GBS-Gada Broadcasting Servise

GBS-Gada Broadcasting Servise MADDA ODEEFFANNOO SIRRII FI WAYTAAWAA
(1)

Oduu Ammee!Qabsaa'aa fi Artistiin Oromoo Angafni Nuhoo Goobanaa lubbuun darbe.Artist Nuhoo Goobanaa dhibee Narviifi dhib...
01/18/2022

Oduu Ammee!

Qabsaa'aa fi Artistiin Oromoo Angafni Nuhoo Goobanaa lubbuun darbe.

Artist Nuhoo Goobanaa dhibee Narviifi dhibee keessootiin qabamee yeroo dheeraaf wal'aansarra erga tureen booda, Amajjii 18, 2022 lubbuunsaa akka dabarte OMN maddeen garaagaraa irraa mirkaneeffateera.

Artist Nuhoo Goobanaa umurii dargaggummaa isaarraa eegalee nama Qabsoo Ummata Oromoo milkeessuuf aarsaa guddaa kaffalaadha. Aartiin qabsaa'ee qabsaa'ota hedduus horateera. Walleewwansaa qabiyyee Warraaqsaa, Siyaasa, Maatiifi Jaalala biyya dabalatee walleewwan jaallatamoo hedduu weellisuun kan beekamu yoo ta'u, seenaa qabsoo Biliisummaa Oromoo keessattis gumaacha Aartiin taasiseen nama seenaan yaadatudha.

Artist Nuhoo Goobanaa keessumaa walleesaa erga guddaa of keessaa qabdu, "Tokkummaa… Yaa Ilmaan Oromoo Tokkummaa" jettuun hedduu biratti beekama. Hojiilee hedduu guddina Aartii Oromoof gumaacheen cinattis, Oromoon waloon hiriiree qabsoosaa fiixaan baasuuf, hojii tokkummaasaa Sabichaa irratti hojjetee darbeen Ummata Oromoo biraa galata qaba.

OMN, Artisti Nuhoo Goobanaa du'aan of biraa dhabuutti kan gaddine ta'uu ibsaa, Maatii, Firoottan, Waahillan hojii isaatii fi Ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina

Hidhaa Irraa Hiikkamuu Miseensotaafi Hogganoota KFO Ilaalchisee Ibsa KennameHidhaa baatii 18tiitiin booda Amajjii 7/2022...
01/12/2022

Hidhaa Irraa Hiikkamuu Miseensotaafi Hogganoota KFO Ilaalchisee Ibsa Kenname

Hidhaa baatii 18tiitiin booda Amajjii 7/2022 hidhaadhaa bahuu keenya isiniif mirkaneessuu barbaanna. Ajjeechaa Artistii keenya qaalii Haacaaluu Hundeessaatti aansee hidhaan nurratti raawwatame guutumaan guututti bu’uura siyaasaa irraa kan madde akka tahe beekamaadha. Qaamoleen nu hidhanis nuti yakka kamirraayyuu bilisa akka taane wallaalanii osoo hin tahin dirree siyaasaa nu keessa jirrutti haqaan nu falmanii moohuun ulfaataa akka itti tahu waan beekaniifi. Egereen siyaasa isaaniis waan isaan yaaddessuufi. Dirree siyaasaa irraa nu dhabamsiisuufii hidhaan siyaasaa kan nurratti raawwataniif sochiin siyaasaa nuti gaggeessaa turre aangoo isaaniitii garmalee sodaachisaa waan taheefi.

Erga nuti humnaan dirree siyaasaa irraa dhiibamnee gara mana hidhaatti galfamnee booda waan hedduutu tahe. Sodaan guddaan nuti siyaasa biyya keenyaa keessatti dhalachuun ni mala jennee tilmaamaa turres ni dhalate. Abdiin Ummanni Itiyoophiyaa ceehumsa siyaasaa baroota dabran uumamerraa eegaa tures guutumaan guututti fashalaaye. Biyyattiinis haala baay’ee nama gaddisiisuun wal waraansa suukaneessaa keessa galte. Gaaga’ama siyaasaa dhalate, rakkoo hamaa Ummanni nagahaa Miiliyoonotaan lakkaawamu keessatti kufeefii rakkoo wal waraansa kanaan dhalate hunda miira gaddaa guddaadhaan hordofaa turre. Hariiroon Ummatoota biyyattii jidduu jiru burkutaawee, biyyattiinis saffisa ol’aanaadhaan gadi konkolaattee yeroo arginu mana hidhaa keessa teenyee wanti godhuu dandeenyu gadduufii guyyaan fooyya’aan akka dhufuuf hawwuufii Rabbi kadhachuu qofa ture. Keessattuummoo yakkoota suukaneessoo Sabaaf Sablammootaf Nannolee biyyattii kanneen akka Oromiyaa, Tigraay, Beenishaanguul Gumuz, Affaarifii Amaara keessa jiraatan irratti raawwatamaniin gadda guddaatu nutti dhagahame.

Gaaga’ama siyaasaa biyyattii keessatti Uumamefii balaa hamaa baatiiwwan 13n dabran keessa mudatee of duuba deebi’anii sirreessuuf yeroon isaa baay’ee barfatuun isaa waan wal nama gaafachiisu hin qabu. Haa ta’u malee, hammamuu dhiphatus, badiin biraa akka hin uumamne hambisuu, nagahaaf tasgabbii deebisanii dhugoomsuu, hawaasaf Ummatoota walitti araarsuufii biyyattii deebisanii ijaaruudhaaf carraan ni jira jennee amanna. Kana godhuudhaaf garuu qaama hundaa bira fedhii dhugaa bu’uura godhate, hirmaannaa onneef qalbii guutuun taasifamuufii murannoof kutannoo waan kana dhugoomsuu qabaachuu gaafata.

