Jigjiga Media House JMH

Jigjiga Media House JMH JMH Afaan Oromoo miidiyaa walabaa oduuf Odeefannoo MNS marsariitiidhaan isin bira kan qaqqabuudha.

Naannichatti waltajjiin gamaggama gabaasaa Raawwii hojii kurmaanaa 3ffaa Magaala Goday eegalame.Naannoo Somaalee Godina ...
14/04/2024

Naannichatti waltajjiin gamaggama gabaasaa Raawwii hojii kurmaanaa 3ffaa Magaala Goday eegalame.

Naannoo Somaalee Godina Shabeelleetti waltajjiin gamaggama gabaasaa Raawwii hojii kurmaanaa 3ffaa Magaala Goday jalqabameera.

Walatajjii gamaggama gabaasaa Raawwii hojii bara 2016 ji'oottan 9n darbanii kana irrattiis kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Goday dabalatee gaggeesitoonnii Manneen hoji magaalichaatiis argamaniiru.

Galiiwwan,Dhimmoota Paartii,Nageenyaa,Bulchiinsa gaarii fi dhimmoota biroo irratti mariin kan taasifamuudhaas jedhameera.

Gamaggamichiis guyyoota 3f Kan turu yoo ta'u Qorannoon jalqabaatiis hojiilee Manneen hojii Gandoota Magaalichaa fi Bulchiinsa Gandoota Magaalichaatiin kan jalqabamudhaas jadhameera.

hojiilee ji'oottan 9n dalagee jiru Qaamoolii hordoffii fi to'annoo gamaggamichaatiis dhiheesseera.

Riizoortii Shabeellayitti biqiltuun kuma 2 ol dhaabaman.Naannoo Somaalee Godina Faafan Aanaa Shabeellayitti Kan argamu R...
07/04/2024

Riizoortii Shabeellayitti biqiltuun kuma 2 ol dhaabaman.

Naannoo Somaalee Godina Faafan Aanaa Shabeellayitti Kan argamu Riiziirtii Shabeellayitti biqiltuun Kuma 2 ol dhaabamuun ibsameera.

Dhaabbiin biqiltuu kuniis marsaa 2ffaaf Kan gaggeeffame ta'uun beekkameera.

Sirna Biqiltuuwwan dhaabuu kanaatiis Pireezidaantii ittaanaa Naannoo Somaalee Obbo Ibraahim Usmaan Faarah dabalatee itti gafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhina damee Naannoo Somaalee Inj. Mahammed Shaallee fi hoggantoonni birootiis argamaniiru.

Biqiltuuwwan Miilyoona tokko Riizoortichatti dhaabuuf hojatamaa jiraachuu himan Obbo Ibraahim Usmaan Faarah.

Pireezidaantiin ittaanaa MNS Obbo Ibraahim Usmaan Faarah Warshaa walitti hidhamiinsa Konkolaattootaa Magaalaa Jigjigaa d...
07/04/2024

Pireezidaantiin ittaanaa MNS Obbo Ibraahim Usmaan Faarah Warshaa walitti hidhamiinsa Konkolaattootaa Magaalaa Jigjigaa daawwatan.

Pireezidaantiin ittaanaa MNS Obbo Ibraahim Usmaan Faarah hojii idilee fi Sosochii Warshaa Walitti hidhamiinsa Konkolaattootaa Magaalaa Jigjigaa daawwataniiru.

Warshichiis Kaappitaalaa Birrii Miilyoona 200n oliin gara hojiitti galuun hundeeffamuuniis beekkameera.

Abbootiin Qabeenyaa Warshichaatiis babblisuuf fedha qabaachuus addeessan.

Ministirri Galiiwwanii fi Koomishinichi Suuqii Magaalaa Jigjigaa gubate deebisanii dhaabiif Birrii Milyoona 20 taasisan....
23/03/2024

Ministirri Galiiwwanii fi Koomishinichi Suuqii Magaalaa Jigjigaa gubate deebisanii dhaabiif Birrii Milyoona 20 taasisan.

Ministirri Ministeera Qonnaa Galiiwwanii fi Komishiniin Gumurukaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti Suuqii Gubate deebisanii dhaabuuf deeggarsa birrii Milyoona 20 taasisaniiru.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aaddee Ayinalaam Nugusee fi Komishinarri Koomishinii Gumurukaa Obbo Dabalee Qaabatoo waliin ta'uun Deeggarsicha Pireezidaantiin Naannoo Somaalee qeebalchiisaniiru.

Ministirichii fi Koomishiniin Gumurukaa waliin ta'uun tokkoon tokkoon isaanii Birrii Milyoona 10 Kan taasisan yoo ta'u walumaa galattiis gargaarsa Birrii Milyoona 20 taasisuun isaaniitiis beekkameera.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhummad Umar Jiraattoota Magaalaa Jigjigaa waliin Ifxaaraa taasisaniiru.

Ministirichi Naannoo Somaaleetiif gargaarsoota Nyaataa fi Uuffataa Birrii Miliyoona 11 ol tasise.Ministirri Ministeera G...
23/03/2024

Ministirichi Naannoo Somaaleetiif gargaarsoota Nyaataa fi Uuffataa Birrii Miliyoona 11 ol tasise.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Naannoo Somaaleetiif gargaarsoota Nyaataa fi Uulfaatinaa Birrii Milyoona 11 olitti tilmaamu taasiseefiira.

