FUGUG Times

FUGUG Times FUGUG Times is an independent news website relating to politics, identity, human rights and social j
(1)

Sagantaan Badhaasa Oogbarruu Gaaddisaa marsaa 2ffaan gaggeeyfamaa oole.Sagantaan Badhaasa Oogbarruu Gaaddisaa(GAADDISAA ...
29/10/2023

Sagantaan Badhaasa Oogbarruu Gaaddisaa marsaa 2ffaan gaggeeyfamaa oole.

Sagantaan Badhaasa Oogbarruu Gaaddisaa(GAADDISAA LITERALLY AWARD) marsaa 2ffaan magaalaa Finfinnee, galma Hoteela Illilliitti guyyaa arraa Onkololeeysa 29, 2023 gaggeeyfamaa kan oole yoo tahu damee ogbarruu khalaqaa, walaloo fi Asoosamaarratti kan xiyyeeffate tahuu Pirezidaantiin Waldaya Barreeysitoota Oromoo Roobinaa Shuumii himeeti jira.

Ogbarruu Oromoo bifa kanaan cimsuun, kan irra as dabarre yaadachuu fi kan har'a jiru daran kan cimsu tahuu Doktarri kabajaa Mahaammad Qopheen ibseeti jira. Sagantaan akkanaa tun daran jabaachuu qabdi ja'an.

Badhaasa kanaaf qaadhimamtoonni 26 kan dhiyaatan yoo tahu, namoonni 12 calalamanii kan badhaafamniidha. Haaluma kanaan kitaabni:-
1. Barreessaa Lammii Booji'aa(Asoosamaa "Addeessa Goobaneen")
2. Barreessaa Wabii Kabbadaa(Asoosama "Irboorichaan"
3. Barreessaa Baayisaa Bulbulaa(Asoosama "Gurra Abbaakoo") tiin badhaafamtoota badhaasa oogbarruu Gaaddisaa kan baranaa tahanii jiran.

Badhaasa umrii guutuu(Lifetime Award) Ogbarruu Gaaddisaa marsaa 2ffaa kana namni 1 kan badhaafamu yoo tahu badhaasicha barreessaa Alamaayyoo Hayileetu badhaafame.

Gaazixeeysota 4 kanneen Afaan Oromoo irratti cichanii hojjechaa turaniif beekkamtiin kennamee jira. Isaaniis Gaazixeeysaa Zamadkun Misganaawu, Margaa Angaasuu, Gaazixeeysituu Jaalannee Gammadaa, fi Gazixeeysaa Abdulwuhaab Abdulqaadir badhaafamanii jiran.

Sagantaa tanarratti barreeysitoota, hayyoota keeysummootaa fii jaalattoonni ogbarruu Oromoo hirmaatanii jiran.

Barento Mohammed
Dirree Dhawaa, Oromiyaa
Onkololeeysa 29, 2023

26/08/2023

Two Brothers Killed by Local Militia
August 24, 2023

OLLAA has spoken to a family member of Musa Muhammed Musa and Jemal Muhammed Musa regarding their extrajudicial ex*****on by members of the Oromia Regional Militia forces in July 2023.

Musa and Jemal were born and raised in Burqa Gudina Village, Girawa District, East Hararghe Zone. Musa was the father of eight children โ€“ 3 sons and 5 daughters โ€“ and Jemal was the father of one son. The only thing that both brothers have ever done is work tirelessly on their farm to support their families. They have been recognized as being among the most successful farmers in their area.

On July 28, 2023, at 10:00 am, these brothers and their family members, including their neighbors, were gathered to chew khat, which is known locally as Ija Bana. Chewing khat is part of local social traditions in this area. While they were all sitting in a row, four militia members from the local administration approached and requested that each of them pay 2000 birr to the village militia support fund. With no receipts provided, half of the respondents said they would not pay for this type of illegal money collection. The other half of the respondents said they would not pay because they had not sold any of their Khat this year due to the falling price of locally produced khat and did not have the funds to do so. Angered with their response, the militia members began beating them.

According to OLLAAโ€™s source, these seated individuals began to flee for their lives toward the bushes. In the meantime, the militias started firing on these unarmed civilians, shooting Jemal in the back of the skull and Musa in the back of the chest. As a result, both of them instantly died.

The perpetrators have reportedly been detained by the authorities. Although the case is still being investigated, it should be emphasized that no verdict or final decision has been made in the matter as of yet.

International Law

A number of international human rights treaties to which Ethiopia is a signatory, including the ICCPR and the ACHPR, as well as the FDRE Constitution, have recognized the right to life as a fundamental right that requires the enjoyment of all other rights.

International human rights legislation also mandates that persons be shielded from violations of their rights, including the right to life, which is safeguarded by a number of human rights treaties. However, the local militias are perpetrating attacks of similar nature in different parts of Oromia. Hence, the government must ensure the security of the community and hold the perpetrators responsible.

https://ollaa.org/two-brothers-killed-by-local-militia/?fbclid=IwAR1JrpY7qwSRH8yaaxnG5oHc5MdQrMNLP8d3NqMaLadtOgZwiyKF5hVAjpE

28/07/2023

ARTIST AFANDII SIYYOO.
***************************
Afaan Oromoo arra nama hedduutu sirbaan, garuu kaleessa Afaan kana mul'isuun qabsoo guddaa ture, hayyoonni hedduun itti wareegameeti hedduun Biyyaa baqate,

Artist Afandii Siyyoo Hayyoota Afaan Oromoo mul'isuuf jecha Diinni Biyyaa baase keesaa nama tokko.

