Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine

Fugug Oromo Online  Social & Historical Informative Magazine Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine, Magazine, Hirna.

Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine (FOOSHIM) is a facebook based page dedicated to give and share specific information of general knowledge.

09/09/2023
21/12/2022
20/12/2022

According to UN data, 1 in 3 women experiences physical violence

18/12/2022

šŸ‡¦šŸ‡·šŸ”Ÿ Legendary.

DHAMDHAMA- CIICOO-6-Dhugaawwan  Qorqalbii-1-ļ€² Yoo nama saffisaan barreessu taate carraan ati nama abdii dhabeessa taā€™uuf...
08/08/2022

DHAMDHAMA- CIICOO-6-Dhugaawwan Qorqalbii-1-
ļ€² Yoo nama saffisaan barreessu taate carraan ati nama abdii dhabeessa taā€™uuf qabdu guddaadha. Yoo nama suuta jechoota waraqaarra qubachiisu taate ati nama amanamaafi mala qabeessa.
ļ€² Namoonni yeroo barreessan jechaafi jecha giddutti banaa guddaa hambisan bilisummaa dhunfaa isaanii argachuu barbaadan; gama kaaniin warreen jechoota walitti maxxansanii barreessan immoo kophaa isaanii dhaabbachuu hin dandaā€™an.
ļ€² Namoonni guyyayyuu jechoota kakuu fayyadaman ofitti-amantummaa xiqqaa qaban.
ļ€² Ati kan jijjiiramtuuf sababoota lama qofaafi: barachuun beekkumsa si jijjiiruu dandaā€™u argachuu yookaan miidhamuun akka jijjiiramtu taā€™uudha.
ļ€² Namoonni dhibbeentaa sagaltama (90%) taā€™an kanneen umriin waggaa kudhanii hanga digdamii sagalii (10-29) jiran bilbila harkaa isaanii wajjiin rafan.
ļ€² Ergaan barreeffamaa gabaabaan bulteefi ooltee inni waliif ergamu kutaa sammuu isa gammachuun walqabatu kakaasuuf gargaara.
ļ€² Dhala namaa keessaa dhibbeentaan sagaltamni (90%) yeroo sagaleen TV lakkoofsa lakkoofsoota lama yookaan shaniin hiraman irra jiraachuu baate itti hin tolu.
ļ€² Namoonni umriin isaanii waggaa kudha saddeetii (18) hanga soddomii sadii (33) jiru addunyaa keessatti namoota hunda caalaa warreen caraqamoo (stressed) taā€™aniidha. Yeroo umriin isaanii afurtamii saddeet (48) guuttu, caraqamni isaan gad dhiisaa deema.
ļ€² Namoonni biraa waan gaarii akka siif godhan gochuun akka ati isaan jaalattu si taasisuu qofa osoo hin taā€™in, akka isaanillee si jaalatan taasisa.
ļ€² Namoonni yeroo rakkoon tokko uumamteefi lola keessa jiran, waan rakkinicha uume yookaan lolicha kaase caalaa nama biraa komatan. Sababni isaas, sammuun isaanii keemikaala akka waan namni biraa isaan ganee itti fakkeessu waan maddisiiftuufi.
ļ€² Yoo nama tokko gurra mirgaatti dubbatteefi yoo harka ciqilee gad qabaa itti haasoofte, harka dhibba keessaa shantama (50%) waan ati jettuun yookaan itti himtu san ni fudhata.
ļ€² Waliinhaasaa nama tokkoo wajjiin gootan keesssatti millannaa ijaa (eye contact) dhibbeentaa jahaatama (60%) fayyadamnaan haasawichi si nuffisiisa; dhibbentaa saddeetama (80%) taanaan si hawwata; dhibbeentaa dhibba (100%) taanaan si sodaachisa.
ļ€² Giddugaleessaan namni sobu tokko guyyaatti soba afur (4) hima, waggaatti soba kuma tokkoofi dhibba afuriifi jahaatama (1460); waliigala waggaa jahaatama keessatti soba kuma saddeetami torbaafi dhibba jaha (87,600) hima jechuudha.
HORAA BULAA, DEEBANAA!!!!!!!
An Bulchaa Boruu / Shamshaddiin Ahmad/ Abbaa Simbooti

