Kersa Communication

Kersa Communication Madda odeeffannoo filatamaa
(1)

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti leenjiin dhimmoota qulqullina barnootaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffate qooda fudhattoota...
17/04/2024

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti leenjiin dhimmoota qulqullina barnootaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffate qooda fudhattoota garaa garaatiif kennamaa jiraachuu isaa Waajjirri Barnootaa aanichaa beeksise.
*★*
Ittigaafatamaan Waajjirichaa obbo Sabsiib Abbaabiyyyaa akka himinitti Leenjichi humna raawwachistummaa hoggansa manneen barnootaa cimsuuf kaayyeeffatamee kennamaa kan jiru ta'uu isaa himaniiru. Leenjicha irratti ogeeyyii waajjira barnootaa fi miseensa waldaa koree barsiisootaa aanaa irraatti hirmaatsa kan jiranuu yammuu ta'uu guyyaa sadiif kan turu ta'uu isaas ibsaniiru.

Hirmaattootni leenjicha xiyyeeffannoo fi naamusa olaanaaan hordofuun dhimmoota bu'uuraalee qulqullina barnootaa karaa guutuu ta'een akka mirkanaa'uuf gahe isaanii bahaachuu akka qaban obbo Sabsiib dhaamaniiru..

 "Biyyi Dargaggeessaan hin ijaaramne biyya ta'uu hin dandeessu! Yoo ijaaramtes itti fufuu hin dandeessu!" Kantiibaa Bulc...
16/04/2024


"Biyyi Dargaggeessaan hin ijaaramne biyya ta'uu hin dandeessu! Yoo ijaaramtes itti fufuu hin dandeessu!" Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar.

Jimmaa, Ebla 08/2016 (WKMJ) Magaalaa Jimmaatti mariin misoomaafi nageenyaa dargaggoota magaalichaa hirmaachisuun gaggeeffamaa ture xumurame.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Dargaggoonni abdii biyyaafi saba kanaa ta'uu ibsanii, wantoota garaagaraan osoo wal hin qoodin tokkummaan humna waliif taanee hojjannaan Jimmarra dabarree biyyaaf taana jedhan.

Marii kanaanis tokkummaa cimaa dargaggootaa kan itti ijaaramu ta'uu ibsan.

Akkasumas, Garaagarummaa fedhe qabaannee bakka feene jiraannus, nuttis haa toluu, toluu baatus Magaalaa Jimmaa waliin misoomsuutu nurraa mala jedhan.

Jalaqqabbii misoomaa magaalaa keenya keessatti mul'achuu eegale ariitiin akka guddatee ifuuf ambaasaaddara misoomaafi nageenyaa taanee waliin haa dhaabbannus dhaaman. Akkasumas, humna dargaggoo keenyaa yeroo dheeraaf sababa garagaraatiin bittinaa'e gaaddisa tokko jalatti sassaabuun tokkummaa cimaa ijaarree magaalaa keenyas haa ceesisnuu dhaaman.

Dargaggoonni waltajjicha irratti hirmaatan yaada kaasaniin, nuti dargaggoonni Magaalaa Jimmaa Oromiyaa ni eegnaa! Itoophiyaa ni ijaarra jedhan!

Dargaggoo male akka biyya ceesisuun hin dandaa'amne hubachuun amantaafi sabaan osoo walin qoodin tokkummaan walitti qabamanii dhimma misoomaafi nageenyaa irratti mari'achuuf carraa argatanitti gammaduu ibsan.

Akkasumas, garaagarummaa fedhe qabaatanus guddina magaalaa fi biyyaaf gahee isaanii bahachuun mirga osoo hin taanee dirqama ta'uu ibsanii, fayyadamummaa dargaggootaa irratti ciminaan hojjatamuun barbaachisaa ta'uus dubbatan.Olaantummaan seeraa kabajamee, nageenyaa magaalaafi misoomaa irratti gahee dachaa qaban akka bahatanis waadaa galuun waltajjiin akkanaa itti fufee gaggeeffamuunis murteessaa ta'uu dubbatan

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Dargaggoonni humna misoomaafi nageenyaa ta'uu ibsanii, finxaaleyyiifi qaama nageenya booressan kamiifiyyuu Magaalli Jimmaa bakka kan hin qabne ta'uu ibsanii, yaada dargaggootarraa kahaniif kallattii fuula duraa kaa'aniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa, gama isaaniitiin dhimma carraa hojii dargaggootaaf uumuutiin wal qabatee akka Mootummaatti bulchiinsi Magaalaa Jimmaa Inisheetiiviiwwan gara garaa bocee hojii hojjataa jiru daran cimsee itti fufaa waan ta'eef dargaggoonni keenya aadaa hojii isaanii fooyyeffatanii jijjiiramaaf qophii ta'uu qabdu. Kana ta'uu baannaan Mootummaan qofti bu'aa buusuu hin danda'u jedhan.