Artist Afandii Siyyoo Baha Oromiyaa Magaalaa Dirree Dhawaa Ganda shanee / 5แŠ› / ja'mutti dhalatee guddate, Artist Afandii Siyyoo yeroo umriin isaa barumsaaf gaafa gayu idduma dhaloota isaa Magaalaa Dirree Dhawaa kan Man-Barnoota Jaadiidaa tti barnoota eegale, osuma baratuu osoo hin barbaadin artiin muziiqaa isa barbaadde, osoo inni itti hin yaadin dandeeytiin sirbaa keessatti fedhii sirbuu keessatti Uumate, haaluma kanaan Afandii Siyyoo artiin Afaan Oromoo waan yeroo sanitti hin guddatiniif sirboota Afaan saba biraa kan akka sirboota hindii, sirba Suudaan, Sirba Somaalee sirbuu eegale.

Afandii Siyyoo wallisa beekkamaa taheeti jaaramaya Afran qallootiin qaadhimame, Artist Afandii Siyyoo Artistoota gammeeyyii akka Ali Shabboo, Ali Birraa fi Barreessaa beekkamaa, abbaa khalaqa hedduu faan waahela tahe Artii afaan Oromoo itti fufe, yeroon yeroo meeshaan sirbaa hin arkamne ture, jibrii gitaaraa takka ta citte arkkachuuf jebuutiifi Finfinnee asitti hin arkatan ture, yoo arkatan ni bitatanii yoo dhban ammoo jibriin jibruma jedhaniiti jibruma arkan itti hidhatan ture, dadhabbiin keessa qaxxaamuran kun hundi akka arraa kanatti Maallaqa arkkachuuf osoo hin tahin aartii fi afaan oromoo guddisuuf qofa.

Artist Afandii Siyyoo agarsiisaaf walleetiif baha Oromiyaa bakka hin deemin hin qabu, waan nama gaddisiisu mootummaan yeroo sanii Wallistoota oromootiif agarsiisa godhuuf hin hayyamu ture, isaaniis akka nama mootummaa faarsu fakkeessaniiti tooftaan mootummaarraa hayyama baafatan, yeroo bakka agarsiisa godhan dhaqaniis nafxxanyoonni dhagaa faa itti darbatanii weeraran, akka fakkeenyaatti Abbaan qabeenyaa tokko Magaalaa Cirootti Afeeree ture, yeroo isaan sirba aadaa oromoo sirbuu eegalan dhagaan irratti dabartamee gara Dirree Dhawaa deebi'uuf dirqaman, isaaniis waan kaayoo qabaniif mufii tokko malee tuffiin bira kutan, Dabree dabree mootummaaniis akka hidhamaa turan seenaan ni hima, miidhaa san hunda obsaan irra aananiiti artii Afaan oromoo sadarkaa arraa kanaan gayan, galata guddaa ummata oromoo biraa qaban.

Artist Afandii Siyyoo namoota miseensa Hawwisoo Biyya teenyaarraa tahuun Baazaaraa Bara 1977 magaalaa Finfinneetti oromoon kutaa hundaa wal arke iratti arkamee qooda irraa fudhate keessaa nama tokko ture, sirbi Artist Afandii Siyyoo guyyaa Baazaaraa Finfinnee " Hamaa koo Hamataa koo numaatu wal qabata gaafa guyyaa rakkoo " jechuun galma guutuu teessummarraa kaasee gogoose, Artist Afandii Siyyoo wallee takkitii Baazaraa Finfineerratti wallise san booda mootummaan dargii jala bu'e, Mootummaan Abbaa irree jala buunaan Artist Afandii Siyyoo Biyyaa bahuuf murteesse, eega biyyaa bahuun kiyya hin hafne aarii kiyya artiin firraa baaseetiin deema je'eeti sirba addaa itti qindeefate, sirbi dalagee Biyyaa bahees kana ture,
" Ushururuu jibbee
cheechee hifadhee,
if bareetiin jiraa
harmarraa guddadhee,
bara dheeraa usnaan
harma afaan kayyadhee,
wallaala hin seehin
hunda mirkanfadhee,
ammalee niin iyyaa
usee hin cal'isuu,
bilisummaa malee
harmi na hin fayyisuu, jechuun quuqaa firraa buqqaasee biraa deeme, Umar Caccabsaan faan gara bosonaa deeman.

Artist Afandii Siyyoo akkuma murteefatetti Biyyaa bahee Biyya ollaa jebuutii seene, Artist Afandii Siyyoo yeroo Biyyaa bahu eessa akka goru Prof. Maahdii Haamid Muudee akka yaadaan bira dhaabbate akka yaadannoo arraatti dubbata, jebuutii yeroo dhaqu ammaas ni hidhame, eega xiqqo hidhame booda rakkoo oromoorra gayaa jiru Caayaa Oromoo kan biyya jebuutii jiru kan Rabbiin haa araaramuufii aadde Faaxumaa galmoo faan keessa jiran qunnamee namoota jebuutitti hidhamanillee hidhaa baasise, boodarratti Afandii Siyyoo Jebuutii gadhiiseeti Biyya Sa'udi Arabiyaa seene, Sa'udii gara waggaa torbaa hojjatee jireenya isaa gaggeessaa ture, turtii waggaa torbaa booda ammaas Bara 1985 tti Sa'udii gadhiiseeti Biyya masrii Cairo seene, Biyya masrii waggaa lama 2 tureeti eegas gara Australia imale.

