Dn Gemmachis Tube

Dn Gemmachis Tube Religious

Gammadeen si faarfadha situ du'ee jiraadhe.golgaa du'aa tarsaaste jireenya siin argadhe.situ gadii naaf jedhe Ool jedhee...
11/03/2024

Gammadeen si faarfadha situ du'ee jiraadhe.
golgaa du'aa tarsaaste jireenya siin argadhe.
situ gadii naaf jedhe Ool jedhee akkan deemu
sinboo ati namaaf hin laanne ulfina hin jedhamu

ሀበነ እግዚኦ አዕይንተ አእምሮNuuf kenni Waaqayyoo qalbii si hubatu.
04/03/2024

ሀበነ እግዚኦ አዕይንተ አእምሮ
Nuuf kenni Waaqayyoo qalbii si hubatu.

KIDAANE MIHIRET NA HIN DAGATIINII⛪❣️💔🤲👏Kidaane Mihiret na hin dagatiinii Yoona gaheeraa araara keetiinii Yommuu naaf roo...
24/02/2024

KIDAANE MIHIRET NA HIN DAGATIINII⛪❣️💔🤲👏
Kidaane Mihiret na hin dagatiinii
Yoona gaheeraa araara keetiinii
Yommuu naaf roobu dhiifamni harka kee irraa
Dhukuba koo irraa dhuguma fayyeeraa

Gara laafettii koo atii dhuguma namaaf gaddita
Nama du'aaf abdii kutee dhufteetoo jajabeessitaa
Godoo koo isa dukkanaa'e dhufteetoo ifa keen guuttaa
Ana nama moofaa uffatu wayya haaraa natti uffistaa
Harka nama hin ilaalu anoo lammata Giiftii koo
Mana namas hin kajeelu naaf eebbisteetta godoo koo /2

Kolfa isaanii nan dadhabee warra yeroodhaaf sooroman
Isaanoo tasayyuu hin yaadan booda immoo hiyyoomuu isaanii
An garagalee hin ilaalu yeroo isaan natti kolfanii
Akka ati na baastuun beeka harmee koo sitti boonyaanii
Akkuman jedhe giiftii koo ati yoom na irraanfattee
Hiyyummaa koo isa durii seenaa gootee dabarsitee /2/

Kan kee na dhibaa Giiftii koo bagan garbicha kee ta'ee
Gammachuudhaan an guutamee sin faarfadha an ammas ka'ee
Meerreree haatisaa jedhu isheen maaliif hin fayyistuu
Anis deebisee nan jedhaa ishee noo hin ariifattuu
Akka isaanii durii mitii danda'anii hin dubbatanii
Na fayyisuu ishee arganii afaan isaanii qabatanii
Maal jedhanii dubbaturee teellatti deddeebi'anii
Kanan ittiin boonu haatikoo na fayyisuu ishee arganii

Ammaa Bara Baraatti Ameen ⛪💓🙏

Faaruu  Ajaa'iba kana buufadha mee''isaa dura caala ganaa baay'aanna''
15/02/2024

Faaruu Ajaa'iba kana buufadha mee
''isaa dura caala ganaa baay'aanna''

© Gemachis Official studio is the only channel licensed for the distribution of Ethiopian Orthodox Tewahedo Church Spiritual Songs .chaanaalii Kun faarfanna...

https://youtu.be/-vtwgdDQfII                                                                                            ...
08/02/2024

https://youtu.be/-vtwgdDQfII hello dears please subscribe and support me nagaa jirtuu jaalamtoota subscribe gochuun na deeggara ሰላም ውዶቼ እባካችሁ ሰብስክራይብ አድርጉ እና ደግፉኝ።

Welcome to my channel Dn Gemmachis Tubeplease &_click_the_BELL_,share,_Like_&_comment on my video👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇...

