FUGUG POST

FUGUG POST Odeeyfannoolee warraaqsa qabsoo Oromoo beekkumsa walii galaa fi Odeeyfannoo haala yeroo isiniif dhiheeysina.

21/05/2024
21/05/2024
21/05/2024
Dr Tofik Abdella Dawide jedhama. Iddoon dhaloota isaa Aanaa Doobbaa yoo ta'u ilma qonnaan bulaati. Yeroo ammaa kana Gosa...
19/05/2024

Dr Tofik Abdella Dawide jedhama. Iddoon dhaloota isaa Aanaa Doobbaa yoo ta'u ilma qonnaan bulaati. Yeroo ammaa kana Gosa Saayinsii qonnaa keeysaa Agribusiness dhaan Qaadhimamaa PHD ti.
Ammatti Instructor University Odaa Bultum yoo ta'u, Universitichi gama Saayinsii qonnaatiin Africaa irraa sadarkaa wayyaa akka qabaattuuf carraa argateen yaalii godhaa nama jiruudha. Nama mul'ataa fi Mumul'ata Cimaa qabaachuudhaan hifadhe, hifattan, osoo hin janne halkanii guyyaa ganamaa galgala dalaguudha.

Nama beekkumsa qofa osoo hin tahin Beekkamtiin isaa amma sadarkaa Harargee bira kutee Oromiyaa dhaqqabaa jiru yoo tahu, mul'anni isaa President Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Muummicha Ministeeraa Biyya teenyaa 8ffaa tahuu akka tahe ifaadha.
Dagaagii mayrii lalisi ja'aanii

13/05/2024

Magaalaa Ciroo dhukaasa guddaatu ture ja'amaa jira warri achi jiru qulqulleeysaa mee

09/05/2024

Kaabineen Harargee tun dhamaatuudha dhugaa.
Dhimma beela Ummata Harargee yoo dubbatan nama hin dhiiftu👌

4:00
30/04/2024

4:00

03/04/2024

Baankiin daldala Itoophiyaa isheen jennu kun hangam yoon kabaja maammiltoota isaatiif qabaate hanga ammaatti account isaanii biraa tamuumaan isaan soomansiisa laata?

24/02/2024
Afeerraa Ulfinaa, Hafuun Salphina.🚶🚶‍♀️ Ustaaz RaRaayyaa abba maccaabRaayyaa abba maccaaaRaayyaa abba maccaaDesign: Nazi...
22/02/2023

Afeerraa Ulfinaa, Hafuun Salphina.🚶🚶‍♀️ Ustaaz RaRaayyaa abba maccaabRaayyaa abba maccaaaRaayyaa abba maccaaDesign: Nazif Al-Oromi 🙏

07/11/2022

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEHI RAAJI'UUN.

Obboleessa keenya kabajamaa fii jaalatamaa Doktora Kabajaa Dr Alii Birraa(Alii Mohammad Muussaa) Du'aan if biraa dhabuun gadda guddaatu nutti dhagahame.

Obboleeysa Keenyaaf Rabbiin Raahmata haa godhu. Toltuu isaa irraa qeebalee Raahmata isaatiin qubsuma isaa jannata haa godhu.

Maatii, hiriyootaa fi Ummata keenya hundaaf obsaa fii iimaana kadhanna.

Rabbiin Raahmata isaatiin Jannata haa qubsiisu.☝️☝️

إنا لله وإنا إليه راجعون
قد تلقينا خبر الحزن والأسى بوفات الدوكتور على برى رحمه الله نسئل الله له الرحمة والمغفرة وأن يفرغ على قلوب أهله الصبر
والإيمان ☝️

Sheikh Jamaal Muusaa, Pirezidaantii MM Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa/ Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ - Oromia Mejlis