Artist Afandii Siyyoo yeroo Australia seenu Wlistoonni oromoo hin jiru ture, Artist Afandiin Baandii Abbaa Bokkuu ja'amtu Australiyatti hundeesse, namoonni inni wajjiin sirbu wallistoota Biyya adda addaa ture, austraaliyatti muziiqaa wajjiin wal bartan jechuun afeeraman, namoota kana Artist Afandii Siyyoo fi sirbituu Afrikaa kibbaa takkaatu filatame, Artist Afandii Siyyoo ogummaa meeshaa taphachuu dandayu gitaara akka tahe itti himeeti meeshaan kannameefii taphachuu bira kutee Baandii 12n guyyaa Mandeellaan Austraaliyaa daawate simate keessaa nama tokko tahe.

dandeeytii meeshaa muuziqaa bifa adda addaatiin taphachuun baandii beekkamtuu Afrikaa kibbaa Baandii Afrikaa kibbaa Baandii Oromootiif Afrikaa kibbaa jechisiise, Abbaan Baandii Afrikaa kibbaa itti hinaafeeti walitti mufatanii addaan bahan, sababni Artist Afandii Siyyoo Baandii Abbaa Bokkuu hundeesseef kana ture, Sirbi
sii sii siitu tiyya
as gori gori
koottu gama kiyya ja'u kan Artist Afandii Siyyoo waltajjiin dhunfatee fi eegasiis ittiin beekkame ture, sababa kanaan Artist Afandii siyyoo faan akka waldaya Artistoota oromootiin badhaafamaniis ni himama, Artist Afandii Siyyoo saba fi sablammoota hedduu keessatti Afaan oromoo sirbee nama badhaasa fudhate, Artist Afandii Siyyoo qabsoo dhiheenya gaggeesaa turrees yaa saba koo
Abshiir ni bariitii,
lafa bariisaa
dukkanti hammaattii
jechuun nama qooda fudhatee Oromoo onnachiisaa fi tasgabeessaa tureedha,

Seenaan artist afaandii siyyoo dheertuudha waan taateef himamtee hin dhumtuu isa bakkuma jirutti rabbi umrii nuuf haa dheereessuu yoo rabbi nuuf laaffise seenaa isaa bal'inaan fuuldura itti deebina. Galatoomaa
Gola Harargee irraa.

22/07/2023
22/07/2023

Qotee bulaan Harargee sababa rakkoo gabaa jimaa mudateen, Rakkoo hamaa keeysa jiraachuu isaa Viidiyoon kuni ragaadha.
Daawwadhaa waliif godhaa.

30/06/2023
SEENAA GABAABDUU ABDINUUR SHEEKH HASSAN(IRRAAANAA QACALEE). ------------------- Abdinuur Sheekh Hassan  Baha Oromiyaa Go...
30/06/2023

SEENAA GABAABDUU ABDINUUR SHEEKH HASSAN(IRRAAANAA QACALEE).
-------------------

Abdinuur Sheekh Hassan Baha Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Gaara Mul'ataa Aanaa Baddannoo Illikko bakka Madda Nagayaa jedhamtutti Bara 1950ta keeysa dhalate. Abdinuur yeroo joollummaa isaa akkuma joollee baadiyyaa hundatti maatii isaatiif ergamaa waliin jiraate. Gama biraatiin Warri ykn maatiin Abdinuur warri Sheekh Hassan Magaalaa Baddannoo keeysaa Mana jireenyaa qaban. Abdinuur hoggaa Umriin isaa Barnootaaf geeysu Magaalaa Baddannootti galee Barnoota isaa Sadarkaa tokkoffaa eegalee achuma Magaa Baddannootti xumure.

Abdinuur Sheekh Hassan (Irra-Aanaa Qacalee ) hoggaa Magaalaa Baddannoorraa Barnoota Sadarkaa tokkoffaa xumuru Sadarkaa lammaffaa barachuuf gara Magaalaa Dirree Dhawaa qaceele. Irr-Aanaa Qacalee (Abdinuur Sheekh Hassan ) Magaalaa Dirree Dhawaatti hiriyoota isaa Khaliil Haaji Bushraa ( Qindeeysaa Sirneeysaa ) faa wajjiin Barnoota isaa Sadarkaa lammaffaa Dirree Dhawaatti itti fufe. Yeroo Irra-Aanaa Qacalee Barnoota Sadarkaa lammaffaa xumurarra jiru tanatti haalli qulleensa Siyaasaa Itoophiyaa jijjiiramee jira. Gama biraatiin Dhukaasa Elemoo Qulxuu Mootummaa Habashaarratti baneen Barattoota Oromootii fi hayhoonni Oromoo dhimmaa Oromoo dhoksaan dubbachuu eegalanii jiran. hunda daran magaalaan Dirree Dhawaa tan Irra-Aanaa Qacalee itti Barachaa jiru sochi Waldayni Afran-Qalloo eegaleen hedduu dammayxee Oromummaan guddachaa jirti.

Gama biraatiin Sirni mootummaa habashaa Oromoo ukkaamsuuf daran cimsee hojjachaa jira. Abdinuur Sheekh Hassan ( Irraanaa Qacalee ) nama faxina tahuu isaatiin hariiroo Oromoo fi Sirna habashaa jidduu jirtu jiru walbira qabee itti yaaddahuu eegale. Falli jiru dammaqinsa Oromoo kan xiqqo mul'ate kana gara qabsootti jijjiiruuniis akka barbaachisaa tahe hubate. Haala kanaan Irra-Aanaa qacalee hiriyoota isaa wajjiin haala furmaata Oromoo barbaaduurratti hiriyoota isaa sabboontota Oromoo wajjiin marii ergale.

Osoo Irraaanaa Qacalee faan haala kanaan jiranii Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa Adda Mana hidhaa Somaaliyaarraa bahee gara Biyyaa ol-deebi'e. Hoggaa Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo lafa qabsiisuuf Bosona Gobeellee seenu Irraanaa Qacalee Barattoota Oromoo kanneen Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa qunnaman keeysaa tokko. Irraanaa Qacalee Barnoota isaa xukura Sadarkaa lammaffaarratti dhaabee qaama Adda Bilisummaa Oromoo tahe.

