Faarfataa Ashannaafii Addunyaa

Faarfataa Ashannaafii Addunyaa Faaruu tawaahidoo

17/06/2021

Faaruu Ortodoksii Tewaahidoo Haarawa karaa Dungoo Tube Maxxanfamu Hordofaa

https://youtu.be/YybKrsKD-hchttps://youtu.be/YybKrsKD-hcF/taa Caalumaa Dandoo  Faarfanna ajaa'ibaa Dhaggeeffadhaa..Dungo...
10/06/2021

https://youtu.be/YybKrsKD-hc
https://youtu.be/YybKrsKD-hc
F/taa Caalumaa Dandoo
Faarfanna ajaa'ibaa Dhaggeeffadhaa..
Dungoo Tube Subscribe Gochuun Nu hordofaa.
https://youtu.be/6A-3PQc1YPM
https://youtu.be/6A-3PQc1YPM
🌺🌺🌺🌺🌺🍀🍀🍀🍀🌷🌷🌷
# # dabarsaa Barnootafi
Faaruu Hojjettaanii Maxxanfachuu Kan barbaaddan nuqunnama
Faaruu Garaa garaa Argachuuf Dungoo Tube Join gochuin Hordofaa share& coment
Dungo Tube Chaanal join gochuun nuhordofaa.
https://t.me/FaruTube
https://t.me/FaruTube
Waljajjabeessuf ❤


Nuuf qoodaa Eebbi waaqayyoo Hunda keenyaf Haabaayyatu
Ameen

Dungoo Tube Share Subscribe & Like Gochuu Hindagatinaa Waan daawwattaniif Galatoomsa

17/05/2021

New maazmur EOTC

Far.Ashe:Baga guyyaa dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubaroo Maariyaam Geessan Waliin geenye Kadhannaaf Araarsummaa...
09/05/2021

Far.Ashe:
Baga guyyaa dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubaroo Maariyaam Geessan Waliin geenye Kadhannaaf Araarsummaan Haadha keenyaa Hunda keenya waliin Haata'u Ameen..

❤❤❤Nuuf dhalattee
Nuuf dhalattee Iyyaaqemif haannaarraa(2)
Abbaaf haadhaa isheerraa/2/ Eyyee
Nuuf dhalattee maaraam haati gooftaa/2 eyye

Ifaan guutameeraa tabbi libaanosii
Durbeetu dhalatee Haadha iyyesusuii
Kadhannaan haannafi inni Iyyaaqemii
eebbisee nuuf laatee giiftii maariyaamii

Abjuun akkakilee kan tiittaf bitriiqaa
Ifni akka muul'atu inni argan haqaa
Raadni isaan argan kan addeessa deessee
Addeessichis kunoo ifa nuuf mul'isee

Hiikaan ifasana hundumaa rakkisee
Guyyaasaa eeggatee gooftan ofmul'isee
Haannaa eebbifamtuun firigaari buustee
Firiin sun maaramii ishee gooftaa deessee

Kan maariyaam addaa dholota hundarra
Kiristoosin deessee goofta barabaraa
Nutis sijaallannaa durbee qulqulleettii
Durbummaankee hin badnee akkuma duratii
F/taa Ashannaafii Addunyaa
Faaruufi Barnoota Amantaa Garaagaraa Argachuuf liinkii Kanaa gadii tuquun dungoo tube join godhaa Share waliif godhuun Wal biraan gahaa..
https://telegram.me/FaruTube
https://telegram.me/FaruTube
https://telegram.me/FaruTube

25/01/2021

Dungo Tube Subscribe Gochuu hin dagatinaa

Share subscribe gochuu hin dagatinaa
21/01/2021

Share subscribe gochuu hin dagatinaa

https://youtu.be/UeRFSlqCOIE Waliin haatajaajillu hundi keenya yuutuubii Dungoo olguddisnee ifa dungoon mallattoo kiristaanummaa keenya haa mirkaneessinu...Dungoo Tube share&like, subscribe haataasisnu....... # waliif godhaa...... Faarfannaa haarawaaf walaloo Afuuraawaa akkasumas barnoota hord...