06/08/2022

DHAMDHAMA- CIICOO-4-Dhugaawwan Ardiilee Addunyaa
Biyyi baayā€™ina lakkoofsa ummataatiin hundaa gadii Vaatikaan Siitii yemmuu taatu, lakkoofsi baayā€™ina ummata isii kuma sagal (9,000) qofa.
Biyyi baayā€™ina lakkoofsa ummataatiin dursa qabatte biyya Chaaynaati. Lakkoofsi baayā€™ina ummata isiitiis akka ragaa bara 2012tti biliyoona tokko tuqaa sadii.
Biyyi lakkoofsa baayā€™ina ummataatiin lammaffaarratti argamtu immoo biyya Hindiiti. Lakkoofsi baayā€™ina ummata isii biliyoona tokko tuqaa lama-lama.
Biyyi balā€™ina lafaa hundarra xiqqaa qabdu Biyya Vaatikaan Siitii (Vatican City) jedhamtuudha. Biyyi balā€™ina lafaatiin hundarra caaltu immoo Raashiyaadha. Balā€™inni lafa biyyattii iskuweer kiloo meetirii 17, 098, 242 dha.
Afaan Maandaraan jedhamu kan biyya Chaaynaa keessatti dubbatamu, baayā€™ina dubbatootaatiin sadarkaa duraarratti argama. Dubbattoonni afaanichaa akka biliyoonii tokko caalu ni himama.
Teempreechariin hanga ammaatti safarame keessaa inni hundarra ol aanaa kan Fulbana 13, bara 1922tti safarame ture. Iddoon teempreechariin ol aanaan kun itti galmaaā€™ees biyya Liibiyaa keessatti yoo taā€™u teempreecharichiis digrii faaraanaaytii 136 yookiin digrii seelshiyasii 57.8 ture.
Biyya Deenmaarkii keessatti, maqaa daaā€™imaa kan baafatan maqoota 7,000 kan mootummaa biyyattiitiin raggaasifame keessaa filachuudhaani.
Biyya Faransaayii keessatti, nama duā€™ee wajjiin gaaā€™eela uumuun ni dandaā€™ama.
Bhuttaan keessatti irra caalaan gamoowwan biyyattii kan miidhagfaman hasxaa qaama saalaa dhiiraa (qunxurroo) dhaabbateeni.
Baayā€™ina lakkoofsa ummata muslimootaa keessaa dhibbeentaan 12.7% lammiiwwan biyya Indooneeziyaati. Kun akka biyyattiin lakkoofsa baayina ummata muslimaatiin addunyaarratti tokkoffaa taatu taasiseera. Biyyattii keessatti dhibbeentaan 87% hordoftoota amantii Islaamaati.
Biyyi Chaaynaa baayā€™ina lakkoofsa loltootaatiin addunyaarratti sadarkaa tokkoffaa qabatteera; bajatii waraanaa guddaa ramaduudhaan sadarkaa lammaffaa irrattti argamti.
Biyya Chaaynaa keessatti manoonni miliyoonii soddomii shanii (35,000,000) ol taā€™an hanga ammaatti holqa keessa jiraatan.
Byyi Deenmaarkii biyya namoota gagammadoo qaban jedhaman keessaa tan duraati. Biyya tana keessatti baayā€™ina lakkoofsa ummataarra kan boyyeewwaniitu caala.
Biyyi Hindii lakkoofsa namoota ulfa baasan qabaachuun addunyaarratti kan isii dursu hin jiru.
Fiinlaandi biyya aduu halkan walakkaa qabduudha; aduun jiā€™oota waxabajjiifi Adooleessaa keessa hanga halkan walakkaatti ifa adii ibsaa turti.
Ameerikaa bulchiinsa Arizoonaa keessatti yoo muka ā€˜kaaktasiiā€™ jedhamu tokko murte waggoota digdamii shaniif (25) gaashiree keessatti darbamta.
HORA BULAA, DEEBANAA!!!!!
An Shamshaddiin Ahmad/Bulchaa Boruu/ Abbaa Simboo/ti.