Abdinuur Sheekh Hassan (Irraanaa Qacalee ) hawaasa dammasuun hiriyoota qabsoo Roobaa Jaajaatii fi Dachaas faa wajjiin ummata keeysa deemuu eegale. Mootummaan qaamni Mootummaa Dargii Sochii Abdinuur dhagaheeti hordofuu eegale. Hangana jiddutti Waraanni Bilisummaa Oromoo Magaalaa Baddannootti waraana Dargiirratti tarkaanfii fudhate. Waraanni Dargii kan halleellaa Waraana Bilisummaa Oromootiin madaawe Obboleeysa Irraanaa Qacalee Sayyid Amiin Aalima guddaa fuudheeti Haaja Bushraa Annaa faa wajjiin Magaalaa Gannammiitti galaafate.

Abdinuur kan duraan lafa jalaan Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa wajjiin qabsoo gaggeeysaa ture haalli Biyya keeysaa hammaannaan qaamaan Bosonatti bahee Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin caayaa mukaa mana jireenyaa godhate. Bara 1977 keeysa hoggaa Magarsaa Barii faan Adda Bilisummaa Oromootti dabalamuuf gara Bosona Harargee dhufan Abdinuur (Irraanaa Qacalee ) qabsawaa gameeysa Adda Bilisummaa Oromooti.

Bara 1978 keeysa qabsoon Bilisummaa Oromoo jabaattee humna baafte. Gama biraatiin warri Dhaaba ICAT jedhamu hundeeysee qabsoo karaa nagayaa gaggeeysaa ture Leencoo Lataa faan dubbiin jabaannaan dargii jalaa baqatanii Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa bira dhaqanii Naannoo Haramaayaa Karrotti ABO'tt dabalaman. ABO'n jabaattee Mootummaa fonqolchuuf mudhii hidhatte. Haatahuu malee yeroo gabaabduu booda wareegama Baaroo Tumsaatii fi Badhoo Dachaasaatiin shirri Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaarratti qindaawe kan Sooreysa lubbuu balleeysuuf karoorfame tahe. Hogganaan Dhaabaa Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa shira hamaa kana agarraan osoo nama rokkotti hin Adda Bilisummaa Oromootiin nagayatti je'e.

Abdinuur Sheekh Hassan (Irraanaa Qacalee )faan Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaarraa haala deemaa jiru waan hin fhagayiniif Dhaabuma duraan Jaarraa Abbaa Gadaa hogganaa ture Adda Bilisummaa biratti hafan. Haggantoonni Dhaabaa namoota Biyya keeysaa Dhaanatti dabalame tahe. namoonnni haarayatti Adda Bilisummaa Oromoo dhunfate kun yeroof Qabsoo riphee lolaa hogganuun itti ulfaatee ture. garuu boodarra haala boodarra haala mimijeefatanii firafiraa qabsootiiqabsootii fi deeggarsa qabsoo barbaada gara Somaaliyaa deemuuf karoorfatan.

haaluma kanaan Nama 11 tahanii imala gara Somaaliyaa eegalan. namoota kana keeysaa Abdinuur Sheekh Hassan (Irraanaa Qacalee ) nama tokko. hoggaa Gammoojjii Ogaadan gayan Shiftaan Somaalee karatti afaan bahe. Shiftoonni Somaalee hoggaa qabsaahota Oromoo qabu warri Muslima taatan garana goraa je'een. Shiftaan Somaalee warra Islaama tahe keeysaa kophaa baaseeti warra kiristaana tahe galaafachuuf deema. Abdinuur Sheehk Hassan ( Irraana Qacalee ) faan Nuti Oromoodha, dhiigni keenya tokko. Amantiin addaan hin baanu ja'anii obboleeyyan isaanii biraa achi siquu didan.

shiftaan Somaalee Abdinuur Sheekh Hassan faa kadhatee dadhabnaan Magarsaa Barii faa waliin gammoojjii Ogaadan bakka Shiniggaa jedhatutti waliikn galaafate. Abdinuur Sheekh Hassan (Irraanaa Qacalee ) osoo lubbuun hafuuf hiree qabuu obboleeyyan kiyya wareegamanii an lubbuun hafuu mannaa du'ee Biyyee haa tahu je'ee Shiftaa Somaaleetiin wareegamee Seenaa gaarii hambifatee dabre. Obbeeysi Abdinuur Sheekh Hassan (Irraanaa Qacalee ) kan Abbaa Diinagddee Adda Bilisummaa Oromoo ture Sheekh Obsaa Qacaleetiis akkuma Irraanaa Qacaleetti nama qabsoo Bilisummaa Oromoo keeysatti wareegama guddaa kafale.

Erbuun Shiniggaa tan ar'a Ebla 15 guyyaa goototaa jedhamee kabajamu kun maqaan isaanii olfuudhamee dubbatamuu baatullee wareegama gootota lubbuu ofiirratti murteeyse Abdinuur Sheekh Hassan faadha. Seenaan isa haa yaadatu.

Seenaa kan barreeysinuuf akka Hawaasni keenya Seenaa qabsoo isaatii fi qabsaahota isaa kanneen wareegaman baruufi. godhaa namaaf qoodaa.

Jemal Ahmed

Caamsaa 04/2023

Hayyuun gameeysi Oromoo, abbaa qubee fii barreeysaan hangafni  Dr. Sheekh Muhammadrashaad Abdullee waggaa 10 dura Caamsa...
29/05/2023

Hayyuun gameeysi Oromoo, abbaa qubee fii barreeysaan hangafni Dr. Sheekh Muhammadrashaad Abdullee waggaa 10 dura Caamsaa 25, 2013 du'aan addunyarraa nu biraa godaanan. Addunyaa namuu irratti hin waaru. Godaanumaaf teenya. Yaroon numa ceeti. Dhaabbatee naman eeydu. Warri tana beeku dhalootaaf waa ol kaaya. Dhalootaaf waa gumaachuu nuuf haa laaffisu.

