ShegerPress.com

ShegerPress.com Infinite ♾️ opportunity for all

04/05/2023








Haleellaa Saayibarii ittisuun Birrii biiliyoona 19 baràaruun danda'ame Baatiwwan salgan darban Haleellaa Saayibarii itti...
04/05/2023

Haleellaa Saayibarii ittisuun Birrii biiliyoona 19 baràaruun danda'ame

Baatiwwan salgan darban Haleellaa Saayibarii ittisuun Birrii biiliyoona 19 baràaruun danda'amuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksise.

Baatiwwan salgan darban yaaliwwan haleellaa Saayibarii kumni 4 fi 422 raawwachuu eereera.

Kanneen keessaa kuma 4 fi 272f deebiin laatamu Daayrektarri Olaanaan bulchiinsichaa Salamoon Sokkaan ibsaniiru.

Haleellichi harki caalu dhaabbilee Faayinaansirratti kan xiyyeeffatan ta'uu eeraniiru.

Dhaabbileen Nageenyaa fi Tasgabbii, Miidiyaaleen dhaabbileen mootummaa ijoo ta'anii fi Manneen hojii Ministeerootaa toora xiyyeeffannoo haleellichaa kan turan turan ta'uu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul'isa.

Ajaay Baangaan Perezidaantii Haaraa Baankii Addunyaa Ta'uun Filataman.Baankiin Addunyaa Pireezidaantii haaraa Ajaay Baan...
04/05/2023

Ajaay Baangaan Perezidaantii Haaraa Baankii Addunyaa Ta'uun Filataman.

Baankiin Addunyaa Pireezidaantii haaraa Ajaay Baangaa filate.
Baankichi ogeessa faayinaansii fi invastimantii Ameerikaa duraanii, Perezidaantii taasisuun filachuu isaa beeksise.

Miseensonni Boordii Baankii Addunyaa, Ajaay Baangaa perezidaantii ta’uuf sagalee caalmaa tokkoon kan hin mormine ta’uun raggaasisaniiru.
Kana hordofuun, Perezidaantii Baankii Ameerikaa ammaa Deeviid Maalpaas bakka bu’uun, Baatii Waxabajjii keessa bakka kana akka fudhatu himama.

Pirezidaantiin Baankii ammaa, Malpas jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti deebii ariifataa waan hin kennineef aangoo gadhiisuuf dhiibbaan isaanii dabalaa dhufuu irraa kan ka’e, aangoo gadhiisuu isaaniin dura, aangoo akka lakkisan himama.

Odeeffannoon Baankichaa akka agarsiisutti, perezidaantiin filataman kun kanaan dura dhaabbilee Faayinaansii fi Invastimantii keessatti, ogummaa irraa kaasee hanga hojii olaanaatti hojjetaniiru.
Baangaan ganna 63, waggoota 11f Master Card bu'aa qabeessa ta'ee akka hooggane himama.

Odeeffannoon waa'ee perezidaantii haaraa kanaa akka agarsiisutti, Baangaan qabeenya doolaara miiliyoona 206 qaba.
Ajay Baangaa hawaasa "S**i" kan Hindii keessatti, baay'ee cunqurfamaa ta'e irraa kan dhufe yoo ta'u, waggoota 15 oliif, Muummicha Ministeeraa ta'uun Hindii hoogganee, hawaasa kana keessaas kan dhufedha.

Gara aangootti dhufuun isaa, lammiilee Hindii keessumaa hawaasa isaan keessa jiraniif akkasumas kutaalee hawaasaa sababoota adda addaatiin biyya hunda keessatti jiraataniif kabajaafi jaalatama guddaa akka qabaatutu amanama.

Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.

Lola waggoota shanii booda yeroo duraatiif mariin araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa giddutti godhame, dhimmoota tokko ...
04/05/2023

Lola waggoota shanii booda yeroo duraatiif mariin araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa giddutti godhame, dhimmoota tokko tokko irratti waliigalamuu baatus, walhubannaan gaariin uumamuu ibsa gama lachuun baherraa ni hubatama. Haaluma kanaan marii marsaa itti aanuu gochuuf waliigaluu isaaniis agarra. Hawwiin ummata keenyaa waliigaltee guutuu nagaya buusuu dhagayuu ta’us, bu’aan marii kanarraa argames gaariidha. Hammasiifuu tarkaanfilee jechaafi gochaa kan bu’aa ( progress) marii marsaa kanaa irratti argame of duuba deebisan irraa gamni lachuu of qusachuu barbaachisa. Inumaatuu hojiilee daran walitti dhiheessuuf fayyadan dalaguutu irraa eeggama. Deeggartoonni gama lachuutis ta’ee ummanni bal’aan mariin marsaa itti aanuu dafee akka eegaluufi waliigalteerra akka gayamu dhiibbaa godhuu feesisa.




Via Jawar Mohammed

Atileetii Beekamtuun Lammii Ameerikaa Tori Bowie, Lubbuun Ishee Addunyaa Kanarraa Darbe. Atileet Tori Bowie, lammii Amee...
04/05/2023

Atileetii Beekamtuun Lammii Ameerikaa Tori Bowie, Lubbuun Ishee Addunyaa Kanarraa Darbe.

Atileet Tori Bowie, lammii Ameerikaa kan taate, fiigicha gabaabaa Meetira 100fi 200 fiiguun beekamtu Roobii kaleessaa sababa hin beekamneen lubbuun ishee darbee Reeffi ishee Mana jireenyaa ishee Filooriidaa keessatti argamee jira. Sababiin du'a Atileetii kanaa hanga ammaatti ifa hin taane.

Atileetiin kun Shaampiyoonii bara 2017 irratti fiigicha Meetira 100n Meedaaliyaa sadii kan ijifatteefi Fiigicha Olompikii hedduu irratti Meedaaliyaa hedduu Atileetii walitti qabatedha. Umurii ishee waggaa 32tti lubbuun ishee kan darbe Atileetiin kun Ispoortii Utaalchooniitiinis ni beekamti.

Boqochuu Atileet Tori Bowie kana ilaalchichee Waldaan Atileetiksii Addunyaa gaddi guddaan akka itti dhaga'ame ibsachuun, Maatiifi hiriyoota isheef jajjabina hawwee jira.

Magaalaa Bishooftuu Kutaa magaalaa Duukamitti burjaajessitoonni namoota hojii baankii isin galchina akkasumas biyya alaa...
04/05/2023

Magaalaa Bishooftuu Kutaa magaalaa Duukamitti burjaajessitoonni namoota hojii baankii isin galchina akkasumas biyya alaa isin ergina jedhanii gowwoomsaa turan hidhaa cimaa waggaa 9 fii qarshii 5000niin adabaman.

Address

Gabon Street
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ShegerPress.com posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like