa Dabalee haasaa Jimaa AboMismaariin, Jawwuu hoqisuun manuma isaa taa'uun PDFicha booji'e. Baacaan booji'amee danasuu bare, amma dhumaratti PDF salphaatti booji'un carraa Chuuchaa waliin danasuu argateera.

Haalli Booji'amuu PDF Kitaaba Jawaarfi Niqqiluufaa sun waluma fakkaatti. NIqqiluun amma fakkaattuu isaa PDF kan taate argateera🤣🤣

30/12/2024

Suuseen yeroo dhiyootti as baati. Acabacabuuf ofqoheessi! Dubbiin dhumateetti!

JL Fuuzoo keenna nagaan koottu!!

30/12/2024

Rakkoon JL jawwuu gaafa mirkaantu isa Hoolaa taatu sana dha. Namni akkamitti Kitaaba isaa Baacaatti erga?

30/12/2024

ሶሎሎ ተራራዉ😊

29/12/2024

#ጥንቃቄ

የኢትዮ-ጅቡቲ መንገድ በዚህ ወቅት፤ በሥፍራዉ ላይ እየተደርገ ባለዉ ዉጊያ በመቋረጡ ሁሉም ጥንቃቄ ይዉሰድ!

🧐🧐🧐
26/12/2024

🧐🧐🧐

Operations humni diinaa kallatii afuuriin birmannaaf bahe daaraa itti ta'e
25/12/2024

Operations humni diinaa kallatii afuuriin birmannaaf bahe daaraa itti ta'e

የአይራ ወረዳ ፖሊስ አዛዥ ጨምሮ ብዙ የብልጽግና የጦር ኃይሎችን የጨረሰው ውጊያ

*****"

በምዕራብ ወለጋ፣ ውስጥ የኦነሠ ትናንት "የአላማ ጽናት" በሚል ዘመቻ በመላው ኦሮሚያ ማካሄድ የጀመረው የዘመቻው ጦርነት፤

1. ከአራት አቅጣጫ ለእርዳታ ወደ ወረዳዉ ስንቀሳቀስ የነበረው ጦር ወድሟል፡፡

- ለምሳሌ፣ ከአይራ አቅጣጫ ለእርዳታ ስጓዝ ከነበረዉ የብልጥግና ጦር በአይራ እና ጉሊሶ መካከል ባለው ዋና አስፓልት መንገድ አስኮሜ በምባል ልዩ ስፍራ፤ 25 ወታደሮች ወዲያውኑ ሲገደሉ ከ30 በላይ የሚሆኑት በማቁሰል፤ በዚህ ስከታማ አዉደ ዉጊያ 3 ኤፍ የሚባሉትን ወታደራዊ እና የመንግስት ጨምሮ 6 ተሽከርካሪዎች ተቃጥለዋል።

- ከላሎ አሳቢ ወረዳ አቅጣጫ ወደ ስፍራዉ ለእርዳታ ስንቀሳቀስ የነበርዉ ኡዋ ወንዝ በሚባል ሥፍራ ላይ ከ10 በላይ ሰዎች ተገደሉ አንድ 3 ኤፍ ወታደራዊ መኪና ተቃጥሏል።

- ከጉልሶ ወረዳ ከተማ ጫሊያ- ኤካ ከሚባል ሥፍራ በ3 ተሽከርካሪዎች ለውጊያ ከወጣው ኃይል አስር የማይበልጥ ሰው ብቻ ነው በህይወት የወጣው

-በአይራ ወረዳ፣ ቦንዳዎ በሚባል አቅጣጫ ለእርዳታ ስጓዝ የ የነበረው የሚልሻ፣ ፖሊስና ጸረ ሽምቅ ኃይል፣ የወረዳዉ ፓሊስ አዘዥ ኮምደር ታምራት አበበ፣የወረዳው ወንጀል መከላከል አዛዥ ኢንስፐክተር መገርሳ፣ ሳጅን አላና ጫላና 3 ጸረ ሽምቅ ኃይልን ጨምሮ በአንድ ቦታ ስገደሉ፣ 3 ተሽከርካሪዎች ወድማል።

-በአሁኑ ወቅት የብልጥግና መከላከያ ሰራዊትን ጨምሮ፣ ፓሊስና ሚልሻ አይራ ሆስፒታል ውስጥ ህክምና ላይ መሆናቸው ታውቋል።

ከተገድሉት ዉስጥ የወረዳዉ ፖሊስ አዛዥ ኮ/ር ታምራት ከበደ እኝህ ነበሩ

😎😎
25/12/2024

😎😎

Yeroo 9ffaaf galee jira Sumaaltichi Chuuchaadhan AKARAA geechuun gagabse sun🤣🤣

25/12/2024

W3O ajaja Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfilee waraanaa godinaalee Arsii Lixaafi Bahaa aanalee Adaabbaa, Zuwaay dugdaa, Sirkaafi Roobee Dida'aa keessatti fudhachaa jiruun, boquu diinaa cabsaa jira.

