Ulee Amantaa

Ulee Amantaa Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan afuura Qulqulluu sadan Waaqa Tokkoo Ameen.

Peejjiin , gama midi'aa hawaasaatiin sagalee Waaqayyoo barsiisuu fi, Ogummaa qabnuun Waaqayyoon haa tajaajillu

Gooftaan Dhalateera,πŸ™
05/01/2024

Gooftaan Dhalateera,πŸ™

||Gooftaan Dhalateera|| F/taa Dn Ebbisaa Bayyataatiin( +251949442922)Baga Nagaan gara Ezraa Tubii dhufta , Ezraa Tubiin Faarfannaa Afuuraa , Diraamaa Afuuraa...

✝️ Iyyasuus Kiristoos Dhalachuun Maaliif Isa barbaachise ? ✝️~~~~~~~Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mootiin moototaa ...
02/01/2024

✝️ Iyyasuus Kiristoos Dhalachuun Maaliif Isa barbaachise ? ✝️
~~~~~~~

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mootiin moototaa hundaa ol Kan ta'e hundumaas gochuu kan danda'u. Wanti Isaaf dadhabamu tokko illee tasa hin jiru. Dhalachuu dhiisee jechuma isaatiin samii utubaa malee dachee kana kan diriirse Addaamiin " Fayyii" jedhee fayyisuu ni danda'a ture, garuu dhalachuun kan Isa barbaachiseef sababoonni bay'een ni jiru.

πŸ‘‰ Seexanni diinni Addaamii fi Hewaan foon bofaa uffatee afaan boofaan haasa'ee waan ajjeeseef. Uum. 3:13, Kanaaf haala kanaan deebisuuf foon namaa uffatee dhiiga namaa naqatee dhalachuudhaan mucaa namaa fay'isuuf jedheeti.
πŸ‘‰ Waadaa Addaamii fi Hewaaniif gale rawwachuu jedheeti. Siraak. 2:-46
πŸ‘‰ Jaalala mucaa namaaf qabu ibsuuf jedheeti. 1Yoh. 4:7
πŸ‘‰ Dubbii raajotni raajan dhugoomsuuf. Isay. 7:14,96
πŸ‘‰ Raajotni bara xumuraa jala namootni hundinuu afaan Waaqayyoo irraa ni baratu kan jedhan raawwachuuf. Isaay. 54:13, Yoh. 6:45
πŸ‘‰ "Addaam nu keessaa akka isa tokko ta'e" Uum 3:25 jecha dubbatame kana raawwachuuf kan dhalateedha.

✍️ Dn Hundesa Melkamu
πŸ‘‰ https://t.me/uleeamantaa
Ayyaana gaarii nuuf haa ta'u
( Galmee seenaa ,kitaaba Abba Gammachiis , fi barruullee adda addaan wabeeffadhe)

Kaleen ishee lamaan Fail godheera     Gargaarsa atattamaa( Waaqayyoon haa kadhannuuf Haga humna keenyaa haa birmannuuf)M...
06/11/2023

Kaleen ishee lamaan Fail godheera
Gargaarsa atattamaa
( Waaqayyoon haa kadhannuuf
Haga humna keenyaa haa birmannuuf)

Mucaan isin suuraa irratti argitan kun Hawwii Tashomee Tolaa jedhamti. Tashoomee Tolaa Buushan jechuun barsiisaa keemistirii ta'ee waggaa dheeraa mana barumsaa Najjoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa'insaa Najjoorra barsiisaa turee, Sana boodas koleejjii barsiisotaa Shaambuurra waggootaaf barsiisaa ture. Ji'uma kana jijjiirraan Gara magaala Shaggar dhufee isaa hojii eegalu mucaan isaa maqaa ishee Hawwii Tashoomee jedhamtu, Yuniveersiitii bulee Horaa irraa barumsa waggaa 3ffaa hordofaa utuu jirtu rakkoo fayyaa cimaa ishee mudateen mana yaalaa Yuniveersiitichaatti yaalamaa turtee humna isaanii ol waan ta'eef Gara hospitaala Hawaasaatt rifeerii godhanii hospitaalichis humna ol waan ta'eef gara Finfinneetti dabrse. Yeroo ammaa kana, haala suuraarra argitan kanaan hospitaala dhuunfaa Yaanneetii ( Yanet internal specialized Hospital ) keessatti yaalamaa jirti. Yaaliin kunis Kidney dialysis godhamaafii waan jiruuf , kunis akkuma beekamu baasii nama tokkootiin waan hin danda'amnee fi baasiiwwan guddaa waan gaafatuu fi haala kanaanis baasii guddaadhaan yaalamaa waan jirtuuf , hiriyyoonnii fi barattootni B/saa Tashoomee Tolaa , hiriyyoonni barattuu Hawwii Tashoomee amma humna keenyaa bira dhaabbannee lubbuu mucaa kanaa Haa baraarru. Lakkoofsi herregaa Kan maqaa barsiisaa 'Tashomee Tola Bushan ( abbaa Hawwii) dhaan jiru

Commercial Bank
1000039789632
Teshome Tola Bushen

Awash Bank
01320036720700
Teshome Tola Bushen

Oromia Bank (international)
1184869700001
Teshome Tola Bushan

Lakk bilbilaa B/saa Teshome Tola +251913879180
Namoota qaamaan gaafachuu barbaaddaniif Yanet specialized Hospital Naannoo Hayat marfata Darartu cina

Eebbifamaa!Hamaan isin hin argini!

