Gutu Dafis Aba Fita

Gutu Dafis Aba Fita Gutu Dafis Aba Fita

27/02/2024



Daawwannaa Hojii gaggeefameetti hoggantootnii Naannoole Ollaa irraa dhufan gammada tura.Hojii boonsa hawaasa keenya fayy...
28/10/2023

Daawwannaa Hojii gaggeefameetti hoggantootnii Naannoole Ollaa irraa dhufan gammada tura.Hojii boonsa hawaasa keenya fayyadu hojjachuun cimee itti fufu qaba.

10/06/2023
31/05/2023
Fayyadamummaa hawaasa keenya mirkaneessuuf carraa qabnu hundatti fayyadamnee Diinagdee hawaasan keenya utubuun dirqama.G...
06/05/2023

Fayyadamummaa hawaasa keenya mirkaneessuuf carraa qabnu hundatti fayyadamnee Diinagdee hawaasan keenya utubuun dirqama.
Godina jimmaa Aanaa Gommaatti Hojii qubsuma Dargaggootaf lafti hektaarri 100 ol adda baafamuun Hojittii galameera.kuttannoo cimaa fi miira biyyaan dorgomna jedhuun hojjatama jira.

Gaggeessaa fakkeenyummaa qabuu fi waan karoorse raawwatu.kallattii kamiinuu dhimmaa birmadummaa biyyaatiif yeroo yeroon ...
25/04/2023

Gaggeessaa fakkeenyummaa qabuu fi waan karoorse raawwatu.kallattii kamiinuu dhimmaa birmadummaa biyyaatiif yeroo yeroon hojii boonsaa fi hojii Ajaa'aibaa hojjataa jiranuudha. ammallee nuuf jiraadha.

08/01/2022
08/12/2021

Dr Abiyyi Ahmad duula boqonnaa jalqabaa injifannoon golobuun yeroo murtaa’eef gara waajjiraatti deebi’uu ibsan

Sadaasa 29, 2014 (OPP)
Itiyoophiyaa waldhaansoon injifachuun kaleessas, har’as, boruus hin danda’amu jedhan Muummeen Ministeeraa FDRI Dr Abiyyi Ahmad.

Duula boqonnaa jalqabaa injifannoon golobuun yeroo murtaa’eef gara waajjiraatti deebi’uu koo ibsuun barbaada jedhan.Maqaan Itiyoophiyaa jedhu yeroo hunda moo’chuu waliin kan wabateedha jedhan.Itiyoophiyaan gootoota ijjoolee isheen kabajamtee jiraatti.Duulli boqannaa jalaqabaa injifannoon dabaallamee xumuramuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa waldhaansoo qabuuf yaaluun ni danda’ama,garuu waldhaansoon Ityoophiyaa injifachuun hin danda’amu jedhan Muummee Ministeeraa FDRI Dr Abiyyi Ahmad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Yeroo muraasaan dura diina Itiyoophiyaa waraanuuf ka’e waloon ta’uun qolachuuf adda waraanatti beellama qabanneen injifannoon argame diina mataa kan gadi qabsiise yoo ta’u, Ityoophiyaanoota ammoo mataa kan ol qabachiiseedha jedhan.

Waamicha dhiyaate hordofee kanneen lubbuu keessaan, humna, qabeenya, beekkumsa, yeroo fi ogummaa keessaan gumachitan hundaaf maqaa Itiyoophiyaan galanni koo guddaadha jechuun ergaa dabarsaniiru.

Wareegamni yeroo ammaa adda waraanaatti kaffalamaa jiru Maqaa injifachuu Itiyoophiyaa deebisuuf ta’uu eeraniiru.Fedhiin keenya yeroo hunda nageenyaa fi jaalaala, Diinoonni hanga daandii jaalalaa fi nageenyaa filatanitti qabsoon keenya itti fufa jechuun ibsaniiru.

07/12/2021

Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa darbe

Baga jala bultii guyyaa ayyaana Sabotaa, Sab-lammootaafi Ummattoota Itoophiyaa yeroo 16ffaaf kabajamuun nagaan geessan. Sadaasni 29 guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga’e, kan eenyummaa, aadaa, duudhaa, afaanii fi mirga ofiin of bulchuu wabii itti argate waan ta’eef, uummata Itoophiyaatiif guyyaa addaati.
Ayyaana kana yommu kabajnu summii jibbiinsaa fi qoqqoodiinsaa murni TPLF waggoota 27n darbaniif gidduu keenyatti facaase qulqulleessuun boqonnaa haaraa tokkummaa keenyaan Itoophiyaa sab-daneettii, badhaatuu fi hunda keenyaaf mijooftuu taate ijaaruuf waadaa keenya haaromsuun ta’uu qaba.

