OROMO UNITE

OROMO UNITE Oromo Unite is a social media platform which focuses on the unity of the great nation Oromia!

22/11/2023

Nagaan filannoo hin qabu !!!

22/11/2023

Peace has no alternatives !!!

18/11/2023

Dhugaa ~ Araara ~ Nagaa !!!



10/11/2023

Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisan
**********************************
Kutaa - 5ffaa

12. Gannii/Qillee

Ayyaanni kun ayyaana looniin beekama. Bakka tokko tokkotti ammoo akkuma ayyaana biraatti fudhatama. Gara Maccaatti akkitti beekamuufi Tuulama keessatti akkasumas naannawa gara kibbaafi bahaatti adda adda ta’uu danda’a.

Guyyaa ayyaana kanaa mooraa looniitti marqaa marquun itti facaafatanii hormaatasaaniif eebbisu. Akkitti waanti kun raawwatu hedduufi bal’aadha. Guyyaa kana Qilleefi Gugsii fardaa taphachuunis ni beekama.

Kana malees ayyaanoti guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa sanyii (jaarii)fi kkf hedduun kan maqaa hindhahiin godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti yeroo adda addaatti kan kabajaman ni jiru.

Source: Social Media
OROMO UNITE

10/11/2023

Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisan
**********************************
Kutaa - 4ffaa

9. Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu

Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluufi malkaarratti ba’anii waaqa kadhatanii, faarfataniifi galateeffatan. Karaa biraatiin Irreecha yommuu jennu hiika (yaada) birootis niqaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beeku bira deemanii namaaf himamu tokkoof kaffaluu (galchuu) ta’uu danda’a. Akkasumas Irreessa jechuun aangessuu jechuus nita’a. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama birraafi arfaasaa kabajama.

10. Taaboree/ Ukee

Ayyaanni kun ayyaana ijoollee dhiiraa kanneen umriinsaanii waggaa 16 gadi ta’an waggaatti altokko kabajaniidha. Guyyaa ayyaana kanaa mijuufi cunqoo qophaa’eef erga sooratanii eebbifatanii booda dirreetti waliin bahuun Qaccee dhukaasu ykn wallaansoo taphatu. Yeroofi akkaataan ayyaanni kun ittikabajamu bakkaa bakkatti adda adda ta’uu mala. Kanaaf qorannoo barbaachisa.

11. Ingiccaa/Qunnii durbaa

Ayyaani kun ayyaana ijoollee dubaraati. Waggaatti yeroo tokko walitti dhufanii ayyaaneffatu. Guyyaa jala bultii ayyaana kanaa shamarran ollaa waliin miidhagdee gara lagaa ykn dirreetti bahuun gosa margaa Qunnii jedhamu buqqifatu.

Dhaqaafi galaa sirboota ykn wallee wallisan niqabu. Galgalasaa Qunnii buqqifatanii manatti galan sana battee dhahu. Inni dhahame kun Ingiccaa jedhama. Ganamasaa ingiccaa kana akkuma duraa gurmuun waliin ollaarra deemuun Ingiccaa utubaa ykn gorroo manaatti hidhu. Yeroo kana dhangaa adda addaa affeeramuun dhadhaas muudamanii eebba fudhatu. Xumurarra Galma Ayyaanaa ykn waltajjii tokkotti walgahanii gamtaan sirna ayyaana kanaa sirbaafi wallee gara garaatiin kabajanii oolu.

Itti fufa........

Source: Social Media
OROMO UNITE

10/11/2023

Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisan
*********************************
Kutaa - 3ffaa

7. Ayyaana

Ayyaanni hiikoo waan hedduu of keessaa qaba. Coraa, milkii, guyyaafi sirna waa ulfeessuu/kabajuufi kkf. Ayyaana jechuun mil’uu Waaqaan kan namni tokko hariiroo uumaafi uumama gidduu jiru hubatu, kan Waaqaan kennamu, kan eenyuyyuu namarraa mulquu hindandeenyeedha.

