Fugug/hararge press

Fugug/hararge press Waloloofi oduulees ni argattu kana malees wantoota dinqisiisoofi nama bohaarsaniis jira

24/07/2022
15/04/2022

Osoo lubbuu tantee
Akka duutu beeytee
Arruma jiraachuukee
Sila yoo hubattee

Jireenyi addunyaa kun
Maal hiikaa siif qabaa
Meeqaatu akka tasaa
Guyyatti lubbuu dhabaa

Silaa bar ni yaaddaa
Gaarii namaaf ooluu
Isa beelaan oole
Beelumaanis buluu

Harka harmee qabdee
Ishee rakkoo baaftaa
Namaa sii gadiitis
Toltuu itti ooltaa

Addunyaan dhumtuudhaa
Dhagayi yaa nama koo
Hiyyeessa gargaarree
Haa baafnuu mee rakkoo!سالدين

25/03/2022

TOOFTAALEE ITTIIN GAMMADUU DANDEENYU ❗
1.
Waa'ee jireenya kee teessee yeroo gungumtu
jireenyi kee ittuma si aarsee badaa ta'a. Namni
jireenya gammachuu fi mijataa uume hin jiru. Waan barbaadde hunda qabaachuu baattus kan qabdutti gammadi isa sin barbaarchifne immoo ofirraa hambisi.
2.
Waan gaarii yaaduu jalqabuu keen dura waan hamaa Sammuu kee keessaa balleessi. Yeroo waan hamaa yaaddu humni kee hundumtuu isarra ta'a. Yeroo kana sammuun kee maal yaadaa akka jiru daftee hubattee ofitti deebi'uu qabda.
3.
Eeyyee 'garuu' jechuun mallattoo yaada dadhabaati. Yeroo akkana jettu waan qabdu caalaa qaawwaa keetu sitti mul'ata. Fkn namni tokko hojii kee nijaallattaa? yoo sin jedhe, atimmoo Eeyyee garuu miindaan isaa xiqqoodha yoo jette kanuma. Jireenyi
kamiyyuu bu'aa ba'iin guutamaadha. Dhamaatii
Jireenyaa irratti yoo xiyyeeffatte gammachuu
jireenyaa dhabda. Gammachuun immoo irra caalaan waan sammuun keenya uumuudha. Kanaaf
Eeyyee 'Garuu' jechuu dhiistee Eeyyee jedhii
'Fulduratti waan fooyyessuu qabdu haasa'i.
4.
Yeroo tokko tokko waanti haamaan nuti yaadnu
hundinuu waan raawwatu fakkaata. Kun dursanii of amansiisuudha. Fkn jireenyi keenya waan dhumateef boolla keessa waan gale jennee fudhanna. Kuni garuu haala amma keessa jirru qofadha ture. Naamoonni baay'een rakkina keessa jiran keessaa bahuu caalaa, rakkina keessa jiran maaliif akkamitti
akka keessa galan qofa ibsuufi hubachuu danda'u. Kun garuu dogongora.

Waan dubbistaniif galatoomaa🙏 Share godhaa Waliif qoodaa.
♻️Join & 🔗SHARE
👇👇👇👇👇👇
╔════════════╗

╚════════════╝

22/03/2022

Feetu tokkicha dhiisii
Sagaltama baafadhu
Male, badii kan keetiif
Dhiifama sin gaafadhu!

Giiftii of taasistee
Anaan immoo garba
Maaf akkas of tuultee
Geessa hanga arbaa?

Dhugaa diida jiru
"Soba" jettee haalta
Cubbuu natti gooteen
Deebitee na faalta...
Ijuma maaliitiin
Na gowwoomsuu yaalta?

Hagam yoo morodames
Qarri qara hin muruu
Jaalala shira qabuun
Namni waliin hin turu!

Osoon arguu callisee
Dhidhiibbadhee sabbaraa
Deessuun haadhakee qofaa
Maaliifan si gabbaraa?.!

Ashaboo heddummata
Hin dhugamu baararraa
Sinsinnaachee hin fedhu
Nama akka gaararraa

Bitaacha natti galte
Wallaaleera garaakee
Anis karaa koon deema
Atis deemi karaakee!

Garaan murtii hin qabne
Duruu diina abbaatii
Anaaf dugda handaaqqoo
Siimmoo lafa tabbaati!

Walaloon kun saala lamaaniifuu dawaa taati! Kanneen jaalattanii jibbamtaniif barreeffame,... ....✍ fugug/hararge press

Address

Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fugug/hararge press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fugug/hararge press:

Share