Gargaarsichiis bakka Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhummad Umar fi Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aaddee Ayinaalam Nugusee akkasumaas qaamooliin waamichi taasifameefitti argamaniiru.

Deeggarsichaas Aaddee Ayinaalam Nugusee Mootummaa Naannichaa qeebalachiiseera.

Gargaarsi kuniis yeroo ja'ameef keessattuu Ji'a Rabadaanaa harka qalleeyyii fi isaan biroo deeggaruuf tattaaffiin Cimaa kan taasifamuudhaas ja'ameera.

Naannichattis Ministirichi Maatiileen 300 ol ta'aniif gargaarsichi qoodameefii jiraachuuniis addeeffameera.

Hanga ammaatiis Maatiilee 2300 ta'aniif deeggarsi taasifameefii jiraachuun beekkameera

Magaalaa Jigjigaatti Aanuun Guddinaan Sadarkaa 2ffaa Irratti kan Argamtu Goday Suuraan Daawwadha.
23/03/2024

Magaalaa Jigjigaatti Aanuun Guddinaan Sadarkaa 2ffaa Irratti kan Argamtu Goday Suuraan Daawwadha.

Naannoo Somaaleetti Sosochiin Ruuzii Jallisiin Miisoomsuu ifatti jalqabame.Naannoo Somaaleetti Sosochiin Ruuzii Jallisii...
22/03/2024

Naannoo Somaaleetti Sosochiin Ruuzii Jallisiin Miisoomsuu ifatti jalqabame.

Naannoo Somaaleetti Sosochiin Ruuzii Jallisiin Miisoomsuu Godina Shabeellee Aanaa Beer Aanootti jalabameera.

Lafa Heektaaraa Kuma 2 hamma Kuma 3dii Miisoomsuuf duula Sosochichaatiis Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhummad fi Ministirri Ministeera Qonnaa Dr. Girmaa Amantee waliin ta'uun jalqabsiisaniiru.

Heektaaraa tokko irraa Kuntalaa 45 ol Oomishuuf karoorfamuuniis addeeffameera.

Lafa Heektara 2-3diittiis Oomisha Kuuntaalaa Kuma 90 ol Oomishuuf karoorfamee jiraachuuniis beekkameera.

Yeroo itti Aanuuf lafa Heektaraa tokkorraa Oomisha Kuntaalaa 50 Oomishuuf sosochiin taasifamaa jiraachuuniis ibsameera.

Waggaa sadii (3) keessatti lafa Heektaaraa Kuma 10 Ruuziin Uwwisuuf hojatamaa jirachuun himamuun laficharraahiis Oomishni kuntaalli Kuma 5 akka argamuus eerameera.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhummad Umariis akka ibsanitti Oomishni Ruuzii Sharafa Alaa xiqqeessuun bakka bu'uun Oomisha biyya keessaa akka bakka bu'uus kaasaniiru.

Naannoon Somaalee lafa ballad Jallisiin Miisoomuu danda'u waan qabduuf kanara fayyadamuuf Qonna Teeknooloojiin qindaawe fayyadamuun ce'uumsi akka taasifamu himan Pireezidanti Musxafeen.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dr Girmaa Amanteetiis Oomishni Jallisii Ruuzii Godinaalee Shabeellee Afdheer fi isaan birootti akka Oomishamuus kaasaniiru.

Pireezidaanti Musxafeen itiyoophitaatti raawwachiis Olaanaa waldaa Qaxxaamura Diimaa Idil Adunyaa (ICRC) simachuun walii...
20/03/2024

Pireezidaanti Musxafeen itiyoophitaatti raawwachiis Olaanaa waldaa Qaxxaamura Diimaa Idil Adunyaa (ICRC) simachuun waliin mari'atan.

Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhumma Umar Itiyoophiyaatti Raawwachiisaa Olaanaa Waldaa Qaxxaamura Idil Adunyaa Nikolaas Voon Aarkii Masaaraatti simachuun waliin mari'ataniiru.

Hoggantoonni kuniis Dhimootaa Namoomaa irratti akka waliin hojatan ibsameera.

Deeggarsi Namoomaa kanaas Cimsani Kan itti fufan ta'uus waliif galaniiru.

Nikolaas Vooniis Hariiroo Hojii gamlee Mootummaa Naannichaa waliin qaban gaarii ta'uu kaasuun Mootummaa Naannichaatiifis simannaa taasisaniif galateeffataniiru.

Dhaabbanni Gargaarsaa Anfaa maatiilee harks Qalleeyyii 100 ta'aniif gargaarsa taasise.Dhaabbanni Miisoomaa fi Gargaarsaa...
16/03/2024

Dhaabbanni Gargaarsaa Anfaa maatiilee harks Qalleeyyii 100 ta'aniif gargaarsa taasise.

Dhaabbanni Miisoomaa fi Gargaarsaa Anfaa Maatiilee harka qalleeyyii 100 ta'aniif gargaarsa taasiseera.

Dhaabbanni Gargaarsaa fi Miisoomaa Anfaa maatiilee harks Qalleeyyii ta'aniif gargaarsa Ji'a Rabadaanaa fi taateen addaa wayitii Uumamutti gargaarsa Kan dhaqabsiisuudhaas jedhameera.

Maatiilee gargaarsi taasifameefiis Ji'a Soomaanaa keessa ta'uu himuun isaan galateeffachuun murteessaa ta'uus kaasaniiru.

Jijjiramaan asitti dhaabbiileen Gargaartootaa sadarkaa Naannichaatti hundeeffaman hedduu ta'uun kaafameera.