Bu’uuruma Kanaan, akka dhaaba keenyaatti

- Jijjiirraa Adeemsaa gama Mootummaatiin mul’ataa jiru, kan waraana leellisuu baroota lamaa oliif ture irraa gara rakkoo Uumame nagahaan furuu irratti fuulleffataa jiru akka tarkaanfii gaariitti fudhanna. Yaadni kunis qabatamaan gara hojii mul’ataafii irra deebii hin qabnetti geeddaramuu qaba jennees ammanna.

- Qaamotni lola kana keessatti hirmaannaa taasisaa jiran hundi rakkoo dhalateef furmaatni nagahaa akka argamuuf mariidhaaf carraa akka kennan waamicha goona. Hamma gama hundaa dhukaasni guutumaan guututti dhaabbatuttis qaamni hunduu nageenya Ummataa, Qabeenya akkasumas dhaabbilee tajaajila Ummataa kennan akka tiksan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna;

- Qaamonni alaa kamiyyuu lola biyyattii keessatti uumame furuudhaan biyyattiin nagahaaf tasgabbii yeroo kamiyyuu caalaa isii barbaachisu akka argattu shoora gaarii/ bu’a qabeessa/ akka taphatan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna. Qaama kamiifuu deeggarsa siyaasaas tahee meeshaa kennuudhaan waraanni biyyattii keessatti akka babal’atu qaamoleen taasisan gocha akkanaa irraa akka of qusatanis dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna. Qaama tokko cinaa hiriiruudhaan deeggarsa laachuudhaan balaaf gaaga’ama biyyattii keessatti deemaa jiru hammeessuu irra balaa dhalate kana mariidhaan akka furan dhiibbaa akka taasisan dhaamuu barbaanna.

- Sabaaf sablammoonni biyyattii waamicha waraanaaf qaama kamiinuu godhamu akka balaaleffataniifii haasaaf duula jibbiinsaa gaggaffamuu kamiifuu gurra akka hin kennine dhaamuu barbaanna.

- Gaddi guddaan Ajjeechaa Artistii Jaalatamaaf Kabajamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatameen gaddi nutti dhagahame ammas kan nu keessaa belbeluudha. Ajjeechaan Haacaaluu akkamiin akka raawwatame, ajaja eenyuutiin akkka raawwatameefii kaayyoo maaliitiif akka raawwatame qorannaan bal’aanifii amanamummaa Ummataa qabu akka godhamu gaafanna. Ummanni bal’aanis tahee Maatiin isaa eenyu ajjeechaa suukaneessaa sana akka ajajeefii akka raawwate beekuuf haqa qaba. Qorannaa yakka suukaneessaa Artistii keenya qaalii sabaa irratti raawwatame siyaasessuufii irra dibaadhaan bira dabruudhaaf yaaliin godhame fudhatama kan hin qabneefii sirni haqaa biyyattii haqa Haacaaluu ifoomsuu dhiisaatii taatee halkan san taheeyyuu ifoomsuu akka hin dandeenye kan mirkaneesse akka tahetti fudhanna. Kanaafuu, akka Idil Adduunyaatti gareen walaba tahe hundeeffamee qorannaan walabaafii haqaa gaggaaffamee akka dhugaan isaa bahu gaafanna.

- Hidhamtoonni Siyaasaa biyyattii keessatti sadarkaa gubbaatii hanga jalaatti jiran, miseensonni dhaaba keenyaa, deeggartootni keenya, Hoggantootni ABO gameeyyiin, Miseensonni ABO, hidhamtoonni siyaasaa kumaatamootaan lakkaawwaan, gaazexeessitoonni, rogeeyyiin, akkasumas qaamooleen sababa siyaasaa qofaaf labsii yeroo muddamaa kanaan wal qabatee hidhaman hundi haal duree tokko malee akka hiikaman gaafanna,

- Akka dhuunfaattis tahee akka dhaabaatti qabsoo karaa nagahaa gaggeessaa turre itti fufuudhaan Mirga Ummata Oromootifii kan sabaaf sablammoota biyya kanaa dhugoomsuuf akka hojjannu irra deebisnee isiniif mirkaneessuu barbaanna. Akkuma amma duras irra deddeebiidhaan dubbataa turre rakkoo siyaasaa wal xaxaa biyya tanaa hiikuudhaaf waraanni furmaata ni taha jennee hin amannu. Yeroo nuti dubbataa turretti qaamotni hin hubatin jiraachuu malanis taatee biyyattii keessatti uumamerraa qaamonni heddduuun dhugaa nuti jedhaa turre kana ni hubatu jennee abdanna. Nagaaf tasgabbii waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuudhaafii waliin jireenya keenya dhugoomsuudhaaf marii dhuga qabeessa sabaaf sablammoota biyyattii jidduutti gaggeeffamu qofatu furmaata fiduu dandaha jennee amanna.