Ayyaana Waaqaa, ayyaana namaafi ayyaana uumamaatu jira. Waanti hundi ayyaana mataasaa qaba. Ayyaana ofiitiin bula. Ayyaana ijaan arguun hindanda’amu. Ayyaana ayyaanaan beekan malee ijaan hinargan. Nama cubbuu hojjateefi du’e qofaatu ayyaanni irraa godaana. Gaaddidduu dhabeessa ta’a. Ayyaanni safuu eeguun tikfama. Hundeen utubaa Waaqeffannaa kan akka fedhiifi seera Waaqaatti dhala namaafi uumama qajeelchu safuudha.

Safuun seera uumaa jalqaba ture, gara fuulduraattis kan jiraatuudha. Safuun seera hariiroo dhala namaa gidduu jiru, hariiroo dhala namaafi uumama gidduu jiruufi hariiroo waa hundaa, fedhiifi seera Waaqaa eeguudha. Kanaaf, safuun Seera Yayyabaa walitti dhufeenya uumaafi uumamaa qajeelchu, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa tiksuu to’atuudha.

Safuu eeguun dirqama jireenyaati. Safuun hintumamu, ni eegama, nikabajama. Safuun waan baay’ee of keessaa qaba. Safuu cabsuu jechuun cubbuu hojjechuudha. Cubbuu hojjachuun immoo, nagaa namootaa ykn hawaasaa booressuudha. Safuun mirgaafi dirqama ummanni ittiin waliin jiraatuudha. Safuun seera Waaqaafi Lafaati.

8. Wadaaja

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, walmararfachuu, walii yaaduu, waliibirmachuu jechuudha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaafi faaruu ayyaana kanaa beekan afeeruun Waaqasaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti ayyaana ‘jaalaa’ jedhama. Ji’a ji’aan, waggaatti al lama ykn tokko ayyaaneffamuu danda’a.

Itti fufa......

Source: Social Media
OROMO UNITE

10/11/2023

Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisan
*******************************
Kutaa - 2ffaa

4. Moora Laaltuu

Isaan kunis kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hindandeenye moora horii, barruu harkaa, siinii bunaa, aara gaayyaafi aara ixaanaa laaluun waan namaaf oodan niqaban. Akka mammaaksa Oromootti “Oromoon ooda bula” jedhama. Fakkeenyaaf warra moora ilaaluun beekaman keessaa naannawa Shawaatti moora naatoo, moora galataa bayyaniifi kan amma lubbuun jiruufi hojii kanaan beekamu Moora Shunee ni eeramu.

Kana malees kanneen harkisaaniifi afuurrisaanii namaaf dawaa ta’u, namoota sababa balaatiin caban waldhaanan, dhukkuba adda addaatiif dawaa kennaniifi rakkina adda addaatiif gorsaafi gargaarsa kennaniifi kkf ni juiru.

5. Booranticha

Boorantichi ayyaana warri abbootii (ayyaana dhiira warra mana bahee) waggaa keessatti yeroo tokko akka amantiitti maatiin ykn balballi tokko qe’ee angafaatti walgahee kabajuudha. Guyyaa kabaja ayyaana kanaa mijuufi dhangaan qophaahu gosa adda addaati. Yeroofi akkaataan itti kabajamu naannawaa naannawatti xiqqoo addummaa qabaatus jifuufi duudhaan guutamuu qabu tokkuma.

6. Ateetee

Ateeten ayyaana haadhaati. Ayyaana dubartiifi hormaataati. Oromoon kan dhugeeffatu ateetee ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin facaafattuudha. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashee isheefis tolee akka dhalashee qajeelchuuf uumamaan Waaqa kadhatti.

Ateeteen Saddeetatti kabajamti. “Saddeettan Ateetee jedhama”. Kana jechuun waggaa lamatti al tokko kabajamti. Birraa keessa ykn yeroo midhaan (jarmiin) alaa walitti qabamee galu ykn arfaasaa yeroo roobni roobee margi dagaagee loon quufse ykn yeroo sanyiin faca’uu jalqabu ta’a.

Ateeteen loon mataashii qabdi. Loon ateetee jedhamu. Dhadhaa finnan loon sanaatiin sirna ateetee bulfatu. “Waanti hundi Faanshoo Ateeteeti” jedhu. Ateeten ayyaana hormaataa haa taatu malee irra jireessishii bal’inaan aadaa calaqqisiisa.