25/12/2024

Lola Duula Cichoomina Kaayyoo Wallagga Lixaa, aanaa Gulisootti ta'een:
1.waraanni kallattii afuriin itti birmachuuf deemaa ture daaraa ta'eeraa. Fakeenyaaf Aayirarraa osoo birmannaaf deemtuu karaa guddaa aayiraa fi Gullisoo gidduu bakka Askommee jedhamutti raayyaa ittisa biyyaa 25 battalatti yoo du'an 30 ol madoon adabamaniiru
2. Lola kana keessatti Konkolaataa 3F fi mootummaa dabalattee 6 gubateera
3.Aanaa Laaloo Assaabii irraa kan dhufaa turte naannoo Laga uwwaa jedhamutti Ittisa takka aanaa Laaloo Assaabii dabalattee namni 10 ol yoo du'u konkolaataa 3F tokko gubateera,
4. Aanaa Gullisoo magaalaa Calliyaa ekkaa irraas birmannaaf kan deemaa turte konkolaataa 3 keessaa nama 10 kan hin caalletu lubbuun hafe,
5. Aayirarraa karaa Boondawoo jedhamuun itti birmachuuf kan deemaa turte Itti gaafamaa poolisii aanaa Aayiraa inspector Taammiraat kan durfamaa Turan keessaa,Itti gaafatamaa ittisa yakkaa Anaa aayiraa kan tahe inspector Magarsa fi Saj.olaanaa Caalaa kan jedhamu dabalatee humna ripee lolaa 3 iddoo tokkotti du'aan yoo adabamtu hedduun madoofteetti, konkolaataa Rivo tokko kan Oromiyaan barana kenneef dabalatee konkolaattonni 3 daaraa ta'aniiru,
6. Milishaa,Raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii dabalatee namoonni 40 ol madaa'uun yeroo ammaa kana Hospitaala Waliigalaa AAYIRAATTI argamti ammaaf kanuma
7. Lola kana keessatti wajjiri meeshaa bilxiginnaa ta'e Wajjiri Abbaa Alangaa barbaadaa'eera

24/12/2024

Utuubaawwan Sibiilaa warra madaallii Oromoo eegsisaa imalaa jiru. Utubaan dhiigaan dhaabbate eenyuu iyyuu danda'ee buqqisuu miti, hin sochoosu✊

24/12/2024

Gaafa gaanfa Girmaa Guutamaa qeeribinu itti fooyya'e. Amma at least " ala taa'anii waan siyaasaa haasahuun hin danda'amu yoo jedhu hin arginu😊

Garee Jawar durii keessaa kan takkaa daandii QBO irraa kan asiifi achi hin jeenne Xaggish dha. Tsaggayeen nama miirri ofittummaa, gandummaafi gartummaa murna kamuu isa harkisuu hin dandeenyee nama daandii gadi lakkisuu didee itti cichee kabaja isaa guutuu waliin imalaa jiru dha.

Dubbii keenyarratti dhimma hayyoota Oromoo keessaa gidduu kana waa'een namoota 2 nadhibaa jira. Tokko Dr. Assaffaa Tarrafaa Dibaabaa maabara jaldeesotaa Komishinii Marii Biyyoolessaa jedhamu keessatti argamaa jiru yoo ta'u, kan 2ffaa Dr. Kadiir Husseen liqambarii afooshaa ta'uu sana dha. Saayinsii Siyaasaan namni digrii 3ffaa qabu tokko afoosha bulcha jedhee carraa hojii jaarolee saamuu hin qabu. Philosooferiin ogbarruu akka Dr. Assafaas, sirna eenyummaa ( seenaafi aadaa) Oromoofi Oromiyaa diiguuf maqaa Komiishina Marii Biyyooleessaa feekii ta'e dhaabbate keessa galuun seenaa isaa balleessuu hin qabu. Mabara Jaldeessaa keessaa maal godhu Dr. Assafaan amma? Dr. Assafaan prof. Mararaafi JL Dawwud Ibsaa caalaa dhimma marii komishinaa kana beekaniitu itti hirmaachaa jiruu?

24/12/2024

OPDOn galiin kitaaba Jawar irraa argamu hojii badinsaa Shaneef waan ooluuf namni kitaacha bite ykn osoo dubbisuu argame ni ajjeesama jedhamee akka ololamu qajeelchama dabarsitee jirti. Ololi sobaafi doorsisi kun amma keessa keessan hawaasa qaqabaa jira.
Raammoowwan OPDO midiyaa hawaasaarraa, gatiin kitaabichaa qr.1000 qala'aa ta'e jechaa karaa biraa immoo doorsisa gaggeessa jirti. Galii Kitaaba Jawaar irraa argamu meezoo tokkoo gara WBO deemu hin jiru. OPDOn ni afuufti. Jarri waan odeesitu walaaltee jirti. Caasaan olola Raayyaa midiyaa OPDO heeduun, caasaa Jawaar waliin kan wal bulbule waan ta'eef, Jawaar bakka billitii ishee rukutee gaggabsu argatee waan jiru fakkaata. Ololli namticha I/A dhimma Komunikeeshinii Bulchinsa Magaalaa Finfinnee sun gaagura itti gadi itti naqee dhangalaasu sun osoo hin bilchaatiin jalaa dhangalaasaa jira. Amma qalqalloo ololaa bilxiginnaa keessatti goondaa diimaan dabalameera. Goondaan diimaafi gurrachii yoo barmeela keessatti wal tumuu jalqabu, goondaan diimaan warra gurraacha akka fixu shakkiin hn jiru😀

Anis Goondaa diimaa dha! Ciniini!!

24/12/2024

JL Jawwuu dhirsa bilxiginnaa! 😎

24/12/2024

Caasaan waraanaafi intelligence Getaachoo Guudinaa akka ajaa'ibaatti waggarameera🙂 #ወግር

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sololo Times posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share