Singer Ararsa Daba

 #. Luba koo
24/04/2024

#. Luba koo

Mootummaakee jigsaala🤔shoroorkeessaan hurreessee?Bulchiinsakee dabsaala🤔dhugaa sobaan burreessee?Tarii DulloomteetummooT...
23/04/2024

Mootummaakee jigsaala🤔
shoroorkeessaan hurreessee?
Bulchiinsakee dabsaala🤔
dhugaa sobaan burreessee?
Tarii Dulloomteetummoo
Tokko dhufee si caalaa?
Ormimmoo si kuffisuuf
Teessookee balfa faalaa?
Jedhee maaltu siif shakka
maal wallaaltees qo'atta
Yesuus Eessa siif ripha
Takkaatti ardii to'atta.
# Solomon Alemu

  KOO!Obboleessa Koo Faarfataa Koorsaa Yaaddessaa Ayyaanni Siif  Haa Baay'atu!  Korsa Yadesa
22/04/2024

KOO!
Obboleessa Koo Faarfataa Koorsaa Yaaddessaa Ayyaanni Siif Haa Baay'atu!
Korsa Yadesa

 🤔 Waaqayyo bara kakuu isa haaraa kanatti hafuura isaatii fi ayyaana isaa safara malee jaalala guddaa wajjin dhangalaase...
20/04/2024

🤔

Waaqayyo bara kakuu isa haaraa kanatti hafuura isaatii fi ayyaana isaa safara malee jaalala guddaa wajjin dhangalaaseera. Kennaalee ayyaanaas kennaa godhee Waldaa Kiristaanaatiif kenneera. Kanaaf namni kennaan ayyaanaa itti kennames, kennaan ayyaanaas kan Waldaa Kiristaanaati malee kan eenyuu iyyuu miti. Eenyu illee qabeenya dhuunfaa isaa godhee waan ofii barbaaduuf akka itti hin fayyadamnetti, kennicha inni kenne Waaqayyo Waldaa Kiristaanaatiif kennuu isaa Macaafni Qulqulluun nutti hima!

“Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaa garaa hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa'ee baasutti ittiin haa hojjetu. Inni dubbatu, isa Waaqayyo jedhe haa dubbatu; inni waa hojjetus, humna Waaqayyo isaaf kenneen haa hojjetu; Waaqayyo waan hundumaan karaa Yesus Kristos ulfina haa argatu! Isaaf ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen. (1Phex.4:10-11)

:

1. Dhaloota sobee harka nuuf reebu kana ilaallee, osoo dogoggorruu an dogoggoraa hin jiru jennee isa hirriba salphinaa rafnee jirru kana keessaa haa dammaqnu.

2. Waaqayyoon gaddisiisaa namoota gammachiisuuf fiiguu kana keessaa haa deebinu. Joormaa bu’aa hin qabneedhawo!

3. Saba taajajjillu jalaa Kirisoosiin isa fannifame dhoksinee ofii keenya itti agarsiisuu irra haa fayyinu. Kana goonee yoo argamne akka deebinee hin mul’annetti dhokachuuf jirra!

4. Giddu galeessa tajaajila keenyaa fedha Waaqayyoo, jaalalaa fi ulfina isaa haa godhannu.

5. Tajaajila keenya hundumaa keessatti, tajaajila Yesuus fakkeenya haa godhannu. Akkuma isaattis gadi of deebisuudhaan Waldaa Kiristaanaatiif hojjechuu keenyaan, Waaqayyoof haa hojjennu.

6. Tajaajilli keenya, jireenyi keenya, akki nuti itti namoota gidduu jiraannu faallaa kan Yesuus isa waan hundumaatti angafa ta'ee akka hin taaneef haa akeekkannu.

7. Saba tajaajillu akka bu'aa yaalitti waa irratti yaaluu fi shaakala hin barbaachifne irratti shaakaluu haa dhiifnu.

8. Warra tajaajillu caalaa nurraa waan eegamuuf, waan goonu hunduma isaaf gaafatamuuf akka jirru yeroo hundumaa haa yaadannu.

9. Waldaa Kiristaanaa tajaajiluutti gatii baasuu keenyaaf, gatiin keenya Waaqayyo biraa akka ta'e beeknee waan lafa kanaatiif garba ta'uu haa dhiifnu.

10. Wangeela dhugaa dhiifnee isa kan biraa, hafuura dhugaa dhiifnee isa kan biraa, Yesuus isa dhugaa dhiifnee isa kan biraa lallabuun abaarsa nurraa hin kaane akka nutti fidu haa yaadannu!