Itti fufa......

Source: Social Media
OROMO UNITE

10/11/2023

Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisan
**********************
Kutaa - 1ffaa

1. Ayyaantuu/Ayyaantota
2. Maallima
3. Eker-dubbiftuu
4. Moora Laaltuu
5. Ayyaana
6. Booranticha
7. Ateetee
8. Wadaaja
9. Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu
10. Taaboree/Ukee
11. Qunnii Durbaa
12. Gannii/Qillee

1. Ayyaantuu/Ayyaantota

Warri ayyaantuu jedhaman osoo hinqaallomiin kennaa Waaqaan kan milkooman, waan hojjetaniifi dubbatan kan fiixa bahuuf, kanneen akka maallimaa, waataa, ekerdubbiftuu, moora laaltuu, dhaha dhooftuufi akkasumas deessiftuufi ogeessota caba waldhaanan maqaa dhahuun nidanda’ama.

2. Maallima

Maallimni gosa Oromoo keessaa tokko ta’an seenaa mataa ofii qabu. Maallimni gosa angafummaafi kennaa addaa Waaqarraa argatanis ni qabu. Kunis yoo eebbisan dhageessifachuufi warra ‘arraba gurraachaa’ yoo abaaran balleessuu danda’aniidha jedhamee amanama.

Akkasumas yoo caamni hammaate Waaqa kadhatanii roobsuufi roobni yoo guddate caamsuuf kennaa addaa warra qabaniidha. Isaan kun naannawa tokko tokkotti caamsituu jedhaman. Kana malees yeroo ongeen hammaatuufi yeroo roobni yeroosaa eeggatee dhaabbachuu dide jaarii bahanii kadhachuun ykn galma warra qaalluutti jifuu barbaachisu guutanii kadhatu. Kun qabatamaan ummata Waaqeffannaan bulu biratti beekama.

3. Eker-dubbiftuu

Warri kun kanneen lubbuu warra du’ee afuuraan dubbisanii maatiifi qe’eesaaniif dhaamsa ykn gorsa kennan. Yeroo namni tokko maatii keessaa lubbuun dabarte osoo mijuu dhibaayyuu hinbaasiin dura qe’ee warra eker-dubbiftuu kanaa dhaquun dhaamsa ekeraa dhagahu.

Eker-dubbiftuun aara gaayyaa ykn ixaana ilaaluun ekeraa dubbisuuf kennaa Waaqni qoodeef niqaban. Akkasiin ekeraan nama du’ee sun du’aa isaaf/isheef waan sababa ta’e, dhibaayyuu akkamii, eenyu harkaa akka fudhatu, gara fuula duraatti maatiin sun maalirraa of eeggachuu akka qaban dhaamtiif.

Itti fufa.....

Source : Social Media
OROMO UNITE

09/11/2023

Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu

Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi faalasaama ummata kanaa gadifageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hindhumne, kanneen qaroominaaf xurree ykn raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha.

Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba kan biraarraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultumasaati.

Kunis aadaa uffannaa, fuudhaafi heerumaa, du’aafi awwaalchaa, ayyaanotaafi sirbaa, waliin jireenya maatiifi firaa, nyaataafi dhugaatii, ijaarsa manaafi meeshaa itti fayyadaman, hojiifi hormaataa, taphootaa (ispoortii), akkaataatti dabbasaa (rifeensa) dhahatan ykn filataniifi kkf jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

Sabni dinagdeedhaan guddateefi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiraniifi duubatti hafoo jedhaman marti aadaa keessa turaniifi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddinasaaniitti guddifachaafi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hinqaban.

Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhalootarraa dhalootaan dhaalamuufi seenaa ummata sanaati. Qaroominniifi guddinni marti, maddisaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hindanda’amu, ykn eenyummaa ofii gatanii kan ormaatiin liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha.

Ummanni Oromoos aadaa mataasaa kan ormarraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuufi akka gosaatti naannawa naannawasaatti qabu danuudha. Sababoota gara garaatiin irra hedduun aadaa Oromoo dagatamaa haa dhufus kanneen duudhaa durii sana qabatanii tursiisan baay’eedha.

