Badhee Ā

Badhee Ā I'm oromo first gubarummaa irraa du.ua filanee

Dhugaan dhugaadha silaaJabduudha akka sibiilaa Leenci leencuma duraa Leencota mataa dhiiraa Hin raafamau hin kerkeru Ijj...
28/05/2024

Dhugaan dhugaadha silaa
Jabduudha akka sibiilaa
Leenci leencuma duraa
Leencota mataa dhiiraa

Hin raafamau hin kerkeru
Ijjannoon keessa cimaa
Baraaf bubbeen hin raasu
Jalqabaa hamma dhumaa

Imalli keessan suuta
Hin jarjartan tasallee
Dhalootaaf dungoo ta'uun
Akka keessani malee

Haqaan haqaaf falmitu
Irreen hiree ormaa dabsine
Daandii isin nu dhaalchistan
Tasa numa hin lakkisne

Galfata baataa jirtu kan
Gootowwan kaleessaa
Haqa ormaa saamuuf miti
Keenya dhabne maleessa
Kalid Kalid Asfaw
Kedir Kedir Mertu

Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Battee Urgeessaa qe’ee itti dhalatan, magaalaa Maqiitti ajjeefamami...
10/04/2024

Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Battee Urgeessaa qe’ee itti dhalatan, magaalaa Maqiitti ajjeefamamiin reeffisaanii argamuu namoonni isaanitti dhiyaatan BBCtti himan.
Hiriyyaa dhiyoo Obbo Battee namni ta'aniifi kan maqaan isaanii nageenyaaf jecha akka hin eeramne gaafatan tokko BBCtti akka himanitti, Obbo Batteen kan ajjeefaman Wiixata Ebla 09, 2024, halkan waarii naannoo Oromiyaa, godina Shawaa Bahaatti kan argamtu magaalaa Maqii keessattidha.
Ajjeefamuu qondaala ABO kana hordofee jaarmiyaaleefi namoonni hedduun garmalee rifaatuu keessa seenuu miidiyaa hawaasaarratti ibsaa jiru.
Feesbuukiirrattis namoonni hedduunis suura Obbo Battee Urgeessaa pirofaayila isaanii godhachuun gadda isaanii ibsachaa jiru.
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Ajjeechaa gara jabinaan miseensaafi qondaala isaarratti raawwatameen gadda guddaa keessa galuu kan ibse Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, ajjeechaan murti seeraa malee qaroo Oromoo, warra siyaasafi aadaa isaaniitiin dammaqqanii ija ta’an irratti raawwatamu gocha tooftaafi itti-gaafatama tokko malee Oromoo callisiisuudhaaf baroota dheeraatiif ta’aa turanidha jedhe.
ABO'n ibsa ajjeefamuu qondaala isaa kana ilaalchisuun baaseen, “Ajjeechaa artistii kabajamaafi jaallatamaa qaroo Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ammallee akka haaraatti osoo yaadachaa jirruu, ammas akka sabaatti du’a gaddisiisaa lubbuu Oromoo dubbii beeku, kutataafi goota dhabne,” jedheera.
“Haalli akka sabaatti keessa jirru hunda keenyaaf rakkisaa ta’us, ABOn ajjeechaa kanarratti qorannoo dabalataa ni gaggeessa,” kan jedhe ibsi kun jaarmiyaaleen mirgoota namoomaa qorannoo walabaafi haqa-qabeessa akka taasisaniifis waamicha dhiyeesseera.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa…..
Komishanarri Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) toora X kan duraan Tiwiitara jedhamu gubbaatti ibsa gabaabaa baasaniin, ajjeechaa kanarratti qorannoon walabaa akka gaggeefamuuf waamicha godhaniiru.
''Qorannoon saffisaa, walabaa fi guutuu ta'e mootummaa naa

  (    ) Akkasuma   (   - )  tif;- share godhaa👇Akkuma beekkamu Namoonni asii gaditti Suuraan isaanii mul’atu  kun Yeroo...
07/04/2024