Akkasumas, namoota dhimma misoomaatiif buqqa'aniif immoo xeyyeeffannoo addaa kennuufiin hawaasa keenya hirmaachisuun deebifnee dhaabuuf hojjatamaa jiraachuu eeran.

Oduu GammachiisaaKarra eegaa garee Kubbaa Miilaa Aanaa Qarsaa kan ture Dargaggoo Huseen Kadir Kilabii Kubbaa Miilaa Maga...
15/04/2024

Oduu Gammachiisaa
Karra eegaa garee Kubbaa Miilaa Aanaa Qarsaa kan ture Dargaggoo Huseen Kadir Kilabii Kubbaa Miilaa Magaalaa Dambi Doollootiif mallatteessuun garichatti makameera.

Dargaggoo Huseen Kadir dhalataa Aanaa Qarsaa Magaalaa Sarboo yommuu tahu, waggoota shanan darbaniif karra eegaa garee kubbaa miilaa Aanaa Qarsaa ta'uun dorgommiiwwan adda addaa irratti hirmaachaa kan tureefi yeroo adda addaattis carraawwan argateen gahumsa isaas fooyyessaa dirreewwan hirmaate keessattis dandeettii isaa mullisaa tureera.

Waggaa tokkoof immoo Liigii Oromiyaa 1ffaa Ambootti gaggeeffamaa ture irratti hirmaachaa kan ture Garee Kubbaa Miilaa Magaalaa Ambuyyeetiif taphachaa turuun garechi sadarkaa 3ffaa akka qabatuuf gumaachi inni taasise olaanaa ture.

Gahumsiifi dandeettiin inni tapha Liigii 1ffaa Oromiyaa irratti agarsiise qalbii kilaboota adda addaa kan hawwate yoo tahu, guyyoota muraasa dura Kilabii Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doollootiif karra eegaa ta'uun walii galtee mallatteessuu isaa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaatiin ifoomseera.

Liigii Olaanoo Oromiyaa ramaddii 'A' jalatti dorgomaa kan jiru Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo immoo tibbana karra eegaa Huseen Kadir mallatteessifachuun ofitti makeera.

Dirreen ispoortii keessattuu kubbaan miilaa dargaggoota hedduuf dirree bashannanaafi maqaa biyya isaanii itti waamsisan tahuun cinaatti madda galii guddaafi jiruu isaaniifi maatii isaanii ittiin fooyyessaniidha.

Dargaggoo Huseen imalli jalqabe milkaahee iddoo guddaa hanga maqaa biyyaa waamsisuutti akka itti fufu hawwuudhaan jabaadhu milkaahi jennaan.

Nageenyi waaraafi itti fufiinsa qabu jiraatee hojiin misoomaa gufannaa tokkoon maletti akka finiinuuf ijaarsa Gaachana S...
12/04/2024

Nageenyi waaraafi itti fufiinsa qabu jiraatee hojiin misoomaa gufannaa tokkoon maletti akka finiinuuf ijaarsa Gaachana Sirnaa cimsuun murteessaadha.
**********
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti nageenya hawaasa aanichaa mirkaneessuun hojiin misoomaa akka ariifatuuf miseensota Gaachana Sirnaa hawaasa keessaa filatamaniif leenjiin kennamuun eebbifamaa jiru.

Aanichatti gandoolee hunda keessatti torban lamaa oliif mata dureewwan gara garaa irratti leenjiin miseensota Gaachana Sirnaatiif kennamaa kan ture yommuu tahu, leenjicha milkiin xumuruun eebbifamanii ergama nageenyaa fudhachuun hojiitti seenaa jiru.