06/02/2024

Utuu namni tokko waan hamaa sirratti hojjetee, deebistee hamaa irratti hojjechuu yaaltaa? Ykn Waaqayyo akka isa adabu ni...
26/01/2024

Utuu namni tokko waan hamaa sirratti hojjetee, deebistee hamaa irratti hojjechuu yaaltaa? Ykn Waaqayyo akka isa adabu ni kadhattaa? Isxifaanosii fi Iyesus akkas hin goone.

Namoota isaanitti hammaataniifillee waan gaarii godhaniiru. Nuyis akkumasaanii gochuu haa yaallu.

Isxifaanoof Gooftaa Iyeesuus irra baarate haga reebamu hunda Oobse. Eegaa Waayee Isxiifaanoos baal'inaan dubbistu jedheen barreessu dhiise.

Hojii Ergamootaa 6:8-15; 7:1-60.

https://youtu.be/USvofHKwJ5Y
25/01/2024

https://youtu.be/USvofHKwJ5Y

© Gemachis Official studio is the only channel licensed for the distribution of Ethiopian Orthodox Tewahedo Church Spiritual Songs .chaanaalii Kun faarfanna...

Fayyisaa Addunyaa Salaalee Garba Gurraacha kuyyuu   ሰላሌ ገርባ ጉራቻ ኩዩ መድሐኔዓለም ....ይህ የእግዚአብሔር ደጅ ነው ፃድቃን ይገቡባታል far 117/118...
16/01/2024

Fayyisaa Addunyaa Salaalee Garba Gurraacha kuyyuu
ሰላሌ ገርባ ጉራቻ ኩዩ መድሐኔዓለም ....ይህ የእግዚአብሔር ደጅ ነው ፃድቃን ይገቡባታል far 117/118:20
Manneen Kiristaana Orotodoksii Oromiyaa keessa jiraaniif Fakkeenya gaarii ta'a.
Kanaafu Afaan Amhariffaan kan barreeffamehaqamee Afaan Oromiffaatti jijjiramu qaba warri jettan yaada keessan roobsa.

 Baga guyyaa Yaadannoo dhalachuu gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga'e Ameen baga walumaan nu gahee.Maqaa Abbaa...
02/01/2024



Baga guyyaa Yaadannoo dhalachuu gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga'e Ameen baga walumaan nu gahee.

Maqaa AbbaaKan Ilmaa Kan afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
Dhalootaa jechuun akka saayinsii waa'ee sirnaa wal hormaataa qoratutti " bakka bu'insaa, wal horinsa, baay'achuu qachee, ittii fufiinsaa sanyii hiddaa Dhaloota" jechuudha. Kunis ta'uu kan danda'uu, waan hundinuu yeroo jireenya isaan keessatti yoo dhiiraa fi dhalaan wal quunnaman qofaadha.
Dhaloonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Garuu yaada saayinsii kana guutummaa guutuutti ni falleesse. Kana yeroo jennuu akka saayinsiitti dhaloonni kamiyyuu "haadhaa fi Abbaa" dirqama qaba ture. Kana jechuun wanti dhalatuu kamiyyuu Abbaa qofa ykn Haadha qofa irraa hin dhalatuu jechudha. Inumaayyuu wanti takkaa dhalate tokko irraa deebi'e ykn al lamas dhalachuun akka saayinsii kanaatti kan hin danda'amne yoo ta'uu "Iyyasuus kiristoos" garuu waaqummaa isaa fi abbaa saayinsii hundumaa ta'uu isaa ibsuuf fallaa kana Dhaloota lama qabatee Addunya kanaatti muldhatee. Kana jechuun dhaloonni gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos lama jechuudha.
Isaanis