Waaqayyo fayyaakee siif haa deebisu hiriyyeeπŸ™

( namooti gargaartan dabalataaf Kuulaa Chali Almadii quunnamaa )

08/10/2023

β€œKunoo Waaqayyo Duumessa Ariifatuun Baatamee Gara Gibtsii ni Dhufa” Isa 19:1

27/09/2023

Amantoota Orthodoksi Tewaahidoo maraaf ;Baga Ayyaana Yaadannoo argamuu Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin ga'e πŸ™

10/09/2023
Manni kiristaanaa keenya sadarkaa kana irra gahuun nama gaddisisaa!
09/08/2023

Manni kiristaanaa keenya sadarkaa kana irra gahuun nama gaddisisaa!

Silaa sirbituu irraa farfannaa eegduu?"Titiisa irraa damma hin eegan " jedhu!Kana tuffadhaa dhiisaa! Nuti kan itti amann...
29/04/2023

Silaa sirbituu irraa farfannaa eegduu?
"Titiisa irraa damma hin eegan " jedhu!
Kana tuffadhaa dhiisaa! Nuti kan itti amanne beekna, namnis nutti hin himu!

+ Hosaa'inaa + Dilbata Saddeettaffaa...Hosaa'inaa jedhama. Hosaa'inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuudha.( Far 117(118)...
08/04/2023

+ Hosaa'inaa + Dilbata Saddeettaffaa...

Hosaa'inaa jedhama. Hosaa'inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuudha.( Far 117(118):25). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Iyyerusaalemitti faarfannaadhaan waan galeef, yoo galus Faarfannaa "Hosaa'inaa Ilma Daawwit maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan ebbifameedha jedhu, Hosaa'inaa Ilma Daawwitiif , Hosaa'inaa Aariyaamitti jedhuun farfataa turan. Hayyuun Amantaa Yaareedis Faarfannaa kana gadii qopheessee faarfateera.

" Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu'oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyarusaalemittis manguddoonni fi ijoolleen baay'een baala meexxii qabatanii Hosaa'inaa Aariyaamitti jedhanii simatan. Buukarii harree irra taa'ees gammachuu guddaadhaan gara Iyyerusaalem seene. Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf."

Gooftaan keenya duuka buutota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru deemaa ilmoo harrees hidhamtee agartu hiikatii naaf fidaa yoo namni isin gaafate Gooftaa keenyaaf barbaachifti jedhanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe godhan.

✍️ Egaan ilmoo harree hiikamtee dhufuun ishee Kan hubachiisu dhukkubsataa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin akka fayyan hubachiisuuf kan rawwatameedha.

✍️ Itti fufuudhaanis harreen kan tuffatamteedha, kun immoo kan nu hubachiisu yeroo gad - jedhanii Afuura Qulqulluun dhugaa irratti hundaa'anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisuudha.

✍️ Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummatni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya Qulqulluu uumaa hundaa siin miti harreen ati irra teesse illee buufatni miilla kee lafa tuquu hin qabu jechuudhaan kan raawwataniidha.

✍️ Walumaa galatti Daawwitiif kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa Gooftaan buukarii harree irraa taa'ee Hosaa'inaa Aariyaamitti jedhamee gara Mana qulqulluummaa kan galeedha.