( )
Akkasuma ( - ) tif;- share godhaa👇

Akkuma beekkamu Namoonni asii gaditti Suuraan isaanii mul’atu kun Yeroo hedduu Irra deddeebiin
amantii Muslimaa xiqqeessuu fi xureessuu Hojii godhatanii xiqqo xiqqoon amanticha tuxxuqaa ilaalaa adeemsuma keessa as ga’an, amma ammoo keessa ba’anii Daangaa dabruu qofa osoon taane Sadarkaa Ergamaa rabbii kan lubbuu teenya caalaa jaallannu nabi mohammad “ #ﷺ” Arrabsuu irratti argamu
ifatti Ergama amantii islaamaa xiqqeessuuf itti kenname galmaan ga’uuf kan Bobba’an yoo ta’u akkuma argitan kana halkanii guyyaa amanticha irratti Arrabsoo daangaa hin qabne gaggeessaa jiru!
Daangaatu nutti darbame,amantii keenyaa fi Rassuula rabbitu xuqame gatii ta’eef, Dhimma kana majlisni oromiyaa fi feedraalaa akkasuma qaamni dhimmi kun ilaalu Faana bu’ee jarattii kana hatattamaan seeratti dhiheessuu qaba! Kun hin ta’u taanaan ammoo Rakkoo hamaa Hawaasa walitti buusu fidaa jiru! Jarri kun Biyya alaa miti Asuma finfinnee kutaa bulchiinsa shaggar keessa kan jiraataniidha, namichi kefyalew jedhamu kun ammoo Gaarment taa’ee akka waan hayyamni kennameef Halkanii guyyaa nama muslimaa fi amanti islmaamaa arrabsaa oolee bula! Dhugumatti haga ammaa hin dhageenye laata warri majlisaa?Gali Ababor faan hoo? Koreen Fala barbaaddu Eessa jirtu? Mootummaan Seera wal-qixxummaa amantii fi Uummataa tif gita sirriitin hojjata tanaan Mirga amantii muslimoota biyya kanaa kabachiisuun dirqama!

Gaafa rassuulli rabbii “ #ﷺ” tuqame muslimoonni Addunyaa tanarra jiru hundi afaani fi loqoda tokko dubbatu. Fidaaka Abii Wa Ummii Yaa Rassuulallah jedhu- tiyya qofaa mitii lubbuun haadhaa fi abbaa kiyyalleen Fidaa siif haa taa’u yaa rassuula rabbi jedhu, amantiin waan ittiin qoosanii miti! Warra ofii amantii hin qabne, kan Arraba dheeressuu malee maalummaa amantii hin beeyne warra naamusaan hin guddatin kana sichi callisnee

14/10/2023

Artistii
Qabsooftuu
Kutattuu
Gootittii

Halloo Daawwee
Rabbi lubbuu keef boqonnaa haa laatu!

RIP!

15/09/2023

Dhukkuboota HANTUUTA irraan nama qaban keessaa:

1. Rat bite fever: Ciniinnaa yokaan hanqooquu hantuutaa fi akkasumas hantuuta duute harkaan tuquudhaan kan namatti dhufu dhukkuba baakteeriyaan nama qabudha.

2. Leptospirosis: Baakteeriyaan kan dhufuu fi nyaata fincaaniif bobbaa hantuutaan faalame nyaachuudhaan akkasumas waltutuqqaa bishaanii fi waantoota biroo hantuuta kanaan waltuqaniin kan darbudha.

3. Plague: Kunis dhukkuba baakteriyaan dhufuu fi tafkii hantuuta ciniintee nama ciniintuu fi kallattumaan hantuutaan illee kan darbudha.

4. Salmonellosis: Nyaataa fi dhugaatii bobbaa hantuuta kanaan faalameen kan darbuufi kunis baakteeriyaan kan dhufudha.

5. Hanta virus polmunary syndrome: Dhukkuba vaayiresiidhaan dhufu kan ta'ee fi dhukkee bakka hantuutni itti fincoofte yokaan bobbaate irraa ka'uun yokaan kallattiidhumaan hantuuta tuquudhaan kan darbudha.

6. Hemorragic fever with renal syndrome: Kunis vaayirasiidhumaan ka darbuufii tuttuuqqaa, ciniinnaa hantuutaa, bobbaa fi fincaan hantuutaa fi nama irraa namatti illee kan darbudha.

