Wr/ Liigii Dargaggoo PB Godina Jimmaa

Wr/ Liigii Dargaggoo PB Godina Jimmaa Oduuwwa waqtaawaa akka yeroo yerootti isin biraan gahu pageYEROSAN MEDIA NEWS like gochuun maatii keenya 'aa.

Guyyaa 01/08/216Hojii Eebbifamaa DargaggootaanDargaggoonni Magaalaa Diimtuu Sa'a Foonii Bitanii Qaluun Zayitii Nyaataa w...
09/04/2024

Guyyaa 01/08/216
Hojii Eebbifamaa Dargaggootaan
Dargaggoonni Magaalaa Diimtuu Sa'a Foonii Bitanii Qaluun Zayitii Nyaataa waliin Harka Qalleeyyii Waan ittiin Ayyaana Oolan Hin Qabneef Deeggarsa Taasisanii jiru!

Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti Bara Baraan Yeroo Ayyaanni Ga'u Dargaggoonni Qarshii Walitti Fidanii Horii Qalmaa Bitanii Qaluun Harka Qalleeyyiif Deeggarsa Gochuu Kan Aadeffatan Yoo Ta'u Bara Kanas Ayyaana Sooma Hiikaa Ramadaanaa Kan Bara 1445 Sababeeffachuun Halkan Tokkotti Qarshii 37200 Walitti Qabuun Harka Qalleeyyiif Deeggarsa Taasisuun Seenaa Dabalataa Hojjetanii Jiru!

Dargaggoonni Keenya Aadaa wal Gargaarsaa Kan Beela'e Beela Baasuu,Kan Dheebote Dheebuu Baasuufi Kan Daare Daara Baasuu Duudhaa Amantichaafi Aadaa Wal Gargaarsa Saba Oromoo Keessaa Madde Hojii Irra Oolchuun Hojii Eebbifamaa Hojjechaa Jiru!

Dargaggoonni Keenya Hojii Ajaa'ibaa Hojjetaa Jirtan Isiniin Boonnee Jirra!
Nu Boonsitanii Ulfaadhaa Galatoomaa.
Ayyaana Gaarii Eid Mubaarak!

Guyyaa Har'a 24/06/2016Waltajjiin Qindoomina Liigii  Dargaggoota Godina Jimmaa,Magaala Jimmaa fi Magaala Aggaaroo Gaggee...
03/03/2024

Guyyaa Har'a 24/06/2016
Waltajjiin Qindoomina Liigii Dargaggoota Godina Jimmaa,Magaala Jimmaa fi Magaala Aggaaroo Gaggeeffamaa jira.
*******
Ijaarama Dargaggoota Cimsuudhaan Biyya jabduu birmadummaan Isheen kabajame tiksinee dhaloota itti aanuutti dabarsuuf Xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Jaarmiyaaleen Dargaggoota Sadarkaan jiran injifannoo Akka biyyaatti galmaa'aa jiru keessatti gumaachi isaan qaban ol'aanaadha.

Dargaggoon waan ijaarameef fayyadamummaan isaa mirkanaa'aa jira. Fayyadamummaan Dargaggoota Gama dinagdee,hawaasummaa fi Siyaasa keessatti akka dabaluuf fuldurattis xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'a.

Waltajjiin Qindoomina Liigii Dargaggootaa Godina jimmaa Magaala Jimmaa fi Magaala Aggaaroo hirmaachise magaalaa jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Koreen supperviijinii Oromiyaa irraa dhufan dargaggoota waliin maryetan. Gur, 21/2016 Dargaggoota bulchiinsa magaalaa Ma...
29/02/2024

Koreen supperviijinii Oromiyaa irraa dhufan dargaggoota waliin maryetan.

Gur, 21/2016
Dargaggoota bulchiinsa magaalaa Mattuufi Godinichaa kan mariisisan. Dargaggoo Ahimadnuur Waaqoo Paartii Badhaadhinaa Giddu Galeessaatti I/A/I/G/Liigii Dargaggootaa Oromiyaa fi qindeessaa kilaastera godinaalee
kab. Dargaggoo Yasen Mohammed Paartii Badhaadhinaa Giddu Galeessaatti koree liigii fi I/G/Liigii Dargaggootaa godina jimmaa yoo ta'an isaanis dhimmoota siyaas-diinagdee dargaggootaa irratti mariin bal'aan taasifamee jira

Dabalataan obbo Reshido Balcha I/G/S/Paartii Badhaadhinaa bulchiinsa godinaa Dargaggoo Nigatu Tolosa Gonfa Paartii Badhaadhinaa bulchiinsa godina I/A/B/ I/G/Liigii Dargaggootaa godina IAB Kab. dargaggoo Gebeyehu Nura Benti I/G/L/P/B/M/Mattuu dabalatee qooda fudhattoonni hedduun waltajjii kana irratti argamanii jiru.
Waltajjii kana irratti gaaffilee dargaggootaan ka'an irrattis deebiin kennamee waltajjichi karaa ho'aa ta'een xumurameera.

