Eenyummaa Oromoo fi Oromummaa

Eenyummaa Oromoo fi Oromummaa Maalummaa fi seenaa oromoo barsiisuu fi babal'isuu

14/07/2022

Anniyyii, Daanniyyii fi Carcarriyyiin Eenyu?

Hidda Dhalootaa Oromoota Ituu kan Adda Citee Walitti Deebi’ee, ergasii ammas adda citee rarra’ee hafe.... Itti dhihaadha!.

Wal fakkeenya aadaa fi loqoodaa oromoonni walloo fi hararghee wajjin qaban malees, seenaa fi wantoota baayyee waliin qooddatu. Hararghee fi Walloon lachuu biyya goototaati, ulamaa’ootaati fi qabsaa’ootaati. Hunda caalaa Baroota 1870ni Roorroon oromoota walloo irra gahaa turte suukanneessituu fi kan himamtee dhumtu miti. Atse Teewoodroos, Atse Yoohaanis fi Atsee Minilik Atseewwan ummata Walloorratti wal faraquun gidiraa fi dararaa cimtuu irraan gahaa turanidha.

Jaarraa sanitti Roorroon Oromoota walloorra turte tan Amantaa isaanii akka jijjiirratan dirqisiistu qofa hin turre. Eenyummaa ykn Oromummaa isaaniitis guutummaan guutuutti akka jijjiiratanii fi eenyummaa Amaaraa fi Tigree akka fudhatan ykn akka ummata saba hin qabneeti akka of ilaalan gochuuf hawaasa dirqamaa ture dha. Hawaasni Harargheetis tahe Oromoon guutuutti bifuma walfakkaatuun dararamaa ture, Garuu kan Walloo adda ture. Bara 1878 hanga bara 1882ti Oromoon walloo mootummoota Atseetiin galaafataman kuma 40-60 akka caalu seenaa keessatti tilmaama. Lola Walloo Dirree Qaalluutti bara 1879 taasifame booda, torbaan tokko qofatti lubbuun Oromoota Walloo kan Amantii fi Eenyummaa isaanii(Oromummaa) hin jijiirannu jedhanii didan 20, 000 oliitu ajjeefame. Baroonni kun bara Oromoonni Walloo waggaa 86f hanga Goondar bulchaa erga turan booda sirni bulchinsa isaanii Atse Tewoodroosin kufe booda ture dha. Akka waan hijaa ykn haaloo ykn biluu irraa bahutti ture atseewwan kan Walloo gadi qabaa turan. Gabaabumatti Oromoon Walloo Oromummaa fi amantaa isaanii akka jijjiiran ummata humnaan dirqamaa, dararamaa, gidirfamaa jaarraa100 oliif turani dha.

Haa tahu malee, dhiibbaan gara amantaatiin irratti godhamaa turte kun akka isaan agoobara amantaa isaanii jalatti walgahan isaan gootee. Kun akkuma jirutti ta'ee, bara san keessatti Oromoo Walloo ilaalchisee

Seenaa fi Imala Sayyid AbbiyyooKutaa 1ffaaDhuma jaarraa 19ffaa Mootii Abisiniyaa kan ture Atse Miniliki fi Mootummaan In...
08/05/2022

Seenaa fi Imala Sayyid Abbiyyoo
Kutaa 1ffaa
Dhuma jaarraa 19ffaa Mootii Abisiniyaa kan ture Atse Miniliki fi Mootummaan Ingiliiz kan biyya Oromoo fi Keeniyaa Kolooneefachaa turan daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa waljidduuti sararanii biyya lamaan ollaa tahu ifa godhan. ummanni Oromoo Booranaa Biyya lama keessatti qoqqoodamuun, mootummaa adda addaa lamaan buluudhaafis saaxilaman. Oromoota booranaa kan toora daangaa jiran, Asii Nafxanyaatu lafa jireenyarraa isaan buqqisa, achii Ingilizootaatu Lafa dheeddarraa isaan buqqisa. Moggaan immoo Somaaleetu daangaa itti dhiiba. Isaanis ofumaan dabre dabree gosaan walitti bu’insa ofjidduti uumu. yeroon kun yeroo ilmaan Boorantichaati Lafti Booranaa bal’oon tun itti dhiphatte ture.

Haala kanaan Gosa ilmaan Oromoo booranaa kan tahan Waatni, Garrii fi Garbi ilmaan abbaa tokkoo, garuu kan biyyoota lama keessatti gargar facca’uuf dirqaman tahan. Muddi ykn Muudni lafa booranaa tan kaaba keeniyaati citte haftee fi bakka bashannana faranjootaa taatee waan filatamteef, buqqa’uun Oromoota booranaa kan toora kana jiranii akkaan tahus, akka maleen tahus dirqii dha. Kuun garas, kuun garana gargarr jiraachuu jalqaban.