Bakka bu'aa fi hoji gaggeessaan Anfaatiis gargaarsi taasifame kun yeroo isaa eeggachuun Kan gaggeeffame ta'uus kaasaniiru.

Maatiileen harka Qalleeyyii magaalichaatiis gargaarsi isaaniif taasifametti miuraan gammachuu isaanitti dhagahamee jiraachuus kaasaniiru.

16/03/2024

Bulchiinsi Godinichaa bakka buutoota Hawaasaa Garboo waliin mari'ate.

Bulchiinsi Godina Nogob bakka buutoota Hawaasaa Aanaa Garboo waliin dhimmoota adda addaa irratti mari'ateera.

Maricha irrattis Bulchaan Bulchiinsa Godina Nogob Abdirazaaq Mahammed fi kan Aanaa Garboo dabalatee bakka buutoonni Hawaasichaatiis argamaniiru.

Jalaqaba irrattiis Komiilee,Yaadaa fi gaafiileen bakka bu'oonni Hawaasichaa kaasaniis dhaggeeffatameera.

Hoggansi Godinichaatiis Yaadootaa fi Gaafiilee ka'aniif yaad-kallattii kaa'aniiru.

Gama biraatiin Hoggansi kun Qor-Qalbii Hawaasichaa ijaarsisuuf hojatamaa jiraachuus kaasaniiru.

Bulchaan bulchiinsa Godina Nogobiis gaafiilee bakka bu'oonni Uummtichaa gafatan kana yeroo ja'ameef keessatti kan deebisan ta'uus kaasaniiru.

Xumura waltajichaa irrattii hojiilee Nagaafii Tasgabbii Hawaasummaa irratti Waloon hojatamuuf walii galamee jiraachuuniis eerameera.

Ijaarsi Daandii Baayibaasii Jigjigaa saffisaan ijaaramaa jiraachuun ibsame.Naannoo Somaalee Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaa...
16/03/2024

Ijaarsi Daandii Baayibaasii Jigjigaa saffisaan ijaaramaa jiraachuun ibsame.

Naannoo Somaalee Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaatti Ijaarsi Daandii baayibaasii Magaalaa Jigjigaatti baasii Birrii Milyoona 670n saffisaam ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Daandichiis Baajata Abbaan taayitaa Daandiiwwanii itiyoophiyaa birrii Milyoona 670n ramade ijaaramaa jiraachuun addeeffameera.

Daandichiis dheerina KM 7 Kan dheeraatu himamuun yeroo jadhameef keessatti kan xumuramuudhaas jadhameera.

Daandin baayibaasii Riqicha KM 94 dheeraatu hojatamaa jiraachuuniis beekkameera.

Rizidantiin Piroojaktii ijaarsa Daandii Baayipaasii Jigjigaa Inj.Anteeneh Birhaanuu akka ibsanitti Piroojaktiin daandichaa saffisaan hojatamaa jiraachuu eeruun Hojiin Riqicha daandichaatiis xiyyyeeffannoon hojatamaa jiraachuus himaniiru.

Ijaarsi Riqichaatiis Daandichi Lolaan akka hin miidhamne kan taasisuudhaas jedhameera.

Sosochii hawaasummaa fi Diinagdee Magaalichaa kan saffisiisuudhaas jedhameera.

Galiiin Magaalattii fooyyeeessuun gamattiis Baasii geejjibaa duraan imalatoonni saaxilamaafii turan kan xiqqeessuudha jedhame.

Ijaarsi daandichaa tattaaffii fi qulqullina Olaanaa fi yeroo jadhameef keessatti xumuruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachii Rizidantiin Piroojaktichaa Inj. Anteeneh Birhaanuun ibsaniiru.

Dheerinni Daandichaatiis KM 7 yoo ta'u bal'inni isaatiis Meetira 30 ta'uun ibsameera.

Abbaan taayitaa Daandiiwwanii itiyoophaayaatiis ijaarsi Daandichaa yeroo ja'ameef keessatti akka xumuramuus kaasaniiru.

16/03/2024

Jilli Deetaa Ministira Dubartootaatiin durfamu gaggeessitoota Godina Qorrahay waliun mari'ataniiru.

Jilli Deetaa Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa Aaddee Huriyaa Aliitiin durfamu Buchiinsota Godinichaa,Qabri dahar fi Aanaalee Sadiitti waliin kan mari'atan ta'uun beekkameera.

Aanaalee sadan dabalataan Dawwannaan dirree itti taasifamuus Sheeygoosh Qabridahar fi Marsun ta'uubiis addeeffameera.

Jilichiis Piroojaktoota Miisoomaa sadarkaa FDRE,Naannoo fi isaan addatti hojataman irratti to'annoo fi hordoffii Kan taasisan ta'uuniis beekkameera.

Gama biraatiin jilichiis Karooraa mirkaneessaa Paartii,Ashaaraa Magariisaa fi sagantaa horsiifadhuu duroomii Biiroon Miisooma Bayladootaa Naannichaatiin hojatamaa jiruus Kan daawwatan ta'uun beekkameera.

Jilli Dr Girmaa Amanteetiin Naannoo Somaalee Godina Sitiitti daawwannaa taasisaa jiran.Jilli Ministira Ministeera Qonnaa...
16/03/2024

Jilli Dr Girmaa Amanteetiin Naannoo Somaalee Godina Sitiitti daawwannaa taasisaa jiran.

Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Dr.Girmaa Amanteetiin durfamu Naannoo Somaalee Godina Sitiirti daawwannaa gaggeessaa jiraachuun ibsameera.

Daawwannicha irrattiis Ministiricha dabalatee Hoggantoonni Olaanoo FDRE fi Naannootiis argamaniiru.

Hoggantoonni kunneeniis Gaggeesitoota Godina Sitii waliin mari'achaa jiraachuun ibsameera.

Jijjiramaan asitti Hojiilee gama investimantii fi Warshaaleetiin Godinichatti hojatamaa jiran Kan daawwataman ta'uun ibsameera.

Jilli Dr Girmaa Amanteetiin durfamu kuniis Warshaa Bishaanii Vittaa fi Warshaa Giraanaayitii ijaarsi isaa xumura irra jiruus daawwataniiru.

Kanumaa wajjin walqabatee jilichi Aanaalee Shinniilee,Hadhagaalaa fu Eraritti daawwannaa Kan taasisan ta'uuniis beekkameera.

Wayitii kanattiis Dr Girmaa Amantee akka ibsanitti Jijjirama Biyyaaleessaa fi Naannooleetti dhufee jiruun Naannoon Somaalee dameelee adda addaatiin fayyadamoo ta'uu kaasaniiru.

Hojiilee gama Investimantiin ,Diinagdee,Daldalaa fi isaan biroo Godinichatti gaggeeffamaa jiran ijaan argues dubbtaniiru.

Mootummaan FDRE fi Naannoolee invastarootaa hojiilee inveestimantii dameelee adda addaa irratti bob'uuun hojachaa jiran jajjabeessuuf hojatamaa jiraachuus kaasaniiru.

Gama biraatiin Dalagaawwan Investimantii Achitti Abboottiin qabeenyaa invest gochuun hojachaa jiran cinaa dhaabbachuuf kutannoo qabaachuus himaniiru.

Bulchaan Godina Nogob bakka buutoota Hawaasaa Aanaa Haraaray waliin mari'atan.Bulchaan bulchiinsa Godina Nigob bakka buu...
10/03/2024

Bulchaan Godina Nogob bakka buutoota Hawaasaa Aanaa Haraaray waliin mari'atan.

Bulchaan bulchiinsa Godina Nigob bakka buutoota Hawaasaa Aanaa Haraaray wajjin dhimmoota adda addaa irratti mari'ataniiru.

Bulchiinsoonni lamaan Godinichaa fi Aanaa Haraaray komiilee Hawaasni kaasaa jiran akkasumaas yaadaa komii fi gaafiilee bakka buutootaa dhaggeeffataniiru.

Kanniinsa Tajaajiltummaa keellaa Fayyaa,Miisoomaalee bu'uuraa,Humna ibsaa sa'aatii 24 fi dhimmota biroo bakka buutoonni Aanichaa hoggansaaf kaasan.

Maricha boidaas Bulchiinsoonni lun komiilee,gaafiilee Hawaasaatti yeroo jadhameef keessatti deebii akka itti kannaniis ibsaniiru.

Nageenyaa fi Tasgabbii Hawasaa fi Miisoomaalee bu'uuraa irratti waloon akka hojatamuus waliuf galameera.

Biiroon Eegumas Fayyaa Naannoo Somaalee Meeshaalee Wallaansa Fayyaa Ilkaanii Hospitaaloota Naannichaa 4f kanneera.Hospit...
03/03/2024

Biiroon Eegumas Fayyaa Naannoo Somaalee Meeshaalee Wallaansa Fayyaa Ilkaanii Hospitaaloota Naannichaa 4f kanneera.

Hospitaaloonni Meeshaaleen Waldhaansa Fayyaa ilkaanii kannamaniifiis Kaaramardhaa,Raasoo,Doollo-Addo fi Garboo ta'uuniis ibsameera.

Jijjiramaan asitti keessattuu ji'oottan jahan darban Hospitaaloonni 13 Meeshaalee Waldhaansa Fayyaa Adda addaa guuttameefi jirachuuniis kaafameera.

Baasiin Meeshaalee kun ittiin bitamaniis Birrii Milyoona 10,ta,uuniis himameera.

Tajaajila kanniinsa Waldhaansa Fayyaa Ilkaanii Hospitaaloonni Saddeet man Naannichaa akka kannnaa jiran ta'uun eerameera.

Hogganaan ittaanaa Biiroo Fayyaa MNS Obbo Mahammed Ayaanlee akka ibsanitti Meeshaalee kun hanqinootaa duraan imala dheeraa Waldhaansa ilkaaniitiif deemama tire man hambisu ta'uus himaniiru.

Itti dabaluuniis Meeshaalee kanaaf kunuunsi ga'aan akka taasifamuus ibsaniiru.

Bulchiinsi Godina Qorrahay Bakka buutoota Hawaasaa Aanaalee Dhoobowayin fi Higlooley waliin mar'atan.Qabxiileen maricha ...
03/03/2024

Bulchiinsi Godina Qorrahay Bakka buutoota Hawaasaa Aanaalee Dhoobowayin fi Higlooley waliin mar'atan.

Qabxiileen maricha irratti kaafamaniis Nageenyaa,Miisoomaa fi Komii Hawaasaa dhaggeeffachuu akka ta'ees ibsame.

Bulchiinsi Godinichaatiis Qabxiilee maree bakka buutootaaf dhiheessaniiru.