21/08/2022
13/08/2022
30/07/2022

***BEEKSISA***
Abbootiin Aksiyoona Baankii Raammis baga gammaddan!
Baankiin Biyyoolessa Itiyoophiyaa Qaboo yaa’ii hundeesitoota Baankichaa fi Muudama Miseensota Boordii mirkaneeyseeti jira. Akkasumaas, Abbootiin Aksiyoonaa barruu hundeeffama baankichaa irratti akka mallatteeysan hayyameeti jira. Kanaafuu, Abbootiin aksiiyoonaa hanga ammaatti bakka bu’insa hin kenninii fi namootni Abbootii Aksiyoonaa bakka bu’insaa fudhattan hundinuu Adoolessa 25 hanga hagayya 15,2014tti guyyaa Sanbataa fi Dilbataa dabalatee Finfinnee Naannoo Istaadiyomii kan argamu Jiddu-Gala Aadaa Oromootti dhiyaattanii akka mallateessitan kabajaan isin beeksifna.

Abbootiin Aksiyoona yeroo malatteessuuf dhuftan:
• Unkaa aksiiyoona ittiin bittanii fi Nagahee Baankii kaffaltii ittiin raawwatan, Waraqaa Eenyummaa haarayoomfame, Paaspoortii ykn waraqaa Ragaa Konkolaachistummaa;
• Abbootiin aksiyoonaa armaan dura bakka bu’iinsa hin kennin qaamaan dhiyaattanii mallateessuu hin dandeenye bakka bu’iinsa kennuun karaa bakka bu’aa keessaniin mallateessuu dandeessu.
• Namootni kanaan dura bakka bu’iinsa fudhattanii jirtan orijinaala fi koppii bakka bu’iinsichaa fi waraqaa Eenyummaa keessan kan haarayoonfame;
• Dhaabbilee Daldalaa kan bakaa buutan, Hayyama Daldalaa, Ragaa bakka bu’iinsaa nama mallateessuuf kennamee fi Waraqaa Eenyummaa isaa ibsu;
• Daa’imman umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’aniif guddisaa ta’uu ragaa ibsuu fi waraqaa ragaa dhalootaa daa’imichaa qabatanii dhiyaachuutu irraa eegama.
Hubachiisa!
• Bu’uura Waamicha Baankiin Raammis kanaan dura dabarseen Abbootiin aksiyoonaa Koreewwaan Hundeessitoota Baankichaa fi Namootaa naannoo keessanirra filatamaniif bakka bu’iinsa kennitan, karaa bakka buutota keessaniitiin kan isiniif mallateeffamu waan ta’eef dabalataan dhiyaattanii mallateessuun isinirraa hin eegamu.

Oddeeffannoo Dabalataa argachuuf: Lak.Bilbilaa:- 0928129494/0905333366
Baankii Raammis (Hundeeffamarra Kan Jiru )
Baankii keessan!

Facebook / https://www.facebook.com/RammisBank
Twitter /
Telergram / https://t.me/baankiiraammis
Web / www.rammisbank.net
Email / [email protected]

https://www.facebook.com/192140521127833/posts/1767632243578645/?flite=scwspnss
18/07/2022

https://www.facebook.com/192140521127833/posts/1767632243578645/?flite=scwspnss



Gootichi qaroo Sabaa, Hundeeysitoota Sochii Hawwisoo Afran Qalloo kheeysaa tokko khan tahe Gaazaxeeysaa, Barreeysaa fi Walaleeysaa jaalatamaan Abuubakar Muussaa guyyaa akka boruu Adooleeysa 12 bara 1969tti wareegame.
Yaadannoo Wareegama Abubakar Muussaa waggaa 45ffaa sababeeyfachuun Torbeen Abubakar Muussaa boru jalqaba. Tanaaf gooticha kana yaadachuuf:-

1. Namuutuu hiriyoota keenya ykn maatii keenyaa waliin sagantaa yaadannoo ykn Du'aa'ii bakka jirrutti godhuufii

2. Jaalalaa fi kabajaa isaaf qabnuuf ammarraa eegallee suuraa isaa facebook keenya irratti 'profile picture' godhachuu qabna.

3. Hojiilee sabaa fii biyya teenya fayyadan kan Abuubakar Muussaa hojjachuu ture kheeysaa ka hojjachuu qabna.

4. Maqaa isaatiin waan dandeenyu hojjachuu qabna. Ta amma dandayamu raawwachuu, ta hegeree karoorfannee itti seenuu qabna.