Dr. Sheekh Muhammadrashaad gaafa lubbuun jiran hojiiwwan gaggaarii dhaloota qaranii fii fakkeenya tahan, kanneen saba isaa boonsan hedduu hojjatee dabre. San keeysaa Qubee Afaan Oromoo seera amma ittiin barreeysaa jirru kan lafa kaayeefi itti abbaa isa akka tahe hayyoonni afaanii hedduun ragaa bahu. Ragaan guddaan ammoo waanuma inni hojjatee lafa kaayee biraa deeme. Namni du'ee awwaalamuus seenaan abbicha seenaa hojjateen hojjatame lafarrati ol hafee dhalootaaf akeektuu fii fakkeenya gaarii taha.

Seenaan ragaa bahu guddichi Dr. Sheekh Muhammadrashaad hojjate kitaaba jalqabaa "FURAA AFAAN OROMOO" kan jedhu maxxansa duraa bara 1965 biyya Somaaliyaa Magaalaa Muqdisho tti kan maxxanfame yoo tahu haala mijjaawaa hin taane keeysatti biyya baqaa lammummaa hin arkatin keeysa taa'ee jiruu fooyyee hin taane keeysatti katabee dhalootaaf gumaache. Dhugumatti kun hojii boonsaadha.

Maxxansa duraa irratti sababa OROMOO maqaa jedhu irraa kaasi mootummaan somaalee jetteenii dhoorkitee osoo hin raabsamin hafe. Ergasii bara 1976 fi 1986 maxxansi biraa maxxanfame. San boodaas kitaabota akka Hiika Qur'aanaa(Tafsiira), Aqiidaa fii kkf hedduu barreeysee dhalootaaf gumaachuu dandayee jira.

Hayyuun keenya seenaa hojjateen asaasa lafa nuuf kaayee deeme. Seenaan yoomillee isa ni yaadatti. Arra Faawundeeshiniin Sheekh Muhammadrashaad Abdullee hundeeyfamee hayyama guutuu qabatee taa'utti jira. Tumsa keenya barbaada. Hayyuu gumaata guddaa kana nu biraa qabu Faawundeeshinii isaatiif maal gumaachine? Gaafii namuu if gaafachuu qabu.

Namni wanni wal booda hafuuf Rahmata waliif kadhachuufi. Sheekha keenya Rabbiin Jannataan isaan haa qananiisu ๐Ÿคฒ

Barento Mohammed
FUGUG, Oromiyaa
Caamsaa 26, 2023

07/01/2023
07/01/2023
๐Ÿ“ŒNew vacancy : Safaricom Telecommunications Ethiopia Position 1: Corporate Account ManagerPosition 2: Regional Sales Man...
07/01/2023

๐Ÿ“ŒNew vacancy : Safaricom Telecommunications Ethiopia

Position 1: Corporate Account Manager
Position 2: Regional Sales Manager
Position 3: Enterprise Partner Management Specialist
Position 4: Territory Account Manager
Position 5: Specialist: Business Intelligence
Position 6: Specialist: Business Intelligence (Power BI)
Position 7. Fleet Coordinator
Position 8. Hotel Accommodation Officer
Position 9. Vendor Administrator

๐Ÿ“ŒFor more in details ๐Ÿ‘‡

https://lucyjob.com/job/safaricom-telecommunications-ethiopia-9-positions/

Follow our Telegram

http://T.me/Ethio_jobsvacancy2

Safaricom Ethiopia Vacancy 2023 http://T.me/Ethio_jobsvacancy2 SafariCom Ethiopia is looking for a qualified person who meets the criteria indicated below. Safaricom Ethiopiaโ€™s 2G, 3G and 4G โ€ฆ

07/12/2022

Obboleessa kee kan alagaan ibiddaan gubaa jirtuuf yoo hin suukannooyne ati namaa miti .
Bineensi bosonaatuu Sanyiin isaa yoo miidhame hin callisu.
Oromoo haa baraarruu .
Rabbii gaditti walmalee homaa hin qabdan Oromoo.
Hassen
victoria
Decmeber7/22

This Mexico fan has taken a big risk to support his team! ๐Ÿ˜…Loving sports and Loving a country pay him sacrifice. Mexico ...
28/11/2022

This Mexico fan has taken a big risk to support his team! ๐Ÿ˜…

Loving sports and Loving a country pay him sacrifice.
Mexico ๐Ÿ‡ฒ๐Ÿ‡ฝ on FIFA World Cup 2022, Qatar ๐Ÿ‡ถ๐Ÿ‡ฆ

Who will win this World Cup?The big question you are always asked before any World Cup is: 'Who do you think will win?'T...
28/11/2022

Who will win this World Cup?

The big question you are always asked before any World Cup is: 'Who do you think will win?'

This time, Brazil and Argentina are my personal favourites because they are both extremely hungry going into this tournament, and came through an incredibly high-quality South American qualification campaign.

With Argentina, the big driving force is Lionel Messi. All football fans know his situation and how this has to be his moment if he wants to win his first World Cup at the age of 35.

He knows that too, and so do his team - so they will do everything possible to get that World Cup win.

Brazil, though, have got so much quality in every position. They are a team I have watched a lot over the past couple of years and I have been very impressed - they are coming to Qatar to win the World Cup and I believe they will.

How will Germany do?
The big European teams have to live with the fact that these two South American teams will both be highly motivated, but they will arrive with the same mission.