Godina Qorrahay Iddoowwan Muraasatti Dhukkubni Garaa kaasaa waan muldhateef akka ofirraa ittisaniis dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Bulchaan Bulchiinsi Godina Qorrahay Obbo Shaafii Muhummadiis Yaadootaa,Gaafiilee fi Komee bakka bu'oota irraa ka'aniif Yaadaa kallattii fi deebii itti laataniiru.

Gama biraatiin Hoggansi kun Kanniinsa Tajaajilaa Manneen hojii Mootummaa Aanaalee lamaaniitti daawwannaa fi hordoffii taasisaniiru.

Aanaaleen Daawwannaan itti taasifamees Dhoobowayin fi Higloolayi ta'uun addeeffameera.

Duulli Wadajir qulqullinaa fi Miidhagina Magaalichaatiif Shoora olaanaadha qaba. ja'an Hoji gaggeessaan Ejansichaa.Duull...
24/02/2024

Duulli Wadajir qulqullinaa fi Miidhagina Magaalichaatiif Shoora olaanaadha qaba. ja'an Hoji gaggeessaan Ejansichaa.

Duulli Wadajir Qulqullinaa fi Miidhagina Magaalichaatiif Shoora olaanaa qabaachuu hoji gaggeessaan Ejansii Miidhaginaa fi Qullqullina Magaalaa Jigjigaa ibsan.

Duulli Wadajir kuniis Ji'oottan sadiif Gandoota Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaa 20manitti kan gaggeeffamu ta'uuniis ibsameera.

Duulli Qulqullinaa fi Miidhaginaa kuniis Guyyeen Magaalichatti kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.

Balfaawwan Kosii Magaalichaa irraa idhukkuboonni hedduu waan karaa tatamsa'ina daddarbootiin dhufaniif qulqullinni murteessaa fi barbaachisa ta'uniis himameera.

Balfaawwan kosii Daandiilee Magaalichaatti gatamaniis gaarii akka hin taane himamuun kana irraahiis Hawaasni Magaalaa Jigjigaa of qusachui akka qabaniis dhamameera.

Qulqullina fi Miidhagina Magaalaa Jigjigaa Waloon eeggachuun yeroon isaa ammaas ja'ameera.

Duula Sagantichaa irrattiis Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaa Inj Shaafi Ahmed,Hoji gaggeessaan Ejansii Qulqullinaa fi Miidhaginaa Bulchiinsa Magaalichaa Inj Najah Muhummad fi qaamooliin waamichi taasifameefiis argamaniiru.

18/02/2024

Koreen Qindeeessitootaa Piroojaktii LLRP Aanaalee Harawwaa fi Dambalitti Piroojaktoota Tajaajila bishaan dhigaatii baasii birrii Milyoona 41 ijaarame eebbisiisan.

Koreen Qaceelcha Piroojaktii Jiruuf jireenya Hawaasummaa gammoojjii Fooyyeessuu(LLRP) Piroojaktoota Miisoomaa Tajaajila Bishaan dhugaatii Aanaalee Harawwaa fi Damvalitti Baasii Birrii Milyoona 41n ijaarsisaa ture xumuruun eebbisiiseera.

Piroojaktoonni kuniis Ganda Dibirwaynee Kan Aanaa Harawwaa fi Dambalatti hojatamuun eebbifamuuniis beekkameera.

Piroojaktiin kuniis Pirookatoota Miisoomaa LLRPn hojachaa jiru ta'uuniis himameera.

Gaggeessitootaa Olaanoo LLRP fi Koree Qindeessitootaa LLRPitiis Aanaa Harawaatti simatamuuniis beekkameera.

Korichiis Jalqaba Piroojaktii Miisoomaa Daandii Korotaa Gaaraa Bullaalee-Cantar fi Magaalaa Dharwanaajii wal-qunnamsiisu Kan hojiin isaa Parsantaa 75% irra ga'ee jiruus daawwataniiru.

Kana boodaas Aanaa Harawwaa Ganda Eelboodh-leetti Piroojaktii Bishaanii Eel baldhootti baasii Birrii Milyoona 20n ijaarame eebbisiisaniiru.

Gama biraatiin Koreen Qindeessitootaa LLRP fi Gaggeessitoonni LLRP waliin ta'uun Gobalka Sitii Ee Dagmada Dambal Piroojaktii Tajaajila Bishaan dhugaatii Dibbir Waynee Kan Aanaa Dambalitti ijaaramees eebbisiisaniiru.

Sirna Eebbaa Piroojaktoota kanaa irrattiis Hogganaan Biiroo Ogummaa fi Carraa hojii Uumuu MNS fi Hogganaan Ittaanaa Biiroo Bishaanii Naannichaa akkasumaas hoji gaggeessaan Piroojaktii Miisoomaa LLRPtiis argamaniiru.

Hoggantoonni kuniis walduraa duubaan ergaa fi dhaamsa Hawaasichaaf dabarsaniiru.

Hawaasni Piroojaktoonni Miisoomaa hojatamaniifiis gammachuu isaanitti dhagahme turtii SRTV waliun taasisaniin kaasaniiru.

18/02/2024

Biiroon kunuunsa Naannoo fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Naannichaa Piroojaktii Ikoo Turiizimii Shabeellayitti Biqiltuu dhaaban.

Biiroon Kunuunsa Naannoo fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa MNS Go Piroojaktii Ikoo Tuuriizimii Shabeellayitti ijaarsi isaa gaggeeffamaa jirutti argamuun Sagantaa Biqiltuu dhaabuu adeemsisaniiru.

