28/01/2025
Majilisni Magaalaa Finfinnee qaamota Wolitti bu'iinsa Amantaa uumuuf sochoo'an balaaleffate
Hamiltan:Amajjii 07/2017 Finfinnee
Manni.maree dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee qaamota wolitti bu'iinsa uumuuf sochoo'an jedhe balaaleffate
Haala Amantoota wolitti buusuun qaamni Waamichi gara amantaatti daandii gubbaa irratti taasifsisu gocha isaanii kana irraa akka of qusatan majilisni magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse
Yeroo dhohoodhaa asitti namoonni Amantaa Islaamaa irraa hin taane dhiirota Jalabiyaa uffisuun,Dubartoota hijaaba uffisuun gara amantaa biratti waamicha taasisuufi keessattuu gochi naannoo masjiidaatti sochiin godhamu wolitti bu'iinsa uumuuf deemsa deemamu waan ta'eef akka dhaabbatu jechuun manni marechaa akeekachiiseera.
Jilli Hoji gaggeessaan mana marichaatiin durfamu gara Gumii Amntootaa Magaalaa Finfinnee biiro barreessaa gumichaa Maggaabii Taammiraat Abagaaz deemuun marii kan taasise yoo ta'u,yeroo itti aanutti marii hoggantoota Amantiilee hundaa hirmaachise ni taasifama jedhe manni marichaa
Gochi akka kanaa kan amantaa qofa lammummaa fi Kan xiinsammuu akkasumas Kan Seeraa waan ta'eef saffisaan akka furmaata argatu gaafachaa,qaamota maqaa amantaatiin jibbiinsa muldhisanii fi maqa balleessii raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamuuf hojjatamaa jiraachuu manni marechaa beeksiseera.