I am looking forward to watching a courageous Germany side that can help us forget the disaster that happened in Russia, when we were defending champions but went out in the group stage.

There is still some repair work to be done for Hansi Flick's side after what happened four years ago, but they are a young team and I want them to be full of energy and courageous with their play.

If they are not winning it this time, then they must at least prove with their performances that they are contenders again by reaching the semi-finals.

That's what their mission is, and they know that. Anything but the last four for us is disappointing, based on our history at World Cups.

I am curious about how they will do, but I am also positive. I look at them and think they can do it. They have the advantage of having a big block from Bayern Munich in their team, with seven of their players making the squad, and their familiarity playing with each other will be a big help.

I am also looking forward to watching England, who should be aiming to go deep into this tournament after playing so well to reach the semi-finals of the 2018 World Cup, then getting even closer when they reached the final of Euro 2020 last year.

There is obviously progression there and there could be more to come so it does not feel to me like Gareth Southgate's team has peaked yet.

I just hope the simple message from the England manager is that they are going to Qatar to win the World Cup, because that should be their goal, or their attitude, based on those past two tournaments.

I can't wait to find out.

World Cup winner Jรผrgen Klinsmann invites you to subscribe to his daily World Cup newsletter.

YAADANNOO ARTIST USMAAYYOO MUUSSAA Sagantaa Yaadannoo wareegama Artist Usmaayyoo Muussaatii fi Eeybi Khitaaba Seenaa Art...
28/11/2022

YAADANNOO ARTIST USMAAYYOO MUUSSAA

Sagantaa Yaadannoo wareegama Artist Usmaayyoo Muussaatii fi Eeybi Khitaaba Seenaa Artist Usmaayyoo Muussaa haala bareedaan, bifa nama gammachiisuun, akkaataa Oromoof wareegamuu fi wareegama nama hawwisiisutti Magaalaa Finfinnee Hoteela Ililliitti gaggeeyfameeti jira.

Sagantaan Eeyba Manguddootiin jalqabdee waa'een khitaaba seenaa Qabsaawaa Artist Usmaayyoo Muussaa saahiba isaa kan tahe Qabsaawaa fi Artist Suutee Bareentootiin tuttuqamee, Artist Usmaayyoon nama akkamii fi Qabsaawaa hangamii akka tahe imimmaaniin kukkuulamee dhiyaate.

Itti aansuun, Intala hangafaa Qabsaawaa Artist Usmaayyoo Muussaa tan taate Artist Saartuu dhaan haasawni gabaabaan; Kan akkaataa jiruu fi jireenya maatii Usmaayyootii fi dararaa isaan kheeysa dabran, wareegama isaa boodaas faffaca'insa maatii irra gahee fi miidhaa faffaca'insa isaanii, Akkaataa Qindeeyfamaa fi barreeyfama khitaaba Seenaa Usmaayyoo Muussaa, waggaa 16'n dabraniif Yaadannoo Abbaa isaanii Usmaayyoo Muussaa kophaa isaanii akka maatiitti godhaa turuu isaanii, Bu'aa bahii yaadannoo wareegama Artist Usmaayyoo Muussaa waggaa 16 duraatii fi kan waggaa 16 ffaa, Yaadannoo Wareegama isaa kan waggaa 16 kun kan addaa tahuu fi Oromoon hirmaatee galma guutee mullachuun Abbaan isaanii Oromoof akka qabsaawee fi Abbaan isaanii Abbaa isaanii qofa osoo hin taane Abbaa Ilmaan Oromoo hundaa tahuu fi Sagantaan yaadannoo kun milkaahuun gammachuun guddaan akka isitti dhagayame, Namootaa Sagantaa kanaas dabalatee, Khitaabaa fi CD'n akka qophaa'ee eeybifamuuf gumaacha godhan galateeyfachuun, Qabsaawonni akka Usmaayyoo Muussaa kan ilmaan isaanii faffaca'anii jiran kan seenaan isaanii hin beekkamnee fi hin dubbatamne hedduun akka jiran beeynee akka gargaarruu fi akka wal bira dhaabbannu jechuun, Hirmaattota hunda galateeyfachuun fi Sirba abbaa isii kan "SEENAA DHAABBATAA" kan ju'uun galma guutuu sossooftee haasawa isii xumurte. Jabduu intalaati atuu, Nuuf buli saartuu.๐Ÿ‘

Itti aansuun, Dr Gammachuu Magarsaa gara Wal tajjiitti afeeramuun haasawa godhaniin Wanta tokko kan tahuun nama qaaneysu ni beeytanii? Je'ee gaafateeti, "Oromoo tahuudha" je'ee ifumaaf deebise. Dhugaa dubbachuuf Oromoo tahuun nama qaanfachiisa. Silaa akkana hin ju'uu garuu waaniin jechuu qabuufi jechuun galma guutuu miira kheeysa galchuun garii Afaan qabachiisuu, garii ija kheeysa wal lallaalchise. Khan boohee fi kan imimmaan ija maru hanga je'ee himuu hin dandayu malee, hanga hin dhabu.

Dr Gammachuun "Oromoo gaafa barbaachisu osoo waliif hin dirmanne, gaafa boohichaa wal hin hanqanne" akka waan jechuu fedheetti, akka maletti anaannachaa, ilkaan ciniinnachaa asii fi ichi deddeemaa haasawe. Kana malees Oromoon hidhaa jiruus hedduudha. Kan wal ajjeesuus hedduudha. Ifaan ifatti, Kan sababa tokkootiin kuun miidhamuus hedduudha jechuu baatuus, akki Oromoon amma kheeysa jiru kan lolaa kun akka itti hin tolin ifaan ifatti ibsate. Kun ammoo akka dhaabbachuu qabu dubbate.