04/08/2022

DHAMDHAMA- CIICOO-4-(Dhugaawwan Ardiilee Addunyaa)
Afrikaan Afardii balā€™inaan addunyaarratti Eeshiyaatti aanuun sadarkaa lammaffaarratti argamtuudha.
Gammoojji Addunyaarratti keessatti hunda caalaa balā€™oo, Sahaaraan, kan argamtu Afrikaa keessatti.
Diyaamandiiwwan addunyaa dhibbeentaan sagaltamii shan (95%) fi warqiin dhibbeentaan shantamni (50%) kan argamu Afrikaa keessaayi.
Chokoleetiin dhibbeentaan jahaatamii jaha (66%) addunyaaf kan raabsamu Afrikaarraayi.

Ardiin Antaarkitikaa cabbii addunyaa dhibbeentaa torbaatamii shan (75%) qabattee argamti. Cabbiin Antaarkitikaa hanga kiiloomeetira afurii (km 4) akka yabbattu tilmaamama. Antaarkitikaan, kana malees, bishaan qulqulluu (fresh water) addunyaa kanaa keessaa dhibbeentaa torbaatamii shan (75%) qabatteerti.
Eeshiyaan ardii hunda caalaa balā€™oo yemmuu taatu balā€™ina lafa gogaa addunyaa keessaa tokko-sadaffaa isiituu qabate.
Eeshiyaan ardii hunda caalaa balā€™oo qofaa miti, ardii hunda caalaa baayā€™ina lakkoofsa ummataa qabduudha. Biyyoonni addunyaarratti baayā€™ina lakkoofsa ummataa guddaa qabaachuun sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa jiran, Chaaynaafi Hindi, ardii kana keessatti argaman. Walakkaan baayā€™ina lakkoofsa ummata addunyaa kan jiraatan ardii Eeshiyaa keessa.

Awustiraaliyaan addunyaarratti ardii hunda caalaa xiqqoo tan iskuweer maaylii miliyoona sadii balā€™attuudha. Yeroo Eeshiyaa tan iskuweer maaylii miliyoona kudha torba tuqaa lama taateen walbira qabamtu, haalaan xiqqoodha.
Awrooppaan ardii gammoojjii hin qabne taā€™uun isii adda ardiiwwan biroorraa adda isii taasisa.
Waraanni addunyaa lamaanuu kan gaggeeffamte guutumattuu ardii Awrooppaa Keessatti.
Awroppaa keessatti biyyi hunda caalaa baayā€™ina lakkoofsa ummataa qabdu Jarmaniidha; Landaniifi Paaris immoo magaaloota Awrooppaa hunda caalaa baayā€™ina lakkoofsa ummataa qabaniidha.

Ameerikaan Kaabaa ardii haala qilleensaa baramaa gosa hundaā€”jechuuniis Tirooppikaalii, Gogaa, Kontinantaal, Giddugaleessaafi Poolaarii qabdu tan addaati.
Haroon Suppiiriyarii (Lake Superior) Haroowwan Gorguddoo keessaa takka tan taate, addunyaarratti haroo bishaan qulqulluu (fresh water) tan hunda caalaa balā€™attuudha. Haroon tun Ameerikaa Kaabaa, daangaa biyyoota USA fi Kaanaadaa irratti argamti.
Ameerikaan Kaabaa balā€™ina dachii kan iskuweer maaylii miliyoona sagal tuqaa shan-afur taā€™een, Eeshiyaafi Afrikaatti aantee sadarkaa sadaffaarratti argamti. Baayā€™ina lakkoofsa ummataatiin immoo ardiiwwan Eeshiyaa, Afrikaafi Awrooppaatti aanuudhaan sadarkaa afraffaarratti argamti.
Fincaaā€™aan bishaanii inni addunyaarratti hunda caalaa dheeraa yookaa olkaā€™aa, Fincaā€™aan Anjel Ameerikaa kibbaa keessatti argama.
Ameerikaan Kibbaa mana, laga qabiyyee bishaaniitiin addunyaarratti tokkoffaa, Laga Amaazooni. Maqaan Amaazoon jedhu kan dhufe jecha Afaan Ameerikaanoota Ganamaa (Native Americans) isa ā€˜Amazunuā€™ jedhurraayi. Hiikni isaas, ā€˜Danbalii Guddaaā€™ jechuudha.
HORA BULAA, DEEBANAA!!!!!
An Shamshaddiin Ahmad/Bulchaa Boruu/ Abbaa Simboo/ti.