Dhumarrattis,

Qaamotaafii namoota dhuunfaa ji’oota 18n dabraniif nu cinaa dhaabbatan, maatii keenya kanneen yeroo hunda fuula ifnanaatiin nu kunuunsaa turan, warreen guyyaa hunda hedduminaan dhufanii nu dubbisaa turan, hiriyyootaafii deeggartoota keenya kanneen akka nuti gadi lakkifamnuuf sagalee nuuf tahaa turan, Abukaattowwan keenya kanneen kanfaltii tokko osoo nurraa hin barbaadin gootummaafii gammachuu guddaadhaan qulqullummaa keenyaaf nuuf falmaa turan hundaanuu galanni keenya onnee keenyarraa madde isin haa qaqqabu jechuu barbaanna.

Keessattuummoo Abukaattoo Seeraa keenya osoo nuuf falmuu aarsaa ol’aantuu nuuf jecha kanfale Obboo Abduljabbaar Huseeniif galata guddaa galchuu barbaanna. Ajjeechaan isarratti raawwatames gadi fageenyaan qoratamee qaamni yakka suukaneessaa sana isarratti raawwate seeraaf akka dhiyaatu gaafanna. Garee Wal’aantotaa yeroo yeroodhaan deddeebi’aa fayyaa keenya toohataa turan, keessattuummoo yeroo nyaata laganneefii yeroo kaanis kanneen irra deddeebiidhaan dhufanii tajaajila nuuf kennaa turaniif galanni keenya isin haa dhaqqabu jechuu barbaanna. Oolmaa Hospitaalli Land Markifii Hojjattoonni isaanii lubbuu keenya oolchuu keessatti nuuf oolan immoo kan bara baraan yoomuu yaadannuudha! Haa Ulfaatan!

Poolisoota Federaalaafi Eegdota Mana hidhaa Qaallittiifii hojjattoota Bulchiinsa Mana Hidhaa Qaallittii kabajaafi ulfina ol’aanaa nutti agarsiisaniif baay’ee galatoomaa jechuunii barbaanna. Dhugumatti akkaataan isaan ittiin nu toohataa turan osoo manneen hidhaa biyyattii guutuu keessa jiran bira gahee maal qaba kan nama jechisiisudha! Onneerraa Galatoomaa isaaniin jechuu barbaanna.

Qabsoon Itti Fufa!

Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Amajjii 3, 2014

Taarikuu Gaankisii haasawan waltajjiirratti taasiseen 'sarara keessaa bahuu koof dhiifaman gaafadha' jedhe*************W...
11/15/2021

Taarikuu Gaankisii haasawan waltajjiirratti taasiseen 'sarara keessaa bahuu koof dhiifaman gaafadha' jedhe
*************
Weellisaan sirbasaa 'Dishtaa Giinaa'' jedhamuun beekamtii guddaa horate Taarikuu Gaankisii, dhuma-torbee darbe keessa waraanaarra 'araara wayya' jechuun erga labse booda, miidiyaatti as bahuun dhiifama gaafate.

Taarikuun hiriira guddaa deeggarsa mootummaaf magaalaa Finfinneetti waamame irratti waraan irra ''araara wayya'' jedhee dubbachuun dubbii ijoo tahee ture.
Haasawa isaa hordofes qeequmsa cimaa kan keessumsiise weellisaan kun, miidiyaa EBS jedhamurratti dhiyaachuun miiraan guutamee dhiifama wayita gaafatu mul'ateera.

Dhimma waltajjicharratti affeerameef ''hubachuu dhabuurraa kan kahe waantin dubbadhe, uummata aarii keeessa galcheera'' kan jedhu Taarikuun, ''sarara keessaa baheen ture'' jedheera.
Artistichi dabaluun: ''Ajandaan qaama kamiinuu natti kenname hinjiru... ani miira koon dubbadhe,'' jedheera.

11/06/2021

GBS,6,2021
Lola bardheengaddaa yeroo kana Tigraay irratti baname dhalattoota sabichaatti aanee kan akkaan balaaleffate Oromoo dha. Miidhaa saba Tigraay irra gahe Oromoon biyya keessaas alaas jaraa waliin dhaabbatee waltajjii adda addaa irratti mormeef. Waan waggaa 27f TPLF akka EPRDFitti godhaa turetti osoo haaloo hin qabanne miidhama isaaniitti gaddeef. Hayyonni Oromoo sagalee isaaniif tahanii miidiyaalee alaa fi keessaa hunda irratti lallabaniif. Oromooon rakkoon TPLF waliin qabnu bara 2018 xumurame jedhee hubata waan taheef lola daangaa babal'ifannaa warri Amaaraa sirna Abiy qabatanii godhan balaaeffataa ture, har'as borus ni morma. Lolli isaanirratti baname itti fufa lola ummata Oromoo irratti banameeti jennee waan hubannuuf qabsoo warra Tigraay akka tumsa qabsoo keenyaatti fudhanne. Akka tarsiimootti dhugaa dhas.

Sirni Abiy Ahmad hammeenya guutee dhangala'e Oromoof qabu waggoota sadan dabran kana waan agarsiiseef akka hundeedhaan buqqa'uu qabu 100% itti amanna. Humnoota kanarratti qabsoo godhaa jiran kamuu waliinis walitti dhiheenyaan hojjenna. Haa tahu malee Bilxiginnaa wayta ofirraa buqqifnu deebinee olaantummaa TPLFis tahee qaama biraa kamuu jalatti buluu filanna jechuu miti. TPLF waggaa 27 OPDO waliin tahanii imaammatni dogoggoraa saba keenyaa fi hoggana qabsoo keenyaarraatti geggeessaa turuun yaadannoo kaleessaa ti. Dhugaa kana jarris hin haalani. Sana jechuun garuu boru waliin hin hojjennu jechuu miti. Akeeka siyaasaa wal fakkaataa qabaannaan, tarsiimoo wal kabajaa fi wal tumsa irratti hundaawe tolfannaan, kan dabre irraa jiiluu fi irraa barachuun jiraannaan, firooma siyaasaa jara waliin tolfachuun ni gargaara malee rakkoo hin qabu.