1ffaa hin uumamiin Abbaa irraa haadha malee dhalate.
2ffaa erga uumamtee waggaa 5,500 booda Abbaa malee haadha irraa dhalate. Manni kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaas Dhalootaa Gooftaa kana haala addaa ta'een yeroo hundaa ni kabajji.
1ffaa jechuun maal jechudha?
Addunyaan dura yeroo jennu Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos osoo addunyaan hin uumamin, osoo barri hin lakkaa'amin Abbaa irraa haadha malee dhalatee jechuudha. Kanas qulqulluun Phaawuloos yeroo nuf mirkaneessu.
Ibro 1: 2 "Waaqayyo ilma isaa kanaan Samii fi lafa uume." Jechuun Uumamuu Addunya dura jiraachuu Iyyasuus nuf ibsa. kun sammuu dhala namaati olidha waan ta'eef akkamitti jedhanii qoratanii bira gahuun hin danda'amu. Abbaa irraa kan inni dhalates Abbaa fakkaatee abbaan qixxaatee amalaanis abbaa fakkaatee dhalate malee akka dhaloota namaatti miti. yeroo inni itti abbaa isaa irraa adda bahe tokko illee hin jiru.

Far 2፥7 "Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche"አንተ ልጄ ነህ፥ እኔ ዛሬ ወለድሁህ።
sagaleen kun osoo addunyaan hin uumamin dura ilmi abbaa irraa dhalachuu isaa nuuf ibsa.
fakkeenya 8፥25 "Tulloonni, gaaronnis otuu hin uumaminan dhaladhe"
2ffaa jechuun..?
Addunya booda jechuun immoo addunyaan erga uumamte waggoota 5500 booda gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos qulqulleetti Durbee Maariyaam Irraa foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhachuu dhaan kan inni dhalate (nama ta'e) jechuudha. kunis raajotaan dursee dubbatamee ture. Gooftaan osoo hin dhalatin waggoota 800 dursee kan ture raajichi Isaayiyyaas
Isay 9:6 "Mucaan nuuf dhalateera, ilmi dhiiraas nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo jabaa, abbaa bara baraa, hangafa nagaa" ni jedhama."
ሕፃን ተወልዶልናልና፥ ወንድ ልጅም ተሰጥቶናልና፤ አለቅነትም በጫንቃው ላይ ይሆናል፤ ስሙም ድንቅ መካር፥ ኃያል አምላክ፥ የዘላለም አባት፥ የሰላም አለቃ ተብሎ ይጠራል። jechuun waa'ee dhaloota gooftaa ifatti raajeera.
Gooftaan keenya haadha keenya qulqulleetti Dubree Maariyaam irraa abbaa malee dhalate. kun immoo addunyaan dura abbaa irra haadha malee dhalachuu isaa caalaatti nu hubachiisa. kan raajonni waa'ee kiristoos irratti dubbatan hundi raawwatameera. otuu hin raawwanne ta'ee raajota hin jedhaman ture.
Far 132፥6 " kunoo Efraataatti dhageenye, dallaa loonii keessattis argine;
እነሆ፥ በኤፍራታ ሰማነው፥ በዱር ውስጥም አገኘነው።
raajiin "Harreen Gooftaa ishee beekte"sabni koo garuu hin beeku! Isaay 1÷3

Raaga Isaayiyyaas dubbatames raawwatamee. Yohaannis Afaanwarqee waa'ee dhaloota gooftaa akkas jechuun dubbateera......"Abbaa isaa irraa osoo adda hin ba'in jechi garakee dhufe, osoo hin murtaa'in ulfoofte, gubbaadhaa osoo hin hir'atiin gadiittis osoo hin dabalamin gadameessa kee keessatti murtaa'e... Abbaa isaa irraa osoo hin adda ba'in dhufe, jireenya isaa irraa osoo adda hin ba'in gad bu'e sadummaa irraa osoo adda hin ba'in dhufe, tokkummaa isaa irraas osoo adda hin ba'in bu'e, teessoo isaa irraa oso adda hin ba'in gadameessa durbee keessa bule..., Gubbaadha osoo hin hir'atin gadittis osoo hin dabalamin durbee irraa dhalate." jechuun dubbatee
Ergamoonni waaqayyoos yeroo gooftaan dhalatetti gara samiitti yoo ba'an ilma ,abbaa fi afuura qulqulluu waliin tokkummaan waan arganiif "samii irratti ulfinni waaqayyoof haa ta'u" jechuun galateeffatan. Gara lafaatti yeroo dhufanis Iyyasuus kiristoosiin durbee Maariyaam harkatti waan arganiif "nagaan lafa irratti dhala namaaf haa ta'u'!" jedhan. luq 2፥14
(Abbaa) ti jechuun maal jechuudha?
Ilmi abbaa irraa haala sammuun namaa qoratee beekee bira gahuu hin dandeenyeen dhalate. Abbaa irraa yeroo dhalatutti Abbaadhaan qixaatee, abbaa fakkaatee, osoo hin jijjiiramin osoo hin dabalin osoo hin xiqqaatin dhalate.