Sagantaan Biqiltuu dhaabuu kunuus Sagntaa Ashaaraa Magariisaa MM Dr Abiyyi Ahmediin gaggeeffamaa jiru milkeessuudhaafiis ja'ameera.

Naannoo Somaalee bakka Tuuriizimii fi Midhagduu taasisuuf Piroojaktiin Ikoo Tuuriizimii Shabeellay Ijaarsi isaa Adeemsifamaa jiraachuun isaatiis Kan yaadatamuudha.

Biiroon kunuunsa Naannoo fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaatiis sagantaa Biqiltuu dhaabuu Mooraa Piroojaktichaatti argamuun biqiltuu dhaabaniiru.

Hogganaan Biiroo Kunuunsa Naannoo fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa MNS Inj Muhyaddiin Abdii akka ibsanitti Gaheen Biirichii Piroojaktii Ikoo Turiizimii Shabeellay ijaarmaa jiru milkeessuus Shoora nurraa eeggamu bahachui akka qabaniis addeessaniiru.

18/02/2024

Foramiin magaaloota Itoophiyaa 9ffaan magaalaa Walaayittaa Sooddootti geggeeffama jira.

Foramiin magaaloota Itoophiyaa 9ffaan magaalaa Walaayittaa Sooddootti geggeeffama jira.

Foramii kanarratti itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee fi hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo biroon argamaniiru.

Foramiin kun mata duree "Magaaloota ammayyaa'aa badhaadhina Itoophiyaaf" jedhuun kan geggeeffamu yoo ta'u kaayyoon isaa aadaa waldeeggarsa magaalootaa cimsuun guddina magaalootaa ariifachiisudha jedhaniiru.

Foramiin kun torban tokkoof kan turu yoo ta'u magaaloonni 120 muuxannoo hojii misoomaarratti qaban dhiheesuun muuxannoo kan walirraa qooddatan ta'uun himameera.

Naannoo Somaaleetiis Fooramii Magaalootaa 9ffaa kana irrattiis Bulchiinsoota Magaaootaa Jigjigaa,Tog-Waacaalee,Qabri dahar,Dhaghbuur fi Goday hirmaachisuun isheetiis kan yaadatamuudha.

Gaggeesitoinni Magaalootaa Naannoo Somaalee Fooramii 9ffaa irratti hirmaaraniis gamasitti imaluun Fooramicha irratti argamuuniis himameera.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmed Hospitaala Waliigalaa Suldaan Sheek Hassan Yabarree daawwatan.Ministirri Muummee Dr A...
12/02/2024

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmed Hospitaala Waliigalaa Suldaan Sheek Hassan Yabarree daawwatan.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmed, Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhummad Umar fi Jilli isaaniin durfamu Hospitaalaa Waliigalaa Suldaan Sheek Hasan Yabarree daawwataniiru.

MM Dr Abiyyi Ahmadiif Ijaarsaawwan Haaraa Hospitaalichatti dabalamanii fi kutaalee Suphaan itti taasifaman irratti ibsi laatameefira.

Jijjiramaan asitti Hospitaalaa Waliigalaa Suldaan Sheek Hasan Yabareetti kutaaleen kanniinsa Tajaajila Fayyaa fi isaan biroo dabalamuun Kan yaadatamuudha.

10/02/2024

JMH Ammayyeessuuuf Hojiin Suursagalee Tibboota Muraasa booda Kan isiniif dhihaatuudha Kan ta'u.

Waloominni Hundaaf

20/12/2023

Jillian hogganaa ittaanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Bokoonaa Guutaatiin durfamu Muuxannoo hojiif Hospitaalaa Waliigalaa Suldaan Sheek Jassan Yabarree Daawatan.

Daawwanaa Hojiiwwan Hospitaalichaa irrattiis Hogganaa Biiroo Fayyaa MNS Muusee Ahmed(Dr) Hogganaa ittaanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Bokkoonaa Guutuu fi hojattoonni Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi keessumoonni kabajaatiis argamaniiru.

Jilichiis Hospitaalichatti Kutaalee kanneen akka Yaalaa hatattamaa Ga'eessoota,wallaansa Kalee Baqaqsanii hodhuu fi dameelee hospitaalichatti tajaajila waldhaansa Fayyaa kannada jiraniis daawwataniiru.

Hoji gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Suldaan Sheek Hassan Yabbaree turtii SRTV waliin taasisaniin akka Ibsanitti hojii Muuxannoo Qoodachuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa kun hoji Walinii fi tokkummaa akkasumaas dhimmootaa Fayyaa irratti waliin hojachui Kan agarsiisuidhaas jedhaniiru.

Hogganaan ittaanaa Biiroo Fayyaa MNO Dr Bokkona Guutuu gama isaaniitiin akka ibsanitti hojiin Raajii Hospitaalichatti hojatamnii argaman Meeshaalee ammayyaa fi kanniinsa Tajaajilaa kutaalee wallaansa Fayyaa dabalatee Buufanni Boba'aa Konkolaattootaa argamuun isaa addiction Kan Nama Gammachiisuudhaas jedhaniiru.

Dabalataan hogganaan ittaanaa Biirichaa akka eeranitti Kanaan Dura Jila Muuxannoo Fudhachuuf Naannoo Somaalee Biiroo Fayyaa irraa dhufan Shawaa Kabaattii leenjii fudhachuun muuxannoo qooduu isaanitiis ibsaniiru jechuun Ahmed Mohammadtu gabaase.