🌿 Kitaaba Bu'uura Amantaa
✍️ Dn Hundesa Melkamu
Facebook : https://m.facebook.com/uleeamantaa
Telegram : https://t.me/uleeamantaa
"Obboloota koo,nuufis kadhadhaa!"1Tas.5:25,Obbolloota bira akka ga'uuf sheerii godhaa.
Facebook : https://m.facebook.com/uleeamantaa
Telegram : https://t.me/uleeamantaa

Nuuf barbaadaa teessoo mucaa kanaa namni beektanπŸ˜₯
03/04/2023

Nuuf barbaadaa teessoo mucaa kanaa namni beektanπŸ˜₯

Soomni Maali ?
02/04/2023

Soomni Maali ?

HomeMaali Soomni Maali ? byUlee Amantaa -March 26, 2023 0 Β + Soomni maali + ?Gaafa waa'een soomaa dubbatamu dafee kan sammuu namaa keessatti namatti yaadatama waa'ee nyaataa fi dhugaatiiti. Haa ta'u garuu sooma jechuun caalmaatti waa'ee nyaachuufi dhuguu qofa miti. Soomni waa'ee jijjiiramuun jireen...

+ Barataa Halkanii Niiqoodimoos +Niiqoodimoos jechuun jecha Giriik yoo ta'u hiikni isaa "Injifachuu" jechuudha Namni kun...
01/04/2023

+ Barataa Halkanii Niiqoodimoos +

Niiqoodimoos jechuun jecha Giriik yoo ta'u hiikni isaa "Injifachuu" jechuudha Namni kun Barsiisaa seera Fariisotaati Yoh 3α₯1

Barsiisaa seeraa osoo ta'ee jiruu garuu Barachuudhaaf nama of kenne warreen waaqayyo jibban fariisota gidduudha gara waaqayyootti kan dhiyaate nama kabajamaadha.
Namni kun Barsisaa farisotaati , kitaabolee seera ooritii hundarra sirritti kan beekudha. guyyaa tokko garuu halkaniin gara gooftaa keenyaa deeme yeroo miilli namoota hedduu gara cubbuutti deemu, yeroo namni hedduun dukkana dawoo taasifatee hannaafi saamicha gaggeessu yeroo namoonni baay'een halkaniin dhiiga namaa lolaasuuf adeeman Niqoodimoos garuu gara gooftaa keenyaa deeme.

dhugumatti halkan waanti hojjetamu baay'eensaa waan jibbisisaadha namni kun garuu cubbuu hojjechuu caala gara Gooftaa deemuu filate.gara waaqayyoos deemee icciitiiwwan gurguddoo barateera. Yoh 3α₯5

kabaja maqaasaaf qulqulluun yaareed moggaasa torbee torbaffaa kenneeraaf mee atis galgala eessa akka deemtu of gaafadhu yoo mana dhugaatii deemta ta'e gara mana waaqayyootti deebi'i sagaagalaa jirtas yoo ta'e har'uma murteessi halkaniin gara cubbuu osoo hin taane gara kiristoos deemi yoo kana raawwatte atis akka Niiqoodimoos bara baraan yaadatamta.
Waaqni Kan baranne laphee keenya keessaa nuuf haa bulchuπŸ™
https://t.me/uleeamantaa
🌿Uleeamantaa

πŸ™πŸ™πŸ™
29/03/2023

πŸ™πŸ™πŸ™

. @firisattubefot2749 @-mahtot -tilahun

Ebbifami, nagaan kottuπŸ™F/taa Dn Boonsaa Moosisaa
29/03/2023

Ebbifami, nagaan kottuπŸ™
F/taa Dn Boonsaa Moosisaa

Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhi'eessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuud...
11/02/2023

Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhi'eessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba'uu dha*.
Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin ga'uus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada*.
Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa'ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta'in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba'eessa miti*.

Nuyi karaa hundumaa waan gaarii hojjechuuf hawwa waan qabnuuf, yaadni garaa keenyaa akka nu hin ceephaane hubanneerra; isinis nuuf kadhadhaa*! Ibr 15-18
Baga isin gaheπŸ™βœοΈ

22/01/2023

Gaaffii :- Amantaan tokko adda adda jennee murteessuuf maalirratti hundoofnee jechuu dandeenya ? Hirmaadhaamee!✍️

Baga isiniin ga'eπŸ™
19/01/2023

Baga isiniin ga'eπŸ™

Durbeen Maaramiif Yooseef galgala sanatti bakka bultii barbaadaa turan. Bakka Mana  bultii  jarreen  tokkos deemanii akk...