Bulchuun NageenyaAanaa Saqqaa Coqorsaatti Marii Misoomaaf Nageenyaa Jaarmiyaalee  Dargaggoota aanaa waliin gaggeeffameGo...
29/02/2024

Bulchuun Nageenya
Aanaa Saqqaa Coqorsaatti Marii Misoomaaf Nageenyaa Jaarmiyaalee Dargaggoota aanaa waliin gaggeeffame

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti jaarmiyaalee dargaggoota fi ispoorteessitootaa waliin gaggeeffame.

Marii gaggeeffame irratti I/A/bulchaa bulchiinsa Aanaa Saqqaa Coqorsaa Obbo Gabramaariyaam Abdiisaa, I/G/Liigii dargaggoota aanichaa Obbo Amiin Kaliifaa argamuun qooda fudhattoota kan mariyachiisan yoo ta'u

I/A/bulchaa bulchiinsa aanichaa Obbo Gabramaariyaam Abdiisaa yaada kennaniin nageenya biyyattii fi aanaa keenyaa eegsisuu keessatti shoorri dargaggootaa ol'aanaadha jechuun akkasumas nageenyi guddinaa fi misooma biyya tokkoof barbaachisaa ta'uu isaa kan ibsame yoo ta'u nageenya biyyattii eegsisuuf mootummaan xiyyeeffannoo guddaa itti kennee hojjataa kan jiraachuu isaa ibsuun leenjistoonni ispoortii gosoota garagaraas kallattii mootummaan kaa'e hojiirra oolchuun gahee isinirraa eegamu bahachuu qabdu jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Hirmaattoonni marichaas gama isaaniitiin mootummaa cinaa dhaabbannee kallattii mootummaan kaa'e kabajnee hojiirra oolchuun gama keenyaa nageenya biyyatti mirkaneessuuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jechuun yaada isaanii ibsanii jiru.

Amajjii  20/05/2016 Godina Jimmaa Ibsa Ejjennoo Dargaggoota Godina Jimmaa Irraa kenname Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjib...
29/01/2024

Amajjii 20/05/2016
Godina Jimmaa
Ibsa Ejjennoo Dargaggoota Godina Jimmaa Irraa kenname
Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Shanee shiftaa maqaa Oromoon of waamuu jechuun qalaan _shiftaa bosona taa'ee Ummata saama jiru maxxansee ilaalchisee Ibsa dargaggoota godina Jimmaa irraa keenamee

Wolii galtee faannoo fi shiftaan shanee Fuula fb irratti maxxansee ilaaluun soba dhugaa irraa fagaate waan ta'eef Hawaasni oromoo martuu akka hubatu jechuu barbaanna
Dargaggeessi godina Jimmaa ibsa ejjennoo baafatee jira
Loote galtoonni mandaraafi Shiftaan shanee bosona keessa taa'ee Hawaasa oromoo burjaajjessuf fedhii keessan ibsachuu barbaaddan sa'aa ammaa kana irraa kastanii akka of eeggadan jecha.

Shiftaan shanee jedhamu daandii uguree ummata saamee Bilisummaa kan fiduu hin jiru. Qeerroon Oromoo aarsaasa kaffalee sirna oromoof ta'uu ijaaree jira. Abbootiin qabeenya karaa hin malleen horuuf jecha Maqaa oromootiin diina faana dhaabbattanii ummata burjaajessa jirtan harka keessan sassabadhaa.
Qeerroon Oromoo Karaa ijaaruun Ummata tajaajiluun beekkama malee karaa uguruun hin beekkamu.

Jaarraa 19fffaa fi 20ffaa keessa Qeerroon karaa tasgabbii qabuun daandiitti bahee ummata amansiisee hiriira heera mootummaan walitti hin buunee waamee sirna nama nyaataa ofiraa fonqoche. Amma garuu jaarra 21ffaa keessa taa'ee qerroon karaa cufu akka hin jirrre beekuun barbaachisaadha hin jiraatus.
Sirnaa ofii ijaarree ofiif eeganna malee shiftaan shanee nuuf hin eegduu jedhu.