Maatiin Qaalloota hawaasa keessa jiraatanii dha. Akkumma Maatiin Ilmaan Booranaa hedduun tahanitti, Maatiin Quxulaa Qaalichaatis Bara 1888ti gara Naggeellee Booranaa godaanuuf dirqaman. Quxulaan Qaalichaa dubartii jadhamtu wajiin bultii ijaaruun, Daa’imman muraasa wajiin horan. Daa’iman isaanii keessaa tokko kan bara 1914ti argatanii dha. Isa san maqaasaa jechun moggaasan. Garuu daa’ima isaanii kana maqaa kanaan kan hanga ammaa isa beeku nama muraasa jechuun ni danda’ama. Yoo Maqaa boodarra Godina Jimmatti argate, Hararghetti ittiin beekame jechun taate malee. Haala kanaan Abdii Quxulaa Qaallichaa ( ) Oromiyaa kibbaa, Naggeellee Booranaati bara 1914ti akka dhalate seenaan isaa ni dubbatti.

Oromoon Booranaa Aadaa fi Amantaa Waaqqeefan

09/06/2021

Sirna Bulchiinsa Federaalawaa Yajjuu

Barreessitoonni seenaa Itoophiyaa hedduun sirni bulchiinsi federaalawaa Oromoo Yajjuu kun akka Itoophiyaa diigeefi tamsaasetti fudhatu. Warreen kanaaf sirni kun boodatti hafaafi guddina Itoophiyaa ennasii daran kan boodatti hambisedha jedhu. Kunis kan ta’ee wanti barreeffamuus wanti akka qaroominatti fudhatamu sirnaafi adeemsa warra Israa’eliifi Habashootaa giddugaleessa yoo godhate malee sirrii akka hintaane ibsuun waan yaalamuufi. Yaalii kanas dhugoomsuu waan barbaadaniif yaaduma tokko keessatti seenaa walrukutu barreessu. Fakkeenyaaf cimina warra Yajjuu kaasanii duudhalee Oromorraa

Guutuutti Oromonni qondaaltota aangoo ykn Raas Bitiwaddidiin ta’anii Atsoonni maqumaaf barcumma aangoo qabatanii turan jedha. Garee qorattota kitaaba kanaaf barri Mootummaa Yajjuu bara kana eegale jechuuf barichuma saba bara “Moototaa” jechisiise beekuun barbaachisadha jedhu. Sababinni isaas achirraa ka’ameeti yoom akka eegale tilmaamuun salphaadha jedhanii waan amanaaniifi. Tarii sababa Oromoon sirna bulchiinsasaanitti galanii qooda fudhataniif jedhu yoo ta’e garuu, barri kun kan eegale ennaa Bakkaafaan Oromoo warra Yajjuu deggeramanii aangoo bara 1721 qabataniidha. Sababni keenyas Oromonni warra shek ennaa kanaa kaasani aangoo saboota Oromoon alaa bulchuu qooddatan waanta’eef. Itti dabaluunis Iyyaasuun kan fuudhe Oromoo waan ta’eef haati warraa Iyyaasuu Wabiin karaashee ga’een Oromoo Gondar keessatti mul’achaa akka dhufu gootetti waan ta’eef. Bara Mootummaa Iyyo’as immoo bulchitonnis Oromoo, afaan dubbatamus Afaan Oromoo akka ta’e ilmaltoonni Awurooppaas ta’e barreessitoonni biyya keessaa ibsanii ka’aniiru. Qooda fudhannaan Oromoo Yajjuu kun guddatee booda keessammoo guutuummaa guututti aangoo murtoo olaanaa Oromoonni Yajjuu fudhatanii olaantummaan Itoophiyaa ennasii bulchuu eegalan. Kanaafuu, sirna bulchiinsi Oromoo kun bara 1721 eegalee bara 1784 immoo mootummaa Gondarootaa kan dhuunfateefi hanga Raas Bitiwaddad bara 1853 bakka Ayshaal jedhamutti Tewdiroos 2fan injifatamutti ta’uusaa amanna. Kunis waggoota 128 akka ture himama.
Ka’umsa mootummaa sanyii Oromoo warraa Yajjuu yoomiifi eenyuun akka eegale himuun nama rakkisa. Garuu qorattoonni seenaa hedduun kan walii galan bara Guwaangul Gatiyyee (Abbaa Seeruu) akka ta’edha. Guwaangul Yajjoota gurmeessee mootummaa jabaa Habashaan sodaatamu hundeessee mootii warra Gondariif gibira qofaa nama kaffalaa turedha. Gara aangoo mootota Habashootaatti kan isaan fides kanuma jedhama.