Itti fufuun; Sheekkoo takka hime. Sheekkoon sun ilmaan abbaa ajjeesuuf wal mariyatee fi Abbaa isaanii jiddutti waan tahe himti. Sheekkoo sanirraa Abbaan Lafaa, Abbaan biyyaa agabee huuqqachuu fi kan itti dhufe ammoo quufee gagabbachuu faatu jira. Sheekkoon san guutuun guututti ergaa ajaa'ibaati if kheeysaa qabdi. Sheekkoo san barbaadaatii dhageeyfadhaa. Dhumaatii Haadholii, Manguddootaatii fi Daa'immaniitiif sababa kan tahe jara biraati jechuun, sababa kan biroo wal loleef dhiiyni isaanii lola'aa jira ergaa jettu dabarsiti. Sheekkoo addaati.

Dr Gammachuun Artist Usmaayyoo Muussaa sirritti akka beekuu fi mana hidhaatti deddeebi'ee warra laalaa ture kheeysaa tokko tahuu isaa ibsuun, Artist Usmaayyoo Muussaatii fi Obboleeytiin isaa (Obboleeytii wajjiin dhalatan jechuu kiyyaa miti) Qabsaawota Ilmaan Afran Qalloo kan hangafaati jechuun, haasawa isaa itti fufe. qabsaawota jalqabaa kan Duuti itti murtooytee karshallee buute tahuu nu yaadachiise.

Artist Oromoon waan isatti as deemu firraa arkee akka tokkummaan qolatuuf, akka fala barbaaddatuuf sirbaan nuuf himaa ture. Nuti garuu hin dhageenye. Isin Dhagayuu hin dandeenye. Joollee hin baanu. Warra umrii kiyyaatii fi warra umriin natti dhiyaataniin baana jechuun dubbii jajjabduu dubbate.

Ali Birraaniis kanuma himaa ture. Isin garuu "ITTUMA SIRBUUF, SIRBA DHAGEEYFATTAN"๐Ÿฅฒ je'e.

Kana malees jaarsa tokko kan hidhamtoota gaafa Usmaayyoo Muussaa faa san torbaanitti dinnichaa faa fudhatee mana hidhaa dhaqee laalu tokko dubbate. Jaarsi sun nama xoorataan isaa Qarshii 800 ti. Mee isin ifiifuu xoorataan kheeysan xiqqaa kanaa isinii fi maatii kheeysaniifuu hin gahuu, akkamitti torbaan torbaaniin hidhamtoota dheeyxanii laaltu? Je'eetiin gaafadhe je'e. Jaarsiniis Dr Gammachuu mana kiyyatti erga disxii waa itti bilcheeysanitti waa bilcheeysuu dhiifnee waggaa sadihi. Manqorqoriyaadha qabna. Isumatti shaayii danfifna. Ilmaan kiyya Shaayuma san ganama daabboon nyaatanii oolan.

Garuu "ABDIIN ILMAAN KIYYA KANAA, WARRA ARRA HIDHAA JIRU KANA" naan je'e je'e. ๐Ÿ˜ญ

Mee isin gaafa Usmaayyoo Muussaa faan hidhaa jiran, dheeyxanii fuula isaa warri argitan ni jirtanii? Maaliif dheeyxanii laaluu dhabdan?

Arrallee Usmaayyoo hedduutu hidhaa jira. Meeqa kheeysantu dhaqee laalutti jira? Maatii Usmaayyoo eenyuutu quba qaba? Akki khun hin tahu.... Jechuun haasawa isaa gabaabse.

Sagantaan Eeyba khitaabaa fi CD yeroo gahu kheeysummaa tahuun namoota wal tajjii gubbatti yaamaman kheeysaa dhiirarraa Dr Gammachuu Magarsaa, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Hamza Borana , M***a Adem Oumer fi kkf yoo tahu, gama dubartootaa irraa ammoo; Artist Saartuu Usmaayyoo Muusaa , haadha qabeenyaa Aadde Sara Hassen Adem , Ittigaafatamtuu Waajjira Paartii Magaalaa laga Xaafoo Aadde Fariyaa Aliyyii , Kabajamtuu Miseensa Caffee Oromiyaa Aadde Wasiila Abdoo fi Shamarran Affeellamaa fi Aannan fidanii dhufan faadha. Khitaabni Seenaa Usmaayyoo Muussaa "SIIDAA DHAABBATAA" kan ju'uu fi CD'n isaa haarayni haala kanaan eeybifame.

Khitaabni kun akkuma eeybifameen mee bitiin isaa eenyuun haa jalqabamu gaafii jettu eega kaasanii booda Haadha Qabeenyaa Obboleeytii teenya Aadde Saaraa Aadamiin haa jalqabamu jechuun maaykiin itti kenname. Aadde Saaraan Khitaaba Seenaa Usmaayyoo Muussaatii fi CD'n isaa Hanguma fedhe maallaqa guddaa fedheen yoo jalqabamees garaa nama hin gahu. Haa tahuu garuu khitaaba isaa kan Qarshii Kuma dhibba lamaan(200,000) niin jalqaba jechuun galma guututti gammachuu fi onnee addaa uumuun fuula nu ibsite. Galmi guutuun harka dhawuun isii Galateeyfate.

Itti aansuun Maaykiin Kabajamtuu Obboleeytii teenya Aadde Fariyaa Aliyyiitti kenname. Isiniis akkuma maaykii fudhatteen Galma guutuu nagaya gaafachuun jalqabde. Itti aansitee waa'ee Artist Usmaayyoo Muussaa kaaftee, gumaacha inni qabsoo Oromoo kheeysatti godhe, Aartiin akkamitti akka dhalootaaf xurree tattaraare, Usmaayyoon waan yeroo tokkoo qofa akka hin sirbinii fi sirbi isaa kan arraatii fi kan boruu akka tahe nu yaadachiifte.

