Kenya Media

Kenya Media Maxxansi Jirraa (Jirraa Post) yaadannoo goota keenya qaalii Artist Haacaaluu Hundeessatiif kan hundaa'e yoo tahu miidiyaa uummata baldhaati.

Maxxansa Haqa Qabeessa!

30/06/2024
23/05/2024

JMN TVn damee miidiyaa lammaffaa (Maxxansa Jirraa) ifatti tamsaasa jalqabsiisuuf jira.

Maxxansa Jirraa (Jirraa Post) Maxxansa haqa qabeessa!

Maxxansa JirraaDhaabbanni miidiyaa Jirraa Miidiyaa Neetworkii JMN/TV karaa Magazine/matseetii/ tiin eegaluuf yeroo dheer...
16/05/2024

Maxxansa Jirraa

Dhaabbanni miidiyaa Jirraa Miidiyaa Neetworkii JMN/TV karaa Magazine/matseetii/ tiin eegaluuf yeroo dheeraadhaaf irratti hojjachaa kan ture yommuu ta'u, qophii isaa hunda xumuruun maxxansa jalqabaa yeroo dhihootti gabaarra oolcha. Akka sabaatti dhaabbileen Miidiyaa maxxansaa qabnu baay'ee xiqqaa ta'uu hubannoo keessa galchuun maxxansa Afaan Oromoo, Amaaraa fi Afaan Ingiliffaan torbee lama lamaan yeroo tokko tokko maxxansuun dubbistootaf kan dhiheessudha.

Guyyaa har'aa Dhaabbanni guddichi "African Holding Groups" rogeeyyii miidiyaa diinagdee Oromoo tumsaniif dhimma dhaabbat...
09/05/2024

Guyyaa har'aa Dhaabbanni guddichi "African Holding Groups" rogeeyyii miidiyaa diinagdee Oromoo tumsaniif dhimma dhaabbatichaa irratti ibsi guddaan kennameera. Walitti qabduu boordii AHG dubartiin cimtuun Oromoo adde Sara Hassen Ademmii fi daarektarri olaanan dhaabbatichaa obbo garee rogeeyyii miidiyaa Waajjira olaanaa dhaabbatichaatti simachuun kaayyoo dhaabbatichaa bal'inaan ibsaniiru. Dhaabbanni kun dhaabbata Oromoo isa guddaa saba Oromoo diinagdee keessaa dhiibame diinagdeetti galchuuf kaayyeffatee hundaa'e fi erga hundaa'ee waggaa lamaa fi walakkaa keessaatti hojiilee gurguddoo sadarkaa biyyaatti beekkamtii argatan hojjachuu fi kaayyoo dhaabbateef galmaan gahuuf ciminaan kan hojjatu ta'uu kaasan.

Dhaabbanni African Holding dhaabbata saba Oromoo miliyoona 20 diinagdeen ijaarudhaan saba Oromoo diinagdeen humneessudhaaf kunnoon hojjachaa jiru waan ta'eef uummanni Oromoo dhaabbata isaa jabeeffachuun aksiyoona dhaabbatichaa bitachuun abbaa dhaabbatichaa akka ta'u dhaamaniiru.

Adde Sara Hassen Adem piresdaantii Waldaa Aksiyoona African Holding Groups yommuu taatu, dubartii Oromoo cimtuu diinagde...
07/05/2024

Adde Sara Hassen Adem piresdaantii Waldaa Aksiyoona African Holding Groups yommuu taatu, dubartii Oromoo cimtuu diinagdeen hangafaa tan uummata Oromoo gaafa rakkate hunda biraa hin dhabamneedha. Adde Saaran sochii diinagdee keessatti nama muuxannoo guddaa qabduu fi Oromoon diinagdeen ijaaramuu qaba jechuun dhaabbata guddaa "African Holding Groups" hundeessaniidha. Hooggantuu cimtuu dubartii jalqabaa dhaabbata diinagdee keessatti pirezidaantii tahuun qabsoo diinagdee hoogganaa jirtuudha.

Holola shiraa fi dharaan maqa balleessin dhaabbata guddicha "African Holding Group" irratti oofamu kan bu'uura hin qabnee fi kan dabaan guuttame, holola gareen aadaa jibbaa dhaale oofu tahuu hawaasni bal'aan sirritti hubachuu qaba. Adde Saaraan nama jabduu fi dubartii cimtuu saba isheef waan qabdurraafuu gumaachituudha. Shira Oromoon akka hin ijaaramneef ajandaa diinni bocu wallaalan keenyas hafarsu dhiisnee diinagdeen jabaachuudhaaf yeroon isaa ammaadha.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251920442404

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kenya Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share