06/01/2023

Durbeen Maaramiif Yooseef galgala sanatti bakka bultii barbaadaa turan. Bakka Mana bultii jarreen tokkos deemanii akka bulchaniif gaafataniis bakka isin bulchinu hin qabnu jechuun ofirraa deebisan . Durbeen Maaramii fi Yooseef yemmuu kana bakka bulan yeroo dhaban. Gara dallaa horii deeman. Ifa biyya lafaa kan ta'e Gooftaan keenya dallaa horii keessatti dhalate.
Bakka Goftaan itti dhalate dallaan horii bakki sun akkam carroomtuudhalaa? Kan Iyyasuus Kiristoosiif Durbee Mariyaam waliin simatte!
Jarreen bakka bultii dhorkattan sun akkam carraan keessan kan dukkanaa'eedha.! Osoo Durbee Mariyaamiif Yooseefiin simattan ta'e mana keessaniif ifa hin dhaabnetu baha ture.
Osoo Durbee Mariyaamiin simattan tahe qoricha kan ta'etu mana keessaniitti dhalata ture. Durbee Mariyaamiin bakka bultii dhowwachuutti Iyyasuus Kiristoosiin bakka bultii dhowwattan ofiis bakka dhabdan!
Michuuko! Durbee Mariyaamiin bakka dhowwachuutti Iyyasuus Kiristoosiin bakka dhowwatta eegadhu! Durbee Mariyaamiin mana keerraa ittisuutti gadameessa isheen keessa kan bule Qoricha addunyaa ofirraa dabarsitaa eegadhu !
Baga geessan πŸ™
Ayyaana gaariiπŸ™
✍️ Dn Hundesa

Dhala dhalakeerraa Dhaladheen Dhufee si fayyisaaAbdii kee xiqqaatesiiAni siifaan baay'isaaJedhee waadaa nuuf galeeWaadaa...
06/01/2023

Dhala dhalakeerraa Dhaladheen
Dhufee si fayyisaa
Abdii kee xiqqaatesii
Ani siifaan baay'isaa

Jedhee waadaa nuuf galee
Waadaasaas qabatee
Karaa Durboo Mariyaamii
Dhufee nuuf dhalatee πŸ™

Baga geessan πŸ™

23/12/2022

✝️ Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo, iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane.
Mul. 13:6

23/12/2022

+++ "Kitaaba Seexanni jibbu" +++

Tooftaa ittiin seexanni badiisa dhala namaa ittiin saffisiisu keessaa inni tokko, barumsa Fayyinni ittiin argamu balaaleffachuufi sobadha jechisiisuudhaanidha. Isa kanaaf immoo Marqiyaanotaafi Seelsas faa irraa jalqabee hanga bara keenya kanaatti duulonni himannaa sobaa Kitaaba Qulqulluu irratti taasifaman hedduun ragaa ta'anii dhiyaachuu ni danda'u. Jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessa jiran, kan lubbuu hammeenyarraa deebisaniifi laphee namaa keessa gadi fagaatanii seenuun kan qoratan; kan waraanan waan ta'aniif, seexanni Kitaaba Qulqulluu ni jibba. Haata'u malee, Kitaaba Qulqulluu olitti, immoo waan seexanni baay'ee jibbu kan biraatu jira. Maal isinitti fakkaata? Kitaabota Qabsuuraa!

Namoonni Kitaaba Qulqulluu ni fudhanna jedhan, namoota hin amannee kitaaba Qulqulluu balaaleffatan caalaa, yeroo isaan Kitaabota Qabsuuraafi Ajaa'ibootaa(α‰°αŠ αˆαˆ«α‰΅) jibbiinsa garmaleetiin balaaleffachuuf yaalan gaafa agartu, akka seexanni Kitaaba Qulqulluu caalaa Kitaabota Qabsuuraafi ajaa'ibootaa jibbu ifa-galeessa ta'ee sitti mul'ata. Kitaaba Qabsuuraa Kakuu haaraa isa jalqabaa kan ta'ee Hojii Duukabu'ootaa harkatti qabatanii, "maaliif Qabsuurri Qulqullootaa barreeffama? Qabsuuronniifi ajaa'iboonni golgawwan Kiristoosiin haguuganiidha" gaafa jedhan yeroo dhageessu, Kitaaba Qulqulluu harkatti qabatanii jiran irraa ka'uudhaan utuu hin taane, hafuura qabatanii jiran irraa ka'uudhaan akka isaan mormitoota ta'an hubatta.