Siyaasaa biyya kamuu keessatti yeroo qabsoo wal tumsaa deemanii gaafa injifannoo bira gahan wal ganuun waanuma jiru. TPLF illee bara 1992 bifa kanaan ABO gane. TPLF fi EPLF galata meeqa walii oolanii booda gaafa aangoo mi'eeffatan akka hamaatti wal ganani. OPDOn bara 2018 keessa yakka ishii dabretti waan gaabbite of fakkeessitee Oromootti firoomuu jalqabdee booda gaafa aangoo ho'ifattu qabsaayota Oromoo gante, nyaatte. Siyaasaa keessatti walitti dhihaachuun akkuma jiru wal ganuunis waanuma eegamu jechuufi.

Qabsoon Oromoo bara baraan ormaaf garaa bal'atee xumura irra gahee ganamuu kana keessaa bahuu qaba. TPLF eega Maqaleetti deebi'ee hanga ammaatti hamaa qabsoo Oromoo dubbannaan hin dhageenye. Boruuf garuu ajandaa akkamii akka nuuf qaban hin beeknu. Ifas goonaan hin dhageenye. Ammatti humna waraanaa guddaa horachuun injifannoo cuccululuqaa galmeessuu isaaniitiin akka malee of hubatanii ammas akka kaleessaatti nu yaadu yoo taheef ammuma irraa afaan ifaadhaan itti himamuu qaba. Hariiroon keenya wal kabajaa fi wal tumsa irratti malee tokko kaan jalatti buluu irratti kan hundaahu gonkumaa tahuu hin danda'u.

Oromoonis boolla tokkichatti lama sadi kufa yoo tahe anaa nyaatuu hin qabu. Ammoo yeroo dubbiin saffisaan garagaggalaa jirtu kanatti waan deemaa jiru akka tayaateraatti taa'anii daaw'achuu osoo hin taane qabsichi akka milkaahuuf qooda gama hundaa gumaachuun daandii sirrii irratti tiksuun dirqama hundaati.
Yeroo ammaa dhiibbaa addunyaatiin aangoo 4 Kiiloo deebisanii TPLF qabsiisuudhaan humnoota hafan kan akka Oromoo gad xiqqeessanii laaluun akka jiru taajjabaa jirra. Kun waan argaa callifnee bira dabarruu miti. Kana akka taanu kan nu godhe burjaajii OPDOn saba keenya gidduutti uumtee tokkummaa qabsoo sabichaa laaffiftee dha. Jabaa siyaasaa Oromoo kan silaa yeroo kanatti hojii murteessaa hojjetu har'ayyuu hiitee irra taa'uudhaan diinummaan ishii daangaa akka hin qabne mirkaneessaa jirti.

Hundumaafuu amma burjaajii OPDOn dhalchitee qabsicha miite irraa dandamachaa jirra. Jajjabeen Oromoo qormaata meeqa keessatti tumsa sabaa baay'ee xiqqaa taheen qabsoo kana dhiibanii asiin gahan galataa fi ulfina guddaatu malaaf. Ammoo hanqina jiru guutuu irratti humna saba guddaa kanaa fayyadamuu qabani.
Gama hojii siyaasaatiin qaawwa bal'aa banamee jiru dafanii guutuu, adeemsa qabsichaa yeroo yerootti sabaaf addeessuuf miidiyaalee Oromoo hundattuu gahummaatti fayyadamuu faa dabalata. Kana malees wal tahiinsi TPLF waliin godhame daangaan isaa eessa gahee eessaan deebi'aa irratti waan miidiyaa irratti ibsamuu danda'u ibsuu irraa eegna. Kun olola OPDO fi gooftoliin isaanii qabsoo Oromoo maxxantuu TPLF fakkeessanii oofan qulqulleessuuf gargaara.

Kun kun yoo fooyya'e humna Oromoo guddaa kana akka galaanaa danbaliifachuun fayyadamuun salphaa taha. Humna kana gahaatti of faana hiriirsinaan ammoo kan silaa nama tuffachuu barbaadullee onneerraa nama kabajuutti dirqama. Gaafa akkas tahe humni biraa kamuu akka qilleensaatti Oromoo gamaa gamana hin raasu. Oromoon gariin gara nafx**yaa gariinis gara biraa cillaanfachuun hafee akkuma guddina isaatti ofirratti hirkatee hidda gad naqata. Gaafa akkas taane bilisummaan dhugaan akka dhufaa jiru mirkanii taha. Jajjabeen waanin jedhaa jiru kana ni hubatu jedheen abdadha.

GBS-Sadaasa,5,2021Facebook maxxansa MM Abiy lammiileen finciltoota akka 'awwaalaniif' ittiin gaafatan haqe==//==MM Abiy ...
11/05/2021

GBS-Sadaasa,5,2021
Facebook maxxansa MM Abiy lammiileen finciltoota akka 'awwaalaniif' ittiin gaafatan haqe
==//==
MM Abiy guyyaa Dilbataa lammiilee meeshaafi humna qabanii ka'anii finciltoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) karaa kaabaatiin naannoolee ollaa keessatti babal'ifataa jiru akka dhaabaniif waamicha taasisan.

