Muslim sharef Jimma

Muslim sharef Jimma Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Muslim sharef Jimma, Digital creator, Maannaa somoddo, Jimma.

13/10/2024
Sheeka keenya xuqanìi ittin beekamtii Barbaduun hin bareedu Sheeka kabajamaafii jaalatamaa
13/10/2024

Sheeka keenya xuqanìi ittin beekamtii Barbaduun hin bareedu
Sheeka kabajamaafii jaalatamaa

 Rakkoo mara darbiteeGa'uudhaf bakka guddaa Dhokfadhu iccitii kee Hin himatiin waan hundaa ~Ejjennoo jabeessuudhaaKan ga...
03/10/2024



Rakkoo mara darbitee
Ga'uudhaf bakka guddaa
Dhokfadhu iccitii kee
Hin himatiin waan hundaa
~
Ejjennoo jabeessuudhaa
Kan galma keen si ga'uu
Dhufee sitti fakkeesseef
Namni hunduu firan ta'uu
~
Imala kee beekkadhuu
Adeemi suuta suutaa
Ilaallachaa ejjedhuu
Bineensa afaan buutaa
~
Galma kankee ni geessaa
Hin adeemiin caraanaa
Qoraattin dhoqqee keessaa
Eeggadhu si waraanaa.......!

Barreessan Barataa

Dubbis
01/10/2024

Dubbis

MOO'ATAA TA'I!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu.

❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu.

❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha.

❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada.

❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha.

❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha.

❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena.

❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu.

❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu.

❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an.

❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu.
Jechoota Ajaa'ibsiisoo follow,like,share godhaa

Dubbisqq
01/10/2024

Dubbisqq

Toomaas Edisan 🌟

👉Yeroo tokko dargaggeessi Toomaas Edisan mana barumsaatii gara manaatti deebi'ee xalayaa barsiisaa isaa irraa haadha isaaf kenne.
👉Haati isaa xalayaa sana sagalee ol kaastee imimmaan ija ishee keessaa dhangalaasaa dubbistee: "Ilmi kee hanqina sammuu qaba."Namoota hunda waliin mana barumsaa keessatti barsiisuu itti fufuu hin dandeenyu.. Maaloo ofii keetii isa barsiisi." Erga haati isaa duutee waggoota hedduu booda (yeroo sanatti, Edisan dursee kalaqtoota gurguddoo jaarraa sanaa keessaa tokko ture), kuusaa maatii durii irra deebi'ee ilaalaa waan tureef xalayaa kanaan arge. Innis banee akkas jedhee dubbise: "Ilmi kee hanqina sammuu qaba. Namoota hunda waliin mana barumsaa keessatti barsiisuu itti fufuu hin dandeenyu. Kanaaf mana keessatti akka barsiistu gorsina." Edisan sa'aatii hedduudhaaf boo'e. Sana booda guyyaa galmee isaa irratti akkas jechuun barreesse: "Toomaas Alva Edisan daa'ima sammuu hir'ate ture. Galata haadha isaa gootittii, ogeeyyii jaarraa isaa keessaa warra gurguddoo ta'an keessaa tokko ta'e."
Jechoota Ajaa'ibsiisooofollow,like,share godhaa.

30/09/2024

28/09/2024

Big shout out to my newest top fans! Nure Sharif

Maashaa Allaah Eebba barattoota Qur'aanaa Magaalaa
27/09/2024

Maashaa Allaah
Eebba barattoota Qur'aanaa
Magaalaa

Address

Maannaa Somoddo
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Muslim sharef Jimma posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share