Khabiir Barento Mohammed
Cinaachaa fii Ciqilee 70ti😎

EEYBA KITAABA ASOOSAMAA BISHAAN GUBATE===Ammaas irra deebinee isin yaadachiifna===Kitaabni Asoosamaa mata duree "BISHAAN...
14/07/2022

EEYBA KITAABA ASOOSAMAA BISHAAN GUBATE
===
Ammaas irra deebinee isin yaadachiifna
===
Kitaabni Asoosamaa mata duree "BISHAAN GUBATE" je'uun maxxanfame eega magaalaarra oolee bubbuleeti jira. Kitaaba kana handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Galma Giddugala Aadaa Oromoo fii Harar Galma Calanqootti bifa bareedaan eeybifamee ture. Ammaas Magaalaa seena qabeeytii wirtuu qaroominaa, gadaameysa sabboonummaa fii qabsoo Oromoo taate Dirree Dhawaa, HOTEELA KAAPPITAAL tti eeybisuuf qophiin xumuramaa jirti. Kitaabni kun maalummaa joollee qashtii fii fannaana Dirree Dhawaa kan if keeysatti hammate yoo tahu sagantaan tanarraa hafuun sheenaa nama qabsiifti.

Haaluma kanaan eeyba tanarratti sagantaaleen gara garaa kan irraa barattanii fii ittiis boohartan qophooytee isin eeydi. Barreeysaan kitaabichaa gaazixeeysaa Mahammad Siraaj eeyba kitaaba isaa kanarratti akka arkamtaniif isin afeeree jira.

IDDOO:- Dirree Dhawaa, HOTEELA KAAPPITAAL

GUYYAA:- Adooleysa 17, 2022 GC
Adooleysa 10, 2014 ALI

YEROON:- Ganama sa'aa 4:00 (local time ⏲)

09/07/2022
04/07/2022
22/04/2022

Oduu injifannoo WBO kibba Oromiyaa

WBOn kibba oromiyaa cibiraa S***m booroo Guyyaa hardhaa Ebla 21 Humna Diina kan Malkaa Gubaa qabatte galaa fudhachuuf Kallattii Bulbuliitti sochoote irratti dhukaasa Jajjabaa banuun 1/4bakka Addaa Kubii daalattii jedhamutti Ganama keesa sa'aati 01:00 hanga Guyyaa sa'aati 06:00tti dhukaasa Jajjabaa diina irratti Taasiseen Loltuu diina 35 ajjeesee 30 oli Madoo Cimaan adabee. 2/4 Ganamuma kana Ebla 21/2022! Humna Weerartuu PP Godina Gujii Bahaa Magaala Nageelle Boorana irraa Soorata Qabattee sochoote Aanaa Gumii Eeldalloo Ganda Booba bakka Addaa jedhamutti Ganama keesa sa'aati 03:00 irratti dhukaasa banuun 12 ajjeesee 17 oli madeessee 3/4 Ampulaansi tokkoof Paatrooli Lamaan gara Hospital Magaala Nageelle Booranaatti Galcheera!
Injifannoon Uummata Oromoof!
GADAAN GADAA XUMURA GABRUMMAATI! 4/4

20/04/2022

Duuti akkasitti nama gubdi kunoo
Haati Oromoo boochee boochee dhiiga boohaa turtee ammas boohaa jirti.
Isin amma eegaltan walitti isiniif haa dhaabu.

17/04/2022

➡️⤵️

Kabajamtoota Koree Olaanoo TR fi Miseensota Amanamoo dhaabichaa maraaf!!.🙄🙄
♤Korri mirqaanaa kabiirrotaa Ji'a dabre dura yaamamee ture Sababoota hanqina Balaa nam-tolchee fi Gufuulee Diinaatiin yeroo hin beekkaminitti dabruu isaa wadaaja keeysatti Khaasa qabannee isiniif himnee ture. Sababoota kanneen keeysaa olaanoo Je'aman TRn akka asiin Gadii kanatti kaa'eera⤵️⤵️⤵️🙄🙄