Facebook maxxansa Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) maxxansan kana faallaa imaammata isaa ta'uun, hokkoora kakaasa jechuun haqu beeksiise.

Dhaabbanni Facebook kanaan dura hokkara kakaasuuf wayita akka meeshaatti hojiirra oole dhaabsiisuuf hojjii gahaa hin hojjannee jedhamuun qeeqamaa ture.

Paartiin Aangoo Qabatee Jiru Uummatoota Itoophiyaa Waraana Hiika Qabneef Kakaasuu Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromo...
11/04/2021

Paartiin Aangoo Qabatee Jiru Uummatoota Itoophiyaa Waraana Hiika Qabneef Kakaasuu Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo- Sadaasa 3, 2021

Uummatootni Itoophiyaa, addatti ammoo uummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif fedhii isaanii malee waraanaa fi walitti bu'insa dhuma hin qabneetti wayita dhiibaman arguu hedduu nama gaddisiisa. Impaayerri Itoophiyaa yeroo hundeeffamte irraa eegalee gola walmormii, lolaafi walitti bu'insaa ta'uun itti fuftee jirti. Uummatootni Itoophiyaa harki caalu hammeenyaa fi tuttuqaa waalitti bu'insaa kanaan marfamee waan jiraatuuf jaarraa tokkoo oliif waraanaan hubamaa jiraachaa jira. Keessumaa ammoo uummanni Oromoo saba nagaa jaallatuu fi walitti bu'insa illee aadaadhaan karaa nagaatiin waan furatuuf, waraana impaayera Itoophiyaa keessatti jaarraa tokkoo oliif adeemsifamaa jiruun miidhaa fi dararama hamaaf saaxilamee jira. Sirni mootummaa abbaa irree fi ofittoo impaayera Itoophiyaa, afaan qawweetiin aangoo waan qabataniif, aangoo isaanii tikfachuuf jecha dhaloota uummatoota Itoophiyaa fi addatti ammoo Oromoo lolaa fi walitti bu'insaaf kakaasuu irratti fuuleffatu. Haala kanaan lolaafi walitti bu'insi dhalootaa dhalootatti akka daddarbaa deemu taasisan. Sirni siyaasaa murnoota abbaa irree kunis dhufaa darbaan biyyattii irratti wal jijjiiruudhaan, ummattoonni biyyattii lolaa fi walitti bu'insa dhuma hin qabne irratti fuuleffatee biyyattiin qaroomina ammayyaa fi guddina dinagdee irraa akka fagaattu taasisee jira.

Kanuma mormuun uummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif sirna mootummaa waraanaa fi walitti bu’insa irratti xiyyeeffatu kana irratti fincilaa ture. Keessummaa waggoota 50 dura erga Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo bifa qindaa’een eegalee asitti, sirna mootummaa abbaa irree Itoophiyaa gara sirna dimokiraasiitti jijjiiruudhaaf aarsaa guddaan kaffalameera. Imala kana keessattis, uummanni Oromoo, addatti ammo Qeerroon Oromoo impaayera Itoophiyaa gara nagaa fi dimokiraasiitti ceesisuuf aarsaa gurgurddaa kaffalan.

Haatahu malee, murnoonni Itoophiyaa dhufaa darbaan, keessumaa Paartiin Bilxiginnaa yeroo ammaa aangoo dhuunfatee jiru, daandii waraanaa qofa kan filate yoo ta’u, uummattonni impaayera Itoophiyaas lola dhuma hin qabneen akka takaalaman taasisee jira. Addi Bilisummaa Oromoo haala kanaan irra deddeebi’anii waraana dheeressuun aangoorra turuuf abbaluu cimsee balaaleffata. Haaluma kanaan, ABOn, labsii Mootummaan Naannoo Oromiyaa (Paartiin Bilxiginnaa) tibbana uummanni Oromoo humnoota isa lolan irratti akka duulaniif labse gadi jabeessee balaaleffata. Yeroo dhuma kana irratti uummattoonni biyyattii lolaaf akka duulaniif waamicha gochuun, nagaa fi tasgabbii biyyaaf yaadamee osoo hin taane, aarsaa uummattoonni biyyattii kaffalaniin aangoorra turuuf karoorafame dha. Dargaggoota biyyattii waraana hiika hin qabne irratti bobbaasuun aangoo ofii tikfachuu yaaluun, dhaloota irratti duguuggaa sanyii raawwachuudha jennee amanna. Yakka hamaa dhaloota irratti raawwatamaa jiru kana gadi jabeessinee kan balaaleffannu yoo ta’u, uummata nagaa waraana hamaa kanaaf kakaasuun lubbuu dhala namaa fi qabeenya biyyaa mancaasuu yoo ta’e malee faayidaa tokkollee hin qabu jennee amanna.

Kaanaf, uummanni Oromoo labsii duula waraanaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhiyeenya labse irraa of qusachuudhaan, bulchiinsa mootummaa naannoo isaanii dhuunfatuun fi naannoo isaanii duula Milishoota adda addaa itti bobbaafaman irraa tikfachuu irratti akka xiyyeeffatan dhaamna. Uummanni Oromoo waraana hiika hin qabne kanarraa of qusatee, caasaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa jabeessuudhaan akka of tiksan dhaammanna. Lola Paartiin Bilxiginnaa hammeessaa jiru kun, gara mootummaa Naannoo Oromiyaatti babal’achuun isaa waan hin oolleef, yeroo kanatti Uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa bifa kamiinuu hidhatanii jiran qofatu sabicha tiksuu danda’a. Akkasumas uummanni Oromoo naannoolee fi uummattoota ollaa waliin nagaa fi jaalalaan akka waliin jiraatu dhaamna.