Kana malees olola sobaa diinni afarsuun burjaaja'uu dhiisuun hawaasni Misooma, Daldalaa, barnootaafi hojii idilee isaa hunda hojjechuun, qaamolee nageenyaa booreessuuf yaalii taasisan odeeffannoo kennuun saaxiluu akka too'ataman taasisuu Uggura geejjibaa fi laggannaa gabaa diinni labsee fashaleessuuf gaheen Qeerroofii qarree hawaasaa hundaa murteessaa ta'uus ibsaniiru.

Sirna Dhiigaafii lafee Qeerroo fi Qarree Uummata oromootiin ijaarame Qeerroodhumatu Eegata .

Labsiin shiftaan shanee bosona maqaa oromoo of fakkeessuun labsan kun warra saamee nyaachuu malee Dalagee nyaachuu hin dandeenyatuu ummata dalagatee nyaatuun dalagaa dhaabi jedhan.

Namoonni ergama diinaa fudhattanii ummata sochii konkoolataa dhaabdan hundi itti gaafatamummaa dhufuuf akka of qophessitan.
Nuti Dargaggoonni Godina jimmaa sirna Deeggaruu malee sirna morminuu hin qabnuu.
Diinni ummata oromoo bosona ta’ee ummata saamaa jiruus kana beekuu qaba !!!

Godina Jimmaatti leenjiin DargaggootaSadarkaa gandaatti kennama ture guyyaa har'a goolabameera.Godina jimmaatti leenjiin...
26/01/2024

Godina Jimmaatti leenjiin Dargaggoota
Sadarkaa gandaatti kennama ture guyyaa har'a goolabameera.

Godina jimmaatti leenjiin dargaggoota ijaaraa biyyaaf jedhuu Gandoolee 567 Aanolee godinichaa hunda keessatti gaggeeffamaa ture kara miidhagina qabuun xumurameera.

Leenjiin kunis gandoolee Aanaalee godinichaa hunda keessatti kara qindaawa ta’en dargaggootaf kennama akka ture I/G LiigiiDargaggoota godina jimmaa Dar Yaasiin Mahammed ibsaniiru.

Sirna cuufiinsaa Leenjii kana irrattis hojiin Tajaajila lamummaa kanneen akka dhiiga arjoomu,kunuunsa qabeenya Uumamaa, qusannaa Baankii Siinqeefi bita boondii gaggeefamun leenjichii kara qinda’a ta’een kennama ture guyyaa har'a goolabameera.

Irree tokkomeen dinagdee Dargaggoota galmaan gahuu keessatti gahee qaamolee hunda murteessadha.

Godina  Jimmaa Aanaaee Hunda Keessatti Qoohii Leenjii Dargaggoo Mata Duree Dargaggoo fi Ijaarsa Biyyaa Jedhu irratti guy...
13/01/2024

Godina Jimmaa Aanaaee Hunda Keessatti Qoohii Leenjii Dargaggoo Mata Duree Dargaggoo fi Ijaarsa Biyyaa Jedhu irratti guyyaa shaniif sadarkaa aanaati kennamuuf Orrenteeshiniin kennamaa jira.
kaayyoon leenjii kanaa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootnii qabanu olaanaa waan ta'eef Dargaggootni kanuma hubatanii dhimma ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii ciminaan ba'achuu akka dandeesisuuf kan yaadame yoo tahu Leenjii kanaanis dargaggotnii hubannoo baayyee murteessaa ta'e argachuun jijjirama bilisummaa dhiigaaf lafee dhalootaatiin argame ciminaan tiksuun imala badhaadhinaa eegalame gama hundaan kan mirkeneesisu tahuun ibsameera.Godina Jimmaa Aanaaee Hunda Keessatti Qoohii Leenjii Dargaggoo Mata Duree Dargaggoo fi Ijaarsa Biyyaa Jedhu irratti guyyaa shaniif sadarkaa aanaati kennamuuf Orrenteeshiniin kennamaa jira.
kaayyoon leenjii kanaa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootnii qabanu olaanaa waan ta'eef Dargaggootni kanuma hubatanii dhimma ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii ciminaan ba'achuu akka dandeesisuuf kan yaadame yoo tahu Leenjii kanaanis dargaggotnii hubannoo baayyee murteessaa ta'e argachuun jijjirama bilisummaa dhiigaaf lafee dhalootaatiin argame ciminaan tiksuun imala badhaadhinaa eegalame gama hundaan kan mirkeneesisu tahuun ibsameera.

Godina Jimmaa Aanaa O/Naaddaatti"Ijaarsaaf Misooma Biyyaa Keessatti Gaheen Jaarmiyaalee Dargaggootaa Olaanaadha" Jedhame...
08/12/2023

Godina Jimmaa Aanaa O/Naaddaatti
"Ijaarsaaf Misooma Biyyaa Keessatti Gaheen Jaarmiyaalee Dargaggootaa Olaanaadha" Jedhame.
********
Sadaasa 28/2016,
Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti waltajjiin marii haala yeroo, misoomaafi nageenyaa irratti xiyyeeffate jaarmiyaalee dargaggootaa gandoolee aanichaa hunda keessaa hirmaachisuun gaggeeffamee jira.