21/11/2020

░K░U░T░A░A░ ░X░U░M░U░R░A░
𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐊𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚'𝐞!

Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru.

Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman mana hidhaatti akka darbaman dubbata.



Uummanni Oromoo Itoophiyaa, kan walumaagalatti sablammoota afaan 74 dubbatan qabdu, keessatti saba isa guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii kan qonnaan bulanii fi horiisee bultoota godaanani. Oromoon tooftaa qonnaa aadaa duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u jireenyi isaanis irra caala harkaa gara afaanitti. Oromoonni muraasni naannoo magaalaa jiraatu.

Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Kana malees Oromoonni hangi tokko naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo keessaa naannoo Tigraay aanaalee akka Raayyaa Azaboo jiraatu. Sabaa fi sablammoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa jiraatu keessa harki caalaan saba Oromooti.

Seenaa Qarominaa fi Gudina Motummaa Oromo Walloo fi Yejjuu. (1655-1855)1. 2.1 SeensaUmannii Walloo damee Oromoo Baarentu...
23/11/2019

Seenaa Qarominaa fi Gudina Motummaa Oromo Walloo fi Yejjuu. (1655-1855)
1. 2.1 Seensa
Umannii Walloo damee Oromoo Baarentuummaa kan gosa karrayyuutti ramadamu dhaa. Karrayyunis gosa hangaafaa kan barentuu yommu ta’u damee Boranaa kan gara baahaattii qubate ta’u isaa barrulen ni addessu. Gosti Karrayyu damee gurguddaa Baasoofi Dullachatti qodama. Damee dullachaa kessaas Libanifi Wallo ni argamuu. Liban gara kaaba gondoritti yommu qubatu Walloo immoo naannoo amma wallo jedhamee bekamutti qubata.
Gostii Ummata Oromo kan Walloo bakka gurguddaa lamattii kan qodamu yommuu ta’u innis Afree fi Sadacha jedhamun kan bekkamu dha. Gosa Afree kan ummata Walloo Oromo jala balbalonni Warra Qaalluu, Laga Hidhaa, fi Laga Amboo kan argaman yommu ta’u Gosa Sadachaa kessatti immoo Warra Heebanoo, Warra Iluu fi Warrii Baabboo kan argamanidhaa.
Oromoo Wallo gara kaabaattii qubatan kessaa Raayyafi Yeejjun Gosa gurguddaa ta’u isaanii barulen ni addessu. Yejju maqaa biyyaafkenamee ta’u isaas akkasumas oromon achi qubatan afran Yejju Doraanii Boqojji, Warra Kaaloo, Warra Ruufoo Roobaafii Iguu jedhamani bekkamuu.
Garaa garummaafii tokkummaa Walloo, Yejju fi Rayyaa ilaalchisee qorannon gadi fagenyaan gagefamee bakka hinjirrettii, barreitonni seenaa warra kaaba itiyophiyaa (the Christian highland kingdom historians) Oromo gaafii abbaa biyyumaa dhowudhaaf seenaa ummata kanaa ballesani barresun isaanii barrulen adda addaa ni addessu. Warri kun seenaa Oromoo akka waligalaattii ballessani barresun isaanii wanuma bekkamu ta’e shira isaanii kanaan akkaan midhamee enyummaa isaayuu akka dagatamu godhmudhaan akka ummata Yejjufi Rayya kan gahu hin jiruu. Nutis seenaa ummata kanaa yadatamuu waan qabuf barulee adda addaa irraa walitti qabudhaan guyyaa har’a irraa egalee gabaabsudhaan isinif dhihessu yaalla.
2.2 Seenaa Sirna Bulchinsa Gurmu (Federalawa) Motummaa Oromo Yejjuu. (1655-1855)
2.2.1 falasamota sirna bulchinsaa addunyaa.
Ijaarsa biyya tokkoo kessatti Motummaan tokkoo falasama sirna bulchinsa sadih