Kan dagatamee ykn balaaleffatamaa ture sana qorachuun mul’isuufi kanneen amma jiran ammoo kunuunfatanii dagaagfachuun ammoo dirqama dhaloota har’aa ti.

Source: Social Media
OROMO UNITE

Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu !!!Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudh...
09/11/2023

Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu !!!

Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi faalasaama ummata kanaa gadifageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hindhumne, kanneen qaroominaaf xurree ykn raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha.

Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba kan biraarraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultumasaati.

Kunis aadaa uffannaa, fuudhaafi heerumaa, du’aafi awwaalchaa, ayyaanotaafi sirbaa, waliin jireenya maatiifi firaa, nyaataafi dhugaatii, ijaarsa manaafi meeshaa itti fayyadaman, hojiifi hormaataa, taphootaa (ispoortii), akkaataatti dabbasaa (rifeensa) dhahatan ykn filataniifi kkf jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

Sabni dinagdeedhaan guddateefi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiraniifi duubatti hafoo jedhaman marti aadaa keessa turaniifi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddinasaaniitti guddifachaafi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hinqaban.

Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhalootarraa dhalootaan dhaalamuufi seenaa ummata sanaati. Qaroominniifi guddinni marti, maddisaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hindanda’amu, ykn eenyummaa ofii gatanii kan ormaatiin liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha.

Ummanni Oromoos aadaa mataasaa kan ormarraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuufi akka gosaatti naannawa naannawasaatti qabu danuudha. Sababoota gara garaatiin irra hedduun aadaa Oromoo dagatamaa haa dhufus kanneen duudhaa durii sana qabatanii tursiisan baay’eedha.

Kan dagatamee ykn balaaleffatamaa ture sana qorachuun mul’isuufi kanneen amma jiran ammoo kunuunfatanii dagaagfachuun ammoo dirqama dhaloota har’aa ti.

07/11/2023

Dhugaa ~ Araara ~ Nagaa

Bakka dhugaan hin jire araaris nagaanis hin jiru!
Yoo dhugaan jiraate araari jiraata, yoo araari jiraate nagaan jiraata.

Araarii dhugaa malee, nagaan araara malee dhufuu hin danda'uu!

Nagaan hunda caala!


02/06/2023
Waa'ee Gadaa wantoota beekuu qabdan shanKutaa-2ffaa (Part-2)4. OdaaOdaan galma abbaa Gadaati. Oromiyaa keessa odaawwan h...
13/05/2023

Waa'ee Gadaa wantoota beekuu qabdan shan

Kutaa-2ffaa (Part-2)

4. Odaa
Odaan galma abbaa Gadaati. Oromiyaa keessa odaawwan hedduutu jiru. Kanneen giddu gala sirna gadaa ta'anii tajaajilaa turanii fi ammas tajaajilaa jiran garuu shan. Isaanis :

kan Godina Baaleetti argamu
kan Shawaa Lixaatti argamu
kan shawaa Bahaatti aragamu
kan Harargee Bahaatti argamu
Horo guduruu

5. Irreecha
Irreessi duudhaa, amantii fi aadaa oromoo calaqqisiisa. Kaayyoon sirna Gadaa keessaa isa tokko oromoon kan ittiin uumaa fi uumamatti dhiyaatu, galateeffatuu fi kadhatu sirna Irreechaatiin.

Irreechi waggaatti si'a lama kabajama. Inni birraa wayita oromoon bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti ce'u kabajama. inni kun Irreecha Malkaa jedhama.Inni arfaasaammoo wayita roobni fuula as deebifatu rooba nagaa kadhachuuf kabajama.inni kunimmoo irreecha tulluu jedhama.

Source : BBC Afaan Oromoo

Waa'ee Gadaa wantoota beekuu qabdan shanKutaa-1ffaa (Part -1)Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan korma...
13/05/2023

Waa'ee Gadaa wantoota beekuu qabdan shan

Kutaa-1ffaa (Part -1)

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan Oromoo hamma gaafa dulloomee du'uutti hawaasa keessatti bakkaa fi qoodama dalagaa qabaata.

1. Gogeessa Gadaa
Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u, isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna saddeet saddeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamu (gabatee ilaali).