Sab-daneessummaan keenya madda tokkummaa fi faayaa Itoophiyummaan keenya addunyaarratti bareedee itti mul’atu malee madda wal-dhabdee fi wal-gaarreeffannaa ta’uu hin danda’u. Hata’u malee, murni TPLF shiraaf uumammee shiraan guddate sabadaneessummaa keenya gochaa hammeenyummaaf fayyadamuun gidduu keenyatti obbolummaan hafee wal shakkiifi garaagarummaan akka dagaagu summii jibbiinsaa facaasaa ture. Sirni federaalizimii dhugaa hojiirra akka hin oolle gochuun mirga ofiin of bulchuu sarbuun, haq-maleessummaa diriirsuun olaantummaa murna tokkoo lafa qabsiisaas ture.

TPLF fincila diddaa cunqursaa fi saamichaa ummattoonni Itoophiyaa waloon taasisaniin aangorraa kan darbame yoo ta’u, ummattoota gidduutti wal-fixiinsi akka uumamu, nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraannee fi Itoophiyaan diigamtee kaartaa addunyaarraa akka dhabamtu taasisuuf dhagaan hin fonqolchine hin jiru. Akeeka kana galmaan gahachuuf waraana bakka bu’iinsaa nutti banuun gochaa baandummaa seenaan hin daganne raawwatee jira.

Gochi baandummaa nurratti raawwate kun yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa keenya utubaa sibilaa waan godheef aggaammii keessaa fi alaan nutti roobaa ture ofirraa qolachuun daandii injifannoorratti argamna.
Ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa marsaa 16ffaa kabajuuf kan jennu, humna badii fi farra tokkummaa keenyaa kan ta’e TPLF fi ergamtuu isaa Shanee fi fakkaattoota biroo awwaaluuf boollarraan yeroo geenyetti waan ta’eef, kan ayyaana itti kabajnu duwwaa osoo hin taane, diinoota keenya boollarra gahan kanneen hundeerraa buqqisuun boqonna haaraa obolummaa dhugaan gara badhaadhina walootti itti ceenu saaquuf waadaa keenya kan itti haaromsisnuudha.

Bu’uura kanaan, guyyaan Ayyaana SSUI bara kana yeroo 16ffaaf kabajamu kun mata duree "Obbolummaan Tokkummaa Sabdaneessummaaf" jedhuun kan kabajamu yoo ta’u, kaayyoon isaas tokkummaa fi obbolummaa, fayyadamummaa haqa-qabeessaafi sabdaneessummaa cimsuun hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo uumuudha.
Dhumaratti, Saboonni, Sab-lammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa heddumminni keenya midhagina ta’uu hubannee tokkummaan harka walqabannee Itoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti dirqama seenaa waan qabnuu shoora nurraa eegamu haa baanu jechaa, irra deebiidhaan baga jala bultii kabaja ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaan nagaan geessan!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Sadaasa 28/2014
Finfinnee

07/12/2021
04/12/2021



Maajatee, Ajibaar, Doobbaa, Waladdiin,Riqeen,Albuukoo Kamisee fi naannawaan ishee harka diinaa bilisoomuu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.

04/12/2021

Oduu Ammee❗

Opireshinii qindoominni qaamolee nageenyaa Muummicha Ministeeraa Dr. Abiy Ahimadiin durfamu, magaalota adda addaa garee shororkeessaa ABUT jalaa biliisa baasuun ergamtoota isaa booji'uufi barbadeessuun injifannoo boonsaa galmeessisuu itti fufeera.

Haaluma kanaan, karaa adda waraanaa Gaashanaa Magaalota Cilaa, Qa'uzibaafi naannoo isaa, adda waraanaa Warra Iluutiini Ajibaar, Taantaa, Doobbaafi naannoo isaa keessaa yoo baasu, karaa adda waraanaa Kamiseenis Maajatee, Cireettii, Kamisee, Riqqeen, Waladdiin, Albuukkoofi Aaanaa Qaalluu to'ataara.

Waraanni qinda'aan kun opireeshinii isaa cimsee itti fufuun magaalaa Induustirii Kombolchaa keessaas qulqulleessuuf ilmala isaa ariifachiisaa jira.

Opreeshinii geggeeffameen tarkaanfii guyyaa kaleessaafi har'aa fudhatmeen gareen ABUT kan yeroo kamii caalaa akka barbadaa'uufi bittinnaa'uu ta'uusaa Tajaajilli Komunikeeshinii Federaalaa gabaaseera.