Maarree abbaadhaan "abbaa" yeroo jennu ilmaan ammoo "ilma yeroo jennu" Abrihaam Yisaaqiif abbaa akka ta'eefi Yisaaq Abrihaamiif ilma akka ta'e sana jechuu keenya miti.
dhaloonni guuftaa keenya dhugumatti .
Abrihaam Yisaaqiif abbaa waan ta'eef Yisaaqiin dursee argame. Waaqayyo abbaan garuu waaqayyo ilmaaf abbaa waan ta'eef dursee argamee jedhamu.
Abbaa ilmi Afuuri qulqulluun waaqa tokkodha wal hin dursan walis hin caalan.
Egaan Iyyasuus kiristoos ilma waaqayyooti jechuun maal jechuudha? kan jedhuuf ........lapheen jecha dursitee hin argamtu jechis laphee boodaan hin argamtu amalli isaanii tokko waan ta'eef si'a tokkicha argamu. kanaafuu abbaa ilmi Afuurri qulqulluun laphummaa Abbaatiin ni yaadu jechumaa ilmaatiin ni dubbatu. jireenyummaa afuura qulqulluutiin barabaraan jiraatu jechuudha, tokko waan ta'aniif adda hin ba'an!
Isa 6፥1-3 "Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha.
Waa'ee tokkummaa fi sadummaa Waaqayyo immo post iccitii sillaasee jedhuu irraa dubbisaa
jennee amanna.
jechuun maal jechuudha?
kana jechuun Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos Dubree Maariyaam irraa Tawaahidoodhaan foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee ta'ee jechuudha.
Tawaahidoo jechuun Tokko ta'uu, waloomuu, wal simuu jechuudha.
osoo adda hin qoodamin osoo hin jijjiiramin Tawaahidoodhaan qaama tokko amala tokko ...qaama lama irraa qaama tokko amala lama irraa amala tokko icciitii ittiin ta'edha.
=> Qaama lama kan jedhaman qaama waaqummaa fi qaama namummaa(foonummaa) ti.
=> Amala lama kan jedhames amala waaqummaa fi amala namummaati.
Qaamolee lamaanii fi amalli lamaan kan wal hin simnee fi kan wal hin fakkaanne turan.
Sababni isaa inni tokko waaqadha inni biraa immoo nama(foon) dha.
Akkasumas qaamni waaqummaa hin mul'atu hin qaqqabamu, qaamni foonummaa garuu ni mul'ata ni qaqqabama.