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jiruutiini. Kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

2. Baallii walharkaa fuuchuu
Gadaan waggaa saddeet saddetiin naanna'a. Abbaan Gadaa tokko waggaa saddeet irraa guyyaa tokkollee dabarsuu hin danda'u, aadmalee.
Dhaloonni oromoo sirna gadaatiin bulu yeroo hunda gadaa keeessa jira. Gulantaa irra jirurratti mirgaa fi dirqama aangoon gadaa kenneef hojiitti hiika namni hunduu. Baallii walharkaa fuuchuu jechuun egaa gulantaa sirna gadaa tokkorraa kan itti aanuutti ce'uu jechuudha. Haala Kanaan namni raaba doorii keessa ga'umsaan darbe gadaa ta'ee aangoo abbaa gadaarraa fudhata. Oromiyaa bakka garaa garaatti jilli gadaa fardaan ba'ee guyyaadhaan baallii walitti dabarsa. Boorna keessatti sirni kun halkan walakkaa raawwatama. Yeroo jilli gadaa fardeen torbaan baalli fuuchuuf ba'an nama dhiisii simbirruu dura darbuun aadmalee.

3. Ardaa jilaa
Ardaan Jilaa bakka itti walga'uun dhimmi ummataa mari'atamuudha. Iddoo kabajamaa jilli gadaa irra naanna'uun naannoo wayyoomsu ykn kabaja akka qabaatu hojjetu jechuudha. Ardaan Jilaa teessoo gadaatis. Dhimmi jilatamu kamiyyuu ardaa jilaatti raawwatama waan ta'eef. Oromiyaan Ardaalee Jilaa hedduu qabdi.

Source : BBC Afaan Oromoo

09/05/2023

Dhugaa➡️Araara➡️Nagaa

30/04/2023


Hachalu Hundessa a hero that will live in our hearts forever. The power of victory is shown and passed down to generatio...
02/03/2023

Hachalu Hundessa a hero that will live in our hearts forever. The power of victory is shown and passed down to generations through stories. And, Hachalu Hundessa told that powerful story!

22/02/2023

"Yoo Dhugaan jiraate nagaan jiraata" !!!
Nagaan bu'uura waan hundaati!



Hiikkaa Haalluu Alaabaa Abbaa Gadaa A. Hiikni Buufata Halluu Gurraacha :- Olaantummaa Waaqati. Oromoon Waaqni gurraacha ...
04/02/2023

Hiikkaa Haalluu Alaabaa Abbaa Gadaa


A. Hiikni Buufata Halluu Gurraacha :- Olaantummaa Waaqati. Oromoon Waaqni gurraacha jedheeti amana. Huurriin bokkaa qabu guraacha, qaroon ijaa, illi (agartuun) gurraacha. Gurraachi kabajaaf angafummaa, badhaadhummaafi waan hedduu of keessaa qaba.
B. Hiikni Buufata Halluu Diimaa :- Ga’anii, bilchaatanii, guutanii argamuufi gootummaadhaan mirga lammiitiif wareegamuu bakka bu’a. Waanti hedduun yeroosaa eeggatee ga’uufi ija guutuu isaa agarsiisa.
C. Hiikni Buufata Halluu Adii :- Xumuramuu yookiin raawwachuu agarsiisa. Hurriin rooba hinqabne adiidha. Dabbasaan (rifeensi) nama dulloomee harriin adiidha, daaraan adiidha, lafee gogaan adiidha. Kanaaf adiin mallattoo raawwachuu ykn xumuramuuti.

Booranaaf Haa Birmannu!
03/02/2023

Booranaaf Haa Birmannu!

Aadaa: Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?Kutaa 3ffaa************Walumaagalatti, Oromoon Odaa akka mallattoo araaraa...
01/02/2023

Aadaa: Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?

Kutaa 3ffaa
************

Walumaagalatti, Oromoon Odaa akka mallattoo araaraa, mallattoo nagaattifi milkiitti ilaala. Kanaafu Odaa jala waraanni hin qubatu jedhu ayyuun kun. Odaa jalatti waanti hamaan hin hojjetamu; Odaa jalatti adabbii du'aa hin dabarfamu, hin raawwatamu.