ABOn carraa kanatti fayyadamuudhaan Addi Bilisummaa Uummata Tigraayi (TPLF) fi Raayyaan Ittisaa Tigraay (TDF) birmaddummaa uummata Oromoo akka kabajuu fi hidhannoodhaan Oromiyaa seenuu irraa akka of qusatu dhaamna. Kanas maaliif akka yaadachiifne ni hubatama jennee abdanna.

Uummattoonni Itoophiyaa waamicha sabaaf sablammoota gidduutti, akkasumas uummata keessatti lola hammeessu akka balaaleffatanii fi karaa nagaatiin sirna federaalizimii Sabaa biyyattii maraaf ta’u deebisee ijaaruudhaan, filannoon walabaa fi haqa qabeessa ta’e akka gaggeeffamuu fi gara Marii Siyaasaa furmaata maayiitti nu geessu haala mijeessuu irratti akka xiyyeeffatan dhaamna.

Hawaasi Idil-addunyaas rakkoo kallattii maraan Impaayera Itoophiyaa mudatee jiru kanaaf furmaata haqa qabeessa ta’e fi karaa nagaatiin qaamolee dhimmi ilaalu mara hirmaachise argachuuf, tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuudhaan, nagaa fi tasgabbii marii Sibasa hunduma hirmaachise gaggeessuuf haala mijataa uumu akka mirkaneessaniif qooda fudhattoota mara irratti dhiibbaa gochuun rakkoo kana fuu akka tumsan ammas yaadachiifna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 3/2021

Finfinnee

GBS sadaasa 4,2021Haati Oromoo ilmaan Ishee  Duula Garbummaa Bara Baraan Dhuma hin Qabnetti erguu hin Qabdu        Ibsa ...
11/04/2021

GBS sadaasa 4,2021
Haati Oromoo ilmaan Ishee Duula Garbummaa Bara Baraan Dhuma hin Qabnetti erguu hin Qabdu

Ibsa Damee Dubartootaa Fi Daa’imman ABO
Dhaabni keenya ABO’n ijaaramuu isaa irraa ka’ee dirqama seenan isa irra kaa’e Kayyoo isaa galiin gahuuf Ummata Oromoo gulantaa hundaan dammaqsuu, kakasuu, fi ijaaruun ummatichi akka of Bilisoomsu fi Abbaa Biyyummaa isaa mirkanessuuf akka qabsaa’uu fi dhaaba adda durummaa dhaan argamu dha. Dubartootni Oromoo seenaa ummata Oromoo keessatti qooda guddaa kan qaban dha. Hawaasa Oromoo kessattis ta’e ummatoota ollaa Oromoo jiraataaturan keessatti nageenyi akka jiraatu taasisuu kessatti bakka guddaa akka qabaataa turan seenaan ragaa dha.

Yeroo mirgi ummata Oromoo sarbamuuttis qabsoo mirga ofii kabachiisuuf taasifamaa turee fi ittti jiramu keessatti ilmaan ofii ebbiftee itti hiriirsiteetti. Kana irra darbees qixxee dhiiraa hiriiruun qaamaan qabsoo bilissummaa ummata Oromoo irratti hirmaachuu fi gaggeessuun bal’inaan ni beekamti. Har’as yeroo kamiyyuu caalaa Bilissummaa ummata Oromoo fi mirga Abbaa Biyyuummaa Oromiyaaf wal’ansoo taasifamu keessatti qooda jabaa qabaachaa akka jiran ni hubatama.

Haata’u malee motummaan Bilxiginnaa yeroo ammaa kan muddama keessa jiru, ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanne keessatti akka hirmaataniif waamicha deddeebisee taasisaa jiraachuun ifaa dha . Kana irraa ka’uun Haati ilmaan Oromoo deessee ilmaan ishee duula Bilissuummaa qabsoo abbaa biyyuummaf gaggeefamu irratti malee hirmaachuu hin qabdu.

Dameen Dubartootaa fi Daa’immaan ABO ‘S (DDD) sirna bara baraan lolatti ilaamaan ishee oofu kana irraa akka hin hirmaatne kan armaan gadii dhaammanna:

• Haati Oromoo duula maqaa Oromotiin sirni bilxiginnaa waamaa jiru irratti akka hin hirmaanneef ilmaan ishee gorsuu fi dhorkuu qabdi.

• Nagaa fi Tasgabbiin Biyya keenya Oromiyaa kessa jiraachuuf furmaata waaraa Dhaabni ABO labsii hundeeffama Mootummaa cehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) labsuun Dhaaba KFO deggarame caasaa koree MCBNO kessatti hirmaachuun lafa qabsiisuuf jabinaan akka hojjatamuu jenna.

• Dubartoota Oromoo Hojii motummaa Bilxiginnaa keessa jirtanis ta’e humna waraanaa, polisii fi caasaa garaagaraa keessa jirtan Qabsoo Bilissuummaa Oroomotti akka makamtan fi qooda lammummaa isin irraa eegamu akka bahattan waamicha isiniif taasifna.

Dubartootni,Dargooggonnii fi ummatni Oromoo Jaarmiyaa isaa akka jabeeffatuu fi Mootummaa Cehumsaa Biyyooleessa Oromiyaa (MCBNO) ijaarame keessatti qooda fudhachuun akka dirqama lammummaa keenya baanu waamicha goona.