25/12/2020

By dungo Tub cprt

Subsc.&share
24/12/2020

Subsc.&share

Faruun jireenya kooti..Diinni yoo kiyyoo diriirse Waaqayyoon garuu kukkuteeIjoolleesaa cesiseGochaasa lallabnaa Kaayyoosaas nibeeknaaIsa nujaallate gooftad...

18/12/2020

Kan jaallatamee Urgaan foolikee

10/12/2020

AGARTUU KOO F/TTUU TAARIKEE SOLOMOON

19/11/2020

Akka jaalalasaaf oljennee dhaabannee
Dhugaan isaa jabaa soba kan hin qabnee
Jaalalaan nu sooree beeluu kan nu baasu
Dhugaasaan dubbadhaa takka irraa hin dabsu

Bahaaf gala keenya nu waliin marmaaree
Deemsa karaa keenyas dhiigasaan sararee
Akka itti jiraannuf badhaasaan nuuf kennee
Isatti jiraachuuf garasaatti baqannee

Osoo nuhin nuffin jaalalaan nusimee
Maaddii ormootarraas kansaatti nu waamee
Owwaannee hirmaannee hunda fudhanneerraa
Oolmaasaa dubbannaa itti boqonneerraa

Har'as siwaammannaa eebban nugolboobii
Dhiphuun guutamneerraa ati nuqaqqabii
Simalee hin qabnuu nurraa hin fagaatinii
Yaa abbaa jaalalaa diinaaf nu hin laatinii

20/08/2020
18/08/2020

Faarfanna Afaan Oromo karaa Sagalee dhugaa darbuu. Subscribe godhaa

18/08/2020

Sagalee Dhugaa Subscribe gochuu hin dagatinaa

15/04/2020

BAGUMA SALPHATTEE
Meeqa marachitee ademsiftee qullaa
Meeqa hattuu gootee kan baachifte dullaa
Meqa Gowwomsitee ballesitee Waadaa
Meeqa dureessitee dhowwattemmo yaada
Sababakeef jechee firri fira ganee
Intalli haadha ajjeeftee ilmi abbaa dhaane
Addunyaa kabajjee Amantii Mormitee
Warra si barbaadu boqonnaa dhowwitee
Dhiirri dhiira fuudhee seera ofii baasee
Dhalaan dhalaa fuudhee Maqaa wal moggasee
Seerrii Uumaa dabee dhorkitee madaallii
Dhalootaa erga hiitee maa dhabdeef talaallii
Dhukkubsataa du'u maaf fayyisuu diiddee
Maaliif hin oolchine daawwaa qabdu fiddee
Warri qarshiif fiigdan bara keessan guutuu
Wallansa dhabdanii qofa qofaa duutuu
Warri Waaqa hin qabne qarshii qabaattanii
Waaqayyoon dhiifama akka gaafattani
Qarshiin keessan har'aa isin ganti boruu
Kan Waaqayyoon beeku dagaagee kan horu
Waaqni Biyya keenyaaf Dafee haa laatu Qorsa
Baayyee beekeef mitii xiqqoon isin gorsa
Yaa Wallaalaaf beeka yaa isa xiqqoof guddaa
Waaqni Olmaa baayyee nurraa qaba dudda
Hiyyeessas yoo taate yookaanis duuressa
Kanati jiraattu Barruu Waaqaa keessa
Gabaabaas yoo taate ykn furdaa dheeraa
Barruu isaan kan baatu hunda jaallateeraa
Isatu hambisa warroota jaallatu
Abdii nuuf baayyisee nagaa nuuf haa laatu
Qarshiin bu'aa hin qabuu Waaqayyootu caalaa
Warri Fayyuu Feetan Gara fannoo ilaalaa
Mana keessan cufaa olgalaa sagaadaa
Wa'ee addunyaa dhiisaa Mootummaasaa yaadaa
Cubbuu hin hojjetinaa harka keessan dhiqqaa
Gaarummaa barsiisaa guddaas ta'e xiqqaa
Wangeelaan Golginee karaa duuti seenuu
Gooftaarra simanna Fayyina isa feenu
Nagaa nuuf haa kennu harkisaa hiixatee
Eenyullee hin arganne qarshiidhaan bitatee
Aniif ati garuu toluma argannee
Iyyesuus kiristoos Fayyisaadha jennee
Iyyesuus kiristoostoos Fayyisaa akka ta'ee
Hiriyaa keef qoodi haa fayyuu dhaga'ee
Share, like comment