Odaa meeqatu jira gaaffii jedhuufis, Odaan miliyoonatu jira jedhan Obbo Dirribiin. Odaan kan Oromoon beekamtii kenneef qofatu lakkaa'ama malee hedduutu jira.

Fakkeenyaaf, Tuulama keessa Odaa Nabee jira; Arsii keessa Odaa Roobaatu jira; Odaa Bultum Harar keessa jira; Odaan Bisili Macca ira; Odaa Gaarrees Boorana jira; Odaa Mokodii ykn Odaa Gaarradoo ammoo Wallootti argama.

Isaan kun kan beekamtii argataniidha malee Jimma, Wallaggga, Shawaa keessa Odaan jira jedhu, oggeessi kun. Odaa Oromoon jalatti walga'ufi wal araarsu shaniifi ja'a qofa miti. Kun dogogora guddaadhas jedhu.

Oromoon Odaa hinmuru, ni safeeffata. Horiin jala dheeda, namni ammoo jala facaafatee haammata jedhan Obbo Dirribiin.

Source : BBC Afaan Oromoo

Aadaa: Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?Kutaa 2ffaa****''Bineensa keessaa leenci, simbira keessaa ammoo risaatii O...
01/02/2023

Aadaa: Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?

Kutaa 2ffaa
****

''Bineensa keessaa leenci, simbira keessaa ammoo risaatii Odaadha. Keessumaa guutuun risaan akka Odaatti ilaalama. Nama keessaammoo qaalluun Odaadha. Garuu qaalluu yeroo jennu warra fagdu jechuu miti, jedhu Dr Gammachuun.

Dirribii Damisee Bokkuu Pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaafi Barreessaa Ilaalchaafi Seenaa Oromooti. Isaanis, Odaan akka mukaatti mukuma garuu akka dhugeeffannaa waaqeffannaatti muka ayyaana milkii qabeessadha jechuun ibsu.

Odaan gaaddisa, hin gogus. Lafarra ballatee dagaaga malee. Yeroo ongeen hammaatee gammoojjii keessaa mukni marti gogu Odaan achumatti hafa.

Odaan osoo bokkaan hinroobiin turellee, bishaan malee waggaa lamaa hanga sadiitti turuu danda'a jedhu, Obbo Dirribiin.

Odaan ofumaan galma ta'a
Odaan irra keessa ballatee, lafarra dagaagee deebiyee karaa biraa lafatti gadi dhufa. Kana jechuun, ofumaan mana ta'a, ofumaan galma ta'a jechuudha jedhu.

Akka ayyuun aadaafi seenaa kun jedhanitti, Odaa jalatti aduun nama hingubuu, sagaleen illeen nama hin jeequ. Warri Odaa jalatti mari'atanis sagaleen isaanii alatti hinba'u. Kanaaf, odaan galma aadaa ayyaana qabu kan jedhamuuf jedhu.

Akkasumas "Odaan bakka araaraati. Odaa jala taa'anii gosaafi araari kan taasifamu. Achi jala teesse yoo Waaqa kadhatte siif dhaga'a, ni milkoofta. Seerri achi jala tessee tumattee hojiirra siif oola,'' jedhu Obbo Dirribiin.

Dhimma muka Odaa adda taasisuu keessaa tokko Odaa bakakaan hin dha'u. Kana malees, bineensonni kan akka bofaafi jawwee itti hingalan. Odaatti waantoonni nama rifachiisan hingalan waan ta'eef achi jala bilisaan taa'amee aara galfachuufi araara raawwachuun ni danda'ama, jedhu Obbo Dirribiin.

Walumaagalatti, Oromoon Odaa akka mallattoo araaraa, mallattoo nagaattifi milkiitti ilaala. Kanaafu Odaa jala waraanni hin qubatu jedhu ayyuun kun. Odaa jalatti waanti hamaan hin hojjetamu; Odaa jalatti adabbii du'aa hin dabarfamu, hin raawwatamu.

Itti fufa....

Source : BBC Afaan Oromoo

Aadaa: Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba? Kutaa 1ffaa************Bakka Oromoon jiru huna Odaan jira. Baadiyaatti od...
01/02/2023

Aadaa: Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?

