Kumbi Comincation office

Kumbi Comincation office Our page provides government and public information, as well as events, development activities, admin

Permanently closed.
12/12/2023
05/12/2023
28/10/2023
Daandiin nutti qabannee imallu injifataadha!!
15/10/2023

Daandiin nutti qabannee imallu injifataadha!!

Oduu Gaddaa onnee nama cabsu‼️ Artist fi Qabsootuun Oromoo Umrii guutuu Ummata Oromof hojjachaa turte Artist Haloo Daaww...
14/10/2023

Oduu Gaddaa onnee nama cabsu‼️
Artist fi Qabsootuun Oromoo Umrii guutuu Ummata Oromof hojjachaa turte Artist Haloo Daawwee har'a galgala Manajireenya ishii magaalaa Adaamatti Du'aan Aaddunyaarraa kanarra boqattee jirti.
Maatii fi Firootta ummata Oromoo hundaaf jajjabina hawwina.

Ulaagaan Obbo Nagayo Magarsa!!!Tola ooltummaan Qulqummaa ilaalchaafi Aantummaadha.
12/10/2023

Ulaagaan

Obbo Nagayo Magarsa!!!
Tola ooltummaan Qulqummaa ilaalchaafi Aantummaadha.

30/09/2023

Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiiti Raaree Duula Torbee Kunuunsinsa Labsamee Bu'aa addaa argame

IRREECHA Bara 2016
19/09/2023

IRREECHA Bara 2016

Fuulbana 7/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti Koreen Bulcha Bulchinsaa kab/Yaassin Juneeydiifi Itti Gaaffatamaa ...
18/09/2023

Fuulbana 7/2016

Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti Koreen Bulcha Bulchinsaa kab/Yaassin Juneeydiifi Itti Gaaffatamaa Waajjira PB Aanaa kab/Obbo Mahammada Aliyyiittin hoogganamu hojii Oporeeshinii nageenya milkeessuufi hariiro ollumaa bara 2015 eegaleme itti fufsiisus hooggantoonni Aanaa Qubbii N- shanii waliin Gaara leencatti haala yeroo amma iratti gadi fageenya mari'ateera

"Sammuun Boqonaa qabu waan guddaa Seenaa ta'u  hojjata!!Abbaa Kalaqa hojii Tolaa  Kabajamoo Obbo   Magarsa  Kan waggaa 1...
11/09/2023

"Sammuun Boqonaa qabu waan guddaa Seenaa ta'u hojjata!!
Abbaa Kalaqa hojii Tolaa Kabajamoo Obbo Magarsa Kan waggaa 15 oliif hojii Tolaattiin beekkamu Jaala Ummataa Harargee irra bara 2015 baratanii Akka Ummata Magaalaa Shaggar tajaajila tura ibsaniiru
Obbo Nagayoon Jalqabni hojii Tola Ooltumma Garii yaaduufi Gaarii hojjachuun jalqaba jechuun jaalala Ummata Harargeettiif qaban bifa kanaan ibsuun
Ergaa Baga Geessanii nuuf dabarsaniiru

Baga  Bara haarawa 2016 Geessanii  dabarsan !I/G Waajjira paartii Aanaa Qumbii kabajamoo obbo Mahammad Aliyyii bara haar...
11/09/2023