21/08/2019

Afaan oromoo fi Oromoota
Oromoonni durirraa eegalee saba baldhaa aadaa,afaan,sirna siyaasaa fi duudhaa ofii qabudha.sabni kun saba guddaa akka Ardii Afrikaatti biyyoota akka Keeniyaa,Ugaandaa,Taanzaaniyaa,Ruwaandaa,Suudaan, Suumaaliyaa,Ertiraa,Masrii,fi Afrikaa kibbaa keessa ,akkasumas biyya Itiyoophiyaa keessattis naannoo oromiyaatiin ala bahanii naannoowwan akka sabaa fi sablammoota kibbaa,Suumaalee,Amaaraa,Beenishaangul,Gaambeellaa,fi Tigraay keessas baayyinaan jiraachaa kan jiranii fi iddoo baayyeetti roorroo karaa eenyummaa ,karaa aadaa,afaanii isaanirratti raawwachaa ture gara kuteenyaan dura dhaabbatanii eenyummaa isaanii kabachiifatanii har'a gahaniiru.Itoophiyaa keessatti baroota dheeraadhaaf saba oromoo kana maalummaa isaa jijjiiruuf roorroo fi gidiraan irratti raawwatamaa tureera.kanneen keessaa:-
* lafa oromoo maqaa jijjiiruu
* oromootti soddoomanii eenyummaa isaa jijjiiruu
* amantiin qoqqoodanii tokkummaa dhabsiisuu
* oromoo muraasa aangeessanii kaan gabroomsuu
* sanyii muraasa faarsanii kaan arrabsuu
* barnoota akka hin baranne dhowwuun wallaalaa taasisanii gabroomfachuu fa'a ture.Haa tahu male wantoonni gita bittoonni karoorfatan hedduun sababa dhiibbaa qabsoo oroomoota hedduutiin galma gahuu hin dandeenye. Karoora isaanii galma gahan keessaa muraasni:-
# oromoo qoqooduun tokkummaa dhabsiisaa turaniiru
# qabeenyaa fi diinagdeen dadhabsiisaniiru
# aadaa,amantii fi afaan isaanii humnaan nutti fe'anii turan
# sirna siyaasaa gadaa xiqqoo male balleessanii jiru.
# oromoo xiin-sammuun mo'atanii gabroomfatanii turan
# abbaa biyyummaa oromoon qabu irraa mulqaniiru. Har'a garuu dhiiga ilmaan oromoo baroota kuma dhibbaa jalqabee dhangala'aa har'a gaheen oromoon eenyummaa isaa isa irraa mulqame sanatti deeb'uu bira darbee akka gaanfa Afrikaatti beekumsaan,dandeettiin,aadaa fi duudhaan,xiin sammuu fi dimokraasummaan,siyaasaa fi saayinsiidhaan sabni ittiin dorgomu dhabameera.Akka Afrikaatti baayyinni ummata oromoo mil 64 akka gahe himama.

23/04/2019


Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda'ama). naannoo
jiraachaa turee yoo ta'u goota beekamaadha. Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa kan naannoo Horroo kan ture . Haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatu abbaansaa ammoo abbaa duulaati.
-------------------------------------------------------------------------
Abbaan Abiishee, Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du'e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta'eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta'e. Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe. Naannoo Horrootti weerarri yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate. Abiisheen loltuu naannoo kuma kudha shan ta'u qaba ture.
-------------------------------------------------------------------------
Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftaadhaan qabuuf shira xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen wajjin walitti dhufee akka mari'atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin duulaa Or

Seenaa Sheekh Mahammad Rashaad Abdullee(Sheekha Yoomiyyuu Hin Irraanfatamne)Wanni sabni ittiin beekkamu keessa tokko afa...
23/04/2019