Kutaa 1ffaa
************

Bakka Oromoon jiru huna Odaan jira. Baadiyaatti odaan gaaddisa looniifi bakka araaraafi jaarsummaan itti gaggeeffamudha.

Uumamsaa galma waan fakkaatuuf bakka seera itti tumatanii fi yaa'iin firaallee itti ba'aniidha. Akkasumas Oromiyaa keessatti hasxaafi faajjiin, alaabaa fi chaappaan Odaa qabu. Faayaan mormaafi harkaa akkasumas uffati aadaa Odaan miidhagu.

Waanuma odaan jiruufi jireenya hawaasa oromoo keessatti bakka guddaa qabuuf ture, baatii muraasaan dura Odoon godina Gujiitti waggaa sadii dura jige ture ka'ee dhaabbachuun lalisu eegaluunsaa oduu guddaa ta'ee kan tureef.

Jaarsoliin/maanguddoon haalaa kana bara milkii ta'u mul'isa jechuu walitti hidhama aadaa waliin qabu ibsuun.

Odaa fakkeenya muka milkiidha
Oromoon Odaa jaallata, bakka guddaas kennaaf. Callisee mukummaa isaatiif osoo hin taane mallattoo inni bakka bu'un, achii-dhuftee aadaafi seenaa Oromoo keessatti qabu guddaadha jedhu qorattoonni seenaa.

Odaan Oromoo biratti yoomirraa jalqabee akka faayidaarra oole qorannoon barreeffamee sirriitti ifa ta'ee dhalootatti darbe hin jiru.

Looret Tsagaayee G/Medihiin garuu waa'ee irreechaafi Odaa barruu Gadaa irratti waggoota hedduun dura akka barreessanitti, ka'umsi Odaa Kushirraa naannoo bara 8,000 Dhaloota Kiristoosiin Dura akka jalqabedha.

'Odaan muka osoo hin taane yaadadha...'
Ayyuun Aadaafi Seenaa dhimma kanarratti dubbifne keessaa tokko Dr. Gammachuu Magarsaati. ''Odaan muka osoo hin taane yaadadha (concept)," jedhu Dr. Gammachuu.

Akka ayyuun kun jedhanitti, bineensis namnis Odaa qabaa. Akkamus muknis Odaa qaba. Kanaaf jedhan, Odaan yaada malee muka qofaa miti kan jedhamuuf. ''Aadaa Oromoo hunda bakka bu'a Odaan" jedhu.

Oromoonis aadaadhumaan Odaan 'Muka abbaa keenyaa jedha'. ''Egaa waan hunda akka mallattootti kan mul'isuu ammoo mukicha Odaati," jedhu.

Itti fufa.....

Source : BBC Afaan Oromoo

31/01/2023

Jechaan osoo hin taane gochaan !

28/01/2023

Hachalu Hundessa
Deesseen dasee taatee
Magariituun dirree
Dirre itti wal ariitu
Fardeenni maariyyee
Keessa qaxxamurree
Dalantaan darbinaa
Kamiseetti buunee
Sidaamee sirbinaa ...

28/01/2023

Walii galan alaa galan !!!

24/01/2023

Yaa Waaq Isiin Gaha Nuun Jedhi !

24/01/2023

Quba Wal-haa qabaannu !!!

24/01/2023

Wal malee maal qabna Oromoo?

24/01/2023

Oromoon waggoota dheeradhaaf Gadaa shaniin bulaa ture. Kunis seera yaayyaa shananii irratti kan bu'uureffame ture. Isaanis:

1. Raayyaa-Aseeboo
2. Maccaa-Tuulama
3. Sabboo-Goona
4. Siikkoo-Mandoo
5. Ituu-Humbannaa

Oromoon Raayyaa-Aseeboo, Maccaa-Tuulama fi Sabboo-Gonaan jedhee waama. Gadaan lamaan hafan, Siikkoo-Mandoo fi Ituu-Humbannaa ammoo jedhee waama.

