Jinnii 5n Gibee

Jinnii 5n Gibee Hojii hunda kabaja Beekumsa Oromummaa yoo hin qabne gaafatamummaa ofii hin beektu

17/03/2024
Isinilleen baguma qooda fudhattoota ilmaan Oromoo QBO keessatti qaban hin dagatin bara kana akkuma tokko taatiyaahaa jir...
26/11/2023

Isinilleen baguma qooda fudhattoota ilmaan Oromoo QBO keessatti qaban hin dagatin bara kana akkuma tokko taatiyaahaa jirtuuyyu

26/11/2023

ONM - ህዳር 26/2023 ዓም ሳምንታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሠራዊት ዉሎ ። ONM-ABO 391 followers Follow 391 0 0 26 minutes ago Loading comments... 1:00:29 The Squad 1 day ago Liverpool SHOCK Man City🚨 Arsenal Targetted by The FA😮 Can Man United beat Everton🤔 131K 11 12...

  Abdurazzaaq (Abbee Abbaa Biyyaa) seenaa qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa ture addatti immoo Sochii Qeerroo ...
26/11/2023



Abdurazzaaq (Abbee Abbaa Biyyaa) seenaa qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa ture addatti immoo Sochii Qeerroo godina Jimmaa keessatti nama qooda hin dagatamne gumaache dha.

Abbee Abbaa Biyyaa sochii qabsoo dargaggoo Oromoo gochaa ture keessatti akkuma ilma Oromoo tokkootti yeroo adda addaatti hidhamee dararamaa mana hidhaa bara dheeraa dabalatee wareegama guddaa kaffalaa ture.

Guyyaa har'aa jechuun Sadaasa 26/2023 oduu boqochuu isaa yeroo dhageenyu gadda guddaatu nutti dhagahame.

Qabsaa’aa Abbee Abbaa Biyyaa Lubbuu isaaf jannata, maatii, firoottanii fi hiriyoota isaa gadda kanaan miidhaman hundaaf jajjabinan hawwina!
Oromo

19/11/2023
19/11/2023

's Operation

👉 18,2023 halkan Shaggar magaalaa Aanaa kan taate cabsuun gosa garagaraa 150 ol, , gosa garagaraa hedduu dhuunfachuun hidhamtoota siyaasa gadhiisisaniiru.

?? ,2023 ganama irraa eegale Lixa Shaggar aanaa Incinnii magaala Aanaa dabalatee bakkee hedduutti lolli deema jira. Lola kana Zoonii Giddu gala fi Zoonii Lixaatti waloon tumaa jira!

👉 akkasumas aanaa magaalaa lolli deema jira.

!

Baga Sadaasa Sagal Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaan isin gahe. Ibsa Qeerroo Bilisummaa OromooSeenaa Qabsoo Bil...
09/11/2023

Baga Sadaasa Sagal Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaan isin gahe.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Sadaasni Sagal guyyaa yaadannoo “Fincila Diddaa Garbummaa” jedhamee bara baraan ni yaadatama. Sadaasa 09, 2005 Waggaa 18 har'aa Jaarmiyaan Oromoo angafti Mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti adda durummaan kan beekamu waamicha Addi Bilisummaa Oromoo taasise hordofee, Warraaqsa Barattoota Oromoo, Qotee Bulaafi Horsiisee Bulaan dhoheedha. Warraaqsa kana keessatti Jaarmiyaa Adda Bilisummaa Oromoo keessaa Birkii tokko kan ta‟e Qeerroon Bilisummaa Oromoo dirqama guutuu ofiitti fudhachuun guutummaa Oromiyaa keessatti Fincila Diddaa Garbummaa geggeessuurra darbee Uummata Oromoo Gurmeessee Warraaqsatti galcheera.

Uummanni Oromoo Kolonii Habashootaa jalatti kufuurraan kan ka'e akkasumas, dhaloota Garbummaa nuffe waan horateef Warraaqsa seena qabeessa kana dhooseera. Gootowwan qaqqaalii Oromoon qabduun tarsiimoon Warraaqsaa bahuun, Fincilli Diddaa Garbummaa akka dhohuuf haal-duree tolchuu dandaa‟aniiru. Sirni Impaayericha humnaan bitee tures,Cunqursaafi hacuuccaa Oromoorratti daran waan hammeesseef akkasumas, qabeenya Oromoo saamuun daran waan baballateef Warraaqsichaaf ka'uumsa ta'eera. Humnoonni Impaayerichaan mormanillee yaadni hacuuccaafi cunqursaa Oromoo irratti qaban waan wal fakkaatuuf, sagalee Oromoo ukkaamsuuf yaaliin taasifame salphaa hinturre. Kana bu‟uura godhachuun Waamicha Addi Bilisummaa Oromoo taasise hordofuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warraaqsa walirraa hincinne itti fufe.