Seenaa
Sheekh Mahammad Rashaad Abdullee
(Sheekha Yoomiyyuu Hin Irraanfatamne)
Wanni sabni ittiin beekkamu keessa tokko afaani. Kana hubachuun, diinni afaan Oromoo dhabamsiisuuf ijibbaata guddaa godhe. Ijibbaanni diinni godhaa ture, arra namatti mul’achuullee baatu yaroo isaa sanitti, haalaan cimaa ture. Afaan Oromoo kan arra mana barnootaatti ittiin barsiifamu, waggaa 25 dura, afaan du’aaf deemu ja’mee, jachoota isaa seenaaf harshif galchinaan, kuusaa jachootaa akka qopheessaniif, Dargiin koree jaaree fii ture.
Garuu, afaan Oromoo du’a oolee, sakaraata keessa turerraa bayyannacuun, hawwii diinaa fiixa bahuu hanqise. Duuba, ijibbaanni afaan Oromoo ajeesuuf diinni godhe, akka laafatti qaxara hin caphne. Hawwii diinaa kolaasuu fii guddinni afaan Oromoo iddoo amma jiru akka gayuu godhuurratti wareegama barabaachisu warra kennan tu jira. Isaan keessa hayyuun angafummaan maqaan dhawamu Sheekh Bakhrii Saphaloo ti. Isatti aansee, guddina afaan Oromoo tiif qooda himanaa olii gumaachuun, seenaa guddina afaanichaa keessatti qooda dinqifamee kan galmeesse, Sheek Mahammad Rashaadi.
Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaa Kabiir Abdullee Kabiir Mummayyaa fii haadha isaa Faaxumaa Shurraa Aammad irraa, odoo Xaaliyaan biyya teenya hin seenin waggaa lama dura, bara 1934, Baha Oromiyaa, kutaa Bareentumaa, konyaa Cercer, baadaa Habroo, aanaa Gubbaa Qorichaa, araddaa Laga Arbaa, ganda maqaa akhaakhoo isaa, Khabiir Mummayyaan moggaafame-tti nama dhalate.
Sheekh Mahammad Rashaad, barnoota amantii Islaamaarraa waan abbaan beeku akka baratee fixeen, itti fufuuf, gama Hirnaa sossoohe. Hirnatti, Sheekh Aliyyii Babruu biratti, Fiq’hii (barnoota seera amantii Islaamaa) keessaa Baafadlii fii Umdaa, akkasumatti ammaas, Tawhiida (barnoota tokkummaa Waaqa)-rraa hamma tokko barate. San booda, Dhidhiibama dhaqee Sheekh Aammad Sheekh Maammad Jaldii iratti Zubad barate. Eegas ganda isaaniitti deebi’ee Sheekh Ibraahim Bakhaarratti Toowshiiha barate. San booda Qe’eerraa fag

30/12/2018

Press question mark to see available shortcut keys

SIGN IN



Haramayaa Tube

Public

Sep 18, 2018



SEENAA ABDII MUHAMMAD YUSUF(Abdii Qophee)

hayyuun Oromoo Abdii qophee bara 1939 oromiyaa bahaa Harargee aanaa dadaritti dhalatee guddate. Maqaan Abdi kan warri baaseef Abdulwahab Mahammad Yusuf hogaa tahu Jalalarraa gabaabsani Abdi jedhaniin. Qophee kan mogga’eef ammoo yeroo muummee barnoota seenaa waggaa 2ffaa baratu sababa motumma HS irratti fincila kaaftan jechuun yunvarsiitii finfinnerraa ari’amee, Abbubaka muusaa waliin raadiyoo hararitti koontiraatan qacaramuun qophii afaan oromoon qopheessu eegalanitti uummanni maqaa masoo kana moggaaseef. Kunis qophii afaan oromoo jechuun somaliyaarra darbaa turen ummata haamlessaa abdii itti horaa waan tureefi. Abdiin yero dirree dhawaa turettis motummaa Dargiin hidhamaa gidirfamaa ture. Yeroo hidhaa bahettis hidhaa dhaabbii olii gadi socho’uu namootatti dabalamuu hin dandeenye. Yerosittiis manatti ol deebi’e walaloo sirbaa barreesutti taa’e. walaloo sirba yeroosii hireen tiyya jalloon wanahuudessittee kararratti buutee guyya tokko hinqajeeltu jechun carrasaa hifata takka ammo ummataaf jiraachuusa kanatti boonee niin boonaan hireekoo naaf caalti ziqiyyaa jedhee of jabeessa. Abdiin sirboota hedduu barreese. Garuu walaloon abdi walee qofa mitti walaloon abdi falaasama, seenaadha, siyaasa, duudhaa fii jiruu jireenya ummata oromooti. Abdiin nama samuu isaa keessatti yaada tokko falaasafe deebi'e yaadauma sani wajjiin walmorku. Abdiin nama jalala Hiidha deebi'e walaba baasudha.
Fkn "gaaf tokko namite jaalalti daguuti Dhaqeetin himadhe dhadacha heerati,
Ballama nuuf qabe Abbaan dhadachaati Naaf isii kan moohu nuu eegaa walitti.
" Deebi'e ammas yaaduma kana akkana Jachuun diiga:-
jaalalti mootii mata ifiitu
Heerafi seera namaati bultu na
harka baate dhoyfachu taatu (2x) jedhe ibsa. Takkammoo namoota yeroo harkaa qaban nama waliin nyaatani yeroo rakko nama gatan dugda garagalanis gaduma taa’e itti wlalessa. Egaa abdii qophe

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eenyummaa Oromoo fi Oromummaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category



You may also like