Itti fufuun sirba Usmaayyoo Muussaa kan "yaa daddaba jiruu, karamiin na deemta" ju'uu fi Kan "Hidhaafii ajjeechaan hamilee nu cabsee karaa nun deebisu" ju'uun galma guutuu sagalee takkaa fi harka dhawuun sirbisiifte. Sagaleen isii ammoo kan ajaa'ibaati. Sagalee isiitiif ragaan Oromoo galma san kheeysa jirtu cufa. Namuu ni dinqisiifate. Itti fufuun haasawa gooteen; Aartistoota hangafaa kanneen akka Artist warra gaafa Afaan Oromoo Teephii fi Raadiyo cabsa ja'an akka hin cabsine mirkaneeyse akka gargaarruu fi maatii Aartistoota wareegamanii akka gargaarru akeekte. Tokkummaas akka nuuf kennu Rabbi kadhachuun itti fuftee, akkuma nama dhunfaa tokkotti akka hirmaatte ibsite. Ammallee akkasumattiin khitaaba kana bita jechuun khitaaba 1 Qarshii kuma soddomiin bitte. Kana maddittiis iddoon jiruu fi Godina Harargee Bahaattiis tahee bakkuma fedhettuu Khitaabni khun akka raabsamuu fi akka gurguramu haala mijjeeysuu fi deeggarsa yaadaatiin biraan dhaabbadha jechuun waada galtee haasawa isii xumurte.

Kabajamtuun miseensi Caffee Oromiyaa Aadde Wasiilaa Abdootiis khitaaba Seenaa Qabsaawaa fi Artist Gameeysa kanaa Qarshii Kuma Shantamaan khitaaba tokko bitte. Galata guddaadha qabdi.

Sagantaa arraan tanaa; Sagantaa haalaan qindoomina qabdu, tan kurfiin isii akkaan tolte, Sagantaa dhaamsa dhama qabu dabarsitu, Sagantaa hamilee namatti hortu, Sagantaa yoo waliin hojjanne, yoo waliin sossoone galma akka geenyu namaaf akeektu, Sagantaa tokkummaan irratti hojiin mullatte, Sagantaa addaati.

Gama boodaarratti Sagantaan badhaasaa godhamte. Badhaasni Maatii Artistoota Wareegamaniitiif kenname. Badhaasa kana kennuuf keessummaan yaamamanii maatii Aartistoota wareegamaniitiif badhaasa yeroo kennan Aadde Saaraa Aadam haadha Artistii keenya kan wareegame Artist tiif qarshii kuma diiydam(20,000) yoo kennitu, Aadde Fariyaa Aliyyiitiis Ilma Artist Hangafaa Artist tiin Transport(Noolii) godhu jechuun qarshii kuma shan(5000) harkatti kenniteef. Galata guddaatu isaaniin mala.

Gumaachi gama leeccallootiin godhame hedduudha. Haa tahuu malee, kan akkaan natti tolee fi kaniin ajaa''ibe kan Obboleeysa keenya tokkooti. Inniniis deeggarsa godhuuf yaadeeti garuu maqaa isaatiin osoo hin taane, maqaa Qabsaawaa Gameeysaa fi Hundeeysaa ABO Sooreysa tiin Qarshii Kuma Shantam (50,000) fi Maqaa Doktora Kabajaa Artist tiin Qarshii Kuma shantama (50,000) gumaachuun, walitti qarshii kuma dhibba tokko(100,000) gumaacha godhe.

Kan daranuu namatti tolu kuma dhibba tokkicha yeruma san Mobile Banking dhaan gara Account Artist saartuu Usmaayyoo dabarsuu isaati. Dhugumatti namni kun nama addaati. Dhugumatti namni kun Abbaa qabeenyaa qofa osoo hin taane, inninuu Qabeenya keenya guddaadha. Rabbiin isaafii warra gumaacha godhan kan birootiis guddoo dhuma hin qabne haa kennuuf jenna.

Gumaacha taasifame kheeysaa muraasni:
Dhaabbata Kabsachiisaa fi Misoomaa Soof Umar 50,000
Dhaabbata Tola ooltummaa Kuraa Galaan 50,000
Jawar Mohammed 100,000
ABO 20,000
KFO 10,000 fi kkf hedduudha.
Isaan hundi Galata qabu.

Ummanni keenya kan akka jirutti Sagantaa Yaadannoo waggaa 16 ffaa Wareegama Artist Usmaayyoo Muussaa kana bareechitan hundi keeysanuu hedduu Galatoomaa.๐Ÿ™

Abbaa keenya Artist Usmaayyoo Muussaatii fi Abbootii teenya tan fuula Rabbii deemte hundaaf Rabbiin Raahmata haa godhu. Jannata isaan haa qubsiisu. Nutiis ilmaan isaan caalu nu haa godhu. ๐Ÿคฒ

Hub:
Waanumaan yaadadhuu fi tanii arkee dhagayeen barreeyse malee qabiyyeen Sagantichaa akkaan ballaadha. Waaniin barruu gabaabduu tanaan himee fixuu miti. Hirmaattotaa fi Gumaacha godhamees hangumaan yaadadheen barreeyse. Waaniin dogongoraan itti ida'ee fi taniin irraa irriseefiis dhifamaan isin gaafadha. Na ofkolchaa.๐Ÿ™

FUGUG Times
~~~~~~~~~~~~~

Adem Dhalate
Sadaasa 27, 2022
Finfinnee

Address

Oromia
Harer

Telephone

+251938304163

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FUGUG Times posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share