Egaan qaamni lama qaama tokko ta'e yoo jennu qaamni waaqummaa amala isaa oso hin jijjiirin osoo hin mul'atin qaama namummaas osoo hin dhoksin akkasumas qaamni foonummaa amala isaa osoo hin jijjiirin akkuma jirutti waaqumma waliin walsime tokko ta'e jechuudha.
Amalli waaqummaa kan hin duune kan hin dhukkubsanne kan hin dadhabne kan hin jijjiiramne dha. Amalli foonummaa immoo kan du'u kan dhukkubsatu kan dadhabu kan jijjiiramudha.egaan amalli lamaan kun tokko ta'e yoo jedhamu waaqummaan amala isaa kan hin taane kan akka du'uu dadhabuu dhukkubsachuu rafuu fikkf ofitti fudhachun foonummaanis amala isaa kan hin taane amala waaqumma ofitti fudhachuun waaqummaa waliin walsimee, tokko ta'ee jechuudha.Tawaahidoon lama ta'uun akka hafu taasiseera.kanaaf kana booda "lama jechuun hin jiru" Yoh 20፥26.
Tawaahidoodhaan waaqni nama ta'eera namni waaqa ta'eera.
Akkuma duraan ibsine waaqni nama waan ta'eef kennaa kan ture ni fudhate kan hin rafne ni rafe.cimaa kan ture dadhabaa ta'e. Luqqifanni kun kana ni ibsa.
luq 2፥7 ...siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite.
Mar 4፥38"...Iyyasuus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee ni rafa ture
Yoh 10፥18.....abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe
Yoh 4 ፥7 ".....Iyyasuus, "Bishaan dhugaatii anaaf kenni!" ittiin jedhe
2qor 8፥9"...inni badhaadhaa otuma jiruu deegaa ta'uu isaatiin isin badhaasuudhaaf isiniif jedhee deegaa ta'e.
Yoh 4፥6 "....Iyyasuus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef, boolla bishaanii sana bukkee taa'e!
namni(foon) immoo waaqa waan ta'eef fudhachaa kan ture kennaa ta'e dadhabaa kan ture cimaa ta'e du'aa kan ture jiraataa ta'e.dadhabaa kan ture cimaa ta'e.
Ragaa kitaaba qulqulluu kana ilaali
Yoh 8፥59 "...; inni garuu of dhoksee mana qulqullummaa keessaa ba'ee adeeme
Yoh 14፥27 "....Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti,
Yoh 14፥13 "....waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha.
kan nuti ilaalaa turre hundi Iyyasuus kiristoosiin kan dubbatameefi waa'ee Iyyasuus kiristoos kan himudha.
Ragaawwan kana irraa kan nuti hubannu lama ta'uu osoo hin taane Tokkummaadha.
waaqni nama ta'e yeroo jennu amala waaqummaa isaa dhiisee nama ta'e jechuu miti. namni waaqa ta'e yeroo jenus amala namummaa isaa dhiisee waaqa ta'e jechuu miti. Tawaahidoo keessatti ta'uu malee ta'uun jijjiiramuun hin jiru. jijjiiramuun amala waaqummaa miti.
Milk 3፥6 "ani waaqayyo hin jijjiiramu"
kiristoos bakka lamatti kan hin qoodamne ta'uu amala lamas kan hin qabne ta'uu qulqulluun Phaawuloos dubbatee jira.
1qor 1፥13 "Kiristoostu gargar hirame mooree?"
1qor 12፥5 "... Gooftaan tokkichuma."
'i?
Gabaabumatti Deebiin lakki tokko miti
maatiin ykn abbaa fi haati keenya nu godhatan malee nu hin uumne.
uumaan Sillaasee qofadha.
uumamuun kan duraan hin jirre irraa gara jiraachuutti dhufuudha. Dhalachuun garuu fakkaatanii qixxaatanii argamudha. Kanaafuu kiristoos ni dhalate malee hin uumamne. kan uumame nu'i ilmaan namootadha.
Kiristoos Aalfaa fi oomeegaa duras kan ture ammas kan jiru bara baraan kan jiraatudha.
Room 9:5 "kiristoos fooniin dhufe innis hundumaa ol kan ta'ee fi barabaraan waaqa eebbifamaadha."
Galanni Waaqayyoof haa ta'uu ameen.
Waaqayyo kadhannaa qulqullootaan kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni wareegamtootas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti.
Araarsummaan haadhaa keenyaa nu waliin haa jiraatuu. Ameen!!! 'uu_
Hora Bula

https://youtu.be/sU5AG0IwWuo?si=AVeYBdtTiyqhjJ-ySubscribe gochuun hordofa
14/12/2023

https://youtu.be/sU5AG0IwWuo?si=AVeYBdtTiyqhjJ-y

Subscribe gochuun hordofa

JIRRAHin jiran jennaan nuti jiraanneBadan jennanis nut baay'anneJirra Waaqayyoodhan darbineJirra Gooftaan hundumaa ceene /2/Eedaa namni waan fiiguuf hin duur...