Baga geessan
11/04/2020

Baga geessan

‘’Hosaa’inaa Ilma Daawitiif .” Mat 21: 9


Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhan simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee duuka buutota isaa lamaan waamee “gara mandara fuuldura keessanii deemaa achittis harreen ilmoo ishee waliin hidhamte hiikaatii naafida! Eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachisu jedhaanii!’’ jedhee erge. Daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee erguun isaa fayyinni uummataa kan fannoo isaatiin raawwatu dhiyaachuu isaa ibsuufidha. Gama biraatiin ammoo harroonni hedduun kan hin hidhamne mandara sana keessa osoo jiranuu kan hidhaman filachuun isaas harroonni kun hattuun hatamtee kan hidhamte waantaateef “eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachifti jedhanii” jedheen. Kunis harreen kun kan isaa kan hintaane ni callisa jechuu isaati. Haaluma kanaan gooftaan isaan uumeera waan ta’eef dhala namaa ni barbaada.Kana irratti mandarri fakkeenya si’oolii,harree fi ilmoon ishee Addaamii fi ijoollee isaatiin, hidhamuun isaanii cubbuun hidhamuu, hattuun immoo Daabiloosiin fakkeeffamu. Har’as Gooftaan kan cubbuudhaan hidhaman hunda nibarbaada. kanaafuu luboota hidhaa cubbuu irraa nuhiikan nuuf kenneera. Mat 16;19:­­­­­­­18;18 Yoha 20;23

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka bu’oota lamaan kan inni ajaje hunda raawwachuun harree ilmoo ishee waliin hiikanii fidaniif. kooraa dhisanii uffata isaanii irra afuun immoo inni kan beekuwaan ta’eef iccitiin isaas kooraan ni quuqa,uffanni garuu hin quuqu. Kunis kan agarsiisu abboommiin jaalalaa/Seerri Waaqayyoo/ kan hinquuqne waan ta’eef abboommii wangeelaan jiraadhaa jechuu isaati. Gara Iyyaruusaalem yeroo galu uummanni baay’een “harreen ati irra teessellee lafa dhaabachuu hin qabdu” jedhanii uffata isaanii karaarratti afaniiru. Isaan kaan meexxii , baala ejersaa muruun karaa irratti afaa turan.

Akkuma dursee faarfataa Daawit faarfatetti uummanni Gooftaan keenya gara Iyyaruusaalem yommuu galu hafaa qofaan osoo hintaane “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif! Inni Maqaa Gooftaan dhufu galateeffamaadha Hosaa’inaa samii irratti’’ jechuudhaan galateeffatan. Dhuma irratti magaalattiinis niraafamte. Uummannis “kun eenyu?” jechuudhaan wal gaggaafatan. Uummannis kun Naazireet Galiilaa irraa kan dhufe raajicha Iyyasuusidha jedhan. Innis gara mana qulqullummaa galee kan gurguranii fi bitan hunda baase…mannikoo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera, isin garuu holqa saamtotaa taasiftan. Mana qulqullummaattis qarodhabeessaa fi kan qaamni isaanii laamsha’e gara isaatti dhiyyatan/dhufan/ innis isaan fayyise. Mat. 21:1-15

Egaa Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenya gara Iyyerusaalem deemuun mana qulqullummaa isaa keessaa daldaltootaa fi warren malaqa jijjiiran ar’ee mana isaa kabaje dha. Guyyaan kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosa’inaa samii irratti ilma Daawitiif”jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu. . Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