Baga Bara haarawa 2016 Geessanii dabarsan !
I/G Waajjira paartii Aanaa Qumbii kabajamoo obbo Mahammad Aliyyii bara haaraa 2016 sababeeffachuun jiraattota biyya keessaa fi biyya alaa hundinuu baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa nagaan geessan jechuun hawwii qaban dabarsan.
Barri 2015 darbe kun bara qormaatilee fi rakkoowwan hedduun biyya keessaa fi alaan nu mudatan ta’us, biyyi keenya Itoophiyaan bara injifannoo seena qabeessa itti galmeessisteefi sadarkaa gaanfa Afrikaafi Idil addunyaatti hojiilee boonsaa hojjachuun itti dabarsitee dha.
Jaalatamtootaa fi kabajamtoota hawaasa Aanaa Qumbii akkuma bara darbee tokko taatanii,wal hubachuudhaan nagaa biyya keenyaa eeguu keessatti shoora olaanaa bahachaa turta, bara kanas tokkummaa keessan jabeeffachaa, hojii misoomaa hojjachaa nagaa naannoo fi biyya keenyaa wal taanee eeguudhaan biyya keenya kan misoomtee fi badhaate uumuuf Inisheetiivii eegalame bara itti fuufsifnu nuuf haa ta'u.
.
Kabajamtoota Geggeessota keenyaa barri haaraan 2016 bara karoora xiiqiiti. Bara itti aadaa hojii keenyaan jijjiirama bu'uura fiduuf waadaa itti gallu qofa osoo hin taane bara hojiiwwan sirna jabaa ijaaruufi fayyadamummaa ummata keenyaa itti mirkaneessinu bara hawaasni Aanaa keenyaa hojjatee itti jijjiramuu dha.
Bara 2016 kanas hawaasni Aanaa keenyaa yaada haaraa, sammuufi qalbii haaraan milka'iinaan akka eegallu hawwaa, Nageenya ollaa fi Naannoo keenyaa eeggachaa akkuma bara darbee bara kanas hawaasni Aanaa keenya hundinuu sodaa nageenyaa malee carraawwan misoomuuf qabnu hunda daguugnee fayyadamuun guddummaa biyya keenyaa itti mirkaneessinu akka tahuuf hunduu qooda isaa baachuu qabnuudha.
Barichi bara hojjetanii itti milka'aan, hundaa ol bara obbolummaa dhugaan tokkummaan keenya ititee nageenya waaraan itti mirkanaa'u akka nuuf ta'u hawwaa, irra deebiidhaan baga bara haaraa 2016 Nagaan geessan jechuun barbaada.
Obbo Mahammad Aliyyiitiin
I/G Waajjira PB damee Aanaa Qumbii
Qaammee 6/2015
Mino

08/09/2023
05/09/2023

Aanaa Qumbii Inisheetiivii Lafa Qonna jallisii Boneettiif bara 2016 ttiif bifa har'aan qopha'aa jiru.

Hagayya 14/2015Godina  Harargee Bahaa Aanaa Qumbiiti  InisheetiiviiQamadiifi Atara   lafa hekt 150 irraatti facaan Bulch...
20/08/2023

Hagayya 14/2015

Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiiti InisheetiiviiQamadiifi Atara lafa hekt 150 irraatti facaan Bulchaan Aanaattiin eegalchiifame.

17/08/2023

Miidiyaa diijitaalaa ijaarsa biyyaatiif!
**********
Bara addunyaan gara diijitaalaatti ceete keessatti argamna. Kana hubachuudhaan carraalee uumamanitti qixaan fayyadamuu, qormaatilee jiran ammoo bilchinaan tarkaanfachuun murteessaadha.

Addunyaa dhugaan boodaa keessatti waan argamnuuf ilaalamni odeeffannoo garaa garaatiif qabnu amaloota siyaasa addunyaa dhugaan boodaa fi haala qabatama addunyaa ilaalcha keessa kan galche ta'uu qaba.

Bara addunyaan gara diijitaalaatti jijjiiramte kana keessatti namni hundi abbaa miidiyaati jechuun ni danda'ama. Sababni isaatis hunduu bilbila harka isaatii qabuun odeeffannoo barbaade akka fedhii isaatti bocee tamsaasuuf haalli mijataan uumamuufii danda'eera.

Miidiyaan hawaasaa haala jireenya ilma namaa salphisuu, ammayyeessuu fi jiruuf jireenya mijeessuun gamatti hariiroof walitti dhufeenya ilmaan namaa fooyyessuu keessatti iddoo guddaa ta'e qaba.