Utuu dubbannuu seexanni maaliif Kitaabota Qabsuuraa jibba?

Qabsuuronni, akka barumsi Kitaaba Qulqulluu jireenyaan hiikamuu danda'u ragaalee gochaan tarreessanii kanneen hubachiisan waan ta'aniif, Kiristaanonni isaan dubbisan "edaa akkasittis jiraachuun ni danda'amaa!" jedhanii dhaggeeffataa ta'uurraa gara hojjetaa ta'uutti akka ce'aniif, riqicha taasisan waan ta'aniif isaan jibba. Akkuma beektan haxxummaa seexanni ittin Waaqayyoorraa nufageessu inni tokkoffaan, akka waan jireenyi Qulqullummaa baay'ee fagoofi tulluu guddaa nuti olba'uu hin dandeenye ta'eetti fakkeessee laphee keenyarratti kaasuudha. Maarree, fakkii hamaa diinni laphee keenyarratti kaase kana kan caccabsee gatuufi foolii jireenya Qulqullummaa inni nurraa fageesse kan dhiyeessu; kufanii ka'uudhaanis gara Waaqayyoo ga'uun akka danda'amu kan agarsiisu, Kitaaba Qabsuuraa Qulqulluu tokko yookin Qulqulleettii tokkootidha.

Namummaa jechuun maal jechuudha? Kabaji namaa hoo hanga kamittidha? Bara kana keessa kan jirru jireenyi baay'olii keenyaa gaaffii kanaaf deebii ta'uudhaaf ga'aa kan ta'e miti. Cubbuun guutummaa keenya marse akka nuti uumama keenyaafi kabaja keenya hin agarreef nudaangesseera. Kitaabni Qulqulluun, "Waaqayyo, akka bifaafi fakkeenya isaatti nama uume" nuun jedha. "Fakkeenyummaan Waaqayyoo" maalidha? Kufaati booda immoo Ilmi Waaqayyoo Ilma namaa jedhamee, uumama haaraatiin "Iccitii Waaqayyoon fakkaachuu" nu barsiise. "Iccitiin Waaqayyoon fakkaachuu" maalidha? Deebiin gaaffiiwwan kanneenii kan argamu Hojii Duukabu'ootaa irraa jalqabee Kitaabota Qabsuuraa sana booda barreeffaman irrattiidha. Keessoo isaaniittis hangam akka Waaqayyo dhala namaa kabaje ifatti agarsiisu.

Namni waan isaaf kenname hin beekne, hamma isatti kenname jiraachuuf ni rakkata. Seexanni namummaa nuuf kennameefi kabajasaa nuduraa dhoksuudhaan waan nuti isaaf hin uumamneef dadhabaa, akka nuti garba cubbuu taanuuf taasisa. Kabaja keenya duraanii nu irraanfachiisee hanga nuti isaaf sagannutti nugugguufsisa. Waanjoo bittaa kana jalaa furtuun nuti ittiin baanu immoo "namummaafi kabajasaa" beekuudhaaf ka'uudha. Maarree, waa'ee namummaa, kabajasaa waliin, Kitaaba Qabsuuraa Mana Kiristaanaa keessa jiran caalaa maaltu nubarsiisuu danda'a?

Kitaaba Qabsuuraa, yoo maqaa waljijjiiruu danda'u kan biraatiin waamna jenne, Kitaaba "jireenya Waaqayyoon fakkaachuu" moggaasni jedhu isaaf ni ta'a. Jireenyi Kiristoosiin fakkaachuu immoo akka abiddaatti seexana guba, akka seefiis isa mummura. Kanaafiyyuu Seexanni, Kitaabota hunda caalaa, Kitaabota Qabsuuraa caalchisee jibba.

Dn Abeel Kaasaahun
Mudde 13/ 2015 B.A.
Finfinnee

Hiikni: Eliyaas Gammachuu

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ulee Amantaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ulee Amantaa:

Videos

Share



You may also like