Waltajjii kana irratti argamuun kan mariisisan I/A bulchaa bulchiinsa Aanaa Oomoo Naaddaa Obbo Nazoo A/Maccaa,I/G'tuu Damee Ijaarsaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa A/O/Naaddaa Aadde Naziifaa Siraaj fi I/G Liigii Dargaggootaa Aanichaa Obbo Ahmaddiin Huseen yemmuu ta'u, nageenyaaf tasgabbii biyyaa mirkaneessuun misooma eegalame daran itti fufsiisuu fi biyya diinagdee,barnootaa fi humna namaa RIB cimaa ta'e qabaachuun kabajamtee jiraattu ijaaruu keessatti dargaggoonni gahee olaanaa akka qaban ibsameera.

Marii kanaanis dargaggoonni yaada kennaniin "Nuti abbaa biyyaati, dhimmi misooma biyyaa itti fufsiisuu, nageenya biyyaa mirkaneessuu fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti waan ta'eef injifannoo gama hundaan arganne cichinee itti fufsiifachuu qabna" jechuun ejjennoo isaanii ibsanii jiru.

08/12/2023
Baga Gammannee Baga Gammaddan !!!Sadaasa 28,2016Godinni Jimmaa Godinaalee Naannoo hunda keessaa madaallii hojii kenna ta...
08/12/2023

Baga Gammannee Baga Gammaddan !!!
Sadaasa 28,2016
Godinni Jimmaa Godinaalee Naannoo hunda keessaa madaallii hojii kenna tajaajila Lammummaa Gannaattiin qindoomina Jaarmiyaalee Dargaggootaa fi Waajjira Dargaggoo fi Ispoortiitiin raawwii hojii gaarii galmeessen

sadarkaa 1ffaa banuun beekkamtii argatee jira.
Dargaggoon qabeenya biyyaati. biyyi dargaggoon qabeenya ta'uu hubattee sirnaan itti fayyadamte, guddina saffisaa fiduuf yeroo dheeraa itti hin fudhatu.

Biyyi keenyas biyyoota humna dargaggoo danuu qabdu keessaa isii tokkoodha. humna dargaggoo danuu kanatti yoo sirnaan fayyadamte rakkoo roga hundaan isii xaxee jiru keessaa bahuuf yeroo dheeraa itti hin fudhatu.

Kanumaan wal qabatee jaarmiyaaleen dargaggoo Godina Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa hojii tajaajila lammummaa ganna darbe hojjetaniin akka Oromiyaatti fakkeenya ta'uun badhaasa geephaa argatanii jiru.
Qooda fudhattootni milkii kanaa baga gammaddani!

Godina Jimmaatti Konfaransiin Liigii Dargaggootaa Mata duree "Gurmaa'insa Dargaggootaa Badhaadhina Wolootiif!" Jedhuun g...
04/12/2023

Godina Jimmaatti Konfaransiin Liigii Dargaggootaa Mata duree "Gurmaa'insa Dargaggootaa Badhaadhina Wolootiif!" Jedhuun gaggeefama jira.

Sadaasa 24/3/2016(WKGJ)
Godina Jimmaatti Konfaransiin Liigii Dargaggoota mata duree Gurmaa'insa Dargaggoota Badhaadhinaa waloof jidhuu irratti gaggeefama jiraachuu Itti gaafataman Liigii Dargaggoota Godina Jimmaa Obbo Yaasiin Mahamad himaniruu.

Dargaggoo Yaasiin Mahamad akka jedhanitti Dargaaggootni siyaas dinagdee biyya kanaa dhugoomsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsun. Sochiin Dargaaggootni godina Jimmaa inisheetiiviiwwaan paartii Badhaadhinaan bocaman hojiirra oolchuuf Sochiin taasifamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu dhaamsaa isaani dabarsaniru .

Marii mata duree Gurmaa'insaa Dargaggoota Badhaadhinaa waloof dhugoomsuuf kan jedhuu Irratti kara Obbo Kumara Diggan qabxiin Kaa'umsa dhiyaata kan jiru ta'uu himaniiru .

Siyaas-dinagdee dargaggoota dhugoomsuun Badhaadhinaa waloof ni hojjatamaa.

"Gurmaa'insa Dargaggootaa Badhaadhina wolootiif!"Sadaasa 17 /03/2016 WKGJ Godina Jimmaa Aanaalee Hunda keessatti koonfar...
28/11/2023

"Gurmaa'insa Dargaggootaa Badhaadhina wolootiif!"