Naannoo keessaan eegaa❗

Gara adda waraanaatti duulaa❗

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa❗

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;


: https://www.oromia.gov.et
:- https://t.me/oromiapo
:- https://mobile.twitter.com/oromiapo/
:- https://www.instagram.com/oromiapo/
: - https://www.facebook.com/Oromiapresident.office
:- https://www.youtube.com/channel/UC8BtkVkcgYSYfbVaTo

02/12/2021
05/11/2021

Ergaa galateeffannaa Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir.
******
Kabajamtoota hawaasa Godina Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa hundaaf hunda dursuudhaan guyyaa har'aa tokkummaa cimaa fi kaka'umsa ol'aanaadhaan jaalalaaf kabaja biyya keessaniif qabdanu agarsiisuu keessaniif ulfaadhaa, galatoomaa jechuun barbaada.

Juuntaan tokkummaa sabaaf sablammootaa diiguudhaan birmadummaa biyya keenyaa sarbuudhaaf ergamtuu isii shanee waliin wal hidhattee yeroo dhama'aa jirtu kanatti is isin uummatni Godinaa fi Magaalaa keenyaa osoo nuti jirruu biyyi hin diigamtu, yoomuu, eessattuu, haala kamiinuu duuluudhaan biyya keenya barbaraaruuf qophiidha jechuun akkasumas kabajaaf deeggarsa gooticha RIB tiif qabdan hiriira xiiqiin guutame bahuun agarsiiftaniittu.

Walii galaan qaamoleen hawaasaa hiriira kana irratti qooda fudhattan, kanneen hiriiricha qindeessitan akkasumas qaamoleen nageenyaa hiriirichi nagaan gaggeeffamee akka xumuramuuf gumaacha taasiftan hunda keessaniif maqaa kootiif maqaa Bulchiinsa Godina Jimmaatiin galatoomaa, Ulfaadhaa jechuun fedha.

Itoophiyaan diinota ishee awwaaltee, Badhaadhina ni dhugoomsiti!
Galatoomaa!

27/10/2021
በአንድነትና በፅናት መቆማችን ይቀጥላል ትብብራችን ምንጊዜም አሸናፊ ነው!በኦሮሚያ ክልል ቦረና ዞን በድርቅ  እና በአማራ ክልል በወሎ በጦርነት ለተፈናቀሉ ወገኖቻችንን የአዲስአበባ ከተማ አስ...
27/10/2021

በአንድነትና በፅናት መቆማችን ይቀጥላል ትብብራችን ምንጊዜም አሸናፊ ነው!

በኦሮሚያ ክልል ቦረና ዞን በድርቅ እና በአማራ ክልል በወሎ በጦርነት ለተፈናቀሉ ወገኖቻችንን የአዲስአበባ ከተማ አስተዳደር እና የከተማዋ ነዋሪዎች በአንድነት ያደረገውን ድጋፉ ያስተባበራችሁ ፤ ባለሀብቶች እና የመንግስት ተቋማት ምስጋና ይግባቹሀል ።
በመጀመሪያው ዙር ለጀግናው የኢፌዴሪ የመከላከያ ሰራዊትና ለተለያዩ ችግሮች ተጋላጭ ለሆኑ የህብረተሰብ ክፍሎች የከተማችንን ነዋሪዎች አስተባብረን እስከአሁን ከ 3 ቢሊዮን ብር በላይ ድጋፍ ማድረግ የቻልን ሲሆን መላው የከተማችን ነዋሪዎች እና ባለሀብቶች ለነበራችሁ አበርክቶ እያመሰገንኩ አሁንም የገጠሙንን መልከ ብዙ ችግሮች በቁጥጥር ስር እስክናዉል ድረስ እርስ በእርስ መደጋገፋችንን አጠናክረን እንቀጥል እላለሁ ። !

Tokkummaa fi obsaan dhaabbachuun keenya itti fufa, gamtoominni keenya yoomumaa mo'ataadha.
Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti sababa gogiinsaatiin; Naannoo Amaaraatti waraana wallootiin lammiilee keenya buqqa'aniif Bulchiinsi magaalaa Finfinneefi Jiraattoonni magaalattii waliin ta'uun deeggarsa taasise abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen mootummaa qindeessitan galatni isiniif mala.
Marsaa jalqabaatiin gooticha raayyaa ittisa biyyaa FDRE fi qaamolii hawaasaa rakkoolee garaa garaatiif saaxilamaniif jiraattootni magaalaa keenyaa qindeessinee hanga ammaatti hamga birrii biiliyoona 3tii ol walitti qabuun deeggarsa gochuu kan dandeenye yoota'u, jiraattoonni fi abbootiin qabeenyaa magaalaa keenyaa hundi qooda qabaachaa turtaniif galateenfachaa, ammas rakkoolee bifa hedduu numudatan hanga to'annoo keenya jala oolchinutti waliin wal gargaaruu keenya cimsinee yaa itti fufnun jedha.! Gootowwaan badhaadhina

27/10/2021
18/10/2021

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gutu Dafis Aba Fita posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gutu Dafis Aba Fita:

Share