31/07/2022

Hordoftoota (Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine (FOOSHIM), Nagayatti jirtanii? Sagantaa DHANDHAMA CIICOO jedhu kana jalatti harā€™a odeeffannoowwaniifi dhugaawwan adda addaa qabadheetiin dhufe. Na hordofaa, isinitti tollaan ā€˜likeā€™ tuqaa! Namni biroolleen haa irraa baratuu barbaannaan ā€˜shareā€™ godhaa! Akkasumaas sagantaa keenyaafi qabiyyee isaa irratti yaada qabaannaan ā€˜commentā€™ irratti naaf barreessaa! An Bulchaa Boruuti.

ļ‚« Lakkoofsa baayā€™ina ummata addunyaa keessaa tilmaamaan dhibbeentaan kudha lama (12%) bitaachoota. Lakkoofsa baayā€™ina namoota harka bitaachaatiin biyyi addunyaarratti dursa qabatte Neezarlaandiidha.
ļ‚« Addunyaa tanarratti, dubartoota harka-bitaachaa caalaa dhiiroota harka-bitaacha taā€™antuu baayā€™ata.
ļ‚« Yoo xiqqaate pireezidaantoonni Ameerikaa beekkamoon afur harka-bitaachoota. Akkasumaas, Osama Bin Laden, hundeessaan Al-Qaā€™ida, harka-bitaacha ture.
ļ‚« Guyyaan Harka-Bitaachootaa Addunyaa Hagayya 13 irratti kabajama.

Dhuufuun gaasii ibidda qabsiiftuu yookaan ibiddaan qabattuudha. Miiteeniifi haaydroojiiniin dhuufuu baakteeriyaan uumamtu keessatti argaman haalaan bobaā€™oo (flammable) dha.
Rirmi bineensoota hunda caalaa dhuufuu hedduu dhuufan. Ilbiisni xiqqaan kun dabaliinsa hooā€™a addunyaatiif itti gaafatamaa taā€™uun nama ajaaā€™ibsiisuu dandaā€™a. Garuu, rirmi bineensa kamiyyuu caalaa gaasii miiteenii (methane gas) maddisiisu.
Wanti dhuufuu ajeessu salfariidha. Wanta xuux jedhaa keessaa dhibbeentaan sagaltamii sagal (99%) hin ajaaā€™u. Kuniis naaytiroojiinii, oksijiinii, haaydiroojiinii, kaarboondaayoksaayidiifi miiteenii of keessaa qaba. Isaan kun hundi hin ajaaā€™an. Salfarii wantoota soorannu keessatti argamuudha kan akka dhuufuun ajooftu taasisu.
Dhuufuu ofiitti dhoowwuun hin dandaā€™amu.
Biyya Jarmanii keessatti poolisootarratti dhuufuun nama adabsiisa.

Umrii waggaa afurtamoota keessatti umrii yeroo kamiyyuu caalaa miira namootaatiif iddoo laatta. Hubannaan haala namoonni itti yaaduufi miireeffatuu kun akka namootaa wajjiin waliigaltuufi wal taatu si taasisa.
Yeroo rifeensoonni kee kan mataarraa dhabamuu eegale, rifeensi biraa iddoo hin baratamnetti sirratti mulā€™achuu eegala. Kuniis dhiiroota funyaan keessaafi gurrarratti, dubartoota immoo tafa isaaniirratti biqiluu jalqaba. Kun hundi kan taā€™uuf sababa jijjiirama hormooniitifi.
Dhalli namaa akkuma umrii gaā€™eessummaa, waggaa digdamii shan (25) irra gaā€™een dulloomuu jalqaba.
Biizinasii milkaaā€™aa jalqabuuf yeroo hin dabartu. Harlan David Sanders beektaa? Namni kun umrii waggaa jahaatamii shan irratti dhaabbata foon lukkuu Kentucky Fried Chicken jedhamu hundeessuun milkaaā€™ina gonfate.