Injiffannoo Uummata Bal’aaf

Sadaasa 4, 2021

09/30/2021
***Magaalaa Naqamtee keessatti misirroon tibbana fuudhe ajjeefame***GBS: Hagayya 3,2021 Lixa Oromiyaa Wallagga Bahaa Mag...
08/04/2021

***Magaalaa Naqamtee keessatti misirroon tibbana fuudhe ajjeefame***

GBS: Hagayya 3,2021

Lixa Oromiyaa Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti misirroon ajjeefamee reeffi argame.

Misirroon Gammachuu Moosisaa jedhamu dheengadda Sanbata darbe jechuun Adooleessa 31,2021 sirna gaa'eelaa isaa raawwatee, gammachuu isaa qooddataa wayiita jirutti as buuteen dhabamuu miidiyaa hawaasaa irratti haasa'amaa ture.

Dargaggoon qaama ammaaf eenyummaan isaa ifa hin taaneen erga butamee booda har'a naannoo Haroo Soorgaatii reeffi isaa argamuun eeramaa jira.

Kun wayiita maatiin gammachuu ofii ibsataa jirutti raawwachuun daran miiraaf qalbii uummata Oromoo xuquu isaa maxxansaalee miidiyaa hawaasaa garaa garaa irratti maxxanfamaa jiru irraa hubatama.

Dargaggoo Gammachuun eenyuun akka ajjeefame hanga gabaasa kana qopheessinutti waan ifa ta'e hin jiru.

Du'aaf ajjeechaan biyyattii keessatti hundee jabeeffachuu isaa kan agarsiisu gabaasi guyya guyyaan bahu bifa suukessaan namooti Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa ajjeefamuutu eerama.

Taateewwan ijoo jaha Artiist Haacaaluu Hundeessaa ittiin yaadatamuAlbamiin xumuraa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa jalqaba...
07/04/2021

Taateewwan ijoo jaha Artiist Haacaaluu Hundeessaa ittiin yaadatamu

Albamiin xumuraa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa jalqaba torban kana ture bakka keessummoonni hedduu argamanitti magaalaa Finfinnee keessatti kan eebbifame.

Weellisaan kuni waggaa darbe ganna 34’n osoo hin ajjeefamiin dura hojiiwwan ittiin yaadatamuu hedduu dalageera.

Kanneen keessaa jaalattoonniifi hordoftoonni isaa kan yaadatan jenne jaha qixeessineerra.

Jahan keessaa kan xumuraa gaaffiifi deebii OMN waliin taasiseefi namni hedduun daawwatedha.

Qeeqxonni isaa 'qabsoo gatee qarshiin bitame’ jedhanii himannaa irratti kaasaniif deebii kenne.

Kan kana akeekuu fakkaatun sagantaa eebba albama isaa irratti haati warraa isaa Faantu Damissoo ergaa dabarsitee turte.

''Namoonni biyya keessaafi alaa maqaa isaatiin daldaltan, gara barbaaddanitti ooftan dhaabaa. Warri inni yeroo lubbuun jiru diina isaa taatanii ammammoo fira isaa fakkaattan of duuba deebi'aa,'' jechuun dhaamte.

Hacaaluun waggaa dura gaaffiifi deebii OMN waliin taasiseen jechi dubbateefi namoonni hedduu yaadatan ‘‘Ani Oromoof qaaliidha” kan jedhu ture.
Suuraa: OMN

KFO'n Waxabajji 30, 2021 miseensonnisaa hundi bakka jiranitti Dungoo Ibsuun Artist Hacaaluu Hundeessaa akka yaadataniif ...
06/27/2021

KFO'n Waxabajji 30, 2021 miseensonnisaa hundi bakka jiranitti Dungoo Ibsuun Artist Hacaaluu Hundeessaa akka yaadataniif waamicha taasise....

Paartiin Kongirensii Federaalaa Oromoo, ibsa guyyaa har'aa baaseen Artist Hacaaluu Hundeessaa ni du'e osoo hin taane, qabsoo Oromoof wareegame jechuun, miseensonni paartichaa Waxabajji 30,2021 Oromiyaa guutuu keessatti bakka jiran irraa Dungoo ibsuun wareegamuu artistichaaf yaadannoo akka taasisan waamicha dhiheesseera.

Akka ibsi KFO jedhutti, Artist Hacaaluu Hundeessaa qabsoo uummatni Oromoo biliisummaaf taasisuuf jecha wareegame. " Hacaaluun ni ajjeefame malee hin duune" kan jedhu KFO'n, ajjeechaan isarratti raawwatame ammoo kaayyoo diinonni qabsoo Oromoo galmaan ga'achuu barbaadan milkeessuuf diraamaa lubbuu qaalii wareegedhas jedheera.

"Ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda mootummaan, namoota siyaasaa Oromoo hedduu ittiin sababeessee hidhe, miseensota KFO dakaa hanga gubbaatti mana hidhaatti guure" jechuun KFO'n ajjeefamuu Artist Hacaaluu booda karoorri qinda'an jiraachuusaa akeeke.

"Wareegamuun Artist qaalii Hacaaluu Hundeessaa, abdii kan nu kutachiisu osoo hin taane, abdii injifannoo egeriiti" jechuun kan dhaamu paartiin Kongiresii Federaalaa Oromoo, wareegamuun qabsa'aa tokkoo qabsa'aa kumaatama horas jedheera.