Haa ta'u male guddina teeknooloojii kanaa akka carraatti fayyadamuudhaan miidiyaa hawaasaa dhimma qajeelaaf oolchuu fi ijaarsa biyyaatiif gargaaramuun osoo danda'amuu qaamoleen garaa garaa meeshaa odeeffannoo sobaa ittiin tamsaasan, jibbaa fi hammeenya ittiin facaasan akkasumas nageenya booressuuf itti gargaaraman yemmuu ta'u ni mul'ata.

Miidiyaan hawaasaa akkuma faayidaa hedduu qabu qixa sirrii hin taaneen hojiirra yoo oole miidhaas akka qaqqabsiisu hubachuudhaan lammiin hunduu of eeggannoo ol'aanaan itti gargaaramuun murteessaadha.

Odeeffannoowwan marsaalee miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'an madda isaanii sirriitti qulqulleeffachuu, ergaaf barreeffamoota tokkummaaf obbolummaa lammiilee diigan lagachuu akkasumas dhimmoota nageenyaaf misooma biyyaa irratti dhiibbaa qaqqabsiisaniif oolchuu irraa of eeguun murteessaadha.

Haala mijataaf carraalee miidiyaan hawaasaa nuuf uumetti sirnaan fayyadamuudhaan meeshaa murteessaa kana ijaarsa biyyaa, tokkummaa fi obbolummaa lammiilee ittiin cimsuuf gargaaramuun gahee lammii hunda irraa eegamudha.

14/08/2023
11/08/2023

1219 likes, 29 comments. “Oromia 🦅👑 tiktok tiktok tiktok tiktok tiktok tiktok you tiktok tiktok”

11/08/2023
Miseensa IFH haa taanuu‼======Miseensa Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uun fayyaa ofii eeggachuun cinaatti wabii fayyaa...
17/12/2022

Miseensa IFH haa taanuu‼
======
Miseensa Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uun fayyaa ofii eeggachuun cinaatti wabii fayyaa maatii ofiitiif ta’uudha!

Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa (IFH) jechuun buusii xiqqaa waggaatti yeroo tokko qofa buusuun yeroo rakkoon fayyaa nama qunnamu immoo baasii humnaa oliif osoo hin saaxilamin yaaddoo tokko malee tajaajila fayyaa akka argatan kan nama taasisuudha.

Miseensa IFH ta’uun hawaasni walitti dhufuun maallaqa ofii sirnaan kuufatee haala ittiin eegumsa fayyaa isaa ammayyeessuu fi dhaabbilee fayyaa babal’isuun dhiyeessii guutuun qaamolee hawaasaa dhibeef saaxilaman wal’aanuu jechuudha.

Miseensi Maatii Inshuuraansii fayyaa hawaasaa ta’ee tokko yoo dhibame baasii dabalataa addaa malee yaala fayyaa barbaachisaa ta’e akka argatu kan dandeessisuudha.

Har'uma miseensa IFH haa taanu, wabii fayyaa keenyaa haa mirkaneeffannuu!

"Fayyaan Faaya"

24/11/2022

Ida'amuun Badhaadhina Biyyaatiif!
*********
Ida'amuun dallaa jibbaa fi wal qoodiinsaa diigee, jaalalaaf tokkummaa kan mirkaneessu, gaaddisa obbolummaan jalatti dagaaguu fi namni namummaa isaa qofaan kabajamee akka jiraatu taasisu yaadama mo'ataadha.

Yaadamni Ida'amuu wal tumsuu, wal deeggaruu fi waliin dhaabbachuu jajjabeessa, bu'uura har'aatiin boruu keenya ijaara waan ta'eef yaadama dhaloota tarkaanfatudha.