Fincila Diddaa Garbummaa kana keessatti Aarsaa gurguddaan kaffalamaniiru. Dargaggoonni Oromoo fiiganii hinquufne tokkittii lubbuu isaanii wareeganiiru. Daa'imman kichuun itti kitimamaniiru. Haati Oromoo deessee guddiftee ilmaan ishee itti gabbarte. Lafa Oromoofi Bosona Oromiyaatu aarsaa kaffale. Hanga har‟aatti aarsaan barbaachisu itti baafamaa jira. Keessattuu Dargaggoonni Oromoo sochii al-idilee kana gara humna waalta‟eefi dhageettii qabuutti jijjiruuf Amajjii 5, 2011 Jaarmiyaa "Qeerroo Bilisummaa Oromoo" bu'uuressan.

Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo boodas sochiin Fincila Diddaa garbummaa haala miidhagaa ta'een itti fufe. Adeemsaafi bu'aa ba'ii dheeraa booda Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mormiin „Maaster Pilaanii‟ qolachuuf Sadaasa 12, 2015 “Fincila Diddaa Garbummaa” irraa gara “Fincila Xumura Garbummaatti” jijjiiruu danda'eera. Sochiin Fincila Xumura Garbummaa kunis wareegamni ulfaataan itti haa kaffalamu malee, warraaqsichaan Mootummaa Abbaa Irree EPRDF ( TPLF/ Sirna Wayaanee ) bara 2018 hundeen buqqisuu danda'eera. Adoolessa 21, 2021 Waraanni Bilisummaa Oromoo kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ganamaafi Qabsoo Hidhannoo itti fufsiisuuf Jaarmiyaa of danda'e ta'ee Dirreerraa ABO-WBO jechuun labsa dabarse. Burjaajiin hedduun dhalatanis Waraanni Bilisummaa Oromoofi Qeerroon Bilisummaa Oromoo of ijaaruun qabsicha baraaraniiru. Murtoo Jaarmiyaan ABO-WBO dabarse hordofuun Sochiisaa guutummaatti Jaarmiyaa ABO-WBO jalatti itti fufuuf Sadaasa 08, 2021 Hooggana Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jala galfamuufi taaliga isaa dirreerraa akka fudhatu labsa labsee Qabsoo sabichaatti jira Qeerroon Bilisummaa Oromoo.

Walumaa galatti, Fincilli Diddaa Garbummaa gara Fincila Xumura Garbummaatti ce'ee har'a fiixee xumuraarra jira. Dhumarratti, Sadaasa Sagal Guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaa kan Waggaa 18ffaa gaafa yaadannu Qabsoo Gootowwan qaqqaalii kumaa-kitilli itti kitimaman, tiksanii asiin gahan, "Nuti dhaloonni har’aas lafee keenya itti cabsinee, Dhiiga keenya itti lolaafne ni tiksina!" jechuun waadaa haaromsanna. Baatii Sadaasaa kanatti kanneen osoo Oromoo Bilisoomsuu fi Oromiyaa Biyya taate gad dhaabuuf warraqanii wareegama hadhooftuu kaffalan yaadachaa, xurree fi kaayyoo isaan irratti gatii kaffalan irraa maquun, irbuu gootowwan kaleessaa sharafuu fi gantummaatti kan fudhatamu ta'uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuu barbaada.

Oromiyaan Dhiigaaf Lafee Ilmaansheetiin Walaboomti.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Sadaasa 08, 2023
Finfinnee, Oromiyaa

09/11/2023

WhatsApp Group Invite

21/10/2023

**WAAMICHA BIRMANNAA LAMMII ***
Waldaa Gargaarsa Oromo Idil Addunya (ORA International)
Ummatni Oromo Lixa Wallaggaa yeroo ammaa kana Beelaan , Waraana karaa Finxaleyyi Faanno fi dhibee busaatin gidiraa hamaa keessa jira. Kessumaayyu annole Begii fi Qondaalaa fi naanno dhibeen kun cimee jira.
Ragaan akka agrasisutti ji’a sadan darban kessatti busaan dhibbantaa 180 ol (%180) dabalee jira. Kun biyyatti kessatti waggaa shani as waan harawwa dha.
Yeroo ammaa naanno kanatti ummata 41, 591 dhibee kanaan qabamera.Kana keessaa %70 Wallagga Lixaa kessatti.
Kun ifatti hingabaafamne yookin salphifamee gabaasamaa jira, Hedduminaan
kan hubaman Begi kessatti aanaa Qondalaa fi Begiti ummatni 61,000 buqqa’ani jiru.
Ummatni kun ummata waaqaa gaditti lammisaa Oromo irra kan hafe qaama abdii biraa irra qabu hin jiru waan taef waan dandenyun akka itti birmannu Waldaa Gargaarsa Oromo Idiladdunya (ORA International- ORA Oromiyaa, ORA UK, ORA Kanaadaa, ORA Awustiraliyaa, ORA Norweyi ,ORA Jaramani, ORA-USA maqaa ummata kanaatin waamicha kana taasisa.
Marii hirphaa: Daandi Zoomi kanaa gadi
Guyyaa: Onkololessa 28, 2023
WB Sa’aati 2 (pm) akka DCtti
Zoom:

21/10/2023

Address

Johnsburg
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jinnii 5n Gibee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share