Source : Oromo Theory of Knowledge

22/01/2023

KARAALEE OROMUMMAAN ITTIN ARGAMU SHANAN
******************

Qo'annaan sanyii madda Oromoo akka ibsutti Oromummaan
karaa gurguddoo shaniin argama.
1. ILMA GUDEEDAA
--------------------------
:- Jechuun ilma Oromoon tokko ofii isaatii gudeeda isaatiin
dhalche jechuudha.
2. ILMA GUDDIFACHAA
-------------------------------
:- Jechuun Orommoon tokko fuudhee ykn heerumtee dhala
dhabe/de akkasumas iloo utuu qabanii ilma nama rakkataa
gargaaruuf fudhachuu jechuudha. Guddifachaan yeroo baay'ee
saba Oromoo lama gidduutti ykn saba Oromoo hintaane biraa
ofitti fudhatanii guddifachuu of keessatti haammata. Ilmi
guddifachaan argame ilma gudeedaan gargar ba'ee hin
ilaalamu.
3. ILMA MOGGAASAA
----------------------------
:- Jechuun nama saba biraa keesaa dhufeef karaa
Oromummaan kennamuufidha. Ilmi moggaasaa daa'imumma
qofatti osoo hintaane namoota sadarkaa umurii kamii irra jiran
kamiyyuu gara saba Oromootti kan makaman hunda of
keessatti haammata.
4. ILMA BOOJUU
------------------------
:- Jechuun yeroo waraanaa humnaanis ta'e amansiisuudhaan
diina keessaa booji'uun akkasumas booji'amaan sittan gala
jedhee Oromoo gaafachuun karaa ittiin oromummaa
argatuudha.
5. ILMA MIXII
-----------------
:- Jechuun dhala namaa lafaa argameedha. intalli utuu hin
heerumin ilma deesee yoo gatte akkasumas sababa beelaatiinis
ta'e waraanaatiin daa'imashee yoo gatte Oromoon daa'ima
Oromoo ta'us ta'uu baatus mixiifi biyyee irraa haxaawee
guddifata.

Caaccun meeshaa aadaa Oromoo yoo ta'u mallattoo hormaataati. Caaccun yeroo bokkaan akka roobu kadhatani fi nama ilmoo hi...
22/01/2023

Caaccun meeshaa aadaa Oromoo yoo ta'u mallattoo hormaataati. Caaccun yeroo bokkaan akka roobu kadhatani fi nama ilmoo hin qabneef ilmoo kadhatan irrattis faayidaarra oola. Caaccuu kan godhatu yeroo baayyee dubartoota. Dubartii caaccuu godhattu 'Haadha Caaccuu' jedhamti.

Oromoo biratti, kallachi Waaqa kan bakka bu'u yoo ta'u caaccun dachee bakka bu'a. Akkuma mi'oo dhiiraa malee dubartiin hinulfoofne, Waaqayyo bokkaa (bishaan) akka dacheen magarsitu godhu roobsee obaasa; lamaanuu barbaachisaadha. Dachee fi dubartiin sababa kanaaf akka mallattoo hormaataatti ilaallamu. Karaa biraa yoo himamu, akkuma dhiirri dubartii malee ilmoo godhachuu hindandeenye, caaccuu malee kallachis tajaajila hinkennu.

Source : WikipediA

Kallachi meeshaa aadaa Oromoo kan addarratti godhatamu yoo ta'u kallacha kan godhatu warra dhiiraati. Kallachi meeshaa n...
22/01/2023

Kallachi meeshaa aadaa Oromoo kan addarratti godhatamu yoo ta'u kallacha kan godhatu warra dhiiraati. Kallachi meeshaa nageenya fi araaraati, kanaafis meeshaalee aadaa kamiyyuu caalaa kabaja guddaa qaba. Yeroo baayyee, namni kallacha godhatu, bokkuu kan mallattoo abbaa aangumma agarsiisus qabatee deema.

Kallachi kan godhatamu addarratti yoo ta'u kan godhatus namoota umuriidhan bilchaatee fi angafa gosaa ta'edha. Kallachi kan godhatamu faayummaaf odoo hin taane sirna aadaa Oromoo keessatti hiikaa mataasaa waan qabuufi. Kunis nageenyaa fi araara buusuuf tajaajila.

Source : WikipediA

The fastest family in the world. The Dibaba family from  .They all won running competitions in the world.
22/01/2023

The fastest family in the world. The Dibaba family from .They all won running competitions in the world.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251935001467

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OROMO UNITE posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like