Aanaa Jarattiitti maatiilee 916 balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsi taasifame.Godina Af-dheera Aanaa Jarattiitti  maa...
13/11/2023

Aanaa Jarattiitti maatiilee 916 balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsi taasifame.

Godina Af-dheera Aanaa Jarattiitti maatiilee balaa lolaatiin miidhamaniif 916 deeggarsi mindhaan nyaataa marsaa 2ffaaf taasifameera.

Lammiilee qa'ee fi qabeenya isaanii irraa balaa lolaatiin buqqa'aniif deeggarsichi kan kanname ta'uuniis himameera.

Mootummaan Naannoo Somaalee Aanaalee Godina Af-dheer jalatti aragaman isaan bokkaa cimaa roobeen balaa lolaatiin miidhaman deeggarsa taasisaa jiraachuuniis eerameere.

Dhiyeessii deeggarsa hatattamaa taasifamaa jiru kuniis waadaa Mootummaan Naannoo Somaalee fi Biiroon hoggansa Sodaa balaa buqqaattootaaf taasisan bu'uura gochuun gargaarsichiis buqqaattootaaf raabsameera.

Tibbana Magaalaa Jarratti fi Araddoota Magaalichatti gargaarsi adda addaa Mootummaa Naannichaa fi Dhaabbiilee gargaarsaation kannaamaa jiraachuun isaatiis kan yaadatamuudha.

Waltajjiin mata duree"Ollummaa Gaarii"biyyoota Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Kiiniyaa Jigjigaatti gaggeeffame.Waltajjiin m...
10/11/2023

Waltajjiin mata duree"Ollummaa Gaarii"biyyoota Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Kiiniyaa Jigjigaatti gaggeeffame.

Waltajjiin maree "Ollummaa gaarii" biyyootan Itiyoophiyaa,Somaaliyaa fi Kiiniyaa Masaaraa Mootummaa Naannichaatti galma walga'ii Garaad Mahammad Doolitti gaggeeffameera.

Waltajicha irrattiis Pireezidaantii MNS Obbo Musxafee Muhummad Umar dabalatee, Somaaliyaatti Pireezidaantiin ittaanaa Bulchiinsa Naannoo Galmudug Obbo Daahir Ali Iid,Pireezidaantiin ittaanaa Bulchiinsa Naannoo Jubbalaadii Obbo Mahamuud Sayyid Aadan Ministeera Haajaa Alaa FDRE, Kiiniyaa fi itiyoophiyaatti Imbaasiin Biyya Ingilaandiis aragamaniiru.

Kaayyoon guddaan walatjichi gaggeeffameefiis walitti dhufeenyaa Ollummaa gaarii cimsuun Nageenyaa fi walatti hodhamiinsa Daldalaa fi Diinagdee Gaanfichaa mirkaneessuuf kan kaayyeeffatameedhaas jedhameera.

Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhummad Umar waltajicha irratti argamuun haasaawaa taasisaniin akka ibsanitti Humnootaa Shoorarkeessitoota kan injifachuun danda'amu yoo Mootummoonni gaanfaa jiran Nageenyaa fi Kanniinsa tajaajilaa gaanfichaa mirkaneesineedhaas jedhaniiru.

Keessummoonni waltajicha irratti argamaniis akka ibsanitti Mootummaan Naannoo Somaalee simannaa taasisaa jiru galateeffachuun waltajjiin waliinii gaanfa biyyootaa sadanii tokkoomsu itti fufuudha qaban jechuun yaada isaaniitiis goolabaniiru.

"Balaa hanqina dhiigaatiin nuqqunamu kamuu hambisuuf arjoommii dhigaa irratti sirnaan hojachuudha qabna" jedhan Hoji gag...
17/09/2023

"Balaa hanqina dhiigaatiin nuqqunamu kamuu hambisuuf arjoommii dhigaa irratti sirnaan hojachuudha qabna" jedhan Hoji gaggeessaan Baankii Dhiigaa Wardheera Obbo Mahammad Abdi Fattaah.

Baankiin dhiigaa Wardheer bara 2015tti kan hundeeffame himuun Baankichiis arjoommii fi hubannoo dhigaa irratti fuulleeffachuin Hawaasaa Magaalichaa waliin maree walitti fufaa taasisaa jirachuun ibsameera.

Arjoommiin dhigaa hojiiwwan tajaajila lammummaa fi dirqamaa waan ta'eef dhiiga arjoomuuf hawaasa daddamqsuun hubannoo isaaniitiis cimsuudha qabna jedhan Hoji gaggeessaan Baankii dhiigaa Wardheer Mahammad Abdi Fattaah.

Haadhoolii yeroo da'uumsaa rakkoo hanqina dhiigaatiin lubbuu isaanii dhabuu waan danda'aniif akkasumaas namoota balaan tasaa isaan qunname dhiiga bakka bu'u arjoomuuf hojachuun murteessaa ta'uus kaasaniiru.

Balaa kamuu kan hanqina dhiigaatiin mudatu hambisuuf xiyyeeffannoon hojatamaa jiraachuus hoji gaggeessaan baankichaa addeessaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Dhagahbuur Baajata bara 2016 magaalichaa birrii Miliyoona  425,856,869.00 raggaasiseera.Waltajiin Ma...
17/09/2023

Bulchiinsi Magaalaa Dhagahbuur Baajata bara 2016 magaalichaa birrii Miliyoona 425,856,869.00 raggaasiseera.