08/04/2020

Share gochuun waliif dabarsaa : --- √ *
Doktara chaayina irra gara afaan oromootti kan jijjirame (Naafii Tulluun) i.
這 是 100 % 準確 的 信息 ,
Odeeffannoon kun 100% sirriidha.
對於 每個 人 都 非常 有效。
Nama kamiifuu umurii fi saala osoo hin filatiin ni Ta'a
為什麼 中國 大陸 過去 幾天 大大 減少 了 感染 人數
Chaayinaan ji'oota muraasa keessatti mala kanaan fayyadamuun namoota koronaan qabaman hir'suu(fayyisuu) dandeeseetti.
除了 戴 口罩 勤 洗手 外 ,
Maaskii fi harka diqachuu dabalatee,
他們 只是 簡單 地 每天 漱口 3 次 鹽水
Guyyaatti yeroo sadiif ashaboo fi bishaan bulbuluun qoonqoo ykn kokkee ishee qulqullesiti
完成 後 , 喝水 5 分鐘。
Sanaan booda bishaan ho'aa fal'aanatti naquun yeroo shan dhugama
因為 該 病毒 只能 在 喉嚨 中 侵襲 ,
Sababni isaas koronaan jalqaba qoonqoo ykn ammo kokkee keenya waan miidhuf
然後 再 侵襲 肺部
Kana gochuun koronaa qoonqoo keenya irraa ittisuu dandeenya
當 受到 鹽水 侵襲 時.
Yeroo bishaan ashaboo qabuun qoonqoo keenya qulqullessinu
該 病毒 會 死亡 或 胃中 胃中 下來 並 在 胃中 銷毀,
Vaayrasiin koronaa ni du'a, saniin booda gara sonba keenyaatti gadi bua
這 是 預防 冠狀 病毒 流行 的 唯一 方法 ,
Kuni toftaa vaayrasii koronaa ofirraa ittisnu keessaa isa tokkoodha
市場 上 沒有 藥品
Koronaaf dawaan tokkollee mana yaalaa hin jiru
所以 不要 購買。
Kanaaf bitachuu hin dandeenyu
童 綜合 王叔 昂 醫師 醫師 :
Hospitaala walii galaatu kana jedhe
新 冠 肺炎 在 還 沒有 來到 肺部 之前,
Koronaan osoo sonba keenya bira hin gahiin dura
它 會 在 喉嚨 部位 存活 4 天
Koronaan qoonqoo keenya keessa guyyaa 4 tura
在 這個 時候 , 人們 會 開始 咳嗽 及 喉痛。
Yeroo kanatti qoonqoon keenya koronaa waan kuufatuuf qufa'uu eegalla
如果 他 能 儘量 喝多 溫 開水 及 或,
Yeroo kanatti bishaan ashaboo qabuu ykn bishaan ho'aa haga dandeenyu yoo dhugne
就能 消滅 病菌。
Vayrasii korona of irra mancaasuu ykn dhabamsiisuu dandeenya
儘快 把 此 訊息 轉達 一下 ,
Dafaati ergaa kana daddabarsaa
因爲 你 會 救 他人 一 命!
Sababni isaas lubbuu namaa baraaruu waan dandessaniif
由 刘 赞 坤 翻译 于 2020 年 4 月 4 日
Afaan oromootti kan jijjiire , ingiliffatti kan jijjire Liu Zan kun appril 4, 2020
Nageenyi faaya.nagaa qabaadhaa
waliif godhaa

08/03/2020

(Raajii iyyuel 2 :12-17
------------
Waaqayyo garuu, ''Ammuma iyyuu garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, boo'ichaan, gadduudhaanis gara kootti deebi'aa!'' jedha.

Egaa garaa keessan tarsaasaa malee, uffata keessan hin tarsaasinaa! Gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa! Inni araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa waan ta'eef, dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan isaas baay'ee dha, wanta hamaa namatti erguu irraas of in qusata.

Maaltu beeka, tarii Waaqayyo gooftaan keessan isa yaade in dhiisa, in oo'as; kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii akka isaaf dhi'eessuu dandeessanitti, isin in eebbisa ta'a!