Sadaasa 17 /03/2016 WKGJ

Godina Jimmaa Aanaalee Hunda keessatti koonfaransiin Dargaggootaa qindeessummaa Liigii Dargaggootaatin Mataduree
"Gurmaa'insa dargaggoota badhaadhina walootiif" jedhuun gaggeeffameera.

Konfaransiin Dargaggoota kanaanis adda durummaadhaan nageenyaa fi ga'e dargaggoonni nageenyaa keessatti qabanu akkasumas misoomaa fi ga'e dargaggoonni misooma biyya keenyaa saffisiisu keessatti qabanu irratti xiyyeeffatee kan gaggeeffame akka ta'e itti gaafataman liigii dargaggoota paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa dargaggoo Yaasin Mahammad ibsaniiru.

Dargaggoonni konfaransii kana irratti hirmaatan akka ibsanitti imala badhaadhina egalle dhugoomsuuf hirmaannaa hunda galeessa nitaasifna jechuudhaan waadaa galaniiru.
Konfaransii kanaanis hidha haaroomsaa guddichaa xumursiisuf Qr. Miliyoona 2.3 boondii bitachuun isaani ibsameera.

"Bulchuun Nageenya!" jechuudhaan, nuti dargaggootni wobii nageenyaa fi misooma ummata keenyaa taanee adda durummaadhan nidhaabbannas jedhaniiru.

23/11/2023
Godina Jimmaatti mariin qamoolee Nageenya walin haala yeroo irratti taasifamaa jira.      Sadasa 13/3/2016(WKGJ)        ...
23/11/2023

Godina Jimmaatti mariin qamoolee Nageenya walin haala yeroo irratti taasifamaa jira.

Sadasa 13/3/2016(WKGJ)


Godina Jimmaatti mariin qooda fudhattoota Nageenya Aanoolee godinichaa hunda hirmaachisee gaggeefama jira.

Marii kana irrattis bulchaan Godina Jimmaa Obbo akka jedhanitti Godini Jimmaa milkaa'ina Siiyaas dinagdee Godinichaa gama hundaan dhugoomsuuf sochiin Taasifama jiru Abdachisaadha humni hidhannoo hidhate Bosonaa keessaa ta'e ummata keenya burjaajesuuf yaalii taasisuu Abadan godina Jimmaatti milkaa'uu hin danda'uu bosonni godina Jimmaa Bakka Hawwataa Tuuriizimii malee Dawoo Dina ta'uu hin danda'uu jechuun marii kanaa irratti dhaamsaa isaani dabarsaniru.

I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Masaraat Hayiluu akka jedhanitti dhimmi Nageenya ummata keenya Eegsisuu dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti waan taheef xiyyeeffannoon Nageenya Godina keenya eegsisaa humna hidhate ummata Oromoo burjaajesuuf yaalu akkuma kanaan dura tarkaanfii madaalawaa fudhatama kan deemamu akka ta'e dhaamsaa isaani dabarsaniru.

Gofina Jimaa Aanaa Sokorruutti  Ganda Inkurreetti Oomishni gahe   hin egganneen akka hin Mancaaneef   miseensa 400 caalu...
15/11/2023

Gofina Jimaa Aanaa Sokorruutti Ganda Inkurreetti Oomishni gahe hin egganneen akka hin Mancaaneef miseensa 400 caalu Koloneel Abbarraa Kaaseen durfamee Qonnaan bultootaaf tumsa godhaa jiru Oomisha Ga'e Yeroon Sassaabuun Qisaasama Oomishaa Hambisuu Bira Darbee Oomishaafi Oomishtummaa Dabala Gama biraatinis Lafti Ooishni duulaan sassaabbiin gaggeeffamaa jiru Jallisiifis kan Ooluudha jedhame
🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲
Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti Duulicha irratti argamanii kan dabbarsani Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Sokorruutti Daarikteera Siyaasaafi Sabqunnamtii Obbo Misgaanaa Damee ergaa dabarsaniin Gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa hadhaa Midhaan rooba yeroo male roobaa jiru jalaa baraaruuf Qonnaan bultoota 0 hojiin sassaabbii midhaanii hojii xiyyeeffannoo barbaadaauufi yeroon hojjetamuu qabuudha Midhaan ga'e yeroon walitti qabuun qisaasama oomishaa hambisuun cinatti oomishaafi oomishtummaa dabaluu keessatti gahee guddaa qaba, Mootummaafi Paartiin kanuma hubachuun qisaasama oomishaa hambisuuf hojii sassaabbii midhaaniitiif xiyyeeffannoon olaanaa kennuun hojjechaa jira kan jedhaniiru obbo Misgaanaa Damee.
Ittigaaffatamaan Waajjira Qonnaa aannichaa Obbo Malkaamuu Gaashee Gooticha Raayyaa ittisa Biyyaa galatooffachuun ergaa isaanii dabarsani Oomisha ga`e yeroon yoo hin sassaabne qisaasamni oomishaa ni qaqqaba, Haalli kunis qulqullina, baay'inaafi oomishaafi oomishtummaa irratti miidhaa fida
Kanaafuu, uummanni keenyas kana hubachuun hirmaannaa bal'aa taasisuun gama tokkoon aadaa walgargaarsaa qabutti fayyadamuun oomisha ga'e sassaabuu barbaachisa