Kitaabni addunyaarratti hunda caalaa qaalii yookaan miā€™aayaa taā€™e isa nama Bay Psalmiin bara 1640 barreeffamuun maxxanfame kan doolaarii miliyoona kudha afurifi kuma dhibba lama (14, 200,000) tti gurgurameedha.
Kitaabni addunyaarratti hunda caalaa guddaa taā€™e isa ā€˜Za Kileenk Atlaasā€™ (The klencke Atlas) jedhamu kan meetira tokko tuqaa torba-shan (m 1.75) dheeratuufi meetira tokko tuqaa sagal-duwwaa (m 1.90) balā€™atuudha.
Bara 1453 kitaabni yeroo jalqabaatiif maxxanfame gara addunyaa kanaa as bahe. Inniis Kitaaba Qulqulluu Guteenbarg (Gutenberg Bible) jedhama. Kitaabichi namicha maashina maxxansaa kalaqe, Johannes Gutenbergiin, maxxnfame.
Namittiin Verjiiniyaa Woof jedhamyu kitaaboota isii hunda dhabbachuudhaan barreessite.
Asoosamni dheeraan (novel) hunda caalaa dheeraa isa nama Marcel Proust jedhamuun barreeffame kan qooddattoota yookaan nam-fakkiilee (characters) miliyoona sagaliifi kuma dhibba jahaafi kuma sagal (9,609,000) of keessaa qabuudha. Matadureen kitaaba asoosamaa kanaa ā€˜Rimeembarans of Tiings Pastā€™ (Remberance of Things Past) jedha.

HORA BULAA, DEEBANAA!!!!!

16/07/2022

DHUGAAWWAN FAYYAA QORQALBII
Dhiiroonni ganama niitii isaanii dhungatan umrii isaan jiraachuu danaā€™anirratti waggoota shan (5) dabalataan akka jiraatan hubatameera.
Oksiitoosiiniin (oxytocin), inni hormoonii jaalalaa yookaan hormoonii hammannaa jedhamuun beekkamu, yeroo walhammatan burqisiifama.
Qorannoowwan akka argisiisanitti, namoonni yeroo jaalala jalqabarra jiran baayā€™ina seerootooniinii (serotonin), keemikaala miira gammachuutiin walqabatu, gad aanaafi sadarkaa koortiisoolii (cortisol), keemikaala caraqamaan walqabatu, olaanaa taā€™e qaban. Kanaaf jecha kan yeroo jaalalaan qabamne gocha adda taā€™e kan raawwannuufi amala adda taā€™e kan argisiifnuuf.
Jaalalti yeroo nuti hin barbaanne jalqabamteeti yeroo nuti hedduu barbaannu dhumatti.
Namni tokko waan ati jibbitu jaalachuu isaatiif yoo irra deddeebitee balaaleeffatte yookaan komatte, wanta san hin jibbu; kan jibbu si kan isa balaaleeffatuudha.
Dubartoonni dhiiroota caalaa yeroo dheeraaf hirriiba rafan. Kuniis kan taā€™eef, dubartoonni dhiiroota caalaa hoj-daneeyyii (multi-taskers) waan taā€™aniif sammuun isaanii haalaan hojjechuurraa kan kaā€™e bayfachuuf yeroo dheeraa itti fudhata.
Hanga dhugaatii alkohooliitiin machaaā€™uun sammuu kee miitu takka halkan tokko hirriiba dhabuun sammuu kee miiti.
Namoonni halkan tokkotti hirriiba saā€™aatii torbaa gadii rafan warreen kaan caalaa carraa duā€™a lafjalee (premature death) mudachuu dhibbeentaa kudha lama (12%) qaban. Haa taā€™uu malee, hirriba hedduu rafuuniis carraa duā€™a lafjalee ni balā€™isa.
Namni tokko nyaatan maleetti guyyota jahaatamiif (60) lubbuun turuu dandaā€™a, garuu hirriibaan malee guyyoota kudha tokko (11) qofaaf lubbuun jiraachuu dandaā€™a.
Kurruufaa yeroo raftu abjjuu arguu hin dandeessu. Sababni isaas kurruuffiifi abuun gonkumaa al tokko mudachuu waan hindandeenyeefi.
Qorannoon akka bira gaā€™etti, yeroon abjoochuun dabarfamu yaadannoowwan laaleessoo irraanfachuuf nu gargaara.
Hanguma iddoon rafte qabbanaaā€™u, abjuun argituus sodaachisaa taā€™a.

Hordoftoota (Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine (FOOSHIM), Nagayatti jirtanii? Sagantaa DHANDHA...
15/07/2022

Hordoftoota (Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine (FOOSHIM), Nagayatti jirtanii? Sagantaa DHANDHAMA CIICOO jedhu kana jalatti harā€™a odeeffannoowwaniifi dhugaawwan bineensoota manaa qabadheetiin dhufe. Na hordofaa, isinitti tollaan ā€˜likeā€™ tuqaa! Namni biroolleen haa irraa baratuu barbaannaan ā€˜shareā€™ godhaa! Akkasumaas sagantaa keenyaafi qabiyyee isaa irratti yaada qabaannaan ā€˜commentā€™ irratti naaf barreessaa! An Bulchaa Boruuti.