~Hanqina Faaqaa Gabaarratti (Shortage of Faaqaa on the market.)
~Qaalawiinsa Jireenyaa (Global Economic Crisis).
~kufaatii Bulchiinsa biyya TR (Collapsing of our Leadership) fi
~ Hanqina Gahumsa Bulchiinsa biyyattii fi Ofitti amanummaa (Lack of Ability and Confidence as a Country's Leaders)😂😂
~ Sababa Nugustichi keenya 7ffaan Kabiir dhukkubbii ilkee isa mudateen Wal'aansaaf Turkey deemanii fi
~Sababa Presidentiin TR oromiyaa K. manatsiriin isaanii duraanii waan caphxeef Manatsirii haaraya bitachuuf DUBAI deemaniif tahuu Ibsuu feena.😜😜

Waltajjiin Banaan Kora mirqaanaa kabiirrotaa yeroo hin beekkaminiif Achi siqee ture torbee amma keeysa Jirru kana Soommana Guyyaa 20ffaa galgala Sa'aatii 4:30 irraa eegalee Galamaotti (Galma-Ussootti) kan Gaggeeyfamu taha👋.

Seera Waltajjichaa.⤵️
~Bilbilaan hin Seenamu.
~Waraqaan miseensummaa ni Gaafatama.
~Sijaajaa fi Wussaan ni Gaafatama.
~miikkaan ni Sakatta'ama😂

Waajjira Ol'aanaa Koree Jiddu-galaa TR
April 18/2022
Arba Irkate (Arba-Rakkattee)

16/04/2022
15/04/2022

👇

28/03/2022
26/03/2022
26/03/2022
22/03/2022

Ajjeechaa Jila Gadaa Karrayyuurratti Taasifameen Ammas Siyaasni Rakashaa Maqaa 'Gumaa'n Taphatamu Hin Qabu!

Ajjeechaan jila Gadaa Michillee Karrayyuurratti raawwatame sun ajjeechaa namoota 14 irratti raawwatametti qofa kan fudhatamee salphifamee laalamu miti. Ajjeechaa suukaneessaa hooggansa Gadaa guutuu jilarra jirurratti raawwatameefi aggaammii Sirna Gadaa balleessurratti fuulleffate akka tahetti hubatamuu qaba. Kun daba guddaa Sirna Gadaa Oromoo kan hambaa ilmee namaa ijaan hin mul'annee sadarkaa addunyaatti UNESCO 'tti galmaa'erratti raawwatamedha.

Yeroo ummanni gaafachaa turetti ummanni seera ofiitiin akka hin bulleef Sirna Gumaa qaama seera yakkaa biyyatti taasisuu didanii, ummata Karrayyyuu ka rakkoo keessootti uumamu sirna Gumaan xumurate hunda, seera yakkaa 'Itoophiyaa'tiin adabanii dubbii Gumaadhaan guduunfamee xumura argate haaressuudhaan nama walitti diraa turan. Nama walitti fayye walitti diraa turan. Har'ammoo hooggansi Gadaa Karrayyuu muraasni ajjeecharraa hafeefi dhiyeenya falatee Sirna Gadaasaa haaroomfate, 'dubbii ajjeechaa kana araaraafi gumaadhan fixanneerra' jedhee miidiyaarratti akka lallabuuf warra Bilxiginnaa Adaamaatti 'kadhachaa', sossobaafi' 'dorsiisaa' jiru jedhamaa jira. Kun daba guddaa daba duraanii caaludha.

Ajjeechaa jila Gadaa Karrayyuurratti taasifameen walqabsiisanii ammas siyaasa rakashaa maqaa 'Gumaa'tiin taphachuun hayyamamuu hin qabu. Warruma seera Gumaa jalatti buluu nama dhowwe waliin Gumaadhan araaramne jechuun ofis sabas kijibuudha. Hin ta'u.

Siyaasaa miidhaffachuuf daba kana hunda hojjechuun maali, dhiiroo?
_
Ibsaa Gammadaa
Finfinnee, Oromiyaa
_

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FUGUG POST posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to FUGUG POST:

Videos

Share