03/08/2022
!
¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨
◉ Raacha distii bishaan qabu keessa kaa'itii jalaan abidda itti bobeessuu jalqabi. Haguma temperature yookiin hoo'i bishaanichaa dabalaa deemu, raachi sunillee utaalee keessaa bahuu dhiisetu, temperature yookiin hoo'a qaama isaa bishaan hoo'aa jiru sana wajjin wal qixxeessuun adabateetuma keessa taa'a! Hanguma bishaanichi hoo'aa adeemu raachi kuni temperature qaama isaa dabaluu isaa itti fufa!
Yeroo bishaanichi sadarkaa danfuu irra gahu garuu raachi kuni hoo'a qaama isaa ol kaasuu hin danda'u. Yeroo kana raachi kuni bishaan danfuutti jiru kana keessaa utaalee bahuuf yaalii godha. Utaalee keessaa bahuu garuu hin danda'u! Sababni isaas dandeettii utaaluu qabu mara hoo'a qaama isaa hoo'a bishaanichaa wajjin wal qixxeessuuf osoo dhama'uu fixate!
Osoo hin turiin raachi kuni ni du'e! Raacha kana maaltu ajjeese yookiin akka du'u taasise?
?
◉ Baay'een keenya bishaan danfe sanatu ajjeese jenna! Garuu dhugaan isaa akkas miti! Raachi sun yeroo kam akka keessaa utaaluu qabu, dandeettii qabu wallaaluu fi murteessuu dadhabuu isaatu du'aan isa gahe!
◉ Nullee jiruu fi jireenya keenya namoota biroo fi haalota waliin wal qixxeessuu qabna, garuu eessaa fi yoom ammoo biraa hafuu akka qabnu beekuun dirqamadha! Yeroon namaa fi haalota wajjin turuu qabnuu fi immoo yoo dhiibee dhufe biraa hafuu qabnu jiraachuu qaba!
◉ Namoonni akka sammuu keenya, afuura keenya, qabeenya keenya, namummaa keenyaa fi waan qabnu mara akka nu saaman yoo eeyyamneef, isaan saamicha isaanii kana ittuma fufu. Kanaaf yoom akka utaallee keessaa bahuu qabnu beekuu qabna, yeroo utaaluu dandeenyutti utaallee keessaa bahuu qabna!
Hin taa'iin teessee wanti dhufu hin jiru!!