Leenjiin Barnoota Sirna galatoo WDB walisoon  egalameera
15/11/2023

Leenjiin Barnoota Sirna galatoo WDB walisoon egalameera

✝️✝️✝️Waldaa Duuka Bu'ootaa✝️✝️✝️❤️Wiirtuu Shawaa Bahaa Adaamaa❤️Kitaabile Afuurawaa kam Barbaaddan???👉Kitaaba Sirna Gal...
09/08/2023

✝️✝️✝️Waldaa Duuka Bu'ootaa✝️✝️✝️
❤️Wiirtuu Shawaa Bahaa Adaamaa❤️
Kitaabile Afuurawaa kam Barbaaddan???
👉Kitaaba Sirna Galatoo(Qiddaasee)
👉Gitsaawee
👉Amantaa Abbootaa
👉Kitaaba Sinkisaaraa
👉Raajii Maariyaamii
👉Waaqaa fi Oromoo
👉Jiruu jireenya Qabu
👉Kitaaba Cuuphaa fi Takliilii
👉Maaliif dhiphatta?
👉Mallattoo Bara Xummuraa Fi kanneen biroo heddu.....
👉Ixaana
👉Dungoo(Xuwaafii)
👉Dungoo(Shaamaa)
👉Dhaabbannoo
✰ Zabiibi
✰ Didibbisaa
✰ Kiraarii
✰ Masiinqoo fi kkf
baay'inaanis tahee muraasa Barabaaddu taanan gara Suuqii gurgurtaa Meeshaalee Qulqullaa'oo WDB Adaamaatti goraa.
✍️Bilbilaanis ajajuu dandeessu. Iddoo jirtanitti siniif erguu dandeenya.
➡️Teessoon. M/K/K/Tulluu Biiftuu Qulqulleettii Maariyaamii Adaamaa.
➡️Lakk. Bilb. 0913845079

Ilma kee jaallatamaa san waliin gara kiyya kottuንኢ ሃቤየ ምስለ ወልድኪ ፍቁርኪ
08/08/2023

Ilma kee jaallatamaa san waliin gara kiyya kottu
ንኢ ሃቤየ ምስለ ወልድኪ ፍቁርኪ

23/07/2023


Abbaa Gabri'el jedhamu isaan jireenya isaani hundaa barnoota Fi monokosumma gadaami keessaatti Uumurii isaani kan dabarsanidha.

Barnoota managmenti degerii 2ffaa ni qabu mallee nama geggeessumma hin beekne miti isaan nama waa xinxaalu Fi hubachuudhan dhalloota barsisuudha 💯

Phaphaasotni biyyaa keenya diiga jiraan haraa garuu ulaaga barnootattin uttuu hin taane ulaaga hiidhano meesha lolaattin kan muudaman fakkaatu isaanis miseensota "FAANNOO" Kan ta'aan kaneen akkaa Abbaa abrihami Fi Abbaa phexiros

💯Abbaan gabri'el akkaa hin muudamnedhaf isaan kan cichaani falmaanifis

1.Barnootan isaan Wan caallanifi
2.Uummaata isaanif kabaaja waan qabanifi
3.Dhugaa mallee sobu wan isaan hin barbaanef
4.tajaajili afaan oromoo waan babalatuufi
5.Ijaarsa Ilma nama mallee kan dhunfaa isaani waan hin barbaanefi

Sabaaba kanaaf namni kun jiibamani argaaman biyyi lafaa yoom nama dhugaa dubaatu jaalate beekti silaas kanaaf warrii oromoo Fi oromiyaa samaani baraan oromoon jabaa nama isaan akkaa hin geggeefamne godhu sif haa galluu Yaa Oromoo OROMOO ORTODOKSII O² O² jabaadhu

Namooni jaallatan qofti




https://youtu.be/RvsFaTB7HwQLinkii kanarra guutuusaa buufachuu dandeessu
28/06/2023

https://youtu.be/RvsFaTB7HwQ
Linkii kanarra guutuusaa buufachuu dandeessu

© Gemachis Official studio is the only channel licensed for the distribution of Ethiopian Orthodox Tewahedo Church Spiritual Songs .chaanaalii Kun faarfanna...