Xiyoon keessatti fiinoo afuufaa, soomii qulqullaa'aa labsaa! Walga'ii qulqullaa'aas waamaa!

Namoota walitti qabaa, waldaa qulqulleessaa! Maanguddootaa fi ijoollee, daa'imoota harma hodhanis walitti sassaabaa! Dhirsi misirroo mana isaa keessaa gad haa ba'u, misirroonis diinqa ishee keessaa gad haa baatu!

Luboonni warri Waaqayyoof hojjetan, buusaa mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa gidduutti haa boo'an! Isaan, ''Yaa Waaqayyo saba keetiif oo'i, saba kee warra dhuunfaa kee ta'an, saba warra kaan gidduutti nama ga'oo fi nama mammaaksaa hin godhin! Maaliifis isaan namoota warra kaan gidduutti, 'Waaqayyoon isaanii eessa jira?' jedhu ree?'' haa jedhan!

Situu Nawaameejaalalaan situ nawaameeiyyeesuus sittan amaneemararteen jaalala keetiiHaa hafuu lapheekoorrattii         C...
03/03/2020

Situu Nawaamee
jaalalaan situ nawaamee
iyyeesuus sittan amanee
mararteen jaalala keetii
Haa hafuu lapheekoorrattii
Ceesisa
Jireenyaaf tolaa mijaawaa
sagaleenkee ni miyaawaa
Dhadhamee siwajjin bahee
Ormatti hin baruu deebi'ee

Andeemnaan nawajjin deemtee
Anjoorran nawajjin joortee
Madaakeetu jiraam durakoo
Kan hin dagannee garaankoo
Ceesisa
Lubbuukoof taatee soorataa
sittan amaneekaa gooftaa
Naaf taatee karaan olseenuu
Sechis kan bira hin amanuu
Andeemnaan nawajjin deemtee
Anjoorran nawajjin joortee
Madaakeetu jiraam durakoo
Kan hin dagannee garaankoo
Ceesisa
Jechi afaankee abbaakoo
Nabooji'eeraa gooftaakoo
mudaa hinqabuu daandiinkee
namarareekaa maqaankee
Andeemnaan nawajjin deemtee
Anjoorran nawajjin joortee
Madaakeetu jiraam durakoo
Kan hin dagannee garaankoo
Ceesisa
Gaarummaan ati naaf qabduu
yoomillee nakeessaa hin baduu
hinquufuu simararfadhee
dawookoo sittan boqodhee
Andeemnaan nawajjin deemtee
Anjoorran nawajjin joortee
Madaakeetu jiraam durakoo
Kan hin dagannee garaankoo
+++++++++

(Luq 2:11-20)  ------------   Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.   Mil...
06/01/2020

(Luq 2:11-20)
------------
Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.

Milikkinni isaa immoo kana, mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu" isaaniin jedhe.

Achumaanis kutata ergamoota Waaqayyoo keessaa baay'een ergamicha kanaa wajjin turan.

Isaan immoo, "Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti" jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.

Ergamoonni Waaqayyoo isaan biraa deebi'anii gara waaqaatti erga ol ba'anii tiksoonni, "Kottaa Betlihem in dhaqnaa, dubbii achitti ta'e, Waaqayyo nutti beeksise kanas in ilaallaa" waliin jedhan.

Ariifachaa yommuu dhaqan Maariyaamii fi Yoseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan.

Tiksoonni sun mucicha yommuu argan, waan ergamoonni Waaqayyoo waa'ee isaaf isaanitti himan hundumaa mul'isan.

Warri dhaga'an hundinuu immoo waan tiksoonni isaanitti himanitti baay'ee dinqifatan.

Maariyaam garuu dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte.

Tiksoonni sun, isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga'anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi'an.