Dinagdee damdaneessa sadarkaa hundatti milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatama jiraachuu itti gaafatama waajjira paartii Ba...
15/11/2023

Dinagdee damdaneessa sadarkaa hundatti milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatama jiraachuu itti gaafatama waajjira paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniru.

Sadaasa 5/3/2016(WKGJ)

Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Jimmaatti sassaabbii oomisha Ruuzii eegalchiisaniru.

Godina Jimmaatti bara kanaa Ruuziin heektaarri kumni 235 ol misoomaa ture sassaabamuf guyyaa har'a bakka itti gaafatama waajjira paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa fi sadarkaa Itt Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaasteraa Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu akkasumas hoggansi Godinaa,Oromiyaa fi Federaalaa argamanitti sirni sassaabbii Omisha Ruuzii Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti misoomaa ture sassaabbiin kan eegalamee ta'uu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir himaniru.

Obbo Fiqaaduu Tasammaa akka jedhanitti Godinni Jimmaa milkaa'ina olaanan inisheetiviiwwaan gara garaa bocun sadarkaa dinagdee qonnan bultoota godinichaa dachaan dabaluuf xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiru hubachuun ni danda’ama jechuun ibsaniru.

Godina Jimmaatti Duulli Sassaabbii Oomisha Midhaanii Rooba jalaa baraaruu qindeesuma Liigii Dargaggoota Godina Jimmaatti...
12/11/2023

Godina Jimmaatti Duulli Sassaabbii Oomisha Midhaanii Rooba jalaa baraaruu qindeesuma Liigii Dargaggoota Godina Jimmaattin eegalameera.

Sadaasa 2/3/2016
Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti sassaabbiin midhaani humna Dargaggootaa hirmaachisee gaggeefama jiraachuu Itti gaafataman Liigii Dargaggoota Godina Jimmaa Obbo Yaasiin Mahamad himaniruu.

Godina Jimmaatti duulli sassaabbii oomisha gahee rooba yeroo malee irraa baraaruuf Dargaggoota kuma 40 ol hirmaachisuun Aanoolee godinichaa hunda keesatti kan labsamee ta'uu I/G Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Addee Najat kadiir himaniruu.

Aanaa Nadhii Gibeettis guyyaa har'a Dargaggootni Kuma 5 ol duula sassaabbii oomisha Boqqolloo hektaara kuma 10 irratti sassaabbiin taasifamuu Bulchaan Aanaa Nadhii Gibee Obbo Kadiir Abbaa Imaam himaniruu.

Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu ijaarsa pirojektii Galma Shanan Gibee qarshii Biliyoona 1.6 ijaarama jiru daawwata...
10/11/2023

Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu ijaarsa pirojektii Galma Shanan Gibee qarshii Biliyoona 1.6 ijaarama jiru daawwatan.

Onkololeesaa 30/2/2016[WKGJ)
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir daawwannaa kana irratti akka ibsanitti ijaarsi pirojektii Giddu gala Galma Aadaa shanan Gibee kun hirmaannaa hawaasa qarshii Biliyoona 1.6 hojjatamaa akka jiru fi pirojektichis feeziin jalqabaa dhibbeenta 40% irra jiraachuu ibsaniru.

Nagaa Hin Dhabinaa../

Bunni worqee magariisaa hawaasa Godina Jimmaati. Bunni lafee dugdaa dinagdee ummata Godina Jimmaati.====================...
07/11/2023

Bunni worqee magariisaa hawaasa Godina Jimmaati.
Bunni lafee dugdaa dinagdee ummata Godina Jimmaati.
====================//////===================
Godina Jimmaatti guyyaana Bunaa bakka keessummoonni biyya keessaa fi biyya alaa argamanitti kabajameera.

Onkoloolessa 27/2/2016(WKGJ)

Godina Jimmaatti Guyyaan kabajaa Ayyaana Bunaa qooda fudhattoota Aanoolee Godinichaa gara garaa irra waliitti dhufani walin gaggeefama jiraachuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir himaniruu.