Ida'amuun yaadama ijaarsa sirna diimokraasiitiif filatamaa ta'e, hanqinoota jiran sirreessee diimokraasiin walii galtee bu'uura cimaa akka horatuuf carraa bal'aa kan uumu akkasumas mirgootni hunduu haala wal hin faallessinee fi tokkummaa biyyaatiif qormaata ta'uu hin dandeenyeen wal simanii adeemuu akka danda'an kan godhudha.

Daandiin isaatis humna har'aa sassaabuudhaan qabeenya kaleessaa irratti dabaluun galma Badhaadhina boruutiif galaa kurfeessaa kan adeemuudha.

Rakkoolee gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaatiin barootaaf nu qoraa turaniif Ida'amuun dawaa filatamaadha.

Yaada mo'ataa qabannee galma badhaadhina waloo dhugoomsuuf Daandii Ida'amuurra haa imallu.

WKAQ, Sadaasa 6/2015Harargee Bahaa Aanaa Qumbitti Mariin Hariiroo obbolummaa  Ummata  Aanaa keenyaa fi Aanaa Ollaa Gaara...
15/11/2022

WKAQ, Sadaasa 6/2015
Harargee Bahaa Aanaa Qumbitti Mariin Hariiroo obbolummaa Ummata Aanaa keenyaa fi Aanaa Ollaa Gaara Leencaa cimsu hooggansaa Aanaalee lameen Waliin Gaara leencatti Maariin gaggeeffame.

Maricharratti Bulchaan Aanaa Qumbii obbo Abdusalaam, Naannoo Somaalettti Bulchaa Aanaa Gaara leencaa Abdullaahii sheik Bashiir fi Hooggansi Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Aanaalee Wal-daangessan Qumbii fi Gaara leencaa hirmaachise akkaataa Hariiroo hawaasa Anaaleee ollaa Oromo-Somaalee Cimsuu fi Nageenya Waloo Aanaaleen ollaa lameen tikfatan irratti Maria'atame.

Aanaa Qumbii irraa I/G siyaasa Aanaa obbo Aarif Abraahim, I/G Waajjira Bulchinsaa fi Nageenyaa Obbo Mohammad Hassoo, I/G Wwajjira Milishaa Mahammad Mattaan, I/G Waajjira fayyaa Obbo Jamaal Ahmadnur achitti argamaniiru.

Mariin kuniis waliin jireenyaa fi obbolummaan Gaarii Ummanni Aanaa Qumbii fi Gaara Leencaa waliin Qaban Caalatti kan Cimsuu fi Nageeya waloo isaanii kan itti eeggatan ta'uus Himame.

15/11/2022
15/11/2022

Shororkeessuudhaan faayidaa itti fufinsa qabu fiduun hin danda’amu
= = =
Shaneedhaan wal qbatee fedhii qabatamaa kan hin qabne, kaayyoon isaa kan hin beekamne, ajjeesuufi barbadeessuun bu’aan argadha jedhee kan amanudha.

Shororkeessuudhaan nageenyi dhufu, bilisummaan argamu, dimokraasiin mirkanaa’u hin jiru. Shaneen maqaa Oromoo waamaa Oromoofi Oromiyaa diigaa, gubaa oola.

Qaama nagaa barbaaduuf mootummaan yeroo kamiyyuu rakkoo jiru hunda nagayaan hiikuudhaaf balballi isaa banaadha.

Hannaan mana malee biyya ijaaruun hin danda'amu===Hanni diinagdee biyyaa gara duubaa kan harkisuufi galma qabanne akka h...
15/11/2022

Hannaan mana malee biyya ijaaruun hin danda'amu
===
Hanni diinagdee biyyaa gara duubaa kan harkisuufi galma qabanne akka hin milkeessineef hudhaa guddaa nutti ta’aa jira. Kanaafi hanni naqarsaafi gufuu guddina biyya keenyaati kan jennuufi.