12/12/2019
Galanni kan manasaa guute waaqayyoo galateeffachuun gaariidha akka isa galateeffanu kan nutaasise jlfinni isaaf haata'u
08/12/2019

Galanni kan manasaa guute waaqayyoo galateeffachuun gaariidha akka isa galateeffanu kan nutaasise jlfinni isaaf haata'u

01/12/2019

Sadaasa 21
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Baga Kabaja Ayyaana Maariyaamii Tsiyoonin isin gahe.
Sadaasa 21 Taabotni Tsiyoon guyyaa Xaa’ota (waaq-harkee) namaan tolfame Daagoon jedhamu caccabsitee, Filisxeemota salphiftee dha. Ijoolleen Luba Eelii lamaan, Afniinii fi Finhaasii jedhaman, sababa cubbuu sadi raawwataniin, Taabotni Tsiyoon booji’amtee turte. Tokko, ibsaa yeroo hunda ifu kan Museen teessise akka hin ifne iddoodhaa kaasuun, lammaffaa, aarsaa dhiyaachaa ture jalqaba osoo Waaqayyoof hin dhiyaatiin ofii isaaniif nyaachaa turuun isaanii, sadaffaa, dubartoota gara mana qulqullummaa dhufan waliin ciisuun, waan sagaagalaniif, cubbuu gurguddaa kana waan raawwataniif, Waaqayyoon dheekkamee Israa’eloonni akka moo’ataman, ijoolleen kunis akka du’an, Taabotni Tsiyoonis akka booji’amtu sababa ta’e.(1Sam 5:4). Yeroo kana, Filisxeemonni Taabota booji’an kana mana Xaa’ota isaanii keesaa Daagon jala yemmuu kaa’an, ganama yemmuu deebi’an garuu, Daagon Taboticha jalatti kufee caccabee argan. Ajaa’iba kanaaf kan kana fakkaatan hedduu taabotichi waan raawwateef, Filisxeemonni harka-fuudha/balcha waliin Taaboticha deebisaniiru. Kanaaf, guyyaan kuni ni yaadatama.
Taabotni ajaa’iba akkanaa hojjette kuni, gara biyya keenyaa iddoo Aksum kan dhufte, Sadaasa 21 waan ta’eef, guyyaan kuni yeroo sana irraa eegalee kabajamee ni oola. Bara Yoodiit Guditis, baqannaa waggoota 40 booda haroo Danbal/Ziwaay irra erga turte booda, deebitee kan galte guyyuma kana akka ta’es, ni himama. Kanaaf, Ayyaanni kuni yeroo hunduma Sadaasa 21 haala addaatiin ni kabajama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u.Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii haadha keenya Dubroo Maariyaamiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u!

17/11/2019

Kan Gooftaa Waraane Garuu Qulqulluu kan ta'e Seenaa Qulqulluu Langiinos.
🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.
❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖
Namni Qophodooqiyaa Langinos miseensa homaa waraanaa Philaaxoos ture.
Langinos namoota Gooftaa fi Fiyyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos akka fannisaniif ajajaman keessaa tokko ture.
Garuu raajii fi hojii Kiristoos waan ilaalef baqachuuf yaale.
Ayihudoonni nama waa'ee fannifamuu Gooftaatti hin hirmaannerati adabbii hanga ajjeechaa fudhachuuf waan dubataniif sodaate deebi'ee.
Ergasiis ayihudoota gammachiisuf cinaacha mirgaa Gooftaa waraane.Maqaa isaaf galanni Haata’uuti cinaacha Gooftaa irraa bishaan fi Dhiigni bahee ija isa tokko kan badde turte fayyise.
Raajiilee Aduu ,urjiilee ,kattaa fi kaneen birois dabalate fayyina isaas xiinxaluun dubbiin kun akka ifa ta’uf waan kadhateef Qulqulluun Pheexiroos ergameefi waa'ee Dubbii Kiristoos hubachiise.
Langiinoosisi amanee gara Qophodooqi'aa deemee Barsiisee Ayihudoota isaatti aaraniin Adoolessa 23 wareegamummaan darbeera.Eebba Qulqullichan Waaqayyo nuhaayaadatu Hanga bara baraatti Ameen.