Sirna kabajaa kana irrattis bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir akka jedhanitti bunni keenya dinagdee keenya Dachaan dabaluu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'u ibsaniru

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo mamasanii Amiin akka jedhanitti Godini Jimmaa milkaa'ina Bunaan akka biyyaatti kan dorgomu ta'u hubachuun barbaachisaadha jechuun ibsaniru

Sirna kabajaa Guyyaa bunaa kanaa irrattis Ambaasaadarii Chaayinaa
Yaannuu yuuween argamaniru

Xumura irrattis Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dhimmi xiyyeeffannoo keenya jalqabaa qulqullina irratti xiyyeeffannoo keennuun hojjatamu akka qabu dhaamsaa isaani dabarsaniru.

Jaarmiyaaleen dargaggoota Oromiyaa, ayyaana bara haaraa sababeeffachuun miseensota humna qilleensaa Itiyoophiyaa deeggar...
11/09/2023

Jaarmiyaaleen dargaggoota Oromiyaa, ayyaana bara haaraa sababeeffachuun miseensota humna qilleensaa Itiyoophiyaa deeggaran.
********
Jaarmiyaaleen dargaggootaa Oromiyaa jala bultii ayyaana bara haaraa sababeeffachuudhaan abbootii qabeenyaa qindeessuudhaan deeggarsa sangootaa miseensota humna qilleensaa Itoophiyaatiif taasisaniiru.

Deeggarsa kanas bakka Ajajaa Olanaan Humna Qilleensa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa argamaaniitti wal harkaa fuudhinsa taasisaniiru.

Humna qilleensa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan kutaa bulchiinsa humna namaa Koloneel Yaasin Ahmad, deeggarsi taasifame hawaasni keenya gama hundaan nu cinaa jiraachuu isaatiif agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru.

Itti Gaafatamaan Liigii dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dereje Abera Adunga gootota biyya isaaniitiif dhaabbatan gama hundaan jajjabeessuun murteessaa ta'uu ibsanii, dargaggootni keenya qaamolee nageenyaa dubbisuu fi cinaa dhaabbachuun ayyaana bara haaraa akka waliin dabarsanu dhaamaniiru.

Tajaajila Lammummaa Dargaggootaan!*******Tajaajilli lammummaa hojii eebbifamaa boqonnaa sammuu namaaf kennu, darbees rak...
10/09/2023

Tajaajila Lammummaa Dargaggootaan!
*******
Tajaajilli lammummaa hojii eebbifamaa boqonnaa sammuu namaaf kennu, darbees rakkoo diinagdee fi hawaasummaa lammiileetiif furmaata ta'udha.

Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa abbootii qabeenyaa fi qaamolee garaa garaa qindeessuudhaan meeshaalee barnootaa dabalatee leecalloowwan adda addaa
walitti qabuudhaan deeggarsa taasisaa jira.
Adde wasila Ahmad hojii tola oltumma kaka'umsa mataa ishetin daa'imman 200 ta'anif meshalee barnota tolaan dhihesitefi waggotaf mannen barnota gara garatti barsiisa tan jirtu yoo taatu gamachuun tola oolun qabu qarahi nuti keninu caala waan ta'ef
Dargaggootni hojii tajaajila lammummaatiin gahee isaan irraa eegamu adda durummaan bahachuun murteessaadha jechuun dabtara darzana 200 ta'u bituun karaa damee Liigii keenyan Arjomaa taasiste.

Jilli Obbo Sadaat Nashaa Sadarkaa Miniisteraatti itti gaafatamaa Ijaarsa durfamu Inisheetivii Misooma Ruuzii Aanaa Shabe...
04/09/2023

Jilli Obbo Sadaat Nashaa Sadarkaa Miniisteraatti itti gaafatamaa Ijaarsa durfamu Inisheetivii Misooma Ruuzii Aanaa Shabee Somboo dawwateera.

Jila kana irrattis Hoggantoonni Sadarkaa ol'aanoo fedeeralaa fi Naannoolee,Koreen Qindeessituu godinaa akkasumas Qamoolee garaa garaa irratti argamaniiru.

Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti Hojiin misoomaa fi Qubsuma dargaggootaa  milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa  jiraachuu...
04/09/2023

Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti
Hojiin misoomaa fi Qubsuma dargaggootaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo samaruddin Ahmed ibsaniiru

Hagayya 29/2015(WKGJ)
β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘β™‘
Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti
Jilli Obbo Saadaat Nashaatiin Durfamu
Hojii Qubsuma dargaggootaa akkasumas Avokaadoo Al ergii xiyyeeffannoo Inisheetivii misooma gosa garaa garaa mootummaan karoorfame hojjatamaa jiru Godina Jimmaatti milkaa'inan hojjatama jiraachuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir himaniiru.