Rakkoo nu qunnamaa jiru akka carraatti fayyadamuun sarara diimaa jennee kan keenye, akka minxaafii diimaatti fudhachaa jiru. Hanni akka mirgaatti ilaalamaa jira. Osoo hin hojjetiin ofii hataa, hojjete nyaachuuf wixxiffachaa kan jiru ammoo sakaalanii kuffisuuf hojjetee akka hin nyaanne kan godhaa jiran hedduudha. Hanni diinagdee biyyaa gara duubaa kan harkisuufi galma qabanne akka hin milkeessineef hudhaa guddaa nutti ta’aa jira.

Mootummaan hanna babal’achaa jiru hambisuuf bifa haaraatiin hojiin hojjechaa jiraachuu kan himan Dr Abiyyi um,mannis hanna saaxiluun yoo xiqqaate mataa akka gadi qabatan taasisuu qaba. Hanna qofa osoo hin taane hojii ajjeessuu irratti kan bobba’an jiru.

Rakkoo kana maqsuuf mootummaan kutannoo kan qabu yoo ta'u Itoophiyaanonni hunduu tumsa taasisuu qabu.

MM Dr Abiy Ahimed

Faayidaa Ityoophiyaaf jecha lafti nuti nageenya hinbarbaannee fi hindeemne hinjiru-MM Abiy Ahimad(WKAQ, Sadaasa 6/2015)M...
15/11/2022

Faayidaa Ityoophiyaaf jecha lafti nuti nageenya hinbarbaannee fi hindeemne hinjiru-MM Abiy Ahimad

(WKAQ, Sadaasa 6/2015)
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, faayidaa Ityoophiyaa kabajchisuuf jecha bakka nageenyi hinbarbaadamnee fi hinadeemamne hinjiru jedhan.

Muummeen ministiraa Abiy Ahimad dhimmaa waliigaltee Piritooriyaa ilaalchisuun Paarlaamaaf ibsa kennaaniin “mari’anneerra; waliigalteerra geenyeerra; mallateessineerra. Hojiin fuulduree waliigaltecha hojiirra oolchuuf hojjechuudha” jechuun ibsan.

Waliigaltee irra ga’ame kanneen faallessanii jiraachuu ibsuun, nageenyi kan isaan mufachiisu daldaltoota waraanaati jedhan.

Nageenya kan barbaannuuf guyyuu waan bu’aa irraa argannuu fi akka biyyatti nageenyi bu’aa qabeessa waan ta’eefi kan jedhan Muummeen Ministiraa, itti fufiinsaan maraammartoo waraanaa keessaa jiraachuun furmaata akka hintaane kaasaniiru.

Mootummaan shororkeessaa waliin mari’ate jedhamuun kan afarfamus, "seerri ba’e shorokeessaa waliin hinmari’atin hinjedhu; hindeeggariin hinhidhachiisiin" akka jedhu ibsaniiru.

Mariin, waliigalteen yoo jiraatee nageenyaa Ityoophiyaafi faayidaa Ityoophiyaaf jecha ta’uu ibsuun, “nageenya caalchisnee yoo soorannee akkuma nageenyi dhufu, yeroo hunda waraanaa yoo sooranee deebi’ee isumatu dhufa” jedhan.

Kanaaf nageenyaaf hojjechuuf tattaafchuu barbaachisa jedhaniiru.

Gama biraattiin hojiilee shanee dhabamsiisuuf hojjetaman irratti ibsa kennaniin diimokiraasiin, nageenyii fi walabummaan shororkeessummaan dhufu akka hinjirre ibsan.

Bilisummaan shororkeesummaa fi hidhaanoodhaan furmaannii dhufuu akka hinjirre kaasniiru.

Ammallee mariif ulaan banaa ta’uu eeruun mootummaan nageenyaa kabachiisuun dirqama.

Hojiileen gama kanaan hojjetaman maalchisa ta’uu baatus ammallee hojiileen hojjetaman cimaanii itti fufu jedhaniiru.FBC

Address

Addis Ababa

Telephone

+251982325727

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kumbi Comincation office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kumbi Comincation office:

Videos

Share