Guyyaa har'aas Ganda Oomoo Tuuchootti leenjifamtoonni leenjii xumuran bakka hoggantoonni aanaa argamanitti eebbifamanii jiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Milishaa Aanaa Qarsaa Obbo Kaamil Abbaaboor, nageenya amansiisaafi itti fufiinsa qabu fiduufi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti ijaarsi Gaachana Sirnaa bu'uura hawaasaa qabu jiraachuun murteessaa ta'uufi miseensonni kunneenis ergama nageenyaa ummatasaanii fudhatan amanamummaafi quuqamaan bahachuudhaan dirqama isaanii bahachuu akka qabanu dubbataniiru.

Ittigaafatamtuun Waajjira PSMQN fi Bakka Buutuun Ummata Aanaa Aadde Daraartuu Abbaaraayyaa, humnoota waloo Ummanni Oromoo ittiin wal utubee baroota dheeraa ittiin jiraachaa ture keessaa tokko Gaachana Sirnaa tahuu himanii, nageenya waloo mirkaneeffachuuf ijaarsa kana jabeeffachuun gahee qaama hundaa tahuu himaniiru.

Miseensonni Gaachana Sirnaa leenjii fudhataa turan tokko tokkos yaada kennaniin, hubannoofi barumsa leenjichaan argatan nageenya hawaasa isaanii tiksuun dirqama isaanii bahachuuf qophaahuu isaanii ibsaniiru.

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Ayyaanni Iidal Faxrii Waggaa 1445ffaan Milkiin Kabajame.***********Ayyaanichi gandoolee aa...
10/04/2024

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Ayyaanni Iidal Faxrii Waggaa 1445ffaan Milkiin Kabajame.
***********
Ayyaanichi gandoolee aanichaa hunda keessatti sagantaa da'awaa, ergaawwan gara garaa akkasumas deeggarsa harka qalleeyyiif taasisuufi salaata iidaatiin kan kabajame yommuu tahu, iddoo hundatti milkiin raawwatamee jira.

Bulchaan Aanaa Qarsaa Obbo Abdulhamiid Abbaafaajjii hawaasa magaalaa Sarboofi naannoo isii salaata iidaatiif wal gahan gidduutti argamuun ergaa dabarsaniin, ummata muslimaa maraan baga geessan jedhanii ayyaanicha kan nagaafi gammachuu akka tahu hawwii qabanu ibsaniiru.

Dabalataanis ayyaanicha wayita kabajnu obboloota harka qalleeyyii naannoo keenyaa yaadachuun gargaaraa miira jaalalaatiin nageenya ofii eeggachaa kabajuu qabnas jedhaniiru.

Ayyaana Gaarii
Iid Mubaarak!

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Qarsaa Obbo Taarikuu Waaqjiraa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuu...
09/04/2024

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Qarsaa Obbo Taarikuu Waaqjiraa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Islaamaatiif ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
********
"Duraan dursee hordoftootni Amantaa Islaamaa hundi baga Ayyaana Iid Al-Faxirii waggaa 1445ffaa (2016) nagaan geessani.

Ayyaanni Iid Al Faxirii Ayyaana gammachuufi kabajamaadha. Iid Al-Faxiriin ayyaana dhiifamaafi araaraati. Guyyaan iidaa kun wal bira deemuun wal eebbisuunfi kan rakkate deeggaruun karaa adda ta'een kabajama.

Dabalataanis Ayyaana sooma hiikaa kun walitti dhufeenyaafi tokkummaa hordoftoota amantaawwan garaagaraafi sabaafi sablammootaa karaa cimsuu danda'uunis bifa obbolummaa lamilee daran ijaaruu danda'uun kan kabajamuudha.

Iid Al-Faxiriin duudhaa waliin jireenyaa dagaagsuudhaan obbolummaafi tokkummaan dagaagee, ollaafi ollaan wal eebbisee, waliin nyaatee waliin dhuguun ummanni keenya gammachuudhaan kan waliin dabarsu guyyaa addaati.

Hordoftoonni amantichaa Aadaafi duudhaan waliin jireenyaa ummanni hawaasni aanaa keenyaafi biyya keenyaa baroota dheeraaf waliin dabarsine asiin gahe kunis kunuunfamee dhaloota dhufuuf darbuu qaba.

Ayyaana kana yeroo kabajnu akkuma duudhaan amantichaa labsutti nageenya naannoo keenyaa tokkummaan eeggachaa namoota dadhaboo ta'an hanga humna keenyaatiin gargaaraafi bira dhaabbachaa, karaa seerri amantichaa ajajuun akka kabajamuuf hunduu qooda ofii bahuu akka qabu dhaamuun barbaada.