Hojin misoomaa akka Godinichaatti Raawwatamaa jiru Abdachisaa ta'uu Hoggantootni Naannoolee garaa garaa fi Federaalaa irraa dhufan ibsaniiru.

Godinni Jimmaa milkaa'ina Siyaas dinagdee qonnaan bultoota godinichaa dachaan dabaluuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir himaniiru.

Xumura irrattis Avokaadoo sanyii foyya'aa Hass jedhamu bakka Hoggantootni Federaalaa fi Naannoolee gara garaa argamanitti dhaabbata BMD waliin wal harka fudhiinsi taasifameera.

πŸ‘‰Congratulation..β€ΌπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉAtileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Maaratoonii 1ffaa hanga 2ffaatti baahuun bi...
26/08/2023

πŸ‘‰Congratulation..β€ΌπŸ‡ͺπŸ‡Ή
πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡Ή
Atileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Maaratoonii 1ffaa hanga 2ffaatti baahuun biyya teenya boonsaniiru
πŸ”· Amaanee Bariisoo Shaanqullee 1ffaa
πŸ”· Gooytoom G/Sillaasee 2ffaa

Baga GammaddanπŸŽŠπŸŽ‰πŸŽ†
πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡Ή

25/08/2023
Jimmaa  Saqqaa CoqorsaaOomisha Baala shaahii dargaggootaan hojjatamaaru suuraadhaan
25/08/2023

Jimmaa Saqqaa Coqorsaa

Oomisha Baala shaahii dargaggootaan hojjatamaaru suuraadhaan

Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti  Dargaggoo  Kaalid Kadir Kalaqa Addaa-Bawuzaa Daandii Dukkana Ifatti Jijjiire!πŸ’‘πŸ’‘πŸ’‘πŸ’‘πŸ’‘Magaala...
25/08/2023

Godina Jimmaa
Aanaa Geeraatti Dargaggoo Kaalid Kadir
Kalaqa Addaa-Bawuzaa Daandii Dukkana Ifatti Jijjiire!
πŸ’‘πŸ’‘πŸ’‘πŸ’‘πŸ’‘
Magaalaa tokkoof murteessummaan ibsaa ykn bawzaa daandiirraa olaanaa ta'uu hundaafuu ifaadha. Haata'uutii rakkoowwan garaagaraarraa ka'uun magaalonni Godina Jimmaa carraa kana argachaa turan baay'ee muraasadha.

Maarree, rakkoo kana kan hubate dargaggoon dhalootaan Aanaa Geeraa Magaalaa Dustaa Kaalid Kadir beekumsa qabuun bawzaa daandiirraa kan akkaan adda ta'e uumuun, sadarkaa Naannootti Beekamtii argachuun yaaliirra darbee hanga yoonaa magaalota Godina Jimmaa 11'f bawzaa 92 galchuun rakkoo hawaasa keenya yeroo dheeraa akka furamu taasisee jira. Kalaqni kun akka Biiroo Misooma Magaalaaf Manneenii Oromiyaatti muuxannoo addaa ta'ees fufhatamee jira.

Sochii akka w/ra Misooma Magaalaaf Manneenii G/Jimmaatti eegalleen magaalota Godinichaa hunda biraan ga'uuf hojjatamaa jira.
Ibsa ykn hubannoo gabaabaa bawzaa kanaa
garaagarummaa inni kan biyya alaarraa galfamaa ture faana qabu waan muraasa:-
πŸ‘‰ Kan biiyaa Alaatii dhufu humna Wattii 400 fayyadama. Kun Waattii 40 qofaa fayyadamuun yoo xinnaate tokkorraa waattii 360 kan qusatu ta'uu.
πŸ‘‰Kan alaa dhufaa ture radiyesii m10 qofa yemmuu ibsu kun m20 kan ibsu ta'uu.
πŸ‘‰ Kan Biyyaa Alaatii dhufu yeroo gubatu carraa gatamuu malee suphamuu kan hin qabneef kun salphaatti suphamee deebi'ee tajaajila kan laatu ta'uu.
πŸ‘‰Kan Alaa bittaan galu tokkoonsaa Qar. 70,000 yemmuu ta'u, kun Qar. 10,000'niin tajaajila laachaa kan jiruudha.
Abbaa Kalaqichaa:-
Maqaa Kaalid Kadir
Lakk. Bilbilaa +251964530389

Address

Ethiopia Oromia
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wr/ Liigii Dargaggoo PB Godina Jimmaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like