Hacaaluun ajjeefamuusaa qofa osoo hin taane, haqa dhabuunsaa hedduu nama gaddisisa kan jedhu ibsi kun, Hacaaluun Artistii, qabsa'aafi falaasaa uummata Oromooti jechuun isa ibsa.

Waxabajji 30,2021 Oromiyaa guutuu keessatti, miseensonni paartichaa sirna Dungoo qabsiisuu raawwachuun guyyaa yaadannoo Artist Hacaaluu akka kabajanis dhaameera.

Paartiin IZEMA rakkoolee filannoo irratti na mudatan jedhe tarreesseHogganaan paartichaa pro. Birhaanu Naggaa ibsa xumur...
06/21/2021

Paartiin IZEMA rakkoolee filannoo irratti na mudatan jedhe tarreesse
Hogganaan paartichaa pro. Birhaanu Naggaa ibsa xumuraa har'a kennaniin dhimmoota furmaata attatamaa barbaadu jedhan kaasan.

Naannoolee Amaaraa fi Kibbaa naannoolee filannoo adda addaa keessatti taajjabdoonni paartichaa gara bufataalee filannoo akka hin gallee dhorkamaniiru jedhan. Kanneen akka galan taasifamanis akka bahan taasifamusaanii dubbataniiru.

Dhimmichas qaamoolee motummaafi boordii filannootti beeksiisaa turreerra kan jedhan hogganaan paartichaa, kun garuu gamaagama filannoo waliigalaa akka hin taane dubbatan.

''Kun xumura filannooti jechu miti. Haala sirrii rakkinichi itti mudate baruuf ni hojjanna'' jedhan.

''Bakka tokkootti sagalee kennuun xumurameera jedhamuun taajjabdoota arii'atan. Finfinneetti ammoo buufataaleen filannoo osoo hin saaqamiin turaniiru. Bakkee muraasaatti furmaata kan argatan jiru. Haata'u malee waliigala Finfinneetti filannoo tursiisaniiru. Filattoonni sa'aatii lamaa hanga sadii dhaabataa tura'' jedhan. Odeessa guutuu komii paartileen Amaaraa dhiyeeffatan.

Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaaf (IZEMA)n filannoo har'arratti rakkoolee na mulataniiru jedhe tarreessee....
06/21/2021

Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaaf (IZEMA)n filannoo har'arratti rakkoolee na mulataniiru jedhe tarreessee.
Naannoolee Amaaraa fi Kibbaa naannoolee filannoo adda addaa keessatti taajjabdoonni paartichaa gara bufataalee filannoo akka hingallee dhorkamaniiru jedhan. Kanneen akka galan taasifamanis akka bahan taasifamusaanii dubbataniiru.

''Filannoon kuni qormaata hedduu keessa filannoo gaggeeffamedha,'' kan jedhan Obbo Shimallis guyyaa har'aa Magaalaa Ginc...
06/21/2021

''Filannoon kuni qormaata hedduu keessa filannoo gaggeeffamedha,'' kan jedhan Obbo Shimallis guyyaa har'aa Magaalaa Gincii, buufata filannoo Dandii lama, Gincii Lakkoofsa 2'tti sagalee isaanii kennaniiru.
Buufata filannoo Obbo Shimallis sagalee kennan irratti paartileen mormituu hin hirmaatani. Kanneen dorgomaa jiran afranuu miseensa dhaaba biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaadha.

MM Abiy Bashaashaatti argamuun filatan************Yeroo muraasaan dura Finfinnee mana nyaataa 'Immaammaa Fiishkaa' ka tu...
06/21/2021

MM Abiy Bashaashaatti argamuun filatan
************
Yeroo muraasaan dura Finfinnee mana nyaataa 'Immaammaa Fiishkaa' ka turan MM Abiy Ahimad helikooptaraan balali'uun bakka dhalootasaanii kan taate Bashaashaatti argamuun sagalee kennaniiru.

Wayita isaan buufata filannootti argamuun sagalee kennan, suuraa kana waahilli keenya achitti argamu Yaadataa Birhaanuu kaasee nuuf ergeera.

MM Abiy Bashaashaatti osoo eegamanuu mana nyaataa Immaammaa Fishkaatti argaman******************Filannoo Itoophiyaan har...
06/21/2021

MM Abiy Bashaashaatti osoo eegamanuu mana nyaataa Immaammaa Fishkaatti argaman
******************
Filannoo Itoophiyaan har'a itti jirturratti Mana Maree bakka bu'oota uummataaf Bashaashaatti kan dorgoman MM Abiy Ahimad, magaalaa Finfinnee mana nyaataa 'Immaammaa Fiishkaa'' jedhamuitti argamuun nyaata wayita qooddatan mul'ataniiru.

Miidiyaalee hawaasaa gubbaatti akka eerametti nyaanni 'azimariinoo' hedduun dabaalamee dhiyaate kun maqaan 'Doktar Abiy' jedhu kan baheef oggaa tahu, gatiinsaas Birrii 200 akka tahe himamaa jira. MM Abiy ''Mana Nyaataa Immaammaa Fishkaatti, turtii gabaabaa ijoollee Sameen Maazagaajaa waliin,'' jechuun suuraa isaaniif ibsa kennan.

Address

Washington D.C., DC

Telephone

+12027516935

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when GBS-Gada Broadcasting Servise posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to GBS-Gada Broadcasting Servise:

Share


Other Media/News Companies in Washington D.C.

Show All