Gal.1:8 Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa 'ta'u! ⁹ Akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immoo keessa deebi'ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela isa isin fudhattanittii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u!

11. Tiksitoonni immoo akka angafni tiksootaa tiksetti hoolota Waaqayyoo haa tiksinu. Tiksee bara keenyaa fi hoolonni wal beekuu dhabuun ka’unsa kufaatii Waldaa Kiristaanaa ta’aa jirawo!

1Phe. 5¹ Ani akkuma isaanii maanguddoo, dhuga-baatuu dhiphina Kristos akkasumas hirmaattuu ulfina isa mul'achuuf jiruu ta'ee, maanguddoota isin gidduu jiran nan gorsa.² Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin ta'in, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, bu'aa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin ta'in, of kennuudhaan eegaa!³ Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta'uudhaan eegaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti.⁴ Gaafa angafni tiksootaa sun mul'atutti, isinis immoo gonfoo ulfinaa isa gad deebi'aa hin adeemne in argattu.


Kana akka goonuuf, isa ta’uu qabnu dhiifnee isa ta’uu hin qabne akka hin taaneef Waaqayyoo qalbii keenya wangeelaaf haa banu. Yaada isaa, fedhaa isaa, jaalala isaa fi gammachuu isaaf akka hojjennuufis Waaqayyo ayyaana isaa hunduma keenyaaf haa baayyisu. Gammachuu Waaqayyo abbaa isa dhumaa Kirisoosiin dhoksuu haa dhiifnu. Kana akka goonuufis caalmaatti ayyaanni nuuf haa baayyatu. Ergaa kana namoonni akka dibbisaniif yoo gootan nan gammada. Isinan jaalladha!

!
Suurri nama biyya Oromoo-Ebisa Bayissa isa dullumni baqatee wajjin. Akkuma jaarsi jedhan “DEEMSI ITTI FUFA!”🥰🙏🏽

Waadaa Bultii Caalii

"Baraa fi Furguggee Gad Jedhanii Dabarfatu" Jedhani.
20/04/2024

"Baraa fi Furguggee Gad Jedhanii Dabarfatu" Jedhani.

20/04/2024

Wangeelli kan Bara Baraati

Waaqayyo Tiksee Kooti🙏🙏
20/04/2024

Waaqayyo Tiksee Kooti
🙏🙏

20/04/2024

SANBATA GUDDAA
GUYYAA GUUTUU

“Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isa jajadhaa! Maqaa isaa isa namatti tolu faarfadhaa!”
— Far. 135:3

✍️. Amalli Gaariin Kiristoos keessa jiraachuun Gaarii Tahuu Isaa mul'isa. Akka Jiruufi Jireenyi Kee Inni Lafarraa fi inn...
19/04/2024

✍️. Amalli Gaariin Kiristoos keessa jiraachuun Gaarii Tahuu Isaa mul'isa.
Akka Jiruufi Jireenyi Kee Inni Lafarraa fi inni waaqarraa siif Bareeduuf Kiristoos keessatti Of Eeggadhuu Jiraadhu.

Haala kam keessayyuu jiraadhu, wantootan kanaa gaditti siif caqasu kana hin dagatiin.

1. Yeroo Aartee Jirtutti Deebii Namaaf Hin Kenniin.
2. Yeroo Aartee Jirtutti Waa Hin Murteessiin.
3. Yeroo Gammaddee Jirtutti Waadaa Hin Galiin.
4. Daftee Aarta Yoo Ta'e Lafa Mormiin Jiru Hin Turiin
5. Hiriyaa keetiin Yoo Wal Dhabde Icciitii Jireenya Isaa Gad hin Guurin. Ykn hin odeessiin.
6. Jabina Hiriyaa kee Malee Dadhabina Hiriyaa kee Namoota kaanitti Hin Odeessin.
7. Waan Ofii Raawwachuu Dandeessu Malee Waan ofii keetifs namni biraas hin dandenye itti hin fe'iin.
8. Waa'ee jaalalaa barsiisuuf dursa ofii kee jaaladhu.
9. Yoo Ofii Keetiif Namaaf Gaarii Goote Malee Namarraa waan gaarii hin eegiin. Yoo Tureyyu Namni waanuma Facaase haammataa.
10. Uumaa Uumama hundaa kan ta'e Waaqayyoof Malee Hin Sagadiin.
11. Akka duutu Hin dagatiin. Yoo Akka Duutu Yeroo Hunda hin dagattu ta'e waan gaarii goota. Erga du'anii booda hojii gaarii hojjechuun hin jiru.
12. Akkuma lubbuun kee Foon kee keessa Jirtu Foon keetis uffata Kee keessa Akka jiru hubadhu. Maalif beektaa? Uffanni Ati godhattu yoo dhumeyyu foon kee waliin hin dhumu. Foon keetis yoo bade lubbuun kee hin baddu. Yoo yesuusitti hin amanne ta'e lubbuun kee Baddee hin baddu jiraattee hin jiraattu garuu bara baraan guggubatti. Yoo yesuusitti amante garuu Hin baddusi hin gubattusi bara baraan jiraatti mirga waaqayyo abbaa.
13. Dhumni dubbii keenyaa Kiristoosiin akka bareeduuf jalqabni dubbii keenyaas kiristoosiin haa jalqabu. Ykn haa tahu.