Cubbuu  cubbuu jechuun hikaan isaa inni angafaaf inni dhugaan kaayyoo dagachuudha.Kaayyoon immoo maal akka ta'e beekuuf ...
16/11/2019

Cubbuu
cubbuu jechuun hikaan isaa inni angafaaf inni dhugaan kaayyoo dagachuudha.
Kaayyoon immoo maal akka ta'e beekuuf jalqaba uumama ilma namaattii deebi'uun dirqama. Kaayyoon uumaa keenya kaayyoo isa keenya wajjin kan wal dhiibuudha. Ilmi namaa umama ilaalee uumaa akka galateeffatuuf akkasuma jireenya akka libsuu ijaa aduu jelatti nuuf kennamtte kana riqicha godhatee gara jireenya bara baraan jiraatamutti akka darbu waaqayyoo kaayyoo godhee kan namaaf kenne ture.
Umamaan tokko kaayyoo dirqama inni uumaa isaa irraa fudhatee gara biyya lafaa dhufe yoo jiraate lubbuu isatti kennamtte kunuunsee jireenyaan ga'uudha.
Inni kun kaayyoo isaa isa angafaa ta'uufii qaba. Namni kaayyoo mootummaa waaqayyoo jireenya isaa keessaa hin qabaanne biyya lafaa kana irratti qodaa seexanaa ta'ee warroota kaayyoo jireenya bara baraa qabaniif gufuu hin mul'anneedha. Warri akka biyya lafaatti jiraatanu jireenyi jeraa lafarratti itti tolee jiraachuu waan barbaadaniif haala mijeeffannaaf jecha warra kaayyoo qaban darbatanii lafa ballifatu. Kanaafi kaayyoo dagachuun kan inni cubbuu ta'eef. Kaayyoon ganamaa sun waan cubbuu ta'e hunduma faana diina nama godha. Kaayyoo dagachuun garuu cubbuu waliin waloomnee akka nuti jiraannu nu godha.
Kanaaf jiraachuukeen dura maaf akka uumamtte beeki jireenya eegali.
Ajjeesuun
Jibbuun
Arrabsuun
Sirbuun
Sanyummaan
Ejji
Jaalalli maallaqaa
Hannii
Walqoqqooduun
Waliin ooduun
Fkkfn
Kaayyoo waaqayyoo miti.

16/11/2019

Ijjannoo Sadan:
Rakkinoota Mana kiristaanaa naannoo Oromiyaa keessa jiru;keessayis ta'ee alaa aggaammiwwan jiran furuuf, furmaataa bayeessa ta'an jedhee cimsee kanan itti amanu kan kanaa gadiiti.Isaan sadan kun akka gaariitti Oromiyaa keessatti jaaraman taanaan rakkinoota mana kiristaanarratti aggaamaman akka gaaritti xiqqeessuun ni danda'ama. Ijaarsi gama kamiin jiru barbaachisaa waan ta'eef.
1. Mana Lubummaa Oromiyaa Hojii eegalsiisuu:wanti fedheyyuu osoo haasa'amee dhimmi mana lubummaa Oromiyaa dhimma ijoofii barbaachisummaan isaas kan nama mamsiisu miti. Manni Lubummaa Oromiyaa kun,caasaa mana kiristaanaa sirreessuu,bulchiinsa sirreessuu,bulchiinsa gaarii mana kiristaanaa sirreessuu,qabeenya mana kiristaanaa kabachiisuu, mirga mana kiristaanaa kabachiisuu fi waluma galatti dhimma bulchiinsa afuurawa mana kiristaanaa Naannoo Oromiyaa kan sirreessu ta'a. Kuni harki caaluu dhimma Lubummaa/Kihnet wal qabatan, kan lubootaa fi tajaajijiltoota mana kiristaanaa hojii isaanii si'eessu ta'a. Bitaanis qilleensa'ee mirgaan,ammatti milkaa'ee borutti,kuni wanta ta'uu qabudha.
2. Waldaa Duuka Bu'ootaa Cimsuudha: waldaan afuurawaa, dargaggootas ta'ee hordoftoota,abboota qabeenyaa, fi hawaasa sadarkaa gara garaa jiran qindeessee hojii hojjechuu keessatti gahee olaanaa qaba. waldaan wanta mana kiristaanaa irratti aggaamamu dammaqinaan eeguu irratti, barumsa waliin gahuu irratti,itti fayyadama bu'aa teeknolojii fi miidiyaa irratti akkasumas 'addunyaa' hubachuu irratti gaheen isaa olaanaadha. Hamma yoonaatti waldaan dhimma Afaan Oromoo irratti rakkinoota hedduun waldhaansoo walqabachaa lafa dhaabachuu danda'e fi kaayyoo sirrii fi quuqama olaanan ka'eeti jiru,akkasumas,karaa sirrii ta'een tajaajila Oromiyaa hundumarratti,seeraa fi safuu,aada fi seenaa ummatichaa kabajee wal dammaqsuudhan hojiitti jiru Waldaa Duuka Bu'ootaa ti. waldana kuni cimee jennaan, wantoota heddu too'achuuf,bakka kamittuu odeeffannoo wal jijjiiruuf,rakkinoota muudataniif hatattamaan furmaata walii kennuuf gahe