Bineensoota manaa wanti hanga yeroo wal argan dubbii walbarbaaduu yookaan wal aā€™uufi walnyaachuu isaan gammachiisu hin jiru.
Funyaan saree akkuma barruu harkaa dhala namaati; isaan lachuu haalcaasaa (pattern) kan hundaatiin adda taā€™e qaban.
Akka qorannoo dhiheenya kana gaggeeffamte takkaatti, maqaan saree hunda caalaa baramaa taā€™e Maaks kan jedhuudha. Maqaaleen baratamoon biroo kanneen akka Moolii, Saam, Zaak, fi Magiiyee faaā€™a.
Adureeewwan sagalee miwiinsaa isaanii haaloota garaa garaarratti hundaaā€™uudhaan jijjiiru.
Gaalli nyaaroota yookaan qola ijaa sadii kan ija isaarraa wantoota akka cirrachaafi huubaa (huuraa) ittisu qaba.
Ilkaanoonni fardaa sammuu caalaa qaamoota mataa isaanii keessaa iddoo balā€™aa qabatu.

Sareen miira fuunfachuu isa kan namaa caalaa harka 10, 000 taā€™e qabdi. Garuu, kuskusseewwan dhandhamaa tokko-jahaffaa isa namaa taā€™e qaban.
Raā€™een xixiqqoon loqoda walii wal akkeessuun walirraa fudhatti.
Saawwan xiqqo malee digrii dhibba sadiifi jahaatamatti ilaaluu dandaā€™u. Ilaalchi paraanoomikiin kun adamsitoota kallattii hundaan ofirraa ilaaluuf isaan fayyada.
Sareen salphaadhatti dhuufti.
Saroonni kormaan yeroo fincaanan kan miila isaanii ol kaasaniif hanga dandaā€™ame lafarraa olkaā€™uu barbaaduurraayi.
Fardoonni yeroo waan seeqan fakkaatan san, isaan seeqaa hin jiran. Qabatamaan isaan mala funyaan cimsuu isa ā€˜fileeehimeenā€™ jedhamu kan fooliin taā€™e tokko gaarii moo badaa jechuun ittiin murteessan gaggeessaa jiran.

12/07/2022

Hordoftoota keenya, sagantaa DHANDHAMA CIICOO jedhu kana jalatti dhugaawwaniifi odeeffannoowwan ajaaā€™ibsiisoofi barbaachisoo taā€™an kanneen maddeen garagaraarraa walitti coccore isiniif dhiheessa. Na hordofaa, isinitti tollaan ā€˜likeā€™ tuā€™aa! Namni biroolleen haa irraa baratuu barbaannaan ā€˜shareā€™ godhaa! Akkasumaas sagantaa keenyaafi qabiyyee isaa irratti yaada qabaannaan ā€˜commentā€™ irratti naaf barreessaa jechaa gara odeeffannoo dhandhama ciicoo dabarra. An Bulchaa Boruuti; na faana turaa!
Biyya Filippiinsi keessa odola Luuzoon jedhamuutu jira. Odola kanarratti, haroo Taal jedhamtuu argama. Haroo tana keessatti ammaas odola ā€˜Odola Voolkaanooā€™ (Volcano Lake) jedhamuutu argama. Odola haricha keessatti argamu keessa ammas haroo ā€˜Qabxii Voolkaanooā€™ (Volcano Point) jedhamtuu jira. Ajaaā€™iba! Iddoo haroofi odolli yookaan odolaafi haroon walkeessa qasamanii argaman!
Lakkoofsi olaanaan daaā€™imman dubara takkaraa dhalatanii jahaatamii sagal (69) yemmuu taā€™u, baroota 1725 fi 1765 jiddutti dubartiin biyya Raashiyaa takka ilmaan sakkuulee (triplets) yeroo torba, lakkuulee yeroo kudha jaha, afkuulee (quadruplets) yeroo afur, walumaagalatti, ilmaan jahaatamii sagal daā€™uudhaan dubartii daaā€™imman hedduminaan hunda caalu daā€™uun addunyaarratti sadarkaa qabatte taateerti.
Bara 1978 keessa, daaā€™imni jalqabaa ardii Antaarkitikaa keessatti dhalate. Inniis Emilio Marcos Palma jedhama.
Dheerinni giddugaleessaa dhiiraa yeroo ammaa sm 175; ulfaatinni giddugaleessaa dhiirootaa immoo kg 86. Bara 1960 keessa dheerinni giddugaleessaa sm 172 yemmuu taā€™u ulfaatinni giddugaleessaa immoo kg 66 ture.
Guutuu addunyaarratti, umriin giddugaleessaa dhiirootaa waggaa jahaatamii afur tuqaa shan-lama (64.52) yeroo taā€™u, kan dubartootaa immoo waggaa jahaatamii saddeet tuqaa torba- jaha (68.76).
Lakkoofsa baayā€™ina ummata addunyaa keessaa tilmaamaan dhibbeentaan kudha lama (12%) bitaachoota. Lakkoofsa baayā€™ina namoota harka bitaachaatiin biyyi addunyaarratti dursa qabatte Neezarlaandiidha.