"Hamma Beekan,
Mana Eegan " jedha Oromoon.

Fuula Fb koo Add osoo hin taane follow godhaa.
Obboleessa keessan Faar. Araarsaa Dhaabaa

✍️. INAAFFAA👉.Inaaftonni dhabamanii hin beekani.Waaqayyo garuu Otoodhuma Inaaftonni Hedduun Jiranii Maaddii Haaraa Naaf ...
19/04/2024

✍️. INAAFFAA

👉.Inaaftonni dhabamanii hin beekani.
Waaqayyo garuu Otoodhuma Inaaftonni Hedduun Jiranii Maaddii Haaraa Naaf qopheessa. Yeroo hundumaa maqaa waaqayyoo waammadheen ulfinaa gara ulfinaatti darba. Tarii yeroo baay'ee akka ilaalcha namaattis akka barsiisa mana amantaa garagaraattis diinni ilma namaa seexana jedhamuu mala. Inaaftuun ilmaan namootaa seexana jedhamuu mala. Dhugaadha diinni ilmaan namootaa seexanadha. Haa ta'uuyyuu malee inaaftuun ilmaan namootaa namuma. Namni inaaffaa hamaadhaan yemmuu qabamu ilma namaatiif diinaa hamaadha. Seexanni guddina ilmaa namaa kan inni jibbu karaa jireenya hafuuraatiin malee guddina fooniitiin miti. Seexanni kan inni inaafu yoo yesuusitti amananii yesuusiif jireenya qulqulluu jiraataniidha.
Namni garuu karaa kamiinuu inuma inaafa. Yoo tajaajiltee milkoofte ni inaafa.
Yoo hojjettee milkoofte ni inaafa.
Gaa'ela milkaa'aa yoo qabaatte ni inaafa
Hojii gaarii galii ba'eessa si argachiisu yoo qabaatte ni inaafa.

👉. Walumaa galatti Seexanni Jireenya bara baraa argachuu keetti sitti inaafa.
Namni immoo Jireenya gabaabduu lafa kanaa irratti siif milkaa'uu isaatti sitti inaafa.

✍️. Furmaanni Inaaftonni Akka jiran Beektee Gara Fuulduraatti Tarkaanfachuudha.
Namoonni tokko tokko Rakkinaa fi Gidirfamuu Isaa otoon Hin argiin Abalu kun du'uu hin qabu kan jedhanis jiru.
Kun Inaaffaa hamaadha. Keessa garaa isaa dhiisee gubbaan isaayyuu nama akkanatti inaafu guggubachuun isaa hin oolu.

Inaaftonni jireenya qajeelinaa jiraachuu hin danda'ani.
👉. Ati garuu of eeggadhuu Jiraadhu.
Yoon dogongoreef dhiifama.
Hubadhu: Inaaffaan Gosa Lamadha.
1. Inaaffaa Garaa qulqulluudhaan qajeelummaadhaan qajeelummaan inaafanii fi
2. Inaaffaa Garaa Jal'inaan Guutameen Hammeenyaan Hammeenyaaf Inaafaniidha.
Eebbifamaa
Obboleessa keessan Faar. Araarsaa Dhaabaabaa

12/03/2024

Dilbata Dura Keenyaa Kana Waaree Booda
Sagantaa Addaa waan Qabnuuf Hirmaattota Sagantaa kanaa akka Taatan Jaalala waaqayyootiin Isin Affeerra.

11/03/2024
26/02/2024

Address

Addis Ababa

Telephone

+251940158182

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Singer Ararsa Daba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Singer Ararsa Daba:

Videos

Share