Xumura irrattis ayyaanni kun kan araarri biyya keenyaafi naannoo keenyaaf itti bu'u, kan nageenyi waaraan iddoo hundatti itti mirkanaa'u, kan gammachuu fi kan Badhaadhinaa akkasumas kan jaalalaa akka ta'u hawwii kooti."

Iid Mubaarak!!
Ayyaana Gaarii!!

Obbo Taarikuu Waaqjiraa
I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Qarsaa.
Ebla/2016
Sarboo

Ergaa Baga Geessanii Bulchaan Aanaa Qarsaa Obbo Abdulhamiid Abbaafaajjii Ayyaana Iidalfaxirii Waggaa 1445ffaa Sababeeffa...
09/04/2024

Ergaa Baga Geessanii Bulchaan Aanaa Qarsaa Obbo Abdulhamiid Abbaafaajjii Ayyaana Iidalfaxirii Waggaa 1445ffaa Sababeeffachuun Dabarsan.
***********
Bulchaan aanaa Qarsaa Obbo Abdulhamiid Abbaafaajjii hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ayyaana iidalfaxirii waggaa 1445ffaa (2016) sababeeffachuun ergaa baga geessanii akkaataa armaan gadiitiin dabarsanii jiru.

"Duraan dursee hordoftoonni amantaa islaamaa aanaa fi biyya keenyaa akkasumas biyyoota gara garaa keessatti argamtan hundi baga ayyaana Iidalfaxirii (Sooma hiikaa) kan baranaatiin nagaan geessan Iid Mubaarak jechuun barbaada.

Akkuma beekamu ayyaanni Iidalfaxirii hordoftoota amantichaa biratti ayyaana iddoo guddaa qabuu fi sirnoota gara garaatiin akkaataa duudhaan amantichaa eeyyamuun kan kabajamu akka tahe beekamaadha.

Keessumaayyuu guyyaa iidaa kanatti muslimni hundi gammadee akka dabarsuuf kan qabu isa hin qabneef waan qaburraa qoodee miira jaalalaaf obbolummaa cimaa calaqqisiisuun kan itti dabarsu waan taheef hawaasni muslimaa aanaa keenyaas duudhaa amantichaa hojiirra oolchuun harka qalleeyyii ollaa keenyaa yaadachuun kan daare uffisuun, kan beela'e nyaachisuun, kan dheebote obaasuun, kan dhukkubsate immoo gaafachuun obbolummaa cimaadhaan akka dabarsitan dhaamuun barbaada.

Akka biyya keenyaatti Yeroon amma keessa jirru gama tokkoon badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf yeroo hoggansi jijjiiramaa hojii boonsaafi injifannoon faayame gaimeessaa jiruufi gama kaaniin immoo yeroo finxaaleyyiin biyya keessaaf alaa wal ijaaruudhaan biyya wareegama sabootaaf sablammoota biyyattiitiin ijaaramte diiguuf sabaaf amantii dahoo godhachuun ummata walitti buusuun bu'aa siyaasaa isaanii galmaan gahuuf sochii olaanaa taasisaa jiran keessatti waan argamnuuf hawaasni muslimaa akkuma kanaan duraa wayita ayyaanicha kabaju keessattuu wayita salaata iidaa wantoota sodaa nageenyaa tahan jedhee shakke qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun ayyaanicha karaa nagaan kabajuutu irra jiraata.

Dabalataanis hawaasni muslimaa aanaa keenyaa akkuma kanaan duraa obboloota isaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa waliin tahuudhaan sochiiwwan siyaas diinagdee akkasumas misoomaaf nageenyaa akka aanaatti karoorfannee raawwannu keessatti cinaa keenya dhaabbachuun akka tumsu ergaa koo dabarsa.

Xumura irrattis ayyaanichi kan nagaa jaalalaaf gammachuu akkasumas kan milkii akka tahun hawwii koo dabarsa.
Ayyaana Gaarii.
Iid Mubaarak"

Abdulhamiid Abbaafaajjii
Bulchaa Aanaa Qarsaa
. Ebila ,2016
Sarboo

Jiini Shawwaal har'a waan hin mullanneef Aayyaanni Iidal-faxirii gaafa Roobii akka ta'e mirkanaaheera.Ayyaana Gaarii🙏
08/04/2024

Jiini Shawwaal har'a waan hin mullanneef Aayyaanni Iidal-faxirii gaafa Roobii akka ta'e mirkanaaheera.