Waltajiin Maree Baajanni Bara 2016 Bulchiinsa Magaalichaa itti raggaasifame kana irrattiis Kutaalee hawaasaa magaalichaa fi Hoggansi Bulchiinsa magaalichaatiis argamaniiru.

Kaayyoon guddaan mariin waliinii Baajata bara 2016 gaggeeffameefiis hojiilee bara baajatichaatiif xiyyeeffannoon hojatamuu kaqaban irratti kan fuulleeffatuudhaas jedhameera.

Bajaatni Bulchiinsa Magaalaa Dhagah-buur

1-Mindaaf 149,846,986.00,
2-Hoji gaggeessituuf 18,656,000
3-Piroojaktootaaf 257,335,883.0
4- Waliigalaan 425,856,869.00

Waltajichaas Itti gaafatamaam Waajjiraa kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dhagh buur fi bakka bu'aan Kantiibaa Magaalichaa Obbo Khadar Hassan Yuusuf fi Itti gafatamaan Waajjiraa Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dhagahbuur Obbo Abdusalaam Mahammad walduraa duubaan marichaas jalqabsiisaniiru

Xumura irrattiis Hirmaattootaa fi Qooda fudhattootta akkasumaas itti gafatamtoota manneen hojii garaa garaatiif ergaan dhamameefii jiruus baajata bara 2016 sirnaan fayyadamuuf iftoominni fi itti gafatamummaan akka barbaachisu isaaniif darbuun marichiis sirna miidhagaadhaan xumurameera.

"Rakkoon Naannoo Amaaraa mudatee yeroo gabaabaa keessatti fooyya'iinsa akka agarsiisu himan"Obbo Musxafee Muhummad UmarJ...
26/08/2023

"Rakkoon Naannoo Amaaraa mudatee yeroo gabaabaa keessatti fooyya'iinsa akka agarsiisu himan"Obbo Musxafee Muhummad Umar

Jigjigaa Hagayya 20-2015(JMH)Rakkoon Naannoo Amaaraa mudate Yeroo gabaabaa keessatti fooyya'iinsa agarsisuutti gammaadu Pireezidaantiin MNS Obbo Musxafee Muhummad Himaniiru.

Pireezidaantii Haaraa Naannoo Amaaraa Obbo Aragga Kabadaa kaleessa manni maree Naannichaa Muudeef sirna simannaa magaalaa Bahairdaaritti taasifamaafira.

Sirna Simannaa Pireezidaantichaatiis Pireezidaantoonni Naannoolee fi hirmaattoonniis argamaniiru.

Qormaata Naannicja mudate furuuf kan hojatamu ta'uus Obbo musxafeen kaasaniiru

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhummad Umariis sirna simannaa Pireezidaantii Naannichaa irratti argamuun ergaa baga gammadanii dabarsuu isaaniitiis AMCn gabaaseera.

Naannoo Somaaleetti Marsaa 6ffaaf dorgommiin Walaleeessitootaa Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffame.Dorgommichiis Waggaatti ...
26/08/2023

Naannoo Somaaleetti Marsaa 6ffaaf dorgommiin Walaleeessitootaa Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffame.

Dorgommichiis Waggaatti al-tokko kan gaggeeffamu yoo ta'u mat-duree "Miidhaan walitti bu'iinsi qabu fi akkaataa furmaanni ittiiin kannamu" Irratti marichi gaggeeffamuuniis beekkameera.

Walatajicha irrattiis Hoggantuun Biiroo Aadaaf Tuurizimii MNS Aaaddee Warsan Awwil ,Barresitoonni Dandeettii Og-barruu barreessuu danda'anii fi Walaleessitoonniis aragamaniiru.

Waltajicha irrattiis Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimio MNS Aaddee Warsan Awwil akka ibsanitti Biirichi Aadaaf Duudhaa akkasumaas Seenaa fi Ogg-barruu Naannichaa guddisuuf hojachaa jiraachuus addeessaniiru.

Gama biraatiin dura ta'aan ir Og-barreesitootaa fi Walaleessitootaa Naannichaa Ahmed Sheek Abdirahmaan akka himanitti Og-barruun Nageenyaaf shoora olaanaa qabaachuus himaniiru.

Waltajichiis badhaasni garaa garaa kannamuun sirna miidhagaadhaan xumurame.

Obbo Ibraahim Usman dhalattoota Naannoo Somaalee waliin kiiniyaatti mari'achaa jiru.Pireezidaantiin Ittaanaa MNS Obbo Ib...
26/08/2023

Obbo Ibraahim Usman dhalattoota Naannoo Somaalee waliin kiiniyaatti mari'achaa jiru.

Pireezidaantiin Ittaanaa MNS Obbo Ibraahim Usmaan Faarah Kiniyaatti argamuun dhalattoota Naannichaa waliin mari'achaa jiraachuun ibsameera.

Maricha irattis Pireezidaantiin Ittaanaa MNS Obbo Ibraahim Usmaan dabalatee Kiiniyaatti Imbaasiin Itiyoophiyaa Ambaassaddar Baacaa Dabalee,Hogganaan Waajjiraa Pireezidaantii MNS Dr Huseen Haashi Qaasim,Hoggantoonni Olaanoo Naannichaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaatiis argamaniiru.

Waltajjiin Marichaa kuniis Mooraa Guddicha Kiiniyaatti Imbaasii Itiyoophiya keessatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Address

Sheeknuur Ciise24 Street
Jijiga
JMH62

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jigjiga Media House JMH posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jigjiga Media House JMH:

Videos

Share


Other Media/News Companies in Jijiga

Show All