16/11/2019

“Harka dhiiga qulqulluu dhangalaastu”!

Kitaaba fakkeenyaa boqonnaa (6:16) irratti Waaqaayyo wantoota jaha jibba isa torbaffas ammoo caalchisee jibba jedha. Isaan keessaa tokko harka dhiiga qulqulluu dhangalaastudha.
Ilmi namaa jalqaba wal ajjeesuu kan eegale bara ijoollee Addaam turanidha. Obboleessa isaa Abeel itti hinaafee jalqaba kan dhiiga qulqulluu dhangalaase Qaa’eli jedhama. (Uumama 4:9). Waaqayyos dhiigni Abeel biyya lafaa irraa gara kootti ni iyya” jedheen Qaa’elin. Qaa’elis biyya lafaa kana irartti jireenyi isaa guutuun gaarii hin turre. Wal ajjeechan kanaan eegale. Ega yeroo sanaatii obboleessi obboleessa isaa sababa gara garaatiin ajjeesutti ka’e. Hojii ajjeechaa kanas seexanatu laphee ilma namaa keessatti dagaagse. Kunoo hardha hanga ajjeechaa suukaneessaa nama irratti raawachuurtti gahame. Dhiigni namoota dhugaan dhangala’es kunoo Waaqayyooti ni iyya. Kan dhiiga dhangalaasanis akkasumatti ni badu. Keesumattuu amantaadhaan. Namoota dhugaadhaaf amantaa isaaniitiif jedhanii dhiigni isaanii dhangala’e lakkoofnee xumuruuf nutti ulfaata. Dhiigni raajota hedduun ragaadha. Eelizaabeel dhiiga Naabutee ni dhangalaaste, kan ishees ammoo akkasuma hanga sareen dhiiga ishee arraabdutti Waaqayyo boroo ni baheef.
Waaqayyo dadhabdoota biraa fagaatee hin beeku. Luba ,Zakaariyas mana qulqullummaa keessatti ajjeefame, bara Heeroodsi,daa’imman umuriin isaanii lamaa gadii dhiignii isaanii ni lola’e, kitaaba qulqulluu boodas ammoo jabana wareegamtootaa mootota akka Diyooqilxiyaanoosiin kirisyaanota irratti ni hammaate. Jiraa awwalaman,mormi ni kutame, ibiddatu itti kaawwame. Kunoo kan dur eegale hardhas itti fufe. Jaarraa kana ammoo obboloota keenya ‘harki Waaqayyoon jibbamte’ dhiiga isanii gammoojjii Liibiyaatti dhangalaaste. Wareegamummaan itti fufa ,dhiigni dhangala’us kumaatama biqilcha.Warra dhiiga dhangalaasaniif Wayyoo!
Obboloota keenya! Kan wangeelas hin beekne taatan illee nama ajjeesuun hojii seexanaa akka ta’e beekaa baraas. Kanaaf kitaaba saaqnee cubbuu ta’uu i

Address

Adama

Telephone

+251910568850

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Faarfataa Ashannaafii Addunyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share