Ayyaana Gaarii🙏

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti waltajjiin hubannoo uumuu koreewwan manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaafi ol-dabarfataa...
07/04/2024

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti waltajjiin hubannoo uumuu koreewwan manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaafi ol-dabarfataatiif kennamaa jira.
********
Waltajjii kanaan koreewwan manneen murtii aadaa sadarkaan jiranu hubannoo gahaa argachuun tajaajila isaan irraa eegamu beekumsaafi amanamummaan akka kennan taasisuuf yaadamee akka tahe ibsameera.

Waltajjii kanarratti Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Qarsaa Obbo Taarikuu Waaqjiraafi Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Qarsaa Obbo Daawit Maammoo dabalatee qaamoleen gara garaa qooda fudhachaa jiru.

  Misoomaaf Nageenyaa Ganda Gunjuutti.*******Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Konfaransiin misoomaafi nageenyaa hawaasa Gan...
06/04/2024

Misoomaaf Nageenyaa Ganda Gunjuutti.
*******
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Konfaransiin misoomaafi nageenyaa hawaasa Ganda Gunjuu waliin gaggeeffamaa jira.

Mariin kun haala yeroo biyyaafi naannoo akkasumas gandichaa irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa kan jiru yommuu tahu, Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Godina Jimmaa Aadde Woziifaa Kadir fi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Qarsaa Obbo Taarikuu Waaqjiraa dabalatee hoggantoonni aanaa argamaniiru.

    Oolmaa har'aa
02/04/2024



Oolmaa har'aa

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Sosochii Hojii Inisheetiivii Misooma Baala Shaayee.
01/04/2024

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Sosochii Hojii Inisheetiivii Misooma Baala Shaayee.

Gamaggama Raawwii Hojiiwwan Xiyyeeffannoo Aanaa Qarsaatti.**********Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti gamaggamni raawwii hoj...
31/03/2024

Gamaggama Raawwii Hojiiwwan Xiyyeeffannoo Aanaa Qarsaatti.
**********
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti gamaggamni raawwii hojiiwwan xiyyeeffannoo torban tokkoo qooda fudhattoota waliin gaggeeffameera.

Waltajjii gammaggamaa kanaan raawwiin hojiiwwan damee qonnaa, WHG, Carraa Hojii Uumuu, Fayyaafi Barnootaa akkasumas hojiiwwan xiyyeeffannoo olaanaan torban tokkoof qindoominaan raawwatamaa turan qoratamee kallattiin ittaanu kaa'ameera.

Waltajjii kanarratti Bulchaan Aanaa Qarsaa Obbo Abdulhamiid Abbaafaajjii fi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Taarikuu Waaqjiraa argamuun kan gaggeessan yommuu tahu, hoggansa aanaafi miseensota maanaajimantii seektaraalee xiyyeeffannoo argamuun xumura irrattis kallattiin hojii torban ittaanuu kaa'ameera.

29/03/2024
28/03/2024
28/03/2024

የተቋረጠው የኤሌክትሪክ ኃይል አቅርቦት ወደ ቦታው ተመልሷል
**********
(ኢ.ፕ.ድ)

ዛሬ ከቀኑ 9:46 ጀምሮ የተቋረጠው የኤሌክትሪክ ኃይል አቅርቦት መሉ ለመሉ ተመልሶ አገልግሎት መስጠት መጀመሩን የኢትዮጵያ ኤሌክትሪክ ሀይል አስታውቋል።

በዚህም በሁሉም አካባቢዎች የሚገኙ ደንበኞቹ በትዕግስት ስለጠበቁት ተቋሙ ምስጋና አቅርቧል።

መጋቢት 19 ቀን 2016 ዓ.ም

Sirna Ifxaar daandiirraa Finfinneetti‼️==Bariisaa
27/03/2024

Sirna Ifxaar daandiirraa Finfinneetti‼️
==
Bariisaa

Koreen supparviizyinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa dhufe Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti hojiiwwan misoomaa gara gara...
27/03/2024

Koreen supparviizyinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa dhufe Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti hojiiwwan misoomaa gara garaa daawwachaa jira.

Address

Kersa
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kersa Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kersa Communication:

Videos

Share



You may also like