27/06/2023

Guutuu isaa ammoo Gemmachis official Studio irratti nu eegaa.
Faarfannoo Kan nuu dhiyeesan WDB Wiirtuu Walisoo Gindootti gaafa 18/10/2015 nuu galateeffadhaa.
GOS daawwadhaa! Jaaladhaa! Qooddadhaa!Sabisikiraayib godhaa! Liinkii kanaan nu argattu.
https://youtu.be/yRsP2iLGhS0/GemmachisOfficialStudio

የታዕካ ነገሥት በዓታ ለማርያም ሠራተኞችና ደቀ መዛሙርት የአባ አብርሃምን ሥራ በመቃወም ሰልፍ አደረጉ።ዝርዝር መረጃውን አጠናክረን እንመለሳለን።ምንጭ: Hailemichael Tadesse
13/06/2023

የታዕካ ነገሥት በዓታ ለማርያም ሠራተኞችና ደቀ መዛሙርት የአባ አብርሃምን ሥራ በመቃወም ሰልፍ አደረጉ።
ዝርዝር መረጃውን አጠናክረን እንመለሳለን።
ምንጭ: Hailemichael Tadesse

Biyyaa lallaba godina shawaa kibbaa lixaa aana sabbaata awaasitti leenjiin qiddaasee afaan oromoo torban tokkoof bulchit...
03/06/2023

Biyyaa lallaba godina shawaa kibbaa lixaa aana sabbaata awaasitti leenjiin qiddaasee afaan oromoo torban tokkoof bulchitoota manneen amanta,luboota,lallaboota wangeela fi daaqonootaaf kennamaa turee guyyaa har'a caamsaa 25/2015 xumuramee jira.
xumura leenjicha irratti eebbifamoon Abbaan keenya abba a sawiroos angafa phaphasii lallaba biyyaa godina shawaa kibba lixaa fi gaanfa afrikaa,Itti gaafatamoo kawaala Miskayee Izunaan Madani'alam Finfinnee, Malaaka Hayil Qomoos Abba Afawaqii Yohaanis Mana lubbummaa walii galaa,
Magaabee Xibabaat Luba Damisoo Marshaa, hojii gaggeessaa lallaaba biyyaa godiina shawaa kibbaa lixaa
Malaaka salaam Lubba Alamaayyoo Tafarraa hojii gaggessaa mana lubbummaa Aana sabbataa Awaas fi hojjattota saganticha irratti argaman hundaaf ergaa jaabadha, ummata keessan qooqa isaan danda'aniin tajaajila,
tajaajilli afaan kanaa akkaa lafaa qabatuuf jabaadhatii gahee kessaan bahaa,qooqni qooqa caallu hin jiruu waan ta'eef nuttis qooqa kanaan tajaajilaa yoo jennuu ergama biraa qaabnee otoo hin ta'iin Uummataa guddaa kana qooqa innii beekuun yoo tajajilaa ta'ee ergama mana amantaa keenyaa seeraan bawuu keenya agarsiisa waa'aan ta'eef jabaadha ergaa jedhuu dabarsanii,Leenjichi immoo ebbifaammo abba keenyaa Abbaa sawiroosiin xumurameera.

Achumaan gara hojiitti akka nuuf seenu abdiidhaan eegganna. Waaqayyo nu waliin haa ta'u.

''Duraanu'' hin tolle Sinodoosi Oromiyaafi sabaaf sablamoota Itiyoophiyaa mirkanaa'uu qaba.
18/05/2023

''Duraanu'' hin tolle Sinodoosi Oromiyaafi sabaaf sablamoota Itiyoophiyaa mirkanaa'uu qaba.

Address

Waliso
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dn Gemmachis Tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dn Gemmachis Tube:

Videos

Share