************
Fayyaan faaya
©️ Dr. Gurmeessaa

18/08/2023

Eegumsa gogaa daa’imman reefu dhalatanii

Gogaa daa'imman reefuu dhalatanii kunuunsuun fayyaa isaa eeguu fi dhimmoota gogaa barame irraa eeguuf barbaachisaa dha. Gorsa kunuunsa gogaa daa’imman reefuu dhalataniif gargaaran muraasni kunooti:

1. Qaama isaanii dhiquu (Bathing)

Torbanitti guyyaa 2-3 dhiquun akka waliigalaatti gahaadha. Bishaan xiqqoo ho’ee fi saamunaa daa’imaa ykn qulqulleessituu salphaa fi urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Yeroo hedduu dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababni isaas gogaan daa'imaa jiidhinsa akka dhabuu (gogu) danda’a.

2. Kunuunsa Daayipparii (Diaper care)

Bakka daayipparii qulqulluu fi goggogaa taasisuun shiffee daayippariin wal qabatan ittisuuf gargaara. Daayippariin erga jiidhee ykn xuraa’ee booda hatattamaan jijjiiruu qabna. Qulqulleessuuf haxooftuu lallaafaa ykn bishaan ho’aa fi huccuu lallaafaa fayyadamuu dandeenya. .

3. Jiidhina gogaa isaanii eeguu

Erga dhiqnee booda, uffata lallaafaadhaan gogaa daa'imaa suuta gogsaa. Gogaan jiidhinsa gahaa akka qabaatuuf dibata daa’immanii kan urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Dibata gogaa namoota gurguddoof oomishame fayyadamuu hin qabnu.

4. Ifa aduu

Ifa aduu kan humnaa ol gubu irraa fageessuu qabna. Ifa aduutti baasuuf ganama sa’aatii 3-4 ykn sa’aatii boodaa sa’aatii 10-11 gidduu aduu hin gubne keessatti tahuu qaba. Innis daqiiqaa 20-30 gahaadha.

5. Filannoo Uffata

Uffata lallaafaa, qilleensa galchuu danda’u kan huccuu uumamaa kan jirbii irraa hojjetame filadhu. Uffata dhiphaa ykn uffata gogaa daa’imaa jajjabaataa ta’ee gogaa daa’imaa quncisuu danda’an uffisuu hin qabnu.

6. Kunuunsa qeensaa

Qeensa isaaniin akka gogaa isaanii hin quncifneef yeroo yerootti ciruu barbaachisa. Innis qortuu isaaniif hojjetameen osoo gogaa naannoo qeensa isaanii hin muriin tahuu qaba.

7. Finniisa Daa'imaa fi shiffeewwan gogaa

Daa’imman reefuu dhalatan finnisa ykn shiffee adda addaa qabaachuu danda’u, kunis yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaaniitiin kan dhiisanidha. Oomishaalee garagaraa fayyadamuu ykn garmalee dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababiin isaas haala kana hammeessuu danda’a. Yoo yaaddoo qabaattan ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisaa.

Daa'imni hundi adda akka ta'e, gogaan isaaniis fedhii addaa qabaachuu akka danda'u yaadachuun barbaachisaadha. Waa’ee kunuunsa gogaa daa’ima reefuu dhalatanii ilaalchisee yaaddoo addaa ykn gaaffii yoo qabaattan, gorsa dhuunfaa keessaniif ogeessa daa’immanii ykn ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun gaariidha.

Fayyaan Daa'immaniif!

Dr. Sabona

Dr..Jamal m***a Baga gamadde Hora bulaa Umrii dheradha Wajjin nuuf turaacongratulations
18/08/2023

Dr..Jamal m***a
Baga gamadde
Hora bulaa
Umrii dheradha
Wajjin nuuf turaa
congratulations

Rabbiin siif haa Keenu Saibaa gaarii
05/08/2023

Rabbiin siif haa Keenu
Saibaa gaarii

05/08/2023

Rabbiin Shakkii fi Waswaasa isinirraa haa qabu.

05/08/2023

Address

Hirna

Telephone

+251922525257

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhee Ā posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

Nearby media companies

  • Jalaalaa Onnee

    Jalaalaa Onnee

    𝐃𝐢𝐫𝐞𝐞 𝐃𝐚𝐰𝐚𝐚 𝐓𝐨 𝐅𝐢𝐧𝐟𝐢𝐧𝐧𝐞𝐞