12/07/2022

Hordoftoota keenya, sagantaa DHANDHAMA CIICOO jedhu kana jalatti dhugaawwaniifi odeeffannoowwan ajaaā€™ibsiisoofi barbaachisoo taā€™an kanneen maddeen garagaraarraa walitti coccore isiniif dhiheessa. Na hordofaa, isinitti tollaan ā€˜likeā€™ tuā€™aa! Namni biroolleen haa irraa baratuu barbaannaan ā€˜shareā€™ godhaa! Akkasumaas sagantaa keenyaafi qabiyyee isaa irratti yaada qabaannaan ā€˜commentā€™ irratti naaf barreessaa jechaa gara odeeffannoo dhandhama ciicoo dabarra. An Bulchaa Boruuti; na faana turaa!
Biyya Filippiinsi keessa odola Luuzoon jedhamuutu jira. Odola kanarratti, haroo Taal jedhamtuu argama. Haroo tana keessatti ammaas odola ā€˜Odola Voolkaanooā€™ (Volcano Lake) jedhamuutu argama. Odola haricha keessatti argamu keessa ammas haroo ā€˜Qabxii Voolkaanooā€™ (Volcano Point) jedhamtuu jira. Ajaaā€™iba! Iddoo haroofi odolli yookaan odolaafi haroon walkeessa qasamanii argaman!
Lakkoofsi olaanaan daaā€™imman dubara takkaraa dhalatanii jahaatamii sagal (69) yemmuu taā€™u, baroota 1725 fi 1765 jiddutti dubartiin biyya Raashiyaa takka ilmaan sakkuulee (triplets) yeroo torba, lakkuulee yeroo kudha jaha, afkuulee (quadruplets) yeroo afur, walumaagalatti, ilmaan jahaatamii sagal daā€™uudhaan dubartii daaā€™imman hedduminaan hunda caalu daā€™uun addunyaarratti sadarkaa qabatte taateerti.
Bara 1978 keessa, daaā€™imni jalqabaa ardii Antaarkitikaa keessatti dhalate. Inniis Emilio Marcos Palma jedhama.
Dheerinni giddugaleessaa dhiiraa yeroo ammaa sm 175; ulfaatinni giddugaleessaa dhiirootaa immoo kg 86. Bara 1960 keessa dheerinni giddugaleessaa sm 172 yemmuu taā€™u ulfaatinni giddugaleessaa immoo kg 66 ture.
Guutuu addunyaarratti, umriin giddugaleessaa dhiirootaa waggaa jahaatamii afur tuqaa shan-lama (64.52) yeroo taā€™u, kan dubartootaa immoo waggaa jahaatamii saddeet tuqaa torba- jaha (68.76).
Lakkoofsa baayā€™ina ummata addunyaa keessaa tilmaamaan dhibbeentaan kudha lama (12%) bitaachoota. Lakkoofsa baayā€™ina namoota harka bitaachaatiin biyyi addunyaarratti dursa qabatte Neezarlaandiidha.
Seeloonni gogaa du

Address

Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fugug Oromo Online Social & Historical Informative Magazine:

Share

Category



You may also like