01/07/2022
Inna lillahi wa inna ilayhi raji'un!
Dodola, Oromiyaafi Oromoon haar'a jayina, qabsaayaafi hayyuu guddaa tokko dhabde.
Haaji Qaasim Haaji Huseen Xaahiiroo Yaayya Hasan. Leenca ija barbaadaa. Haylasilaasee, Dargiifi mootummaa abbaa irree EPRDF lolee lolchiisaa tureera. Bona, ganna, rooba, caama osoo hin jedhin, baddaa, lagaafi gaarreen Baalee keessa qaxamuruun warraqsa "dinnee didaa" finiinsaa tureera. Haaji Qaasim hogannaa waraanaa, abbaa biyyaa, abbaa gosaa, jaarsa araaraa, arjaa bashaasha turan.
Bara Soowuraa dhoombirii kaasee haga walakkaa sagaltamootaatti (1960s to mid-1990s) iddowwaan akka Dodola, Jaafara, Tuutticha, Bariisaa, Allummaa Shifaa, Hara Daakiyee, Eddoo, Qacama, Garambamoo, Leensho, Canoo, Seerofta, Huunmo, Araar, Calqoo, Osseβefii kan birootti gootummaan diina afoo dhaabate lolee lolchisuun beekama. Gootowan qaqqaalii akka Galatoo Dheekamaa, Galatoo Xuufee, Haaji Abdullahi Ganamoo, Adamoo Cirrii, Wonkee Cirrii, Waayyu Waaree, Ayyalaa Baatii, Xibabuu Bu'ii, Kadir Hedoo, Abbaa Xiiqqoo, Kadiir Nuuree Wottee, Xahaa Abba Nashaa, Dawaanoo Heebanoofi kan biroo heddu waliin diina raasa turan. Bara ani ijoollee warannii Adda Bilisummaa Oromoo ganda keenna ture, waraana Haaji Qaasiim jedhamuun waamama. Geerrarsaafi faarun hedduu Haaji Qaasiim, Abbaa Duulaafi Yaayyaa Hasan fa'aaf sirbamaa ture.
Oromiyaa irraa dirqiin dhiibamee bayeef Haaji Qaasiim qabsoo hin dhiifne. Jireenya baqatti rakkataa gargaaruun nama meeqaa carraa uumaniiru. Erga Minnesota dhufaniis - akka miseensa buulessa Adda Bilisummaa Oromootti yaadaan, maallaqaan, eebbaan qabsoo Oromoo utubaa turan. Utubaa hin daddaaβnne; kan haalaafi barri hin raafne, sabboonaa gita hin qabne, Oromticha gaafa goraa, ka gaafa morkaatii.
Ee magan! Haaji Qaasiim uummata Oromoo biraa galfatafi galata guddaa qaban. Kunoo bakka dhalatan hin oolle, bakka dhaqan hin galle deemaniiruu. Rabbi warra jaannataa isaan haa godhu. Fuulli Rabbii isaanitti haa tolu. Firaa, aanaa, ardooma isaanii baβllaafi uummata Oromoo cufa Rabbi nuu haa jabeessu.